0

ABO DANDAMATE MALEE OROMOON FALA HIN QABU

Gididira Oromo guyyuu barreessuun kan hin tuqamin tokko tokko ni nuffisiisa ta’a. Garuu sabboonoti Oromoo fi demokratoti nagaa jaallatan hanga gidiraan sun badutt hooduu sana himuu dhaabuu hin qabanii. Sobi hedduun Oromo qabsoo saanii irraa dagachiisuu fi addunyaan akka hin mararfanne taasisuuf homishamaa jiruu. Qabattee muumichi gaaffii mirga ilmaan namaa fi ummatootaa ta’ee utuu jiruu hala sababa sanaan uumame, kan isaanumti beekaa baballesan akka durfannoon kennamee irratt xiyyeefataman dhiheessuu. Ummatoota dhaloota hedduuf araddaa tokko keessa waliin jiraatan harki hin beekamne waliti naquuf Galmistaanni Ortodoksii fi Masjidoti ni gubamu ta’a. Galmistaanotaa fi Masjiidota sanneen ijaaruuf horii, ogumaa fi waatattaan hundi walgargaranii jiru. Waan dafqa itt xuruurfatan kaasaan gubaniif hin jiru. Ijarsoti ulfoon sun akka waan kan sabawota tokko qofa ta’anitt komatu. Oromiyaatt lammiilee Oromoo Ortodoks ta’an keessaa Oromootu lakkoofsaan caala. Akka baramett Kirstinaan Orotodoksii hundi Afaan saaniin waan kadhaanii fi lallabaniif akkasumas lammi ofii caalaa oolmaan saanii jaraa waliin waan tureef akka Amaara’anitt fudhatamu turanii. Yeroon jijjiiramee ofbarri malbulchaa guddatus Amaarri want halle akka turett hafuu barbaaduu. Abba abaan mirga imalee bakka fedhe jiraachuu qaba. Kun falmisiisaa mitii, garuu seera sabicha keessatt of arganii kabajuun dirqii dha. Abba tokkee haa ta’u murnooti mirga kanatt darban seeraaf itt gaafatama qabu. Tokko tokkoon sabaa, biyya ofii irratt abbaa biyyaatii. Sammuun koloneeffataa waan gad hindhiifneef Amaarri kana dhaga’uu hin fedhanii. Mirgi aba abaa kan sabaa irra akka caaalu abjootuu. Achitt addaan baana.

Galmistanni Ortodoksii afaan Amaaraa yk gi’iiz dubbachuu qaba malee afaan biraa hin fudhatamu. Dammaqina Oromoo hacuucuun, diinagdee Oromiyaa irratt anjaa argachuu kan itt fufan itt fakkaata. Yoo Ortodoksiin Amaaraa tokko du’ee mormiin addunyaa hunda keessatt qabsiifama. Garuu yeroo lubi Oromo afaan Oromoon wangeela lallabu tokko, Phexiros Tasfaayee jibbituun Sabbataatt ajjeefamu, ajjeechicha duuba waan jiraniif afaan tokko hin baafannee. Qabsichi saboota gidduu utuu hin ta’in cunqurfamaa fi cunqursaa gidduu diinagdee irrattii. “Gadaamoti” fi Galmistaanoti dureyyiin Oromiyaa keessatt argamu. Isaan keessatt harka bilisa fi afaan saanii, Amaarinyaan lallabuu haalamuu manna amantooti Oromoo dhiisanii yoo deeman filatu. Kan isaan hin huubanne Oromiyaan finnaa of dandeessee. Kanneen Oromoon hayyameef qofatu isee keessatt tajaajila. Oromiyaa keessatt abba abbaan yakka wal irratt ni raawwatu ta’a, garuu akka isaan himatanitt duguuggaa lammii aadaan Oromo waan hin hayyamneef gonka ta’ee hin beeku. Waldhabiisa abba abbaa fi sabaa fi sabaa gargar baafnu malee nagaa godinichaaf dansa hin ta’u.

Dubbiin amma jiru cuqursaan durii qubattootaan qabatee deebi’uu barbaachuu dha. Sirni federalaa saboota, sabaawotaa fi ummatoota wayyabaan fudhatame, gita bittuu Amaaraafi abbooti amantee olhaanoo kan sirni koloneessaa nafxanyaa akka deebi’u abjootaniin mormama jira. Isaan kun bulcha amma angoo irra jiru kan ergamsa ofii fi hawwa addaa qabu irraa tumsa argachuun, abjuun saanii akka dhugoomuuf duula qacceefixisaaf jajjabeesaani jiru. Abbaa darabee (bala taraa) nutt ta’e jennee maqaa siballeessina waan jedhaniiniif isaan amansiifachuuf ummata saa fixaa jira. Oromoon haala gadqabamaa hunda, malbulcha, diinagdee, hawaasoma fi dhugeeffannoo jalaa bilisa ta’uu barbaadu. Yoo tokkeessoo malbulchaa haa ta’u kan dhugeeffannoo barbaanne walqixxummaan teenyee dhoofsisuu qabna jedhu. Mootummaa haa tahu Galmistana aangoo duubbee saanii bala’amaa yaadachiisaniin itt dhufan hin fedhanii. Sana kan nuti irra deddeebinee akka sabaatt baduu irraa nu oolchaniif iyyachuu barbaadnuu.

Akka nagaa jaallachuu saaniitt Oromoon gaaffolii isaan dhibaniif qabsoo nagaan deebii argachuuf hedduu dhama’anii. Garuu, gurra dhaggeeffatu hin argannee. Itophiyaa koloneeffattuun gaafii saanii dhugaan deebisuu manna yaada amba addunyaa irratt kakaasuu ni dandeenyaa hedanii, Oromoo qabsoo bilisummaatt bobba’an maqaa, finxalessa, addaan baaftuu, “gosanyaa”, shorkeessitu kkf jedhu itt baasuu fi isaan irra ummata mirga addaa gaafatu qabu ta’u Oromoo haalaa turan. Ofii, qabeenya ummatoota biraaf bolola qaban, oftuultummaa ofii fi qaccefixiisa ummata Oromoo irratt gageessaa jiran ambi addunyunyaa bareechee kan beeku ta’uu hubachuu hin dandeenye. Oromoon bilisummaa ofiif qabsawan tarree saanii abaaramoo keessa qofa yoo ta’an kanneen waan isaan jedhaniif sarman, saroota jala sussuktuun ni farfamu. Kanaaf Oromoon karaa argatan hundaan birmadummaa ofiif qabsaawuu malee filmaata biraatt hin hafne.

Utuu guruddoon Amaaraa gaaffiin saanii fakmishoo jaarraa 20faa irratt hundaawe ummatoota biraan fudhatama akka in qabne baranii dansa. Durfannoon saanii, rakkina keessaa Godina ofii heddumaataa jirutt fala barbaadu ta’uu qaba ture. Kan fudhachuu qaban biraa, sabooti, sabaawotaa fi ummatooti dur kolonii saanii turan amma isaan walqixxee, biyyi saaniis kan ofii malee kan Amaaraa ta’uun hafuu saatii. Ammaarri akka sabaatt biyya ofii waan qabuuf sanaan quufuutu irra jira. Amaarri ummatoota bira keessa qubatan hireen saanii achuma waan ta’eef Godinaa Amaaraa waliin hidhata seera hin qabanii. Rakkina yoo qabaatan achumatt qabsaawanii akka seera biyyichaatt furmaata argachuu qabu. Kanneen waliin jiran irraa adda baasuu yaaluun isaaniif hamaa ta’uu danda’a.

Kolonummaa dhokataan anja dhabiisi yoo jiraateyyuu, Oromoon jalqabaaf dhaaba Oromoo hunda hammatu, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ijaarrachuu danda’anii turanii. Koloneeffataan saanii, Habashaan jaarraa 14faa kaasee hanga Hirmannaa Afrikaa fi isa achittis miltoo imperiyaalistoota Awuroophaa ture. Kanaaf, Oromoon sabi lafaan marfame, teknolojii ammayyaatt saaqaa hin qabne, eenyuun lolaa akka ture se’achuun jabaa hin ta’u. Amma yeroon fromsatt geedaramee jira, yoo ofiitt gadabaawe malee lamu deebi’ee hin garboomu. Seenaa keessa Itophiyaa lamatu jira; tokko qarooma Kush waaggaa kuma sadii ol dura ture. Kan biraa kan jaarraa darbe keessa itt mogaafame, Habashaa dha. Isa dura maqicha gurracha hundatu hirmataa. Habashaan joollee saaniitt isa dura akka ta’an waan itt sobaniif hamma ofii wallaaluun of bokoksaa jiru. Yoo of himuun dhufe Oromoon isa duraa keessa qooda guddaa akka qabu ragaa mallattoolee Gadaa keessa ilaaluu dha. Garu sun rakkina amma jiru keessaa hin baasu. Kan baasu adda addummaa ummatooti empayera Itophiyaa jalatt humnaan walitt qabamanii beekanii rakkinaa fi ballina godinichaa irratt akkaataa itt walgargaaruun danda’amu faluu dha.

Erga duula madda Walaabuu ka’ee as maqaa Oromiyaa waliigalaan dhaabi Oromoon waliin ijaarrate ABO dha. Kun diina hedduu yoo baragsiisu firootaaf abdii walabummaa hin dhaamne itt hore. ABOn kan uumame yeroo ilmaan nafxanyaa ambatt bahanii biyyi Oromo “Qinyii” keenya jechuu hin salfanne ture. Amma caalaattuu ugganii biyyichi yeroo hin yaadamnee ka’ee keenyuma ture, garuu weerartuu alaa dhufeen qabame, jechuun Oromootu qabate jedhu. Oromoon, ummati isaan dura Afrikummaa himachuu danda’u hin jiru jedhu. Akka waan lafeen Oromo isaan of irraa ittisuuf hin caccabnee, dhiigni saanii hin dhagalaanee, Abbootiin keenya “Axintaachewuun kaskiseewu, damaachewuun afiseewu” biyya nuu tursan jedhanii nutti geeraraa turanii. Sana nu fudhachiisuuf, abbootii saanii, afaan saanii fi aadaa saanii akka kan keenya jennee fudhannu surrii nu dhiqaa turanii. Sanaaf farfannaa bara Nugusaa waabariitt barsiisan qofa dhaggeeffachuu dha. Ummati nagaa jaallatu, aadaa qaroome qabu, sirna demokraataween wal gaggeessaa ture kun, ni salphate, qaanii guddaa keessa seene. ABOn kana didee gaara yoo seenu gariin saanii hidhati gariinimmoo gara toogatt oofaman.

ABOn, bilisummaa ummata seena qabeessa, lafti saa, qabeenyi saa fi ulfinni saa irraa mulqame jaarraa tokkoof hacuucama bahe kanaf dhaabbate. Isa balleessuuf, diinni maqaa adda addaa itt baasuun jibbisiiuuf holola ifaa fi laf jalaan irratt ofee oofaas jira. Dhaaba Oromoon dhiheesseef fudhahuu dhiisee dhaaba filuufii barbaaduun tuffii akkamiitii? Dur bara ABOn sadii turan gargar baassuuf kan Daawud Ibsaan hogganamu maqaan “Shanee” jedhu itt baafamee ture. Sun amma seenaa dha. Bilxiginnaan amma sana galmee keessaa baasuun kan jibbu hundatt maxansaa jiru. Kan isaan jibban hundi kan Oromoon leellisuu dha. Qondaaloti Ittisaa fi Polisii iccitii isaa utuu hin beekin bulgu gaafa qabu tokko fakkeessanii holola oofuu. “Shanee” jechuun amma Oromo jechuuf dinni sabichaa dhimma itt bahaa jira. Nammi Oromoo ta’e, baandaa diinatt gale yoo hin taane, maqaa sanaan Oromoo ajjeesuurra yoo of qusate abarsa irraa hafa. ABOn Shane jedhamu, ONAG , garaa ummata bilisummaa abjootuu fi Oromiyaa walaboomte arguu dharraa guddaa qabu keessaa baasun hin danda’amuu. Oromoon ABO jibbu kan Oromummaa jibbu qofaa. Diinni sana keessaa haquuf horiin hin dhangalaafne, dorsisii fi sodaachisi hin yaalle hin jiru; garuu baasee haquu hin dandeenye. Hanga tokko bituu fi taahitaan kolomsiisuun madaqfatee jira. Jara akkasiif malee diinni Oromoo onnee fi beekumsaan isaan caalee mitii. Kanaaf ABOn bacancaree bakka ka’eef utuu hin ga’in bajoojaa jira. Amma akka lamuu hin kulkulfannett ni ka’aa.

Oromoon eenyummaa olloota saaniin addatt qaban mirkaneeffatanii, bilisummaan akka jiratan iggitii kan ta’u, yoo Kaayyoo ABOn ganama lafa kaa’e hordofan qofaa. Oromoon mirgoota ilmaan namaa kan kabajan, seerri saabgidduu waan jedheef utuu hin ta’in aadaa saaniitii. Namoota hundee adda adaa, karoorfatanii haa tahu akka tasaa gidduutt argaman, akka ofiitt ilaalu turanii. Kana kanneen isaan gidduu jiraatan caalaa ragaan hin jiru. Akka isaan Oromoo shakkan kanneen sirna koloummaa nafxanyaa deebisanii Oromiyaa irra dhaabuu barbaadaniin ni tuttuqamu ta’aa. Hanga yoonaa wayyaba qubattoota akaakileen nafxanyaa turan iraa komeen hin jiru. Oromoonis sanaaf jedhanii aadaa ofii gananii amala itt hin jijjiirratanii; Oromummaan lammummaa caalaa ilaalcha. Humni alaa dhufu hanga mataa galfatutt qaccee dhahata malee saamicha irratt kan hiluuf hin qabu.

ABOn dargaggoo ilaalcha addunyaa adda adaa, dhugeeffannoo adda addaa, godinaa adda addaa, gosa adda addaa, sadarkaa barumsaa adda addaa, keessaa bahanii ejjennoon tarkaanfato ta’aniin ijaarame. Diinni sana hundaan akka wal dhaban yaalee turee, yaalaas jira. Oromo dadhabaa tokko tokko gowwoomsus, wayyabi walumatt hafe. Kanneen bu’uursa ABO irra turan hundi afaan tokkoon sagantaa gadjallaa tokko irratt waliigalanii turan, innis “Oromiyaa, rebubilika demkraatoftuu ummataa taate gad dhaabuu” dha. Ilaalcha adda addaa himachuun kan dhufe 1991 duuba dhiibbaa yaada halagaanii. ABO yoo jaallannu Kaayyoo ganama inni lafa kaa’eef malee, misensotaa fi hogganoota wareegamanii yk taatota amma jiraniif ta’uu hin qabu. Oromoon sirnatt malee abba tokkoota darabeen isa hogganan ni amanu malee itt hin amanani. Garuu ulfina guddaa kennuufii. Hanga heeraa fi seera saanii hordofanitt isaan gootota saaniitii. ABO kan jeeqaama itt fidan diinota qofa utuu hin ta’in akkaata qondaaloti saa itt of qabanis qooda salphaa hin qabu. Kanaaf ABOn jijjiiramaa bu’uuraa warraaqaa gaggeeffatu malee, eenyummaa ummati ayyaaneffatutt deebi’uu hin danda’u. Kanaaf amma Hoggansa raagaatu barbaadama. Kanneen hanga yoonaa qabsoo keessatt qooda fudhatan hunda Kora Sabaatt waamee, galmee darbe waliin cufanii fulduratt akkamitt deemnu kan jedhu garaa qulqulluu baabsa hin qabneen mari’achiisuu dha.

Miseensoti, keessaayyu hoggantooti ABO utuu of qoranii, akaaku hojii ummaticha gitu akka hin hojjenne; akka seeraatt utuu hin ta’in, akka ofii yaadanitt gaggeessuun seeran bulmaata haquu; miira sammuu dhiphisu, oftuulummaa fi ofittumaatt lakaawamu akka misatan; jaala tokkoof ulfinni, jaalalli, bu’aan cicannoo kennan kan jaala hin taane irra ada ta’uu dhabuun; rakkina dhaaba ilaalu irratt fedha sabichaa fi kan dhaabichaa dura kan ofii buusuu; qabsoo jiraachisuu caalaa of jiraachisuuf dhimmamuutt ka’uu saanii, kkf.

hangammeessa naamusaa ABOn ganama lafa kaa’erraa cehuu saaniif of qeequu danda’u turani. Hin hubanne malee gita haaraa dhaabicha keessatt ijaaraa jiru. Sanaan ofis dhaabichas qarqara qileett dhiibanii. Kun hundi kan ta’e duulota fedha adda addaatiin addunyaa keessa gaggeefamaa jiranii fi sadoota xaxaman irra haanuuf fedha, dandeetii fi qophee dhabuunii. Sun yoo hin sirreeffamne sabichii gadgalummaatt hafuu saatii.

Dargaggoo caccisaa tokko irraa akka ciigoott dhihaachuun ilaalcha of dhaadhessuu haa fakkaatu malee, qeeqi Jawar Mohamad waggoota dura, akka waamicha dammaqsuuf tolfameett fudhatamuu qaba ture. Ergasii qabsoo Oromoo fulduratt dhiibuuf tarkaanfii inni kophaa agarsiises barnootat kan fudhatames hin fakkaatu. Garuu ABOn isa ofiitt harkisuun hafee, hariiroo Itophiyaa waliin ilaalutt hinaaffaan gara isaatt yoo siqu mullata. Jawar dargaggoo qaroo dhaa, gara Oromummaan barbaadutt of qajeelchuu ni danda’aa; Manguddootoo? Kun yeroo Itophistooti yabboo malbulchaa dhuunfatte. Yabboon sabooti saglee wallaba keessaa hin qabne bilisummaa gaafatamaa jiruf iggitii ta’uu hin danda’u. tuuti malbulchitootaa aangoo empayera Itophiyaa qabachuuf wallaanso walqaabaa jirtii. Yoo empayerri diigame malee Oromiyaa fi kanneen kolononii Itophiyaa turan walaboomuu hin danda’anii. Itophistooti akka finnaa fi mootummaan empayeraa hin diigamne sodaatuu. Diigammi empayeraa deebi’anii dhalachuu saboota bilisa humnaan kufifamanii mirkaneessaa. Tokkeessoon sabooota walabaan fedhaan ijaarame deebi’ee hin jigu. Kanaaf diigammi hobbaatii dandahamu qofa taanaan garbummaa irra ni filama.

Tibba qabsoo walabummaa fi bilisummaa gaggeeffatan kana, Oromoof gola biraa hin barbaachisu. ABO qofa dhinsuu fi jabeessuun ni gaha ture. Kan 60taa kaasee qabsaawota Oromoo gargar qoodaa jiru, Oromiyaa akka biyya of danda’eett fudhachuu fi akka qaama Itophiyaatt ilaaluu dha. Sagantaan ABO lachanuufuu bakka kenna ture. Garuu akeeki muummichi walabummaa Oromiyaati. Oromiyaan wallaba taate akka egeree itt jiraattu filachuu dandeessii. Garbummaan jiraachaa gooftaa waliin dhoofsisuun dhagahamee hin beeku. Mirgi saba tokko hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu bitaa fi mirgan beekamtii argachuun hunda dursa. Itophiyaa demokraatessuuf qabsaawuun gaaga’ama hin qabu hin jedhamu; garuu hamma kan walabummaa hamaa fakkaatee waan hin mullanneef hangi tokk kan achi cillaanfatan fakkaatu. Habashaan sochi olhantummaa saanii tuqu hunda ijuma tokkoon waan laalaniif utuu gowwoomuu baanee gar tokkott gurmoofnee dansa.

Sagantaan ABO saboota biraa waliin tokkeessoo walqixxummaa, fedha walii walii kabajuu, fi akeeka fedhaan dhaabbachuu irratt hundaawe, kanneen Itophiyaa demokraatessuu barbaadaniif lafa kaa’ee ture. Kanaaf kan dursu Oromoon hiree ofii ofiin murteeffachuu malee inni kaan waan itt haanee dhufu malee Oromoof durfannoo mitii. Hanga 1991 hundi qabsoo bilisummaatt bobba’e sanatt amanee sosso’aa kan ture fakkaataa. Of mamuu fi daddaaqina keessaa sana duuba ka’etu dhaaba Oromoo fi tokummaa sabichaa jeequutt ka’ee. Kaayyoon irraanfatamee hundi of jiraachisuuf durfanoo kennuun mala dandahu hunda bocachuu eegalee. Kanaan ABOn faalame. 1991 duuba kanneen jaarmota Habashaa irra faca’anii Dargiin rukutamanii turanis muuxannoo ABO irraa argataniin akka Oromoott of ijaaruu eegalanii. Garuu ilaalcha baratanii dhufan irraa hin jijjiiramne.

Amma ABOn ganamaa sun jira yoo jenne wal gowwoomsuu taatii. Baqa irratt qabsaawoti yartuun Kaayyoo ganamatt cichuun kan gara Itophiyaa demokraateessuutt cillaaffatanii turan akka keessa deebi’anii itt yaadan gochisiisanii turani. Biyyati deebi’uun garu hedduu of dagachiisee. Maqaan ABO ofiin haa jedhan malee goloota Itophiyaa ta’anii galmeeffamanii jiru. OPDOnis isaanis “mormituu” jedhamu. Seenaan boona yoo hin taane haala amma keessa jiranin garagaruma hin qabanii. Caalaattuu qabsaawoti biyya keessaa fi qabsoo hidhannoo irra turan magaalaatt yoo deebi’an nammi dur beekan hin jiru, ofii waa hin horannee. Dhiigaa fi dafqa saaniitiin dhaabicha asiin ga’anii amma humnaaf gara itt garagalan wallaalanii. Wayyaba saaniitu

wareegamee hardha gahanii. Koloneel Abiy, ijoollee orma du’att dhiibu malee of hin du’an jedhee yeroo baayyee isaan qeeqaa. Kanaaf mootummaa isaan hin jaallannee maal naan jedhu hin beekne harkatt kufanii jiru. Haa ta’u malee ulfinaa fi barcuma abbaatu of jalatt eega jedhamaa. Kan beekuu qaban Faacha malee waan galaniif hongaatuu dha. Kanaaf waan caalaatt ulfina saanii xureessu hojjechuu irraa of qusachuun ni gorfama.

OPDO, dhaabichi dhimma ofiif Itophiyaanoti waan uumaniif, Oromoo sabboonota turoof obbolummaan garaan hin nawufii. Sabaawot isa keessa jiran Oromoo taasisuunii kan fedhan hedduun hin dhibanii; garuu tolchi saa, dudhama saanii caalaa cimaa waan ta’eef gutummaatt Itophiyaa yoo ta’an yk yoo daddaaqan argamu. Caasaan sanuma waan ta’eef Bilxiginnummaan hin jijjiirreenii, caalaattuu Itophiseen. Halagaan ammayyuu maqaa Oromo waliin eenyuunuu hin amanuu. Badiisa ofii tolche hunda “ONAG, SHANEEtt” maqata; sun Oromoo hunda dabalata. Maqichi shororkaa moora diinaatt uumee jira. Akka maqichaatt sabichi sodaadatmuuf deebisanii haroomsanii of ijaaruun barbaachisaa dha. Amma yaada haaraa utuu hin ta’in kanuma qabnu shaffisaan hojiirra oolchuutu nama barbaachisa. Yeroo qabsoo sabummaa kana heddumini dhaabota Oromoo ni laaffisa malee hin jabeessuu. Gargarsa qabeenyaa, dandeettii fi beekumsaa Oromoon qabsoo saaniif gumaachuu danda’antu dorgomtoota gidduutt hirama. Kanaaf adda tokkoon hanga injifannooti sosso’uun anjaa qaba. Caalaattuu qabsaawoti biyya keessaa fi qabsoo hidhannoo irra turan magaalaatt yoo deebi’an nammi dur beekan hin jiru, ofii waa hinhorannee kanaaf mootummaa isaan hin jaallannee harkatt kufanii jiru. Sun hamilee saanii cabsa, birmadummaa dhabsiisa. OPDO, dhaabichi dhimma ofiif waan Itophiyaanotaan uumameef Oromoo sabboonota turoof garaan hin nawu.

Manguddoon jaarmota Oromoo gaggeessan itt gaafatamaa fi abbaawummaa Oromummaa qabu. Angoo, qabeenya, dandeetii jiru hunda adda tokko jalatt dachaasanii hanga qabsoon galii akeekkateef geessutt waliin joga’uu dha. Dhaabi wareegama guddaan, yaada walabummaa qabatee asiin nu gahe ABO dha. ABO jabeessuun Kaayyoo bilisummaa jabeessuu dha. Kan qaata beekame waan ta’eefis barsiisa addaa hin fedhu. Kanaaf dhaloota “Fidalaa” keessaa kan lubbuun jirruu fi dhaalooti Qubee walii taanee Kaayyoo tokko, alaabaa tokko fi adda tokko jala haa hiriirru. Kana malee kaayyoon ganama gurguramee utuu hin dhumin, dhalooti Qubee falachuu qaba. Karaan karaa ABO ganamaatii. Tooftaan jijjiiramuu dandaha kaayyoon walabummaa fi bilisummaa garuu dhugeeffannoo dha. ABOn birmadummaa fi ulfinaa baddee ummaticha deebisee gonfachiisuuf karaa danda’e hunda qabsaawaa. Qabsoon nagaa yoo danda’ame jedhee Icaatiin kolonota biraa waliin ijaaree, qabsaawota qawween lolatan gaaratt bobbaase. Kan nagaa dadhabamnaan hidhannoott caalaa xiyyeeffate. Eertraa fi Tigray hidhannoon yoo bilisoman ABO seenaan duubbee fi carraan danqaraa itt ta’anii. Sana irraa faloo bahaa yoo deeme injifannoon fagoo hin ta’u. Kan mootummaa Itophiyaa qabatee fi itt fincilu hundi akeeki saa bu’aa kolonoota, keessaayyu Oromiyaa keessaa argamu dhuunfachuu dha. Sana dura dhabbachuuf jalqaba jaarmaa cimaa fi tokkummaan humnoota Oromoo, ittaansee gamtaan ummatoota cunqurfamaa jiranii barbaachisoo dha.

Sadoon qabsoo Oromoo irratt tolfamaa jiruu fi qacceefixiisi deemaa jiru Oromoon jaarmaa cimaa fi humna tokkoomeen ofirraa faccisuuf yoo hin qophoofne akka sabaatt faca’ee, kiyya kan jedhu hunda dhabuun fagoo hin ta’uu. Tarkaanfiin diinni Finfinneef tolchaa jiru farrisaa Oromiyaa waliigalaati deemaa jiruutii. Finfinnee halagaan dhuuftamu jechuun Oromiyaa gargar kutuu jechuu dha. Akka Barliin qabachuun Tumsi Lixaa WA II duuba Magaalaa Guddittii Jarman iddoo lamatt, walkaa jaarraa oliif kutee jiraatee jechuu dha. Sun bakka ijaajjanii Jarman Bahaa cabsan ta’e. Oromiyaan carraa sanayyuu hin argatu. Faca’ee, mandara abdattuun sirna nafxanyaa keessatt burraaqxu ta’a. Waaqni akkas hin yaadin malee kan isaan yaadan sana.

Wan jalqaba, jalqaba tolchuf, qabsoon Master Plan irratt jalqabame xumuramuu qaba. Finfinneen dangaa jalqaa, hamma see bara Nugusaatt deebi’uu qabdii. Qabsichi kan ummataa waan ta’eef jijjiirammi

dhufe kan koloneeffataa babbalisu tahuu hin qabu. Hamma xumuramutt achirra dhaabbachu qaba. Finfinnee sana, kan kan diinni dilii kolonummaa isa dhumaa keessatt gaggeessuu Qotaa qopheeffataa jiru. Oromoon abbummaa Finfinnee eenyuufuu ragaa dhiheessuu hin qabu. Seenaan, lafqui fi aadaan qaama Oromiyaa addaan bahuu hin dandeenyee. Iddoo Oromiyaa kolonoomte keessa jalqaba mandara moora loltuu kan weerarri Kibbaa, Oromiyaa dabaltu qabachuuf irraa bobbaafame. Amma Finfinnee dhabuu jechuun diinaaf daannoo irraa Oromiyaa nagaa habsiisu argamsiisuufii jechuu dha. Kanaaf Adda bilisummaa Oromoo jabeessuuf dandeettii, qabeenyaa, beekumsa fi aangoo Oromoo qindeessanii tokkoomsuun qophaawuun ariifachiisaa dha.

Dabaan hidhamuun hogganootaa fi miseeensoti jaarmota Oromoo, hamaa marsaa jiruuf dhaamsa tahuu qaba. Halagaa Oromiyaa gabbarsiisuuf kutatee ka’e, sossobachuu fi kan inni jedhu hundaa sarmuun ajjeechaa irraa ilmaan Oromoo hin oolchu. Gadisa saatiis qajeeltuu Oromoon ni argata jedhanii abdachuun gowwumaa dha. Hogganoota hanga yoonaa nuuf wareegamanii fi utuu kabajnuu fi jaallannu fedha ofii fi kolomsiisa diinaan booji’amanii kanneen moora halagaatt dheessan irraa dadhabbii fi jabina keenya barachuu qabna. Walgana abaaruu seera boriif dhiifnee, maal taanaan kun numudatee irratt xiyyeeffachuu qabna. Isa barannee sirreeffachuu malee, isaan mogoleen bu’eef sabichi abdii kutatee diinatt harka kennataan eenyummaa Oromoo waldhaaluu dha. Haalli hogganooti barabaraan taahitaa irratt cichanii hafaanii fi seeraan bulmaati keessa hin jirre nutt deddeebi’uu hin qabu. Nuti fakmishoo akkeessamnu malee kan bulcha ofangessummmaa guddifanu ta’uu hin qabnu turree. Seera ABO ganamaan Korri waggaa lama lamaan waamamuun kan hambisuuf ture. Aadaa malbulchaa Oromoon, murni tokko gadaa tokko caalaa aangoo irra hin turu. Sana irraa mucucaanneetu meeshaa ittiin ABO haleelan kanneen takkaa biyya irraa hamaa faccisuuf quba tokko kaasanii hin beekne itt hinaaffiif jibbanii kennee. Falli jiru dudhama fi kutannoo daddaaqina hin qabneef of qopheessuu qofa. Funaansi gola Itophiyaatt galmeeffaman maqicha dhiisanii fedha ofiin utuu maqaa qooda Itophiyaa keessaa qaban calaqisu fudhatanii dansaa.

Bu’oorsitooti ABO namoota ga’eessa waan tolchaniif itt gaafatamu danda’anii. Dargaggoo hedduu kakaasanii qabsoo bilisummaa dilii hedduun ittiin gaggeefame hogganaa turani. Hedduun Kaayyoo saba saaniif amanamoo ta’anii lubbu ofii arsaa godhanii jiru. Dargaggoon kaayyichaaf wareegaman lakkoofsa hin qabani. Jijjiirama wareegammi sun hawaasa Oromoo keessatt hawaasicha dur kan beekaniif raajii dhaa. Dubbi, hogganoota tokko tokoo, faallaa waan labsanii deemuun moora laguu dha jedhaa turanitt dheessanii murti seexaa saaniif dhiifna. Kanneen harka kennachuurra karaa irra taa’anii kadhatan seexa qulqulluun jiratuu, gootummaa saba saaniis isaan hin dhabsiisuu. ABOn dhugaa, diinaa hin jilbeeffanne, gadi galummaa fi semicha halagaaf hin sarmine, danda’amnaan ifaan, sana malee lafa jala of ijaaree ummata dhumaa jiruuf dhaqabuun waan hin oolee. WBOn gaaratt hafe akka jirus irraanfachuu hin qabnu. Dhaadannoon mormii dargaggoo Oromo 2014-2018 “Oromiyaan kan Oromiyootii” kan jedhu ture. Sun dhugoomuu qaba. Gandaa hanga sadarkaa finnaatti wajjirooti malbulchaa hundi iddoosota ummataa bilisummaan kennatamaniin guutamuu qabu. Tajaajilli noolaa dorgommee qajeelaa ta’een ogeeyyiin guutamaa. Kanneen akkasii malee eenyuu Oromo bakka bu’ee dubbachuu hin danda’u. Biyya Oromoo keessatt halagaa afaan Oromoo hin dubbannee ni furamaf malee Oromootti afaan halagaan itt lallabamuun salphina bara kolonummaa dhaalame. Gad haantummaa ofii fudhachuu dha. Akkas naa godhaa dura akkasin godhaan waan harka ofii jiru. Kanaaf sirreeffamu qaba. Oromoon dhaaba dandamate, jabaa, dudha qabu fi kutataa injifannoon ga’u barbaada. Sunis ABO dhugaatii. Akka maraatummaa bulcha Itophiyaa kana dhaabsisaniif iyyannoon Oromoon dhaabotaa fi namoota demokratawoo fi nagaa jaallatoo addunyaaf godhan ittuma fufa. Haa ta’u malee of eegumsa irratt, of irratt hirkannaa Oromoo kan bakka bu’u hin jiru. Ummati ijaaramee fi hidhate moo’uu seenaa warraaqsaatu mirkaneessa. Qawwee qofa utuu hin ta’in fedha cimaa, beekumsaa fi malaas haa hidhannuu. Ni bubbula malee kan kutatee dhugaaf qabsaawu ni moo’aa. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Onkololessa 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *