0

Gaaffolii Oromoo Rarra’anii Jiran

Cuunfaa

Oromoon funcaa kolonummaa caccabsanii birmadummaaf awaara garbumaa urgufataa jiru. Jarri Oromiyaa irra birdiinfatanii taahuu baran ammayyuu abdii hin kutanne. Oromiyaan uumaan kan kennamteef tahu of amansiisanii jiru. Oromoon hanga mirgi sabummaa saanii kabajameefitt, ummatoota Afrikaa akeeka walqixxummaa fi demokrasii qaban waliin tokkoomuun Kaayyoo warra abbaa Gadaati. Yoo sun hin taane Oromoon ummata of dandahee walabummaan jiraachuu dandahu. Eenyummaa saanii eenyuu dorsisuu akka hin dandeenyee fi eenyuu eenyummaa biraa itt fe’uu akka hin dandeenye Oromoo warraaqsa gaggeesanii agarsiisanii jiru. Empayera hundee sossoosanii jiruu, buqisanii gatuu malee waan keessaa olfatan hin qabanii. Dargagoon 1960 keessa turan, kanneen warraaqsa Oromoo qabsiisan, amma walakkaa jaatamaa olii keessa waan jiraniif xuuruufamaa jiru. Qabsichatt cichanii kanneen waliin kerkeran yoo jiraatanu abbaawummaan itt fufsiisuu kan dargaoo tibbanaatii. Yeroon Baalli dabarsuu fi harkaa fuudhuun dirqama Oromummaatii. Mogge Lamaan Diimtuu ol kaasanii gara injfannooti dhiichuun Qeerroo fi Qeerrantii dhaloota Qubee irraa eegama. Qabatteen itt haanan tarkaanfii saanii kan eeggatan rarra’aa jiran keessaa hanga tokko:

1. Mootummaan federaalaa lafti Oromiyaa kiyya jechuu dhiisee seeran abbaa kan tahan Oromoott deebisuu qaba

2. Halagaan barumsa Oromiyaa keessa seenuun dhaabbachiifamuu qaba

3. Oromiyaaf tajaajila noolaa walabaa fi hin baabsinee ijaaruu

4. Caasa dullacha imperiyaal diiganii kan tokkeessoo haaraa ummatoota fedha qaban waliin caasuu yk walabummaa ofii labsachuu

5. Fakmishoo Gadaan sadarkaa hiriyaa hundatt of ijaarii mirga dhalootaa jireenyaa fi gammachuuf qabduu eeggachuuf qophee tahii. Oromiyaan Haa Jiraattu!

——————————————————————————————————————–

Oromiyaan Awuropaanoti humna namaa fi watattaan gargaaran, duula mootii Shawaa Minilikiin kan qabamte dhuma jaarraa 19faa ture. Duulli sun Nafxanyaa jedhamaa ture. Maddi humna saa eegalaa, gita fudal Shawaa fi qondaalota Habashaa bakka bakkaa foo’aman yoo tahu garbooti luba baafaman akka Habta Goorgis fi Baalchaa Abbaa Nafsoos turani. Garbooti lamaanuu sanyiin saanii fi maqaan abbooti saanii (Diinagddee fi Saafoo) hanga Mootiin Moototaa kufutt ifaan himamee hin beeku. Maqaan dhaloota Habta Goorgis Qusee ture. Baalchaan akka jedhamutt murattee waan tureef hin cuubamneef maqaa dhalootaan hafe. Moototi gosaa galtuu tahan akka Goobanaas abshaalummaa Minilikiin sossobamanii bu’aa fi maqaa hirmachuuf hanga ari’amanitt Nafxanyaatt dabalamanii turan. Hardha sun akka qooda fudhannaa Oromoott himamaa jira. Kan hubatee laaleef hariiroon ture ifaa dha.

Qondaalli Nafxanyaa gara caalu kan madaqfaman Habashaa keessaa yoo tahan ummatoota injifataman keessaas kan fudhatamanis jiru. Galmistaani Koptiis gocha saa hamtuu eebbisaa faana turte. Iseef Nafxanyaa akaakuun gargar itt baasan hin jiru. Kanaaf ummati Oromoo kukumooti isee baqa amantee adda addaa kan fudhatan. Damboobfatamooti, dirqiin akka Kirstummaatt cubbaman taasifamanii, afaan Amaaraa kan galmistaanni qofaan barsiiftu barachuunis dirqii tahe. Beekumsi Afaan Amaaraa ulaagaa hojii mootummaa argamsiisan keessaa isa muummicha. Kanaaf waajjirri mootummaa dhuunfaa Amaaraa kan tahe. Galmistaannii fi Finnaan walitt hirkataa gad haa dhufan malee Galmisttaanni hordoftoota see adda baaftee faanfanuun irraa hin eegamu ture. Jechi, “Nafs Abbaatii Oromoof daaqoniin yoom xinnaate (Lagaallaa Nafs abbaat diaqon mach annessee) jedhu faanfanama kanaaf

raga dha. Nafxanyummaa see kan irraa dhiqu yoo argame malee, Oromiyaa keessaatt sirna nafxanyaan alatt hin laalamtuu.

Sanaafi kanneen Kirstinnaa Ortodoksii tahan hundaan jarri biyyaa Kibbaa, Amaara kan jedhaniin. Wayyabi Nafxanyaa Amaara tahuu qofa utuu hin tahin, sirnichis Amaareffame jira. Kan itt seene akka biraatt yaaduu hin dandahu. Caasaan sun hanga hardhaatt gadi buhee jira. Hanga sirnichaan liqinfamett hundi amaarawee ummata ofii irraa gargar cita. Maqaa, afaanii fi akkaatan jireenya saanii hundi ni jijjiiramaa. Hanga Nugusa Nagastii darbeett amaarii olhantummaan boonaa ture. Amma sun jijjiiramee jira. Amaarri takkaa aangoo malbulchaa Itophiyaa dhuunfannee hin beeknu jedhu. Empayeritt keessa cunqursaa fi cunqurfamaa kan waliin jedhamu hin jiraattu. Hamaanis tolaanis walumaan tolfame jedhu. Kanneen dur Amaareffatan illee keenya miti jedhanii haaluun, ummata dur jalaa hataniif deebisaa jiru. Ummatooti suduudaan daba saaniin guraaraman lubbuun utuu jiran haaluun maal yaadaniitu? Namoota waan taliila haalan waliin walii galuun akkamitt dandahama? Oromiyaan dudhaan biyya demokraatawaa dha. Mirgi ilmaan namaa kan dhugeeffannoo dabalatu eegamaa dha. Finnaa Federalaa haa tahu kan biran, akkaataa Oromiyoon itt hooqubaa galchan keessa seenuun hin hayyamamu. Finnaa fi Galmistaanni adda jiru.

Abba tokkoti Oromoo sirna Itophiyaa keessatt sadarkaa guguddaatt muudamuun ifaa dha. Obaaman US bulcheef Keeniyaan moo’isa Amerikaa keessatt qooda fudhatte jechuu mitii. Oromoon akka sabaatt bulcha Itphiyaa keessatt iddoosamanii hin beekanii. Haayila Maariyaam, Walaa’itticha duuba gola Itophiyaa hogganee Oromummaa utuu hin dhoffatin taahitaa Itophiyaa irra bahuun Abiy isa jalqabaati. Sun Habashootaan akka waan gaariitt hin fudhatamne. Dudhaan akka jirutt kittaa xaxaa Habashaa keessa seenuu ni cabe. Giti bulcha Amaaraa, ummatoota biraa irraa namoota dandeettii qaban madaqsanii akka empayerittii maqaa saaniin hooggananillee ni tolchu turanii. Sun thaadhuma Oromoo gara laafina tokko malee hirree sibiilaan moo’u turan. Lafti, qabeenyaa fi ulfinni saanii jaarraa tokko oliif irraa fudhatame. Amma sirni Amaaraa caccabee jira. Kolonooti karra birmadummaa dura gahanii jiru. Sirni federaalaa yoomallee kan Oromoo biyya irratt tahe, gara caalu Afaan irratt hundaawee, gargar baha hamaa silaa gahu irraa maqsuuf ijaaramee jira. Garuu kan fedha bilisa ummataa irratt tolfame miti. Tokkeessoo haaraan fedha ummatootaa irratt hundaawe Gaanfa Afrikaa keessatt ni dhalataa yk hundi kara karaa ofii deemuuf taa’aa. Kanneen baroota garbummaa yaadan qofatu sirna nafxanyaatti cichee hafaa. Kan kanaa olii gaabaatt akka sirni Nafxanyaa itt unkeffame.

Ummati gadi qabame hundi kan fedhu bilisummaa dha. Oromoon erga qabamanii kaasee, sana karaa adda addaa fincila faffaca’aan agarsiisanii turanii. Fincilli Raayyaa, Walloo, Shawaa, Baalee kkf. dhahamuu dandahu. Akksumas iyyannoon Oromoon Bahaa fi Lixaa, aanga’oota Lixaatt ergatanis fakkeenya dansaa. Qurrammi hawaasaa shifii fi guguddaan ukkaamamee walirra tuulamuun yeroo futtaafachuutt kahan qaama empyera du’aa jiru waan tahaniif dhaaboti hawaasaa hin tuqamin hafan hin jiraatanii. Manni hojii, karaan, gabaan, manni nageenyaa, manni amantee kkf. hundi ni jeeqamu. Yaadi haaraa fi dulachii wal jifachuu eegaluu. Kanaaf hundi haalli hin yaadamin dhufee, kan toluu malu utuu hin balleessin itt yaaduu qabu. Gurguddoon Habashaa ilaalcha dullachatt cichanii hafuun qabsicha caalaa hammeessa malee geengoo seenaa duubatt deebisuu hin dandahu. Sochii gaanfa Afrikaa keessa amma deemaa jiru humni dhaabu hin jiraatuu, kan daarii dhaabbatee of sirreessuu mannaa nan ilaalu jedhus booda ni gaabbaa. Caasaa fi yaadi empayera dullacha buqqa’ee hanga waan haaraan bakka buufamutt tasgabiin hin yaadamu.

Sochiin hawaasomaa seeraan galmeeffamee naannatt jalqabee sadarkaa sabaa fi sanaa achitt dhoowe, Waldaa Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa (WWMT) turee. Goleen Oromiyaa inni hin tuqne hin jiru ture. Itt yaadanii akka guca angafootii qabsiisan ol kaasanif barattoota waabarii olhaanaa fi universitii hawwata turanii. Tibbi saa, tibba dargaggoon iyyaatii fi dhiibbaa alaa qabdu ture. WWMT jiraachuun gaaffii Oromoo hubachuu fi yaadota naannaa addunyaa argatan waliin cululuqsan gargaareen. Maccaa fi Tuulamaa diigamee, hogganooti hedduun hidhaman, kaanimmoo ni ajjeefamanii.

Akeeki muummichi WWMT walgargaarsa hawaasaa ture. Misooma barumsaa fi walqunnamtii akka duula qubarsaa (Qubee barsiisa) fi waabarii, karaa fi riqicha ijaaruu karoorfatee ture. Garuu sun duwwaan akka gaaffii Oromoon ulfina mirgoota ilmaan namaa, walqixxummaa, fi bilisummaan eegamu kan hin deebisne tahuu miseensoti tokko tokko hubachuu eegalan. Oromoon akka qurrama malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee caalaa qabu ifatti marihatamuu eegale. Sanatu diigamsa saatti geese. Yeroon sun yeroo dargaggoon addunyaa miira warraaqsaa keessa turan. Barattooti Itophiyaa qaama sochii guddicha sanaa turan. Yeroo wayyabi barattootaa gara bitaatt duufan ture. Yeroo hogganoota WWMT keessaa tokko, Birgadeer Jeneral Taadasa Birruu yabboo tokko irratt barattoota akka Walaliny Mokonnin waliin marii gaggeessani. Waliliny jabdu biraa keessaa barruu “ Gaafii Sabaawaa” jedhuun beekama ture.

Abdii kutannaa kufaatii WWMTn uumamee fi sochii barattoota Itophiyaa tarkaanfataa ture keessaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhalate. Hogganooti ABO garri caalan hogganootaa fi hisatoota tokkeessoo baratoota Itophiyaa kanneen turanii. Miseensoti ABO garri caalu barattoota waabarii olhaanaa fi koolejii turan. Utuu gargar hin cabin, Sagantaan Malbulchaa ABO wayyaawee dhihaate jalqabaa, Waxabajjii, 1976 fi itt haansee Caamsaa 1978 kan labsaman turan. Achi keessatt akeeki bu’uuraa ummata Oromoof mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteefachuu mirkaneessuu fi sana hojii irra oolchuuf Oromiyaa kolonummaa irraa qulqulleessanii republic Oromiyaa demokraatofte gad dhaabuu dha. Amma Oromiyaan finnoota federaalaa kan of bulchan keessaa tokko jedhamaa. Garuu laftii fi qabeenyi see seeraan too’annoo Oromoo jala hin jiranii. Kanaaf bulchi Oromiyaa isa bara baalabbaataa kan Abbaan Qoroo gibira funaanuu fi tajaajila naannaa akka hirree gooftolii saa nafxanyootaa tahee hojiirra ooolchuun wal fakkaataa. Hamma lafaa fi qabeenya saanii irratt toohannoo hin qabnett Oromoon Abbaa biyyummaa Oromiyaa himachuu hin dandahanii.

Dargiin duraan lafti kan umataati jedhee labse. Wayyeessii, lafti kan mootummaati jedhu hanga inni namoota Kibbaa fiddee akka fedhett qubsiisuu eegalutt hin hubatamne ture. Qabiyyeen lafaa biyya haadha koloneeffataa kanneen ummatoota Kibbaa kan Oromiyaa dabalatuun wal dhahuu hin qabu. Isa jalqabaa keessatt yeroo hin beekamnee kaasee lafti kan hawaasaati. Isa lammafaa keessatt waggoota dhibbaa oliif lafti kan finnaa koloneeffataatii. Heerichi lafti kan mootummaa fi kan “ummataati” kan jedhu sana heduunii. Dargii dura Nugusooti, akka angafooti qomoo ¼ (siisoo) kaafatan hayyamanii ¾ ofiif fudhatanii turanii. Dargiin hunda fudhate. Kan labsa wayyaawina qabiyyee lafaa dirqisiise wareegama guddaa qoteebulaa Oromoon baafame ture. Garuu ni dagaman. Kanaaf qabsoon lafa Oromoof tolfamu dhaabbachuu hin dandahu. Lafti Oromiyaa keessa jiru kan ummata Oromoo tahuun beekamuu qaba. Akki inni itt raabsamu, eegamu fi harka wal jijjiiru suduudaan ummatichaan yk karaa bakka bu’oota saan murteeffama. Ilmoon Oromoo tokko gumaa lafaa tokko tola argachuun mirga. Hanga sun tahutt gaafiin lafaa rarr’eema taa’aa.

Qabatteen qabsoo Oromoon waggaa shanttamman darban kahaa turan keessa tokko gaaffii barumsaati. Afaan saa Barsiifachuun, koloneeffataan akka sammuu daa’imman Oromoo dhiquu hanga yoonaa gargaareeenii jira. Isaan afaan Oromoo bulbulamee sabummaan Oromoo hamma yartuuf badiisa irra gahee ture. Garuu qabsoo saaniin sabicha badiisa irraa baraaranii afaan Oromoo afaan hojii fi barumsaa akka tahuun gahanii jiru. Garuu akki barumsi si’ana itt qabamaa jiruu kan deebi’ee quummanuu irraa oolchu hin fakkaatu. Barumsi sadarkaa kamittuu too’annoo finaa Oromiyaa jala tahuutu irra jiraataa. baraaramuu Sabichaatt iggitii tolchuun yoo fedhame misi qaroo dhaloota dargaggoo Oromoo mootummaa haa tahu abba tokkoota halagaa harkatt dhiifamu hin qabanii. Yoo kanneen biraa waliin tokkeessoo ummachuu foo’atan, qoodi mootummaa tokkeesichaa gargaarsa teeknikaa kennuu, hangammeessa gadjallaa barnoota tokko tokkoof baasuu fi afaan jara bucuu misoomsuuf kanneen of gargaaruu hin dandeenye utubuu taha. Kanaaf barumsii gaaffilee rarra’anii eggataa jiran keessaa tokko.

Yero ammaa garagarumaan daangaa golaa fi tajaajila noolaa hin mullatuu. Golli bulchaa Oromiyaa fi kan federaalaa walirra ooluu. Kun dhimma Oromiyaa keessa federalli akka galuuf carraa hin barbaachifne kennaa. Kanaaf

madaqsii fi bulchi tajaajila noolaa, kan golaa irraa walabaa fi ambaaf keesaan laalii (iftoomina qabuu) tahuu qaba. Tajaajilli noolaa cimaa fi hin baabsineen itt fufa eegumsa jireenya nagaa qabuuf iggitii tahuu dandaha. Yoo qaammi nageenyaa akka milishiyaa, qaruutee fi polisii gola jalatt dhiifaman mirgooti noolaa fi bilisummaan goloota biraa dorsifamuu dandaha. Kanaaf tajaajila noolaa hin baabsine uumuun gaafii xiyyeeffannoo barbaadan keessaa tokko.

Dr. Abiy Oromoo dha. Golli saa maqaa Oromoo qabaatuyyuu miseensa gola Itophiyaa haadhoo, ADWUItii. Seenaan gola saa kan agarsiisu akka biyya Habashaatt dhimma Habashaaf uumamee. Waggoota 27, dura deemaa goloota Itophiyaan akka miseensoti saa ugganii mataa ol qabachuun taahitaa ABUT gaaffii jala hin oolchine, gamaagamamaa, xiinxalamaa fi suphamaa bahe. Hariiroo gooftummaa fi ashkarummaa kan jijjirame haa fakkaatu malee, miltummaan saanii ammayyuu itt fufee jira. Hariiroo kana kan gaafii Oromoo inni nuufi amanamaa yk fedhi Oromoo durfannoo saatii kan jedhu kaasu? Hogganummaan gola Itophiyaa fi muummichummaan saa muudama ODP keessaa qabu kan caalu tahuun fedha kamiif durfanno akka kennu ifaa tolcha. Kanaaf malee walakkaa waan ABUT Tigrayiif gumaachellee Oromiyaaf gumaacha ture. Cehumsa nagaa hogganuun kan wallolaa jiran gidduu hin baabsinummaa gaafata. Oromoon seenaa saanii hunda keessatt Itophiyaa waliin nakkarii yk kan wal dorgoman turanii. Utuu cehumsaa nagaa kanatt hin seenin humnoota koloneeffatoo Itophiyaa waliin qabsaawaa turan. Kun hardhallee araara ifaan hin xumuramne. Ergasii Dr. hin baabsinummaa hagam agarsiise? Jaarmaa tokko caasaan dhiibbaa guddaa irratt tolcha. Caasaan Itophiyaan kolonoota irra diriirsite, hanga diigamutt kan achi seene Oromoo fi kolonota biraaf tolaa yaaduu hin dandahu. Sun hundi utuu beekamuu Nafxanyaa dullachii fi haaraan, “abbaa darabee”, jechuun Oromoon, moggeeffamne jedhanii gadooduu. Oromoon, sababa hoggansa ODPn qajeeltuun itt jalatee haddheeffamaa jiru.

Oromiyaan hardha ofii shee waliin nagaa hin qabduu. Murni ABO Daawud Ibsaan hogganamu sababa ambaa xaliila hin taaneef mootummaa waliin waldhabdee seenee jira. Murni qaama kanaa hidhate, waan hin beekamneef ajaja noolaa hin fuddhu jedhee jira. Kanaaf murni Daawud ofirraa fageessee yoo jiraattu humnichiss Battala irraa walabummaa saa labseei jira. Kaan waanti kun do’ii wayii akka hin taane mamu. Sun akka fedhe tahee, kan Oromoo dhimma tahu shororkaa walitt bu’iisa mootummaa fi murna Warana Bilisummaa Oromoo fincile gidduun biyya keessatt gaggeefamaa jiru. Oromoon dilormaa wayyaba akka tahuu saanii, sun waranaa fi polisii mootummaa keessatt ni calaqifaama taha jedhamee fudhatama. Ummati naannaa dirree waraana Oromoo dha. Finciltoonni hidhatan ammas guutummaatt Oromoo akka tahan fudhatama. Waliigalatt wayyabi waldhabdichaan miidhaman Oromoo tahu.

Haaloo bahachuu manna araara barbaaduun madaalaa kamiinuu anjummaan saa kan Oromummaati. Fedha sabaaf, tokko tokoon ilmaa fi intalaa, lubbuu ilmaa fi intala tokko tokko fi hunda oolchuuf of kennoo tahuu qabu. Waldhabdee akkasii keessatt eenyuu hin dabsatu. Haala jiruun, Oromiyaatt qaama biraan akka itt hin duulamnes hin beekamu. Yoo sun tahe eenyuun waranuu qabuu? Erga gara hundaan hedduun barbadaawanii booda, kana qayyabachuun gadisiisaa taha. Mee hundi qalbii godhatanii gadadoo ummata kenyaa giixxa’ee bulaa raawwachiisuu irratt haa hojjetanii. Taahitaa qabachuuf wal dorgommiin deemsifamuuf akka jiru beekamaa dha. Ol haantummaan dhiiga ilmaan Oromoo utuu dhangala’aa jiruu argame hangam nama boonsaa? Angoo dhuunfattan jedhanis, angichi halagaan tuffatamu irraa Oromoo hin oolchine. Tuffii sana irratt dabaallee akka wal hin tuffanne of eeggachuun dansaa.

Gurguddoon Amaaraa ifumatt Oromoon empayera Itophiyaa keessaa biyya tiyya jedhu hin qabu jedhaa jiru. Hariiroo malbulchaa, hawaasoma fi diingdee isaan Oromoo waliin qabaachuun nurra jira jedanii amanan ilaalcha sana qajeelaa. Waci waa’ee lafaa, afaanii, barumsaa, amantee kkf. irratt dabballooti saanii dhageessisan sanaf raga dha. Garba “bilisa baafne” jedhanii, isa dafqa saanii irraa homaa hin hiriniif tola gad dhiisan sanatu yeroo bilisummaan Oromoo kahu itt mullataa. Bilisomus biyya hin qabu, akkauma nu

feenutt biyya keenya nuu waliin jiraataa yaadu. Hireen Oromo kan isaan muteessaniif malee ufii murteeffachuun hin jiru. Oromoon, isaan qabbaneesssuuf heera labsameen hanga himame caalaa empayerittii keessaa lafa qabaachuu saanii himatu. Hanga ilaalchi haaluu akkasii jijjiiramutt itt fufufiinsa waliin jiraachuu dhoofsisuun hin dandahamu. Waligaltee irra gahuuf hundi tuqaa irraa kahamu waloo qabaachuutu eegama. Sana gochuuf uumaa saanii jijjiiruu ni dandahuu laata? Oromoon kun, isaa abbooliin saanii “gowwaa, horii, doofaa” jedhanii itt himan sana miti. Fakeenyaa taaboti fakkaatii isa kan Musee malee isa dhugaa akka hin taanee fi muka irraa akka hojetamu kitaabuma saanii irraa baree jira. Ummata akkasiitti, qoolloo bu’e, deemu dide jedhanii itt himuun kan eegaman irra gadi bu’uu mitii? Hogganooti saaniis sana utuu hin karoorsine akkam callisuu?

Seenaa godinichaa amma keessa jiran keessatt wanti hin dhoofsifamne tokkollee hiin jiraattu. Yoo walqixxumaan; biyya addaan qabachuun; fedhaa fi mirgoota ummati hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu qaban ulfeessan; waliigalteen waliin jiraachuuf barbaachisu dhoofsifamuu dandaha. Kana malee dubbicha murtoo dhumaaf ummatichatt geessuun akka taha. Oromoon gadi qabamuu, beela, dhukkuba, fi hojii dhabina jalaa birmadoomuu fedhuu. Sun kan dandahamu yoo hiree ofii harka ofiitt galchan qofa. Oromoon seenaa, aadaa, fi dudhaa Itophiyaa dullatiin hin qabamanii. Aadaa dudhaa fi waliigaltee tokkeessoo haaraa, kan fedhaan waliin dhaabuuf deeman qofaaf amanamoo tahu. Kanaaf tokkeessicha dhaabuu yk walabummaa labsachuun kan rarra’anii eeggatan keessaa tokko.

Akka Cuunfaa barruu kana jalqaba irratt kaa’amett, dargagoon qabattee rarra’anii jiranitt bobbahuuf qophaawuu qabu. Karaan fuldura keenya jiru gabaabaa tahuyyuu caalaa rakkisaa tahuu dandaha. Nyaaphi jireenya qananii Oromiyaa keessaaf, dhiddhiittanna isee dhumaatt jira. Garri saa hundi, malbulcha, diinagdee, hawaasomaa fi dhugeeffannoo hidhannaaf waamamaa jiru. Tarkaanfii kutataa, dudhamaa daddaaqina jaba qofatu akka isaan keessa deebi’anii of gaafatan gochuu dandaha. Maraatummaa kanatt kan isaan oofaa jiru bololaa fi wallaalinaa tahuu akkuma dandahu, ta’innaa dogoggorees tahuun ni mala. Oromoon obsa saanii akkuma beekame itt fufuu qabu. Mirga jara biraatt darbuuf isa jalqabaa tahuu hin qabani. Haa tahu malee qophiin saanii kan gichillaa tahuu qaba. Obbolaan keenya Afriikaanoti kun cubbuu abbootii saaniif aagii tufsiifachuu duubatt kan hafan tahuu akka hubatan haa abdannu. Kana fudhachuun nagaa fi araara godinicha irratt roobsu dandaha. Wal haaluun gargar nu fageessuu qofa gargaara. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Fulbana 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *