0

Jijjiirama Argamte Obsaa, Waliidandahuu fi Qabsoon Ceesifna

Oromoon aarsaa guddaa gochuun Kaayyoo ofiitt cichanii, haala hardha empayera Itophiyaa keessatt irra gahame uumuuf gummacha gita hin qabne baasan. Jijjiirammi dhiigaan jaalbiyyootan argame abdi qabeessa haa tahu malee gara demokraasii waaraatt ceesisuuf gufuu hedduun akka eeggatun argaa jirra. Miltolee mirgoott wal hin amannetu waliin jogahaa jira. Jijjiirammi argame kun diddaa ummataatu dirqisiise malee eenyuu karoorsinaan hin dhufne. Wal jijjiirra angoo gola keessaa haafidu malee jijjiiramaa sirnaa hin fidin dhaabbate. Eenyuu, bulchi TPLF hunda dhuunfataan murna Waandhibnee (liberal), jijjiiramaaf irbuu seeneef angoo salphaatt gad dhiisee lufa jedhe kan yaade waan hin jirreef, sunuu akka warraaqsaatt fudhatame. Kana keessatt kutannoo fi dudhammi dargaggoon Kaayyoo saba saanii fiixan baasuuf agarsiisan sabicha ayyaana gonka moo’amu hin dandeenyeen guutee jira. Erga sun agarsiisameeyyuu halagaan gaaffii Oromoof xiyyeeffannoo kennuu hin feene. Halagaan gaaffii Oromoo hubachuuf fedha hin qabanii. Hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa gidduu waan ilaalutt irraa ka’a tokko waan hin qabneef walitt galchuun hin dandahamne. Yoomallee galmeen saanii mirkaneesse, irraa ka’a biyyooti lamaan garagarummaa qabu jedhu hin fudhatani. Oromoon biyya hin qabu, hundi Itophiyaa dha, kan jedhu irraa kahu barbaadu. Isaan irraa adda tahuu saanii fi biyya akka qaban Oromoon qabsoo saaniitiin mirkaneesaniifii jiru. Kan jedhanis akka godhan mamii hin qabanii. Gurguddoon Habashaa tokko tokko eeenyummaa Oromoo haaluu waan aadeffataniif akki itt wal qayyabatan rakkisaa dha. Yaaliin amma karaa nagaa jalqabame kun carraa mirkanii jiru qayyabachuu fi it of akeekuu kennuu dandaha. Kosii Itophiyaa qoonqoo saaniitt humnaan hudumuu yaaluu manna, guunguma Oromoo sirinyaan dhaggeeffachuun, hamaa fuggisiisuun hin dandahamne oolchu akka dandahu hubachuun gamnummaa dha. Ilaa fi ilaameen yoo dadhabame faallaan saa maal akka tahe hunduu beekna. Haala akkasii simachuuf addunyaan eeboo qarachuu kan yeroon itt darbe jedhee hin beeku. Haalli amma keessa jirruu fi ilaalchi dansi hogganooti qaban ammaaf kan qabsoo hidhannoott deebisu miti.

Mooraa gamasiitii komee hedduutu dhagahamaa jira. Muudama mootummaa adda addaa keessatt Oromoof logamaa jira kan jedhu tokkoo. Kan biraa, Erbaalli Eenyummaa maadaalli jiraattota Finfinee jijjiiruuf Oromoo raabsama jira kan jedhanii fi loogii adda addaaf kan aangoo irra jiran komachuu dha. Karaa biraammoo, Oromoon wareegama guraarama Wayyaanee irraa aara galfachiiseef xiyyeeffannoon walgitu hin kennamne komee jedhuus jira. Akkasumas Oromoon aangoo irra jiran Oromiyaa gananii diinota sabaa dudhaa waliin dhaabbatanii jiru jechuunis ni dhagahama. Haddheessi sobaa fi dhugaa tibba jijjiiramaatt waan eegamanii. Hanga balleessaan mirkaneeffamutt kan gorfamu, sabboonota bakka rakkiftuu keessa jiranii bu’aan ciicannnoo kennamuun saba ofiif anjaa qabachuun akka hubatamu. Dimshaashumaan balfuu irra qooda ofii argachuuf dhibbaa gochuun wayyaa dha. Jijjiirammi kamuu utuu sirna dullacha fi maadhee diinaa riphanii jiran, hin tuqin hafa jechun hin dandahamu. Utuu hin abbalamin firas hubuu akka dandahu heduun dansa. Kanneen ilmaan qotee bulaa kakaasanii karaa hamaa irratt dhiisannii ofii moraa diinaa kan jedhanitt dheessan jiru. Dheessuu qofa utuu hin tahin achii as itt dhukaasuu eegaluun, seexaa jeeqamee diinicha caalaa isaan hammeessuun waan hin ollee. “An sodaadhe qoosaa hofaa, eeboon calaqisaa dhufaa” jette jedhamaa qamaleen. Utuu isa ifatt hin muldhanne, hamaa keessaa hin damboofatin isa alaa komachuun sirrii hin tahu. Keenya naalchachuu dandahuun walakkaa diliitii. Maaliifuu jijjiirammi kun dhaabota Oromoo aangoo irra fi ala jiran, hisatoota Oromoo fi Oromo mitii hunda kan qoru taha. Eenyutu gara eenyuu goree qofa utuu hin tahin, gaaffii saba saanii hammam waliin qindeessani gamnomaan dhiheessuu dandahaniin qormaata rakkisaa dha. Dhugaan dhiheesii badde hamma sobaatii.

Sanattis dabalee yeroo cehumsaa keessa waanti nagaa yaadame badaatt jijjiiramuu ni dandaha. Fakkeenyaaf cibraa dira’aan tokko humna hammaa bahaa sadarkaa qacceefixiisaa gahutt dhimma bahuu dandaha. Sun waan qaammi olhaanaan fedhe tahuu baatuyyuu abbaawummaan waan hin biinxa’amneef itt gaafatama irraa hin oolani. Kanaaf kanneen yaa’a jijjiiramichaaf yaada dansa qaban of eeggannoo, qayyabannoo fi abbawummaa olhaanaa agarsiisuutu irraa eegama. Sabootii fi sabaawoti wareegama guddaa kan baasan naannaa saanii irratt mirga dhuunfaan qaban jabeeffachuufii. Sun tahee utuu jiru, kanneen waggoota shantaman darban keessa akka waan homtuu hin taanett gufuu barcuma imperiyaal (Nugusaa) irratt egeree ijaaruu yaalan jiru. Maqaa Oromiyaa, ABO fi sirna federalaa sararaa taraaroo tokkoon balleessuu dharra’u. Maqotii sun qabsoo maalummaa malbulchaa empayera Itophiyaa jijjiireen kan argamanii. Yoo dhaloota dhalootatt konkolaatu ta’ellee gad dhiifamuuf hin deemani.

Qabsoon ummata Oromoo hanga yoonaa gaggeeffaman Oromiyaa irratt yoo fedha Oromoon tahe malee biyya haa tahu aangoon kamu, humna hin gaafatamne (absolute power) qaba yoo jedhe, gaaga’ama hammamii akka fiduu dandahu agarsiisee jira. “Ye Itophiyaa andinat fitsuminat” jechuun Nugusicha haa tahu Dargiitt kufaati fiddee. Wayyaaneen gaaffii jala wanti hin olle akka hin jirre fudhate. Kan Waaqa yoo hin taane olhaantummaan hin uggamne lafa kana irra hin jiru. Kanaaf Wayyaaneen federalism walqixxootaa fi dhoofsisee sirna malbulchaa demkraatawaa ijaaruuf waliigale; heerii amma waldhabsiisaa jiru akkasitt dhufe. Oromoon kan gaaffii sabummaa qabatee gad bahe barruu Waalaliny Makonin sana irratt dhiheessee fi heera Wayyaanee dura fagoo dha. Kanaaf hundu akka waan Wayyaaneen Itophiyaa addaan ciruuf shira xaxxeett hadheessuu manna, keessa deebi’anii seenaa ofii qorqoruun gaaffii Oromoo rarra’ee jiru garaa saaniitii deebisuu osoo yaalanii wayyaa. Wayyaaneen sana irra ilaaluu yaaluun manca’ee. “Humni tokkummaa”, biyya Oromoo irratt olhantummaa argatanii qabeenya see dhuunfachuuf qabsaawu. Oromoon biyya ofii irratt abbaa biyyaa tahuun qabeenya ofii misoomsuun ijoolleen Oromiyaa akka hin beelofnee, hin dheebonnee fi hin daarree, akka barattu gochuun jireenya gammachuu kan mirgi saanii ilmoo namaa keessatt kabajamuu akka jiratan qabsaawu. Ummata Oromoof bilisoomuun mirga biyyaa fi sabgidduun seeraan beekamee.

Dr. Abiyi fi gareen saa olhaantummaa seeraa fudhachuun cehumsaa gara sirna demokraatawaa cululuqaa fi naga qabeessa fiduuf irbuu seenanii jiru. Sun gaaffiin mirgoota ummatootaa utuu hin deebi’in turan hunduu murteessaa isa dhumaa, ummatootatt dhihata abdii jedhu namatt bulche; moo’ummaan (abbaan biyyumaan) kan ummatootaa malee kan finnaa empayeraa mitii. Jaarmoti Oromoo utuu Kaayyoo ofii fi walabummaa dhaabota saanii gad hin dhiisin cehumsaa kana milkaawaa gochuuf hiriiranii jiru. Yoo milkiin bahe jijjiiramichi ilaalcha addunyaa demokraatawaa fedha ummatootaa irratt hundaawe, kanaan dura hin argamne Gaanfa Afrikaa keessatt as baasuu dandaha. Murnooti, sabootii fi sabaawotii carraa gaaffii saanii haleellaa utuu hin feesisin itt dhiheeffatan argatu. Yoo fashale qabsoon akka itt fufu mamiin hin jiraatu. Ummati Oromo lolaa kolonaawaa fi kan bilisummaan waan bututeef takka bayyaannachuutu irra jira. Kunis qabsoo hidhannoo kan nagaa akka bakka buusu carraan amma argame yoo fiixaan bahe. “Kan cabaa tuffate agabuu bula jedhamaa”, yeroof kan argame jabeeffatanii isa kaanitt tirachuu dha.

Ammaaf Dr. Abiyi fi Garee Lamaaf, yoomallee waan deemaa jiruuf ilaalcha adda addaa qabaaneef cehumsa kanaa waan dhimma baasu gochuu dandahu jennee amantaa haa kenninuufii. Murna malbulchaa naannaa jiran keessaa kan ilkaan qabuu fi afaan ummataa dubbatu kan saanii qofaa. Ammaaf ciiga’uu irra gamtaa agarsiisuun carra hedduu qabsoo ummataaf banuu dandaha. Qabsoon Oromoo waggoota shantamman darban hidda garbummaa fi gadhaantummaa ciraa, akka itt hin deebine riqicha of duubatt gubaa as gahe. Maqaa Oromoon jaarmota hedduutu jira. Yaayyoon karaa saanii adda adda fakkatullee fedha waloon kabachiisan qabu. Hundu ofbara ummata saanii olkaasuu, bulcha qanxuu fi dhimma baasaa tahe, beela balleessuu, deebi’ee dhalachuu qarooma Gadaa Oromo fi jireenya naga qabeessaa fi gammachuun keessa guute ummata ofii ni barbaadu. Hundu mirgoota ilmaan namaa bakkahallee fi ollootaa fi ummatoota hunda waliin nagaan jiraachuu kabajuuf kan walii galan fakkaatu. Kun akka obbolaatt yoo xinnaate kan waliin hojjechuu dandahan. Yoomallee miseensi abba abbaan bilisummaa yaadaa fi of ifsuu qabaatanu, ODPiin hamma dandahamett eenyuufuu looguun irraa hin eegamu. Jechuun, akka gola bulchaa jiruutt murna malbulchaa kamuu irra akka hin gorree fi ejjennoo malbulcha murna kamiinuu mufachiisu tokko akka hin labsine of eeggannoo tolfamuu qaba.

Demokraasii fudhachuun garaa garummaa walii beekuu fi wal dandahuu jechuu dha. Kanaaf wal lolaaf sababii dhahatan hin jiraattu. Oromiyaa fi karaan Oromoo bilisummaatt geessu dhiigaa fi lafee jaalbiyyoota Oromoon waan ijaaramef eenyuu akka borcuun itt hin dhiisamu. Oromiyaa irraa fedha kan qaban hedduu dha. Seerawummaa waan hin qabneef dhimma ofii ilaa fi ilaameen dhiheeffachuu irra humnaan jilbeenfachisuu barbaadu. Utuu keessaa keettoo hin argannee hanga yoonaa saba guddicha kanatt hin taphatan turani. Ammas qaawwaa ofittootii fi of hin beekneen Oromoo uumaniin seenuuf sanuma yaala jiru. ABOn maqaa Oromoo hundi kudhaammatu; meshaharka Oromoon dugugguruu olhantessituu imperiyaal Itophiyaa cabsuuf dhimma itt bahe waan taheef diina qofatu balleessuunii barbaada. Moggeessanii ofiin of rukuchiisuuf qarqara milkaayinaa irra jiru.

Amma diinoti tokkummaa fi bilisummaa Oromoo halkanii fi guyyaa dargaggoo Oromoo naannaa fi dhugeeffanoon gargar baasuuf ifaajja’aa jiru. Wanti dhiheenya Oromiyaa Lixaa irra gahe godinoota biraatt kan mullisame akka walitt bu’iinsa shiftaa murna ABO tokko fi finnaa Oromiyaa federaalaan tumseefittii. Garuu akka itt bahinsaa hamaa sana caalu tokkummaa Oromiyaa irratt fiduu dandahu kan kaase hin turre. Sanaan kan kahe humni Oromoo sagalee olkaasee yaaddoo walfixa obbolaa gidduutt baballataa jiru ifsate hin turre. Galatni dhaabota dudhaa fi abba abbaa nagaa jaalataniif haa tahu walitt bu’iisii yeroof dhaabbataa jira. Nagaan sanaan boora’eef mamiin ummata gidduutt faca’e bakkatt deebi’a jennee haa abdannu. Lola akkasii keessatt kan wal injifatu hin jiru garuu kaasaan sabaa akka mullatee hin beeknett duubatt deebi’uu dandaha. Kanneen Oromiyaa irraa fedha qabanii fi kanneen godinicha too’achuu barbaadaniif sun sababa tahuun kanneen qawwee mirmirsaa jiran goleett dhiibuu dandahu. Sabichii, qaawwaan ayyaana kanaan argame kun osoo hin duudin dammaqee tokkummaa saa jabeefffachuu qaba.

Jaarmaan malbulchaa tokko tokko yabboo malbulchaa saanii, guddina Oromo walaba tahe hankaaksuu fi warraaqsa Oromo fuggisiisuu irratt ijaarrataa jiru. Kan akaakilee saanii irraa kan dhalan caala haala jijjiiramaa kanaaf yaada ofii gumaachan hin qabanii. Yoo walqixxumaan sabootaa fi sabaawotaa akkasumas sirni federaalaa ni fudhatama tahe eenyuu dantaa Oromoo keessa suduudaan lixuu hin dandahu. Fedhi wal irra haanu yoo jiraate finnaa federaalaa kan finnooti federaawan moo’ummaa (abbaa biyyummaa) saanii irraa qunxuranii, waan sana fakkaatan akka itt ilaaluuf hayyamaniifitt dhihachuu qabu. Ofirrummaa fi fudo kolonaawaa darbe yaaduun, itt fufa abdii waliin jiraachuu mancaasuu malee bu’aa biraa hin qabu.

Akka Oromoott abbaa biyyummaan Oromiyaa irratt Oromoon qabu kan dhoofsifamu akka hin taane kutannoo qabsoo waggoota shantaman darbaniin mirkaneessinee jirra. Oromiyaa yeroo jennu magaalota, daannoo werartuu tahuuf ijaaramanii turan Oromiyaa keessa jiran akka Finfinnee hunda dabalata. Kan biyya bulchu Oromo tahee Oromoomitii, gaaffiin Oromoon “mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu” deebi’uu qaba. Aarsaan waggoota kolonummaa darbani firii agarsiisuu eegalee jira. Hankaaksuuf dhaadata kan jiran hedduu waan tahaniif akka hin quummanne dammaqinaan eeggachuutu hunda irraa eegama. Kaayyoon keenya akka fiixaan bahu hardhas akka kaleessaa itt cichanii dabarsuun dirqama jaalbiyyummaatii. Jijjiirama dhiigaan argame gufuu hunda irra qaarinee sadarkaa itt haanuttt ceesisuuf abdii guutuu qabna. Miltolee cehumsaa yoo dandeenye ni damboobfannaa, didnaanis duruu walitt hin tahini. Qabsooti keenya akeekaa, hawwaa fi abjuu adda addaa qabu. Goototi isa tokko kaaniif bulguu. Garuu nagaa fi tasgabbii godinaa keenyaaf jennee murti seeraatt of kennaa, hammasitt tuqoota irratt walii gallu cimfachuu yaalla. Waci eenyuuyyuu karaa dhugaa irraa nu ceesisuu hin qabu. Kutannoo fi dudhammi dargaggoon Kaayyoo saba saanii fiixan baasuuf qaban, abdii caalaa kan namatt horu waan taheef jajjabeefamuu qaba. Yoo hundi empayeritii keessa jiru gumaa tokkoon itt haa fufu jedhamaa tahe, eenyu surraa seenaa fudoo kolonii durii du’eef akka wareegama caalaa baasu gaafatamu hin qabu. Guunguma Oromoo dhaggeeffachuu manna, kosii Itophiyaa qoonqoo saaniitt humnaan gad hudumuu yaaluun hamaa fuggisiisuun hin dandahamne fidu dandahuu saa beekuun gamnummaa dha. Eenyummaa fi mirga ofii yoo walii kabajne bu’aa caalaa argachuu dandeenya. Ummatooti Gaanfa Afrikaa keessa jirru al tokko dhaabbannee akka Afrikaanotaatt utuu of ilaallee haamaa nu marsee jiru hubachuu hin dadhabnu. Akka saroota raqa irratt utuu wallolanii waraabessii itt marsee tahu dandeenya. Raqichas ofis dhabu dandeessi. Yeroon saa yeroo garagarummaa xixinnoo walgidduu jirtu shaffisaan furmaata itt goone waldayyaa keenya irraa hamaa ittisnu faluu qabnu. Kana malee haalli jaarraa kudha sagalaffaa keessaa akka tahe seenaan of marsuuf adeemtii; hangi tokkoon keenya kanneen hafne irratt anjaa argachuuf weerartu irra goruun ni mala. Garuu akka yerosii miltummaan utuu hin tahin jalummaan taha. Sanaanis ummati gurraachii qabeenya saa fi ulfina saa waliin dhabuuf taaha. Jijjiirama deemaa jiru Obsaa,Waliidandahuu fi Qabsoon Ceesifna. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Guraandhala 2019

Guraandhala 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *