0

Sammuu Itophiyaa Dullattiin Jijjiiramu malee Jijjiirammi Hin Jiraatuu

Tibba akka bara Ali Aluulaa, eegduu barcuma mootota Itophiyaa isa eegee keessa waan jirru fakaata. Hamma Teedros dhufee salphisuun gad darbatett galfata itt kennameef amanama waan turef, mootummaan of hin muudnee. Kufaatiin saa isa qofa hin miinee, ergasii Oromoon godinaa sana mataa ol hin qabanne. Eegdummaan malbulchaa, akka guddisee, daa’ima gooftolii saanii ofirratt guddisuu malee ofii hin guddaneetii. Haala akkasii jalaa bahuufi Oromoon kan sochii bilisummaa eegalan. Isaanis kanneen walabummaa fi kanneen empayera Itophiyaa demokratessuuf ijaajjaniitt hiramanii turani. Hardha sochii dargaggoo Oromoof haa galatu, lachanuu waloon karaa murteessaa isa guddaa, ummata Oromoott baasu kan argatan fakkaatu. Kanneen walabummaaf qabsoo hidhannoott bobbahan hacuuccaa fi rorroo umati saanii jala jiru addunyaatt beeksifachuu fi mootummaa cehumsaa Itophiyaa (TGE) keessatt qooda fudhachuu dandahanii turan. Erga ABOn TGE keessaa bahees dhaaboti Oromoo walaba tahan, ilaalcha Itophiyaa demokraatessuun akka mormituu amanamtuutt ijaaaramanii turani. Garuu Itophiyooti hin fudhanneenii. Caalaan saanii ABO dha jedhamanii gidiraa guddatu irra gahe. Barichi bara “OPDOn yoo hallagan keessisaa ABO” bara jedhame. Garagarummaan hedduu saanii akka qabattee itt dhiheessan qofa ture. Lachanuufuu, dhumarratt waan tahuu ooffalcha ormaan (referendum) kan murteefatu ummata Oromootii. Hedduu jijjiiramicha kan deggeran acchiin nu gaha jedhaniituu. Jijjiiraman tokkee haaraatu eegama malee irra deebi’a Itophiyaa dullatii hacuuctuu miti.

Oromummaan aadaa kamuu gadi, Oromiyaanis maxannee biyya kamiiyyuu miti. Qabsoon ABO sababa adda addaan bakka akeekkate gahuu hin dandeenye. Caalaattuu shororkeesstu jedhamee, maqaa saa sababfachuun sabboonota Oromoo ilaalcha walaba qaban kurnaan sadiif dararamaa hin himamnee jala jiraatan. Jibbi horeen qubattuu tokko tokko ABOf qabdu inn mirga saba kamiittuu darbeef utuu hin tahin, Oromiyaa fi Oromoo jalee saanii hin taane yaaduu dadhabaniitu. ABOn hankaaksoo isaanii fi hawwa olhantummaaf qaban gidduu jiran hundaaf bakka bu’aa jedhanii fudhatuu. Oromoon isaan tuffataa turan, addatt eenyummaa, walqixxummaa, birmadummaa fi Oromiyaa irratt abbaa biyyumaan akka beekamuuf gaafachuun saaniis madda jibbaati. Sun jiraatus Oromoon hariiroo dullacha wareegama guddaan kukkutee karra bilisummaa irra gahee jira. filmaati kan saaniitii, harka saanii Oromiyaa irraa fudhatanii jijjiiramicha xumura milkii qabutt dhiibuu yk akkuma barsiifatan waraana kaasuu dha. Garuu jijjiirammi dhugaa dhibdee keenya hundaaf qoricha.

ABOn jiraatee dhiise ummati Oromoo gaaffii saanii mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachu heera Itophiyaa keessa jiru kan waldhabdee wal irraa hin cinnee qabbaneessuuf galfame hin dhiisanii. Durfannoon gaaffii saanii gara qajeeltuu, walqixxummaa fi birmadummaa Oromoof malee maqaan Itophiyaa jedhu waliin jiraachuuf yoo murteessan kan dhoofsisaaf dhihachuu maluu. Yaada ammayyaa keessatt finnaan gubbaa muudame hin jiru. Namaan uumamee, nammi midhaassuus diiguus ni dandaha. Ofirroo qofatu qabattee Itophiyaa ilaalu kam irrattuu hin dhoofsisu jedha. Fedha murna kamiiyyuu kan biraa irratt fe’uu yaaluun dhugeeffannoo hedduu keessatt cubbamaa dha jedhamaa. Yeroo ammaa haala gaddhiisaa (anarchy) sabi kamuu saba biraa too’ataa hin jirre, garuu sammu seenaa sobaan dhandhonamen lallaba hordoftoota sammuu dhiquuf mootummaa Itophiyaa waggoota dhibbootaaf angoo irra ture tolche jala jirra. Ida’amooti sobaa sammuu Itophiyoo keessaa haqaman malee hariiroo kolonoota durii waliin qaban miidhaa itt fufu dandaha.

Waanti ummati Oromoon fedhu ummata Oromoo qofaan murteeffama. Miltoon dhugaa, Oromoon akka hiree ofii ofiin murteeffatan gargaara malee gubaa “Zaranyaa fi “nyaa” biraa itt hin baasu. Seenaan Itophiyaa waggoota 150 darbanii kan malbulchesitootaa fi daftarootaa Itophiston lallabaman Oromo hin dabalatu; yoo ni dalataan fudhatames dogoggora qaba. Kan koloneeffamee fi kan koloneeffate yoomallee yerooma tokko tahan tahe wanti jala darban adda addaa. Tokko dabsatamaa, qaanii, garboomfamaa, fi dararamaa bahe; inni biraa injfannoo, boonaa, garba oofuu, fi gammachuuti bahe. Haala lamaanu himuun seenicha kan dhugaa godhee, tokko dandamachiisuu, isa kaan sirreessuuf nama gargaara. Surraa Itophiyaa waliin ijaaruu sobaa irra deddeebi’anii himuurra wayyaa. Oromon, “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” jedha.

Waggaa arfan darban kan dhiita’e dhoowe jira. Dargaggoon Oromoo dhaadannoo adda addaa akka “Oromiyaan Kan Oromooti”, “Abbaan biyyaa Oromoo dha” jedhu fudhatanii mormii nagaa finiinsanii. Sanaan gola moo’aa ture ADWUI/ABUT hundee raasanii. Qabsoo kanaan, sabboonoti murna Oromoo halagaatt maxxanee fedha saa hojii irra olchaafii ture keessa jiran of bilisoomsanii jijjiiramaa ADWUI keessatt tolfameen aango golichaa fi empayerittiitt ol bahan. Qeyeetti deebi’uunis “Garee Lammaa” kan jedhamu uumee mormii dargaggoo bira goruun diddichaaf hoggansa kennuu dandahe. Ummati Oromoo tajaajiltummaa angafooti saanii maqaa Oromoon itt galchan keessaa of baasuu saani gatii hin dhowwanne. ABOn akka yaadame hoggansa kennuu baatuyyuu, Kaayyoon sabaa inni diriise hanga hardhaa qabsoo Oromoo dura haantummaan masakaa jira. Kaayyoo sanaan Oromummaan aadaa kami gadi mitii, Oromiyaanis biyya kamiinuu. Gareen Lammaa gaaffii Oromoof deebii miti. Garuu karaa gara deebii sanaatt geessu mijjeessuu dandaha jedhee ummati abdii kan irra kaawwate fakkaatu. Tuttuqaa keessaa fi alaa irra jiru jala hulluuqee cehumsicha fiixaan baasuun salphaa hin tahu. Hojii kanaaf kan garee kana irra wayyuu waan hin jirreef malbulcheessitooti gaaffi ummata ofii deebii barbaadan hamajaajii irraa faccisuu malee irra goranii balaalffachuun humna walbuusuu fi halagaa jabeessuu taatii. Gareen kunis akka aangoo fi dhiibbaa halagaan hin machoofne abdanna. Milkiin bahuun cehumsichaa, jijjiiramaa empayerichaaf bu’aa guddaa, funcaan hundi kan itt caccabu fi ayyaanni haaraan hariiroo ummatoota birmaduu fi walqixxee yero jalqabaaf itt uumamu taha.

ADWUI haaran, jijjiiramaa ummataan dirqisiifame kana, waggaa lama keessatt gara sirna demokraatawee fi olhaantummaa seeraa kabajuttin ceesisa jedhee irbuu seene. Sanaaf dhaaboti empayericha keessa fi ala jiran, kan hidhannoo qaban hiikkatanii deggeruuf birmatani. Dhaaboti hundi kaayyoo fi dhaadannoo ofii akka qabatanitt mootummaan simatamanii. Oromoof, hiree sabumaa ofii ofiin murteeffachuun mirga. Kun utuu hin tuqamin cehumsaa duuba ummati Oromoo carraa hojii irra olfachuu argata jedhanii fudhatanii. Sun ilaalcha murnoota Oromoo lamaan waggootaaf wal nokkorsiisaa turan gubbaatt tuqaman ni araarsaatu abdatama. Dubbiin sabboonota Oromoo gidduu qabattee kana irratt ture kan giidoo fi yeroo hedduu fixee, hamma waldhabdee sirinyaatt isaan geese ture. Amma gareen tokko utuu tarsimoo hin tuqin tooftaa jijjiirratee jira. Qabsaawota Habashaa keessaa, tokkummaan Itophiyaa dhoofsisaaf kan dhihaatu miti kanneen jedhanis jiru. Gareen Lammaas yaada kana kan qoddatu fakkaata. Jijjiiramicha , demokraasii fi olhantummaa seeratt hanga amannett bilisummaa yaadaa fi of ifsuu humna barcum eegduu yoo tahellee fudhachuun akka. Garuu abbaama biratt kan hafan tahuu qabu malee humna finnatt dhimma bahuun ilaalcha saanii kan biraa irratt fe’uun yaaluu hin qabanii. Yoo gara keenyaan kun yaada bososee, gaaffota ummatoota naannaa saanii jiran dhaggeeffachuu hin dandeenye fi haala qabatamaa deemaa jiru hubachuu hanqatett fudhannuyyuu, ejjennoo demokraasii fi ol haantummaa seeraa irrati qaban isa dhugaa akka tahuf bu’aa cicannoo ni kenninaaf.

Wal nakkarri kanneen Itophiyaa dullatii deebisuuf akeekatanii fi kan tokkummaa haaraa uumuu abdatan gidduu jiraachuuf deemu salphaa hin tahu. Akka inni kaan itt of yaadu qayyabachuu fi sammuun moo’aa fi moo’amaan durii gara walqixxummaa fi walii yaaduutti jijjiiramuu gaafataa. Empayera duubaa rakkoon inni dhugaa, furmaata itt barbaaduu irratt nama mudatu, yaada empayera jala kan jiran hundii gaaffii tokko malee Itophiyummaa fudhatu jedhuu. Dhugaan jiru garuu, kanneen Itophiyummaa saaniitt boonan akkuma jiran, kan Itophiyaan garboofataa keenya jedhan jiru. Nagaa, tokkumaa fi wal qayyabannoon ni barbaadama yoo tahe, kana irraa ka’ameetu kan furmaati soqamuu qabu. Kana malee waanti afaan dabbaloota Itophistoota keessaa bahu hundi eebicha taha.

Abdattuun sirna Nafxanyaa Itophistoota waa hin beeknee waa’ee sabootaa fi sabaawotaa mirga dhalootaa gaafatan yoo dhahan, qooqa “Zaranyaa” jedhu afaan kaa’uu. Sana jechuun namoota sanyiin nama faanfanan (faranjiin reesist jedhuu) jechuu yoo tahe, dogoggora guddaa dha. Oromoon waan kanaa shakaluun hafee qooqayyuu hin qabaniif, akkasumas seenaa saanii keessatt ilmoo namaa tokkollee fanfananii akka hin beekne kan sana jedhaniin beeku. Kanaaf nammi sanaan isaan haddheessu doofaa, lebee, tuffatamaa dha. Oromoon Afrikaa hundeen tokko waan tahaniif sanaan gagar baasuu yaaluun qaanii dha. Oromoon walaba turan, duubbee ofiinis ni boonu. Sun, “Zaranyaa” isaan tolcha taanaan, gurra saanii keessatt “walabummaa” waan hasaasuuf, ishoo! jedhu. Haa tahu malee abdatuu seera nafxanyaan tokko kan isaan tolchu Afrikaanummaa dha. Kan biraa tahanii “Zaranyaa” nuun jedhu taanaan eenyummaa bira waliin hin qabnu.

Mootumaan Itophiyaa amma aangoo irra jiru dhaalaa mootummaa dullatitii darbiteetii; kana jechuun murnoota fedha ofii qaban keessa tokko jechuu dha. Kan darban irra abjuu wayyaa tahe Itophiyaaf qaba taha. Garuu kan saa abjoota ummatoota hundaa bakka bu’a jechuu miti. Kaayyoo saba saanii kan waggoota hedduuf qabsoo haddhaawaa geggeessan, utuu ummati Oromoo carraa hiree ofii ofiin murteeffachuu hin mirkaneeffatin bakka bu’aa garboomfataa saaniif gad dhiisu jechuun waan hin yaadamne. Caalaattuu, gara manii saba saaniitt walqixxummaa, nagaa fi birmadummaan fulduratt furga’uu eegu. Oromoon kan humnaan narraa fudhattan deebifannaan, walqixummaa fi birmaduummaan isinii wal jiraachuun nuwi hin dhibu jedhu. Gurguddoon Habashaa “gizatii” abbooliin keenya nuu tursan akkamiti gaddhiifna jedhu? Naannoo ofii eegalaatt yoo hin quufan tahe “qiny gizat” deebifachuun abjuu gonka hin dhugoomne taha. Eegdu barcuma saanii waliin gamtoomanii karaa wayyaa keessaa bahan falachuu dha.

Ummatooti cunqurfamoon soda fi dorsisa malee egeree ofii murteeffachuu qaabu. Hangasitt cehumsa kana keessa hundii daaya ofii gara mirkaneeffachuutt hojjechuu dandahu. Tibba kana keessa mootomichi fanfanaa fi loogii malee olhaantumaa seeraa kabachiisuu dha. Gara cehumsaa nagaa, mirga walqixxummaa fi bilisummaa sabootaa fi sabaawotaa eegsisutt tarkaanfachuuf yeroo ammaa hoggansa Dr. Abyi irra wayyaan hin jiru. Kan jiran hundi sonaawaa, ga’ummaa, daneettii fi demokratummaa hanqatu. Yoo gamnooman Cehumsi kun yerroo kan hanqate itt guuttatan tahuu dandaha. ADWUI haaraatt gufuu tahuu yaaluun bineensa kanaan dura beekamu caalaa bujjuugsaa afeeruu taha.

Hobbaatiin jijjiirama deemaa jiruu, gaaffolee ummatootaf deebii ni kenna jennee abdiin haa jogaanu. Yeron kun, yeroo dhaaboti Oromoo walitt gumaawuun qabattee irratt walii galuu dandahan shaffisaan jabeeffatanii. Ilaalcha addunyaa ofii ummatichaaf qaban irra baraarama ummaticha irratt xiyyeeffachuun durfannoo argachuu qaba. Baraarammi saba Oromoo baraarama godinichaa, abdattuun sirna Nafxanyaa, akka ofii barbaadanitt yoo hin taane diiguuf jabaatanii irratt hojjechaa jiraniif dhima baasa. Qubqabsiisota, yabboo fi Galmistana keessattillee miira hamaa buubaa tahe namoota biraatt agarsiisu. Sun jijjiiramaa walqixxeessaa fiduuf sirraawuu qaba.

Warraaqsi Oromoo walabummaan haa tahu akka federaawaatt, Oromoo Oromiyaa irratt birmaduu fi moo’aa gochuufii. Hojiin Oromiyaa keessatt gaggeeffamu kamuu seera Oromoo fi waliigaltee ummatoota biraa waliin tolchaniin bula. Yeros qofa kan iggitii fi gammachuu waaraan argamu. Kanaaf, labsi yk ifsi eenyuunu tolfamu Oromoon akka fudhatamu akeeka kanaan kan walfudhatu tahuu qaba. Qubattuun bara sirna Nafxanyaa kaasee hanga Wayyaaneett jiran yoo fedhan qaama biyya jiranii tahu malee isaaniin qabatee koloneeffataan itt deebi’uu hin dandahu. Heera caffeen saanii tume yk heeraa fi walgaltee fedha guutuun qooda keessatt fudhatan malee akka Oromiyaan itt bultu eenyu itt himu hin dandahu. Baayyinni namoota halagummaa himatanii abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irrat qabu hin hanqisu. Hundi mirgaaf dirqima seerri Oromiyaa kennuuf malee seera biraa amanamoo tahuu akka hin dandeenye fudhachuu qabu.

Haala federalawaa keessatt mootummaan federaalaa humni qabaatu moo’ummaa ofii irraa finnooti federalawan fedhaan kennaniif qofa taha. Hariiroo namootaa akka sochii namaa fi mi’aaf seeroti bakkallee fi barsiifatoota saboota qarooman qabaniin masakamuu dha. Sanneen seerota federaalaa fi finnootaan gabbifamuu dandahu. Wacii waa’ee Finfinneen qabate gidduu kana dhagahamu hoomacha sammuu koloneeffatoo cubuluquuf dhiddhiitataa jiranitii. Sirna Nafxanyaa abdattuun, jijjiiramicha hankaaksanii, sirna dullacha deebifachuuf, Finfinnee akka daannoo dilii isa dhumaatt ilaalaa jiru. Gaaffiin kamuu jiraattota Finfinnee karaa iddoosota kennatamaniin, akeeka nammi tokko irba tokko qaba jedhuun malee naannaa biraa waanti galchu hin jiru. Teessoo federaalaayyuu, sichi sabootaa fi sabaawoon waliin jiraachuuf waliigalan mariin filatu. Finfinneen yoo filames abbaa biyyummaa Oromoon irratt qabu kan haalu tahuu hin qabu. Sabootii fi sabaawoti walii wojjin jiraachuu itt fufuuf fedha qabanillee ilaa fi Ilaamee duuba Magaalaa Muummicha saanii filatu. Yoo Finfinnee filatanis kan moo’ummaa Oromo hanqisu tahuu hin dandahu. Ejjennoon kun kan dargaggoo Oromoo qofa utuu hin tahin kan gurguddoon Oromoo bakka dhaqan hundatt daddaaqna malee ifsaa jiranii.

Finnaan Amaaraa fi dhaaboti Amaaraa fedha keessaa qabna jechuun nama dhiba. Sana gochuun qaabannoo badaa hariiroo isaan gidduu ture akka haqan gargaaraanii hin jirani. Qawwee baattuun Nafxanyaa jedhamtu sabootaa fi sabaawota birmaduu kibbatt argamanitt duuluun imperiyaalistoota Awuropaan waliigaltee mallateessanii baasaa saanii akkeessuun jaarraa oliif garboomfatanii jiraatan. Sun hundi tahus koloneefatamtooti kan darbe irraanfachuu fi aagii tufuun lafti saanii taakkuun tokkollee halagaa jalatt utuu hin hafin itt fufnee walqixumaa, birmadummaa fi ulfinaan waliin haa jiraannu jedhaa jiru. Murnooti tokko tokko wareegama guddaa itt baafame utuma beekanii jijjiiramicha garaa qulqulluun hin fudhanne. Mootummaan Dr. Abiyiin hogganamu gola Itophiyaa ADWUI jedhamuun caasame. Oromoon, ummatoota finnaa empayeraa jala jiran kamiifuu hin loognee akka tahu Kan Itophiyootii irratt walii galan amanuun fudhatanii. Haa tahu malee sirn barcuma eegduu durii irraa eeganii fedha saanii qofa akka tajaajilu barbaadu. Qooqi “hin baabsineen” jara duubatt harkiftuu sana bira hin jiru. “Nu waliin yk nuun faallaa jirta” jedhu. Jechuun, Itophiyaa dullatii yk Oromoo fi kanneen biraa waliin jechuu dha. Itophiyaa dullatiin yoo isaanitt gutummaatt of jijjiiran malee hiriyummaan halagaa amananii hin beekan. Oromoon sadarkaa guddaatt isaan tajaajilee ulfinaan gaggeeffame hin jiru. Hoggaatuun bara Nugusaa, Isapaa fi Wayyaanee walitt yaate, utuma Gareen Lammaa amba keessatt maqaa saaniin kakataa jiranii, qaanii malee maqaa balleessuun Amaarinyaan caraanaa oolu. Yakka ofii bobaa keessa kaa’attee Oromoo fi hogganoota Itophiyoota Oromoo tahan abaaraa oolti. Kashalabbeen kun Itophiyaa bakka hin buutu jedhamaa taha, garuu akka yaada maddisiiftuu beekamoott utuu lammii saaniitiin hin mormamin turanii jiru.

Hogganooti Garee Lammaa dhalootaan Oromoo dha, garuu mamii malee Itophistoota tahuu saanii labsanii jiru. Sun tahees, dhugummaa haasaa saanii fi dubbee safuu qaban heduun, tibba aangoo saanii olhantummaa seera ni kabaju jedhanii amanuun Oromoon hogganoota cehumsaa, empayera yeroon itt darbee tahuu saanii fudhatanii jiru. Hunda keenyaa, firaa fi hamajaajiif isaanii achi burjaajii malee filmaati biraa hin jiru.Yoo xinnaate Sirnaa fi seera kan ittiin kabajchiisan qawwee qabu. Tarkaanfatoo haa tahan malee, PDO abbaa hirree hamaa hunda caalu jala akka turan beeknaa. Kan isaan nuwi, noola aangoo jijjiiramaatt dabalaman dhaaba saanii ADWUI bilisa baasaniitu. Kan qawwee qabatu tuttuquun haala kanaan dura gatii guddaa itt baasnee ofirraa darbannett utuu hin qophaawin nu deebisuu dandaha. Lixaa fi Kibbaan biyya keenya qaata bulcha waraanaa jala ooltee, sun maal jechuu akka tahe beekna. Faallaa jiru akka itt qabannu yaada waltahe dhabuun qotee bulaa fi dargaggoo keenya balaa jala galchinee jiraa. Karaa itt araarrii fi nagaan buu soquu irra kanneen ibidda boba’utt cidii guuran jiru. Lolataan polisii miti. Kan leenjifame ajjeesuufii. Kanaaf, mangoddoo Oromoo, dhaabotii fi mootummaan aangoo irra jiru maraatummaan kun dhaabbatee, ummati dafqa ofiin bulu karaa nagaa itt argatu falu jennee abdanna. Kun dandeettii Oromummaa kan qoru tahuu irraanfachuu hin qabnu. Beelaa fi jeejeen namaa fi uumaan tolfame fagoo hin jiranii. Kana jalaa miliquun dorgomee malbulchaa irra durfannoon kennamuu fii qaba. Mee, yeroo cehumsaa kana qawween taphachuu haa dhiisnuu.

Kashalabbeen yaada Itophiyaa Dullatii afarsitu, seera cabsanii naannaa saaniitt akka waliin hin dorgomneef dhaabota Itophiyaa biraa dorsisaa jiru.Suuqota halagaa Abbayya gamaa Bahir Daar dhufanii akka gubaniitu himamaa jira. Daseett namootuma ofii ilaalcha addaa fi dhiibaa halagaa qabu jedhanii yaadan danfaan gubuutu agarsiifame. Bakka lamaanittu harka ABO akka keessa jiru kan himan jiru. Kun kan agarsiisuu Oromoo fi ABOn naannaa Amaaraatt akka bulguti himamuu jalqabamuu dha. Murnooti kun sabaa hin beekamneen Amaaraa fi Oromoo walirraa fageessuu irratt hojjechaa jiru. Jaruma kana Finfinneen kan Oromoo miti jedhanii hoduu sobaa durdurii fi asoosama faranjii keessaa hoomishuun Finfinneen dur magaalaa mummitii Habashaa maqaa biraa qabdoo turte jedhu. Barreessaan kun waabarii Habashaa keessa turee, garuu daree seenaa haa tahu afaanii keessatt yeroo bakki itt moototi saanii fincaa’an himuun isaaan hin hafne magaalli muumicha jedhame kun akkamti hooda tahaa? Yoomayyuu kun dhugaa tahe kan nu haasofnu kan waggoota dhibba hedduu duraa utuu hin tahin waa’ee waggoota dhibban darbanii kan hardhallee mallattoon saanii Eekaa, Boolee, Gullallee, Galaan, kkf. keessatt hafuun abbaan Finfinnee eenyu akka tahe raga bahaniitii.

Oromoon, lafti saanii, Finfinneen lamuu didibbee irraa weerara guddaa yaasan akka taatu hin hayyamanii. Jiraattonni Finfinnee of bulcha demokraatawaa tahe gaafachuun mirga. Mirga kanaan dura qaban caala argachuu malee, wan qaban kan isaan dhabsiisu hin jiru. Sun abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratt qabu hin haalchisu. Kanaaf, Finfinneen kan namoota jiraattummaan teessoo godhatanii, kan dhaabota biyyaa fi sabgidduu keessatt galmeeffaman fi akka abbaatt kan ummata Oromooti. Nammi kamuu seera see kabajee golee empayerittii haa tahu addunyaa bakka fedhee haa dhufuu Finfinnee keessa bilisummaan jiraachuu dandaha. Abdattuun sirna Nafxanyaa, Finfinneen lafquwii fi seenaan kan Oromoo aka taate beeku; garuu yaada shiraan xaxametu maraatummaa kanatt isaan oofaa jira. Amma Finfinnee keessaa fi naannaan dhisamatu muldhata. Jara abbaa galfatummaan of muude kanaa fi kan fakkaatan karaa irraa maqsanii iddoosota jiraattotaan kennatamanii fi bulchi Oromiyaa akka ilaa fi ilaameen marii gageeggeeffatan gargaaramuu qaba. Qabsoon Oromo hardha hin jalqabne; hama Finfinneen guutummaatt deebifatamtutti ni dhaabbata jechuun gowwumaa taha.

Lafti Oromoo magaalaa mummittiif qoramtee baate isee bara Nugusa is dhumaa turtee.magaaloti naannaa sanaa alaa qaama see utuu hin tahin wiiruu magaalotaa Oromiyaa keessaatii. Magaalaa muummitii seeteef hamma dur ture caalaa Oromiyaan hin barbaachisuu. Tokko toko Finfinnee fi Washington DC (WDC) wal bira qabuu yaalu. Sun burtukaanaa fi pomii walbira qabuu dha. Lafti WDC finnoota lamaan (hanga tokko deebifatett) akka magaalaa muummitii Federaalaa ta’uuf gumaachamee, kanaaf finnaan addatt kooti jedhuun hin jiru. Ballinni WDC erga uumamtee hin jijjiiramne. Oromiyaan Finfinnee Itophyaa gad dhiisuuf yeroon irratt waliigalte hin jiru. Finfinneen erga naanna sanatt kennati jalqabee, naannaa fi sadarkaa biyyaatt qooda fudhachaa jiraattee. WDCiin garuu naannaa hin baane. Dhaadannoo kolonii Britaniyaa, “Iddoosa malee gibirri hin jiru” jedhutt dhimma bahuun see nama hin dhibu. Haasaa minyeeffachuu yoo hin taane kun Finfinneen waan wal ilaalu hin qabu.

Qaabannoon Finfinneen ummata Kibbaa kan Oromiyaa dabalatuu fi kan sirna Nafxanyaa abdataniif kennu addaa. Kanneen duraaf, akka garbaatti dhagaa fi muka itt guuranii kan ijaaranii; jiraachisuuf kan dafqa saanii itt xuruurratanii, sangaa, tumaalessa, damma kkf. itt guranii. Isaan kaaniif kan qaccee qabatanii garboota itt oofanii fi gibira fi “mattaayaa” itt funaannatanii boonaan hunda gad itt ilaalanii gorora coccobsanii. Oromoof kana irratt dabalee kan itt ajeefaman fi araddaa ofii irraa itt buqa’aa jiranii. Kanaaf Finfinneen siidaa dararama keenyaa qofa utuu hin tahin, kan hunda keenya walitt araarsitee waliin kunuunfannuu tahuu dandeessii. Finfinneen gandoota Oromiyaa obbolaa tahan naannaa see jiran malee jiraachuu hin dandeessu. Midhaan, bishaan, elektrikii, qoraan, karaa fi gataan balfa see illee achii. Finfinnee wiirtuu Oromiyaa keessaa kutanii baasuun tokko fafeessanuu hin dandahamu. Oromoon biyya humnaan irraa fudhatame utuu hin deebfatin qabsoon saanii hin dhaabbatu. Haa tahu malee mirga namaatt gonka hin darbanii. Eegdummaan barcuma Itophiyaa Oromoo tokkee haaraa fedha bilisa sabootaa fi sabaawotaa irratt hundawe yookan saboota walaba uumuun raawwata. Kan fedhan filachuun giroo afarsituu Itophiyaa dullatiitii. Oromiyaa haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsa 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *