Oromoon “Ijoollee Abbaa Gadaa” jedhanii yoo dhaadatan waan keessaa itt dhaga’amutu jira jechuu dha. Boona dhaala qarooma itt hinaafamu sirna Gadaa hedduun si’ana demokraasii jedhun qabataa ture qaabachuunii. sana iddoo saatt deebisuuf abdii qabaniin, dargaggoon Oromoo addunyaa keessaa sirna hamaa ta’ett qabsaawaa jiru. Oromoon waan halle dhaban, lafa, qabeenya, mirgoota ilmaan namaa, bu’aa dafqa saanii fi too’annaa lubbuu saanii irratt. Qasbsaawuu saaniin waan dhabin hin jiru; akka waan bayyee ittin argachuu danda’an mirkaneefatanii jiru. Qeerroo fi Qeerrantii hanga injifannooti dugdda saanii akka ummata Oromoott hin gara hin galchinee lolaa jiru. Sirna Gadaa ture kan Oromoo bilisi, ummata saanii wallaba ta’ee akka jiraattu kan godhee. Bu’uura ilaalcha walqixxummaa, mirga ilmaan namaa, ulfina seeraa, qajeeltuu, nagaa, gootummaa, fi waliigalatt, gara jireenya malbulchaa, hawaasoma fi diinagdee. Gadaan akkaasaa utuu hin ta’in sirna hawaasaa fi malbulchaa eegalee biyya Afriikaatii. Filmaataa sirnoota hanga yoonaa jiranii ta’uu danda’aa laata? Dhimmi waamicha kanaa kan akeekate mirkanbeekota hawaasomaa fi hayyoota garaa garaatii. Golee Oromiyaa takko tokko keessatt malee shakalli saa dhaabbatee jira. Haa ta’u malee dhiiga Oromo tokko tokkoo keessa waan jiruuf yeroo qooqi gadaa dhahamu boona itt kaasaa. it. Amma kan barbaachisuu heerri dhaaboti Oromummaa irratt bu’uurfaman godifachuu kan danda’an qopheessuu dha. Oromo kan ta’e wanti isa diduuf hin jiruu.
Oromoon addunyaa kamiinuu kan dorgomu sirna malbulcha mootummaa ummataanummataan Gadaa kan jedhamu gaggeeffataa ture. Naannaa kurnan digdamaa ture, shakalli sirna Gadaa koloneefataan kan dhowwame. Sana duwwaa utuu hin ta’in Abbaa Muudaa Qaallicha Guddaattis godaansi tolfamu ni orgamee. Ergasii, quwalafaan, gosaa fi warraa fi amanteen addaan ba’anii, Sun seenaa, aadaa, afaan, dudhaa, boona, nameenya fi eenyummaa Oromoo halagaa jala galchee. Oromoon hanga danda’e sanneen deebifachuu qaba. Oromo hamma danda’e sana deebfachuun akka yerosii fi caalaatiyyuu saba boonaa ta’uu qabaa. Uumaa dhumaan yoo xinnaate waggaa saddeet sadeetitt sirni Gadaan haromsuu hin hayyamaa. Kanaaf, akeeka inni irratt hundaawe hedduun utuu akka turett hin ta’in guddifachuuu fi ijaaruun ni danda’amaa. Akaakileen Oromoo ijaaruu fi hojii irra oolchuuf yayyabi fudhatan walxaxaa waan ta’eef bara ammayyaaf salphisuun barbaachisaa ta’aa. Barreessaan kun kan miciraan akeekota saati jedhuun haa ilaalluu.
1. Nammi namummaa saaniin gosa, biyya, sanyii, bifa fi saalaa kamiyyuu haa ta’u ulfoo ture. Wanti halle hundi kaasaa malee hin tuqamu; naannaan uumaa ulfina seeraan eegamu qaba ture.
2. Olaantummaa seeraa fi kabaja inni qabu
3. Hawaasii dhaaloota waggaa saddeet gargar jiru Hiriyaatt hirama.Tokko tokkoon dhalootaa maqaa akka, Dabballee, Gaammee, Qondaala, Rabaa Doorii, Luba qabuu. Dabballeen ilmaan miseensota Luba si’anaatii. Amma garuu ilmaan saanii duwwaa utuu hin ta’in kan dhaloota hundaa ta’uutu irra jira. Sadarkaa hundaatt barumsii fi leejisii ni jiraataa.
4. Tokko tokkoon dhalootaa gola yk gogeessa duraan moggaasame akka, Robalee, Michillee, Birmajii, Harmuufa fi Duuloo qaba. Tokko tokkoon saanii hoggana kennatuu. Gogeessi tokko sadarkaa tokko irra waggoota 8 qofa tura. Sadarkaa Lubatt waggaa saddeeti utuu guyyaa tokkollee hin caaliin bulchaa. Kennata keessatt waggaa 40 as hin hirmatanii, Tokko tokkoon dhalootaa jiruu hawaasaa bara gadaa saa raawwachuun irra jiruuf abbawummaa fudhataa. Sirnichi caqasaa fi madaala irratt tajaajila in baasuu hubadhaa
5. . Kennatii dhaloota keessatt gaggeefamaa. Waajjirri Qaalluu kennata gaggeessuutt masakaa. Yeroo meeqa haa fudhatuu, mariin hanga hundi waliigalutt gaggeefamaa. Toko tokkoon
dhalootaa ilaalcha ofii misataa. Bantii irratt yk Lubi Caffee fi koree hojii gaggeesituu fi tajaajila noolaa dhaabaa.
6. Waggaa saddeetitt murni bulchaa ture sadarkaa itt haanutt (Yuba) bakka inni hojii gorsaa fi alangee waggoota 8f hojjettutt.darbaa. Hoggani saa abbaa barcumaa Kara Sabaa ta’aa.
7. Dubartii yoomallee caasaa dhiiraa kana keessaa qoda hin qabneyyuu, hoodi isaan malee hin raawwanne jiruu. akka mirga namummaa ofii ittiin eegan angoo Sinqee qabu. Dubartii Oromoo lakkofsaan kan dhiira caalan fakkaataa. Oromiyaa ammayyaa keessatt dhaabota fi tajaajila hundaa keessatt carraa wakqixee argachuutu irra jira. Dubartooti Oromoo mirga dubartoota Lixaa wayyaa qabu turanii. Deebi’ee dhalachuu Gadaa keessatt kan eegamu yoo wayyaa ta’uu baatellee bakka dubartootii Lixaa ga’an gadi akka hin taanee.
8. Mirgooti bojuu fi kan badee itt dhufe seeraa fi aadaan eegamoo dha. Yoo fedhan Oromoott guddifamanii Oromiyoo ta’u yk biyya ofiitt deebi’u yk bakka barbaadan dhaquu ni danda’uu.
9. Gadaan Ayyaanaa, Safuu, laguu fi ilaa fi Ilaamee alatt ilaalamee hin beekuu
10. Hunda booda dhalootii (Gadamoojjii) ulfinaa fi mirgootaan ni dacha’aa
Dhalooti namoota Hiriyaa ta’an waggoota sadeeti keessat dhaleetan, murna malbuchaa yk gogeessa tokko keessa jiran jechuu dha. Sadarkaa Dabbalee dhaloota hanga waggaa saeetiitt kan jiran hawaasii yk finnaan hubannoo addaa ilmoo fi haadholiidhaaf barumsa fi nageenya saanii caqasaa, akka isaan fanfana gitaa, hojii fi gosa keessa yeroo qacalee ta’an kana akka hin galle eegaanii. Kan Gadaa fi malbucha hawaasoma biran adda tolchu gadan waggoota hunda keessa jiran gocha hawaasaa keessatt qooda fudhachiisuu saatt. Walitt bu’a gitoota gidduu jiru yarsee sirnaan hundi carraa walqixxee aaangoo hirachuuf kennaa fii. Gadaan kan masakamu malraaga adda ta’ee akka ethics, logic, aesthetics, politics, metaphysics, fi epistemologiitiinii. Safuu, laguu, Ilaa fi Ilaamee, fi ayyaanni rimsama malraagaa keessa jiru. Dhaabi amantees Gadaa keessaa kennata masakuu fi bulchaaf qooda qaba ture. Si’ana amantee hedduun waan jiruuf malbulchi amantalaa ta’uutu irra jiraa. Qoodi Qaalluu qabu tuuta kennataan bakka bu’uu danda’aa.
Sirna Gadaa keessatt imaammati wagga saddeeti, sadeetiin gamaagamamaa. Kan dhimma hin baasne gatamanii haaraan barbachisoo ta’aniin bakka buufamuu.Seeroti yaadcichaa mitii garuu hanga wayyeeffamanitt yk haqamanitt sirinyaan kabajamuu qabu. Kanaafi kan Gadaan bara qaari’aa dha kan jedhamuuf. Akeeki saa eegaleen demokraasii Griikii caalaa turuu danda’uu. Gadaa hawaasoma malbulchaa Oromoon yoo walbarsiifnee Oromoon dura dhaabbatu hin jiraatuu. Jaarmaaota malbulchaa caalaa nama hiriirsuu danda’uu. Kanaaf, deebi’ee dhalachuu saa dhaabota Oromoo fi keesaayyuu qabsoo hidhannoo jabeessuufii haa gargaarruu. Qabsoon Gadaan caasame abbaa hirree ta’uun hin raawwatuu. Oromiyaa ammayyaaf wuxnee heera Gadaa qopheessuuf tarkaafii jalqabaa ogeeyyii wamuf dhaabota yk abba tokkoo barate fudhachuu danda’aa. Walitt dadabarsaa, mari’adhaa kan keenya barree ittiin haa bonnu. Oromiyaa haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Mudde 2026