0

Caraana gatii Hinqabn

Warraaqsi empayera Itophiyaa keessatt bara 1974 dhowe komeen middhaa ummati hundaa keessaayyuu Oromoon Nugusicha irratt qabu sadarkaa olhaana hin obsamneef irra erga darbee boodaa. Warraaqsa Oromootuu jechuu ni dandahama, maaliif empayericha keessatt akka koloneeffatamoott lafa, qabeenya fi lakkofsa saaniif kan caalaa cunqurfamani isaanii. Wanti fincilaaf barbaachisan hundi, kan warraaqxota dudhamoo fi kutatoo dabalatu turan. Fakkeessitooti hamaan bu’uura sirnichaa irra akka hingeenye hankaaksuuf itt seenanis turani. Kan isaan deggeraniin hanga inni akka cuqqaallii nageenyaa, qoodan danfaa dhohee caasaa bu’uurichaa hin balleessine afuura baafachiisuu qofaaf tajaajiluttii. Gurguddoon biyya haadhoo kolonoota gad dhiisuuf yk walqixxummaan bulcha empayeraa keessatt hirmaatan gochuuf qophii hin turre. Dhaabota saanii malbulchaa keessattis bakka hoggansaa isaaniin wal gitu hin kennineefii. Caalaattuu sana hankaaksuuf galtuutt dhimma bahaa turani

Kanaan duras jennee jiraa, ammas deebisnee kan jennu, waraqxoti Oromoo hacuuccaa fi kolonoomuu keessaa bilisummaa guutuu kan gaafatan fakkeessaaf utuu hin tahin fedha bilisa garaa ka’een ture. Ejjennoon kun barruu dhaabichaa, Bakkalcha Oromoo isa jalqabaan ambati labsame. Achi irratt, jaarmoti malbulcha yeros turan hundi dhaabota Nafxanyaa akka tahanii fi fedha Oromoo akka hin calaqifnetu hubachiifame. Baras hundu onnee guutuu qaba ture; ibiddaan marfamee diina didhchiisa. Sochiin bilisummaa Oromoo kan eegale bakka adda addaa fi yeroo adda addaatt dargaggoo Oromoo hanga sagantaa waloo barreessuun ABO labsanitt maandhee fi dameeleett ijaramaniin. Maqaan ABO (Adda Bilisummaa Oromoo) jedhu kaan godhaniif utuu hin tahin erga sabboonoti warraaqxota tahan afaan tokkoon walabummaa guutuu fi republika Oromiyaa demokraatoftu bu’uursuuf irrati waliigalaniitu.

Ummata bucuu haa tahu guddaan adda bilisummaa sabaa dhaabbachuun waan ga’oo miti. Dhugaan kana tahee utuu jiru namooti irraa hin eegamne tokko tokko, ergamsi saanii maaluu haa tahu seenaa ABO roga dhabsiisuu yaalaa jiru. Kaayyoo qabsoo Oromoo kan wayyabi bu’ursitotaa itt amananii fi ummati Oromoo walitt fufaan itt dhumaa jiru gananii. Qooda ibiddicha qabsiisanii irraa dheessuu saaniif yeroon itt gaafatamuuf waamaman ni dhufa. Jechi waldhahu, gocha kallatii irraa maqe kan saaniin walfakkaataaf Goobana Daaceen gantuumma, Meesonii fi EPRP keessa Oromoo turaniif, booqaa “Goobana Diimaa” itt baasaan jaruma kanaa. Ejjennoo jijjiiirrachuun mirga abbaati; garuu ejjennoo jijjiirratan kanaan akka wal gituuf seenaa qabsicha roga dhabsiisuu yaaluun salphinaa. Durii keenya haqanii jireenya keenya ammaa irraa kutuun, ayyaana waan tahee jiruuf dandeettii keenyaa olii; hanga a awwaalaa duubaatt waa’ee keenya himaa jiraataa. Durii ofii gaabbuun salleessamu hawwuu dha malee haala caalaa qaanessaa taheen irra deebi’uu miti.

Naannaa ijaarama ABO, gurguddoon biyya haadhoo, dhaabota kan walfincilan fakkaatanitt of gurmeessanii turan dargaggoo Oromoo hedduu,sanneen irratt dhiibbaa hin qabne hawwatanii turan. Dhaabota EPRP fi EDU kan jedhaman malee wayyabi saanii Dargii waliin kan hidhata ummatan. Finnaan empayera fedha saanii kunuunsuuf gurguddoo Habashaan bu’uurfamee, Habashaamaan hogganamas ture. Bu’uurri sunii fi micireen akeeka saas ergasii jijjiiramee hin beeku. Kanaaf kan aangoo qabate hundi akeeka sanaaf amanamaa tahee kan hafe. Hundi saanii kolonooti akka turanitt gaggeeffamuu mirkaneeffachuu barbaadu. Bakka buutuun saanii komunistii of fakkeessuu fi hirree jabatu Dargiin, warraqsicha hankaaksuun fashalsiise. Wan kana fakkaataniif labsa lafaa tahee, federalism kan isa dhaaleen labsame, Oromiyaa kolonummaa irraa hin jijjiirre. Kanaafi kan dargaggoo Oromoo jannooti qabsoo finiinsaa tahe gaggeessaa kan jiranii.

Sochiin bilisummaa Oromoo naannaa hacuucccaa akkasii kan dillisa warraaqsaatt geese keesaa dhalate. Wayyabi wareegamaaf itt seenanuu, akkuma empayera keessaa asiis sabboonota warraaqoo fakkaatanii kan hamaa yaaduun itt seenan hin dhibne. Jarri akkasii kan ofittummaan machaawan, keettoo halagaan hidhata kan qaban, kanneen kaasaaf utuu hin tahin qomoon waljala fiiganii fi imala fagoof annisaa hin qabne; kanneen yero kolomsisii dhufu bayyee dhommoquun hin dhibne fi dhalootaan sobduu fi fakkeessituu tahanii. Kanneen akkaataa jireenyaa koloneeffataa, gocha aadaa fi hawaasomaa saa, bashannaan meshebbela saa, yeroo baandiraan bifa magariisaa, keelloo fi diimaan buu’uuf milikita tahe xurunbaan afuufamu bakka jiranitt goganii hafan yaadanis jiraachuu hin irraanfannu. Jarri akkasii mana saaniiyyuu akka isaan faayatan hin ciicatamu. Iddoo alaabaa Oromo isa utuu qabatanii kan caalaa itt tolus jiru. Mooraa ofii keessatt garagarummaan ilaalchaa yoo jiraate ni dandahama, garuu diinarratt taanaan hin dandahamuu. Jara akkasiin ummatii gahe jechuun, gahe jechuu dha jechuunii qaba, “Nuun wal iin hin jirtu taanaan, diinaan wal jirta” isa jedhan. Gara dabarsituu mooraa ofii keessa jirtu akkasii dandahuun, manii ofii gahuuf abjuu tahuun ni mala.

Rakkinni qabsaawoti Gaanfaa qaban ofiffummaa ofi irraa haanuu dha. Habashaan haala mirkanii seenaa naannichaa haaluu keessa jiru. Absiniyaa keessatt of daangahuu dhiisanii lafti, nammii fi qabeenyi kolonootaa hundi keenya jedhu. Biyyoota bara Hirmata Afrikaa jedhamu abbooliin saanii humnaan qabatanuu, kolonummaa saanii fudhachuu didu. Hamma 1974 moototi saanii biyyoota sana “Qinyi Gizaatoochachinii” yoo jedhan, kolonii saanii tahu irra dibaa malee himatu. Biyya Habashaa keessa biyyi sanan dhahamu hin turre. Moototi sanaa asii kolonii dha kan jedhu irraa baqatan malee qabee kolonii jechisiisu jijjiiruu hin feene. Yoo kolonooti empayera irraa walabomna jedhan waa’een amantee, namoota sanyiin makaman, afaanii fi daangaa akka isaan yaaddessu gururi’uu. Gaaffii dubbii jiru hin laalle, kolonooti yeroo qabaman mootummaa waaltaa waan hin qabaneef seenaan mirga hin kennuuf jedhu kaasu. Oromoon seeraa fi mootummaa malee jiraatee hin beeku. Dubbii qaawwaa muuxannoo ofii qofaan laalun, Odooti fi sirni Gadaa Oromoo “Bara Donnichoota” jedhamu saanii caalaa walitt riqoo akka tahan irraanfatu. Hirdhina hoodaa fi yaada malbulchaa saanii sirreessanii furmaata tolaan utuu gadi bahanii wayya ture. Kolonooti hanqina saaniif furmaata ofiin ni soqatu.

Gurguddoo kolonii tokko tokko ammayyuu maalummaa ofii beeku hanqatuu. Barumsa guddaa qabaatanuu surrii dhiqaan koloneeffataaa jaarraa tokko olii joonjessee ofitt amanuu fi murteefatummaa dadhabsiise jira. Jarri akkasii kaan jedhanitt waan hin cichineef hin amanamanii. Yeroo hiriyooti gamaa iyyaatii sobaa fi mimiciiramaan kan saanii guddisanii dhiheessan, beekoti Oromoo hima dhugaa qabuu fi laalaa lammiin saanii keessa jiru raga guddaan deggeramu qabullee kan dhiheessuu qaqqaana’an jiru. Garaagarummaa Itophiyaa dhugaa isa durii fi Itophiyaa, ani isa sana jedhee amma himataa jiru kanaallee himuuf hin ugganii. Kanaaf seenaa godinichaa, akkasumas seenaa fi fedhi Oromoos sana waliin roga dhabsiifamee jira. Gadadoon Oromiyaan guyyuu keessa jirtuu halagaafuu rifachiisaa dha. Kan nama dhibu sabaawoon tokko tokko yeroo obbalaan saanii qalaman, manguddoon manaa ofii ari’aman, dubaroon waggaan gargar hin basin gudeedaman giroo dhabuu dhaa. Jarri sun, caalaattuu duula akeeka qabsoo Oromoo karaarraa maqasaa fi roga dhabsiisaa, sochii Oromiyaa keessatt gaggeeffamaa jiru kan mararfatu fakkeesuu keessatt qooda fudhatu. Yoo harka rukutaafii gargalanii arraba itt baasan hin hubatani. Yeroo hedduu jarri akkasii kan argaman dhaloota qubee duraa keessattii. Akka miseensota hawaasaa Oromoo gocheett mullachuus ni fedhu, garuu oolmaan saanii bakka qananeeffamanii fi caalaa itt tolu martii diinaa keessaa.

Ofbarri ilmoo namaa si’ana bakka jaarraa darbee hin jiru. Kun Gaanfa Afrikaafis dhugaa dha. Barri Habashaa qofti addunyaa biraa waliin qunnamtii qabaataa ture ni darbee. Amma mandarri selfoniin hin dhaqabamne yoo jiraatan yartuu dha. Mootummaan Habashaa si’anaa teknolojii iyyaatii tarkaanfataan ummatoota bira darbee deemu hin dandahu. Teknoolojii iyyaatiitt saaqaa argachuun ambaa, wal harkisoo fedha baqulaawaa akka qayyabatan godhee jira. Wal harkisoon bololaa fi ofjala galchuu sun hagam sodaachisaa fakkaatullee murni tokko of baraaruun yoo irra jiraate qabsoo saa gaddhiisuu hin qabu. Akka qarqara Baha Gidduu jiraachuu see labooba abidaa kanneen gandummaa afarsanii fi karisootatt dhihoo tahu beektii. Wagoota kumootaf irraa hafteett ammas balaa itt aggaamama jiru irraa ni hafti. Tigrayii fi Amaarri Absiniyaa wal harka fuudhaa moo’aa as gahanii; garuu sun humnaan malee tolaan hin turre. Booddanas kolonoota kan bulchan tumsa walfakkaa fi gargaarsa aanga’oota alaan. Kan akka Oromiyaan qabamu hayyame mootii Tigraawayii ture. Garuu mootii inni akka Oromiyaa fi ummata biraa qabatu ajajee du’a saaf haaloo hin baaneef ture. Mootich Amaaraa, caalaattuu dhaamsa isa du’ee gatee gonfoo Habashaa dhuunfate.

Fincilaan Tigraayi si’anaa haaloo kan isaan ganan irratt bahachuuf ariin dhufee. Maqii waloon dhimma itt bahaa turan hunda jijjiiree abshalummaan maqii haaraa kan ummatoota kolonii sosssobatu tolchee as bahe. Akka saba bicuutt bulcha saa empayera irratt seerawaa gochuuf malee gaaffii kolonii furuuf miti. Yoomallee sirna federalism fide jedhame jara kaanin balaalfatameyyuu sirnichi hojii irra hin oolee. Federeshiniin akka dhooftuu nagaa fi demokraasiitt erga beekamee jaarraa jahaa ol waan taheef kan fakkeessaan dhihaatu salphaatt saaxilama.

Gurguddoon Amaaraa kufan falcha kan Tigraawaayitt dhihaatu kolonoota naannaa ofiitt hawwachuuf hin qabani. Jarri dubbiin caalaa ilaaluyyuu waan irra ilaalan, yeroo saanii federalism gosaa, soshaalism, abbaa hirrumaa kkf balaaleffachuutt qisaasu. Ammayyuu hiree sabummaa ofii ofiin murteeffannaa akka gargar baasaa fi diigaatt muggutu. Bara Nugusaa jalqabanii tuqaalee seeraa fi seenaa kaasanii falmuu barbaaduu garuu nokkoricha injifachuu hin dandeenye. Dhaabi saanii sabhedduu dha jechuu fi Itophiyaan biyya walqixootaati aka turte sobuu. Dhaadannoo fi nafii keenya kan jedhan waan Oromoo boonaan ajeeffatu. Goototi saanii kanneen akka Teedros, Yohannis fi Minilik qoteebulaa Oromoo kan fafeessan yoo tahan Oromoon akka waliin isaan faarsan eeguu.

Namooti sun Habashaaf bu’aa waatattaa fi sammuquwii, baasii Oromoo fi kolonoota biraan argamsiisaniif turani. Oromoof jarri Habashaa dhaa, goototi saaniis qaltee namanyaattuu malee waan biraatt hin fudhatamanii. Xaxaa sana hunda waliin Oromoon nu amana jedhanii yaaduun ummatichaaf tuffii agarsiisuu fi laalaa isaan hanga yoonaa dandahanii jala darban salphisanii ilaaluu dha. Dhofsisa kam irrattiyyuu waliin dhihaachuuf waan kan darbe kulkulfachiisu hunda of boodatt dhiisanii fi eenyummaa saanii dhugaa waliin dhihaachuu qabu. Ummata koloneeffamaniif Itophiyaan Habashaa dhaa, Habashaan Itophiyaa dha kanaaf isaan irraa addaa.

Addunyaa keessa Biyyi sanyii yk lammii qulqulluun guutame hin jiru. Oromiyaanis akkasuma. Sun biyya ofii irratt moo’ummaa hin dhowwatu. Oromoon takkaa sanyiin yk amanteen ilmaan namaa tokko isa kaan caaluu fudhatanii hin beekanii. Oromoof kanneen Oromiyaa keessatt argaman atoomaan jiraatan fuldurattis sun akeeka aadaa saanii hin faalamne waan taheef atomaan waliin jiraatu. Timjii waan ilaalutt hawaasi utuu Dhaabi Yaayyoo hin dhufin daangaa walii walii ulfeessaa jiraate. Fuldurattis kan gaaffii timjii walirraa qaban akka hundaa tolutt furatuu. Kun qabattee dhibaa miti; kan dhibaa tahe Itophiyaan koloneeffataa fi kolonoomaa qabaachuu fi kolonoti mirga walaboomaa qabachuu baruu dha; gurguddoon Habashaa biyya ofiif malee, bakka bu’oota kolonootaati akka tahu hin dandeenye fudhachuu dha.

Yeroo hundaa waa’ee Itophiyaa qooqa konkaa mararfannoo qubaqabsiisotaa fi walgahii ambaa hunda irratt caraanuun uumaa empayera koloneessaa tahu jijjiiruu ni dandaha? Kanneen dhaloota hedduu kaasanii hanga yoonaa Habashaa tahu dhabun, laalaan namaa gadiitt ilaalama bahuu itt dhagahamu irraa jaalala bituufii ni dandahaa laata? Bara durii eenyummaa namootaa dhosssuun Habashoota qulqulluu dha jedhanii akka fedhanitt dhimma bahaa turan. Jarri sirna saaniitiin liqimfamaniiru. Si’ana jara liqimfaman sanatt dhimma bahuun booqaa sabheddummaa ofitt baasuu yaalaa jiru. Aadaa Oromoott kan guddifatan jara dhalan saaxiluun safuu dha.Yoomallee qaccee Oromummaa qabaachuun Wayyaaneen yeroo itt rorristu mararfatan illee, Amaarri al tokko guddifadhe jennaan keenya jechuun hin dandahamu.

Tigraawayoti empayerich kan waggaa dhibbaa qofa tahu fi abban fedhe irraa dacha’uu akka dandahu fudhatan. Garuu sun hojii irra utuu hin oolin fedha kanneen koloneeffamanii malee federeeshina labsan. Saba bilisa bilisummaan fedha ofii ifsachuu dandahu qofatu fedreeshina filachuu dandaha malee kanneen qabaa jala jiran miti. Kun to’anaa Raas Damissoon Kumsaa Morodaa, Nigusee Faantaa Abiyyuu Galata yk Zallaqaa Bayyana Lammaa Guutama irratt qabaataa turaniin adda miti. Kanaaf hanga yoonaa hin hojjenne; koloneeffataan ammayyuu “finnaa federeeshina” jedhame keessatt olhantummaa qaba. Hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun ummatoota saba biraa anga’ootaan ciipha’amuun nuffisiiseen Awuropaa keessatt kan beekame Nagaa Westafaaliyaa dura fagoo dha. Warraqsa Industiyaal jedhamu booda finnooti sabaa uumamuun hiree ofii ofiin murteeffachuun addatt hin laalamu. Woodrow Wilson US, Warraaqsi Ruusiyaa fi dhuma irrattis ST (UN) akka akeeka malbulchaa fi seeraatt labsan malee ofii hin maddisiifne.

Akka Waan Wayyaaneen Marshal Stalin irraa kuttee maxansiteett gadooduun maltummaa yk wallaalina irraa kan kahe taha. Mooraa kamiiyyuu haa dhufu yaadi tokko dhimma nuu baasa taanaan lagachuuf maalifaan hin jiru. Oromiyaan roorroo hanga yoonaa irra jiru keessaa walaboomuu qabdi. Dursee walaboommi Oromiyaa mirkanaawuu qaba; sana duuba qofa kan federeeshinni, unka tokkee yk ollaa nagaa tahanii jiraachuuf yaadi kan dhihaachuu dandahu. Yoo waldhabdee furuuf karaan humnaa akka furmaataatt dhihaata tahe kan “walii habaanukaa” jechuu sodaatu hin jiru, garuu sun qoricha hin tahu. Filannoon Oromoon akka dudhaatt, yeroo hundaa waldhabdee karaa nagaa furachuu dha.

Bara nugusaa beekotaan nokkorroo akaakuu lamatu ture. Tokko Itophiyaan saba, kan jedhu; Itophiyaa keessa gosoota malee sabaawoti hin jiran jedha. Inni kaan empayera Itophiyaa keessa aangoon gad qabaman malee sabootii fi sabaawoti jiru kan jedhu. Nokkorrooti sana irraa ka’a dogoggora Itophiyaan koloneeffataa miti jedhu irraa akka ka’an warraqsi qullaa dhaabe. Gurguddoon duubatt harkiftuun tokko tokko qabsaawota Oromoo gidduu wanti baqaqaa fakkaatu akka jiru foolii dhahun galmee dullacha cufame keessa deebi’anii banuu barbaada jiru. Walabummaa irratt ejennoon Oromoo guyyuu haromaa dhufaa akka jiru hin hubannee. Abdatoota kolonummaa yk afarsitoota Itophistoota ta’aniin duubatt deebi’uu hin dandahamu. As irratt kan feenu akka qabattooti Oromiyaa walaboomteen itt ilaalaman diriirsuu dha. Kanneen empayerri akka jirutt tursuu barbaadan qabattee akka rakkina afaanii, gaaffii daangaa, dadeett Afriikan qarooma Afrikaa hin taane waliin dorgomuu laaffisuu fi kkf akka rakkina yoo Oromiyaan karaa walabummaa filatte gahuu dandahan faa kaasu. Gara afaaniin Oromoon afaan ofii ni kabaju, afaan biraa kan saaniitii ol jedhanii hin fudhatani. Ilaalchuma kanaan afaanoti biraas kan eenyuu gad tahu hin fudhatanii.

Waan biyya ilaalu irratt gurguddoon Habashaa tokko tokko Oromoon godinaa kana keessaa waan kiyya jedhu qabaachuuyyuu ni mamu. Ammayyuu hooda Hirmannaa Afrikaa booda akaakilee saaniin koloneeffatoon uumame dhugaa se’anii fudhatu. Guddina godinichaa keessatt qood qabaachuu barbaadu taanaan sana sammuu ofii keessaa haquu qabu. Waan Afrikaan adda farra kolonummaa haaraa tokko qabaachuu ilaalutt, Oromoon fedha waldayyichaa eegsisuuf, tokkummaan fedha ummatootaa irratt hundaawe jiraachuu akka qabu amana. Tokkummaan kun dirqiitt kan Itophiyaa qofa waliinii tahu yk isa keessaa hambisuu tahu hin qabu. Kan jedhamaa jiru Habashaan ummata Gaanfaa irratt mirga dhuufaa hin qabuu dhaa. Mirga walii waliif ulfeessuu qofatu furmaata fida. Seenaan waggoota 3000 Itophiyaa isaan keenya jedhan seenaa gurraachi hundi dhahachuu dandahu kan qarooma Nubbiyaan durfamaa ture. Kanaaf ofis addunyaas gowwoomsuu irraa dhaabbachuu qabu. Argaa dhageettoti saanii Kandasee fi Fari’oonoti Saabaanota caalaa akka Oromoo Kush tahanitt dhihaatan fudhachuu qabu. Kun galmeemaaf malee rakkina amma Afrikaan qabuuf furmaata hin tahu. Yoos qofa kan isaan hawaasa saboota yk ummatootaa keessati sadarkaa ofii isa dhugaa argatani. Seenaa boonsaa olhaana himatan utuu qabanii maaliif akka hannummaatt gadi taahan hin beekamu. Ijoollee saanii akka waan empayerichi Waaqaa gadi bu’eefiitti soba barsiisuu manna angawoo empayera guddaa qaban keessaa tokko akka turan barsiisuu wayya ture. Ijoolleen saanii waa’ee Oromoo akka beektu gochuuf daftaroota Habashaa akka Abbaa Baahiree fi Halaqaa Taayyee yk garadabrsituu dhiheenyaa dhahuun joonjessuu manna qarooma Kusaa guddicha baqqaana Afrikaa gara dhihaa mediteraniyaa hanga Qixxeessoott ture fi ummata sirna demokraatawaa Gadaa barsiisan tahu akka qoratan masakuun silaa gahaa taha.

Namooti tokko tokko seenaa qabsoo fi saba Oromoo roga dhabsiisuu yaalanuu Oromoon manii aggamatan irraa hankaaksuu hin dandahani. Ummatooti Gaanfaa hammeenyaan wal garreffachuu mannaa wal qayyabannoo uumuu irraa kan buufatan hedduutu jira. Godina kanaa, eenyuu biyya ofii fudhatee deemuu akka hin dandeenye mirkanii dha. Kanaaf dhaloototi barabaran keessa jiraachuuf deemu. Bu’aa murnaaf jedhamee ummatoota laalaa fi burjaajii barabaraa irraan gahuun hadoodaa tahuu dha. Utuu malbulcheessitooti hammeenya fi dubbii tuttuquu dhaabanii, tokko tokkoon saanii kan misoomfachuu dandahan, eenyummaa addaa, bakka jireenyaa addaa, seenaa fi aadaa addaa, afaan addaa fi fedha addaa qabu. Kanneen walii baruun kaarra ilaalchaa gidduu saanii jiru dhiphisuu dandaha. Nagaa fi atoomaan jiraachuuf tokko kaaniin ol tahu hin qabu. Al tokko hawwaa fi fedha walii walii kabajuu fudhannaan want wal irraa buufachuu dandahan daangaa hin qabaatu. Tokkummaa olhaanaa akka konfedereeshinaa, federeeshina,finnaa waltokkeellee waldayaa Afrikaa guutuu keessatt fedha bilisa taheen diriirfachuu dandahu. Garuu dura akka ofii fedhan hunda, kaanis jireenya nagaa, gammachuu, walirraa walaba tahu fi sana hojiitt furuun mirgaa akka tahe fudhachuu barbaachisaa. Republika walaba Oromiyaa irraa kan nama yaaddessu hin jiru; muuxannoon Habashaa yeroo tokko walaba tahu, kaan hirkataa tahu qaba jedhanii fudhachuun dhugaa bakkallee miti. Nammi tokko, gabraa fi manyaa ceehee nambiyyumaan jiraachuun ni dandaha taanaan, yoo gurjaan jaarraa darbee keessatt hin hafne tahe Oromiyaatt maaf hin dandahu? Caraanni gatii hin qabne, nagaa, demokraasii yk tasgabii hin fidu; duroomaa fi beela irraa bilisoomu,u akkasumas seeraan bulmaata gad dhaabuu hin dandahu; burjaajii, ofaangessummaa, wal caalmaa, ashkarummaa, deega, jeejee fi dhiiga lolaasuutt qofa geessa. Kana taanaan maliif keessa deebi’anii yaaduun gufuulee godinicha gadadoo keessa jiraachisa bahan irraa hin maqamu? Nagaa, araarri fi gamnoommi haa dabsatan!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Adoolessa 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *