0

Empayera Itophiyaa dadhabsiisuuf Qooda Addota Bilisummaa

Empayerri Itophiyaa kan uumame naannaa jarraa tokkoo fi walakaa dura bara gooftoliin fudaal Habashaa biyyoota kibba Itophiyaatt argaman koloneeffatan. Barri saa, bara Awuroopaan Afrikaa koloneeffatteen wal faana. Yeros Awuropaan teknolojii waraanaa fi misaa barasiisn kan dursitu turte. Humna abidaa koloneeffatoo Awuropaa irraa argatteef malee, Habashaan biyyoota koloneeffatte tokko tokkoo gadi yoo taate malee tecnolojiin caalmaa hin qabduu turte. Kolonooti moo’ummaa fi walabummaa saanii dhabani. Koloneeffataan akkuma gaheen fixaqacee raawate qofa utuu hin tahin bulcha hammeenyaan gita hin qabne irratt fe’e; waan qaban hunda, lafa, qabeenya, homishaa fi humna saanii same. Warra saanii manchaase. Jireenya, afaanii fi aadaa haalee eenyummaa saanii haquu yaale. “Quluun yero argatte dhagaa cabsiti” jedhama. Garuu yerron sun barabaree akka hin taane kan beeku gamna qofa. Oromoon, gola malbulchaa manii murtawe qabu yeroo kana gabaabsuuf jalqaba ABO ummate. Dhaaboti Oromoo firaa fi diina gargar baafatan hundi isa keessaa bahu saniif ABOn jalqabaa seenaa saanii wan tahef mararfannoo yaadachuun saanii hin shakkamu.

Kolonooti hacuuccaa sarmaan hin fudhanne, hanga sochooti bilisummaa ijaaramanitt abba tokkeen hamma qabaniin ofirraa lolaa jiraatani. Sana duba, isaan akka aangoo sababaawaa jaboott diinaan wal dura dhaabbachuu kan eegalan. Kanneen keessaa addoti Afar, Sidaamaa, Ogden, Oromo, Eritrea fi Tigray kan duraa turani. Diinni saanii finnaa empayera gita fudal Amaaraan hogganamu ture. Hawaasa Itophiyaa keessa jeequmsis ture. Dhaaboti malbulchaa Amaara tahanuu sabahedduu ofiin jedhan garuu Amaaraan hogganamanii fi miseensoti saanii hedduun Amaara tahan, ijaaramanii turan. Qabsoon aangoo godhan barbadeessaa tahe, kan jalqaba Dargiin, itt haansee TPLF, empayerittii to’achuuf injifatoo itt tahan wal irratt gageessan. Kaayyoon dhaabota bilisummaa shananii empayera diiganii ummatoota bilisoomsuu dha. Yero kanneen kolonummaan lolalan hundi fira tahan kan gamaa dhaabbatanii empayera koloneessaa utuban hundi diina. Addoti bilisummaa jaalbiyyaa tahan ejjennoo lachan, firri eenyu dinni eenyu akka tahan baasanii labsuu gonka hin maman.

Erga ejjennoo saanii labsanii booda kan addoti bilisummaa empayericha horfuutt ka’an. Si’ana diinaa fi firri kan hoganoota harka wal dhahe he fakkata malee qabsoon diina hin qabne jiraachuu hin dandahu. Leadership that cannot differentiate friends from enemy is the expired and has to surrender if there is any one that takes its hand. Hoggansi diinaaf fira walii wallaale fixate jechuu dha; kan harka fuudhu jeraannaa harka kennachuu dha. Qabsoon ni jalqabe suutas bulchi Itophiyaa Amaaraan hogganamu hanga haleellaa dhumaa hidhati riphee lolaa Tigrayiin durfamuu obbaafachiisutt bitintruu eegale ture. Golooti Amaaraa sab hedduu ofiin jedhan dirree diliitt TPLFn dabsataman. Murnoota Habashaa keessaa kan injifannoon gad bahe TPLF qofa ture. Yaa’ii mootummaa cehumsaa uume keessa namicha Universitii iddoosee dhufe, Professor Asraat malee maqaa Amaaraan murni qooda fudhate hin turre. Inni empayera Amaarri mataa itt tahe deebisee ijaaruu akeekkataa, Amaaraa akka sabaatt yaayyoo irra kaa’uuf qabsaawee . “Mallaa Amaaraa” saa dorgommee horee Nafxanyaa kan inni “Hodaam Amaaraa” jedhuun kan ka’e yk garlamee tahuu Amaaraan hin lalisin hafe.

Murni harcaatuu nafxanya kun, sadarkaan amma irra gahame sirni kolonii kana caalaa of tursuu dadhabuun akka tahe hubachuu dadhaba. Isaanumaafuu, utuu madaa bule irratt soogda riguu baatanii wayyaa. “Kan darbe haa hafuu” akka jedhamu dhoofisisan malee, kan durii yoo hafe, dhiiga Oromoo fi kan biroo kan dhaloota hardha lubbuun jiru manatt dhufanii lolaasan gumaa itt gaafataman hedduutu jira. Oromoon seeraan bulmaata fi akeeka demokraasii safuutt amana malee sirna Habashaa “Aangoon mirga” kan jedhutt miti. Oromoon, “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” jedha. Gaaga’amaaf tumsun Oromoof kaayyoo dha; diina dullachi akka isa haaraa bakka bu’u afeeruu miti. Akka sanatti utuu ilaalamuu baate misha. Ollummaa gaarii malee akka hariiroon cunqursaan umame itt deebi’u Oromoon hin fedhu.

Qabsoon sochii bilisummaa Eertraa, qaama Minilik jaarraan dura xaaliyaaniif gaddhiisee, Haayila Sillaaseen walitt fayyise irraa qela’e. Durbiin Tigrinyaa Eertraa, Tigraayoti cunqursaa Amaaraa jala biyya ofii bilisa baasuuf gammoojii bu’an yoo milkaawan akka jedhan Tigray qofatt hin dhaabbanne. Dargii dadhabaa argatanii sana irratt fi gargaarsa mootota addunyaa anga’oo, keessaayyuu kan FAT dabalachuun empayerittii guutummaatt too’achuutt darban. Hacuuccaan Amaara komataa bahan Dargi waliin raawwate. Erga caalmaa irratt argatanii mormitoota maqaa Amaaraan sosso’an hunda injifatanii Amaararri lamuu mataa akka ol hin qabanne taasisan. Isaan nakkaruuf dandeettii Amaarri qaban tuffatan. Sana irrayyuu gola ANDM jedhamu uumaanii, akkuma PDO kolonotaa irratt fe’an. Sun Amaara sadarkaa kolonotatt gad buuse jechuu dha. Garuu yaada guddaa empayera deebisanii dhuunfachuu keessaa hin haqne.

Ammas ga’oo fi mirkanii gargar baafachuu kan hin dandeenye , Empayerri Itophiyaa deebi’ee lalisaa yaadan, harcaatuun miseensota raayyaa koloneeffataa, oftuultoti mata jaboon jiru. Jarri kun yeroo Amaarri gadadoo, roorroo fi beelaan gidiraa argaa ture maqaa saaniin samicha kolonotaan bashannanaa diina horaafii hin turree? Amma maal fedhu, maqa sanaan Oromiyaa fi olloota deebisanii qabachuu dhaa? Sun gonka hin tahu. Amaarri akka ummataatt ayyaana walabummaa fi bilisummaan olloota waliin nagaan gammadee jiraachuu barbaadnaan murteeffachuun amma. Harcaatuu fi kanneen iseett sagadan waa’ee tokkummaa fi Itophiyummaa namoota akka haalichi dhalatu godhanitt lallabuu barbaadu. Garuu yeroo bilisummaa fi ulfina ilmoo namaaf hedduun lubbuu saanii kennan eessa turan? Yeroo bulchaan dhufee darbu hundi ummata nagaa goolan eessa jiru? Yeroo gaga’amtooti Goolii Diimaa fi Adii hedduun reeffi saanii akka kosiitt asii fi achichitt darbamu eessa turan? Akka fakmishoon saanii Itophiyaanessuu hin hojjenne muxannoo irra maaliif qayyabachuu dadhaban? Qiliwwee ofii malee maaliif nama biraa hin dhaggeeffatanii? Yoo xinnaate waan namoota isaanitt baqatanitt dhagahamu maaf hin kabajan? Dagachiisanii injifannoolee ummataa hankaaksuu fedhu.

Jarri kun deebisanii Oromiyaa qabachuun hafee biyya ofii irraa diina ittisuullee hin daddahanii. Fooggali saanii adurree qeerransa of fakkeessuuf yaaltuun adda miti. Kanaaf hardhas dhimma ofiif galtuu Oromoo hiriirsanii, bor isumaan deebi’anii Oromoo rukutuu yaalu. Sun utuu OPDOn dhaabbate dansa. Lallaba saanii guyyuu irraa yaadi saanii hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa gidduu akka hin jijjiiranne ifaa dha. Utuu kana arganii kan itt dirmuuf gaman kanneen faarmullis hirkannaa qaban yk Oromoo Oromummaa ofitt qaana’anii. Amma durfannoon, tokkummaa fi Itophiyummaa saanii utuu hin tahin walabummaa sabaa akka tahe hubachuu qabu. Amaaraa fi Tigrawayi lachanuu Habashaa, yeroo fagoo kaasee lolli angoof wal gidduutt gaggeessan takkaa dhaabbatee hin beekne. Kan si’anaa adda kan tolchu Tigray isa kaan malee dagaaguu barbaachuu dha. Sudaan waliin daarii qabaachuuf karaa itt cehuu biyya Amaaraa irraa Walqaayit kutee, gammoojii dhihaa keessa kan jiran lafa Nayilotik, kan Oromoo irras waa itt ida’atee ofitt dabaluuf abjootaa jira jedhama. Kun yaada maraataa fakkaata, garu jarri kun maraatuu waan tahaniif jette jettee amanuu dhiisuun nama rakkisa.

Anga’ootatt dabalee, Tigrawayi Camsaa 1991 kaasanii aangoo butuu fi jabeeffachuuf gara caaluu kan gargaaraman ABO, dhaabota Oromoo fi kolonoota biraan ture. Dargii duuba mootummaan cehumsaa hidhata addoti bilisummaa gubbaatt dhahaman keessatt qooda fudhatantu dhaabbate. Garuu miseensita hidhatichaa akkuma jaarraa tokko dura Goobana godhan dhiitanii baasan. Isaanis akkuma Amaaraa Habashaa waan tahaniif, jalqabuma isaan amanuun gowwummaa ture. Kan darbe irraa barachuu dadhabuu dha. Hidhatichi utuu waggaa lama hin guutin diigamee Tigraawayi fi dhaaboti iddoosota sobaa tahan aangoo dhuunfatan. Amaaraa bakka bu’anii akkuma dudhaa habashaa hirree cimaa fi hammeenyaan bulchuutt kahan. Addoti bilisummaa keessaayyuu kan Oromoo fi Ogden akkuma bulchoota isa duraa tolchan kan TPLFis butuchuu itt fufufan. Humna buqisu dhabanuu akka inni aara hin galfanne tolchaniiru. Gargaarsa sabgidduu haa qabaatu malee gaaffii ummatooti bilisummaaf qaban gad qabuu hin dandeenye. Isaan dadhabsiisuuf lafa saanii irraa fudhate, hogganoota fi dargaggoo saanii ajjeese, tuutaan hanga dandahu guuree hidhe, garuu mormii ummataa dhaabuu hin dandeenye. Kana TPLF kophaa hin tolchine, garuu kalchitu tokko tokkoon saboota keessaa bahaniin gargaarameetu. Amma qabsichi guutummaa ummatichaan fudhatameera. Kan nama gaddisiisu garuu, sabooti bucuun naannaa Laga Oomoo, kaasanii hanga Matammaatt jiran salphaatt haqamuu dandahan, buqqifamanii lafti saanii qonnaa daldalaaf jalaa kennamuu saati.

Hedduun akka Sidaamaa, Tsamaay, Shekechoo, sabaawota Gambeela, kkf. kanaan dura roorroo fi bulcha garaa jabina TPLFiin mormanii hiriira bahanii turan; garuu ajjeechaa, hidhaa, biitteen dhibamuu fi biyyaa dheessuu sadarkaa fixaqacceetiin simataman. Sun qabsoo bilisummaa hin dhaabne garuu finnaa empayeraa TPLF jalaatt butuchuu itt fufama jira. Empayericha irraa bu’aa kan argatan, keessaayyuu korporeshinooti saba qari’oon, addoti fedha ummata ofiif waan dhaabbataniif argaa saanii hin fedhani. Hariiroon diinagdee haa tahu malbulchaa iddoosota ummatootaa malee abbaa hirrootaa yk koloneeffatoo waliin tahuu hin qabu. Sun akka yeroo keettolii fi koloneeffatoo isaan waliin akeeka wal fakkaataa qaban wojjin dhoofsisanii gaddhiisaa hin tahu. Haa tahu malee addoti bilisummaa isaan balleessine jedhan ummata saaniitt makaman malee eessayyuu hin dhaqnee. Isaan ummataa. for establishing independent democratic republic Oromiyaa become realized. That is the ireversable goal of Oromo liberation movement.

Dhaaboti malbulchaa akka baroota kufaatii Minilik, Iyyaasuu, Tafarii fi Dargii carraan ummata saanii hin mucuceeffamne mirkaneessuuf naannaa jiraachuu dammaqanii eeguu qabu. Ummata saanii haala walmaraa, daguu, sobaa fi rakkoolee adda addaa itt heddumaatan keessa masakuuf ijaarsa jabaa gad dhaabbachuutu eegama. Rakkooleen jedhaman hisataawota sabaa, bolola guddaa aangoof qabanii fi keettolee halagaa aanga’oo tajaajila jiraniin uumamuu dandahu. Muuxannoo, dudhama fi murannoo yeroo dheeraa dhaabota malbulchaatu qaba. Gabaabaatt isaan fedha dansa dorgomaa hin qabne uummatanii jiru. Yeroo waa’ee Addota bilisummaa dubbannu kaayyoo sabichaa utubanii fi sagantaa malbulchaa saanii fi abdii achi keessatt calaqifamanii dubbannaa. Yero ABO jennu dhaaba ganama ayyaanaa fi abjuu Oromoon republic Oromiyaa demokraatoftuu dhaabbachuuf qabu dhugoomsuuf bobba’e jechuu keenya. Sun manii hin dachaane sochii bilisummaa Oromooti.Hoggansaa fi miseensi yaada ganama kana jajallisuu fi ganuullee ni dandahu. Ilmaan namaa maaf dogoggoran hin jedhamu; garuu isaan sirreessa yk buqqisa malee ummati dhaaba isaa hin gatu. Dudhaa malbulchaa Oromoott hogganooti hundi Abbaa Gadaa dabalatee buqifamuu dandahu; sirnich garuu calaqqee ayyaana ummataa waan taheef jiraachuu itt fufa. Kun Adda bilisummaa Oromoofis dhugaa tahuu qaba.

Akeeka bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf kan gaara seenan jara soda hin beekne fi qaroo turan yartuu dha. Hankaaksaa fi gufuuleen hedduun jiraataniyyuu jara yaraa sanaan jija guddaatu argame. Haa tahu malee dharraan ummataa guutummaatt hin bane. Namooti wayyabi qooda fudhachuuf itt baha fi holola diina dabsachuun hin dandahamu kan jedhu sodaachuun of qusataa turan. Amma yeroo hacuuccaa baachuun dadhabamu sodaan du’aa fi qaammi hubamu jannummaaf bakka gad lakkisee. Du’a fi jireenya gidduu garaagarumma arguu dadhabani. Waan maqaa qabuun du’uun ofis firaa fi saba ofiis boonsuu irrayyuu kan irraa hafan bilisummaatt siqsa jedhanii fudhatani. Amantee kana irratt hundaaweetu sochiin mormii Oromoo si’anaa kan eegale. Galaanni dhiigaa yaa’aa jiru duubaatt deebi’uu rakkisaa taasisuun soda dirree qabsoo keessaa caalaattuu fageesse.

Mormiin Amaaraas tuffii fi roorroo Tigrawayiin irra gahu itt haddhoofnaan akka jalqabame himama. Sirnaan, akka dudhaa lachaniitt iyyannoon dhiheeffatan fudhatama dhabuun salphina, hidhaa fi ajjeechaa irran gahe. Miltolee Itophiyaa lamaan gidduutt dudhaatu cabe, wal amanteetu bade. Amaarri of dhossanii waaroo Itophiyaa kan Amaaraa irratt darrabanii deemuun amma reef eenyummaa dhabsiisun saa itt mullate. Beekoti Itophiyummaa afarsan Amaaraa hin taane, ummati Amaara jedhamu hin jiru jechuun, Amaarri akka maqicha dhiisee Itophiyummaa qofa fudhatu dhiiban turani. Kanaaf yaadanmal ummati Amaara jedhamu hin jiru kan jedhu oofuutt kaha. Sun murna Habashaa jedhamu keessa ummata maka hin qabne tokko, Tigray qofatu jira jechuutt geessa.

Kanaaf yero dargaggoon Tigray maqaa ofiin ijaaramtu isaan motummaa fi dhaabota sab hedduu abdatanii hin ijaaramin hafanii. Sun madaala dhabsiiseen. Amma dubbiin jijjiiramee jira; Amaarri tokkumaa ofi jabeessuun TPLF ofirraa lolachuu murteeffatani. Mormiin Amaaraa akkasitt kan eegale fakkaata. Ergasii dhibbootatu eenyummaa fi bilisummaa Amaaraaf wareegamaa jiru.Hamma mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu umata kolonotaa hin haallett, eenyummaa fi bilisummaa saanii akka mirkaneeffatan ummatooti bilisummaa jaallatan hundi isaan cinaa dhaabbatu. Itophiyaan maqaa Kush durii keessaa guddifatame Habashaa Aksumaawoo walitt qabee jiraachise.Maqaa kana humnaan sabootaa fi sabaawota wagoota dhibba duran qabaman irrratt fe’uuf yaalamee ture. Amma itt fufi saa lamaan deebisanii waliin jiraachuuf dhoofsisuu yk ummatooti Kush naannaa saanii jiran akka Agawuu fi Qimant dhimma itt bahuu itt fufuuf fedha agarsiisuu irratt hundaawa. Waliigalatt godinichi nokkorroo sabgidduu keessaa olguddachuun waa’ee tokkuma Afrikaa yaadu eegaluutu irra jira. Hamaa hariiroota durii dhiisanii afuura obbolummaa haaraan jalqabuu dha.

Qabsoon kolonoota empayera Itophiyaan bilisummaaf godhamu caccabina sirna dullacha fi isa itt haanee dhufes mirkaneesse jira. Sirni lachanuu gooftolii fudal Amaaraan gaggeeffamu turan. Miltoo maandhan, sana irraa fudhatee empayerittitt biyya Amaaraa dabalachuun hamma dandahu keessaa cunfataa jira. Biyyooti kun akka harka hin bubbulle baree akka koloneeffataa durdurii, hamma harka jiranitt kan dandahu hunda saamee biyya ofii ijaarrachuu eegale. Bulchi Amaarri kan isa dura ture, walmara kolonooti barabaraan nu harkatt hafaa keessa turan. Kanaaf bishaan dhugaatii gaalchaallee magaalaa guddoo Amaaraa Gondoriif galchuu dhimma hin godhanne. Ruchoo saanii fi qananii bakka jiraniitu Gondor caaleef jechuu dha. Tigrayi arfacha jaarraa darban keessa karaa gandoota walitt fidu sadarkaa tokkoffaa; buufata tarfbaallee; universitoota hedduu; dhiheessii bishaan dhugaatii fi jallisii fi elektrikaa, tajaajila hawaasaa akka waaltaa fayyaa fi waabarii; warshoota; bolqa albuudaa fi sirna ittisa qilleensaa fi lafaa, kanaan dura hin beekamnetu dhihaateef. Amma Amaara moggeessanii, obbolaa saanii Marab gamaa, kan ulaa Abisiiniyaa dullati harka qabaniin, harka wal qabachuuf of qopheessaniiru. Tigray Tigrinyi bara hedduuf jette jetteen jiru yeroo hogganooti sabdiin si’anaa karaa gad dhiisan dhugoomuuf deemaa. Kun wan haaraa miti, deebi’ee ijaaramuu mootummaa Yohaannis IV fi Aluulaatii.

Si’ana ollaan Oromiyaa guddichi, Amaarri Oromoo fi jara biraan walqixxummaan haasawuutt dhiifamanii jiru. Aarsaa bilisummaaf tahe haa galatu jijjiirammi sadarkaa empayittii mirkanaawaa jira. Keessaayyuu yeroo ammaa kana, sirna empayera caccabsuu saaniif addota bilisummaa Oromoo, Ogdenii fi kan biro, galata qabu. Itophiyaan empayericha dura turtee ammas deebitee feenaan akka duriitt nagaan jiraachuu dandeessi. Gaanfi Afrikaa godinaa ummatoota walqixxee fi birmaduu tahuuf deema. Horeen Nafxanyaa durii ummata biraan addatt hin laalamani akka abba tokkeett walqixxumaan kolonot keessatt qoodda fudhachuuf mirga guutuu qabu. Yoo ofuma qoollifatan malee, miseensota hawaasota keessatt dhalatanii guddatanii tahanii jiraataa akkuma turanitt itt fufuu kan isaan dhorgu hin jiru. Kanneen dur gabarsdiifnuun walqixxee hin jirannu jedhanis Itophiyaa waliin dacha’uun mirga saaniitii. Itophiyattin mataa ummata warra abbaa biyyaa irra isaan keessu lamuu achiin hin baatu. Garbummatt kan deebi’u waan hin jirreef utuu nagaa booressuu hin yaalle wayya. “Akka durii fi harka xuriitt” hin hafan jedhama nagaan buunaan godinichi hunda ni gaha.

Garuu Finfinnee irratt walitt gooji’anii empayera deebisanii ijaaruuf carraaquun dhaabbachuu qaba. Akka Oromiyoott yk akka halagaa hayyamameefitt Oromiyaa keessatt hafuu hin barbaadan taanaan filmati kan saaniitii. Finfinneen Oromiyaa, Oromiyaan Finfinnee dha; kan haasofnu waa’ee abbaa biyyummaa malee waa’ee fedhaa miti. Fixiqaccee guddaan naannaa itt raawatame keessaa tokko. Lolli kolonummaa fi cunqursaa irratt gaggeeffamu, kan qabame bilisoomsanii kan itt dabameef qajeeltuu argamsiisuu dha. Oromiyaan kan Oromoo tahuu haaluun buqifamuu abbaa biyyaa, qulqulleessa lammii fi waliigalatt yakka namummaa irratt tolfame fudhachuu dha. Jiraattoti Finfinnee ammaa bu’aa yakkoota sanan kan badhaafamani. Yoo Oromiyoon to’atamuu batte Finfinneen bakka koloneeffataan irraa ka’ee babbalatu taatee hafti. Finneen laaqii halagaa wiirtuu gabra Oromoo keessaa taatee hin haftu.

Qabsoon Oromoo Oromiyaa guutummaatt bilisoomsuun waan hin oolee. Qulqulleessa lammiin Oromoon si’ana Finfinnee keessatt lakkoofsaan bucuu tahuu dandaha. Qabeenyi seeraa fi sirrummaan horame kanneen sobaan adda baafamanii nammi tokko irba tokko akeeki jedhu jiraattota magaalot Oromoo si’anaa hundaaf eegamuu qaba. Murtii sochooti bilisummaa irra gahan ollootii fi addunyaan yaada ummatichaa tahuu mirkaneeffachuuf referandom gaggeessuun barbaachisaa tahee, akka tasaa Oromoon sirna federalaa filatan, Finfinneen Oromiyaa irraa gargar bahuu hin qabdu. Kanaaf gaaffii malee magaalaa muummee federeshinichaa taati jechuu miti; waan keessa deebi’ee ilaalamu taha. Horeen jiraattota jalqabaa guddina fulduratt godhamu keessatt durfannoon kennamuufiin daba qajeelchuu gargaaruu dandaha. Kan darbeef bakka buusa argachuufis mirga qabu. Bakkoooti seena qabeessoo fi galmooti bakka saaniitt deebifamuu qabu.

Harcaatuu duula koloneeffataa qofa utuu hin tahin abba tokkeen kolonota keessaa bahan kan magaalota Oromiyaa jiratan jiru. Jarri sun humna, ogummaa fi homisha saanii ummatatt gurgurataa jiraatan. Hireen Oromoo fi ummatoota kibbaa wal xaxaa dha. Kolonummaa duraayyuu wal irratt hirkatanii akka olloota gaariitt jiraataa turan. Kanneen lola farra kolonummaa irratti hariiroo jaallummaa waliin qabanis turan. Kun kanneen koloneeffataa waliin tahanii kan Oromoo dorsisaa fi samaa jiraatan hin turre jechuu miti. Haa tahu malee, Oromoon adda addummaa malee ifaajjee ummatooti kibba empayera Itophiyaa jiraachuuf godhan hunda deggeruu hin dhaabu. Utu kun jiru, diina saanii waliin kan dhaabbatu jiraannaan hamaa dhaqabu hundaa dandahuuf qophee tahuu qaba malee tarkaanfii qabsaawoti bilisummaa fudhachuu dandahaniif eenyuunu komachuu hin qabu.

Hojii badaaa murnooti Oromiyaa keessa faca’anii jiraniif Oromoon hariiroo dansa ummatoota biyyatt hafan waliin hin kutu. Oromoon saba, lafquwii, aadaa, fi seenaan isan hundaan firoma qabu; diinni saanii Kaaba fagoo jira; hedduun akka achi jiraatanii daldala gaggeessuu hin dandeenye beeku. Oromiyaa waliin nagaa fi firoma qabaachuun hunda irra anjaa qabeessa. Qabsoo bilisummaaf Oromoott makamuu; hammeenya garaa malee Oromiyaa keessa hojjechuu fi indo buufachuu ni dandahu. Moo’ummaa Oromiyaa akkuma Oromoon kan saanii kabaju isanis dhaabbachuufii qabu.

Akkuma dursee jedhame Amaarri sabummaan ijaaramaa jiru. Garuu garee sadaffaan akka empayerri nagaan hin raawwanne dubbii borcan jiru. Bara Dargii ummati Oromoo qabsoo haddhooftuu fi aarsaa guddan jala darbe deebisanii yaadachiisuu kan yaala jiran jiru. Qooqoti dhiphoo, fottoqsitu, jibba afarsituu, addaan baastuu jedhan hardhallee as deebi’anii, qabsawota Oromoo sochi saaniitt cichaa jiran hamilee tuquuf yaalamaa jira. Oromoo Itophiyaa keessatt of ilaalan qofatu holola wayitt hin gallee saniin tuqama. Jechi saanii “Waraanni kan facaase irra kan hololli facaase” jedhu akeeka saanii masakaati. Wacaan kan Oromoo bittimsan itt fakkaatee gadoodaa jiru. Sun ummatooti empayera jala jiran hundi waa’ee egeree saanii waliin marihachuuf carraa argachuu malanitt gufuu tahuu dandaha. Silaa dhaaboti malbulchaa hundi yaa’ii marii irratt karaa saba ofii argamuu dandahu. Akka bara 1991 barcuma argachuuf yaadanii jaarmaa hedduu ijaarrachuun amma kan yeroon itt darbe. Yoomu moo’ummaa ummataa irratt dhoofsisi hin jiru; kan jiraatu waa’ee nagaan wal cina jiraachuutii. Sun gaaffii mormii Oromoo hin jajallifamneeti. Dhaaboti malbulchaa qindeessuu dandahu, garuu kan suduudan waliin mari’achuu fi dhoofsisuu qaban ummatoota tahuu qabu.

Addoti bilisummaa hardhas akkuma durii barbaachisoo dha. Luxeegala, hankaaksaa fi hogansi dadhabaan, laashessuunii dandahu. Garuu maqaa fi kaayyoon dhaabbataniif jabaa waan taheef, fakkeessaa, roga dhabsiisa fi hisataawoti gaddhiisaan ofiif malee murna haa tahuu qaama tokkoofuu itt gaafatama hin qabne, bakka bu’uunii hin dandahani. Yoo xinnaate, kan kolonoome gaddhiifamuu, kan garboofame bilisoomuu qaba. Addoti ammallee akka kallachoota murnoota saba biroott maayii baasuutu irraa eegama. Kaayyoon sochootii bilisummaa Oromoo angoo mormii Oromoo duuba jira. Kanaaf yeroo waa’ee mormii golee empayeraa hunda keessaa dubbannu hallekaas isaan duuba jiru, dhaarraa ummati bilisoomuuf qabu akka sochoota bilisummaan ifsamanii qubqabsiisotan faca’anitt dubbachuu tahuu irraanfachuu hin qabnuu. Kanaafi kan bakka ABOn hin jirrettillee alaabaa mogge laman diimtuu walakkan see aduu fi Odaa Bakkalcha gubbee irraa qabu, dubbeen magarissaa, erga isaan barsiifamtee jaarraa walakaa booda sochii ummatan akka faajjii diddaa sabaatti kan fudhatamte. Isatt dhalooti qubee harka duwwaa qaxamurfamee ol kaafamu yk fulduratt mullifamu, akka mallattoo diddaa ummataatt, itt dabalanii jiru; hiriyaan saanii Fayisaa Leellisaa sana addunyaan walbarsiisee. Sun dargaggoo dura sana agarsisaa ajjeefamee jedhamuuf akka yaadannoo tahu yaadamee tahuun ni himama.

Alaabaan diddaa qooda addaa qaba; halloota dudhaa Oromoo durii gurraacha diimaa fi adii wal morkaa mitii. Sun seenaa dha kan waliin ilaalamu qaban mallattoolee hedduutu jira; innichi si’anaa wareegamaa fi injifannoolee amma deemaa jiran agarsiisa. Walabummaa duuba sabichi mirga alaabaa isaaf tahu filatee kan hafe musiyemitt erguu qaba. Diinoti Oromoo ABO, alaabaa diddaa fi Qubee Oromoo jibbu. ABO kan jibbaniif saba Oromoo keessaa addatt sabboonummaaf walabummaan kan ijaarame tahuu saafi. Alaabicha kan jibban mallattoo walabummaa tahuu fi kan walabummaaf dhaabbatanii tahuu saafii. Fudhatama sanaaf argate dhabsiisanii kan hallee tahuu haalchisuuf, murni tokko akka hayyama dhuunfachiisu (patent) it baafatu gorsa kan dhihessan turan. Garuu ni fashalee. Qubee kan jibbaniif, irra marsaa aadaa halagaa jalaa kumkumoota waan baaseef; hunda irra, dhaaloti Oromoo hin sarmine qubeen kota’amee guddate akka dhaloota “Fidalaa” sammuu dhiqaa saaniitiin gad hin qabamne, as bahuu saafi. Kaayyoo sabaa ABOn qabsaawaafii ture fudhachuun, alaabaa diddaa fannisee balali’ee fagoott akka mullatu godhe.

Addota bilisummaa kan ummata uumamaniif irraa gargar baasu hin jiru. Isaan Sidaamaa, Afar, Ogden, Oromo, Gambeela, kkf. TPLFis akkasuma; Tigraway isa hammachuu saaniif utuu hin tahin roorroo ilmaan namaa irraan gahuuf itt dheekamuu dhiisuu saaniif komatamuu qabu. Wareegama lubbuu fi qabeenyaa guddaa booda addoti bilisummaa empaayera koloneeffataa jeeqanii malbulcha godinichaa sadarkaa amma jiruun gahaniiru. Leellistuun empayerichaa hagam yoo jibbanii fi hagam gantooti itt duulan ummata saanii irraa gargar baasuu hin dandeenye. Kanneen hanga yoonaa riphaa turanuu dammaqfamanii dhossaa fi ifaan hanga mirgi bakkallett beekame “mirgi sabootaa hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu” mirkaneefamutt ummata saanii hogganuu itt fufu.

Eenyuu, adda bilisummaa haa tahu hisataan ummataaf sana murteessuu hin dandahu. Ummati hiree ofii ofiin murteeffata. Akeek ABO yaa’a sana keessa masakee walabummaa fi firii qabeenya Waaq kenneefiin akka bashahan geessisuuf, dhiibbaa TPLFiin utuu hin tahin ABOn guyyaama eegalaatii kanaafi of ijaare. Oromoon gara manii ofiitt dhihaatanii jiru; humni kamuu sadarkaa dura turan kamittuu isaan deebisuu hin dandahu. Oromiyaan kan Oromooti, casaan keessa see fi sirni bulchaa mal akka fakkatu kan murteessuu ummata Oromooti. Kanneen ammas koloneeffachuu barbaadan “Xaqilay Gizatiitt” deebisuu abjootu taha, dhugaamoo? Geengoo seenaa duubatt deebisuuf abboolii sanaa caalaa sadarkaa akkamiirra jiraataniif laata? TPLF akka heera ofii hojiirra hin olchine malaamaltumaa fi sabdummaatu gufuu itt tahe. Kanaaf malee, guboo rakkina naannicha fi hacuuccaa sabootaa, mototi isa duraa akka saa kan hubatan hin jiranii. Humni itt haane dhufu jija argaman akka Aangoo 39 heera TPLF irratt dabalu malee kan fuggisiisu yaalu hin milkaawu. Oromoon TPLF lolaa kan jiru mootii empayeraa tahuu saa fi roorroo ilmaan namaa irraan gahuuf malee Tigraway tahuu saaf miti. Gooftolii gidduu kan filatan hin qabanii; michooma kan soqu garuu ofitt ni dhiheessu. Malamaltummaan saa guyyaa jalqaba waajira galee eegalee. Dhaabichi guutummaatt isa abba tokkee itt komatu, waggaa digdamii torban darbaniif “Kiraay Sabsaabii” tahee jira. Akka hin afaalla’amne hundee bososee jira; ulfina ofii baachuu dadhabuun, dhiibbaa alaa malee akkuma kanneen isa duraa kufaatiin saa waan hin oolle.

TPLF diina, diina isa kootama, empayera Itophiyaa bakka bu’e nama fixaa jira. Innis empayerris kolonoota irratt meeshaa hacuuccaa Itophiyaa isa dhuma tahuu qabu. Naannichatt nagaa fiduuf Itophiyaanoti harka saanii kolonota irraa kaasuutu irrra jira. Yoo wanti halle akka jirutt ture, TPLF malee qaammi bu’uura hacuucaa qabu kan hin jirre waan fakkaatuuf, Amaarri eenyummaa fi bilisummaa ofiif lolachuun, aangoo nagaa fi tasgabbii godinichaa jabeessuuf carraa guddaatu jiraata. Tumsi amma walii agarsiisaa jiran, akka waan akeeka jaarraa walakkaaf qabsaawaafii bahan dhiisaniitt fudhatamu hin qabu. Tumsa eenyuu malee diina ofirraa faccisaa hededa irraan gahanii jiru. Fedha walii kabajuun hariiroo egereef furtuu tahuun beekamuu qaba. Oromoon saba malee “Gosas” “Itophiyaas” mitii. Xiqqeessuu fi eenyummaa saanii haaluutt fudhata. Waligalteen jiraannaan hamaa tokkoon saanii irra garee sadaffan gahuuf, waliin tarkaanfii sirreesaa fudhachuu ni dandahu. Godinaa sana keessa lafa ummata biraa qabachuun yk ummatota hin hidhatin nagaa irratt humna agarsiisuun callifamee kan laalamu hin tahu. Ummatooti lafa fi qabeenya saanii irratt moo’ummaa qabachuun kan tuqamu miti. Surraan dabaan kufoota keenya lubbuu ofii bilisummaa fi walabummaa kennaniif! Godinaa keenya irratt demokraasii, wal qayyabannoo fi nagaan haa dagaagu! Oromiyaan haa jiraattu! Tokkummaan Afriikaa haa jiraatu! Addota bilisummaa waliin fulduratt! Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Fulbana 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *