0

BURJAAJII KAAYYOO SABAA OROMOO

ABO, kalachi qabsoo malbulchaa Oromoo ijaaramee kan jalqaba jaatamootaa keessa humna misachuutt ka’e jalqaba torbaatamootaa keessa yabboott ifaan olba’e. Gadqabama waggoota dhibbaa olii booda tabbatt ol ba’uutu isa eege. Bu’aa ba’ii meeqa keessa darbee cululuqina saa dhabus yoo xiqqaate maqaan leeyaa jira. Dararri jaarmicha irra gahuus, Kaayyoo inni labsaa ture ummatichaan tokkummaan fudhatamee sadarkaa eenyuu dharraa bilisummaaf qabsiifame dhaamsuu dandahu irra darbee jira. Jaarmichi yeroo yartuu uumamee duubaa ka’ee murnatt caccabuu eegale. Haa tahu malee murnooti hundi Kaayyoo sabaa akka akeeka masakaa saaniitt fudhatanii jiru. Barreessaan kun ifaajjee murnoota kana walitt fidanii, qabsicha dhinsuu fi jabeessuu keessatt qoda fudhataa ture. Garuu ofiffummaan abba abaa fi humni hin mullanne danqaraa itt tahanii. Biyyatt galuu duuba, dhiibbaa ummataan walitti dhufu kan jedhu abdii guddaatu ture. Garuu doorsisa Dhaabaa fi dagalee saatt aggammate jeraatuyyuu addaan bahinsi ittuma fufee jira. Dhugaan beekamuu qabu, abba tokkoota ni macalaqsu taha, garuu gaaffiin Oromoo hanga deebii argatutt lafee qoonqoott rakkate tahee hafaa.

ABOn ifsa ayyaanaa sabichaa, abjuu saa fi daaya saati; gabaabamatt Kaayyoo saa. Abba tokkooti ergamsa hojii irra oolchuu fudhatan Kaayyoo sana irraa addatt ilaalamuu qabu. Yeroo diinni keessaa fi alaa ABO haleelu abba tokkoota sana haleeluu saa mitii, Kaayyoo sabichaa maqaa sanaan ibsamu haleeluu isaatii. Barreessaan kun miseensa dhaloota dhaaba hin dabsatamne kana bu’uursee tahuun saa hedduu isa boonsa. It fufiinsa addaan bahiinsaa fi irra ceha kanneen hamma fiixaan bahutt oofuu qabanii arguu caalaa kan mataa nama cabsu hin jiru. Dhaaboti Oromoo kan Kaayyoo sabaa hin haammanne Oromoo ofiin jechuuf nafii isaa hin qaban. Waan dhugaatt tahaniin of waamuun dansaa. Addaan babahuu itt fufnaan murni ABO maqaa sanaan of waamuu dandahu hin jiru. Barreessaan kun Kaayyoo ganama irraa utuu hin tahin, murna kam irraayyuu of fageessuu saa gaabii guddaan itt dhagahamaatu. ABO QC, kan Kaayyoo ganamaatt ciche jirate jedhee amanu waliin ture. Sun utuu hin beekamin bubbeen fudhate. Yaa’a sun itt tahe seenaaf dhiifnee, ABOn yoomuu ayyaana deebi’ee tokkoomuu yoo argate, lubbuun jiraannaan gammachuun itt dachaana ta’aa. Sun akka fedhe haa ta’uu, kaayyicha jaallawan kufaan sammuu keessaa qabaachaa, afuura isee dhumaa hamma fudhatutt biraa hin deebi’uu. Dhaloota meeqa fudhata malee Oromiyaa ofiinbuluu irraa kan dhaabu aangoon biyya lafaa hin jiratuu; bu’uursotii qabsichi akka dhaawata tahu dandahu beeku turanii. Qabsoon itt fufa! Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *