Haasaa Araaraa  

Kan waggoota dhibbaa dura hamma yoonaa murtiin Kora Barlin 1884-1885nin hubamaa kan  jiran Oromiyaa fi olloota see kibba biyya mootii Habashaatt argaman qofa. Kan isaan qabate gurracha tokkicha, Afriikaa hirmachuuf adii bira dhaabbate empaayera ijaarrate, mootii Habashaa/Itophiyaa qofaa. Badiisa Oromoo irraan ga’ame sirreessu erga qabamanii hedduutu yaalamee. Garuu cunqursaa itt fufuun, miseensota jara miidhamee keessa ofiitt hawwachuun, kan bade sirreessu irra cunqursaa cimsuutt ka’ee. Erga 1992 kaasee Itophiyaaf Oromiyaa gidduutt nagaa buusuuf ABUT if ABO gidduu heduutu yaalame. Mootumma PP waliini dheeheenyuma Taanzaaniyaatt al lama WBO ABO waliin nagaaf taa’amee hobbaati malee gargar cite. Jarri hundi Oromiyaa gulummaa saaniitt wan fudhataniif kan Oromoo ta’uu saayyuu hin amananii. Tarkaanfatoo of fakkeessuuf demokraasii fi walqixxummaan afaan saanii keessa hin bu’u. Dubbiin gargar cete, akka deebi’ee yaalamu hodeesisaa jiru. Ifaan kan beeksisame garuu hin jiru. Caalaattu dubbii waldhabsiisutu hogganoota Itophiyaa irra dhagahama. Madaa Oromoott soogdda firfirsuuf, kara ekeraa dubbistuu Minilikiin kaasee gorsa gaafata jira. Hammam Oromoon akka Minilikii fi sirna nafxanyaa ajeeffatan beekaa. Utuu Oromiyaa fi Itophiyaa araarsuu fedhe  gorsaaf utuu hin ta’in, gumaa fixaqaccee baasisuuf kaasa ture. Humni waraanaa Itophiyaa guddaattu Oromiyaatt bobbaafamaa jiras jedhama. Waraanni Itophiyaas roorroo caalaa ummata nagaa irratt raawwataa akka jirutu himamaa. Akkamittii malee, Oromoon bilisummaa saanii argachuun mamii hin qabu. Lola yoo ta’e itt jiruu; nagaaf yoo miltoon argameef, imaammata taliilaa qopheefachu qabu.  

Oromiyaan Itophiyaa waliin araaraa buusuuf Oromiyaaf tuqooti irratt hin dhoofsisamne jiru. Imaammata kanaan dura ture, a) bakka qaammi sadafaa jirutt, b) biyya hin baabsinett, c) haala duree malee kan jedhu, yoo fudhatame, tuqaaleen kanaa gad itt dabalamuu danda’u. Halagaan waggoota dhibbaaf Oromoof murteessaafii ture. Lamuu, murteessuufii akka hin dandeenyeef  qabsoo bilisummaa jalqabanii. Hamajaajiin saanii, kana baruu fi fudhachuu qaba. Oromoon walabummaa fi bilisummaa saanii humnaan dhabamsiifamanii. Amma walakaa jaarraa ta’ee jira erga ijaaramanii waan gaafatamu hunda itt basanii deebifachuuf kutatanii. Halagichi nagaan xumuruuf fedhaa qabaannaan Oromoo caalaa nagaa kan jaallatu hin jiru. Garuu bilisummaa fi walqixxummaa malee nagaan hundaaf ta’u jiraachuu hin danda’u. Waldhabdee jiru nagaa ulfina qabuun furmaata itt gochuufis Oromiyaan qophii ta’uu agarsiiftee jirtii. Kana mijjeesuuf tuqaaleen kana gadii hariiroo egeree dubbachuu dura haanuu qabu. 

1. Dura, Oromiyaa keessatt kennata qajeeltuu fi bilisa bakka daawwattooti subgiddu jiranitt gaggeefachuu  

2. Oromoon bilisummaa fi walqixxummaan haala itt of ifsuu danda’an qopheessuu  

3. Oromoon qawwee saanii akka fedhaa saaniitt gurmeeffatu malee nyaaphi akka itt ajaju dabarsanii kennuun dhoofsisa keessa galuu hin qabu.   

Akeeki Oromoo walqixxummaa fiduuf waan ta’eef, garri tokko qawwee irratt ajajuuf isa kaan caalaa mirga hin qabaatu. Waldhaqiisi haaraa irratt waliigallaan, yk sirni federaalaa fudhatamnaan, golli tokkoo cancala dhimma malbulcha, hawaasoma fi diingadee waloo butachuun of mi’eessuu dha. Hariiroo hundi seera walqixxxummaa gareen masakamuu qabaa, Kanaaf hanga ummati Oromoo mirga hiree sabummaa saa ofiin murteeffate waa’ee qawwee irrat murtii dabarsutt WBOn hin hiikkatu jechuu dha. Waggoota shantamaa ol kan qabsaawaniif maaliif taanaanii, qawwee saanii diinaaf dabarsanii kennuu? Qawween akka lolatt danqaa ta’uuf malee akka gareen tokko isa kaan ittiin dorsisuuf ta’uu hin qabu. Empayerri diigamuu qaba yoo jennu mootummaan saa nu bulchuuf seeraa hin qabu jechuu keenya. Fulduratt akka ollaa dansaatt yoo waliin jiraatan, yoo tokkeessoo uummatanis, seera walqixummaan waliiin tummaniin malee kara Oromoo seerri empayeraa kosiitt darbameeraa. Heerri amma jiru yoo walii galan akka kan cehumsaatt tajaajiluu danda’aa ta’aa. Gaaffiin Oromoo Oromiyaa irratt abbaa biyyaa ta’uu dha. Kun erga deebii argatee booda, hariiroo saboota biraa waliin qabaachuu danda’an, akeeka walqixxummaa, fedhaa walii walii kabajuu fi fedhaan tokkeesso malbulchaa uummachuu irratt hundaaween, murteeffachuu danda’uu.  Kana gochuun demokraatummaa, olhaantummaa seeraa fudhachuu, fi walqixxummaa ummatootaatt amanuu gaafataa. Mootummaan Empayera Itophiyaa hundeen saa biyya mootii Habashaatii; sun amma waan hin jirreef dhibdee jiru nagaan furuu ni rakkata ta’aa. Qawwee malee biyya hin qabu. Ummatooti empayerittii uumuu gargaaranis gamtaa dhowwataanii jiru. Hundi olhaantummaa saa fudhatan malee, sirna nafxanyaa waan ta’eef bakka nafxanyummaan hin jirrett jiraachuu hin danda’uu. 

 Kanaaf PPn sirna imperiyaal sana deebisuuf kan isa kuffisuu yaalan waliinuu ni dhaabbataa. Empirittiin burjaajii keessa jirtii, Oromoon kolonummaa haquu yoo fedhuu; gurguddoon Itophiyaa deebisanii koloneeffatuu barbaadu. Kanneen, fedhiisaa hin araaramne. Kanaaf dhoofsisi araaraa gara Itophiyaan wamamu keessaayyuu kan PP sirinyaatt fudhachuun xifa hin danda’amu.  Akkuma raajii, garaa qulqulluun dhufuu dandeenyaan garuu, rakkina Oromoo qofa utuu hin ta’in furmaati eeramu kan naannichaas dabalachuun waan danda’muu. Empayerri harcee ta’uu dura, furmaata egereef ta’u argamsiisuun, badiisa ofii yoo ta’ellee PPf silaa ulfina. Qooqi “harcee/daakuu” jedhu waa’ee ABUT MM Abiy jedherraa liqeffame,  

Biyyi mootii empayericha uume amma walitt hin jiru. Dhiheenyatt kan walitt dhiinsuus danda’an hin fakkaatanii. Empayerich bakka saa bu’ee kan hogganaa jiru gola Bilxiginnaa (PP) jedhamu. PPn murnoota biyya mootichaa keessa jiran waliin nagaa hin qabu. Kolonoota, humnaan gadi qabaa jiraate waliin koloneeffataan kun takkaa nagaa qabaatee hin beekuu. Hanga ummatooti hundii mirkanii jiru fudhatanii wal gidduutt qulqullina garaan nagaa buusuuf bobba’anitt nagaa fi tasgabbii fiduun rakkisaa dha. Kan garbummaa nuffe hundi fala ofii barbaachuu dha. Empayerri “daakuu facaate” ta’uuf deemtii. Lamuu daakummaan dhimma hin baaftuu. Jarri empayericha uuman tarkaanfatoo ofiin jedhanii, duubatt harkistuu ta’anii, Oromiyaa irratt yaaduma tokko qabu. Gaaffi Oromoo hin fudhatanii. Humnaan of jala oolchuu malee nagaan akka ollaa walqixxeett wal irratt hirkatanii jiraachuu hin fedhanii. Hundi waa’ee “Araatt kiiloo” qabachuu hodeessuu.Mootummaan amma jiru Finfinnee irratt muudamuuf PPn isa dhumaatii. Finfinneen Oromiyaa dhaa; Oromiyaan biyya of dandeesse Oromoo qofti irratt murteessu taatii.  

Koloneeffatoon Oromiyaa akka bara qabatanitt olhaantummaan hafuu mirgatt fudhatu. Harcaatuun saani, Oromiyaa keessatt hafte kanneen koloneeffattuu biyyoota Afriikaa fi Asiyaan adda akka hin taane ammayyuu dammmaqaa hin jiranii. Hireen saanii kanneen waliin jiran wojjiin mallee firoota sirna nafxanyaatt keessaa madaqfan mitii.  “Ciniintu jinfuun kunoo (irmii tufii); teessu barcummi kunoo; adeemtu karaan kunoo” jedhe Jootee Tulluu, erga firoota see injifatee obblaa see fixee booda, haadhama manaa saatiin, jedhamaa. Oromoo mitiin Oromiyaa keessa jiran Oromoon demokratummaan dhiiga saanii keessa wan jiruuf  seeraan Oromoo waliin mirga walqixxee akka qabatan isaanuu ragaa dha. Yoo kanneen biraa Oromiyaa bulchan wanti wayyaan argatan hin jirruu, caalaattu badaan isaan mudachuu fi fedhaa dansa Oromoo waliin ijaarratanuu dhabuu danda’uu.  

Ammaaf Oromoon, qawwee saanii, kutannoo fi dudhama kaayyoof qaban qofaa qabuu. Kanneen fuldura dhaabbatan hunda haxaawanii bilisa akka ba’an mamiin hin jiru. Dhalli Oromoo duubatt harkisummaaf humna akka hin taane goochuu dandeenyaan aanga’aan isaan dabsatu hin jiraattu. Ofumaa of salphisuu irraa of eeguu dha. Oromoon walqixxee taanee hariiroo keenya egeree haa murteeffanu jedhan malee, kan bira hacuucna hin jenne. PPn Oromoo miti, nuwi hin iddoosu jedhan malee tokko tokko, kan qaccee Oromoo qaban miseensa itt hin taane hin jennee. WBOn Oromoof dhaabbate, ajjeechaaf Oromoott hin aggamu, ofirra faccisuuf yoo ta’e malee ajjeesuu fi saamuun Safuu dha.  Jecha saanii, “Kan hiyyeessatt roorrisu hin baadhaadhu” jedhu garaa dhaa fudhatu. Golli Badhaadhina (PPn) hojiin saa muummichi hiyyeessatt roorrisuu dha, Safuu hin beeku.  Dhaadannoon saa, ummata Oromoo (garba) lolaasee ABO OLA (qurxxummii) dhumiisaaf saaxiluu malee, ABO irraa ummata bilisa baasuu mitii.  Kanaaf inni Oromoo mitii.  

Yeroo waa’ee araaraa dubbanu rakkina kanaa ol jiran waliin laaluu dha. Hawwaa fi jaalala nagaaf qabnu qofa mittii. Erga sirni nugusaa kufee jijjiirama irra keessaa malee kan silaa barbaadamu jijjiirammi bu’uuraa hin gaggeeffamnee. Kan jijjiiramicha hogganan kanneen sirna kolonummaa nafxanyaa dullacha haaromsuu barbaadanii.  Kanaaf caasaa empayerichaa, akka sirni haaraan bakka bu’uutt hin diigne. Sun ta’u malee walqixxummaan abjuu dha. Kanaaf kan dhufe hundi holola sobaan biyya bulchuu barbaadaa. Araara buusaa yoo jedhamu diina saanii boollaa baasee goota godhata, ekera saa dubbachiisaa. “Bulgu nama nyaataan sodaachisa garbaati” jedhamaa mitiiree? Garboota saanii durii nama se’aa jiru. Lola koloneeffatoo Gaanfa Afrikaa lama gidduutt ta’e Oromoott faarsaa, yaadannoo lolichaa, Oromiyaa keessatt dhaabaniif; tuffii hammamiitii? Oromoo ummata ofii gananii fi boojuu surriin dhiqame, nyaaphaa bulan akka gootota Oromoott fudhachiisuus yaala jiru. Kanaan, Oromoo boojuu kan akka garbootaa fi beellada geejjibaatt dhimma itt ba’uun karaa Aduwaa fi deebii irratt hafan lammii irraanfachiisuu ifaaja’uu. Lammoota saanii harka halagaatt dabaan kufan Oromoon yoomuu hin irraanfatanii. Oromoon dammaqanii, of ijaaranii fi hidhatanii kaayyoo isaan kufaniif falmachaa jiru. Sichi hin dagamanii.  

Kanaaf Empayera dullacha waliin diiganii nagaan jiraachuu yk waranichi, hanga garri tokko yk lachanuu ga’a jedhanii dubbicha gara diriira nagaatt fidanitt itt fufaa. Empayerichi diigamu malee kan irra ba’u hundi sirna inni ittiin caasame jijjiiruu hin danda’uu. Sanumaan masakamaa. Oromoon qabeenya ofiitt akka dhimma hin baane taasifamanii waliigalatt hiyeeyyii dha. Kanaaf, hundi saanii Kaayyoo lolataniif qabu. Mootumaan Itophiyaa qabeenya Oromoo fi kanneen bira saamuun duroomee isaan ummatoota qabate gadi qabaa jira. Sanaanis daangaa cehuun hiyyeeyyi bobbaasanii lola ofii lolchiisaa jiru. Lolli saanii lola dabaatii; dhummi saanii injifatamuu qofa. Lolichi araaraan xumuramus lubbuun hiyyeessaa isaan dhume hin deebi’uu. Haati hiyyeessaa akkuma boossett haftii. Badiisa ta’ettis kan gaafatamu hin jiru. Kanaaf, lubbu hedduu fi qabeenya guddaa baraaruuf cunqursamaa hundi harka walqabatee ka’uu qaba. Dhiiga nomoota nagaa dhangala’uu fi qabeenyi hamma hin qabne mancaa’uu itt fufuu hin qabu. Haasaan nagaa silaa kanaaf qorichaa. Sabooti, sabaawoti fi ummatootii empaayera jala jiran, addaanjiroo adda addaa, caalaan saanii waggoota dhibba dura qofa aangoon walitt qabamanii. Fulduratt fedhaa ofii qofaan walitt dhufuu. Sobii fi garadhabsiisuun seenaa tokko tokkoon saanii fi eenyuufuu dhimma hin baasuu. Haasaa nagaa qofatu hundaaf nagaa, tasgabbii fi misomaa fiduu danda’aa. Seenaan keenya asoosama haa ta’uu dhugaan, deebinee waan keessa hin jiraanneef, rakkina amma qabnuuf nu hin tajaajilu, Moorota (kitaabota) seenaaf misha ta’uu ni danda’a ta’aa.   

Malbulcheesitooti Itophiyaa gaaffii Oromoo ni qayyabatu, sirrii ta’uu saas beeku. Garuu bololli qabeenyaa fi aangoof qaban akka dhugaa gara dhabsiisan ni abbalchiisaanii. Ummata ballaa Amaaraaf kan malbulchooti saanii jedhan hundi dhugaa itt fakaataa; Oromiyaan akka kan Amaaraa ta’e fi Oromoon Afriikaa alaa akka dhufan dhugaatt fudhatame jira. Yeroo Oromoon gara Afrikaa kan keessa marmaaru, addaanjiroon Amaara jedhamu kun hin uumamne ture.  Seenaa garadhabsiisuu caalaa cubbuu maaltu jira? Bar tokko biyya Sayyoo jedhamu “Shummii” nafxanyaa hamaan tokko ka’ee, namichi Naaqee jedhamu bakka isaa bu’e jennaan, tokko Naaqee farfatee weedduu baasee; kan biraammoo “Laqxee albaatetii, Naaqeen Abbaa keetii, hundatu sidaamaa hundumtu si yaabaa, hundumtu si saamaa” jedhe jedhanii. Akkasitt kan Oromoon Itophiyaa qayyabatanii. Kun kan agarsiisu, akka haasaan nagaa soba hin qabne, jijjiirama bu’uuraa dhugaa irratt xiyyeeffatu barbaachisuu. Caasaa kolonummaa empayeraa fi akkataa itt hojjetuu diiguun jalqabuu qabaa. Haasaan nagaa kan sana hin hedne fi ummatooti fedhaanii tokkeessoo ummachuu hin fudhanne hin waaruu. Oromiyaan haa jiraattu! 

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!    

Ibsaa Guutama 

 Gurandhala 2024 