Itophiyaan guddaa taate Kora Barlin 1884/85 irratt qooda fudhachuu hin dandeenye. Xinnaatteefis bu’aa saa irraa hin qoqqobamne. Imperiyalistoota walgahan keessaa Britaniyaa, Faransii Xaaliyaaniin akka biyyoota Afrikaa biraa qircachuu dhiisanii akka miiltoo laaqii Kiristinnaa keessaatt dhimma itt bahuuf walii galan. Kara, karaa saanii caalaa leellifamuuf ogeeyyii gorsituu fi qawwee baraa itt guuran. Kanaaf hamma humnaatt iseenis ummatoota walaba kibba see koloneeffatee sirna bulcha Nafxanyaa bu’uurfatte. Jarri gaaraa gadi buutee hin beekne, “maal agartanii addunyaa hunduu keenya ture” jechuutti kaa’ate. Yerosi Oromiyaan koloneeffatoo sadii gidduutt kan qoodamte. Kan Itophiyaa qabate iddoo kudhanitt kukkutame. Bobbaa sanaan ummatooti hundu, keessaayyuu Oromoo, Walaayittaa fi Kafichoon dilormaa saanii walakaa akka dhaban galmeeffamee jira. Amma sana hunda of duubatt dhiisanii akka Afrikaatota bilisaa fi walqixxootaatt tokkessoo haa uummanu jedhaa jiru. Karaa birammoo abdattuun sirna Nafxanyaa durii, ammas abjuun isan dhuunfachuutu itt muldhataa jira. Qabsoo ummataan kufanuu, Oromoo bolola aangoo qabaniin bakka kufanii kaafamanii wacaa jiru. Hongaatuun kun qabsoo ummatootaa duubatt deebisuu yoo hin dandeenyeyyuu ummatoota walitt naquun fixaqaccee maddisiisuu fi nagaa booressuutt jirtii. Hirreen Warraaqxota Oromoo nagaa fi bilisummaa fiduuf waggoota shantaman dura diriire ammaa hin dachaane.
Qabsoon Oromoo Kallacha qabsoo saa ABOn durfamu sirna kolonii hogganoota Amaaraan durfamu cabsee, republika Oromiyaa ummataa demokraatoftuu dhaabu akka kaayyootti qabateetu ka’e. Gidduu seenuun Tigree si’ayina saanii hin hubne. Tokkeessoo demokraatawa, birmaduu fi walqixxee kan ta’aninis waliigalteen uumuun akka dandahamu agarsiisee ture. “Sabgiddeessitotuu”/internationalists kan irratt walta’u. Tibbuma sana kanneen Marksiist Leeninist ta’an qabsoon ummataa kan sabaawa dursuu qaba jedhanis turanii. Jarri boodana honga’anii loltuun bilisummaa qabsoo saanii itt fufanii. Qabsoo sana kan sirni federaalaa uumamuun utu ifaan hin labsamin dhaabbate. 1991 keessa OLF, TPLF fi EPLF Chatara Cehumsaa fudhatanii dhufuun kanneen biraas mari’achisani soneessa cehumsaa irratt waliigalan. EPLF Isaayyaas Afwarqiin hogganamu Eertra walaba dhaabbachuf murnicha irraa dacha’e. Garuu dhimma keessaa Itophiyaa fi Oromiyaa keessa galuu hin dhaabne. Sanaan lolattuu deemee rukutamee jira. Isa irraa hidhaa, ajjeechaa, samichaa fi mirga ilmaan namaatt roorrisuu malee wati irraa baratamu hin jiru. Charterich erga ABOn gadlakkisee heera federaalaatt ol guddatee jira.
Qabsoon Oromoo hanga irraa eegamu of ijaaree angoo, ogummaa fi beekumsa Oromoon qabu hunda qindeessee gad ba’uu hin dandeenye. Kanaaf haalli komatamuu danda’a ta’a, haa ta’u malee maata mataan hogganooti komataman hin jiran jechuu miti. Sana seenaaf dhiisuu wayyaa. Abba tokkoota farfannu yk abaarru qabna malee dhaabii maqaa dhahannu hin jiru. Inni qabna jennus alaa fi keessaa itt duulamee butuchame. Sochiin Qeerroo empayerittii sossose guduunfamee humna dhaaba ta’ee gad hin baanee. Kanaaf hogganooti ergisaa dhufanii sochii qeerroott mataa itt ta’anii imala gara bilisummaatt tolfamu hankaaksani. Kun akka itt hin fufne beekoti waca malbulchaa keessaa cinaatt bahanii roga itt gochuu qabu. Malbulcha, dhugeeffannoo hawaasom fi diinagdee keessatt Oromummaan gahaatt calaqsamuu dhabuun waan nama yaaddessuu. Diinni erga qabamne aangoo fi dhaaba nu dhabsiisuuf
malli ini dhimma itt hin bahin hin jiru. Kanaaf dandeettii keenya qindeeffachuun jarjarsaa dha. Ala kanatt gargaarsi, iyyaatii fi hololli durfannoon kennamee utuu qindeefamanii bu’aa qabaatu. Madda qabeenyaa yartuu qabnu ogummaa fi iftoominaan dhimma itt bahuun akkuma. Federalummaan itt fufuu haa tahu walabummaaf deemuu murteeffachuun ofiitt hirkachuu fi ooffalcha hundaa gaafata.
Angoon 39 mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu heericha keessatt dabalamuutu Oromoon akka suduudan walabummaaf hin deemne kolomsiise. ABUT qabeenya Oromiyaa saamaa fi mormii Oromoo ukkaamsaa, heera federeeshinaa hojii irra oolchus irra ciise. PPn miira dharraa Oromoo fi sabooti, sabaawoti fi ummatooti bilisummaa, walqixummaa fi qajeeltuuf qaban leelloo Itophiyummaa dullachaaf jedhe kosiitt dabalee. Mootiin mootota inni dhumaallee akka duubatt harkiftootaa kana utuu hin ta’in, dubbii saa hunda keessatt gara Itophiyaa haaraatt cehu hawwa qabu utuu hin himatin darbee hin beeku. Dr. Abiy mootii ta’uutt ija baabase malee dagartooti filate sun garamitt oofaanii akka jiran huubataa hin jiru. Oromon bantii soorumaatt isa baasanuu, deggertuu saa ta’uuf dadhaboota godhe fudhachuun ciiga’ee.
Akka ilma Oromoo isaan amananiitt dugda itt garagalchuun Nafxanyaa haammachuun safuu dha. ADWUIn kennata dogoggoraa fi qajeeltuu hin taaneen akka dhufe yaadachuun isaaf gamnooma ta’a ture. Gaaffii seerummaa kana akka ummatooti irra ilaalan taasisee, afaan dhadhii dama murna saa Garee Lammaa, surraa saa, jiijjirama barbaacha fakkeessaa saa fi butuchi ABUT/ADWUI jalatt uumame turanii. Sila kan inni gochuu qabu DHDUO/ADWUI hogganuun nagaa fi tasgabbii kabachiisuun, waggoota lama keessatt kennata waliigalaan karaa gara sirna demokratawa bilisa, kolonummaan keessa haqamett baasu soneessuu ture. Siidaa mootota Amaaraa ijaaruu hin turree. Bu’uura seerawummaa saa OPDO fi ADWUI diigee, sirna ofaangessaa duriitt of sutuu yaale. PPn dhaaba Itophiyaati. Sana jechuun, dhabsiifama ODP, gola Oromoo fakkeessaa duuba Oromiyaan suduudaan mootummaa Itophiyaan Finfinnee wiirtuu bulfamti jechuu dha. Achitt, kan Oromiyaa silaa duubbee taatuufiin addaan deeme. Akkuma ofaangessootaa, wajjirbulchiin saas waan halle irratt sobuu fi nakkaroota saa garaa jabinaan reebuu eegale. Sun miira Imperial Itophiyaa inni sagaduuf beekamaa ture. Dargaggeessi akkasii eessa nunf gaha laata kan jedhame, boona konkaan ummata ofii tuffachuun hedduu nama gaddisiisa. Ammas gaabbanii of sirreessuuf yeroon hedduun hin dabarree. Sun waan kan Waaqi inni maqaa saa lallabaa oolus jaaldhatu.
Amma qabsoon Oromoo haaromee gad dhiifamee jira. Utuu ijjiirama bu’uuraa hin mirkaneeffatin duubatt deebi’uun akka hin jirre Qeerroon beeksisee jira. Oromiyaan kan Oromo ta’u yk baduu jechuu dha. Dargaggoo garaa muratan eessa abbaakeen hin deebisu jedhamaa. Ummatooti sirna federaalaa leellisan hundi qabsoo Oromoof tumsuun ka’anii ifajee guneessitootaa xumura itt gochuu qabu. Yoo sun ta’e, heerichi moo’ummaa tokko tokkoon sabootaa, sabaawotaa fi ummatootaa beekuutu qayyabatama. Mootummaan federala, aangoo isaan kan ofii irraa kutanii kennaniif qofa qabaata. Sun akeeka ummatooti madda moo’ummaati jedhu qayyabachuu irratt hundaawa. Sun duula abdattoota sirna Nafxanyaa maqaa Amaaraa fi Itophiyaan aangoo butuu yaalan raawwachiisu qaba. Oromoon diinota saanin maqiin “Shanee” jedhamu kenneefii jira. Jaarmaan ifaan “Shanee” jedhamu hin jiru; jiraatus kan diinni gargar nu hinbaafne nutis maqaan utuu gargar nu hin baasin, qabsoo keenya qindeeffannee joga’uu qabna. Hundu Shaneen ana jechuun shira diinaa haa fashalsuu.
Ummmati Amaaraa hariiroo ummatoota biraa, kanneenn bilisummaa, walqixxumma fi qajeeltuuf qabsaawan waliin ejjennoo qaban mamii malee beeksisuu qabu. Rakkinni mullatu garaagarummaa irraa ka’a ilaaalcha isaan ummatoota biran qabanii. Mariin godhamu aadaa, dudhaa, mallatoolee, seenaa fi maqaa Itophiyaa jedhu irraa utuu hin ta’in nagaa, tasgabbii, misa, gammachuu, anjaa fi hamaa waliin jiraachuun fidu irraa ka’uu qaba. Kun mirgoota olitt dhahaman saboota, sabawotaa fi ummatootaa dursee beekamuu gaafata. Kana malee, hariiroon kolonummaa Nafxanyaa akka jijjiiramett fudhatamu waan hin dandeenyeef mariin tolfamuus kan sanaan walgitu ta’aa.
Oromoomitiin Oromiyaa keessa jiraatan keessaammoo horeen Nafxanyaa durii, firoota saanii Finfinnee fi Daayaspooraa fagoo jiraataa tuttuquun sodaachisaniif gura qeensuu hin qabani; kanneen bira jraatan waliin nagaa buusanii jiraachuu itt fufuu qabu. Rooba haa ta’u aduu kan birmataniif isaan yoo ta’an fedhi abdattuun sirna Nafxanyaa mirgoota ummatooti hanga yoonaa argatan fonqolchun gara aangoott tola Isaan gulufuu dha. Isaan Oromiyoo dha; Oromoo fi ummatoota naannaa saanii jiran waliin ijaajjuu qabu. Dhaadannoon, Itophiyaa tokko; alaabaa tokko, amantee tokkoon sirna Nafxanyaa dur raawwate. Akka Oromiyoott duraan dursinee seeraan bulmaata fi mootummaa democratawe jiraachuu keessatt mirkaneeffachuu dha. Achii, waliin baanee eenufaa waliin akka jiraannu dhoofsifna. Heerri amma jiru irraa ka’aaf ni ta’aa.
Hiree empayera Itophiyaa murteessuu kan danda’an ummatoota jalatt hidhaman hundaa malee Amaara yk Tigree qofa miti. Kan durfannoo qabu maqicha utuu hin ta’in tokkeessoo naga qabeessaa fi demokratawaa keessa yk akka olla gaariitt gammachuu fi ballinaan waliin jiraachuu dha. Hamma yoonaa burqaan hamtuu hundaa murni tokko murna biraa irratt humnaan of tuuluuf dhaa. Sirna Nafxanyaa Itophiyaa dullatii hojii ala ta’e lubbuu itt horuuf tattaaffi jiru, sabooti, sabaawotii fi ummatooti kennata bilisaa fi qajeelaa ofii gaggeeffachuun gabaabaatt kutuu qabu. Achii, jilli saanii Finfinneeti walitt dhufuun mootummaa federaalaa haaraa uumuu dha. Akki itt sun raawwatamu yaa’a keessa irratt mari’achuun ni danda’ama. Kan darbe akka hin deebinett sokkee jira; hundi jireenya atoomaa ammaa fi egereef of afaalla’uu haa yaalu.
Sun hankaaknaan tokko tokkoon sabootaa, sabaawotaa fi ummatootaa karaa fedhan deemuuf bilisa. Angoo 39 kabajamutu waliin nu jiraachisa. Inni haqamnaan Oromiyaan, akka Kaayyoo ganamaatt walabummaa ofii labsata. Haa ta’u malee, sanaaf dirqisiifamanuu isaan caalaa, mirga fi fedha walii kabajuun, nagaan waliin jiraachuun jabina akka ta’e, waliin jiraachuun misoomaaf carraa wayyaa fi Afrikaa tokkoome jaba uumuu fi sanyii gurrachaaf abjuu waloon qabnu dhogomuu kan qayyabatu hin jiru. Battala keenya walii beekuun wal amanuu jabeessaa ta’us, obonboleettiin wullee keessaa ilaalcha dagaagaa qabnu irraa nu maqsu hin qabu. Sanaaf guddaa yaaduu, olhaanaa abjoochuun kan dubbiin ilaaltu hunda irraa eegama. Durfannoo keenya mirgi ilmaan namaa fi ummatootaa kabajamuu dha. Tumsa cunqurfamootaa waliin ol! Warraaqsi Oromoo haa lalisu! Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxu
mmaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu.
Ibsaa Guutama
Adoolessa 2020