0

Demokrasii fi yaa’a murtii dabarsaa

Hiriyooti barreessaa kanaa kanneen sirna waabarii Itophiyaa  jala darban caalaan saanii “demokraasii”n qooqa Grikii tahuu beeku. Mootummaa ummataa jechuu tahuutu itt himame. Jalqaba irratt dhiirota birmaduu Greekii waqhedduu tahan bara duriin shakalama ture. Hardha dhugeeffannoo kaminuu haa raaganii, waqhedduu haa tahanii waqtokkee kan gumiin nama hunda itt hinaafu tahe jira. Demokraasiin yoomallee hanga yoonaa mudanqabnee hin tahin yaa’a itt murtiin darbuun calaqifama.  Tokko waliigaltee hundaan kan tahu. Sirna hunda haammataa, kan gocha murnaa keessatt qooda fudhatan hundaaf dhimma waloo irratt yaada kennachuuf carraa walqixxee kennu. Inni kaan irba yk bulcha wayyabaati. Demookrasoti, waligaltee hundaa fi irbatt dhimma bahu. 

Yaadanmalaan, demokraasiin walqixummaa fi qajeeltuu qooda fudhattoota gidduu, murna gochoota malbulcha, hawaasoma haa tahuu diinagdee irratt bu’uurfame. Garuu daddhabbii namaan kan ka’e murtii dabarsuu kaasee hanga hojii irra oolchuuti mudaaan jira. Haa tahu malee Hawaasoti namaa hanga isaan dandahamett mudanqabnee gochuuf tattaafachuu hin dhiifne. Sirni seena qabeessii mudanqabnee gochuuf yaale tokko sirna Gadaati. Yeroo waa’ee gadaa dubbanu tokko tokko waan hooda saa kan fakmishoo amantee saaniitt hin galle qofatu itt mullata taha. Garuu sirni Gadaa golgaa faayame dhabuu saaf malee mootummoota si’anaa caalaa hoodota hin qabu. Sirna kennata, murtii dabarsuuf marii dheeraa yk ilaaf ilaamee irratt hundaawe ture. Yaa’i sun yaada tokko tokkoon qooda fudhatoota mariif nafii guddaa kennaa. Demokrasiin naanna waqhedduutt yoo biqilu, Gadaan naannaa waqtokkeetii maddee, garuu sirni malbulcha Gadaa amantalaa, amantee fi bulchi malbulchaa ifatt gargar kan tahan ture.  Yeros dhugeeffannoo dudhaa tokko qofatu ture; amma garuu gargar tahuu sana kan sirrii taasisu hedduu jiraachuu saaniiti. 

“Ilaa fi ilaameen” qabee bu’uura sirna Gadaa demokratawaati. Murtiin kan kennamu ergii ballinaan irratt mari’atamee duuba. Barbaachisaa taanaan Oromoon guyyootaaf mari’achuu dandaha. Murtiitt jarjaruu irra hamma dhibdeen tokko tokkoon qooda fudhattoota hubatamutt “Haa bultu dubbiin” jechuu filata. Kanaaf mariin hanga hundi irratt waliigalutt dhiibama. Nammi tokko yk namooti qabattee irratt yoo walii hin galle beekotii walgahii alati yeroo boqonnaa waliin dubbatanii karaa qabachiisuu ni dandahu taha. 

Sirna Gadaaf waligalteen murtii dabarsuun yaada abba abbaa anjaa hundaaf oolchuu ture. Miseensoti marii irratt qooda fudhatan irraa kan eegamu wan itt mullatu dantaa offittumaa fi utuu hin tahin, milkiin baha xumura yaada waloo dhihaatee fi ifsachuu dha.  Tokko tokkoon qooda fudhattootaaf waan mari’atamaa jiru keessaa fedha ofii qabaachuun dhalootee dha. Garuu dhumarratt hundi dantaa waloof murtii walii galte tokko irra gahuuf aarsaa hanga tokko baasuu qabu turanii. Yeros Oromiyaan hawaasa gosoomaa keessa waan turteef kaasaa sabaa fulduratt oofuuf si’a caaluu dhimmi gosaa ilaalamuu qaba ture. Hardha addunyaan misa Ilmaan namaa takkaa gahamee hin beekne irra jirtii, yaada irratt dubbatus, namooti yaada fedha waloo fulduratt dhiiba jedhan irratt wal nokkoru. Garuu ammallee yeroon hambaan mararfannoo gosaa fi qomoo marii sabaawaa Oromoo keessa anjaa murna malbulchaa ofittootaa fi dubatt harkistuu dhaabbii ummatichaa addunyaa keessaa dubatt hambisuu dandahus dhimma dhabuun galfaman jira. 

Duubatt deebiin hanga jirutt, waan durii duriiti jedhanii tuffachuu irra dantaa waloo akka hin gufachiifne qabattichii hamma bullaawutt ilaalamuu qaba. Murni sabaawaan kan walitt dhufu yaada waloon dhihaate tokkoo irratt mari’atee murtii dabarsuuf. Qooda fudhattooti hundi yaada saanii ifsachuu fi qaama hobbaatii argamuu tahuun itt dhagamee hojiirra olchuuf garaa guutuun gamtaa akka agarsiisanitt carraa waliqixeen kennamuufiitu irra jira. Sun dhaalmaa Gadaa kanneen murna xixinnoo keessa jiran hunda irra, Oromummaaf nafii caalaa kennaniif boonsaa tahu

Fakmishoon waligalteen murtii kennuu dhuunfaa sirna Gadaa miti. Dhaabota ammayyaa biroo hedduutu anjaa hobbaatii wayyaaf inni hunda qooda fudhachiisuu jedhanii dhimma itt bahuu.  Gamtaa guddaa, wal amantee fi walitt riqachuu uumuuf hariiroo ummataa hundaa wayyeessuu dandaha. Garuu waliigalteen murteessuun fakmishoo biraa caalaa yeroo, giidoo fi qabeenya guddaa baasisuu dandaha. Fakmishoo biraan kan demokrasotaan shaakalamu sirna irbaatii. Qabatee irratt dubbachuun yeroo duraan murtaawee keessatt tahuu dandaha murtiinis harka ol kaasuun yk darbansaa buusuun murteeffama. Garee sagalee caalaa salphaa yk ittiiqa dursee murteeffamuu argatutu moo’a. Anja dhabiisi fakmishoo kanaa yeroo waliigalteen murteessaan walbira qabamu dantaa yaroo irra darbuun of nyaachuu fi murna biqilchuu jajjabeesuu saati. Haa tahu malee fakmishoo kaan irra yeroo hedduu fixuu baachuu saa irrayyuu shaffisaa dha. Gochi ammayyaa hedduun fakmishoo kanatt dhimma bahu. Kun waan hawaasa kamuu keessatt hin oolle dhalachuu murnootaa fi hinaaffaa isaan gidduuf kaasaa tahuu dandaha. Garuu kan barbaadamu ofiffooma qollifattuu quufsuu utuu hin tahin hobbaatiif itt gaafatama qabaachuu dha.  

Fakmishoon kamiyyuu dhimmai itt habahamuu seera bu’uursaa keessatt akka himamett hedama. Miseensoti tumamuu saanii irratt qooda yoo hin fudhatin utuu itt hin seenin dambiilee sana dubisanii fudhataniiru jedhamee abdatama. Altokko fudhannaan murtiin tolfamu kan isaanii hin tolle tahus itti buluun dirqama. Komee yoo jiraate ambiin ilaalchifamuu qabu. Garuu alaan holola hamminaa oofuu yaaluun farra demokraasii fi seermalee tahuu dha. Akka sirna Gadaatt safuu, hawaasaanis Waaqaanis adaba qabu. Fakmishoo lamaaniifuu sirni ilaa fi ilaamee ni hojjeta. Kan inni gatii hin qabne kanneen sammuu dhiphoo fi abbaa hirroota birattii qofaa. Kan sammuu dhipho waan halle qaawwaa dhiphoo qollifattuu keesssaan waan laaluuf fakii isa guddaa hin argu; abba hirrummaa jalatt murtiin olii gad lola’a malee dakaa dabalati hin jiru. 

Egaa demokraasiin sirna qooda fudhattooti hundi walqixxee tahuutt beekaman waan taheef sagaleen hundaa ni dhagahama ulfinnis ni kennamaaf. Namooti kan walgahan qabattee dhimma waloo ilaaluu irratt mari’achuufi. Kanaaf tokko tokkoon qooda fudhataa yaada dhihaateef gumaacha tolaa gochuutu irraa gaafatama. Sammuu dhiphachuun tokko tokko fedha ofitoomaa gandaa bubbbucuu malee, mullisa isa ballaa dhimma murna guddaa ilaaluu hanqatu. Sanaaf jedhanii usustootaa fi murnoota bubbucuu, akka murni guddaan sirriit hin hojjenneef qoomtuu tahan uumu. Shaakalooti duubatt harkisoon akkasii utuu faca’anii dirree bobbaa hin faalin akka ol bahaniin addaan baafamanii, kophxeesamuu qabu.Xumuruuf  demokraasiin akaaku isa  Grikii haa tahu kan Gadaa sirna qooda fudhannaa kan dubbiin laaltu hundaa jajjabeessuu qofa utuu hin tahin, sirna gumaacha tokko tokkoon qooda fudhataaf walqixxee nafii guddaa kennu. Murni tokko fakmishoo murtii dabarsaa lamaan dhahaman keessaa kan itt tolett dhimma bahuu dandaha. Waanuma halleefuu fedhii hundaa, kan gar tokkoo caalaa guddaa fi halle haammataa akka tahe beekamuu qaba. Miseensi mijuu tokko yaa’a murtii harka jiru hankaasuuf shira hin xaxu jedhamee fudhatama. Komeen yoo jiraate akka seera dhaabaatt dhihaataatt beekama. Akeeki demokraasii akkuma qooda fudhattootaa carraa murtii dabarsuu walqixxee kennu, murtii yeroon itt fudhatamee darbettis buluu ni gaafata. Gumaan murnaa mijuu beekaa alatt dhiifamuun irra hin jiru; akkasumas gumaan tokko hagam adda jedhee of yaadus akkaataa beekamaa alatt mararfamuu eeggachuun munaaquu dha.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Waxabajjii 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *