0

ABOn Oromoo dha Oromoon ABO dha

Sochiin bilisummaa Oromo laalaa roorroon hawaasaa Oromoo irraan gahe keessaa maddee. Oromiyaa keessatt deegi, doofummaan, wallaalinni fi hacuuccaan qaama fi ayyaamquwaa, sadarkaa baachuun hin dandahamne geenyaan, sana salphisuuf sochooti hawaasomaa mullachuutt kahan; akkasumas himati miidhama malbulchaa bulluquu eegale.Sochoota hawaasomaa keessaa guddichi Waldaan Maccaa fi Tuulamaa (WMT) ture. Inni sammuu qaro fi muuxannoo, daaya qaban walitt fide. WMT maqaan saa kan agarsiisu caalaa Oromoon akka ija banachuu jalqabee naannaa keessa jiran hubatan gargaaruun beekama. Koloneeffataan sochii kanaan nageenyi waan itt hin dhagahamnee cufuun hogganoota saa hidhaatt darbate. Isaan keessaa lamatt, Maammoo Mazamirii fi Taadasa Birrutt du’a yoo muran. kan Taaddasa hidhaatt fooyyessuun yeroof irra haa darban malee bulchooti koloneeffatoon duuba dhufan isa irrattis raawwataniiru. Dammaqinni malbulchaa ummataa isa yerosii irra ol kahee jira. Hangi roorroo tolaatt hin jijjiiramin malee sonnii fi carraan ofirraa finqilchuuf jiru hedduu fooyya’eera.

Tibbuma sana sochiin malbulchaa guddaan dargaggoo addunyaan gaggeeffamaa ture. Empayera Itophiyaa keessatt kan guddaa himamuuf sochii barattoota Itophiyaa ture. Lachan keessayyuu, MTA fi sochii barattootaa keessa, dargaggoon Oromoo turani. Jara sana kan jalqabaaf sochii malbulchaa Oromoo waliigalaa bu’uursuu kan dandahan. Sochiin kun dhuma irratt Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) tahe. Hogganoota saa keessaa hedduun wareegama isa dhumaa ummata, biyyaa fi bilisummaa saaniif galchan. Dhaabi biraan kan hamma yoonaa gumaacha saba Oromoof godhameen ABOn walqixaatu hin jiru. Utuu ABOn gadi hin bahin Oromummaan of himuu haa tahu amba keessatt afaan Oromoon dubbachuu kan uggu hamma hin jirre. Warraaqsi afaanii, Dhaloota Qubee kan amma boona sabichaa tahe gumaacha ABO hin haalamne. ABO keessa babanka’i yoo jiraateyyuu dhaloota kana jiru kaayyoon ABO ganama ka dhaalu hin dhabu. Kanaaf akka raajaa kallacha egeree ifaa ummata Oromoott, gola hundaa keessatt sabicha cunqurfamaaf maqaa afaanii hin buune tahee jira. Xaddachi sas, itt muroon saas ummaticha qofaa.

ABOn qabsoo hidhannoon haa tahu nagaan “Demokratic Republic Oromiyaan” nan bu’uursa jedhee kakate.Sanaani kan inni onnee fi sammuu ummata dimshaashaa kan moo’atee. Kaka sana kan inni waliin himamuu. Akeeka sabaawaa repubilika walaba uumuu kana kan Kaayyoo ganama jedhamu. Yoo kaayyoon kun roga dhabsiifame yk jijjiirame, dhaabi sun, yoomallee irra deebitooti fuggisoo saa jechuu malan, isicha Oromoon garaatt galfatan sana tahu hin dandahu. Si’ana dhaabi yk dhaaboti maqaa sanaan sosso’an fakkeessummaa, roga dhabina fi daddaaqina agarsiisa waan jiraniif seeraawummaa fi amanamummaan saanii mamii jala seenee jira. Ummati keessaayyuu dargaggoon kan hogganootaa fi miseensota kaayyoo mucuceessanii yoo hin taane, maqichaa fi akeeka dhaaba dagaagaa kanaa kan goototi meeqa lubbuu ofii kennaniif gad hin lakkisanii. Alaabaa diimaa magariisa diimaa aduu fi Odaan gidduu jiruu fi urjiin qara shanii mataa Odaa irra teessu akka mallatoo diddaa sabaa agarsiisu ABOn dhihaate guddifachuu fi addunyaa keessa facaasanii akka bali’u gochuun murannoo sana muldhisaa.

Oromoon dhugaa kamuu, dhaaba kallacha dafqa, dhiigaa fi lafee obbolaa saaniin ijaarame kana anjaa oldhihoo jedhanii haleeluutt bobba’uu hin qabanii. Wanti diinotii Oromoo jibban yoo jiraate maqaa ABO jedhu. ABOn waan isaan Oromoo humnaa fi sobaan gochuuf jaarraa oliif hamilatan hunda jalaa tamsaase. Bulchi diinaa amma jiru gaaffii Oromoo isa dhumaaf haquuf akka gooltuutti isa tarreeffatee jira. Kanaaf, nammi Oromoo sabboonaa yaada walaba qabu hafee, innichi sarmaa akkamiillee ABO tahu ciicatamuu jalaa hin bahu; ABO fi Oromoon tokko tahaniiru. Aangoo seeraa haa tahuu dhaaba seerawaatt makamuun sabaawaa Oromoo tokko akka miseensa ABOtt ilaalamuu irraa isa hin baraaruu. Kanaaf sabaawaa Oromoof ABOtt bu’uun diina bira goranii of irratt fi yoo inni Oromiyaa akka fedhett foonciru gargaaruu irraa addatt hin laalamu.

Kanneen hogganoota fi qondaalota ABOn waldhabdee qaban aarii saanii isaanumatt bahuu malee ujuu sabaa kanatt miti. ABOn kan ummatichaatii; ayyaana sabichaatii. Isa xiqeessuun seenaa Oromoo xiqeessuu dha. ABO akka dhooftuu gatiin hin beekamneett fuddhaa ilaalaa. Yero tokko dhooftuun kun harka hin taanett kufuu dandaha. Nama bilisummaa Oromiyaatt amanuuf harkicha dadhabsiisuu dhiisee dhooftucha balleessuu yaaluun daallummaa fi malbulchaan duubatt haftummaa taha. Dhaaboti Oromoo hundi kan jiraatan ABOn jiraannaanii. Maqaan Oromoo jedhu hubannaa sabgidduu jala kan dhufe arsaa ABOn godheenii. Suukii ummataa cunqurfamaa keessaa waan beqileef diinotii fi kanneen jigsuuf ergama qaban walakkaa jaarraaf yaalanii hin milkoofne, yoomuu hin milkaawan. Yeroon murni tokko xaddacha halagaa dhaqanii ABO fi waan irratt rarra’u hunda irratt mirga addaa (patent) argachuuf gaafatanii fi murna qabsawota Oromo biraa maqaa fi mallattoo ABOtt akka dhimma hin bane himatan ture; utuu sirni qajeeltuu Ameerikaa dhaabuunii baate, maal akka ittiin godhan eenyuu hin beeku ture. Ammyyuu hedduun hunda caalaa gamnat waan tahaniif akeeka ofii dhoffachuu ni dandeenya se’anii qarooma lammii ofii tuffachuu itt fufu taha. Oromoon kanatt yoo ga’isan,”Yaa’a buqqeeyyuu beekna” jedhu.

Abbooliin bu’uursan akka sabboonoon Oromoo ilaalcha adda addaa qabaachuu dandahan qabsoo walabummaa keessatt walqixxxummaan qooda fudhachuu akka dandahan “Adda” jedhanii moggaasanii. Adda ummataa malee dhuunfaa murna tokko akka tahuuf abbalamee hin turre. Akkasitt dhaabi saba walabi kan aangoo alaa yk ilaalcha tokkott hin maxxanne kan uumame. Mooraa kamittuu hidhachuu dhabuu kana kan kanneen Oromiyaa irraa fedha qaban hundaan hin jaallatamne. Heerri ABO tibba tibbaan hoggansa kennatamuu fi Kora Sabaa waggaa lama lamaan taa’u akka qabaatu seera. Haa tahu malee nammi tokko yeroo meeqa kennataaf akka dhihaatu hin himu. Kora waamuunis sababi humnaa olii yeroo hin jirrellee fedha hoggansaan tahu eegalee. Akkaitt ofangessummaan dhalachuu jalqabuun naanna falamaan akka uumamu godhe. Dudhaa Oromoott hogganooti waggaa saddeet qofaaf kennatamu. Deebi’anii kennataaf dhihaachuun hin jiru. Sana hojii irra oolchuuf silaa kan malantu waajiratt cichanii yoo hafan argamu.

Waldhabdeen humnoota malbulcha Habashaa waliin jiru ABOn walabummaa Oromiyaa deggeruu keessaa maddaa. Hogganni Eertraa bara rakkoo qabsaawota Oromoo Somaalee bahuu 1998 gargaarellee walabummaa Oromiyaa akka hin feene iccitii ambaatii. Dhaaba walabummaaf dhaabbatu nammi walabummaa Oromiyaa hin feene waa malee ni deggera jedhanii yaaduun kan hin fakkaanne. Yeroo hin murtaayiniif biyyicha keessa turuun ofiinuu hariiroo qabsaawota tokko tokkoof amba waliigalaa gidduu mamiin duumesseessuu hin oolle. Waliigalatt naannaa hogganootaa waggoolii hedduuf keessaan laalummaan dhibuu saatiin fincilaa fi kantara dhaabicha keessatt uumee jira. Roorroon mirgoota ilmaan namaa irratt raawataman kan fixaqaccee dabalatu utuu jiru, humnooti Dhihaa kanneen empayera Itophiyaa uumuu gargaaran ammayyuu uumaa saanii waliin dhaabbataa jiru. Oromoon qabeenya saanii misoomfatanii nagaa fi gammachuun jiraachuuf walabummaa barbaadu. Akka ummataatt qabsoo baraaramaa fi surraa ilmoo namaa dura danqaraan fedhe kaa’amullee dhaabuun of ajjeesuu taha. Qabsaawoti Oromoo of ajjeesuu hin filatani.

Tasgabii dhabinni ABO kan madde, qaawwaa kallatii adda addaan itt uumamee fi kutannoo dhabina hoogganoota daddaaqoo irraatii. Sun tahus ummati Oromoo amanamummaa qabuuf hin dhaabne. Sochiin diddaa si’anaa kan dargaggoo Oromoon eegalee empayerittii raase, gaaffiin kaasan hundeen saa sagantaa ABO keessaa yoo tahu dhaadannooti dhageessisaa turan kaayyoo sabaa “Ganama” sagantichaan dhihaate calaqisuu. Milkaawuun saa sochichi luuxxee galtootaa fagoott ittisuu dandahuu fi akkasumas gantummaa keessaa xobbeett kutuu dandahuu irratt hundaawaa. Tooftaa sirrii fi kutannoo qabaannaa kan isaan dhaabu hin jiru. Dhaadannoo akka “Qabsaawaa Barannaa” jedhu “Barumsi Injifannoo Duuba” kan jedhu caalaa dhugaatt dhihaata. Oromoon jaarrota caalaaf tajaajiltummatt akka hin deebine kan itt jiranitt cichuu malee filmaata biraa hin qabanii. Kan Oromoof bilisummaa, badhaadhoma, surraa fi ulfina fidu karaa ABO irra wayyu hin jiru.

Malbulcheessoon demokratawoo hin taane bolola hammaa bahaa qaban kaasaa ummataa guddicha anjaa dhuunfaa ofii jedhanii garaagarummaa xixiqqoo tuttuquun akkuma kanaan duraa akka hin booressine caqasamuu qabu. Qabsaawoti kaasaa sabaawaaf dhaabbatan, kan beekuu qaban akka bakka homtuu hin jirre, konkaa keessatt hojjechaa hin jirre. Yeroo hundaa kanneen tokkummaa saanii garagarummaa xixinnoo akka barumsaa, qomoo, gosa, godina, dhugeeffannoo, gita kkf tutuquun hankaaksuuf bobbahan jiru. Qasaawoti akkasii hankaaksitoota caalaa qaroo fi of eegoo tahanii argamuutu irraa eegamaa,

Caasaan hawaasaa sirna Gadaa demokratawaan masakamaa ture sabichatt rakkina uumuun takkaa hin himamnee. Balbalaa ka’ee hanga warra, qomoo, gosa, lamooyyee fi sabaatti ol ijaaramaa ture. Jabeenyi malbulcha Oromoo dhaaba bantii irratt guduunfama. Sadarkooti gad haanoon bakka ayyaamiin sabichaa itt misuu; qoqqobbii yk jalqaba hoogganoota sabaa boriitii. Caasaan hawaasaa kun jara durii akka fala to’annaa fi madaalaa tokkoott gargaaree ture. Magaalummaan yeroo guddataa deemu sun akka karaa gad dhiisu seenaa irraa beeknullee, hammasitt garaa qulqulluun akka keessa deebi’anii hin laalamne sababi hin jiru. Haa tahu malee yeroo diinni fi sabi keenya haala akka jirutt tursuu fi jijjiiruu kan jedhu gidduuttt morma wal hudhanii jiran kana, hamma tokkummaa fi jabina sabaa hubutt bokokfamee akka hin dhihaanne eeggachuu dha. Kantara ABOf sababi tokko bokokfama akkasii kanneen dammaqina malbulchaa hin qabnee fi ofiffummaa malbulcheessootu argama.

Akki sochiin dargaggoo bara durii fi ammaa itt jalqabaman gufuulee fuldura jiraachuu dandahan irra haanuuf sochii bilisummaa sabaaf abdii kennanii jiru. Jarri durii waan doomaa dhalooti ammaa se’achuu hin dandeenyett dhimma bahu turani. Jarri ammaa bara teknolojiin iyyaatii sadarkaa ol haanaatt guddate waan dhufaniif angafoota saanii irra carraa quunnamtii fi iyyaatii wal jijjiiruu qabu. Kanaafi kan sochiin saanii keessaayyuu kan Sadaasa 2016 eegale akka naannaan itt yaadu irratt dhiibbaa uumuu kan dandahe. Waa’ee gufuu, yeroo fi fageenyaan ilaaluun hafee of kennaa fi shiffisaan yaaduu kan gaafatutu dufe. Amma shaffisaa fi dhimma baasummaan harka walqabatanii akka qaama tokkoott ka’uun angafoota saanii jaarraa 20faa hafee akaakilee saanii jaarraa 16faa caalaa Oromo hunda tokkomsuu dandahu. Kanaaf hundi isaan sodaata; burkutaawuu irraa fedha TPLF oolchuufis ifaajee dhumaa gochuuf gara jabinaa agarsiisuun kan bobba’an. Hoggansi Oromoo hunda haammate, ABO haaraan, kanneen golee Oromiyaa hundaa keessaa ka’an keessaa ni dhalata.

Fedhii TPLF isa Oromiyaa keessaa qabu caalaa ballataa. Qabeenyota uumaa finnaa kolonoota biraa hanga beekamanii fi hin beekamne garuu hin bolqamne dabalata. Yoo diddaa Oromoon dabsatame qabeenyota yayyaba hin qabamne baafata jirutt saaqaa dhabuuf deema. Qabeenyota sanneen irratt too’annoo hin qabu taanaan raayyaan saa bitamtuun, qondaalota saa Tigraawayiin gaggeeffamtu shaffissan burkutaawuuf teessi. Bobbaa fixaqacee saa kana caalaa tursuuf gargaarsi horii alaa kennamuuf daangaa safuu fi dandeettii qaba. Lolli mormitoota Oromoo irratt gaggeeffamaa jiru lola fedha TPLF eegsisuufii. Kanaaf diddaan dargaggoo Oromoo qaama qabsoo saboota bucuu ollaa jiran badiisa irraa hafuuf ofirraa faccisaa jiraniitii. Dargagoon Oromoo humna qaban hunda walitt qabanii diina qofa deebisanii haleeluu utuu hin tahin kan keessaa isaan diigdu irrattis aggammachuu qabu. Mootummaan kolonummaa akka Oromoo kamiinuu dhibantaa amanamaatt hin fudhanne agarsiifnee jirra. Kanaaf kan inni ABOn Oromoo dha, Oromoon ABO dha jechuu dha jedheef, ABO shororkeessitumaatt galmeessuun, TPLFiif ummati Oromoo hundi shororkkessituu dha iechuu dha. Dhugaan kana tahee utuu jiruu ofittummaa fi miira masaka badde taatota tokko tokkoo sababfatanii, sabbonoti akka ABO ciiga’an hololuun hirree diinaa sabicha irratt jabeessuu gaditt hin laalamu. TPLF ayyaan laallattuu, ayyaan laallatuu biraa naannaa ofiitt argu hin barbaadne. Nuti Oromoon, hagam ayyaan laallatuu taanullee muka tokko irraa dhufne; yoo nyaataan nu bute malee walirraa fagaannee harca’uu hin dandeenyu. Kaayyoo keenya ganamaa irraa dheessuu hin qabnu. Kaayyoon waa’ee egereeti. Haalli keessa jirruu fi seenaa darban nu didhaa jiru. Kaayyoo fulduratt dhiibnee Oromiyaa egeree walaba, kan ofiif dubbatu deebisnee ijaaruu qabna. Milkaawuuf kan waliin goonu hunda keessattt dhugummaa, keesaan laalummaa fi kaasichaaf dudhammi dirqii dha. ABOn haa jiraatu! Kaayyoon ganama haa daraaruu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *