0

Gadado fi Goolii Keessaa Bahuuf Haa Tattaafannuu

Cuunfaa

Oromoon mudaa ofittummaa ilmaansee qabaniin roorroo jalatt hafaa jirti. Kan Masaraa Minilik qabatu hundu irbuu yeroo seene gale hojii irra oolchuu irra akka waan bara sana dudee “Adaraa Minilik” jechuutt kaha. Ofii jijjiiramaa malee akeeka Masarichaa yoo jijjiiru hin mullatu. Yeroon jijjiiramaa kun Oromoof akka abdatamett deemaa hin jiruu. Haa tahu malee maqaan Oromo ifee keessatt waan dhahamuuf gamtoomuun dirqii dha. Ergaa walmakaa, kan Itophiyaa Dullattii leellisuu fi kan ammayyaa fakkaatu dabarsa jira. Aadaa fi seerri Oromo ilmoo namaa hunda kan haammattu tahuun hin haalamuu. Haa tahu malee kanneen sammuu garbooftaa fi garbummaa hin jijjiiratiniin wal haammachuun ni ulfaata. Oromoon toluu saaniitiif tuffatamuun isaan nufisiisee jira. Akka sabaatt gaafiin qaban sun utuu hin deebi’in ummatoota biran hariiroo jiraachuu qabu dubbatamuun gatii hin baasu. Nyaaphii, qabeenyaa fi lafa saanii dhuunfachuuf Oromoo fixuutu irra jira. Akka walii hin birmmaneef illee iyyaatii dogoggoraa facaasuun ummata walirraa kan fageessaan jiru. Wallagaa fi Gujjiin moggeeffamanii kophaa dhumaa jiru. Kanaaf itt gaafatamoon ODP fi ABO Shanee jedhamu. Gocha saaniin ummati Oromoo birmadummaa fi abbaa biyyummaa saanii mirkaneeffachuu hin dandeenye. Oromoon yoo dura ofummaa saanii mirkaneefatan nuwummaa iggitii qabutt darbuu dandahu. Dhaabota Oromoo walitt fiduuf carraaqqiin hanga yoonaa tolfame kan diinaan walqabutt fudhatame caalaa. Amma gaaddisa ummane jechuun saanii tarkaanfii tokko fulduratt deeman jechuu dha. Jajjabeeffamuu qaba. Malkaan Irreessaa bara cabne cufame banamaa jiraa. Sun nuu deebi’uu fi nagaaf araaraa akka nuu buusu waliin hooqubaa haa jennu.

_____________________________________________________________

Oromoon, ba’aa roorroo waggoota dhibbaa olii ofirra darbachuuf lubbuu, dafqaa fi qabeenya itt hin basin hin qabnu. Jiffannee aara galfannee yoo jedhan, bifa addaan sanumatu itti deebi’aa. Abbaa biyyummaa qabanne yoo jedhan, dimimisa keessa waan seentuuf gaaffii Oromoo jalqabaa jijjiiruu hin dandeenye.

Kan irra deddeebi’anii gaafatan waan isaaniif hin deebineef malee sammuun saanii laasha’eef mitii. Lafti Oromiyaa hanga dhuunfaa ummata see tahutt, Oromoon Oromiyaa irratt mo’ummaan saanii ifaan beekamutt, sun dhaabachuuf hin deemu. Akki gurguddoon keenya itt jiranii fi akki ummati keenya itt jiru, dharraan gurgddoo fi qotee bulaa adda adda deemaa jiraa. Kan qotee bulaa maatii waliin nagaan nyaatee buluu, ilmaan guddifachuu fi barsiifachuu dha. Jarri kaan aango irra angoo dabalachuu, abjuu ummatichaaf hin galle abjootaa oluutt jiru, ”Oromoon mabilat iyyaancaaccuu nawu” isa jedhuun ammallee walfakaata. Oromiyaan mudaama ilmaan seetiin roorroo jalaa bahuu dadhabde. Gadadoo keessaa bahuuf ∙∙∙∙abbatu of mara jette bofi jedhamaa.

Kan Masaraa Minilik seene yeroo geeddaramu malee yeroo inni dhaadannoo irra darbee sirna ture Oromoof jijjiiru argamee hin beeku. Murnaan kan seenee “wiirtuu nama tokko” shereruutt kaha. Kan sana gaafatu ni tufama. Namichis beekaas utuu hin beekinis fedha ofii utuu hin tahini ekeroota duubaa oofaniin masakamuu eegala. Kana irratt muuxannoo gahaa utuu qabanii Oromoon jajaboo saanii foo’ani Masarichaaf kennanii. Sana booda kunuunsa addaa irraa eeguun gowwumaa dha; hundu akka waan bara Minilik duudanii “Adaraa Minilik” yoo jedhan dhagahamu. Kana beeknee ummati keenya gadadoo keessa akka itt bahu faluufii haa tattaafannu. Utuu Oromummaa bu’uura cimaa irra hin dhabin Itophiyaa tahuu hin dandeenyu. Qabatteen walmakuu hin qabne lama; tokko Oromoon abbaa biyyummaa saanii mirkaneeffatanii biyya ofii tooannoo ofii jala galchuu; lammaffaan, ummatoota biraa waliin akaakuu hariiroo waliin jireenyaa murteessuu dha. Federeeshina jiru itt fufuu yk jijjiiruu jechuu dha.

Yeroo cehumsaa kana, olhaantummaa seeraa fi mirgota ilmaan namaa ni fooyya’uun abdatamee turree. Dhaadannoon sana jajjabeessu ammayuu hin lagatamne. Garuu shaakalaan lafa hin qabannee. Maqaan Oromoo ol kaafamee keessatt waan dhahamuuf akka lafa qabatu deggeruun dirqii dha. Fedha Oromoo utuu hin haammatin, “Oromoon haammataa dha” yaadanmal (theory) jedhuun halagaaf malee Oromoof anjaa akka hin qaannett dabballooti lallaban jiru. Dhuguma Oromoon aadaa seeraa fi safuu qaba. Namatt darbuun seera nama fi kan Waaqaan waan adabsiisuu. Biyya Oromoo “sabaaa fi sablammootatu” keessa jiraataa jechuun dogoggoraa. Biyya Oromoo namoota “sabaa fi sablammoota”

biraa keessaa bahan heddutu jiraataa jechuun sirrii taha. Oromoon birtaa’oof seeraa qaba. Hanga seera saanii fudhatanitt jaalallii hundaaf guutuu dha. Kana himaa ooluun dabeessa nama fakkeessaa. Maaliif Oromiyaa keessa halagaan baayyatee? Kaan, olloota erga barri lakaawamuutt kahee wal keessa deemanii jiraatanii. Hedduun abbooliin saanii saamichaaf dhufanii achitt dhalatanii. Akka Oromiyoott jiraachuuf mirga guutuu qabu. Akka halagaatt jiraachuu feenaanis seera Oromiyaa kabajuun dirqii taha.

Roorroo seeraa alatt irra gahaa ture, tuffatamuu fi eenyummaan saanii haalamuutu Oromoo qabsoott bobbaase. Sanaaf deebii waaraa utuu hin kennin addunyaa of irra guddaa ilaali jechuun qoosaa dha. Indaaqqottiin Dr. Abiy iseen mormitus buphaa see dirqiiti fudhannee kalankallee nyaanna jedhe sun, salphaatt buphaa see dabarsitee hin laattu. Busuu dhiisuus, akka inni ormaa dhimma hin baafnett caccabsitee nyaachuus ni dandeessii. Mootummooti Itophiyaa bara qabamanii kaasee hanga hardhaatt Oromoo irraa mulqanii, qabeenya saaniitiin jiraatanii. Ilmaan Oromoos ajjeessanii bineensa nyaachisuu irraa dhaabbatanii hin beekanii. Kun malbulchaan ammayyaa (salaxxanee) tahuu dhaa laata? Sana dura dhaabbachuunoo duubatt hafummaa dhaa? “civilized way” jechuun maal jechuu dhaa? Maqii Awuropaaf dhimma itt bahamu mitii? Isaan sana yoo jedhan “akka keenya” jechuu saaniitii. Oromoon sanatt dhimma bahan hangammeessa kamiin fudhataniitu? Of tuffachuu hin tahuu laata?

Humni mootummaa “komand post” jedhamu namoota Wallaggaa fi kibbaa ajeesee bineensa nyaachisuu saa ummati iyyataa jira. Yakka himuun afaanitt ulfaatu, dhagna nama suukanneessu sana caalutu hardha raawatamaa jira. Golooti “jijjiiramaa”, waajira keenyatu cufame, miseensota keenyati hidhame jedhu. Olhaantummaa heeraa eenyutu eegsisaa jiraa? Waan tolfamaa jiruu beekumsa qondaala olhaanaa ala yoo tahe kan balleesse irratt tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhatamee shaffisaan jijjiiramicha xurree irra buusuu dha. Sana malee kan raawwatama jiru yakka sabgidduutii, qaccefixiisaa.

Hangammeessa kamiinuu nama hin hidhatinii fi boji’ame ajjeesuu yk itt roorrisuun yakka dhiifama hin qabne. Nammi daljeessa du’aa saatiin sodaachisan miti. Shororkaa jechuun sana. Akkasitt ummati Oromoo garri tokko

moggeeffamee dhumaa jiraa jechuu dha. Abbaan qawwee tokko isa kaan irra gortan jedhe gidduutt isaan cafaqaa. Lachanuu wal caalaa ummaticha gaaga’aa jiru. Oromoon eengadda, “Buraayyuun keenya” jedhee golee hundaa yaa’ee baroode yeroo hardha Wallagaa fi Gujiin dhumu maaf callisee? Eenyutu ummata kana gargar fageessaa jira? bu’aa eenyuuf? Gujii fi Wallaga, godinoota ummata homishaawaa, qonnaa lafaa fi horsiisa beelladaa, warqee, tantalum, platiniyum, sibila fa’ii. Oogni lafaa argamuufis abdii guddaatu jira. Diinnotii sana barbaadu waan taheef Oromummaatt kanneen boonanii fi biyyattiin kiyya kan jedhu naannatt argamuu hin jaallatanii. Kolonummaa qabsoo ofiitiin keessaa bahett deebisuu tataafatu.

Nyaaphii, qabeenyaa fi lafa saanii dhuunfachuuf Oromoo fixuutu irra jira. Kan nama dhibu, ummata kana yoo nyaaphi xabu kan gowwaan Oromoo duukaa bu’ee “hoomaa oofee” jedhuu dhaa. Ummati Oromoo yoo dafee itt dammaqe malee qaammi saa gar tokko dhumee garri biraa birmadummaan hafu hin jiraattu. Hundi taraa saa eeggata. ODPn hanga maqaa jijjiirratutt Oromummaaf itt gaafatama seeraas, dhalootaas qaba. Eegumsa saa jalatt badiisa dhufu hundaaf kan itt gaafatamu isaa. ABO Shanee Gumii maqaa dhaaba kallacha qabsoo Oromoo dhahata. Kan bosona jiranis leenjii saati jedhee ambi amana. Itt gaafatama daandii fedha wayyabaa, qabsiisuu irraa qoollifachuu hin dandahu. Kanaaf lachanuu itt yaaduu feesisaa. Gocha saaniin jiji Oromoon hanga yoonaa argate harkaa faca’aa jira. Dhalooti dhumaa fi kan hafe barumsa dhabaa jira.

Sona cehumsaa amma jiru dhaaboti Oromo kan tumsuuf itt yaa’an sagantaa saanii Kaayyoo ganama qabataniituu. Caalaa argachuuf malee jija hanga yoonaa argatan gad dhiisuuf mitii. Oromoon akka sabaatt badiisa irraa of oolchuuf tattaaffachuun ammaa. Daayi (vision) sabummaa Oromoo hin hedne daaya nyaaphaa malee kan Oromoo tahuu hin dandahu. Mootummaan Itophiyaa akka irbuu seenett olhantummaa seeraa eeguu, karaa demokraasiitt geessu haaxaawuu malee jijjiiramaa bu’uuraa akka fidu irraa hin eegamu. Hundi federalummaan mirga heeraan beekameef qabatee, jireenya waloo dhiibbaa eenyuuyyuu malee fedha ofiin dhoofsisaan murteeffachuu qaba. Yoo dura ofummaa saa mirkaneefatetu nuwummaa iggitii qabutt darbuu dandaha.

Waanti tokko ifaa tahuu qaba. Oromiyaan biyya Oromoo tahuu kan hin fudhanne waliin tokkoomuun hin dandahamu. Oromoon tokummaa Afrikaaf qabsaawuu kan dandahan, battala ofii irratt tokkummaa saanii yoo cimfachuu dandahan qofa. Eenyuu seenaa Oromoo moora diinaatii Oromoott himuu yaaluun tuffii dha. Kan akka walqixeett waliin jiraachuu barbaadan walqixxee taahanii mari’achuu dandahuu qabu. Kan cunqursaas, cuqurfamaas ture kan darbe irratt wal amanee akka sun hin deebine hariiroo haaraa uummachuuf waltahuu fedha agarsiisuu qaba. Haala hanga 1991 jiruuf Chartera mallatteessee lolli dhaabbate. Sana irra garagallaan waldhabdeen bakka jirutt deebi’ee. Haa tahu malee ummata Oromoo damboofachuuf heera mirgi sabootaa fi abba abbaa itt eegamu Chartera keessatt fudhate itt fufee labsee. Garuu ofii gara jabina kanneen isaan duraa caaluun bulchuutt kahe. Dargaggoon Oromoo lubbuu dhiigaa fi dafqa itt baasanii ari’an warraan gahan. Ammas mooraan diinaa hundi ni faca’e malee moo’ame jedhee mallateessuu didaa jira. Hanga sana mallatteessutt loll waggoota dhibbaa oliif gaggeefamaa jiran hin dhaabbatanii. Oromoon nagaa fi araara ulfina qabu buusuun aadaa saaniitii. Kan dides ofirraa ittisuuf onnee guutuu qabu.

Ammaaf nagaa fi tasgabbii fiduuf mirgoota heera irra jiran tuttuquu dhiisuu dha. Tolchuu saa keessa hin jirruuf malee akka baruuqabii tokkeessoo empayera duubaatt hedduu waan itt daballu hin qabnu. Oromoon warqasaan boqonnaa irraan gahan darbanii akka hin deemne seenaa Itophiyaa Dullatii fidanii sutuuf abbaluun nagaa firoomsaan argame booressuu taha. Bulchi finnaa Oromiyaas, waldhabdee finnicha keessatt tahe karaa nagaa fi araaraa dudhaa beekamee fixxachuuf tattaafachuu malee humna halagaa alaa waammatee callisiisuu yaaluu hin qabu ture. Finnichi kan uumameef ummaticha tajaajiluuf malee ummatichi kan uumame finnicha tajaajiluuf miti. Ummati gooftaa keenya jedhaa, akka diinaatt itt duuluun cubbuu dha. Diina jedhanii kan himan sun diina eenyuutii? Didaa ofiif diina gidduu gargarummaa kan hin beekne jiraa? Ijoolleen hidhatanii gaara jiran yoo tahanis ijoollee Oromootii; fincilanii ajaja diduun, balleessota jedhamuun, ni nyaaphawan jechuu mitii. Nyaaphatti galanii yk nyaaphaan deggeramanii sosso’uu yoo tahe qofa “diinummaan” saanii akka taha. Sana hamma hin taanett hawaasi balleessaa saaniitt amanaan karaa itt adabu hin

dhabu. Kanaaf gaaffii qaban akka nagaan dhiheeffatan haala mijjeessuun dirqama mootummaa Oromiyaati.

Lola akkasii keessatt of gowwoomsuu yoo hin taane kan injifatu hin jiraatu. Lubbuu fi qabeenya barbadaawuu irraa oolchuunis hin dandahamu. Nammii dhumee, qabeenyi barbadaawee injifannoo argamu maalin madaalama? Kanaaf manguddoon gidduu seenanii akka lola dhaabanii fi lolutuun federalaa Oromiyaa keessaa akka baatu gochuun kan yeroo kennu mitii. Fincilaanis, abbaan hirrees ummataaf nagaa fi demokrasii hin fidanii. Olloota keenya ilaaluu dha. Garri haalli malbulchi Itophiyaa itt guddataa jiru fi miirri Habashooti agarsiisan, ummata abdii kutachiisee finciltotaaf mararfannoo horaa jira. Nagaa fi araara buusuuf ummati Oromoo wal duukaa sosso’uu qaba. Yoo walduukaa sosso’e halagaan sodaatamee, hamaa keessaa irras dhageettii fi kabaja argata. Tarkaanfiin kamuu gaaga’ama qabaachuu fi wareegama gaafachuus ni dandaha. Hamaan duumessaawee dhufaa jiru eenyuunuu hin hanqatu. Kanaaf dursanii tarkaanfii fudhachuu dha. Gara kamiinuu murti ummati garaa qulqulluu fi sagalee wayyabaan dabarsuu kan didu abaaramaa taha. Ummatis Waaqis balaa itt Buusaa. Eenyuu ummata keenyatt akka roorrisu itt dhiisuun gadigalummaa dha. Diinni Oromiyaa keessa harka galfachuuf yaalii isee dhumaa gochuuf Finfinnee keessatt gumaawaa jira. Ija laafuun ergaa hin taane dabarsee yartuu nama tuffachiisa.

Hamajaajiin akkuma kanneen durii goobanoota hiriirsuu yaaluu hin dhiisuu. Garuu waan biyyi saa hin kennineef maal kennufii dandahu jedhanii gaafachuu dha? Aangoon ummataa akka ummataatti amansiisaa tahuu dhabuun firaa fi halagaa mamii galchaa; ayyaanlaallataas gara ilaalchisuu dandaha. Sanaaf malee barri goobanaawuu darbee jiraa. Tarkaanfiin gara wal tahutt dhaaboti Oromoo hardha fudhatan jajjabeessaa dha. Tokko tokkoon saanii, fedha walabaan waltaha kana akka mallateesan abdanna. Gaadddisi ummanne jedhan akkuma kanaan duraa dhaabota turan keessaa tokko tahanii akka hin hafne eeggachuu dha. Si’anallee sirinyaa fakkaatu, jabina, dudhamaa fi murteeffannoo hawwinaafii. Dallaa qoraatti ofumaan ofiitt marsan isa jalqabaa hanga yoonaa walirraa isaan dhowwe cabsanii walitt hulluuqanii jiru. Uddeelaa duubaa qaban hunda qoraattiin sun akka irraa jigse abdanna. Sana utuu hin kulkulfatinii fi qilleensi gidduu seenuuf

carraa utuu hin argatin, tarkaanfii gara qabattee ariifachiisaatt fudhachuun gamnooma taha. Akka kan isaan deggeran jiranii, kan hankaaksuuf wuxifatan jiraachuun irraanfatamuu hin qabu. Tooftaa tokko tokko jijjiiruu yoo hin taane fedhi Oromoo kan ilkaan itt buqqifatanii. Tarsimoon Oromoo walabummaa Oromiyaa fi obbolummaa Afrikaanotaa kan laalu.

Tarsiimoo saanii irra dhaabbatanii hariiroo olla waliin qabaachuun irra jiru lafa kaa’achuu dha. Innis akeeka walqixummaa, bilisummaa fi demokratummaa irratt hundaawuu qaba. Akka akeekaatt bara fudal kan gonfoo nugusaa wiirtuu godhate keessaa erga baane waggoota shantamman tokko darbaa jiru. Shaakalaan garuu sammuun nama hedduu achumatt hafee jira. Akeeki demokraasii ammalee qama saanii hin tanee. Federalismii fi sirna gunaawaa waliin dhahu. Wajjira mootii Itophiyaa kan Magaalattii Mummitii Oromiyaa, Finfinnee keessa jiru akka halle dhuunfataatt fudhachuun hafaa hin jiru. Bulchi Oromiyaaf Finfinneen akka muummitii taate qondaalota Oromoon bahee himamaa hin jiru. ADP garuu Baahir Daara taahee Finfinneen keenya jechuu hin qaanofne. Birmadummaa, walabummaa, walqixummaan Oromoon gadooduuf jara hardhallee jaarraa 20ffaa keessa jiraniif hin galuufii. Kanaaf jara yeroon waliin hiriirsuuf warraaqsa yaadaa feesisaa. Sammu garbummaa fi garboomofataa utuu hin jijjiirratin waa’ee jijjiirraa sirnaa dubbachuun dafqa duwwaa taha.

Hangammeessa safuu walgidduutt shaakalaniif fulduraafis qaama Oromummaa tahee kan guddifamu tarreessanii ifatt wal kaksiisuu barbaachisaa. Gooliin dhaabbatee akka qabbanii ummatatt deebi’u ifaajja’uun kan yeroo kennu mitii. Sanaaf furtuu kan tahan isaanuma gidduutt argamu. Ummati rasaasa qofaa utuu hin tahin beellis itt aggaammataa jira. Dalasaan waabarii moora loltuu tahee ijoolleen barataa akka hin jirretu himama. Ijoollee sana gita dhaqabsiisuuf sagantaa yeroo gabaabaa barbaachisa jechuu dha. Caasaa bulcha fi tajaajila noolaa hin baabsine hanga gandaatt jabeesuun golootaaf wal amantee uumaa; eegumsa mirgaa ummataafis iggitii taha. Kennata (election) cehumsaa booda dhufu kanaaf sagantaa addaa qopheeffachuu feesisaa.

Dhaboti kun Ilaalcha addunyaa qabaniin isa itt haanutt of ijaaruu ni dandahama. Amma adda Oromummaa cimaa yeroo cehumsaa tokkotu sabicha

feesisaa. Feetan federeeshina yk konfedereshina dhaabota malbulchaa Oromoo jedhanii, waanuma waliin ergamsa kaayyoof isin hiriirsu ummadha. Dhaabota hundaaf, Oromummaan ilaalcha tokkicha utuu tahuufii dandahe eenyuu isaan, eessatuu hin moo’atu. Wanti isaan gidduutt tahu keessaan laalummaa (iftooma) akka qabaatu eegama. Waan godhan hunda akeeka sirna Gadaatt dhimma bahuun anjaa qaba. Fakkeenyaaf, dhaabi waloo sadarkaa Lubaa fi Yubaa yoo qabate, dargaggoo Lubatt muudanii, manguddoon akka Yubaatt duubaan gorsuun humna hin uggamne horachuu dandahu. Dhalooti Qubee fedha manguddoon aangoott yoo dhufe seerawaa taha, nagaa fi tasgabbiin iggitii argata. Waan halleefuu, waltahuu saanii fi sagantaa qaban utuu oolee hin bulin ummata irra naanna’anii fi qubqabsiis amban ifsuu qabu. Ummata duratt booree seenu taha. Horri Finfinnee erga Oromiyaan qabamtee cufamee ture hardha itt irreeffachuuf banamuun akeeka qabsoo Oromoo fiixaan bahe keessaa tokko. Oromoon kan irreeffatu Waaqayyoo nagaa fi araara naa buusa jedheetuu. Barri dhufu akkuma dhaabota Oromoo walitt fiduun jalqabe, bara araaraa, nagaa, bilisummaa fi gammachuu Oromoo fi ilmaan namaa hundaaf haa tahu. Tattaafannaa keenyaan gadadoo fi goolii keessaa ni baana. Abbaan dhugaa isa dhugaa qabu waliin dhaabbata.

Oromiyaan haa jiraattu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *