0

Gubirmans.com Michuu saa Iyyaasuu Guutaaf Gadda irra Jira

Iyyaasuu Guutaa sabboona fi michuu of kenne Gubirmansii. Miira shaggaa, nama nagaa, hafee fi waan itt komatamu hin qabnetu dhibame. Iyyaasuun Bitootessa 18,1979 Finfinneetti Baayisaa Guutaa fi Martaa Xaafa irraa dhalate. Akkoo saa garaa dhaa jaallatutu kunuunsaa qananiin guddise. Daa’imummaatt Iyyaasuun hojii adda addaa akka eeddoo kota’uu, lukkuu horsiisuu, hanqaaquu funaanuu faatt isee gargaaruu jaallata ture. Akka reef dhufteen haadhi du’a akko saa itt himnaan hedduu rifate waan tahu wallaale

Iyyaasuun waabarii jalqabaa fi olhaanaa sirna barumsaa ambaa Finfinnee jiru keessatt raawwatee sagantaa DV jedhamuun gara US dhufe. Waan Iyyaasuun itt gammade keessaa guddichi carraa Amerikaa dhufuu haadha, Abbaa fi obblaa saaf banu ture. Dhufa saanii irratt hojetaa, Iyyaasuun “State University of New York at Old Westbury” jedhamutt bara 2002 galmeeffamee bara 2006 Degrii jalqabaa Sirnoota Gurmeessaa fi Iyyaatiin argate. Kanneen kollejiitt waliin baratanii fi kan isa beekan hundaan mira saa mudaa hin qabneef kabajamaa fi jaallatamaa, namoota waliin hojjetan hundaanis hojii garaan hojjeechuu fi safuu hojii hordofuun hedduu kabajama ture.

Iyyaasuun yeroo jalqaba New York dhufe ko’eesa hiriyaa fi warra hin qabnee ture. Ko’umaa irraa gahe kana hawaasa hiriyaa kan yeroo rakkina saa sana utubaniif ijaarrachuun irra haanuu dandaheera. Akkuma yaadamu US keessatt yeroon saa gara jalqabaa didhchiisaa tahullee abdii warra ofiif waan wayyu argamsiisuuf qabuun jabinaan hojiitt bobba’ee irra haane. Iyyaasuun fira yeroo rakkinaa fi gammachuu birmataniif dhabee hin beeku. Addatti ijoolee fi soddooliin Guutamaa Washington DC fi New York jiraatan bakka lachuuttuu yeroo barbaachisaa ture kophaatt dhiisanii hin beekanii. Innis yeroo ballina fi rakkinaa saanii kophaatt isaan hin dhiisne. Isaan keessaa tokkuma ture.

New Yorkitt Iyyaasuun utuu warri saa Amerikaa hin dhufin dura, warra Ibsaa Guutamaa fi Fallaqach Gabreegzi’abher waliin jiraataa ture. Ilma saanii kan isaaf hiriyaa hedduu walitt dhihatan taheen addatt hin laalan turan. Ergasiis walitt dhufa Jimaata Jimaataa afuura fudhannaa, dhangaaf walitt dhufa, bashannanaa, tapha kaartaa, akkasumas cidaa fi ayyaana waggaa irratt irraa fagaatee hin beeku. Haadhaa fi Abbaan Iyyaasuu hanga obbolaan dhufanii battala ofii arguufitt keessummumaan Guutamoota bira turani. .

Iyyaasuun nama jaallatta, ni gargaaraa, ni kenna, arjaa, danboobaa fi hedduu nama kabajamu ture. Daa’ima waliin taphachuu jaallata, daa’immis ilaalcha saa tolaa fi gurguddoo naannaa keessaa inni isa xinnaa waan tureef ni jaallatuun. Yeroo inni guyyaa yartuuf hojiif deemu eessa jira jedhanii gaaffiin nama sardu turan. Ni yaaduun jechuu dha. Amma eeganis hin deebi’u garuu qaabannoon saa yoomu keessaa hin badu. Hunda irrammoo akaakayyoota Guutamaaf wasiila jaallatamaa ture.Kaan saanii hanga boqonnaa isa dhumaatt gaggeessuuf carraa argataniiru.

Iyyaasuun sabboona Oromoo kan gocha malbulchaa, hawaasomaa fi aadaa Oromoo hedduu irratt qoda fudhatu ture. Hanga yero of beeku isa dhumaatti fedhaan website Gubirmans.com irratt qooda gurmeessaa guddaa fudhataa ture. Garri inni qooda keessatt hin fudhanne hin turre. Maxansaan saa dhumaa “Qeerroo Mataa tuutaa” jedhu barbarian qaabannoo fedhaan gargaarota Gubirmans keessaa hin badu. Hawaasa Oromoo Newu Yorks sadarkaa adda addaatt tajaajileera. Kanneen Liigii dargaggoo Oromoo fi Garee kubbaa miillaa, Joobraa kan New York, New Jersey fi Pennsylvania iddoosu bu’uursan keessaas isa tokko. Tapha finnoota gidduu hedduu irratt qooda fudhateera; taphattoota Joobra urjii tahan keessaas tokko tahuun beekama. Iyyaasuu sportii garaa dhaa jaallata, keessaayyuu Garee Arsenaliif qalbii hin qabu. Arreedi Abbaa Qawwee!

Iyyaasuun New York Hospital Quwiins keessa jirutt Dilbata, Hagayya 2, 2015 geeffamee. Ibsaa, warraa fi intalli saa Maryland dhufanii guyyaa shan jireenya saa gara dhumaa Hospitalatt daawwachuu dandahanii turani.

Lubbu deggeraan jaalalleen jaallatamtuun Hiree Abdii utuu siree saa bira jirttuu Jimaataa, Hagayya 7, 2015 innaa waaree duraa 4tti irraa baafamee. Hireen ilmoo namaa dinqisifamtuu; siree saa du’aa irraa hanga fudhaanii deemanitt halkaniif guyyaa utuu biraa hin hafin turte. Iyyaasuun abbaa, haadha fi obbolaa sadii dhiisee darbe. Akkoon saa hedduu jaallatu isa dursitee duute. Iyyaasuuf yeroo hunda Oromootu dursaaf ture, sanaans yaadatamaa hafaa. Nuti jarri Gubirmans imimaa fi garaan keenya gubataa nagaa itt dhaammanna.

Lubbuun saa qabbana haa boqottu.


Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Fulbana 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *