0

Akkamitt haala haaraan walfudhanna?

Jaatamooti tibba warraaqsa turan. Sirna moofaan irratt badii uume caalaayyuu kan qooda fudhatan(Warraaqxota) qaracee ture. Hundi waa gochu, ammaaf ammatt gochuu barbaadan. Nammi tokko warraaqsa deggera yk ittiin morma malee bakki giddu galeessi hin jiru. Michooti sirna dullacha hanga carraa keessaa baqatan argatanitt qooda fudhachuu malee filmaata dhabani. Sadarkaa tokkott warraaqsa komunistummaatt akeekuun gahee ture. Garuu sun dogoggoraa. Abba tokeen bitaa, mirgaa fi giddugaleessa jiran kan jijjiirama bu’uura fedhan turani. Birmadummaan hundaaf akka tahu barbaadu. Seeraan bulmaataa fi mirga ilmaan namaa kan mirga abba abbaa fi ummataa fedhu. Warraaqsi Empayera Itophiyaa kan kaasaan saa battalaa kaka’isa qoteebulaa Oromoo barattoota Itophiyaan deggerame tahuu humna waraanaa duuba irratt komunist of moggaaseen butame. Hogganooti barattoota Itophiyaa yerosii madaqsa Marxist-Leninistummaa qabu turani. Sagalee ol kahaa fi buubaa waan qabaniif nammi karaa isaanii irra uggee dhaabbatuu fi itt xiixu hin turre. Sun baasaa dargaggoo addunyaa barasii ture.

Sochiin barattoota Oromoo barasii hiddisaa sochi barattoota Itophiyaa fi sochii Hawaasomaa Maccaa fi Tuulamaa kan booda sochii Oromoo hunda haammatu tahe keessaa kahe. Sochiin barattoota Oromoo uumama ABO keessatt dhooftuu ture. ABOn dhugaamatt jaarmaa warraaqaa kan diigma waliigalaa emayera koloneeffataaf dhaabbatu ture. Akka duuba hubatamett hundi akeeka saaf utuu hin tahin akka mooraa komunistootaa hin deenneef kan itt galan turani. Empayeritii dhaalmaa imperial iseen qabdoo hunda waliin barbaadani. Sun akka hin taanett kosii seenaatt kan gatame fakkaata. Sana kan isaan amma qotanii baasanii itt buluuuf rakkatanii.

Egaa ABOn qabsaawota ilaalcha addunyaa adda addaa qaban irrat hundaawe jechuu dha. Danqaraa akkasii utuu of duraa qabu jija hedduu galmeessuun saa waan raajiitii. Jijoota sana qofa utuu hin tahin yeroo inni 1991 Fininnee seene simannaa o’aan godhameef kan mullatee hin beekne. Hundu “kaawoon deebitee” weeddise, deebi’a ulfinaa fi surraa baddeetu itt dhagahamee. Kanaaf yeroo ummati Oromoo maqaa ABO ol kaasee faarsuu nama addaa tokko jechuuf mitii “ulfinaa fi surricha” jechuu saaniitii. Simannaan sun hangi tokko anaaf jedhanii akka fudhatan gowwoomsee. Sanaa quuqamanii keessaa bahuun dhaabichatt ciniinnatanii kan hafan jiru. Kanneen fagoo dhaa simannaaf dhufan alaabaa ittisaa haaraa “mogge lamaan diimtuu”fi dabballee fudhatanii deebi’uu gaafatanii. Kan isaan hardha hiriira mormii keessatt qabatanii dhiichan alaabaa sana.

ABO fi dhaaboti hedduun maqaa sabootan ijaaraman Mootumaa Cehumsaa Itophiyaa kan jedhamee ture unkessuu irratt qooda fudhatanii jiru. Qoosaan gabaabsa afaan Inglish “TGE” akka “Mootummaa Transishin Tigree”tt kan fudhatan turanii, dhugaas ture. Miltoo inni wayyabii TPLF/EPRDF jara kaan ganee hidhaticha keessaa ari’e. Hogganooti Baha dhufan hundi, Galaasaa Dilboo, Guutamaa Hawas fi Nadhii Gammadaa batala saanii duriitt deebi’anii. Bahi kan Finfinneett erge jara kana sadan qofa ture. Kanneen Dhihaa biyya alaatt gumaa’anii. Booda Waajjirri Siyaasaa Hayyu Dureen sababa fayyaa fi achumaanis akka dhaabichaaf gargaarsa soqu alatt akka bahu murteessee. Kana irratt eegumsa barbaachisu godhee hanga Buusaa garbaan gahuu irratt qoodi Mullis Abbaa Gadaa gumaache hin irraanfatamu.

Addi Dhihaa qaata faca’ee loltuun mooraa gara Oromiyaa adda addaatt guuramani. Du’I hogganoota tokko tokkoos hin himamne. Bahi yeroo dheeraaf ofirraa facisaa turee hogganoota lama Burussoo fi Guutamaa kanneen biraas dhabeDhumiisa irraa miseensota wajjira siyaasaa lama Dhugaasaa fi Abbaa Biyyaa Roobaatu oole. Innis naannaa 1998 dhumateef. Ganna hedduu erga irra darbee booda Hayyu dureen bakka argatee 1998 Kora Hatattamaa waamuu dandahe. Sanaan miseensoti haaraan qaata miseensota Waajjira Siyaasaa turoon waliin kalcha qaban kennatamanii turani. Manguddoon Koricha irratt argamuu hin barbaadne. Haa tahu malee akkuma dudhaa Gadaatt barcummi ulfinaa uumameefii Yubummaatt ol siqsifaman. Garuu sun hin qubsineen. Bakka hin jirrett filamuu eeggatanii turan. Finqilchootii isaan irraa tumsa jabaa argatan. Innasii kaaseetu ABO haaraan is dullacha keessaan latuu kan eegale; ABO bu’uura Itophisaa kan qabu. Kanaan walitt akeeka saa dhiisanii maqaa ABO jedhutt dhimma bahuu barbaadan. Garuu isaan ABO isa dhugaa ayyaana ummataa hin qayyabanne; ABOn jaalala ummata Oromoo kan horate kaayyoo sagantaa malbulchaa saan wallixee jiruufii. Isa malee ABO tahuu hin dandahu. Kanaafi kan innii badii irratt isaan faana utuu hin buhin garaa fi sammuu ummata Oromoo keessatt kan hafe.

Fakkaatiin ABO kooluu galee jiru, ayaanichi waan keessa hin jirreef babanka’uutt ka’ee. Qiraacoti maqaa ofii kennuun dhaabota Oromoo ofiin jechuutt ka’anii. Dhugaan saa hangi tokko jaarmota utuu hin tahin walitt qabaa abba tokkootaati. Of keessaa qabsaawota sabboonoo dhugaa tahan kan qobsoo bilisummaa biyya abbaa keessatt qooda olhaanaa qabaataa turan jiraachuu ni dandahu. Kora Hatattamaa booda gargar bankahuu guddaan kan mudate yeroo dhaaboti maqaa tokko qaban uumamani. Ummati gargar baafachuuf QC fi Shanee jedhee waamuutt ka’e. QCn sagantaa ganama walabummaa waliin hafe. Shaneen Kora t 2004 keessa waammateen akka imaammata Itophisaan walitt galutt heera tumate. Yero hanga tokko booda Shanee gargar caba biraa kan ABO ofiin jedhe, garuu dabalata KY jijjiiramaa jedhu qabutu mudateen. Sana booda hariiroo QC waliin qabbaneessaa ture itt fufe. Dhaaboti kun ji’a jaha keessaatt Kora waammatanii hanga tokkomanitt gumii sabaa tokkon hogganamu walii galan. Lachanuu kaayyoo walabummaa fudhanne jedhan. QCn sanaan yeroo qufu Shaneen gurmu guddifachuu akka anjaatt kan fudhate fakkaata. Kanaaf komee darbe gaalchaan utuu walii hin qayyabatin dhaaboti hariiroo fi barsiifata adda addaa waggaa kudhaniif guddifatan waliitt tahun kan rakkiseen fakkaata.

Alatt dhaaboti Oromo hedduun afaaniin wal haleeluu akka hojii saanii muumichaatt fudhatan. Kaasaa uumamneef jedhan hundi gataniiru. Murnootatt caccabuun ABO qofa kan dadhabsiise utuu hin tahin tokkummaa fi hariiroo gaarii hawaasaaf irratt dhiibbaa haddhaan keessa guute qaba ture. Malbulcheessitooti tokko tokko gargaarsa ofiif nama hiriirsuuf mala argan godinaa, qomoo fi amanteett dhimma bahaa turan keessaayyuu QC irratt. Sochii barattootaa fi qoteebulaa si’anaaf utuu hin taanee gargar hirammii hanga adda qeyeett deemuuf carraa qaba ture. Kan malbulcheessitooti baruu dadhaban wanti altokko furgaasan harkisanii deebisuun rakkisaa tahuu dha. Akkasumas murni hawaasaa kamuu, isa kaan irratt anjaa galmeeffachuu akka hin dandeenye, abba tokkeen illee yeroo kabaluun abootteett dhufu haada harkifatu hin dhabu. Aadaan Gadaa Oromoo shaakala malbulchaa gamnummaa hin qabnee fi gadgaloo nama godhu hin hayyamu.

Hojii bu’a qabeesi “jarmotaa”f galmeeffamu, yooma illee qiraacoti deebi’anii walitt tahuu dadhabaniyyuu, deebi’anii tokkoomuuf yaalii godhanii. Oogeessi kamuu dhinsuu hin dandahu, ofittumaa, bolola, namatt hirkachuu fi ofirrummaatu karaa irra dhaabbatee jira. Amma tibbi yaalii 2014 jalqabe, Sadaasa 2015 dhoohe. Ummati abbaawummaa biyya ofii bilisoomsuu ofitt fudhatanii jiru. Halaalaa hogganamuu sichi hin eeganii. ABOn kan saaniitii akka fedhanitt dhimma itt bahuu dandahu; qabsicha keessatt ayyaanni masakaa isaa. Miiddhaa warraaqsaa dhaqanii ummata waliin dhandhamatan malee akka jaarmaa malbulchaatt Badii biratt waa’ee hin baafnee tahanii hafuutu jira. Haadi kamuu utuu itt hin sutamin, deebi’anii mormii keessatt qooda fudhachuu fi jaarmaa malbulchaa maqa qabeessa of taasisuun karaa tokkicha haala haaraatt madaqani.

Oromo Badiin biyya jiru waliin wal hubachuutt ka’anii jiru. Hiriirrii fi hirpha funaanuu soneessuun jalqabbamee jira. Gabaabaamatt faara biyyaa waliin wal hubachuuf faara dansa agarsiisuutt kahaniiru. Sadarkaa adda addaatt walgahiin ambaa fi gochooti malbulchaa bakka bakkatt eegalaa jiru. Qubqabsiisi dhikkistuu sabicha calaqisaa jiru. Hundu dhimma biyyaan qabamee ijra.Malbulcheessitooti keenya mamanca’aa jiru. Jaarmota Oromoo Badiif karaa itti salphaatt luuxan argatanii waan ABOtt godhan gochuuf waamicha gochaa jiru. “Jettee duute …” hajedhaniif moo, dhuguma inni kaan nu amana jedhaiituu, moo maqoo hafe qabu. Jarmota Itophiyaa irraayyuu empayeritt oolchuuf tumsa gaafachaa jiru. Ejjennoon kamuu dudhamaa fi kutannoo gaafata. Ergamsi nammi tokko qabu tokkummaa Itophiyaaf loluu yoo tahe utuu hin daddaaqin itt deemuu dha. Asii fi achi jechuun gaaf tokko adamsituu ayyaanaa karaa halleen honga’o godhee hambisuu dandaha. Sabboonoti yaada hamaa of duubaa hinqabne, roga dhiisanii deeman bulbulu manna irraa maqanii dubbiin akka fedha sheet hanga xumaramtutt eegu; yoo beekaa hankaaksuu barbaadan malee.

Jaarmoti Itophiyaa sunis isaaniin bidruuma tokko keessa jiruu. Oromiyaa malee biyya saanii yoomuu jalaa hin deemneett fudhatan hin yaadanii. Utuu biyya ofii dhimmaman tahee silaa kun yeroo itt kakaasanii Oromiyaa waliin dhaabbachuun akka Wayyaanee aangoo irraa reeban godhan ture. Garuu demokraatawoo fi warraaqoo tahu waan hin dandeenyeef, taasisi Oromo, Wayyaanee leellisuu filachiisuun duubatt isaan qabe. Biyyi Amaaraa biyya seena qabeessa garuu ummati saa takkaa bilisummaa fi walqixummaan bashaa’e kan hin beekne. Akka waan sabichi guutummaatt quurrama hamaa sana caaluu himatu hin qabneett, jaarmoti saanii waa’ee walitt bu’a Qimaantii fi Amaaraa naannaa Gondar, daangaa Sudaanii fi komee ummata Amaaraa Wolqaayit Xagadee qofa deddeebisanii hodeessuu. Dhimmi Wolqaayitii fi daangaa, Amaara hundaa aariin hin kaafne. Oromoon kan ka’e Buraayyuu fi Sabati fudhatamuunii. Malbulchessitooti waa’ee Walqayiti irra kan darban akii boroo saanii waan taheef duuba itt deebi’uuf taha; kan hedduu yaaddessaanii jiru Oromiyaa dha. Akkuma TPLF isaanis gad dhiisuunii hin barbaadanii. Sana irratt walfakkaachuu saanii saaxilan jechuu dha. Saba sanii, waa’een kolonii hamma salphina TPLF irraan gahee hin dhibuunii. Maaliif sana gad jabeessanii hin dhiheessan? dubbiin saa fedha diinagdee gurguddootaa malee akka himatan jaalbiyyummaa miti. Oromoon itt dhiigee akka Oromiyaa harkee meetii irra kaa’ee kennuuf barbaaduu.

Wayyaaneen barsiifata himannaa Oromoon shororkeessituu fi “seexana’ jedhuu gad jabeessuutt kaateettii. Jarri hiriira bahan lammiilee adda addaa fi murnoota amantee adda addaa qaban gidduutt garaagarummaa uumuun walitt buusuutt jiru jettii. Utuu sun tahee hawwitii. Garuu mormitooti Oromoo aadaa safuu sirna Gadaa qabaniin naannaa sanaa waan hin taaneef yk mormii keessatt qooda waan hin fudhanneef kan namatt bu’u hin jiru. Wayyaaneenuu sana uumuu feetee hankaaktee. Ummati qabsoo irra jiru Wayyaanee hatahu murni biraa sanatt dhimma bahuu akka yaalu baranii dammaqanii eeguu dha. Uromoon amantee adda addaa bulfatu. Oromummaaf sun waldhabsiisaa ta’ee hin beeku. Yeroo fedhaa fi mirga saba Oromootti dhufu hunduu “Nuti dura Oromoo dha” is jedhu gad jabeessuu. Oromoo amanteen, jihadistii, karistuu, saba dhiphoo, jedhanii gargar hiruu yaaluun saba guddaa kanaaf arrabsoo dha. Wan barbaadaniin hooqubaa galchuun mirga saanii bu’uuraati. Murni amantee, nammi biraa waan ta’e irratt haddheessuu yk qeequuf mirga qabu hin jiru. Yoo badiisi jiraate kan sirreessuuf abbaawummaa fudhatu sabicha. Kan isaan tottolchaa jiran mormituu amanamoo saaniiOromoo tahan irratt caalaatt duuluuf sababa qopheeffachuu dha; ummati akka ka’ee of hogganuu dandahu ija saanii hin amanne.

Ummata saaniitt makamanii ofirraa faccisan malee Oromoon nageenya argatu hin jiru. Dhaabota Oromoo sangooman Badii keessaa tokkummaaf waamuun dhimma hin baasu; dirree lolaatt argamanii mormitoota waliin tahuun waa’ee jaarmaa dubbachuu dha. Urgee tolaatt, iddoosoti qabsaawotaa golee Oromiyaa hundaa fi Badii irraa jila akka ergatan Kora Sabaatt waamamuu qaba. Duulee galooti Badii qindeessuu irratt gargaaruu dandahu. Sun erga guyyoota Gadaa jalqabaa as Kora Sabaa hunda hammataa isa jalqabaa taha. Namootii qulqulloomina garaan ka’anii ala kanatt “Walgahi Sabaa” tokko waamuun furmaata taha jedhan jiru. Muuxannoo ture irraa sochiin akkasii dhaaba kan jiraniin dorgomu biraa uumuu tahee hafe malee bakka yaadameef hin geenye. Garuu amma yeroon geeddaramee hundi bakka itt dahatu barbaadaa jira taha; itt deemanii ilaaluu dha. Kittillayyoon Wayyaanee caalaatt nyaanyofteettii. Baayyee dhiiga dheebotaa waan jiraniif yeroon ittifaman malee Oromiyaan balaa guddaatu irra marsaa jira.

Qooqi kittilayyootaa dhimmama akeeka bu’uura federalism kan of keessaa hin qabne, uumaan koloneeffataa inni dhugaa gadi bahaa jiraachuu agarsiisa. Kan jarri hiriiraa jiran gaafatan waan heera Itophiyaa irra jiru; abbaa biyyumaa fi biyya ofii irratt mo’ummaa gaafatu. Yeroo federalummaan itt fe’ame kanatu itt himame. Gaaffii salphaa kana kan TPLF/EPRDF debisuu qabu. Qabattee Oromoo ilaalu akka waan isaan ammallee kolonii saanii tahanitt dubbachuun TPLFn tarree mootota darban hunddaatt dabala; eegaleen warraaqaa fi demokraatawaa jedhee himataa bahe TPLF keessa hin jiru. Murna hunda caalaa faashistii fi dubatt harkistuu tahe. Kanaaf baha salphisaa hin olletu isa eeggata. Akkuma humnaan seene humnaan malee hin bahu. Sana gochuuf humni ummataa qabsiifamee jiraa. Habashaa fi kanneen firomaniif, gaaffichi akka kan saanii qabeenya namaa biraa saamuuf utu hin tahin gaaffii mirgoota ilmaan namaa fi ummatootaati. Itphiyaan gaaffii seerawaa tokkollee Oromiyaa irraa hin qabu.

Ji’oota arfan darban keessa dhiigi kan lola’e isa dhiheenyaa fi fagoo irratt ida’amee akka biyya abbaa ofii, Oromiyaa bilisoomsuuf. Ummati yoo waan caalaa minyaa taheef hin taane, lubbuu ofii dabarsanii hin kennan. Birmadummaa caalaa wanti minyan hin jiru. Sanaaf jedhaniitu kumkumooti harka duwwaa diina nama nyaataa hanga gubbeett hidhate dura dhaabbachaa kan jiran. Garuu yeroo diina akkasii waliin nokkoran qabsoon nagaa daangaa qabachuutu irra jira. Namoota haala akkasiin jiraachuu irra du’a filataniif akki itt qabsawanii du’an, kan nakkariin walgituu qaba. Harka mataarra qaxaamursani du’uun kan qarooma saa qabaniif waan eebbifamaa dha. Sun hin taanee bakka tokkott dhaabbachuu qaba; falichii addunyaa dhaa ilaalu qaata akka hin baafne hubatame. Yoo xinnaate hiriira nagaa kan gaggeesaniif eegumsi godhamu qaba.

Diinni, qabsoo Oromoo nagaan waan fede haa jedhu, ji’a afuriif jala dhaabbataniiru, fuldura saanii caalaatu jira taha. Mormiin Oromoo nagaan haa tahu hidhannoon, hanga humni biyya qabate daangaa saanii gad dhiisee Oromiyaan kan Oromoo tahutt itt fufa. Sadarkaa amma gahamett qabsoo irraa dacha’uun qabsaawota Oromoof kan diinni ajjeeseen caalaa of ajjeesuu dha. Haaloo diinni bahatu caalaa dhiigi kun hundi lola’ee gatii dhabuun hamma dhaloota meeqaattuu nama keessaa hin bahu. Booree baatanii jiraachuun hamma du’aati. Kan diina waliin taahanii akka itti empayera diiganii ollaa nagaa tahanii jiraatan dubbachuu kan dandahamu erga humna saa Oromiyaa keessaa baasee qofa. Malbulcheessitooti Oromo, kan ta’iisi haaran joonjesse too’annaa sobaa halaalaa gochuu yaaluu irra, ummata saaniitt qabsoon makamuu isaan barbaachisa. Fakmishoon sun Haayila Sillaaseen raawwate. Si’anni yeroo suduudaan qooda fudhatan malee kan hudduu halagaatt gatatanii hariiroo jiru sobanii jalaa bahuu itt dandahan miti.

Akka ganda fi amanteett walqoodanii kan sosso’uu barbaadanis yoo jiraatan waan ummati keenya hinfeene tahu dhaamsa dargaggoo fi qoteebulaa dabaan kufaa jiran yoo hin dhageenye tahan, haa dhaggeeffatanii. Yeroon saa Oromoo hundi kan waliin hiriiree ijoollee biyyasheef jettee dhumaa jirtuu bira yaada tokkon dhaabbatu malee yeroo Waaqeffataa, Moslima fi Warra Wangeelaa kkf jedhanii kopha kophaa itt wal gurmeessa mitii. Kun fedha Oromummaatti ajoo burqsuu dha. Dargaggoo fi Dubaroon Oromoo Badii keessa jiran akka kun dhugoomuuf qooda fi itt gaafatama guddaa qabu. Yeroo hamtuu akkasiiti kan murnoota sabaa adda addaa gidduu amantee uumuuf carraaqamu. Sun hojii waloo dhimma sabaa tahe waliin hojjechuun mirkanaawaa. Mirgoota dargaggoo fi dubartiif loluun qaama qabsoo sabichaatii. Sanaaf haala hunda dhimmi ilaaluuf banaa tahett, amantee fi godinaa hundi tokkummaan waliin socho’uu qabu. Dubarttiin keenya akka dubartii Oromoott malee dubartii Islamaa dubatii Kirstinnaa adda addatt jedhamu hin qabani. Tokkummaan dhiigaan argannee qabsoo bilisummaa waliin finiinsaa jirru kun akka hin biinxa’amne eeggachuun sabboonummaa gaafata. Kadhaa ofii adda adda tahe Galma, Masgiida, Galmistaana kkf. godhachuu dandahu. Kan sabi keenya biyyaa waamicha godhaa jiru sanaafii, deebii tolaa eeggatu. Yoo hanga dhumaatt waliin dhaabbanne akka injifannoon baanu shakkiin jiraachuu hin qabu. Haala warraaqaa haaraa keessa jiraachuu haa jalqabnu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Gurandhala 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *