0

Akeeka Qabsoo Oromo Deebisanii Hubachiisuu

Giti bittuu Ethiopia eenyu faa akka Oromiyaa fi kolonoota irraa buufatan godhe? Hardha Nafxanyaa gootummaan eenyuutu faarsaa? Hoomaan kolonii kan gara Kibbaatt hoggansa gita bittuu Amaara Shawaan dhiichuu eegale, jalee fi qondaalota saa sabootaa fi sabaawota darabeen kufan keessaa madaqfachuun baldhifate. Kanneen qawwee Awuropaa maqaa “Nafxanyaa” kennisiiseef hidhatanii turan. Hardha “humni tokkummaa” ofiin jedhan isaan waaqeffatu. Nafxanyummaan sirna kolonii saba kam irraayyuu adda tahun, murna ofii qofa yoo duroomsu sabi isaan maqaa saaniin bobbahan firomsaan quufa sammuuquwii qofa argatan. Bu’aa waatattaa argachuuf qaamaan biratt argamuu qabu turan. Achitti muudaa fi duroommi isaan eega ture. Funaansa waan tahaniif biyya haadha waliin hariiroon firummaan qaban amantee fi afaan qofa ture. Hardha sirna sanatt kan amanan, saba kamiinuu, kan biyya Habashaa jiran utuu hin hafin, tokkummaa Itophiyaa jala dahatanii yeroo “zaranyummaa” fi addaan baaftummaan haleelan argamu. Jara kana saaxiluuf akeeka qabsoo Oromoo deebisanii hubachiisuun kan barbaachise. Hardha, Nafxanyaan goota kan tahaniif hamajaajii sabootaa fi sabaawota Empayera Itophiyaa keessatt argaman hundaati. Oromoon eenyummaan saanii haalamee abbaa biyyummaa mulqamun lafaa fi qabeenyi saanii jalaa fudhatamee, halagaan tuffatamanii gadgalummaan itt roorrifamaa jiraachuu balfinaan sirna Nafxanyaa irratt kallachummaa ABOn qabsoo hidhannoo fi malbulchaa finiinsuu eegalan. Halagaan Oromiyaa qabate naannaa uumaa waggootii hin lakkaawamneef seeraan eeganii fi kunuunsaa dhufaniifillee hin hillee. Gabaabaatt deegfama, buqqifama, halagaatt baqfama, saamama, qaccefixa aadaa, afaanii naannaa uumaa irratt fincilan. Kaayyoon saanii bilisa bahanii hiree sabummaa ofii hanga walabummaa fi walabummaa dabalatee ofiin murteeffachuu dhugoomsuu ture. Sirni empayirichaa akka hin dandamannett qabsoo saaniin cabee jijjiiramaa feesiseenii jira. Dargaaggoon jijjiiramaa waggoota shantaman darban Empayera Itophiyaa fi Oromiyaa keessatt mullatan keessatt qooda kallacha taphataanii jiru. Amma qabsoon saanii caalaa itt bilchaatee sodaan du’aa badee mirga dhowwatamuun kan hin obsamneef tahee jira. Lamuu ildiimaa fi dorsisa nyaaphaaf eegee luka gidduu hin suuqqatan.

Gaaga’amtooti hardhallee sirna kolonii Nafxanyaa irratt ka’uu saaniif “Zaranyaa” (sanyeessituu?) jedhamanii balaaleffatamu. Amma taatoti miidhama irraan gahanii fi akkaataan hacuuccaan shaakalamu kan dur miti. Sabboonotis waggoota afurii darbaniif tooftaa qabsoo jijjiirratanii ture. Qabsoo hidhanno qabanneessuun, qabsoo hidhannoomaleen harka qaxamursanii kan biyya saanii qabate didhuuf bobba’anii turan. Bobbaa kanaaf kan maqaan dhahamu Qeerroo fi Faannoo dhaloota jedhamanii. Qeerroo jechuun Qeerransoo jechuu dha. Oromoon dargaggoo saanii hin suubbomin akkasitt waamu. Akka qeerransaa onnee guutuu fi xiyyeeffanoo kan qaban jechuuf fakkaata. Dhalaan saanii Qeerrantiinis Qarree, kan hin nadhoominii. Faannoo jechuun nama kutataa miiddhaaf hin sarmine bosonni mana saa tahe jechuu dha. Jara kana fe’iisa Wayyaaneen itt fe’ame jigfatanii tokkummaa fi eenyummaa ummatoota saan kan fulduratt fidanii. Nafxanyoota haarawoo dahatanii lamaan saaniyyuu waltitt koruun sirna Nafxanyaa badiisa kanaan biyyatii gahe deebisanii ijaaruu gaadan miti. TPLF/EPRDF akka dhiibbaa ummataaf qoomma’ee bahu dirquu irratt gumaachi Qeerroo Oromoo fi Faannoo Amaaraa gita hin qabu.

Bulchooti haaraan yakka ilmaan namaa irratt kurnan sadii darbaniif tolchaniif dhiifama kan gaafatan yoo tahu gadadoo angafooti saanii jaarraa tokko caalaf tolchan hin balaaleffatin darbaa jiru. Haa tahu malee yaada ofi itt suuqatanillee, yoo xinnaate olhaantummaan seeraa, kabajammi mirgoota ilmaan namaa fi mirgi of ijaaruu, walgahuu, of ifsuu kkf akka bulan moototi haaraan irbuu seenanii jiru. Garuu mirgi sabummaa Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachuu fedha Oromoo ifaan malee eenyuu b’uura irra haquu hin dandahu. Sun kan fedhe tahe, qabsichi mormii bosonaa fi karaa irra gara ilaa fi ilaameett cehuuf yaalaa jira. Warraaqxoti Oromo yaada Tokkummaa Afrikaa 60moota keessaaf dhaalaa tahanuu, qabattee gurguddaa akka tokkomsa Afrikaaf abbaawummaa fudhachuuf dura Oromiyaa mirkaneeffachu qabu. Fulduratt amanteen dhiichuuf dubbee Oromiyaa cimaatuu barbaachisaan. Barooti darban isaaniif baroota garbummaa debi’anii keessa jiraachuu hin feene.

Carraan argame kun nagaan waliin jiraachuu fi battala kamiiyyuu soda fi dorsisi utuu hin jiraatin bu’uura malbulchaa qaban nagaan dhiheeffachuu kanneen fedhaniif karaa baneeraafii. Hundaaf daanyaa fi laallibati ummatootaa ofiitii. Dhaabi ittiin qabsaawaa turan amma waandhibnoota demokraatawaniin qabamee jira; kanaaf cehumsa naga qabeessa argamsiisuuf, mormii irra gamtaa agarsiisuun gamnummaa akka tahett fudhatanii. Kun tibba cehusaati; mootummichis mootummaa cehumsaati. Cehumsicha shira hankaaksituu irra eeguuf kanneen nagaa jaallatan hundi akkaataa gufuu jiru karaa irra itt kaasan irratt waliigaluu qabu. Hamma yoonaatt miseensoti mootummaa Cehumsaa Dr. Abiyyiin hogganaman wayyaba quubsaa irra amanamummaa argatanii jiru. Waldhabdee gurguddaa furuuf yaa’ii ummataa dhugaa eeggachuu qaba. Garuu nagaa kan hin jaallanne, ofittoo, ofirroo, eegee kan raasanii fi humnooti namoota biraa garbomfatanii buluu akeekkatan, empayericha xurree hin barbaachifne irra buusuu dandahu. Nafxanyaa haarawoon yaadaa fi shaakala honga’aa dandamachiisanii bubbisa malbulchaa kan mootummicha of irra faccisuutt dhiibu afeeruu yaala jiru. Gaaffolii dhugaa sabootaa fi sabaawotaa gatii dhabsiisuuf waldhabdee bubbucuu hamma tafkii afuufanii arbaan gahu. Hololli “humna tokkummaa” ofiin jedhanii garri caalu hunda keessaa Oromo irratt kan xiyyeeffate. Sabootii fi sabaawoti mirga qaban empayericha keessa akka jiran ni haalu.

Ummati Oromoo mirgoota kana Chartara Itophiyaa keessa galchuuf qabsoo aara hin galfachiisne tolchan. Honga’ooti sana fuggisiisuu yaalu. Humni Oromoo farra ilaalcha sirna nafxanyimmaa akka tahe amanu. Gaanfi Afrikaa yoo mirgootii sabootaa fi sabaawotaa ni kabajamu tahe jiraatota godinichaa hundaaf gahaa dha. Kan beekamuu qabu sii’ach murni yk sabi tokko kanneen biraa irratt fedhasaa fe’uu akka hin dandeenye. Haa tahu malee sun wal irratt hirkachuu ummatoota godinichaa haaluu miti. Sabootii fi sabaawoti gufuu murna duubatt harkiftuun qophesiteef irra haananii, fedha ofii fi walqixxummaan harka walqabatanii hariiroo haaraa ummachuuf ni dhoofsisu. Nafxanyaa haarawoon “humna tokkummaa” sobaa, qaataa maqaa qabsaawota balleessuuf “Zaranyaa” jechuunitt kahanii. Oromoon tuqaa akkasiin kahuuf guddaa dha; yoo hin kaha tahe Waaqayyoo nu haabaraaru. Oromoon dirqiin tajajila kolonii keessa turan jannummaa fi homishaawummaa bakka bobbahan hundatt, waraana, malbeekii, yk technology keessatt agarsiisanii jiru. Utuu akka loltuufi meeshaa waraanaa geejjibuu tajaajiluuf hin jiran tahe Diliin Adwaa moohuun waan hin yaadamne ture. Garuu sirba Giddii waan taheef beekamtiin hin kennamneefii. Karaa biraa “shumaataa” fi ulfina addaa irratt dabalee bulchi Nafxanyaa gootota saa Habashaa tahaniif kolonoota fi biyyi haadhaallee utuu hin hafin jaarraa tokkoo oliif golgaa itt saaman uumeefii ture. Sirni Nafxanyaa kolonootaa fi biyyi haadha saanii utuu hin hafin saamicha gaddhiisaa gootota saaf golgaa kennaa ture. Nafxanyaa haarawoonis dudhaan golgaa walfakkaata akka itt fufu wowwaatu. Ujuu saanii wanti hin calaqifne, haxxisoon Oromoo illee isaaniif yakka tahuu dandaha.

Seenaa keessatt tuutii hamaa hojjechiisamuuf laafina qaba. Andaara kan dhaabbatan “boombii, boombii” jedhanii baaragsiifnaan hamaa hin yaadamne dhaqabsiisuu dandaha. Nafxanyaa haarawoon sana argannnaan akka waan cocoon bu’eefiitt tottolchani gara dabarsanii dhiheessuu. Haamaan eenyuunu rifachiisu Buraayyuti tolfamee jira. Waan dhumarra gahe malee hundee kaasanii waan tahe yoo himan ummati akka abaramu isaan barbaadan keessaa waan dhibuuf iyyaati guutuu hin baasanii. Du’a dargaggoo Oromo duraan tahe gabaasuun isaaniif barbaachisaa hi taane. Maal barbaadu? Oromoon dubbii qajeeltuu ilaaltu hunda aanga’oota dubbiin laaltuuf dhiisee jira. Kan komatan dhabanii miti. Yeroo tuttuqaan daarii dabartuu dubbiin hammam akka aangoon gadi bahu argaa jiru. Mirga ofii irra hamaa faccisuutt Oromoon beekamoo dha. Sun dhugaa jiru. Hawaasa hunda keessa farroon jirtii. Yoo waan akka sanaa keessa farroon Oromoo jiraatte fedhaan ajaja halagaa fudhattee waan taheef seera namaa fi dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baatuui. Oromoon Kaayyoo qabu. Maqaan waan farrooti kun hojjetaniin nu bada jedhanii hin yaadda’anii. Maqaa Itophiyaa fudhachuu diduu namoota koloniif mirga malee hangammeessa kamiinuu kan “Zaranyaa” jechisiisu mitii. Fedhaan Itophiyaa ofiin jechu fi Itophiyaa ofiin jedhaa jedhamanii ajajamuun walii gargarii. Kanneen Itophiyaan Oromiyaa malee hin jiraattu jedhan jiru. Itophiyaa saamicha olloota seen jiraattu yoo hin taane, Itophiyaan Habashaa utuu Oromiyaa hin koloneeffatin waggota kumootaaf akka jiraatte himama. Oromiyaan akka keettolee cunqursaa keessa madaqfatanii fi koloneeffatoof akka madda jireenyaatt tajaajiltee taha. Garuu jiraachuun Itophiyaa Oromiyaa keessaa hin maddine. Rakkinni keenya hariiroo keenya dhugaa haaluu dha.

Oromoon qabsoo hadhaftuun bakka amma jiran gahani. Hardha yeroo dhumate irratt, seenaa daftarootaa hundee hin qabne kaasanii abbaa biyyumaa Oromoo haaluuf wacuu eegalan. Seera qabiyyee lafaa saanii utuu mildhatanii salphaatt lafti Oromoo (Ya Gallaa Mareet) eessa akka tahe ni argu turani. Oromoon abbaa biyyummaa Oromiyaa irratt qaban mirkaneeffachuuf qawwee kaasanii. Gaaffiin saanii nagaan deebinaanis dubbachuuf qophee tahu agarsiisanii turan, agarsiisaas jirus. Nafxanyaa haarawoon gaaffii Oromo deebisuuf qophee akka hin taane ifatt mirkaneessanii. Minilik illee Mooti Itophyaa fi Biyyoota Oromo ofiin jedha ture. Jarri kun hunda walitt cafaquu fedhanii. Deebisanii Oromiyaa qabachuuf yoom “Nagaarita” rukutu laata? Madaa dude baqsuu yaaluu manna ulfina walii kennuun gowwummaa miti. Nagaan kan buhuu dandahu ilaa fi ilaamee ummatoota gidduu malee kanneen cunqursaa sabaa fi sabaawota deebisuu barbaadaniin miti. Isaaf haa deemnu. Wacii Oromiyaa mancaasuu hin dandahu; Oromoonis sagalee wal dhahaan hin faca’uu.

Tibbi kun tibba seenaa qabeessa taasisuun ni dandahamaa. Yeroo jalqabaaf ummatooti sirna empayeraa jalatt takaalaman yaa’anii fedha ofiin tola waloof mari’achuu dandahu. Baroota eengaddaa deebisuu kan barbaadan, kan hubachuu qaban Oromoon halagaa sarmuu, irboo baasuu, milla dhiquu, midhaan daakuu, okaa haamuu fi kan silaa tuffatamuun tuffatamuu fi salphifamuu keessa qabsoo hadhooftuu kumkumoota itt wareeganiin of baasuu saaniitii. Amma yawus caalaa of bara malbulchaa fi cimina qabu; akka abidda biratt itt himame sana muuyyoo fi ija laafessoo miti. Nagaa, nagaa kan jedhan dadhabina irra utuu hin tahin jabin irraatii; injifannoolee ofii hatamuuf utuu hin tahin nagaaf qoomma’uu saaniitii. Utuu itt deebi’ee hin dhiittatin Oromoo addan baasuu haa tahu ummatoota biran walitt naquu yaaluun dhaabbachuu qaba. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu, federaalummaan, Oromiyaa gargar ciruu dhaabbachuun kan heera Itophiyaa keessa galfame arjooma murna kamiinuu utuu hin tahin waliin jiraachuu dhiifameetu. Ummatooti qilleensa keessa rarra’anii jiraatan hin jirani; hunduu iddoo qubatan, bakka dhalootaa yk finnaa filatan qabu. Sun “humnoota tokkummaa” kan ofii jedhan, irra hafaa fi hin barbaachifnee tolchaanii. Hanga inni yaada Nafxanyaa haarawoo hin haammannett cehumsa naga qabeessa ni jibbuu. Saba federaala’eett dabalamuu manna sabootaa fi sabaawota cafaqanii Itophiyaa tokko, kan afaanii fi alaaba tokko irratt hundooftee deebisanii dhanoonuu yaalu. Kun yaada fashittummaa sammuu saanii keessa gadi fagoo jiru, nama hunda irratt fedha olhaantummaa akka qaban agarsiisa. Yaadi isaan tokkummaaf dhiheessan, irraa ka’a dogoggoraa fi gardhaabaa irratt waan hundaaweef fudhatama hin qabu.

Hanga mirgi saanii jiraattummaa eegameefii Finfinnee keessa hojjetanii jiraatanitt namoota hojii ofiin bulan Amhaaraa, Guraagee, Wala’ittaa, Silxee kkf keessa maddan, kantiibaan Finfinnee, Oromyaa haa tahu mootummaa fedraalaatt gabaaseef garagarummaa maali qabaafii? Waa’eee dhalmaa kolonii fudalaawaa tahe jajjabeesuu moo waa’ee hariroo diinagdee ammayyaa dubbannaa? Lolli walabummaa Finfinneef lolamaa jiru, qaama karoora guddaa, Finfinnee godina walirraa ittisaa godhanii Oromo bakka lamatt kutuun, akka fakmishoo dullacha Nafxanyaatt sanneen gargar biinxa’uufii. Fedha jiraattota magalichaa kan laalu miti. “Warraballaa” hiriirsuun Finfinnee fi Oromiyaa bakka biraatt nama ajjeesuu fi qabeenya barbadeessuun akka balaa busan godhanii jiru. Handhuura Oromiyaa keessa Oromoo ajjeesuu fi qabeenya saanii mancaasuun nagaan kan jiraatan itt fakkaataa laata? Magaalli sanyii tokko qofti keessa jiraatu hin jiru; sun biyya keessa jiran irra bilisa hin godu. Magaalaa gudditiin New York illee Albanii, Magaalaa muummitii Finnaa New York irra bilisa miti.

ABOn isaan jibban, jiraatee dhisee ummatichi dhimma ofii harkatt galfatee jira. Kaayyoon sabaa amma galfata ABO harka jiru miti, garaa nama Oromoo hundaa keessatt barreeffamee jira. Kun tahees ABOn lammii fi nyaaphaan dhiifamaa hin jiru. Lammi kan tahaniif dorgommee jaalala sabichaa moo’achuutii. Nyaaphaaf abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratt qabu haaluu dha. Lammii kan tahan gorfamuu kan qaban amma maqaa utuu hin tahin jabduu tolfamu kan jaalala Oromiyaa moo’achuuf barbaachisu. Caalmaa sagalee hammamuu argachuun miidhama gochii kun fedha ummatichaa irratt fiduu dandahuun wal hin gitu. Diinaafii karaan keettolee jijjiiramaan tolfame nagaa fi araara godinichaaf akka buusuu yoo fedhame seenaa fi Gaaffii Oromoo gara dabarsuun namoota nagaa Oromoo hin tahin, jibba Oromoo fi dhaabota Oromoof kakaasuu dhaabuu qabu. Lola moo’uu hin dandeenye keessa of galchanii lammii ofiis godinichas burjaajessuu taha. Tokkummaa, eenyummaa, Qubee, imaammata afaanii fi moo’ummaa Oromoo irratt dhoofsisi hin jiru. Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hojiirra oolchuun akka hin jarjaramne kan godhu sirna federalaa dhugaa qofa. Kanneen sirna bosose deebisu barbaadan bakka qabsoon Oromoo gahe hin hubannee laata? Maaf amma Oromo irratt waraana labsuu? Kan godinicha burjaajii irra baraaru waliigaltee maalee walii bahuu miti. Oromoon wal balleessuu jibbu malee hirree fi onneen saanii hin mamamu. Dubbeen Oromoo, goobanootaaf illee taanaan Oromiyaa dha. Hundaan wal qixxummaan ilaalamuuf sana cimfachuun filmaata biraa hin qabu. Nuti Afrikaanota sanyiin gurraachaatii. “Zaranyaa” waliin jechuun eenyummaa ofii haaluu yk wallaalina keessaa madda taha. Qabsaawoti bilisummaa warraaqxota malee, “Zaranyoota” duubatt harkiftooti jedhan mitii. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Fulbana 2018

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *