0

Qeerroon Mataa Tuutaa hin jarjartu Suutaa, Bar!

Moggaasi olitt kaa’ame, agarsiisa bara 1974 ayyaana carraan warraaqsa Oromo argamsiiseen, ogneesoti Oromo ABOn lafa jalaa, godinaa adda addaa qindeessee yabboo tokko irratt walitt fide kan itt dhagahamaa ture ifsatani. Akka aadaa Oromoott dhaamsa guddaa of keessaa qaba. Qabama keessa waggaa dhibbaa ol turanii qotee bulooti caalaan saanii Oromoo tahan akka tasaa finnaa empayerichaa hundee raasan. Haalicha tasgabbeessuuf abbaawummaa kan fudhate raayyaa Imperiyaalii yeroo uumamee jalqabee empayericha tajaajila ture. Jalqaba irratt inni kan uumameef sana utuu hin tahin akka leellisaa ummatootaatt of dhiheesse. Ogineesitooti garuu irbuu seeneen ni hafa amantee jedhu hin qaban turan. Kanaaf ummati saanii sochii godhu of eeggannoon akka gaggeeffatu hubachiisan. Gorsi sun hardhallee dhimma ni baasaa. Giti finqilfame akka bacarraa keessaa darbatamett deebi’u kakataa bahe. Amma dhukaasii asii fi achi naannaa daangaa Habashaatt godhaa jiru qaata gurguddoo Oromoo hanga tokko kanneen waan dhibdee naannaa ilaalutt eessa akka ijaajjan hin murteeffanne raajeffachiisuutt kaheraa. Isa qeeyee keessaaf gurri sanii duudaa dha. Ummati Oromoo garuu akka itt tolutt milla fuudha. Haalli keessaa fi alaa hin daalife malee hin bilchannee, kanaaf waan isa xarfu hin qabu. Gaafa sirriitt bilchaate waliin ka’e kan isa dhaabuu dandahu hin jiraatu. Kanaaf moggaasa barruu kanaa “… Suuta” jedhu ammayyuu dhimma baasa kan jedhamuuf.

Oromoof kaasaan lolamuuf, loluu malee filmati biraa waan hin hafneef. Akka sabaatt ummatichi itt roorrifamaa jira; abba tokkoti isa tuffatamuun waa gaafachuuf annisaan ilmoo namaa akka keessatt hin hafneett gad ilaalama jiru. Diinni qaata akka ekeraa akeeka malee biyya lafaa keessa labu, lubbuu hin qabneett isaan fudhatee. Akka qophii malee bahee lolu goota tuttuqaa jiru. Hedduun tuttuqaa kanaan kan si’aawaa jiran fakkaatu. Akka jedhamutt, “Missingaa dheeraan simbira yk furrisaaf ”. Quuqaan simbiraaf furrifamu simbricha yk isa hin dhabu jechuu dha. Utuu walfaana guddatanii hamaa irra gahuu dandahu waliin jala dhaabbatu turan. Kanaaf Oromonis akka fedha saaniitt waraana dabsachuu qofa utuu hin tahin sabichatt lamuu sirni hacuucaa alaa haa tahu keessaa itt hin deebine iggitii itt tolchuu dha. Sun tahees firooti, hamajaajii fi galtuun beekuu kan qaban, Waaq jennaan, warraaqsa Oromoo irraa duubatt deebiin akka hin jirre, bu’aa caalaan fulduratt mullataa akka jiruu.

Gabaabaamatt bu’aa fi kisaaraa nyaaphaa afarsuu dhiifnee haala cunqurfamaa qayyabannee gara dubbiin itt bahuuf deemu faana haa buunu. Conqurfamaan, cunqursaa caalaa waan uumaa tahan, lakkoofsaan, qabeenyaa fi bakka tarsimaawaa tahe qabaachuun anjaa qaba. Kan hanqatan waan namaan tolfaman, jaarmaa cimaa, dudhama fi al tokkon waliin murachuu dha. Kanneen uumaa dhaabbatoodha. Kan nyaaphi hacuuccaa fi luuxee galuun bitintirsuu yaalu karaa tolcha namaati. Dhaabi kallachi Oromoo, boonaa fi satoo sabichaa tahe, ABOn keessaa fi alaan haleelamaa jira. Qabsaawoti Oromoo haala inni si’ana keessa jiruun laafuu hin qabani, garuu abdii sagantaan saa qabsoo sabaaf kennuun jajjabaachuu qabu. Bordoddee keessatt of argaa jiru keessaa harkisanii baasuuf jaalbiyyoota yartuu, kutatannoo fi dudhama qaban qofa gaafata. Nammi Oromoo waan fedheefuu ABOtt hamaan bobbahuun diinaa tumsuu taha. Hedduun kan wareegamanii fi wareegamaa jiran kaayyoo inni qabatee ka’eef malee akeeka biraf mitii. Kan dhimma baasu gootummaa kutannoo fi dudhama qabu, jalaa finiinaa jiru malee gadoodaa fi daddaaqina miti. Gaafa sun tuqaa danfaa irra gahe injifannoo malee kan qabbaneessu hin jiraatu. Dhaaboti Oromoo hedduun jirus gumaacha ofiin madaalamus. Garuu akeeki saanii Oromummaa kan tuffachiisuu yoo gara diinaa goranii ABOtt girrisu tahe. Hogganoota jibbaa, miseensotas jibbaa, ABO jibbuun garuu Oromummaa irratt waraana labsuu ta’a.

Seenaan daree seenaafii. Kan irraa dhaalame yoo jiraate qaama nuu taheera. Amma isaan jiraachuu itti fufuun egeeree keenya gooddanna malee kan darbe keessa jiraachuuf duubatt hin deebinu. Kan darbe fulduratt fiduu yaaluun godaannisa dandanaa jiru kulkulfachiisuu qofa gargaara. Kanaaf rakkina amma keessa jirru qofa irratt xiyyeeffachuun dansa. Gurguddoon Oromoo tokko tokko maaliif waamichaa sabaa deebisuu irratt harkifatu? Maaliif waa’een roorroo fi salphinni ummata guyyuu, lafaa fi ofummaa saanii irra gahu waliin aaruu hin dandeessifne? Oromummaan ittiin dhaadachuu qofaf utuu hin tahin danqama bilisummaa ittiin loluufis dhimma baasuu qaba. Nammi Oromoo ofiin jedhu haala cunqursaa fi garboomsaa keessa jiruun boonuu hin qabu, garuu Oromiyaa bilisa, Oromummaan boonsuu dandeesisuuf akka qabsaawuu eegama. Nammi diina tajaajilu garbummaa jala jira. Oromoon sadarkaa garbummaatt fedhaan jiraatan kamuu Oromoof kan dhahataman yk ittin boonaman tahuu hin qabanii. Garbooma jechuun kan Oromoo hin taanef bulanii, waan koo jedhan irratt mirga dhabu, afaan ofii walqixummaan ilaalamu dhabu, mirga of ifsuu dhowwatamuu fi hojiitt carraa walqixxee dhabuu jechuu dha. Gabaabaatt garboomuun mirga ilmoo namaa bakka hallee beekame, kan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu dabalatu dhowwatamuu malee waan biraa jechuu miti. Akka jara fedhaan garbummaa jala jirachuuf itt duudaa jiranii utuu hin tahin, hedduun garboomaa fi daba akaakuu kamiyyuu didaa jiru.

Mashina hoggansa Oromoo keessaa yoomallee sabichi hirdhina ogeeyyii hin qabaanne, quree fi cinqaarriin hanqatan tokko tokko kan jiran fakkaata. Tarii mashinichi dulloomee haaromsa feesisa taha; sun ijoollee aadaa democratawaa Gadaaf waan guddaa tahuu hin qabu. Qabsichi hoggansa dhaggeeffatuu fi qayyabatu, kan yaada miseensaa fi dabballoota irraa argatu qindeessee gabbisuu gaafata malee yaadi kiyya gaaffii malee fudhatamuu qaba isa jedhu miti. Sun abbaa hirrummaa dha. Kaasaanii fi akkaatan Oromo kan gurguddoo Imperialiin adda. Isaan angoo bulfachuu yk butachuuf kan barbaadan ummata biraa ittiin hacuucuufii. Cunqurfamooti angoo kan barbaadan demokraatummaan walqixxummaa, birmadummaa fi gaddhisamummaa fiduufii. Kan mirga saanii dhalootaa ta’e irraa isaan ittisaa jiru qawwee diinaa fi of soneessuu dhabuu saaniitii.

Kan baayyee nama dhibuu miseensoti saba cunqurfamee took tokko garbooma maaliif akka birmadummaa irra filatanii. Maaliif gadi galummaan ilaalamaa nama jala foqoquu filatuu? Dabeessummaan moo dhibee sammuu “capture-bonding” jedhamu kan gaagamtooti gaaga’aa mararsiifachiisuu fi waliin dhaabbachiisuun qabamaniitu? Qabsaawota bilisummaa meeqatu ta’iisa akkasii irra guutummaatt walaba? Sun karaatt jaalbiyyumaa, si’aayinaa fi qabsoo shaffisiisa saanii tuqu qabaa laata? Duubatt dhiittachuun buusaa hundaatt ni jiraataa ? Muuxannoo darbe irraa miira saaniitt roga baasuu ni dandeenyaa? Namooti walaba turanii fi kanneen kolonii jala jiraatan madaala tokkichaan hin dhahamani. Kanaaf kanneen kolonomanii turan keessaa kan sammuu ofii bilisomsuu dandhan qaama saanii hafe qabama sammuu keessaa obsaan harkisanii baasuu yk hanga bilisummaati karaa irraa maqsuu dha.

Amaarrii fi PDOn saanii Nagariita (Dibbee) guddaa isa kanaan duraa caaluu dillisaa jiru. Sun dhaadannoo hogganoota EDU, dhaba Habashaa kootama 70moota keessaa tokko, kan isaan naannaa daanga biyya Amaaraa akka Matammaa fi Humaraatt dhageessisaa turan nama yaadachiisa. “Ilma Walattee” boojinee hojii haadhi saa hojjetaa turte hojjechiisna jedhanii kakachuun, waan ummatoota qabaa jala turan irratt raawwata bahan kaasuun, yakka farra ilmoo namaa shakalaa jiraatan lallabaa turani. Garuu waan tahe agarreerraa, yeroo abdiin Nafxanyaa dullacha hundi burkutaawu. Oromoon, “Dura Kurupheen foon haa taatuu” jedha. Sun jechuun utuu kuruphee hin ajeefatin kan sana duuba taha jedhan dubbachuun dhimma hin baasu jechuu dha. Dirqammi warraaqxota Oromoo, jarri kaan dhiibaa dhufaniiru jechuuf utuu hin ta’in, kaasaa warraaqsicha maddisiisef jedhanii qophaawuun, qabsoo fulduratt dhiibanii fiixaan baasuu dha. Nammi dirree qabsoo keessa jiru yoo ofiis baraaramuu qabate damqinaana of eeggata. Nyaaphi dibbee rukuteef waacifuu/waaciluu hin qabu. Guddina sabichaan wal hin gitin malee dargaggoon Oromoo haala hamtuu kana jalattuu,murna finciltuu dubbatamaafii jiru caalaa dhibbaa gochaa jiru. Oromoon akka ofii fedhanitt ka’anii gara ofiin bulummaatt ni dhiichisuu. Qabsoon hanga injifannoott it fufa. Oromiyaa haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *