0

Ukkaamsaa fi Fakkeessaan haa Saaxilamu

Nuti Oromoon daba jalaa of baasuuf qabsoo eegalle. Daba jechuun mirgoota ilmaan namaa bakkallee beekaman haalamuu jechuu dha. Mirgooti kun hedduu keessa, mirga yaadaa fi of ifsuu, fi mirga walgahii nagaa fi waldayaa dabalatu. Ummati keenya daba mirgoota kana irratt raawwataman karaa dandahamu hundaan mormaa dhufe, mormaas jira. Barreessaan kun ijoollummatt (1960oota kessa) bulchaan Qellem si’a tokko ummataa fi baalabbaatoti Qellem walgahanii rakkina ofii akka hin mari’annee fi hayyama saa malee naannaa akka hin bane dhowwuu ni yaadata. Sun doorsisa yoo uggan lubbuu fi bilisummaa saanii hubuu dandahu ture. Yerosis akkuma hardhaa gaaffiin, gaaffii saamicha lafaa ture. Abbootiin biyyaa lafa dangahameef keessatt heddumina dilormaan kan ka’e rakkina dhiphina lafaa qabu turani. Lafa mootummaan irraa samame naannaa jirutt baballachuuf abdii godhataa turanii. Mootummaa koloneeffataan loltoota saa hojii irraa dacha’an akka lafa taadhii filatanii qabatan erguun abdii kutachiiseen.

Ajaja roorrisaa bulchichaa jalaa miliquun ummatichi halkan Gabaa Abbaa Dhaasatt (Gabaa Arbii) walgahii godhate. Achitt qondaalota naannaa jalaa dhokatanii miillaan Finfinnee dhaqanii iyyannoo saanii Mooticha biratt galmeeffachuu murteessan. Yoo mootichi dide deebi’anii filmaata walitt qaataa hasaasan biraa akka karoorfatan walii kakatan. Kanarraa kan barannu ummati akka malee cunqurfamellee tuqaa obsi saa daba bira darbuu hin dandeenye jiraachuu dha. Akkasiin ummatii fi baalabbaatoti Qellem angoo naannaa didanii iyyannoo saanii Battala Mataa Kolonummaan gahatan. Mootichi murannoo saanii hubatee gaaffii saanii fudhachuun, lafti Qellem hanga beeksisi biraa darbutt eenyuufuu akka hin kennamne ajaje. Hanga labsa lafaa 1974, kan tooftaan lafa hunda kan mootummaa tolchett, akkasumatti ture.

Muuxannoo olii irraa roorroo naannaa haa tahuu alaa, callisanii darbamuu akka hin qabane barannaa. Roorrisaan firas halagaas, murnaa fi dhooftuu saaniis tahuu ni mala. Fakkeenyaaf, qubqabsiis hawaasomaa tokkko Oromoo hunda walqixxee loogii malee tajaajila jedhee dhaabbatee, sabawaa gidduutt logii yoo agarsiise ukkaamsaa diinni namarraan gahuu gadi hin tahu; innis akeeka demokraatawaa hin qabu jechuu dha. Dhaaboti Oromoo alatt dhaabbatan hundi tajajila amma qabsoof kennan qofa utuu hin tahin eger Oromiyaa walabaaf oguma kuufataman dabalata. Dhaaboti hangammeessa akaakuu fi safuu eeguun irra jiru hin qabu. Garu akki itt hojjetan keessanlaalii tahutu eegama; ambatt waan hin taane fakkaatanii dhihaachuun akka miti. Qabsaawaa nama ofiin jedhuuf dabii fi faanfanni gara fedheen haa dhufuu mormamuutu irra jira.

Dhaaboti yk qabsawoti Oromoo hariiroon sabaawota waliin godhatan, dhugaa fi garlamee kan hin taane tahuu qaba. Kanaaf gowwoomsaa fi sobi dammaqinaan eegamuun akka. Yoo murnoota gidduu garaagarummaan ilaalchaa jiraate ifatt bahuutu irra eegama. Tokko tokko kaayyoo walabummaati hin amanan taha. Kaayyichi kan wayyabaan jaallatame waan taheef, kan isa oofan waliin addaan walitt bu’uu hin uggan. Kanaaf, harka lafa jalaan waan adda addaa irraa hankaaksuu yaaluu. Sanneen keessaa tokko sabboonoti akka qubqabsiisotatt saaqaa hin arganne gochuu dha. Yeroo hunda dubatt harkiftuu ayyaanlaallatuu waliin qabsoon gaggeeffamu fuula hedduu dha. Waan halleefuu qabsaawoti walabummaa, yoomuu ofirratt hirkachuun akeeka saanii tahuu barbaachisa. Si’ana yeroo jarri kaan shakala malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa sinsawaa (digitalize) godhatan nut akkuma duriitt waa komataa jiraachuu hin qabnu.

Barri 1991, bara Oromoon golee hundaa Finfinneett yaa’anii wal baran ture. Kanneen walbaran waliin godinoota Oromiyaa hunda deemanii daawwachuuf ayyaana argatanii jiru. Odoota jaarraa 15faa dura jiraachuun saanii himaman jalatt yaadannoo bara darbanii fi daaya egeree irratt garaa qulqulluun mari’atan. Yeroon saa yeroo fakkeessaan hin jirre ture. Isaan keessaa kan Odaa Bultum, Baha Oromiyaa jalatt tahe kan yaadatamuu qabu. Achitt kan nammi Walloo tokko jara hafaniin “akka keessan nuti wagga dhibba duwwaa utuu hin tahin erga halagaa jala seennee waggaa dhibba afur” tahuun afaan keenyaa fi aadaa keenya irraanfanne, eenyummaa keenya garuu hin daganne”jedhee afaan Amaaraan dubbate. Kan achi turan hunda ayyaana Oromummaa eeguu irratt akka hin daddaaqne magane.

Jarri naannaa Odaa Bultum turanis Bokkuu bara qabamanii kaasee awwaalamee ture baasanii iddoosaa ABOtt, akka hogganooti haaraan, durii sabichaa demokratawaa fi walaba tahe yaadataniif dabarsanii itt kennan. Mi’a yaadannoo kana akka galfataa fi ABOs dhaalaa kallattii hogganoota dur utuu hin kolonomin bokkicha qabataniitt beekuun ture.Deebii saa hogganooti haraan fana warra Abbaa Gadaa akka bu’an eeggatu. Kan achitt argaman hundi immaanaa qabdoota Odaa Bultum waggootii kana hundaaf qabeenya sabichaa eeganii asiin gahuu saaniif akka itt boonan ifsatanii turan. Tokko tokkoon namoota achitt argaman abjuu fi daaya walabummaa fi birmadumaaf qaban ifsataas turan. Murtoon walgahichaa barruun Bokkuu duukaa buusuutu himame. Kan walgahan hundi kaayyoo walabummaa ABOn hordofamu akka fudhatan irbuu seenanii jiru. Irbuu walfakkaatan bakka Oromoon hoomaan wal argan hundatt galamaa akka jiran himama. Dhiicha mormii si’ana tolfamaa jiruttis kan dhagahamaa jiru sanuma.

Kurnan hedduuf ummati Oromoo sirna ofangeessaa fi abbaa hirree jala ture. Nammi tokko tokko barumsaa fi madaqfamaa jala darbuu qabaniin sammuun sadarkaa hin fayyinett dhiqamee jira. Fakmishoon kolonummaa jala darban akka waan ujuu hin argamneett fudhatanii jiru. Namooti akkasii haala jijjiirmaa jiruun hedduu waan rifataniif inni beekan, amma jiruu hagam salphisaa fi hacuucaa tahuyyuu akka turuuf fedhu. Yeroo ABOn bu’uurfame hacuucaa hadhaawaan jiraatuyyuu yeros firoomsaan dugda hin kutne ture. Amma sadarkaa bucuree tokkoof illee hin obsamne gahe. Sun sirna Nafxanyaa akka isaan hin hednett kan hundee garagaggalchu waan tahuuf gadda taa’aafii jiru.

Kaayyoon qabsoo ABO haalli amma caalaatt bilchaatee isa durii irra barbaachisuun mullate. Ammas qabeen sagantaa ABO eegalaa badiisi caalaan akka hin geenyee fi qabattee kolonummaa furuuf karaa sirrii tokkichaa. Akka waan hacuuccaan irraa ka’ee sun hardha nun baasuu jechuun dina waliin dhaabbachuu gaditt hin laalamu. Oromoo sana jedhan mooraa bilisummaa dhiisanii empayera tajaajiluuf itt galutt jiru. Duruu yoo empayerri kufu dhoofsisaaf nuu taha jedhanii sirna dhalatutt riqicha ijaarrachuuf malee akka Oromiyaan walaboomtu fedhanii hin fakkaatu. Gochi saanii tokkummaa fi nageenya qabsaawota bilisummaa, akkasumas hanga tokko kan sabichaa irratt dhiibbaa hin dhabu jedhama. ABOn Shanee, Qc, Jijjiirama kkf jedhamee gargar caccaabuu hundi hojii saaniitii. Bilisummaan Oromiyaa, bilisummaa ummataa biyya haadhaa koloneeffataa akka tahu dandahu qayyabachuu dhabuun karaa dheeraa fudhatani. Ummata saanii walabatt hirkatanii bu’aa haa tahuu aangoo fedheef dhoofsisuuf utuu obsan tahee wayyaf ture.

Kanneen mooraa bilisummaa dhiisan hedduun ammallee karaa gooftolii koloneeffataan haxaawame ala deemuuf sammuun saanii hin bilisoomnee. Fakmishoon itt tolu sana qofaa. Aadaan malbulcha Oromoo demkratawaa waan taheef isa kan Habashaa ofangessaa taheen walitt hin galu. Tokko yoo cabsan malee isa kaan itt taasisuu hin dandahamuu. Bulchooti fi mormitooti Habashaa, Eertiraa kaasanii hanga biyya Amaaraatt jiran, gadi qabanii walitt seensisuu hin rakkatanii, irra bahaniitt turuun akkuma barsiifatan gara fedhanitt ajajuu barbaaduu. Oromoon sammuun hin bilisoomne dhaalmaa fi oguma saanii misoomfachuu manna waan jarri hin feene “Itophiyaa demokraatessuu” jedhu qabatanii isaanitt dablamuuf kutanii. Dhugaan saa of bokoksa ana malee nammi hin jiru jedhuun fedha saba ofii keessatt seera hiriyaan buluu manna, halagaa gula sussukuu wayya jedhu leellisuu malee, akka demokraasii achi hin jirre utuu beekanii soquu hin dhaqan turani. Habashaa waliin yoo haasa’an qooqa Itophiyaa jedhu hanga nama locutt yeroo irra deddeebi’an, Oromiyaa yk Oromoo kan jedhu keessaa hin bahu. Yoo dhahanillee akka waan tasa keessatt of arganiitii. Akeeka saanii keessaa Oromiyaa caalaa Itophiyaatu madaala kaasaa jira.

Itophistooti si’ana, yabboo biyya halagaa, batala qabsoottii fagoo irra, akka jabii reef gadhiifamtee burraaqaa jiru. Qabsoo ABOn qabsiise ni dadhaban malee waggootii digdamaaf dhaamsuu yaala akka turani isaanuu ni himatu.Gaafa ABO keessaa qoollifatan rasaasa ooluu (kashafe) tahuu saanii hin hubanne. Kanaaf, gaabba garaa ka’e yoo hin taane qabsaawota daguu fi dhaabaa fi sochii ummataatt luuxanii galuun amanama dhaban deebisee argamsiisuufii hin dandahu. Tokkummaa jarri alatt murna tokko rukutuuf burjaajessan ummati Oromoo biyya keessatt dhiiga ofiin deebfataa jira. Yaada saanii duubatt harkisaa fi ganaa tahe ABOn waan dideef dhiibanii sadarkaa bososaan gahan. Sana duuba dhaabota sirna kolnummaa empaayeraatt nu galchinnuu jedhan ijaarratan. Herregi saanii hin hojjenne; ABOn ammayyuu jira, isaan duras hin baduu. Akka hedan hin taane, Habashaan harka ballisee hin simanne. Yeroo jeequmsaa akka ammaa kana, seenaa durii dhahachuun anga’oota of yaadachiisu yaala jiru. Sana gabbifachuuf tokkummaa dhaabota malbulchaa Oromoo isaanumti burkuteessan waamaa jiru. Anga’ooti addunyaa, yoo nagaan godinichaa ni barbaachisa tahe, fedha ummmataa malee murna kamiinuu isaan irratt fe’uun dantaa saaniifis hin tolu. Hanga yoonaatt humnooti gabra gamaa Oromiyaa akka lata Itophiyaatt ilaalaa dhufani. Nagaa fi tasgabii waaraa argamiisuun fedha fi hawwa ummata Oromoo haammachuu qaba; kanaaf ejjennoon sun keessa deebi’amee ilaalamuu gaafata.

Jaatamoota keessa kanneen bu’uura walabummaa buusuutt ka’an jara Itophiyaa demokraatessina jedhan jalqabaa irraa, gargar of baasan. Gargar bahiinsi saanii salphaamatt kanneen biroo irraa adda taana jechuun utuu hin tahin, isaanirra gaaga’ama ulfaataa fudhane Demokratic Oromiyaa Walaba uumna jedhaniitu. Ittaansee ABOn sagantaa biyya walabaa fi hundi walqixumma, nagaa fi gammachuun keessa jiraachuu dandeessisu fudhatee gad bahuun, fiixaan baasuuf irbuu seene. Irbuun sun hardhas akkasumatt jira. Fedha ummata Oromoo malee kan dhaabuunii dandahu hin jiru. Muuxannoo badaa abbaa abaan, bara qabsoo muuxate irraa kan ka’e, qabasaawoti tokko tokko diina kurnan afur lolaa bahanitt harka kennachuuf kadhataa jiru. Iyyaafataa tokkoo kan biraatt, duruu kan nuti barbaadne kana malee kan dur jenne miti jedhaa, yaada walfincilu iyya’aa jiru. Haa tahu malee maqaa gaarii fi mallattoo uumamuu saanii gargaaran yaaduun hin oolle. Kanaaf bakka deemani hundatt kaasuu. Keessa saaniitii, seexaan saanii jeeqamuu hin hafnee.

Mallattoon Oromo akeeka ABOn bu’uurfameef, walabummaa fi bilisummaa Oromiyaa fi Oromiyoo kan calaqqisu. Maaliinu Itophiyummaa waliin hin deemu. Sanneen sammuu keessatt qabataniitu goototi sabichaa kumooti wareegama isa dhumaa kan baasan. Kanaaf, mallattooti sun amma kan ummataa tahaniiru; hophiyaa (placard) maqaan golaa irratt barreeffaman miti. Ummati Oromoo si’ana fedha sabichaa tokkummaan ifsaa waan jiruuf fedha saa baruuf referendum barbaachisaa hin fakkaatu. Mirga badde, biyya ofii irratt moo’ummaa jechuun walabummaa barbaadu jechuu dha. Ejjennoo kanaan faallaa kan tahe fudhachuun fedha ummataa fi jaallawwan dhumanii dantaa dhabuu dha. Namooti kaayyoo ganama fudhachuun, nammi jaallatamaan akka bu’uuristootaa faa itt himeef utuu hin tahin waan itt amananiifii. Waan barbaannu nuuf ifsan jedhee galata galchuun kan ofii taasisfate. Dur nuti jennaan fudhatee, amma sun soba ture jennee fuggisiisnee yoo itt himnes ni fudhata jedhanii yaaduun ofirrummaa ofangessaa irraa baratame. Ummatichi dhiiga saa dhangalaasaa fi lubbuu saa dabarsaa kan jiru, kaayyichat amanee jireenya demokraatawaa fi walaba tahe uummachuuf malee dheebuu aangoo malbulchaa ofittoota fi ofangessaa sagadduu baasuu jedhee miti.

Bara ummati Oromoo ofirroota halagaa fi isuma keessaa bahaniin akka raatuutt ilaalaama jiru kana, tasa dhoohee mirga ofii yeroo gaafachuuf dilga’e haalicha akka itt qaban waldhaaluun rifatan. Qooqoti tumsaa, tolaa fakkaatan, takkaa gama koloneeffatoo dhagahamanii hin beekne yaa’uutt ka’an. Sun gareen waa’ee nagaa waliin hasawuun dandahamu akka jiran mallattoo agarsiisu gaarii dha. Waan taheefu, hariiroon ture bakka duriitt akka hin deebine dhaamsa argatanii jiru.Amma ummata Oromoo akka gabbaarii kolonii saanii kasoo tokkott utuu hin tahin, akka obboleeyyan Afrikaatt ilaaluu jalqabuu wayyaafii. Sun taanaan qabattee yeroon itt darbee naannichaa mari’achuu jalqabuun ni dandahama. Akeeki saanii qulqullina garaa dhabee, Oromoo daguuf taanaan itt bahi saa gaabbisiisaa taha.

Ummati Oromiyaa akka lamuu hin dagamne gamnummaa gahaa qaba. Si’ana Goobanaan dandeettii qabu birmadummaa saanii harkee meetii irra kaa’ee kennuuf hin jiru. Kanneen hariiroo gaarii qabaachuu fedhan Oromoon maal akka barbaadu gaafachuu qabu; barri “anatu siibeekaa” erga darbee turee jira. Oromiyaa walabaa fi bilisa qofatu fedha olloota see fi addunyaa eegsisuu dandaha; Oromiyaa Itophiyaan olhaantummaa irratt qabdu mitii. Yooma wanti itt ida’amu caalaan sabaawota irraa dhufa tahe jijjiirrami dhufu qooda anga’oota addunyaa irra ilaaluu hin dandahu; garuu qooda sana fakkaatu bu’a qabeessa tolchuuf jaalbiyyooti ofkennuuf qophaawutu irraa eegamaa. Oromiyaa walabi ni jiraatt! Kolonummaan haa manca’u! TPLF fi jala fiigduun ni mancaati! Qabsoon hanga injifannoott itt fufa!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa  2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *