Dubbiin badde intaloo dinni hammaataa dhufee
Harka hin qaxaamursin dhaqii biti qawwee
Dhirri ha qaxaamursuu onneen saa baqeera
Bahi itt xaxeesse yeroon kee gaheera
Jabadhu dubaroo deessuu garaa baalaa
Onnee utuu qabduu eenyutu si kabalaa?
Wadi’adigi ilama hare canfar dhaddee boollaa
Gichillee haati deesse hundatu siinkooraa
Nutt roorristiire kan adda falaxaa baatee ittin xambaastuu
Biyyi abbaa keetii dayeen bareechite siin haa kabajamtuu
Durba duwwaa mitii gichillaa haadha keeti goota warraqxittii
Yeroo ati xirqantu diinni lammii keetii ofirratt fincooftii
Xiriirii hudduu dhoqee yoonaa karaa laaltii
Baha see hankaaksi baddaa Kamiseettii
Tahus yaa intaloo diina hintuffatinii
Dhiddhiittanna keessa nama galaafattii
*****************************
Buti qawwee
Bilisi hammam baasa hedduu bahaa jira
Namatu madaawee namat du’aa jira
Lubbuu eenyutu herrege warqeemoo meetiinii
Kumawoo baasneefii yoom dhaabata innii
Kumkummi isa gahaa, caalaa nu gaafataa?
Da’ima dubaroo dullacha soorataa
Kamiin aarsineef kamiin hambifannaa
Nu hunda barbaadaa nuwoo malitt hafna
Matumaa hin sarminu dafne obbaafannaa
Du’aa fi jireenyi waloo fakkaatanii maaliin gargar baafnaa
Lakkuu secca’achuuf ulaagaan saa maalii maal laallee filannaa
Lubbuun keenya haa bahu nutis lubbuu haa baafnu
Harka qaxxaamursuun hangam haa obsinu
Kukummi jahani afurtama keessaa meeqan keenya ajjeeftii
Tabbarra ijaajjinee itt fincoofnullee loolaa saan ni baddii
Qawween she horii keenyaa saamtan hin jedhamuu
Karaa harkaa buufannu mee itt haa mari’annuu
Qeerroon goota keenyaa kan kaayyoof lolanii
Kan see bitamtootaa garaa dhaaf bulanii
akeeka hin qabanii
Onneen itt deemnaan matumaa hin ugganii
Shimalli jiraannaan qawwee maaf bituunii
isaan buufatanii
Lamuu jala ciifnee gadoodaa hin jiraanuu
Al tokko itt duudnee walumaan haa dhumnu
Mogge lamaan diimtuu baasaa saba hiriirsaa
Duuti kan hin olle sodaachuun maal baasaa
Dhaabi keenya goota kan walaba baasuu
Diina hidhate malee nagaa hin shororkeessuu
Shororkeessaan diina kan daa’ima qalaa manguddoo salphisuu
Ofirratt facisnee yoo achi ofiraa kaafne nuwi hin komachiisu
Boobba’aa obbolee dhiiraa fi dubaroonii yoosuu kabajamnnaa
Lubbuu aarsaa goonee dhiiga ofii lolaafnee numa walabomnaa
Kan qarqara jiruu gubaa abidda hin beeku karkarsaa yoon taanee
Kan qarqara jiruu gubaa abidda hin beeku karkarsaa yoon taanee
Halaalaa shuu jechuun maan callisaaf malee anuu itt hin boonnee
Ibsaa Guutama
Bitotessa 2016