0

Bulcha “Indaraasee” hanga yoomiitt?

Oromiyaan erga qabamtee keettoo Finfinnee ergamuun bitamaa turte. Haala kana raawwachiisuuf ummati Oromoo jaarraa tokkoo oliif qabsaawaa jiraate. 1991 keessa keettoon koloneeffataa OPDO jedhamu, booqaa Oromoo maxanfate dhaaba tokkicha Oromoon qabu, ABO dura dhaabbachuuf TPLFiin uumamee. Amma waggooti 25 booda yeroo sochiin mormii Oromoo fiixee gahett OPDOn anja murna saatii, TPLF/EPRDFii Oromiyaa too’anna jala oolchuuf fala gararreessaa biran as bahaa jira. Farri saa ABOn qamaan haa tahu ayyaanaan shugugursuuf biraa hin hafu. Sochiin shiira qabu akkasii utuu hin hubatamin darbuu hin qabu. Haala qabsoo Oromoo mudatuu mala jedhamee ciicatamu jiraannaan, hamaa gahuu dandahu ummata beeksisuun dirqama sabboonotaati. Miseensoti OPDO Oromoo tahan, akka kaasaa Oromoott tahuuf dhaaba danaa isaanitt baase deebsanii danaa itt baasuu hin dandahani. Sanaa alatt kan jedhan hundi soba.

Yeroon phiphisaa itt fiissan sun ammaa, yeroo ummati irbuu duwwaan buhaarsatt dhiibama jiran. Oromummaan akka ilaalcha addunyaa bilisummaatt, humnoota deggeranii fi mormaniin qaba. Walitt bu’i humnoota lamaan gidduu hamma yoonaa Oromomummaan harka olhaanaa argachaa dhufuu saaf gargaaree jira. Garuu humnooti duubatt harkistuun fulduratt furga’a Oromummaa gufachiisuuf sadaa jiruu. Seenaa bilisummaa yeroo “raagoti sobaa” kallattii hallee yaa’aa jiran kana, murteeffachuuf ummati waan dhufaa jiru beekuu qaba. Seenaa bilisummaa Oromoo keessatt akka bara 2017 sabawoti Oromo didicha ayyaan laallatummaan kaayyoo hanga yoonaa masakaanii ture gatanii ifaan mooraa diinaatt nam’an hin turre. Wanti tolchan akka dureeyyii addunyaa qummaadchisuuf malee ummata saanii gadadoo fi jireenya salphinaa keessaa harkisee baasuu dandahaaf miti. Dafanii ofii waa buufachuu barbaadan malee ummata ofiif gammachuu waaraa qabsoo dhawaatan fiduu dandahuuf dantaa hin godhane. Seexaa waan hin qabneef qaanyii hin beekanii. Jaarmaan hiriira bahaniif boojuu, Oromoo hamma dandahu ajjeesuuf ramadamee; godheeras. Guyyaa itt seenan gaafti abaaran ni dhufaa. Hundi sana gochuuf seenaa ofii qaba; garuu ija saba saaniin seenaa boonsaa hin tahu. Goobanni waan godhef, maalifaa tuta kanaa kan caalu hin dhabu.

Dirreen malbulchaa koloneeffataa yaadaanmaliin gola aangoo irra jiruu fi goloota mormituutt hirama. Si’ana golli aangoo irra jiru sabboonummaa Oromo jala gugatee sadarkaa itt haanutt darbuuf mormituus, abbaa aangos tahee of dhiheessaa kan jiru fakkaata. Sochiin kun waan mamsiisuuf ambatt dhiheessuun barbaachisaa tahe. Keessaa garri mormituu fakkaate bahe, OPDOn qaata wiirtuu tokkicha sochii “Haaromsaa fi Misaa” Oromiyaa tahuu himachuu eegale. Dhugaan jiru garuu, warraaqsi Oromo wiirtuu tokkoo, ummata fi akeeka tokkicha, bilisummaa Oromiyaa qofa qaba. Haaromsi Oromiyaa EPRDF yk qunxuraa saa irraa hin dhufu. Faallaa kanaa OPDO fi mararfatoonni nutu wiirtuu qabsooti jedhaa jiru. Mormi kamuu akka isaan fedhanitt yoo hin taanee balaa akka fidu akeekkachiisaas jiru. Kun wan tahanii olitt of fudhachuu mitii? Dardara Oromoo bareedaa, qaaqa toluuf jedhanii Oromoon qabsoo irraa kan dacha’an se’uu laata? Sana jechuun yoo mormiin itt fufe akkuma 2016 godhu jechuu dha. Mirga walgahii heerawaa itt fufanii macalaqsu jechuu dha. Dhaadannoo malee akka imaammata olhaantummaa hin jijjiirranne ummatatt dhaamaa jiru.

Waan tahuuf adeemu dursanii baruu dandahuun, marii tarkaanfii itt haanuf koloneessaan tolfame nama keessaa tahuu gaafata. Akkuma beekame ummati kumaan yaa’ee hiriira bahe; garuu falli fashaleessuuf tolfame addaa. Keettoolii tuqiitu kan hiriiraraa jiran sabummaan akka walitt buusisan bobbaafaman. Sadarkaa godinaatt sabaawota walitt naquun waan haaraa miti. Garuu hiriira nagaa irratt dhimma itt bahuun kan jalqabaati. Amma barbaachisummaan gorsi manguddoo fi Abbaa Gadootaa gad jabeeffamaa jira. Isaan riqa Oromiyaatt olbahuuf qopheeffataa jiran tahuutu mullataa. Garuu qoodi saanii hawaasoma qofa tahuu qaba ture. Murni gaafate hundi garaagarummaa malee gorsa irraa argataatu abdatama. Hardha yoo dhaqabu baate bor ifaajjee ummataa qindeessee kan goota qabsoof bobbaasu dhaaba malbulchaati malee keettoo diinaa yk afooshaa miti. Warraaqsi jarsummaan hin gaggeeffamu. Jaarsoliin kan barbaadaman muuxannoo saanii diddaa dargaggoof hiruuf malee warraaqsa akka cabbeesaniif miti. Gadaa hundi qooda walirra hin haanne qaba.

Sochiin PDO haaraa kun akka barsiifata EPRDF dhaabota biraa hin komannee, fixiisa namaaf hin balaaleffanne. Shororkeessitumaanis eenyuunuu hin haddheessine. Kun keessa gugatanii akka sabboona Oromoott fudhatama argachuun sochicha too’annoo jala oolchuuf tooftaa haaraa baafatan fakkaata. PDOn akka mormituu fakkeessituu garee hidhata saa, EPRDFitt dirqama ofii bahataa jira. Hisatoon (aktivist) Oromoo kolomsiifamanii kaayyoo bilisummaa dhiisanii akka OPDO ilkaan hin qabne gula yaa’an godhamani. Oromoon akka angoott waan kolfaa akka tahu, kilaashii saanii xiyyittii hin qabne polisii Oromiyaa saaxilan. Akka danqaraa karaa irra mormitooti buusan haran ajajaman jedhama. Kun haala jirutt jijjiirama fiduu kan dandahu sochii ummataa walaba qofa tahuu mirkaneessa. Cunqursaaf sarmuu caalaa, akka gatii baasisu beekamaa dha; garuu ummatni addunyaa wareegama guddaa utuu hin basin bilisoome hin jiru.

Yakkamaan namoota nagaa fixee fi nagaa booresse, TPLF/EPRDF PDO fi miltoleen hin balaaleffatamne. Garagalchii isa murnoota PDOn mormantu hiriira nagaa isaan dhowwan waamuu saaniif qeeqaman. Hiriira isaan, diinota bilisummaa Oromoo irratt bahame ture. Ofifummaan saaniif hin tolle taanaan lubbuu mirgaa ilmoo namaa shakala du’aniif gatii yoo dhabsiisan dantaa hin qaban. Lubbuun wallaalaa maleekaa OPDO eeguu TPLF/EPRDFiin karaatt hafan. Meeshaa waraanaa fi alaabaa ABO mana fi kiisa abba tokkoo keessaa raajiin argaman jechuun waanjallaa nama fixuu innaa hiriira darbe hojjetame irraa isaan hin fageessuu. Shira EPRDFiin lubbuu saanii kanneen dhaban hundi gootota Oromiyaa kanneen darban tahanii hafu. Ekeraan saanii qabbana haa ciisu. Qabsoon farra cunqursaa yeroo hunda gaagaa hin dhabu. Wanti ummata too’achuf ifaa fi lafjala godhaa jiran deebi’ee abbaa akka balleessu beekuu qabu.

Dargaggoon Oromoo diina saanii hiriira itt bahuu, karaa cufuu, hojii diduu, gamtaa hunda dhowwachuu fi bitamu diduu kkf gochuun mirga saanii dhalootaa fi dirqama sabaawaa saaniiti. Kanaaf kaayyoo tokko kan qabaniin malee eenyuunu mari’achuu hin dirqamanii. Keettoo Tigree kan jedhan “alaabaa hin barbaachifnee” fi meeshaa yartuu tokko waliin qabuun holola deggersa PDOf haa oolu malee, waliigalatt doo’ii itt akeekame tahe. Sabi Oromoo waan ilmoo nama miidhu kamuu hin ooffalchuu. Hamaa jechisiisuuf ummata guddaa arraan biyya balleessuu dandahu kana kan tuttuqan jiru. Akkuma barame, qabanaawaa tahuun namoota akkasiin akka hin kakaafamne eeggachuu dha. Humni qabnu kan hidhatee mirga keenya mulqee fi mulquu yaalu qofa ofirraa dachaasuuf ooluu qaba.

Ammaaf OPDOn, walitt bu’ichi waan EPRDF keessaa malee alaa waliin hin taane qammi sadaffaan akka hubatan kan barbaadu fakkaata. Juujuun hoolaan badde dhaaba halagaa keessaa kutattee gara qeyeett deebi’aa akka jirtutt fudhata. Sochii kana duuba Oromoo ilaalcha adda addaa qaban walitt fiduu yaadamuu himame caalaa ergamsi hin labsamin kan jiru fakkaata. Ilaalchi lama taliila. Tokko ofitt hirkataa dhaa, kaan namatt hirkataa dha. OPDOn halagaatt hirkataa dha. Unkaan, akka miseensa EPRDFitt cimaa fakkaata. Miseensa hojii raawwachiiftuu yoo tahu, parlaamaa keessaas barcuma wayyaba qaba. Seeraan abbaawummaa fi itt gaafatammi saa murna kamuu gadi miti. Mirkaniin garuu ergamtuu TPLF tahuu irra hin darbu.

Kun utuu jiruu, OPDOn dhaaba OROMOti jechuun waan kolfaati. Oromoon ulfina ofii qaban akka bittaan EPRDF itt fufu kan hin feene tahuu beekuu qabu. Badhaasaa, Asbixee, Xoonaa haa tahu Hagos EPRDFiin hogganuun dantaa saanii miti. Kanneen OPDOn gamtaa uummatan akka biraatt TPLFiif tumsuu dhiibaa jiru jechuu dha. Tarkaanfiin mootummaan gidduu kana ummata irratt fudhataa jiru OPDO waliin kan hin qindeeffamne tahu wanti amansiisu hin jiru. Sun waan fedhe tahus, akeeki qabsoo Oromoo sirna TPLF mataa itt tahe diiganii Oromiyaa walaboomsuu dha. Ummatooti empayera jalatt hidhaman hundis hiikamuun mirga saaniitii. Hiree ofii ofiin murteeffachuu haa tahu, konka aangoo tasa uumamuu dandahu hambisuuf sona cehumsaa tokko dhaabbachuu irratt wal galten ni barbaachisaan taha.

Walamnateen Oromoo fi hawaasaa sabgidduu ijaaramu akka feesisu ifaa dhaa. Garuu sun yaa’a amanamuu fi dandeettii itt agarsiisuuf barbaachisa tahuyyuu , sababa gargaarsi “seexana beekamaaf” godhamu akka itt fufuu tahe, kolomummaan akka hin raawwanne taasisu tahuu hin qabu. Qabsoo dheeraa kanaa fi wareegama kana hunda booda, Oromoo ammas akka dagamu kan godhan seenaan itt gaafatamu jalaa hin bahanii. OPDOn balaa Irreecha Harsadee fi labsa ariitii keessatt qooda fudhachuu saaniif of qeeqanii ummata aagi hin tufsiifanne. Sana keessaa akka harka qaban beekamaa dha. Garuu addunyaatt akka waan tasa taheett dhiheessaa jiru. Namootumti sana ammaa waa’ee gidiraa fi roorroo ummati dandahaa jiraatee dubbatu. Afaan dammaan waan isaan lallaban hundi akkamitt amanama? Waajjiroota Abbaa Gadootaa ulfoo tahan faaluun gochoota ofii abaaramoo keessa galchuu yaalaa jiru. Sanaan Oromiyaa deebisanii koloneessuuf duula tolfamu irratt akka tumsaniif hawwataa jiru. Sun dhaabbachuu qaba. Wajjirooti Gadaa sutaa waajjira koloneessaatt tahuu hin qabani.

Oromoon karaa dhaabaa haala misha irra hin jirani. Garuu ammayyuu jabina turanitt deebi’uuf abdii qabu. Kanaaf amba keessatt dadhabina walii saaxiluu manna qunnamtii dhuunfaan waan namatt mullate yoo walii dabarsan wayya. Dhaamsi kun kanneen bilisummaa Oromoott amananiifii. Dhaaboti gufataniif qabsoon Oromoo hin dhaabbatu. Dhaabotis waa’ee rakkina saanii hanga keessaa harkifatanii bahanitt keessaan laalii fi dhugummaa qabachuutu irra jira. Akka dhaaltota dudhaa Gadaa, bakka tajaajilli ambaa surraa ofii irra ulfina qabuu akka taahan yaadachuu dha. Hundaa ol, warraaqxoti yeroo dararammi kara karaan itt jigu, kaayyoo saaniif amanamoo tahuun, abdii utuu hin kutatin hamma manii saanii gahanitt aara hin galfatanii.

Mallas OLF hin jiru utuu jedhuu biyya waliin gahuu saa utuu hin argin boqote. ABO inni jedhu isa duula itt bobbaasee laaffisuu malee balleessuu hin dandeenye sana. Isa onnee dargaggoo Oromoo keessatt hafe hin hedne. Yeroo ummati hundu ABO tahett ABOn akka hin jiraanne kan hawwu daallicha qofa. Alaabaa Oromoo mogge lamaan diimtuu ol jedhanii ilaaluu qofti hedduu nama hubachiistii. Sana akka balaliitu gochuun hawwaa fi dharraan Oromummaa fi bilisummaa akka hin dhaamne gochuu dha. Kanaaf kumkumoot kan qabatanii kufan; sossobamuun miti. Sana tuquun madaa Oromoott qubaa dhahuu dha. Ofii hagam akka nama locan utuu hin hubatii haddhaawa biraa hodeessuun akka miti. Dubbiin “Bakka maleekaan qaxxisuu sodaatan gowwooti keessa didichu” isa jedhan akka hin taane.

Bara 2015 fi 2016 dhaabuma sana, PDOtu ijoollee fi manguddoo Oromoo fixu irratt qooda fudhate. Amma utuu waggaa hin guutin akka hojii saanii xuraawaa hunda irraanfannu eeguun, ummata faarsaa akka nama ayyaanni irraa bu’uu eegalee faguutt kahan. Kanneen duris waan isaan jedhan garaa qabanii fi irratt hojjetaa jiranis akka waa irra marfamee waliin wacifuutt kahan. Tokko tokko jecha Mi’eeson Dargiif jedhe irra deebi’uun “gargaarsa qeeqaa” OPDO kennina jedha jiru. Namooti kun yoom kan darbe irraa waa baratu? Waatu irra marsamee moo durumaa safuu hin beekan nama jechisiisa. Akka waan kaayyoon bilisummaa Oromoo qaruuraa jinii jabeessanii cuqqaalan keeeessa kaa’amee, kanneen biraa ittiin dorsisuuf hatuuf carraan argamuutt kan itt mullatu fakkaata. Hogganooti OPDO haaraan ijoo dubbii isaan kaasan irraa rakkina kan qabu jira hin fakkatu. Garuu dubbee saanii nama nyaataan ifaan utuu gargar hin citin, OPDOn keenya jedhamee attamitt amanamuu dandahama? Warraaqaan waan mamsiisutt hin jarjaru; kan jarjaran utuu TPLF hin kufin wan olfatan jira tahinnaa? Jecha “Dafeen dhaladhaatt rimeen lubbuu dhabe” yaadachuun dansa.

Dubbiin saanii akka lamaatt ilaalamuu dandaha. Tokko akkuma duratt jenne sochiin OPDO ammaa tooftaa EPRDF Oromoo daguuf qopheeffate. Ijoolleen Oromo achi keessa jiran sirriitt kan madaqafaman wan tahaniif qajeelfama namusa guddaan hojii irra oolchu. Kanaaf nameenyaa isa dhugaa dhokfachuu dandahu. Lammaffaan ijoolleen OPDO keessa jirtu akka ummata see tuffii fi salphina irratt raawwachaa jiru kana caalaa baachuu dadhabdee diddaa eegaluu seeti jedhamee haa fudhatamu haa jennu. Garuu sun taanaan sadoo jiru utuu hin qayyabatin diinqa diinaa keessa jiraataa gaagaa of ajjeesaa tahe fudhachaa jirti jechuu dha. Akkuma “Dhirsi harree waraabessa irraa niitii hin oolchu” jedhamu yeroo Agaazin ijoollee kudhan Ambott ajjeesuu polisiin Oromiyaa ofiifuu akeektii dheekkamsa saanii tahe. Akka lamaanittuu Oromoof hobbaatii hin qabu. Tigrayiin gananii biyya ofiitt galuu yk Oromo sammuun utuu hin tahin suukii qaamaan yaadan gowwoomsuu dhaabuu dha.

Warraaqsa misooma fi haaromsaa jedhanii gurra nama duuchaa jiru. Oromoof misommi waaraan, lafa ofii irratt yoo abbaa tahan qofa argama. Sana dura lafa mootummaa harka baasanii, ummata harka galchuu dha. Me iseema kana mirkaneessaani nu haa agarsiisanii; yeros kutannoon saanii mullata. Wacabbarri abbaa biyyummaa fi misoomaa hundeen saa waan hin mullanneef qeeqaan ilaalamuun dansa. Sana malee warraaqsi waggoota shantamaa oliif lubbuu fi qabeenya kumkumoota itt baafne biliqii karaatt hafuu dandaha. Nammi hedduun OPDO akka gaagura kanniisaa hojjetaan Oromoo, niyoon (mootii) Tigree taheett fudhatu. Oromoo achi keessatt niyoon dhalateef taanaan, niyoon lama gaagura tokko keessa jiraachuu hin dandahu. Yookaan wal qoomu, yookan tokko dhiisee godaanu qaba. Oromoo galtuun, Tigree ilkaan qarate ni ari’ata jettuu? Amanteen kan abbaati.

Warraaqsi qabsaawoti bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiran, kan dakaa ol ka’u malee qaama halagaan kan gubbaa gad itt diramu miti. Kan biraa hafee hogganooti dhaabota mormituu Oromoo tahan, hamma isaanii kan hin dhaadanne hidhaa jiru. Hanga jarri kun daannoo amansiisaa qabatanitt bilisoomuuf hin jiranii. Jarri aango qabaatanii akka jaarmaatt nama miidhanii hin beekanii. Garagalchii dhaabi mirga ilmoo namaatt roorrisaa bahe ilillee fi ishooyee argata jira. Kan sana karoorsan, karaa fedhe Oromiyaa too’achuu malee bilisummaa fi qajeeltuuf o’anii miti. Qabsoo bilisummaaf kan hiriiran, du’a, hidhaa fi gadadamuun akka jiru beekaa dha. Kanaaf sanaan kan isaan sodaachisu yaalu seenaa qabsichaa kan hin beekne. Oromoon saba guddaa dhaa; burjaajii kana caalan hedduu jala darbanii jiru. Maqaa ofii eeguu feenaan kanas irruma haanu. Hamma dhalooti Oromummaan boonan jiranitt galtuun Oromiyaa diina hin dhaalchistu.

Sochi bilisummaa keessa kan jiran ejjennoon saanii fi nafiin hoodaa kan michoota empayeraa waliin adda adda. Ayyaana ilaallachuun hin daddaaqanii. Roobaduu kamu keessatt Oromummaa durfatu. Isaaniif kan Oromiyaa qabatee jiru diina saaniitii, jaala jijjiirama waliin fidan mitii; mirgi ilmoo namaa ulfoo dha; qabsoon saanii Oroomoon, lafa, qabeenya, mirga, ulfina, surraa fi birmadummaa dhaban deebifachuufii. Kun namaa danda’uu diinaa irratt hin hundaawuu. Furmaati, qabsoo Oromiyaa qabaa halagaa jalaa baasuuf itt jiramu belbelsuu qofa jedhanii amanu. Qabsichis qabsoo kolonummaa fugisiisu malee kolonummaa oo’ifatanii keessa taahuuf miti. Kana irratt kan waliigalan qofatu dubbii bilisummaa irratt wal qayyabachuu dandahu.

Tarsimoon sabboonaaf mudaa hin qabne diriiree jira; abbaan biyyaa barbaachisaa taanan tooftaa itt jijijjiirun sana bakkaan gahu malee akka fedha diinaatt keessa deebi’uu hin qabu. Empayerri Itophiyaa erga bu’uurfame, kolonooti keettoo Finfinnee ergamuun moo’amu. Kan Minilik Abbaa Duulota akka Goobanaa Daaccii faa turan. Keettoti Haayila Sillaasee “Indaraasee” kan jedhamani. Dargin wamamoota Dargii (Dargi Taxarii) fi Barreessaa Partii kan jedhan qaba. Wayyaaneen akka iddoosaniin maqaa kolonoota hundaan goloota sutaa “PDO” jedhu qaban caase. Caasaa biyyaas kan ture diigee bu’uura sabaa kan qabu tolche. “PDO”n Oromiyaatt EPRDFiin bakka bu’u yk “Indaraaseen” OPDO jedhama. Gabaabaatt koloneeffataan Habashaa hundi fakmishoon (moodela) bu’uura bulcha saanii tokko.

OPDOn yoo fincile malee namusa TPLF/EPRDFiin buluf kakaa qaba. Finnaa bulchu irratt abbummaa Heerri Itophiyaa keennuufillee mirkaneeffachuu gaafachuu salfataa bahe. Durii kaasee kanneen kutoota biyyaa bulchan ummatota kolonii fi itt gafatama hin qaban turan. Si’anas sanuma. Kanaaf Minilikii kaasee hanga hardhaatt kolonooti bakka bu’aa (Indaraasseen) Finfinneen ramaduun bulu. Waraannii fi dhaaboti nageenyaa isa jala jiru. Polisiin finnaas kan mootummaan gidduu fo’aa fi leengii saanii irratt quba hin qabne hin jiru. EPRDF fuuloo koloneefatichaa kan luugama jala jiru dhossu. Duula Abdii Ileyi kan karoorse EPRDF, OPDOn keessa jiru. Kanaafi hanga Awwadayitt deeme nama kan ajjeessu; Jijjigaattis dhibboota qalee kan waa’een saa hin dhahamne. Mararfatoon OPDO haaraan, hidhata OPDOn TPLF waliin qabu dogoggoraan laaluun, hamaa Oromoo irra gahu hundaaf TPLF qofa balaaleffatu. OPDOn gocha saa akka dhaabaatt haa tahu akka abba tokkeett hin balaaleffanne. Diinummaa irraa hin qabu. “Bulgu Frakestayin” kan uumaa saatt gargale jedhamus tahuu hin barbaadu.

Akkataan itt uumamee fi jiraate irraa, yoo of gowwoomsuu hin taane, OPDOn TPLF irraa cituu hin dandahu. Loltoota Dargii boojuun jalqabe. EPLF fi TPLF leenjisanii ofitt madaqsuuf yaa’a hawaasomsa malbulchaa gidirsaa kana hin jedhamne jala dabarsaniin. Kan ganu maal akka tahu hiriyaa qeeranii itt agarsiisanii. Sun hariiroo “qaba ofitt amansiisaa” (kan kolaase harka arraabsisu) isaan gidduutt uume. Amma madaqoo duraa keessaa yartuu qofatu hafe. Jarri haaraan firoomsaan akka jaraa qaamaan hin guraaramne tahanuu surriidhiqaa cimaa dhaabota sanaaf uumamaniin irratt tolfame jala darbanii jiru. Akeeki adda bilisummaa sabaawoo, garbummaa sammuu fi qaamaa jala jiranis birmadoomsuu dha. Kanaaf abba tokkee garbooman hamma diigama OPDO akka dhaabaatt gaafannu abaaruu hin qabnu; gaafa ofbare deebi’uu dandaha.

Amma miseensoti OPDO haaraa gara ummataa tahanii dubbachuu eegalanii jiru. Kun utuu tooftaa TPLF/EPRDFiin yayyabame hin taanee, aangootii federalaa dhimma Oromiyaa keessa seenuun, gara hogganoota OPDOn balaa buusisuutu irra ture. Garuu hundi garee doo’ii tokkoo, kan qooda ofii agarsiisuu. Qodi OPDO fallaa halagaa dhaabbatee

Oromoon akka mormii saanii irraa dacha’an hawwachuu dha. Duula haaromsaa fi misaattis waamani jira. Qodi Wayyaanee imaammata mormii itt balleessu baasuun akka dursee mormitoota qubaa qabaachisu karaa OPDO dhimmisiisuu dha. Tarkaanfiin haleellaa EPRDF fudhate wanti OPDOn raage gahuu argee ummati amantee akka irraa qabaatuu gochuu dha. Mullati sabaawota walitt naquu hundi kan EPRDFiin dhandhoonamee. Sana booda mooraan PDO “ nuti isinitt hin himnee”qiliwwisuutt kahe. Imaammata haaraa, mormii ambaa humnaan dadhaban abshaalummaan ittisuuf diriirfatan tahuu saatii. Mormiin nagaa fi hidhannoon meesharkaa tokkicha cuqurfamaa fi koloneeffamaan qabanii. Kanaaf tooftaa jijjiiranii dhiisanii hin dhaabbatu. Oromoo keessa namooti waan jedhamu dheedhiimatt liqimsanii fi haalli jiru jijjiiramuun romm’isiisu hedduu dha. Waaraa tahuu iggitii utuu hin qabaatin waan halleef sarmu.

TPLF kan dargaggoo warraaqoo 60oota keessaan bu’uurfame hardha dhaabaa yakkamootaa tahee jira. Kanaaf kanneen yakkamoota adamsan hedduun barbaadama. Nageenyi kan itt dhagahamu hamma qawwee fi dhaaba saa nageenyaa, Gestapo fakkatu irratt tohannoo qabaatett. Haala amma jiru tursuuf ummataa fi abba tokkoota seerawummaa angoo saa didhaniif baraartii hin qabu. Olhantummaa saa jiraachisuun qaata minyaa itt tahaa dhufe. Ummati gabbaruu didaa jira. Horiin gabbartuu sabgidduu kan hanga yoonaa lubbuu itt bitaa jiraates barabaraan itt fufuu hin dandahu. Qawween, ilmaan namaa seexaa qabaniin baatama. Seexa ofiitt akka dhimma hin bane leenjifamanuu yeroo inni olbahu jira. Sadarkaa tokko irratt, ajaji caalaa ajjeesuu namummaan akka itt dhagahamu tuttuquu dandaha. Mallattooti mootummoota isa duraa laman kufu dura argamaa turan, qaata mullachuutt kahan. Akka kanaan dura akka hin dagamne Oromoon hanga bilisummaa harkatt galfatanitt mormii saanii itt fufuu malee eenyuunuu dhageeffachuu hin qabani. Furmaati ilkaan sosso’ee buqqisuu qofa. Wayyaaneen hojiima ofii badaan xaxamee utuu nammi itt hin bu’iin tasa jiguuf adeema. Sanaan kan kahe jaalbiyyooti heddun innaa dhumatett bibbiqiluu dandahu. Kanneen “OPDO Haaraa” duuba hiriiraa jiran isaan tahinnu? Laallibati haa murteessu.

Diinni battalaa Oromo kan empayeritt bulchu, TPLF/EPRDF. OPDOn gaafa ifatt, jarri kun anaafis diina jedhee lallabe dhaabota malbulchaa Oromoo keessaa tokko taha. Kana malee galtuu diinaa, carraa argateen Oromoo kaayyoo saanii irraa maqsuuf dirqammi itt kenname tahe hafa. Abdii Iley miseensaa fi ergamtuu TPLF/EPRDFii, kan akeeki saa daaya Siad Barre biyya Oromiyaa ofitt dabaluu bakkaan gahuu tahe. Kun fedha nageenya TPLFiin walitt gala. TPLF Sabi Oromoo finnaa ollaa, Ogaden haa tahu kan biraa, biyya Oromoott baballachuu, hammumaa kolonummaan akka itt fufuuf obsa hin qabne, isaanis callisee hin laalu. Kana yeroo dhaabisaa qacalee ture 1970oota keessa agarsiisee jira. Miseensoti OPDO ummata ofii dhimmaman jiraannaan, caasaa diinni kiyyoo waliin qopheesse keessa tahanii utuu hin tahin TPLF/EPRDFiin dhiisanii ummata faccee ittisaatt jiru, keessaa dhalatanitt makamuu dha. Empayerri dullachii diigamu malee Oromiyaa ijaaruu, Haaromsuu fi miseensuun hin dandahamu. Bara ofbarri dargaggoo Oromoo fi qaroommi naannaa sadarkaa gad haanaa irra ture kan foyyee qaban keessaa ka’anii geengoo sochii bilisummaa darbatan. Hardha dhalooti qubee caalaa dammaqaa, caalaa beekaa fi sabboonoo xiiqiin guutametu abbaawummaa sadarkaa qabso itt haanuuf fudhate jira. Kun waan nama boonsuu fi buhaarsuu. Hardhas goomattuu fi dubatt harkiftuun michuu empayeraa, kaayyoon sabaa akka fiixaan hin baane hankkaaksuu yaaluun hin hafu. Garuu kan kaayyoof dudhama qabu fi kutataan jarmaa cimaa qabu gufuu hunda of duraa kaasuun hin dhibu. Kan jarmaa cimaa qabuu fi kutataan ni moo’a; ijaaramaa.“Indaraassee”n buluun haa raawwatu! Nagaa fi araarri ulfina qabu haa bu’u! Oromiyaan ni bilisoomti!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Sadaasa 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *