OROMOO, LAMMIIN OF TUFATAN MAAL GODHAMU?

Kolonummaa dura Oromoon bilisummaan wallaba ta’anii ollootaan ulfaatanii biyya Oromoo keessa (Oromiyaa) jiraattu turan. Waggoota kolonummaa kana hundaa Amaarrii fi Tigaaruun empayera ijaaran harka waljijjiiruun moo’aniinii. Biyyoota dhuma jaarraa 19th qabatan kan Oromiyaa Gadaan bulu dabalatutt, aadaa, dudhaa fi sirna malbulchaa saanii of aangessaa ta’e babalisanii. Oromoof akka amantee tokko tokko ifsanitt “jannataa” ba’anii akka “jaannaba” seenuutii. Kanaaf, takkaa durii saanii Gadaa, kan lubbuu hundii fi naannaan seeraan eegaman yaaduu dhaabanii hin beekanii. Erga qabamanii takkaa walabummaaf qabsaawuu hin dhaabnee. Bara 1991 humnii Tigaaruu tokko, ABUTn hogganamu mirga Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachuu fudhatee ABO waliin Chartara Cehumsaa tokko mallateessee. Garuu yeroon cehumsaa utuu hin raawwatin waliigaltichi ganamee ABO fi dhaaboti hedduun ari’aman. Heerri federaalaa utuu jaarmaan Oromoo walabi akka ABO qooda hin fudhatin 1995ti labsamee. Sun ta’us gurguddoon Oromoo tokko tokko akka waan seenaan malbulchaa Oromoo dhumateett ABUTf eegee raasaa turan. Isa kanaafis itt fufanii.Heerichi demkraatawaa fakkaatus ABUT kakkabeessaa xinnoo seeroota empayeritt gochuun akkuma kanneen isa dura jiranii of aangessummaan bulchuutt ka’ee. Sanaaf, aangoo fi waan sammate hundaa waggoota 27 booda haaloon Abiy fi Isaayyaas irraa qabaniin dhabanii. Empayerichi ammayyuu erga hariiroon aangota Tigray waliin cite boodas hin kufnee. Utuu inni hin kufin waa’ee walqixxummaa, bilisummaa fi walabummaa dubbachuun hin danda’amuu. Oromoo abba tokkeen roorrisaa waliin akka baandaatt nagaan jiraachuuf seenaa mimicciiranii faarsanii buluu filatu ta’aa, Garuu Seexaa ofiin jaalbiyyoota ganuu saaniif wallolaa jiraatuu. Sabboonoti Oromoo erga hiree murteeffanaan sabummaa dhugoome boodas yoo ta’e walabummaaf qabsaa’uun saanii hin dhaabbatuu.

Malbulcheesitooti Oromiyaa 1974 ka’anii bakka bakkatt banka’anii; kanneen gaaffiin sabummaa Oromoo Itophiyaa democratofte keessatt deebii argata jedhanii; kanneen gaaffich kan deebii argatu yoo Oromiyaan wallaba taate jedhanii fi kanneen jijjiirama nu hin barbaachisu jedhanii. Kan tokko tokko addaan jiroo yk addaanjiroota (entities) bakka buusuu manna yaada kanaan dura hin jirre empayera suphuu filmaata jedhuu kan fudhatan, barumsa yk muuxannoo dhabanii mitii. Ofitt amanuun keessaa xururamee gara ciicannoo walaba taanee Oromiyaa gurmeessuu ni dandeeenyaa jedhutt geese? Surriidhiqaan kolonummaa jaarraa olii irra ilaalamuu hin qabu. Oromoon Gadaa demokraasiin yeroo hin beekamne kaasee of gurmeessaa akka turan irraanfataniituu. 60ooti bara dammaqinni Oromoo daalifuu jalqabe turee.Oromoon waan halle sirna itt gochuu jaallata. Akkatt ayyaamiin haa ta’u waatattaan guddatan sirna qabu. Kanaaf qarooma fi lakkoofsan kara guddinaa kan ofii ta’e qaba.

Kanaan sirna Gadaa kan malbucha, dinagdee fi howaasoma ittiin masakatu qabaataa ture. Horuu jaallachuun, sirna guddifachaa, mogaasaa, luka kennachuu qabachuun lakkofsaa guddifatee. Sun “naturalization” faranjiin jedhu fakkaataa. Kanneen olhantummaa seeraatt amanuun tikfataa. Kanaaf jireenyi saa atoomaa ture. Nammi hundi namummaa saatiin ulfaataa, walqixxumaan saa kan eegame, hiriyaa hundu dhimma biyya ofii keessatt sirna qooda itt fudhatu fi sirna Iddoosaa itt kennatu qaba ture. Murni bulchuu tokko waggaa sadeetitt danga’amaa dha. Oromoon, guddinni humna akka ta’ett amana. Yero tokkumaan bobba’u humni jala dhaabbatu hin turree. Guddini saa kan ofii hore qofa utuu hin ta’in, sirna halagaa fedhaa fi seeraan ofitt dabalus qaba ture. Kanas bu’uura ofii dura jabeeffachuun raawwataa. Sirna qajeeltuu, walqixxummaa, bilisummaa kana halagaan ofanggessaa ta’e hin jaallatuu. Nambiyyaa tokko tokko kan ayyaana jalummaan dhalatanis sirna kana itt hin boonanii. “Fon harree qooxii yoo jedhan daaraa jetti” jedhan. Isaanis halagaan lammii saaniin waliigalee akka hin jiranne humna ittiin nakkaru dabaluufii. Kana malee Oromoon tokkummaa Afriikaaf illee hojjechuuf aadaa, dudhaa fi muuxannoo waggoota kumootaa qaba. Ummati Afriikaa xinnoo fi guddaan walqixxummaan fudhatame carraa walfakiin yoo kennnameef Afriikaan waldiyyaa (continent) hundaan dorgomuu ni danda’aa.

Manguddoon tokko tokkos diinni keenya loltuu leenjii qabu, tarafballee fi tankii qabu jechuu dhaan qabsoo hidhannoo hin jajjabeesanii. Tokko tokkommoo ofbaruu barsiisuun durfannoo kennamuufin irra jira jedhu. Akka jirutt haa jirannu kan jedhanis jiruu. Kanneen biraas, keessaan finqilcha finnaa yaaluu akka furmaatatt ilaaluu. Garuu dargaggoon obsa hin qabne, dammaqina malbulchaa wayyaa qaban, kanneen iyyaatii diddaa addunyaa hidhatan karaa ayyaanni akaakilee saanii walaba ture isaan geesse irra bu’anii. Sun ofbara malculchaa misaa dhufuun warraaqsa 1974tt geessee. Garuu gurguddoo kolonomaa caala of ijaaranii fi humna hidhate qabaniinj butamee. Dabii, tuffii fi salphinnii kan Oromon baachuu hin dandeenye ta’ee. Oromoon kan lakkoofsaa fi qabeenya uumaan badhaadhaa ta’an sababii halagaa bulgun bulchamaniif hin jiruu.

Malbucheesitooti Itophistooti tokko tokko onnee gaaga’ama ittiin fudhatan dhabuu saanii takkaa of komatanii hin beekanii. Maqaaf dirree lola keessa jiruu, waggoota shantamman darban qarruu Oromoo karaa hamaa irra kaa’uu malee jireenya Oromoof hagas mara buusanii hin beekanii. Sochiin walabummaa garuu jija hedduu galmeessuu irrayyuu akka sagantaa saatt empayericha raawwachiisuuf xinnootu hafee. Kanaan basha’uu manna empayerri cacabde jedhanii kan gadoodan jiruu. Seenaa keessatt empayerri waliinjiroo wallaba ta’aniif bakka gaddhiisuu malee gonka caccabuu irraa baraaramree hin beekuu. Yoo empayerri jige malee Oromiyaan hin bilisomtu.

Oromiyaan dilormaan kan kolonefatan caalaa. Godinicha keessaa isa guddaa ruree, ammas sanuma. Oromoon guddinaa saanii kana dhimma itt ba’uu kan hin dandeenyeef aangota addunyaa tumsa fi meeshaa isaan hin qabne abda tufu diina saaniif kennuu saaf.Hubisaa ammayyuu ni dhaga’amaa. Waranichi jara gonfoo fi demokraasii, kan hinfarfamne Gadaa fi ummata walabaa fi kolofetaa gidduu dhaa. Kaleessa Oromoo fi Itophiyaan akka moo’amaa fi moo’aatt walbeekuu. Hardha Oromoon buubaa faccisaa jiraa. Oromoon nagaa jaallatuu. Oromoon nagan ollaa gaarii taanee haa jiraannu yk fedhaa waliin akka walqixummaan, hiree walii walii kabajjuun, fi akeeka fedhaan waldaa ummachuun tokkeessoo malbulchaa keessa jiraachuu dhoofsifnaa jennaan Itophiyaan diidaa jiru. Koloneeffataan Oromoon Oromiyaa irratt mo’aa ta’uu beekuu yk olhantummaa carraa kennuufis hin fedhanii. Golli saanii yeroo hundaa olhaanaa yoo ta’uu, jarri kaan golahedduu demokratawaa fakkeessuuf gula yaa’uutu irra jiraa. Oromoo qamaa saanii fakkeessanii addunyaa gowwoomsuuf hoggansa saanii fo’uuf akka qooda fudhatu barbaaduu. Oromoo, homtuu gaaffii saanii hiree murteeffachuu dhugoomfachuu irraa maqsuu hin danda’uu. Tarii, sana booda fedha ummata Oromo yoo ta’e waliinjiroo (constituency) tokko qabaatanii bulchuuf waliin dorgamu ta’aa. Hammasitt Oromiyaan walinjiroo saanii mitii.

PPn ADWUI foyyefamee. Miseensota ADWUI ABUT malee hunda hambifatee. Mataan saa amma OPDO dha (ODP). Yeroo empayera Itophiyaa (Abyssiniyaa fi koloneeta see) bulchuuf yaada jijiirrate ABUT ADWUI uumee. ABUT fakkii ofiitiin mesharkaa empayera Itophiyaa akka ta’uuf OPDO fi PDO hunda dhandhoonee. Eegala misensoti OPDO akka boojuu waraanaa ta’an yoo himamu booda kan biraa Oromiyaa keessaa madaqfanii turanii. Hundu surrii dhaqimanii sirna Itophiyaatt baqsamanii jiru. Kanaafi kan OPDOn dhaabaa Itophiyaa farra Oromooti kan jedhamuu. Abba tokkeen qaccee sabummaan Oromoo dhahachuu danda’uu, garuu qaccee malbulchaa mitii. Hogganni saanii innaa aangoott olba’e Itophiyaa surraa see duriitt akka deebisu labsee. Goototii saas Nugusoota Itophiyaa durii akka ta’an himatee. Surraa caalaa kan argatte Oromiyaa qabachuunii. Qabeenya, akka, albuuda minyaa, ilka kkf saamee fi Oromoo boojuu waraanaa fi kanneen biro garboomfatetu daldala garbagamaa waliin qabaachuu gargaaree beekamaa tolcheen. Waa’ee Oromiyaa, aangoott isa fidus, innis akka nugusootaa gaaffii Oromoo waan hin fudhanneef hin dhoofnee. Sochiin bilisummaa Oromoon, empayera inni hogganuun mormuu wanti dhaabsisu hin jiru. Tigaaruun yeroo aangoo qaban dubbee saanii hin irraanfannee. Kanaaf ABUT yoo aangoo irraa mucucaate biyyi saa da’oo ta’eefii. PPn da’oo kan ta’uuf qabaayii? Nammuu PPn mootummaa Oromooti kan jedhamu dogoggoraa ta’uu dubbatu. Oromiyaa balleessuu malee addatt waan tolcheef hin jiru. Oromon akka namooti tokko tokko jedhan “Bala Gizee” (Yeroon kan saa kan ta’e”) mitii, kan caalaatt itt roorrifame ammaa.

Kiyyoo kolonummaa jalaa futtaafachuuf Oromoon ofbaran, ijaaraman fi hidhaatan waggoota shantamaan dura socho’anii. Sun empayericha hundee rommisiisee akka duufu godhee jira. Si’acha utubaan meeqayyuu ol hin qabu; diigamuutu irra jira. Kana booda Oromoon akka sabaatt gad ilaalamuun hin jiru. Abba tokkooti surriidhiqaa saanii keessaa hin baane jalee saanii ta’anii kan hafan jiraachuu danda’uu. Garuu imala bilisummaa Oromoo kan dhaabuu danda’u hin jiru. Qabsoon saanii hanga yoonaa empayericha buqisuu kan hin dandeenyeef, diinni Oromoo Oromoon dha’uu ammayyuu danda’uu saatii. Sun bara baraan itt hin fufuu. Yeroo hundi of baru, Itophiyummaa of keessaa haqee Oromummaatt boonu, sun ni dhaabbataa. Waraana diddaa hunda keessa Oromoo bandoti akka basaasaa fi hogganatt turanii. Shaakalli ofitt hirkachuu dadhabuun akkasii, obbolaan obbolaa akka ganan Oromoo waliin baayyee waan tureef quwannoo gad fagoo barbaachisaa.

Nyaaphi wallaalaa gowwoomsuun akka waan koloneeffatamaaf jijjirammi godhamee bu’urri saa utuu hin tuqamin, irra keessa faayuun fakkeessaa dhufanii. Kannisa nama hiddee ajjeesuun ilkee saa buqqifatan malee laalaan hin dhiisuu. Ammayyuu halagan lafa isaanii ciniinee, qabeenya saaniitiin isaan hacuucaa fi of goobessaa jiraa. Bilxiginnaan yoomallee horteen jara empayericha ijaaranii hin qayyabanneyyuu faaya saaniitii. Bilxiginnaan akka sirna kolonummaa nafxanyaatt empayera keessaan Oromiyaa gad qabaa jira. Jarrii isa gaddhiisisanii bakka bu’uuf malee mirga Oromoo moo’ummaan qabu kabachiisuuf mitii. Oromoof WBOn akka ija tokkootii. Iseen badnaan want halle ni dukaanaawaa. Kanaaf, cimmaa, furrii fi injijjii yoo qabaatullee muda hunda waliin eegamuutu irra jira. Dhaaba Oromoo kamiyyuu ambatt ba’anii cabsuun homishaawaa mitii; nyaapha qofa gargaaraa. Kan Oromo ofiin jedhu hundi Safuu heduun barbaachisaa dha. Karaan qeeqi yk eerri ijaaraa ta’e akka jara imaammata baasu bira ga’uu faluu dha. Kana malee hanga carraan argamutt callisuu wayyaa.

Akkaataan Oromoon itt jiran qaroomummaa, onnee xiiqiif seenaan qabanii fi quwadilormaa (demography) saanii hin calaqisuu. Oromiyaa miillaan dhaabuuf hedduutu itt bobba’ee, garuu fulduratt tarkaanfachuuf hojii hedduutu hafaa. Nammi baayyeen sammuu kolonummaa fi fuudal kan bara Qarooma Namtolchee/QN (AI) fudhatama hin qabne irraa bilisoomuu qabu. Sun caalaattuu Badii (diaspora) irraa muldhataa. Harki diinaa dheeraa waan ta’eef duukaa bu’ee gola, ganda, gosa, amanteett hedduu saanii yero walirraa fageessu agarraa. Kan biraa hafee Waldaa Hawaasaa Oromoo dhiisanii kan Itophiyaatt galan jiru. Miira duubatt hafaa fi bu’aa yeroof jedhanii Oromummaa akka isaan duukaa garba hin ceene gochaa jiru. Bulee garuu dhalooti saanii jeeqama eenyummaa keessa akka galu ijoollee qaccee Afrikaanota duraan dirqiin fidan tokko tokko irraa ni agarraa. Kan waldaa hawaasa sanii cimsanii eenyummaa saanii waggoota kuma hedduuf tursuu saanii Yuhudota irraa baruu dhaa. Akka waliigalatt ijoolleen Oromo biyyatt deebi’aa hin jirtu; kanaaf yoo xinnaate Oromummaa baraaruuf Hawaasa Oromoo Badii jabeessuu dha.

Sagantaan ABO, kaayyoon malbulchaa qabsoo bu’uuraa, akka ummati Oromoo hiree saa sabummaa ofiin murteefanna ta’uu hima (Sagantaa 1976). Akka sagantichaatt kun kan mirkanaawu republik ummataa demokrataawaa ijaaruunii. Kana hojii irra oolchuuf meeqatu dhumee, Kora sabaa qofa kan kaayyoo dhaabaa yk angoo heeraa kamuu kan jijjiiruu danda’uu. Miseensi kamuu jecha heeraa cabsuun hanga seexaa ofiif qabannoo gootota kufanii gananitt lakkaawamaa. Oromoon dhugaa Safuu ni qayyabata, cabsuun saas akka namaa fi Waaqaan adabamu beekaa. Mirga hiree murteeffanna referendumiitu xumura itt godhaa. ABOn murtoo ummataa ni kabajuuf samanee jiraa. Garuu yaada ofii fudhachiisuuf hanga dhumaatti deemaa. Miseensi ABO heerri dhaabaa hamma jijjiiramutt hordofuun irra jiraa; sanaan dura cabsuun akka mitii. Gaddeebituun empayera lubbuu dheeraa kennuuf akeeka ABO hankaaksuu barbadi ta’aa. Garuu hin milkoofnee. Namicha Norway, Vidkun Quisling duwwaa mitii kan biyya ofii ganan, hedduun golee addunyaa hunda keessa jiru. Bandootaa gargarame kan namatt darbu diloota ta’an malee gonks waraanoonota injifatanii hin beekanii. Sobaa fi dabi kan dhugaa qaban irratt raawwatan saxilamuu fi dabsatamuun saa hin hafuu. Garuu namooti maaliif fedaa saba saanii kan hamaa irraan ga’u fedhanii gargaaruu? Erga Oromiyaan qabamtee hanga yoonaa Oromoo hedduutu gara jijjiiratee. Maaltu akka of jibban tolchee? Qorqora gad fagoo barbaadaa. Kakaan jaallota waliin godhan ulfoo dhaa; nammuu maaliif cabsaa? Kaasaa saa baruun furmaata itt soquuf nama gargaaraa. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa ta’u!

Ibsaa Guutama

Waxabajjii 2026