0

Bineensa Oromiyaa durii

Binoo Oromiyaa tokkoo tokko

Yaadannoo Haarree Diidaaf

Harreen erga too’annoo namaa jala ooltee, jaarraa jaha caalaa, humnaa ol kan itt fe’ame hunda baachaa, yoo dadhabii agarsiise shimalaan haleelamaa jiraate. Marga uumaan biqilche illee dheedaaf  yeroon itt waakkatama. Ilmaan namaa yoo “Harree” waliin jedhan, mata jabeessa, hadoodaa laalaa fi ulfinni itt hin dhagahamne, daagii galtuu, rorroo hin balfine jechuu dabalata. Karaa biraammoo firaa fi lammii saa kan ta’e, Harreen Diidaa, kutannoon ofirraa faccisaa, erga duulli jalqabamee, naannaa waggaa 6000 ol ofiin bulaa, garbummaa didee, matumaa hambaa funaannachuuf bilisummaa gad hin dhiisu jedhee itt ciche jiraate. Hojiin kun gocha jannummaa, bore hunda irra kaa’ee, galtuu fi daagii qaanii uffachiise kanaaf hojiin kun yaadannoo haa tahu. 

Iyyaatiin kanaa gadii madda adda addaa akka internet, moor (kitaaba) fi muuxannoo ofii keessaa funaname. Akka mooriti dhiheessuun hanga dandahamuti kan dhihaate kun hedduu gargaara jennee amanna. Dubbisoota irra gabbisa fedha.

 

I

Adamoo

Ilmoon dhiiraa bara durii fuudha fi hojii baras dhiirummaan barbaaduuf, ulaagaa guutuu qaba. Adamoo bineensa gurguddaaf mana irraa fagaatanii deemuun isaan keessaa beekamaa ture. Akkasumas bineensa naannaa qeyeetii midhan balleessanii fi horii doorsisanitt yeroo yeroon ni duulama ture. Jarri dhugeeffannoon saanii yeroo murtaawe tokkoof foon akka hin nyaanne ajaju jiru. Jarri akkasii tibbi of agabeessuu dhumuu gahuun qabatanii fooniif bineensa adamsu turan. Bineensa adamsuun waan faarfaman keessaa tokkoo ture. Ijoolleen illee hamma humna see hantuuta manaa kaasee, bineensa xixinnoo naannaatti bobbaati turte.                

Margoon adda addaa kan sanyii saanii walitt dabarsuu dandahan rigannaa binoon. Kaan kaan dabbasaa saaniitiin tokkoo tokkott dabarsu. Kanneen akka kanniisaa nadhii daraaraa yoo gurrattan sanyiin qaama saaniitt maxannee daraaraa tokkoo kan biraatti darbu, bakka qubatan hundatt buukii miciree dhiiraa urgufatu. Sanyiin margoo tokkoo tokkos garaa bineensa keessatt laafanii hagaman malee biqiluu hin dandahan.

Bineensi bineensa biraa nyaachuun jiratu jira. Al tokkoo, tokkoo malee argeef hin qabatu. Yoo nammi isa nyaatu haa tahu, isa nyaatamu akka malee fixe madaalliin jireenyaa ni gaaga’ama.  Kan waan nyaatu dhabe nammattis bobba’uu dandaha. Kan nyaatamu yoo hara malee heddummaate namaan nyaata wal saamuu eegala. Jiraachuun binoo kan dhahaman kana malee hedduu gumaachuu dandaha. Gabaabaatt dhimma isaan baasan akkasitt himuu dandeenya.

Kanaaf addunyaa keessatt dhumiisa irraa isaan oolchuuf sochii gurguddaatu tolfamaa jira. Tokko tokko dhaqabuun dadhabamuufi illee hedduu qarqara badii irraa oolchuun dandahamee jira. Ilmoon nama fudhaaf jedhee dhaqee qarati hafuun firas intalatii barbaadus dhabuu irra oola.

Adamoon bara eeboon turre bineensa hedduu hin hubu ture. Erga qawwee fi qamaaxirri sibiilaa dhufee garuu  lafarraa haxaawaman.Wallaansoon amma jiru sun hunduu hafee  “kaameeraan” akka admfamani.. Nyaataa fi bashannanaaf kan adamsan yoo jiraatan to’annoo ciman akka adamsan tolchuu dha. Fakkaattii saanii namoota irraa fagoo jiran barsiisuu fi dhaloota duuba dhufuuf galmeessanii ol kaahuuf duula guddaatu tolfamaa jira. Bineesa hunda argachuun salphaa hin tahu. Kanaaf hunduu dhimmee bakka jiraniti kaasee osoo hanbisee seenaa ilmoo namaaf hedduu gumaachuu taha. Bu’aafis yoo tahe fakkaattiin du’aa caalaa dhimma baasuu fi galii fiduu dandaha

Kanaa gaditi fakkaatii bineesa Oromiyaa keessa dur jiran dhiheessuun yaalamee jira. Biyya abbaa hin qabne argatanii naannaaf haatahuu eegumsa binoo sanaaf osoo homaa hin baasiin kan kaafatan hedduu dha. Jarri akkasii mirga akkaasaa© yoo abbaa biyya irra eegan nama dhiba. Isaan keessaa mirga binoo kanaaf falmuuf kan kaasan jiru isaan akkasi yoomiyyuu galata qabu. Mee binoo naannaa keenyatt argaman kana barannee walbarsiisuun mirgi saanii akka itt eegamu, hojii isaanii fi naannaa saaniif bu’aa osoo hin buusin abba tokkootaaf murnoota gabaa abbaa hin qabne godhanii itt taphatan kanaaf furmaata haa soqnu.

Hubadhaa ilaalaa. Adamoo binoo Oromiyaa keessa jiraniitti isnis kaameeraan bobbaha. Akka malee akka itt hin duulamne dhaabbadhaafii. Jiraachuun saanii naannaa keenyaaf waan filmaata biraa hin qabne. Isaanitt haanee ilmoo namaatu dhibamuu dandaha.

Oromoon durii adaamoof seera qaba ture. Bineensa waggaa dhalootaan, saalaan, akaakuu fi haala keessatt argamuun seera qaba ture. Bineensa gaana irra jiru, rimaa fi ijoollummaa qaban hin tuqaman. Kan hafanis seeraa ala lubbuun bahuu hin qabu. Kun raammoo kaasee hanga arbaatti seera jiru.

Dhalooti ammawoo abboolii akkamiti hankaaka jedhe warraaqaan tokko? Ilmaan Oromoo hundi kan abbootii saa irra wayyeessee abboolii saanii bineensota kana eeganii eegsisuutu irra eegama. Kanati haanee binoon Oromiyaa fakkaatii saanii waliin dhihaataniiru.  Naannaa naannati maqaa addaa yoo qabatan walbarsiisaa.. Ijoolleen caalaati akka maqaa saanii qabatu taphaa binoo ilaalu taphachiisaa. Binoo Oromoon durii hin nyaanne hubaachiisaa. Kan hin nyaatamne nyaachuun waan hoodaati. Ijoollee birati waan kolfaa taha. Irra buusa kan kanaa gaadii fuddhaa.

I.    X: Binoo!

Y: Bineensa

X: maal faa, maalfaa, maalfaa…

Y: (daddafiin) harree, adurree, leencaa, booyyee, saree, yayii kkf

X: Maal nyaatta?

Y: ———! (kan hin nyaatamne yoo dhahe itt kolfama, yoo callise kan gaafate bakka gad dhiisa).

II. Kan biraa “Ummoon maal baattee dabarte” kan jedhamu

X: Uummoon maal baattee dabarte?

Y: Haamtuu dhaa fi cidii.

X: Isaan morma see, morma see, morma see daddafee jechuun gidduuti “morma kee!” jedha

Y: Shaf, shaf, shaf, jedhee “morma kee” yoo jedhu callisuu dhiisee “shaf” yoo jedhe itt kolfama

Taphi hunda ijoolleen darabeen itt darbaa taphati, kan moo’uu dadhabe bakka gad dhiisa. 
 

Walbarsiisa

Bineensa Oromoon beeku Durii

Past Wild animals known to the Oromo

Bineensa kanaa gadii, badiisi amma naannaa muldhataa jiru bakka itti dheessan dhabsiisaanii jira. Yoo oolchuunii dadhabdanillee fakii saanii hambisuuf kaameeraan itti duula. Binoon o’a qaamaa ofumaa too’atan akka muchoo fi siblatii dhiiga o’oo jedhamu. Osoo badanii hin dhumin fakkaattii saanii qabadhaa kan hin beekneti barsiisuun tumsa yaasuufii yaala. Barreessaan kun harkumsaan fakkaatii saanii kaasee dhiheessuu yaaleera. Fuldurati gaafa dunyaan argamu kan “kameraan” ka’an ni dhihaatu jedhee abdata.

Mandiidaa /Bineensa (wild animal)

Bineensa jechuun binoo dheessaa , (bindheessa) kan manni diidaa jechuu fakkaata. Akka barsiifataa tahee bineensa jechuun hamaa yk kan homaaf hin hille jechuuti fudhatama. Bineensi garuu yoo tuqan yk yoo nyataaf waldorgoman malee nama caalaa hamaa namatti hin hojjetan. Addunyaan namaafis bineensaafis qixxee dhaa. Bineensi naannaa uumaa bakka jireenya godhatanii jiraachuuf mirgi saanii beekamaa ture. Garuu nammi of duwwaa ilaaluun mandhee saanii mancaasee, nyaata saanii saamee, lubbuu saanis guraaraa jira. Buukii tokkoo kan biraaati dabarsuun margo akka walhoran kan godhan isaanii. Badiisi binoo jireenya margoos gagahuuf deema jechuu dha. Margo namaaf nyaata, meeshaa, mana, qoricha, uffatas.

Nammi kana dursee ilaaluu dadhabuu bineensi hedduun badiisaaf karaa qabataa jiru. Oromiyaa keessaa kan badanis hedduu dha. Hangi tokkoo ollaa isaan kunuunsutt godaanan taha. Binoon namatt hin buune jiru. Kan isaan malee nammi jiraachuu hin dandeenyes jiru. Sanaan alati  dhortuunis jiru. Hunduu madaallii uumaa eeguti qooda qabu. Dhortuu kan jedhaman waan nammi horatu irraa fi dhiiga nama xuxuun jiratu. Kaan homisha namaa samaanii beela namatt fidu. Kan dhiiga nama xuuxani nama dhoruu caalaa dhukkubas namati dabarsu. Isaanillee madaallii uumaa eeguuf qooda qabu.

 Dhortuu fi farreen jireenya nama kan tahan waliin qabsoo walirraa hin cinnetu gaggeeffamaa jira. Duuchamati bineensi hamaa dha, kanaaf hamajaajii keenya jechuu irra kamtu kam akka tahe walii haa maqfannuu.

As irrati binoo ilmoo mucha (harma) hoosisanii guddisaniin “muchoo” jenna; fakkeenyaaf lon, simbira halkanii. Kan qaammi saanii buusaa sadii qabun, bussadee jenna. Fakkeenyaaf kanniisaa fi goondaa (mixii). Simbiraa fi allaattiin garri caalan qoochoo ittiin barrisan qabu. Godinaa hedduuti xixinnoon, simbira, shimbbirroo yk simphirree jedhamu; gurguddaan allaatii dha. Hojii kanaaf akka toluti walitti simbilaattii jenneen (simbiraa fi allaattii); fakkeenyaafi cuquliisa fi uummoo; kan gogaan qola qarcabboo taheen qoluffatoo jenne; fakkeenyaaf naachaa fi jawwee. Kan bishaan keessaa fi lafa jiraachuu dandahan jirlamee, fakkeenyaaf raacha fi fattee. Kan handhurri lafatt ejju orbobbis jenne. Fakkeenyaaf sariitii (daara baaftuu) fi qanjeebuu. Kan sariitiin orbobbis jedhan jiru. Bifa saanii fi jireenya saanii gabaabaatti kana gaaditt dhiheesina. Walitti qabaa uumaa diidaa fi  mana jiraniin “binoo “ (animal) jenneen. Maqaa saanii Englishiin gombooba keessa keenyee jirra. Hojiin kun nama afaan Oromoo beekuuf dhihate. Kan barbaade maadda afaan Engilish irra darbee qorachuu dandaha. Iyyaatiin kanaa gadii garri tokko interneetii (google) fi Aadaa Booranaa Ton Leus irra argaman. Muuxannoo barreesichaa keessaa kan argaman jiru.

Boqonnaa I

Muchoo (mammals)

Muchoo hundi ilmoolee hosifatanii guddisu.

Albaadhessa (whale?)

Alabaadhessi qilleensaa akkuma muchoo hundaa fudhachuun afuura galchee baasa. Dhiga o’oo keessati ramadama. waggaa 1-3 keessati jabbii tokkoo dhale hoosisuun guddifata. Manyoota addunyaa hedduu keessati argama. Manyaan Oromiyaa irra hiixuu waan taheef jechaan malee hin beekamu. Gosa hedduu qaba guddinaanis wal caala. Muchoo tahuu saa agarsiisuuf malee Oromiyaa amma keessa hin jiru.

        Warseessa (rhinoceros)

Warseessi gaafa dheekii jedhamu huuruu irra qaba. Isaan hamajaajii dorsisa, ofirraa ittisa, nyaataaf hundee margoo qoteebaasuu fi dame muka caccabfachuuf dhimma itt baha. Nyaati saa baala muka, biqiltuu fi muka qoraatii dabalata. Ijisaa dadhabaa waan taheef foolii fi dhagahuuti caalaa dhimma baha. Warseessi, dheekkii saaf ajjeefama. Biyyoota gara bahaa jiran biratt qoricha aadaa gatii guddaa baasutu irra tolfama jedhama. Kanaaf adamsituun akka malee fixaanii jirti. Oromoon dur jabina ofii itt laaluuf yoo ajjeese dhaadatee dibata. Mirgoota gurguddoo keessaa tokkoo ture. Garuu kan ajjeefamuu fi hin ajjeefamne seera qaba ture.  Gaaddeebuttuun ( poacher) garuu dheekkii qabaannaan bira hin dabartu. Ulfinni saa kilo grama 1800 hanga 4500 gahuu dandaha.

Arba (elephant)

Arbii binoo hunda caalaa guddicha. Adamsituun ilka saatiif ajjesti. Ilki arbaa faaya adda addaa, ejjetaa meeshaa gargaraa, bokkee (ball) biliyaardii, meeshaa kiilolaa kkf tolchuuf dhimma itt bahama. Daldala sabgidduutt gatii guddaa baasa ture. Amma garuu seeraan dhowwaadha. Ilki kan arbaaf uumame lafa qotanii bishaanii fi hundee nyaatamu baafachuu, hopho muka quncisanii nyaachuu fi ittiin lololuufi. Nama birati garuu kan gatii baasu tahe. Hidhiin olii fi funyaan arbaa waliti ejjee humbii jedhama, bishaan ittiin dhuguu, bishaan xuuxanii dhagna dhiqachuu, afuura baafachuu, foolii fuudhuu, waa qabu fi caraanuuf dhimma baasa. Funyaanis afaanis harkas jechuu dha. afoola keessati nadheen akka arba taatee himamama.

 Oromoon jabina ofii ilaaluuf ajjeesee faachaa baasee ittiin geeraree dibata ture. Garuu kan ajjeefamuuf hin ajjeefamne seera Gadaan murtaawaa dha.  Gaaddeebuttuu yk daldalaaf adamsituun garuu ilka qabaannaan bira hin dabartu. Ulfinni arbaa killoo grama kuma sadii walakaa hanga kuma jahaa dhibba sadeetii gahuu dandaha.

       Roobii (hippopotamus)

Roobiin mataa gadi jirma fakkaata. Ulfinaan binoo lafaa keessaa warseessaa fi arbatt haana. Qaammi saa rifeensa hin qabu. kanaaf dhoqqee fi bishaan keessa ciisuun of qabaneessa. Kotteen saa baqaqaa, lukti saa kan gufuu fakkaatu. Gara caalu bishaan keessa jiraata. Lafatt bahee marga dheeda. Ariisaa fi wal dhalli bisaan keessatt. Figichaa fi buubaa tahuun beekamaa dha. Adamsituun ilka fi foon saaf ajjeesti. Gogaan saa baayyee furdaa fi cimaa dha. Oromoon lichee fi qodaa gara garaa irra tolcha. Oromoon durii foon saa hin nyaatu. Ulfinni saa hanga 1300- 4500 gahuu dandaha.

Sattawwaa (giraf)

Sattawwaan binoo diidaa keessaa isa dheeraa dha. Achii olii hanga metra jahaa gahuu dandaha. Biyya dheebochaa fi o’aati argama ture. Foon saa ni nyaatama. Gogaan saa okolee bishaanii fi aannanii akksumas lichoo fi kophee tolchuuf dhimma baasa. Adamoo akka maleen Oromiyaa keessaa si’ana kan bade fakkaata. Marxaa yk ciraan saa akka gumeett tolfamee ajjeesaan mormatt kaa’ata yk faaya harka irratt kaa’atamu taha. Kotteen saa baqaqaa dha.  Ulfinni saa kilo grama 1190 ol gahuu dandaha.

Gafarsa (buffalo)

 Gafarsi loon diidaati. Marga dheeda. Qeeyee nama irra fagoo jiraata. Humnaa fi hammeenyaan beekama. Kanaaf Oromoon durii ajjeesee faachaa fi dangaja baasee ittiin geerara. Foon gafarsaa ni nyaatama. Garuu Oromiyaa nyaataaf hin ajjeefamu ture. Gafarsi murna busaawaatt lakkaawama.         

“Chamois” warabboo dhaa?

Fakkaatii warabboo Africkaa argachuu hin dandeenye.  Bulaatovichi qondaalli Rusiyaa tokkoo Jaarraa 19 keessa warrabboon (orobo) “chamois-bull” jedha. Kan kanaa olii binoo Yuurozhiyaa “chamois” jedhamu. Warabboo ni fakkaataa? Kan agartanii beekttan utuu nu beeksiftanii ni gargaara.

Busaawaa

Binoo asitt tarreeffaman keessaa gafarsaa hanga qorkeett  Oromoon busawaa jedhuun keessatt argamu. Loon, Reettii fi hoolaan walfakkaatu. Marga, baalaa fi firii garagaraa nyaatu.  Kuruphee qofatu isaan keessa foonis dabalata fakkaata. Hunduu daggala yk bosonatt galu. Nama fi bineensa foon nyaataniin, nyaataaf adamfamu. Gafarsa kan busaawati hin lakkoofne jiru. Hunduu kotteen baqaqaa dha. Busaawaa garri calu tokkoo yk lama altokkoon dhalu.

                                                                                       Bosonuu dhala fi korma (Thomson’s gazel)

                                                                                      Kuruphee (duker/dik dik)

Kurupheen hoomaa qamalee gula waan deemtuuf walirraa dhalu kan jedhan jiru. Garuu iseen kan sana gootu firii isaan muka irra harcaasan funaannachuufi.  Simbiras kanumaaf ni hordofti. Kurupheen hantuta, lootuu, simbira fi raqas ni nyaatti. Kanaaf foon see kan lagatan jiru. Kurupheen al tokkoti tokkoo qofa, waggaati al lama dhalti.

                                                                                       Gugguuf tuu (gerenuk)

Gugguuftuun biyya gogaa dheebochaa hurufa daggala qoree keessa jiraati. Nyaata see ol fagoodhaa luka duubaan dhaabbachuun qanxasachuu dandeessi. Gara caalu baalaa, lata muka, daraaraa, hidda mukarra yaa’u faa nyaatti. Bisaan gahaa nyaata keessaa wan argattuuf obaa hin barbaachisuun. Dhaltuun waggaa tokkoti ariisaaf geessi. Rimaa fuutee ji’a torbati dhalti. Ilmoo gaafa dhalatu arraabdee qoorsuun dildhuu sees nyaatti. Kun akka hamaan foolii dhahee hin dhufneef jedhama. Al tokkoon tokkoo dhalti. 

                                              Siiqee (kilipspringer)

Siiqeen  bakka kattaa jaallati, kan iseen soorattus baala, daraaraa, firii fi  biqiltuu dhagaa gidduu jiidha qaban waan taheef bishaan hin barbachisuun. Korma qofatu gaafa qaba. Fiixee kotteetiin ijaajjiti. Dhaltuun ariisaaf waggaa tokkoti geessi. Rimaa fuutee ji’a torbati dhalti.

                                            Saalaa (oryx)

Jireenyi saalaa bakka dheebochaati. Bisaan malee yeroo dheeraaf turuu dandaha. Hoomaan jiraata. Ilmoon akkuma dhalatteen warra waliin fiiguu dandeessi. Dhaltuun waggaa 1½- 2ti ariisaa geessi.. Rimaan ji’a 8½ – 10ti dhalata. Parkii Hawaas keessatt hedduutu argama

Borofa (korma fi dhala) (bushbuck/reedbuck)

Borofi dheedaaf kan bahu barii fi halkani. Kormi gaafa ittiin hamajaajii hubuu dandahu cimaa qaba. Dhaltuun hin qabdu. Dhaabisaa bosonuu faan walfakkaata. Dhaltuun j’a torba rimooftee tokkoo dhalti.

Gadamsa dhalaa fi korma mountain nyala/kudu)

Gadamsi baalaa fi firii mukaa qanxasaa jiratu. Kormaan gaafa micciiramaa qaba dhaltuun gaafa hin qabdu.  Jireenyi saanii busaawaa biraan wal fakkaata.  Yeroo dhaltu haadhi hoomaa keessaa kophaatti baatee dhalti. Ilmoon jiha jahatt hoomaatt dabalama. Bineensi kun waan badaa jiruuf eegumsa barbaada.

Hiddii (grant’s gazel)

Hiddiin hoomaan jiratu. Jireenyi saanii hurufa ballaa keessa. Dheeduu irra waan qanxasamu filatu. Waggaa fi wlakkaati dhaltuun ariisaa geessi. Ji’a torba rimoofteti dhalti.

Hoolaa bishaanii korma fi dhalaa (waterbuck)

Hoolaan bishaanii gujjii fi citaa naannaa bishaanii jiru keessa dheeda. Yoo hamaan itti dhufe bishaanitti baqachuu dandaha malee bishaan keessa hin jiratu. Oromiyaa keessatti maqaa saa malee inni baayyee hin mullatu. Garuu Parkii Hawaas keessa akka jirutu himama.  Hoolaan bisaanii fon saa ni xiraawa. Kanaaf adamfamuuf filatamaa miti. Hamajaajiin saa binoo diidaa fon nyaatanii fi naacha. Dhaltuun waggati ariisaaf geessi, rimooftee ji’a sagaliti si’a caalu tokkoo dhalti.

Abrolee/abrojii (red duker)

Abroleen gosa kuruphee bifa harroo fi nafxinneettii taate. Kan dheedaaf baatu erga aduun lixxeetu. Birrattuu waan taateef hedduu hin mullattu. Ariisaaf ji’a kudha sadeetii olitti geessi. Altokko tokkoo dhalti.

Qorkee (hartebeest)

Qorkeen binoo nyaataaf nammii fi binoo foon nyaatani adamsani. Kanaa fi bakki itt dhiphachu dhukuba garagaraatiin dhoramuun kan ka’e si’ana Oromiyaa keessa bakka eegumsa qabu qofatt kan argamu fakkaata. Gara mormaa waan farda fakkaatuuf Oromoon dur ni lagata. Amma garuu ni nyaata. Qorkeen bakka citaan itt margu hoomaan jiraata. Nyaati saa marga.  Dhaltuun waggaa lamati arisaa geessee ji’a sadeetiti dhalti.

 Harroota diidaa (wild assine)

Harroti kotteen saanii duudaa dha. Halala hin guurani. Oromo birati laguu dha, hin nyaatamani. Dhaltuun waggaa 3-4ti ariisaa geessi. Rimaan waggaati dhalata. Dhaltuun tokkoo waggaa waggaati dhaluu dandeessi.

Fareessa (hardiidaa) (zebra)

Fareessi gosa harreeti. Bakka ho’aa fi hurufa marga qabutt argama. Binoo foon nyaataniin adamfama. Marga dheeduun jiraata. Bifaaf malee harreedhuma. Kanaaf harree diidaas ni jedhama.

Hardiidaa (wild ass)

Hardiidaan harree madaqfamuu didee hanga yoonaa walabummaan jiraatu. Marga dheeda. Jireenyi saa akkuma fareessaati. Gammoojjiitt argama. Dheebuuf bishaan yartuutu gahan.Fiigichaa fi dhiitichaan hamaa of irra faccisa.  Duulli waggoolii hedduuf kara karaan itt banamee badiisi naannaa jireenya saa irra gahe, uumaa badiisi itt aggamame keessaa tokkoo taasiseeran.                                                                                                 

Binoo Gargaraa (other animals)

Simbira halkanii/raaree/cirichoo (bat)

Simbirri halkanii muchoo dha. Ilmoo hoosiftee guddisti. Halkan halkan baatee waan nyaatu barbaaddatti. Hantuutaa, farroo adda addaa fi loo’aa lafaa faa nyaatti. Dhiiga xuuxuunis kan beekamaman jiru. Kan ija muka fi baala nyaatanis jiru. Yeroo hedduu baayyatanii holqa mukaatti galu. Kopha galeessis jiru. Guyyaa guyyaa bakka dukkanaa rarra’anii rafu. Mataan gad milli ol jechuu dha. Tibba tokkoti tokkoo dhalti yoo taheyyuu hanga sadiiti kan dhalan jiraachuunis ni himama. Waan fuldura saanii baruuf qiliwwee (echo) itti deeebi’uun baruti beekamoo dha. Namaa waan tolchitu malee kan balleessitu hin qabdu. Garuu nyaanyeen qabamuu waan dandeessuuf akka saree nama ciniintee itt dabarsuu dandeessi.

Mooree (genet)

Mooreen agalaan walfakkaatu garuu mooreen luka lamaan ijaajjuu ni dandahu. Namaan ni madaqfamu. Akkuma agalaa xannacha foolii baasu qabu. Isaan gulummaa saanii danga’atu. Gara caalu foon nyaatu garuu darbanii darbanii ija mukaas ni soratu. Muchoo xixinnoo, simbira, anqaaquu, raacha, raammoo fi kkf nyaata saaniiti. Lafa irras muka irras jiratu. Boolla keessatt dhalu. Waggaati al lama hanga ilmoo afur afuriti dhaluu dandahu. Wagga lamati ariisaa gahu

Agala (xirinyii) (civet cat)

Agalli binoo halkaniiti. Xannacha urgooftuu baaftu waan qabduuf kan horsisan turan. Kaan ajjeeesanii keessaa haqatu. Kanneen urgooftuu gabaaf tolchan gatii guddaan bitanii dhimma itt bahu. Yeroo dabartu muki iseen itt rigatte fagoo dhaa urgaawa. Nyati see ija mukaati. Keessaayyuu umbaachoo bayyee jaallati. Kan horsiisan garuu ittoo lukkuufaa nyaachisu jedhama.  Si’ana urgooftuun tolcha namaa irra waan tolfamuu dandaheef ajeefammii fi guraarammi irra yarateera. Uumaan boolla yk mandheeti galti, 1-4ti dhalti. Dhali see mooreen tokkoo.

Huumbii (elephant shrew)

Humbiin qaawwaa lafaa yk mandhee baalaa keessa jiratu. Binoo guyyaati garuu baayyee hin mullatan. Bussadee, Sariitii, raammoo, boombii kkf nyaatu. Huuruun see humbii arbaa fakkaachuun maqaa kana kan kennisiiseef fakkaata. Mandhee baalaa keessati tokkoo hanga sadiiti dhalti.

Awwaaldiigessa/waldiigessa, hamakosii) (aardvark, zorilla)

Awwaldiigessi (waldiigessa) binoo holqa lafaa qotatee keessa jiratu.  Nyaati saa rimmaa fi goondaa dha. Bakka rimmi itt argamu fooliin waan beekuuf isa nyaachuuf qota. Awwaala diiga kan jedhamuufis kanaaf malee reeffa nyaatuuf miti. Dhaltuun rimooftee ji’a torbati tokkoo dhalti. Ariisaaf kan geessu waggaa lamatt.  Kan isa adamsan leencaa, qeerransaa fi jawwee fa’i. boolla ofii qotu keessa jirata achiti keessati dhalas.

Waraabessa  (spotted hyena)     Folooso (striped hyena)

Waraabessi binoo halkaniiti. Ha’oo cimaa waan qabuuf waan adamse lafeen utuu hin hafin nyaachuu dandaha. Kanneen adamsu qofa osoo hin tahin raqas ni nyaata. Kanaaf qulqullina naannaas ni eega.  Yoo qeyee goole malee adamfamee hin ajjeesamu. Akaakuun waraabessaa tokkoo oli. Tokko akka burreeti, gogaansaa tuqa tuqaa qaba. Tokko, kopha galeessa foloso jedhamu gogaan xiilloo, kuulota qabu

Waraabessi Oromiyaa keessatt awwala qotee reeffa nyaata jedhama. Namoota nama nyaatu jedhamaniif akka fardaati tajaajila afoolli jedhus jira. Gara caalu garuu farra harree tahuun beekama. Namooti warabessa  damboobsuun waamanii lafee afaan kaa’anis Baddaa Adaree jiru.  Daawwi deemaa hedduutu itt yaa’a. Warabessi rimaawee ji’a shaniti si’a tokkoo hanga afuriiti dhala.

Focii (skunk)

Fociin haddhaa ajaawaa xannacha baasaan lama munnnee saanii gamanaa gamasii qabu. Yeroo dorsifaman isa ija hamajaajiiti biifu. Wanti  iseen biiftu kun ija jaamsuu dandaha. Xiraan saa waan qabate irra salphaati gad hin dhiisu jedhama. Kanaaf hurunguu malee binoo hundi fagooti irra maqu. Jireenyi see boolla ofii qotatu keessa. Ilmoo jaamaa fi duudaa tahan achi keessati dhalti. Nyaati see munyuuqaa lafaa fi margoo tokkoo tokkoo. Kannisa gagurraa yaastee nyaachuttis ni beekamti. Ulfi dhaltuu ji’a jaha. Ariisaaf naannaa waggaa tokkooti geessi.

Hamaa (hamagota) (honey badger)

Hamaan akkuma maqaa saa bineensa hamaa maaluu hin sodaanne. Raammoo, bussadee garagaraa, simbrreen, hantuuta, qanjebu, qocaa kkf fi buchullaa hamaa biraas ni nyaata. Hunda caalaa gaagrura dammaa uree waan keessa jiru nyaachuu fi bofa haddhaa qabu qabate nyaachuti beekamaa dha. Deemsi saa dhokataan waan taheef nammi salphaatt hin arguun. Dhaltuun holqa keessati dhaltee guddifati. Al tokkoo ilmoo lama kan dhaltu fakkaata. Waa’een bineensa kanaa hedduu hin beekamu.

Curree/Wacwacoo (marten/dwarf mongoose)

Curreen hoomaan hurufa keessa jiraatti. Boolla itt galtus qabdi. Maqaan see sagalee see fakkaata. Munyuuqaa lafaa, bussadeef, simbira xixinnoo fi lukkuu faa , hanqaaquu faa nyaatti.

Hamajaajii fagootti ofirraa eeguuf tabbatt ol bahee eeguu kan dhaabbatu doyyaatu ramadama. Yoo hamajaajii argu iyya maqiin dabarsa. Maqichi qilleensaan dhufuuf lafaan hamajajii gargar baasaaf.Hangi tokkoo nyaataaf yoo deeman yartuun ilmoolee eegu.  Hoomaa keessa kan iseen angafa dhalte hundu guddisuuf darabee galu. Waggaati dhaltuun hoogganni hoomaa al sadii lama yk sadii dhalti. Dhaltuun hafan hin dhalan yk ni sallleessu jedhama.

Adurrootaa Mandiidaa (wild cats)

Iyyaa hanga gichillaatti kanaa gaditt kan mullatan gosa adureeti.  Foon nyaatu adamsanii jiratu. Gara caalu hurufa gammoojii keessa jiratu. Garuu baddaas jiru. Seeruun saanii qoraati duubati hokkoo qaba. Gaana duuba yoo luqqifatan dhalfa dhaltuu hanqooqee akka hanqaqan gargaara taha.

Adala (wild cat)

Adalli adurree manaan walfakkaata. Daggala naannaa qeyee jiraata. Indaaqqoof farra. Kanaaf nammi hin jaallatuun. Sagaleen saa adurreerra furdaa dha. Dhaltuun rimaan guyyaa 56-62ti turuu dandeessi; waggati al tokko hang ilmoo shaniiti dhalti. Ariisaaf naannaa waggaati geessi.

Iyaa (deeroo) (serval cat)

Iyyaan naannaa qeeyeeti ni muldhatti; indaaqoo fi ilmoo bushaayee qabachuun beekamti. Firoomsaatt sanyii adurree hundaa luka dhedherachuu ni caalti. Dhaltuun rimooftee guyyaa 66-77 gara caalu ilmoo lama dhalti. Waggaa tokkoo hanga lamaati ariisaaf geessi. Iyyaan baddaas gammoojjiis ni jirata.

Hamaaketa (chitah)

Hamaketi qaammi saa qallaa, lukti saa dhedheera tahuniifii sombaa fi onnee jabaa qabaachuun fiigichaaf kan isa gargaare fakkaata. Innaa tokkott hanga kiilometra 120 fiiguu dandaha. Shaffisaan binoo hunda caala. Garuu yeroo dheeraa fiiguu hin dandahu. Nyaati saa bushaawaa akka bosonuu, kuruphee fa’i. Muka yaabbachuu hin dandahu. Kanaa fi mukarra nyaata dhoffachuu hatahu itt dheessuuf carraa hin qabu. Ha’oo fi ilkaan saa dadhaboo dha. Waan qabate daddafee nyaatu malee kan isa caalan hundu irra buufatu. Nammi gogaaf adamsaan ture. Yeroo amma badiisi hin sodaachisani. Dhlatuun rimooftee guyyaa 90-98ti  ilmoolee 4-5 dhalti. Alii al sagaluu ni dhalti. Gara waggaa sadiiti gaanamuu geessi.

Qeeransa (leopard)

Qeeransii (qeerramsi) adamsee nyaachuu fi hamajaajii hadhuun gita hin qabu. Qeeransi madoofnaan gaagaa halle fudhatee haaloo bahatu malee hin deebi’utt beekama. Jagna ol haanaa dha. Gogaa saatiif adamfama. Kanaaf lakkofsaan yarataa dhufuuti himama.  Hormaati saa hamaketaan waliti dhihata.                                                                                                                                                                

Gurraqaroo (caracal)

Gurraqaroon biyya dheebochaatt argama. Bishaan malee yeroo dheeraa turuu dandaha. Iyyaan firumaa qabu. Gurri sagalee sochii waan adamsuu fagoo fiduu dandaha. Simbira barristu qabachuutt beekamaa dha. Gara caalu binoo isaa gadii akka wakkallee fi hantuutaa faa halkan adamsa. Hormaati saa hamaketaan waliti dhihata.

Leenca korma (male lion)

Leenca dhala (female lion)

Leenci mootii bineensa hundaa akka tahett fudhatama. Angoo fi mala adamsuun beekama. Binoo kaminuu jigsuu dandaha. Buchullaan yoo dhalatu jaamaa dha. Haati akkuma adurree yeroo yeroon  mormaan qabdee bakka geeddartiif. Leenci hoomaan jiraata. Hoomaa tokkoo keessa dhaltuu fira tahan afurii olii fi ilmoolee fi korma lamaa faa qaba.. Obbolaa fi ilmoo adamsanii nyaachisuun qooda dhalaati. . Leenci dhalaan waggaa afuriti ga’ila geessi, Rimooftee ji’a 4ti ilmaan arfan tokkoo dhalti.

Gichillaa/Gushillaa (black panther)

Gichillaan boollaa fi holqa gaaraatt gala jedhama ture. Garuu bosona bokkaan itt heddumaatu keessas ni jirata. Gichillaan bifatu adda malee qeeransuma kan jedhan jiru. Haa tahu malee Oromiyaati nammi agarreen jedhu hedduu miti. Akka maanguddoon himanitt gichillaan amalaan qeerransaan adda, caalaa sodaatamaadhas. Aariif jannummaan beekama. Si’ana Oromiyaa keessaa kan bade fakkaata. Hormaati saa qeerransaan tokkoo.

Saroota mandiidaa (wild dogs)

Jeedala fardaa (aroyee) (Baalee wolf)

 Jeedalli fardaa addunyaa keessaa garri caalan bosona Baalee fi Arsii keessa duwwaatt argamu. Yartuun gaaraa Simeen (Habashaa) keessatis hafaniiru jedhama. Jeedala diimaa haa jedhaman maleee sanyiin saanii “kan faranjooti “wolf” jedhaniin tokkoo jedhama. “Wolf” Oromiyaa keessatt hin beekamu. Sanyii bada jiru keessaa jeedalli fardaa tokkoo. Hoomaan jiratu. Nyaati saanii harki caalu hantuutaa fi tuqaa boollaati. Dhaltuu hoomaan jiraatan keessaa tokkoo qofatu hora. Jeedala fardaa, sardidaa fi yayiin sareett lakaawamu. Waggat altokko buchullaa 2-6 altokkoon dhalti. Buchullaa dhaltuun naannaa waggaa sadiiti ariisaaf geessi. Kan dhalchu gara caalu hoomaa alaa korma dhufu.

Jeedala/ Waangoo/Sardiidaa (jackal)

Geedalli (jeedalli) naannaa namaati ni argamti ilmoo bushayee fi indaaqoo farra. Foon nyaatti. Bollatt galti. Muchoo xixinnoo, qoluffatoo’ simbira, bussadee kkf nyaataaf adamsiti. Raqa binoo gurguddaan kuffifatanis jala lixxee hambaa funaannatt. Waraabessa jalaa hin dhibdu.     Rimooftee ji’a lamatt dhalti. Waggaa l-2 ariisaa geessi. Wagga waggaan altokkoti 3-6ti dhalti. Ijoollee angafooti guddisa irrati warra ni gargaaru.  Gosi jeedalaa hedduu dha.

Yayii (saree yayii) (wild dog)

Yayiin hoomaa 6-20 gahuun yaati. Yoo baayyatan calaa colloomu. Faranjooti “Wild dog” (saree diidaa) jedhuun. Adamsitu beekamtuu dha. Bineensa isaanii olii hadhuu dandahu. Kanaaf hunduu ni sodaatuun. Bosona keessa holqa lafaatti galu. Nyaataaf binoo kottee akka busaawaa hardidaa faa adamsu. Dhaltuun al tokkoon gara buchullaa kudhanii waggaati al tokkoo dhalti.

Ilkaan rigoo

Wakkallee (hare)           Hilleettii (rabbit)                         

Hilleettiin boollatt galti. Marga nyaatti. Akka loonii faa halala hin guurtu. Kan sifaawuuf  hagde deebistee yoo nyaattu. Ilmoon yoo dhalatu jaamaa dabbasaa hin qabne.. Wakkalleen gussoo keesssa jiraatti boolla hin qabdu. Yoo dhalattu ni argiti dabbasaas qabdi. Qaaman hilleettii caalaa guddoo dha. Gurris caalaa guddaa, fiixee gurraachaati.  Hidhiin lamaanu hamma funyaaniti baqaqaa dha garuu kan hilleettii gogaa irga golgu qaba. Kan wakkallee hin qabu dulluma keessa foonqawuuf carraa qaba. Nyaati see hilleettiin tokkuma. Wakkalleen akka hilleetii waliin hin jiraattu; kopha kophaa deemti,.arisaafi waliti dhufti. Lamaanuu akka hantuutaa ilkaan fulduree walitt rigu. Lamaanuu muuxachuun bifa ni geeddaratu. Oromoo duriif akka nyaataatt hin beekaman. Gara caalu nammi hilleensaa fi wakkallee garga hin baasu.

Osillee (rock hyrax)

Osilleen marga dheeddiHa’oon nyaatti.  Halala hin guurtu liqimsitee kan daakame gadi baaftee  deebistee nyaatti.Ilkaan fulduree akka kan hantuutaa yeroo hunda guddata. Bishaan kale keessatt waan kuufatuuf dheebuu dandeesi. Osiileen kattaatti galti, tuutaan jiraatti.  Rimaa naannaa ji’a saddeeti gahu booda hanga ilmoo afurii dhalti.ariisaaf naannaa waggaa fi walakkaati geessi.

1. hantuuta (rat)                            2.  Fuliyoo (mouse)

Hantuutii fi fuliyoon ilkaan rigduutti ramadamu. Ilkaan fuldureen dhaabbataati waan guddataniif waa qurxumsuu yk al hundaa walitt rigamuu qabu. Lachanu farroo dha; midhaan nama nyaatu, qodaa fi waan argan hunda alanfatu, nama ciniinu, dhortuu gara garaa baatanii deemuu fi ofiifis bakka hin taane ooluun dhukkuba daddabarsu, biqiltuu jala qotuu fi nyaachuun balleessu. Lamaanuu sanyiin saanii adda adda waan tahaniif walirraa hin horan. Huuruun fuliyoo kan hantuutaa caalaa luggata, qaamanis foliyoon xinnoo dha. Eegeen fuliyoos firomsaatti caalaa dheerata. Ulfa guyyaa 22-24ti ilmoo 6-12 dhalu. Naannaa ji’a sadiiti ariisaaf gahu. Lachanuu mandara hulluuqaan waliti hidhaman lafa jalaa keessa heddummaatanii jiratu.

Dhaddee (porcupine)

Dhaddeen gosa hantuutaa taatus binoo halkaniiti. Garuu guddoo dha. Oromiyaa boollatt galti jedhama. Qoraatii hamajaajiitt duubaan itt kaataa gad dhiiftu qabdi. Kanaaf salphaatt hin argamtu. Hamajaajiin see gara fuulaa argatu malee qabachuu hin dandahu. Qoraaticha irra kan faaya tolchan jiru. Madaala sodium eeggachuuf soogiddummaa waan qabu arraabu jaallatt jedhama. Kanaaf waan sogiddummaa qabu ni qorqiti.  Midhaan hundees kanumaaf gara galchitee nyaatti. Ulfooftee ji’a torbati tokkoo dhalti. Dhaltuun ariisaa kan geessu waggaatti. 

Osolee (squirrel)

Osoleen ija muka garagaraa, commee, hundee margoo, guduba,  kkf nyaatti. Holqa mukaatt galti. Alii aliis rammoo fi foon binoo isee gadii faa ni nyaatti jedhama. Garuu margoo nyaachuutt beekamti. Osoleen binoo guyyaati.  Ilkaan rigduu keessaa tokkoo. Ulfooftee turban 3-6 keessati dhalti. Baayyinni ilmoo akka gosa saaniiti. Dhaltuun waggaati ga’ila geessi.

Qaroo (primates)

                Gargarkaattoo (bush baby, galagos)

Gargarkaattoon binoo halkaniiti. Mukarraa fi holqa mukaatti galti. Akkum nama, daljeessi, weennii qalamee kkf qaroott lakaawamti. Bussadee, binoo xixiqqoo fi ijaa fi haancaa muka nyaatti. Ulfooftee  ji’a tokkoo yk lamatt dhalti.

Qalamee (vervet monkey)

Daljeessaa (baboon)

                    Weennii (colobus monkey)

Qalamee, daljeessaa fi weenniin gosa tokkoo. Nama waliin fira fagooti jedhamu. Kanaaf walitt qaroo (primate) jedhamu. Amalaan garuu adda. Weenniin ija, baalaa fi hudhaa  muka nyaatee muka irra oola. Lafatt yeroo baayyee hin mullatu. Midhaan balleesuu waan hin barreef namaan wal hin lolu, akka ulfooti laalama. Daljeessii fi qalameeni mukatt galanuu lafa oolu. Midhaan nama waan balleessaniif nama waliin lola qabu. Anfaarroo tolfachuuf jara kana sadan kan ajjeesan jiru.. Weenniin abuudduu hin qabu.  Qalameen murnaan jirata. Murni tokkoo 20-50 gahuu dandaha. Ulfa ji’a jaha hin caalle duuba ilmoo tokkoo dhalti. Waggaa 4-5 ariisaa geessi.  Jireenyii fi hormaati jara kaaniis kana irra baayyee adda miti.                       

Booyyota Diidaa (wild swine)

Gurraa, Karkarroo (goljaa)   Booyyee  (giant forest hog, boar, pig)

Booyyee, karkarroo fi gurraan walitt qabaa gosuma booyyeeti. Boyyeen namatt madaqxe (beelladi) horsifamtu jirti. Kan diidaa sadanuu daggala jiratu; nyaataaf adamfamu. Gurraan Booyyee keessaa isa guddicha. Midhaan nama balleesuttis beekamoo waan tahaniif nammi akka farraati fudhata. Nammi kanaa jedhee adamsee ajjeesa. Boyyeen beelladoomte hedduu waan hortuuf foon see gabaa irratt hedduu argama. Sababa dhugeeffannoon fi aadaan namooti foon booyyee fi karkarroo hin nyaanne jiru.

Booyyee beellada (domestic pig)

Boqonnaa II

Simbilaattii /simbiraa fi allaattii (Birds)

Hanqaaquu/buphaa/killee/okokkaani (egg)

Simbilattiin hundii hanqaaqanii, haammatanii yk hammachiifatanii wucii yaasuun wal horu. Oromoo hedduun kanneen xixinnoon “simbira” gurguddoon “allaattii” jedha.  Kanaaf asi irratt walitt qabaa saniin simblaattii jenneen.

Laakama (korma(lesser bustard)

Lakammi allaattii gammoojiiti. Lafarra jirata garuu ni barrisas. Koronyoo waan hin qabneef mukarra qubachuun isa dhiba. Nyaati saa rammoo, bussadee, lootuu, daraaraa, bala fi waan naannati argatu.dhalaa fi kormaan guddinaan gargar bahu. Dhalaan walakaa kormaati

Hanqabbii (white bellied bustard)

Hanqabbiin Oromiyaa keessatt argama. Inni ilaallu kun kan naannaa Yaballoti. Waa’een sinbira kana hin galmeeffamne. Laakama waliin firummaa qaba. Kanaaf yeroof tokkoo jennee haa fudhannu.

Culullee (kite)

Cululleen muka gurguddaatt galti. Oromiyaa keessatt kan beekamtu wucii fi lukkuu sokkoo bututi. Qoreen nyaatis walfakaata kanaaf achi jalati laali.

Allaattii fardaa (greater bustard)

 Allaattiin fardaa simblaatt gurguddoo keessaa tokkoo. Hurufa gammoojii muka hin qabne keessa jiraata. Korma (bita) fi dhalaa (mirga) gidduu bifaa fi ulfinaanaan gargarummaan jira.  Kormaan birraa keessa bifa ittiin dhala harkisu geeddarata. Waan areeda fakkaatus ni biqilcha. Nyaati saanii ija muka, hudhaa (busqoo) bussadee fi dugugguroo xininnoos ni dabalata.

Gogocoro/joobira/ruumicha (vulture)

Gogocoro (ruumicha, joobira) allaatti guddaa dha. Raqa funaanuun jiraata. Kanaaf bakka binoon itt du’ee fi qalamee hin dhibu. Qulqullina naanna eegutti warabeessaan tokkoo. Muka guddaa irra jiraata. Dhalaa tokkoof kormi tokkoo hanga jiraniti gargar hin bahan. Waggaati buphaa tokkoo buusani lamaanuu haammatu. Waabutooti  (raptors) ramadamu.

Guchii (ostrich)

Guchiin simbira hundaa caalaa guddaa dha. Garuu barrisuu hin dandahu. Fiigichaan beekama.  Si’ana nyaataaf ni horsiifama. Anqaaquun saa baayyee guddaa waan taheef akka faaya guutuu manaatt kan dhimma itt bahan jiru. Jireenyi saa gammoojii lafa irra.       

Gogorrii (francolin)

Gogorrii akka lukku diidaatt kan laalin jiru. Daggala keessa baddaa fi gammoojjiiti ni argamti. Allaattii nyaataaf adamsamtu keessaa tokkoo.

Sololiyaa (guinea fowl)

Sololiyaan gammojiitt argamti. Hoomaan yaati. Allaattii nyaataaf adamsamtu keessaa tokkoo. Jireenyi saanii lafarra. Nyaati saanii ija muka fi bussadee dha.

Ummoo (ground hornbill)

Uummoon allaatt gurraacha guddaa dha. Dhaltuu tokkoof kormaa tokotu waliin jiraata. Ija muka foon nyaata. Kormaan mandhee walakaan dude ijaree dhaltuun itt hanqaaqxi. Hanqaquu duraan haammachuu waan jalqabduuf walduukaa wuciin hin bahan. Kanaaf kan duuba dhalatu beelaan du’a jedhama. Oromiyaa keessati yeroo hunda lamaan gargar fagaatee deema. Nammi gidduu bahe lubbuu dheerata waan jedhamuuf ijoolleen yero hunda yaalti. Garuu yoo nammi itt dhufu gar tokkotti barrisu. Dhooqa wayii keessa jiratu. uummoon waabutoo (raptors) keessaa tokkoo.

Qottoo (cirri arbaa) (hornbill)

                    Nyaati qottoo ija muka bussadee, smibira fi qoluffatoo dha. Muka irratt gala. Dhaltuun yoo haammatu dhoqqeen madheesee ofitt maragdee duchitii. Kara kormaan nyaata itti kennuuf qaawwaa xinnootu hafa. Hamma sadeetiiti hanqaaqxi. Akkuma hanqaaquu jalqabdeen waan hammatuuf wuciin al tokkoon hin bahan. Madhee keessati baallee hunda muuxati.

Wakarraa (spurfowl)

Wakarraan biyya margaa jiraati. Nyaati see hundee marga akka qunnii gussoon marfamee muka gaggabaan golgameeti. Alii al bussadee, ija margo sootalaa fi margaa ni sooratti. Jireenyaan gogorriin wal fakkaatu

Arraagessa boddaa (thick-billed raven)      arraagessa qurruu (crow)

Arraagessi naannaa manaatt ni argama. Jireenyi saa muka irra fi hededa qileerra. Hanxaxii mukaan mandhee ijaarrata. Nyaati saa qumbursaa, rammoo dhoqqee beelladaa, raqa waan du’aa fi waan nammi nyaatu hunda.   Arraagessi guutummatt gurraacha tahe boddaa hin qabnes jira.       

Dhotii (goose)

Jireenyi see akkuma dakkiyyeeti. Nammi hedduun dakkiyyeema jedhaan. Guddinaan garuu daakkiyyee caalti. Nyaati see margoo fi busadee fi binoo xixinnoo dha. Dhirsaa fi niitiin haa jiraatan malee hoomaadhaan ni mullatu. Sanyiin saanii hedduu dha. Kanaaf tokkoo tokkoon saanii quwatamuu qabu.

Daakkiyyee (duck)

Dakkiyyeen bishan irra haa jiraattu malee hormati see lafa irra. Kanaaf lafas bishanis dhimma itt baati. Nyaati see marga lafaa fi bishaan keessaa, qurxummii, bussadee, rammoo kkf. nyaataa fi taphaaf namaan ni admsamti. Binoon adamsaniinis hedduu dha. Daakkiyyeen diidas kan madaqfamtes jirti.                             

Buriyaa (sandgrouse)

Buriyaan bakka mukti hin jirre biyya dheebochaa akka Booranaa faa jiraatu. Sanyii margoo nyaatu. Nyaataa fi bisaan bayyatanii waliin qooda fudhatu. Dhala tokkoo fi korma tokkotu waliin jiraata. Hanqaaquu walgargaaranii hammatu. Haadhi hamma hanqaaquu sadiitt buufti. Namaan wal hin argani.

Qoree (hawk)

Qoreen muka guddaa dame gidduutti mandhee ijaarrati. Nyaati seef kan culullee tokkoo; innis simbira halkanii, wucii qoluffatoo, jirlamee, muchoo xixinnoo, bussadee akka kuruphisaa faa dabalata.

Urunguu (owl)

Urunguun allaatti halkaniiti. Iji saanii dukkanaan fagootti arga. Waan isaanitt dhihoo hin argan jedhama. waan isaan fuldura jiru baruuf qiliwweetis dhimma bahu jedhama. sagalee darbatanii itt deebi’urraa jechuudha. Ilkaaniif qeensi saanii baayyee cimaa dha. Hanqaaquun wal horu. Binoo isaanii gadii xixinnoo adamsanii nyaatu.

Risaa (eagle)

Risaan allaatti guddaa jabaa dha. Akaakuu hedduu qaba. Qoochoon (laboobaa) saa ballaa, ilkaan saa qonyee cimaa dha. Iji saa fagootti waa arguu dandaha. Mandhee saa muka guddaa yk hededa qilee irratt ijaara. Dhaltuun killee tokkoo hanga afuriiti bustee hammati. Dhalootii fi guddinni wucii akkuma gogocoroo fa’i. Foon nyaata, isas adamsee argata. Waaqeffattaa birati ulfina qaba. Risaan “raptors” (waabutoo) kan jedhaniti ramadama.

Bararaatoo (rainbird; coucal)

Naannaa Oromiyaati fakkaatii simbira kana kan kaase hin jiru. Halkan halkan waan baatuuf waan iseen fakkatu hin beekamu. Kan ol jiru fakkaattii kan Afrikaa kibbaati. Akka dhalootaan naannaa sana taate himama. Yeroo iseen waamtu  roobi ni dhufa jedhama. Sagaleen see akka bishaan dhangala’uuti. Muka irratt galti. Nyaati see muchoo, qoluffatoo, simbreen garagara, dabalata. Mandhee see mataa citaa gurgudaa yk laaftoo irratt ijaarrati. Bararaatoon Oromiyaas kanuma ta’itti?

Babohalloona (marabou stork)

Mandhee muka irratt ijaarrata. Nyaati saa raqa waan du’ee, rimma, qurxummii, hawaanisa, kuruphisa, munyuuqaa adda addaa, raacha, hantuuta, hanqaaquu fi ilmoo naachaa, wucii girrisaa fi simbira garagaraa dabalata. Babboo halloonaa godaantuu dha. Yeroo heddu rakkina duukaa dhufa jedhama; yeroo beelaa, bara hawaanis biqiltuu fixee horiin dhumtufaatt beekama.

Bulee (simphirree dammaa) (Honey guide)

Buleen gagaa dammaa fi jiisaa waan nyaattuuf bakka gaagurri dammaa jiru siiquun nama masakti. Yoo nammi damma baafatu iseen kan barbaaddu argati. Munyuuqaa akka bussadee fi sariitis ni nyaati tokkoo tokkoo ija mukaas ni nyaatu. Nama qofa osoo hin tahin kan fedha dammaa qaban akka hamaa faas ni masakti. Anqaaquu see mandhee simbiroota biraa keessatt buufti. Wucciin see kanneen simbira biraa of keessaa ajjeeftee dhuunfatti.

Cuquliisa (glossy starling)

Cuqulliisi yero hedduu naannaa qeyett argamti. Alii al kan godaantus nifakaata. Holqa muka fi kkf keessatt galiti. Nyaati see bussadee fi ija mukaati. Nama magaala cululuqaan cuqilisa fakkaata jedhama; bifti see magariisa cululuqaa buleeti siqu.

Gaarisa (thrush)

Gaarisaan qomoo hedduu qabu. Bussadee fi ija muka nyaatu. Weeduu saaniif beekamu. Mandhee muka irratt ijaarratu.

Jorroo (rouget’s rail)

Jorroon qarqara bishaanii jiraati, bareedinaan beekamti

Girrisa (quelea quelea)

Girrisi simbira xixinnaa kumtamaan yaa’uu yk girrisu. Bakka tokkoo irra barrisee darbuuf akka innaa shanii fudhachuu dandaha. Araddaa midhaanii irra qubannaan akkuma jiruun fixee yk balleessee kaha. Hamma yoonaa ofirraa dhowwuuf nammi fala hin arganne. Dhortummaan saa geerii fi hawaannisaan  wal fakkaata.

Dimbiitii

Dimbiitiin simbira naannaa qeeyee keessaa kanneen xiqishuu dha. Midhaan obdii keessatt gad nam’me funaannatu. Muka irratt marga fi waan adda addaa irra mandhee ijaarratu. Bifti saanii didiimoo fi daalotee dha.

Alleguutoo (go-away bird)

Allee guutoo eegee dheeraa fi guuttiyyaa qaba. Naannaa qeyeef gammoojii laaftoon itt heddummaatutt argama. Ija muka, baala , hudhaa, rimmaa fi cilalluu faa nyaata. Mukatt gala.                                    

Deebeeqottuu (hoopoe)

Deebee qottuu mukatt galti. Nyaati see garuu lafarra. Bakka halle Baddaa fi gammoojii bosonaa fi hurufa keessa jiraachuu dandeessi. Nyata see biyyoo jalaa qottee baafachuu ni dandeessi. Nyaati see gara caalu bussadee fi munyuuqxuu garagaraati. Ija muka akka goraa faa ali ali ni  soorati. 

Anaharqaa (roller)

Anaharqaan mandhee ofii hin jaartu. Kan ijaarratan keessaa ari’ati yk holqa muka yk lafaatt hanqaaqxi. Nyaati see buussadee, qanjeebuu, loccuu fi dugugguroo xixiqqaa dabalata.

Gugee (pigeon, dove)                                                                 

Gugeen naannaa manaa jirati. Nammi hedduun mandhee ijaaraaf. Namooti nyaatan jiru. Oromoon durii hin nyaatu. Waan lafatt harca’e malee midhaan ooyiruu jiru balleessuun hin beekamtu. Muka irratt galti. Bakka hallett argamti.

Hawantee (barbet)

Hawaanteen mq simbira adda addaaf kenname bakka halleti argaman. Holqa mukaa yk koobii rimmaa qotanii mandhee uummatu. Ija mukaa fi bussadee nyaatu. Maqaan kun maqaa akaakuu heddu haammatu malee kan tokkichaa miti. Kanneen hubatanii ilaaluuf garagarummaa qabu.

Wiixxuu (plover)

Wiixxuun simbiroota bisaan keessa deemuu dandahan keessaa tokkoo. Qurxummii qabachuuf fullifoo lixuu ni dandahu. Nyaati sanii biraa bussadee, raammoo fi munyuuqaa garagaraati, Wixxuun naannaa bishaanii fi yabaloo irra hin fagaatan.           

Biilee qaalluu (cordon bleu)

Biilee qaalluu simbira gammoojjiiti. Gujjii qoree keessatt mandhee ijaarratti. Mandhee itt hanqaaqxi malee dame muka irra teessi. Nyaati see waan akka rimmaa fi hanqaaquu mixii, raammoo adda addaa fi waan magariisa dabalata.

Biilee (finches)

Nyyati biilee garri caalu ija mukaati. Muka irrati galuus. Akaakuun biilee baayyee hedduu dha, bakka hallett argamu.

Waayyu guutoo (turacos)

Waayyuu guutoo, baddaas gammoojiis jiru. Nyaati saanii ija muka, baala, daraaraa fi hudhaa saati.   Muka irratt galu. Jireenyi saanii alleeguutoon walfakkaata.

Waraabataa/qeexala/abbaa gaayyaa (moosebird)

Waraabbataan naannaa qeyee fi daggala hurufaa keessa faa jiraata. Nyaati saa ija muka, sanyii margaa, goraa faa, baala, nadhii daraaraati.Garbuu waan jaallatuuf baayyatee irra qubatee balleessa ture. Kanaaf ijoollee “abbaa gaayyaa yaa magaala dheeraa, atoo fixxee midhaan qixxee ani maalin eega” jeti turte.

Raphachoo (night jar)

Raphachoon mandhee lafatt ijaarratu. Buphaas lafumatt buusu.  Barraaqaa fi gara galgalaa olii gadi ni jedhuuf malee deemsi saanii halkani. Nyaati saanii bussadee dha. Jireennya saaniif bakka giixoon itt baayyatu filatu.

Urduddee (white-browed coucal)

Urduddeen gussoo qarqara lagaatt galti. Yeroo sokkositu dhagahamti malee hedduu hin mullatu. Nyaati see bussadee, wucii simbiraa fi hanqaaquu dha. Kormaatu mana ijaaree hanqaaquu waliin haammatanii yoo wuciin yaatu waliin guddisu. Sagaleen see akka bishaan fololchuuti. Yeroo weddistu rooba fariisti jedhama.

Tumaaddisa (woodpecker)

Tumaaddisi muka qoffa’uun munyuuqaa mixii, rimma, hanqaaquu bombii faa hophoo jalaa baafata. Arrabi saa akka haancaa waan taheef fagoo ol harkisuu dandaha. Nyaati saanii ija mukas ni dabalata. Waa’een simbroota kanaa hedduun hin quwamne. Akaakuun saanii hedduu dha. Kan ol haanu kun Oromiyaa keessatt argama. Naannaa gaatiraa fi adaamii qabu jaallata jedhama.

Qaaqa’ii (bushcrow)

 Qaaqa’iin gosa arragessaati jedhama. Garuu danaan caalaa cuquliisa fakkaata. Nyaati saa bussadee fi ija mukaati. Mandhee saa hanxaxii qoraattii, marga gogaa fi dhoqqee sa’aan gubbee laaftoo irratt ijaarata. Gara caalu naannaa Yaabelloo fi godina Booranaa bakka tokkoo tokkoti argama.

Cirri  (oxpecker)

Cirriin bakka binoo gurguddaa fi loon argamaniti mullati. Nyaati see bussadee dha. Loon, gafarsaa fi warseesa faa irra hin dhibdu. Silmii fi dhortuu biraa funaannat. Dhiiga bakka silmii buqqifteen bahuus ni xuuxxi. Kanaaf alii ali madaan dafee hin fayyu. Jireenyii see akkuma simbira biraati.                                    

Raaree (swallow, swift etc)

Simbirti kun jireenyi saanii walfakii dha; bussadee barrisutt jiru qabatanii nyaatu. Garuu gosti adda adda. Simbira halkaniinis raaree kan jedhan jiru. Faranjiin isa oliin “swift” isa gadiin “swallow” jedha. Iseen qommi adii olii kun Oromiyaa qofatt argamti jedhama. Mandhee saanii hededa qilee irratti rarraasanii ijarratu. Kanaaf tahinna kaan kaan  simbira halkaniin mq tokkoo kan kenaniif

Kiilolee (catbird)

Kiilooleen simbira weedduun beekamte. Bosona keessa teessee weedduu seetu dhagahama malee yeroo baayyee hin mullatu. Biftii boora adda sakachaa fi qoma magaalaa. Nyaati see ija mukaati. Mandhee hanxaxii irra tolfate hidda gidduu keessuu keessatt hanqaaqxi. Hanqaaquun see lama biduu hanga tokkoo ofirraa qabani. Jireenyi see sirriitti hin quwatamne.

 

Boqonnaa III

Qoluffatoo (Repitiles)

Qouffatoo n lafatt hanqaaqu. Hanqaaquun saanii qola jabaan golgamaa dha. Gogaan saanii qola qarcabbaawaa fi goggogaa dha. Sombaan afuura fudhatu. Hedduun miilla hin qabani garaan loowu.

Qocaa (toritoise)

 Jawween bofa guddaa dha.  Haddhaa hin qabu. waan qabate ukkaamsee laaffifatee guutuu saa liqimsa. Bosonuu, kuruphee hilleettii faa fayyaa liqimsa jedhan.  Hanga sifaawaniifitt guyyaa hedduu fixa. Kanaaf gidduu liqimse socha’uuf rakko qaba. Hanqaaquudhaan hora. Dhalaan haammattee hanga baaftutt hin nyaattu. Jawween lafas mukarras jiraachuu ni dandaha. Nyaata saa kan qabatu da’atee gaaduun malee ari’ee qabuun miti.

Gararraa (chameleon)

Gararraan gara caalu mukarra jiraati. Hanqaaquudhaan horti. Nyaati gaararraa bussadee dha; tokkoo tokkoo baalas ni nyaatu. Arrabi gaararraa qaama see caalaa dheerachuu dandaha. Waan adamsitu fagoodha arrabaan ajjeestee harkifachuu dandeessi. Hedduun saanii bifa geeddaratanii naannaa ofii fakkaachuu ni dandahu. Sun kan tahu of dhossuuf osoo hin tahin bareedanii saala addaatt muldhachuuf kan jedhan jiru.

Lootuu (lizard)

Lootuun qoluffatoo keessatt ramadamu. Kanaaf dhiga qabanaawoo dha.  Akaakuun lootuu hedduu dha. Anqaaquun wal horu.  Naannaa manaa suq suqa keessa jiratu. Kaan saanii naannaa bisaanii jaallatu. Garuu lafatt hanqaaqu. Namaaf hammeenya hin qaban.

Wakallaa (white throated monitor)

Wakallaan lootuu keessaa isa hedduu guddaa dha. Muka irras lafas ni jiratu. Hanqaaquun wal horu. Boolla bineensa biraan keessaa bahett hanqaaqu. Nyaati saanii cilalluu fi dugugguroomitii adda addaati.

             Naacha (crocodile)

Naachii qoluffatoo (repitaliyaa) keessatt ramadamu. Gosa hedduu qabu. Kaan bishaan sogiddaa kaan bishaan basalgaa keessa jiratu. Lafa irras bahanii deemuu dandahu. Ha’oo cima kan qaban ittiin cachabsan qabu. Bishaan keessa jiraatanuu qaqrara bishaanii cirracha keessatt hanqaaqu. Nyaati saanii foon gara caalu naannaa argatan akka qurxummii fa’i. garuu bineensa gurguddaa laga bu’us ni qabatu. Namas ni nyaatu.

Bofoota (snakes)

Bofooti gosa hedduu dha, fakkeenyaaf kan akka shawwisaa, ambar qawwaa, bofa gurraacha kkf inglishiin wanti jedhaman waan yeroof hin argamneef irra darbaman

Buutii (puff adder)

Mar’ataa (rattle snake)

Buutii fi mardhataan bofa haddhaa qabani. Qoluffatoo dha. garri caalaan lafarra jiratu. Hanqaaqanii osoo hin tahin suduudaan ilmoo dhalu. Daggalaa fi kattaa keessatt galu. Nyaati saanii hantuuta, lootuu fi simbira xixinnaa fa’i. \

Jawwee (python)

Jawween bofa guddaa dha.  Haddhaa hin qabu. waan qabate ukkaamsee laaffifatee guutuu saa liqimsa. Bosonuu, kuruphee hilleettii faa fayyaa liqimsa jedhan.  Hanga sifaawaniifitt guyyaa hedduu fixa. Kanaaf gidduu liqimse socha’uuf rakko qaba. Hanqaaquudhaan hora. Dhalaan haammattee hanga baaftutt hin nyaattu. Jawween lafas mukarras jiraachuu ni dandaha. Nyaata saa kan qabatu da’atee gaaduun malee ari’ee qabuun miti.

Boqonnna IV

Qurxummii fi Jirlamee (fish and amphibians)

Qurxummii (fish) 

Qurxummii hundi bishaan keessaa bahanii jiraachuu hin dandahan. Qaarundaan afuura fudhatu. Somba hin qaban. Hanqaaquu fi jiisaa bishaanitt gad dhaquun taadhomsu. Ilmoon yoo baatu warra hin fakkaattu. Yeroon jijjiramaa dhufti. Qurxummiin bishaan soogiddaas basalgaa keessattis ni argamu.  Nyaati saanii marga bishaaan keessaa fi qurxummii isaanii gadiiti. Qurxummiin suduudaan ilmee dhalanis jiru.

Raacha (frog)   fattee (toad)

Jirlameen kan jireenyi saanii bakka lama, bisaan keessaa fi lafa tahan.  Hunduu dhiiga qabanaawoo dha. Gogaan saanii jiidhaa dha. hundi luka afur qabu. Isaan keessatt raachaa, fattee fi loccuutu argama. Raachi qaama caalaa jiidhaa fi cululuqaa qaba; fatten qarcabbaawaa fi kormommaawaadha dha. Jireenyi raachaa bisaan keessaa fi naannaa bisaanii yoo tahu kan fattee garri caalu lafarra. Luki raacha kan fattee caalaa dheerata. Raachi qallaa dha fatten barceedha. Killee buusuuf lachuu bishaan barbaadu. Ilmoon yoo baatu warra hin fakkaattu unkajijjiir (metamorphosis) jala dabartee ga’eessa taati. Gosti unkajijjirsi kun killeema keessatt deemus jiru. Killeen saanii qola hin qabu baala bisaan keessaa fa’itt maxanee guddata. Jirlameen dura qaarundoo qofa qabatu, booda garuu somba misoomfatu. Haa tahu malee gogaa fi keessa afaanii fa’iin afura fudhachuu dandahu. Nyaati saanii bussadee fi baala.

Boqonnaa V

Bussadee (insects)

Bussadee hundi miilla jaha qabu. Qaammi saanii bakka sadiitt hirama, (mataa, qoma, ruucha). Jara buusaa sadii jechuuf bussadee jenneen. Gaanfa ittiin dhaggeeffatan lama mataa irra qabu. Hanqaaquun walhoru. Hedduun saanii hanqaaquu hanga ga’eessaatt geeddarama garagaraa sadii jala darbu, hanqaaquu, munyuuqaa fi xaxoo. Isaan keessaa kan namaan lola hin qabnee fi farroon waan nammi qabu balleessan jiru.

Bussadee nagaa (harmless insects)

Kuruphisa (siqo) (cricket)

Kanniisa (bee)

Kannisi bussadee wal ijaaranii waloon hojjetan keessaa tokkoo.  Haadha, waabee (dhirsaa) fi hojjetaatt hiramu. Dammaa fi gagaa homishuun beekamu. Akkasumas sana tolchuuf daraaraa daraaraatt yeroo nanna’an sanyii margoo tokkoo tokkoti dabarsuun akka taadhomu godhu. Kanaaf jireenya naannaaf baayyee dhimma baasu. Yoo tuqaman hiddanii dhiitessuus ajjeesuus ni dandahu.

Miixii (Goondaa) (ant)

Goondaan bussadee waliin jiratu. Hojii gargar hiratee of ijaaruun beekama. Dhaltuun akka haadhooti ilaalamtuf dhirsis jira. Hedduun hojjettoota. Kormi ariisaa booda hin turin du’a. haadhi hedduu teesse. Alii al mana namaatti timanii nama rakkisu. Haatahu malee naannaa farra garagaraa irra qolqulleessuu fi biyyoon oyiru qilleensaa akka argatu gochuutti bu’a qabu. maqaan seedaa gondaa jaamaa dha.

Billaachaa (butterfly)

Billachi bussadee dha. Naannaa bifaan bareechuu malee hamaan nama irraan geessu hin jiru.   

Gullisoo (dragon fly)

Gullisoon bussadee naannaa bisaanii jiratu. Waan nama jala balleessu qabachuun saa hin beekamu.

Ekeraa gaalaa (farda waqayyoo) (praying mantis)

Ekeraan gaalaa bussadee hammeenya hin qabne. Nyaati saanii bussadee biraati. Akaakuu gurguddaan fuliyoo, bofaa fi loccuu faayyuu qabachuu dandaha. Nannaan walfakaatanii of dhossuutt beekamoodha hanqaaquun wal horu. Ariisaa booddee dhaltuun kormaa akka nyaatu himama.

Injiraan waaqaa (ant lion)

I munyuuqa (larva)       II Ga’eessa (adult)

        Injiraan waaqaa bussadoota. Namatti waan balleessan hin qaban.yeroo munyuuqummaa bussadee akka mixii faa nyaatu. Erga guddatanii gosi tokkoo tokkoo nadhii fi buukii  daraaraa nyaatu. Ga’eessi saa firummaa hin qabatin malee gullisoo fakkaata.

Bombii (beetle)

Boombiin bussadee dha; akaakuun saanii hedduu dha. Margoo fi munyuuqaa xixiqqoos ni nyaatu. Hanqaaquun wal horu. Tokkoo tokkoo dhortuu nyaachuun nama gargaaru. Tokko tokkoo garuu biqiltuu fi muka qiinqimuun farra tahanii argamu.

Farroo

A. kan too’ata waliin jiraatan

Rimma            (white ant)

Rimmi bussadee farroo dha. Koobii lafa keessatt yk muka irrati ijaarratanii waloon jiratu. Hojiis gargar hirmatanii hojjetu. Hortu, hojjetaa fi loltuu qabu. Nyaati saanii muka gogaa, baala dhoqee horii fi biyyoo dha. Sana argachuuf manaa fi oyiruu hedduu mancaasu. 

Binii/busee (mosquito)

Biniin bussadee barrisuu dandeessu bucuree dha. Dhiiga nama tokkoo dhukkuba qabu waliin xuuxxee isa kaanitt dabarsuun dhukkumba adda addaa keessaayyuu busaa walitt akka dabarsan gargaarti. Busaan hedduminaan dhukuba nama fixaa jiru keeessaa tokkoo. Dhukkubi dabarsitu bakka hin jirrettis ciniinnaan nama gargaltti.

Bararii (cockroach)

Barariin bussadee qoochoo qaban. Garuu hedduun saanii hin barrisan. Akaakuun bararii 3500 tahu jedhama. Du’aa ofii dabalatanii wanti isaan hin nyanne hin jiru. Mandhee saanii keessa heddummaatanii jiratu. Bakka o’aa fi jiidhaa jaallatu. Barariin binoo halkaniiti. Mandhee saanii keessa bakki yoo dhiphate malee guyyaa hin mullatan. Baayyee waan wal horaniif mana tokkott heddummtanii jibbisiisuu dandahu. Dhukubas dabarsuu ni dandahu. Bishaanii fi midhaan malee guyyaa hedduu jiraachuu waan dandahaniif yoo nammi balaan dhume illee isaan irra hafuu dandahu kan jedhan jiru.

Tisiisa (tiittee loonii) (fly)

Tisisii bussadee bayyinaan naannaa manaatt argaman. Hanqaaquun wal horu. Tokkoon saanii hamma 500 hanqaaquu danandahu. Jireenyi saanii giddu galeessatt bultii digdamii shan hin caalu jedhama. Nyaati saanii osoo afaan hin kaa’amin bulbulamee xuuxama.  bakka qulqullina hin qabne halle irra waan qubataniif dhukkuba gosa baayyee akka golfaa fi albaasaa faa dabarsu dandahu.

B.     Girrisa, Geerii fi Hawwannisaa

       Hawaannisa  (locust)                                                   

Qinxaa (moth)              Geerii (army worm)

Hoomaa girrisa (flock of quelea)          Girrisa (quelea)

Binoon jireenya saanii midhaan nammi qotate saamuu irrati hundaawe jiru. Jarri kun farroo kan jennu keessaa kanneen haga yoonaa hin moo’amne, naannaa saaniirraa fagaatanii deemuun jireenya nama mancaasuu dandahan. Isaan keessaa girrisa, geerii fi haawaannisi beekamoo dha. Barabaraan ofirraa faccisaama jiraate malee balleessuu hin dandeenye.

Girrisi simbira baayyee bubbucuu dha. Baayyinaan wal hora. Hoomaa dhaan jiratas. Girrisi tuuta tokkoo keessaa hanga simbira kumkumaatt (1, 000, 000) qabaachuu dandaha. Yeroo bokkaa baayyeen jiru hanqaquu buusa. Yeroo wucooliin bahanii barrisuu dandahanitt midhaan hin gaha. Bakka qubatee ganama bariif galgala gara lixa aduu nyaataa fi bishaan barbaachuu walduukaa girrisa. Oyiruu tokkoo irra yoo qubate firii qajjisa tokkoo illee hin hambisu. Simbirri tokkich hamma grama 10 nyaata jedhama. Margaa fi midhaan marga fakkaatu akka garbuufaa leellisa. Kan nyaatu caalaa kan irra qubachuun caccasu haa caalu. Damee muka irra yoo qubatu dhagna mukicha of fakkeessa.

Simbirreen haaraa dhalatan warra waliin yk gargar bahanii tuuta ofii uummachuun barrisuu dandahu. Too’achuuf waanti tolfame hundi hanga yoonaa hin milkoofne inni hedduu wal hora. Qorichi balleessu hin argamne.

Geeriin raammoo munyqxuu qinxati. Qinxaan kun gosuma abbaa abiddaa (fuutuu) mana keessaati. 

Qinxaan geerii kutaa tokkoo isa biraatt yoo barristu imalli see qilleensaan shaffisuu dandaha. Bakka marga gaarii yk midhaan margummaa qabu geessu irratt haanqaaqxi. Muunyuuqxuu anqaaquu bahutu baala arge raama.  Qixa inni itt godaanuu yoo dafanii hin hubanne bakka qubatett arguun rakkisaa dha. Sochiin saa halkani. Yeroo sadarkaa raammummaa fixatu lafa yk gussoo tahe jalatt of xaxa. Xaxoo keessaa qinxaa haaratu bahee marsaa jireenyaa biraa itt fufa.  Osoo inni midhaan dheeduu hin jalqabin yoo dursanii argan qoricha dhortuun fixuun ni dandahama.

Hawaannis bussadee barrisu kuruphisa fakkaatu hoomaan yaa’u.Haawannis akkuma geerii tuutaan yaa’a. Hawaannis gara caalu akkuma kuruphisaa kopha galaa dha. Garuu maaliif akka sana dhiisee tuutummaa fudhatu hin beekamu. Bayyisee wal horuu dha kan jedhan jiru. Hanqaaquun saa lafa jalatt guddata. Achii yoo bahu yoo qilleensi tole gurguddaa fi siqoon saa walmakee gara nyaata argatutt barrisa. Karaa fagoo kiilometra kumootaan lakkaawaman barrisuu dandaha.

Tuuta kaare metra tokkoo keessa hawannisa kumkuma saddeettama tahan jiraachuu dandahu. Hawaannis tokkoo hamma ulfina ofii nyaachuu dandaha. Guyyaatt graama lama jechuu dha. Tuuti tokkoo meeqa nyaatu sana irra herreguu dha. Bakka gahe hundaa midhaaniif waanti baala qabu tokkoo lafatt hin hafu. Bara inni dhufu jeejeen waliin dhufa. Bakka inni hanqaquu bahutt argatanii yoo balleessan malee too’achuun salphaa hin tahu. Kana gochuun minyaa waan taheef biyyooti guddataa jiran hin dandahan. Qabeenyaa fi meeshaa abuurrii hin qabani.

 “Namootii osoo hin qotin, hin aramin, hin galfatin kan nammi biraa homisheen jeratan jiru. Isaaniin dhortuu jechuu ni dandeenya”, jete  Haadhi Ayyaanee.                                   

Dhortoota (parasites)

Waanti utuu ofii hin hoomishin kan biraa kan homisheen jiraatan hedduu dha. Jarri akkasii dhortuu yk digaluu jedhamu. Kaan dhagna nama keessa jiratu. Fakeenyaaf minnii fi maagaan bakka qulqullomii hin eegamneti beekamoo dha. minniin mataa fi buusaa qabdi. Yeroo bilchaattu buusaan tokkoo tokkoon harcaati. Sana yoo saawwi nyaate nama foon dheedhii nyaatutti dabarsuu dand’a. Maagaan raammuu dheeraa dha. innis sombaan bahee mardhumaan keessati bilchaata. Dhiibee cimaa fiduu dandaha. Kan akkasii binoo keessas margoo keessatis ni argamu. Isaan keessaa dhortuu  bussadee tahan haa laallu:

A. Buujalee

Buujaleen tafkii, tafkii hunda caalaa bucuu dha. Tafkiin kaan nama ciniinanii dhiiga dhugu. Buujaleen urtee gogaa nama jalatti horti. Achi keessa taatee dhiiga nama xuuxxi. Akka seenteen baayyee nama hoossifti. Hooquun saa hedduu namatt tola. Bubbultee nama dhukkufsiti. Kudharfan tokkoo booddee haanqaaquu cinii jedhamu gadi dhiiftee yoo fixxu duuti. Isaanis lafatti harcawu. Dhagna keessa jiran irrattis ni mullatu.

Dhaabaan haadha kununsitu of biraa hin qabu. Nama bira taa’a. Namma yeroo yeroon too’atee buujalee keessaa baasu hin qabu. Kanaaf yeroo hunda ciniin qubaa miilla saa irra hin dhibamu. Inni gadabbee dha of eeguu hin dandahu. Kanaaf bujaleen qeensa harkaa jalaa fi hudduu saattis ni galti. Kan qubaa miillaa fi koomee saa adda ture. Lafa ejjechuu ni sodaata. Kanaaf miillisaa bitaa fi mirgatt jallataa deema.

Nammi miilla jallaa kabeelaa yk shafoo jedhama. Ijoolleen “shafoo” jettee waamtiin. Sun isa aarsee kan isaa gadiin wal lolaa oola. Ijoollee hedduun warra hin eeggatu ofumaa baafatti. Hunduu limmoo eeggannoo (marfequlffii) qaba. Isaan of keessaa buqqisee baasa. Qorichi see qulqullooma. Miilla ofii hirriba dura dhiqachuu dha. Dhiqatanii kan seente baafatanii yoo rafan dhitawuu fi miila afatatt riguun hin jiratu. Ciniis harcaasaa hin deeman. Dhadhaa yk vasilinii yoo dibatan seenuun ni rakkisaan. Kophee golgame keewwachuunis ni ittisaan.

Tafkiin buujalee yoo nama seentu mataa seetiin seenti. Hudduu fi miilla duubaatu qawwaa urte irratt mullata. Sun yoo keessaa dhiiga xuxxuu afuura baafachuu gargaara. Cinii sees achiin buufatti. Nammi baafatus gara kana waraanee gad harkisuun of keessaa buqqisa. Kan itt beeku qalqaluma see wojjin osoo hin buruqin baasa (fakkaarii itt haanu laali).

Bujaleen awwaaraa fi daaraa jaallatti. Kanaaf  ijoollee abidda bira taahuu jaallatuu fi awwara keessa miilla qullaa deemtu irraa hin dhibdu. Akka tafkii kaanii baayyee utaaluu waan hin danddeenyeef kopheen hedduu gargaara.

Tafkii fi bacoo (Tukaanii)

Bacoo (geergoo)                    Tafkii/bujalee   (flea,/jigger; bed bug)

Ciniinanii dhiiga xuuxuun dhortuu manaa nama  rakkisan keessaa tafkii fi tukaaniin (geergoon siree) beekamoo dha. Tafkiin mana keessa bakka hallett argama. Salphaatt bakka tokkoo bakka biraatt utaala. Jechi “utaalaa akka taffii burraaqaa akka jabbii” jedhamu kanumaaf. Geergoon fiiguu malee utaaluu hin dandahu. Garuu keenyan manaati ol bahee siree irratt harca’uu dandaha.

Dhortuu lamaanuu bakki isaan itt hin argamne hin jiru. Si’ana Amerikaatti illee heddummaataa jiru. Mana hidhaa biyya tokkoo tokkoo, hidhamaa guraaruuf beekaa akka wal horan kan dhiifaman fakkaata. Hidhamaan guyyaa dhaanicha polisii, halkan weerara dhortoota kanaan guraaramaa oolee bula.

Tafkiin bakka awwaarri heddumaatuu fi ona nammi keessa turee keessaa godaanettis ni baayyati. Qilleensi  dukuudhaan jireenya seef barbaachisaa dha. O’a hammaa bahaa, diilallaa fi gogii farra jireenya seeti. Munyuuqxuun tafkii dukkana jaallatti. Waan akka udaan tafkii fi bussadee duutuu faa nyaatti. Inni guddaan ifa hin sodaatu dhiiga malee hin nyaatu.

Tafkiin yoo nama nyaatu ni dhiigsa. Gogaan nama tokkoo tokkoo dheekkamuu dandaha. Wallaanaman malee kan hin fayyines jiru. Yoo nama irra yaatus ciniinuu baattullee gabii nama dhowwiti. Dhiigii fi udaan tafkii afata irratt ni mullata. Qulqullina naannaa eeguu fi qoricha dhortuun too’achuun ni dandahama. Kana malee naannaa iseen jirtutti hirriba nagaa argachuun gonka.

Geergoon siree binoo halkaniiti. Sochiin saa dukkana keessa. Golee, baqaqaa, xiyyoo afataa keessa dhokachuu jaallata. Ciniinnaan saa nama waxala. Yoo ajjeesan ni xiraawa. Geergoo xiraan baruun ni dandahama. Baadiyyaa siree muka fi siree teephaa jaallata. Sireen teephaa hunda caalaa kan itt tolu fakkaata. Kanaaf cinii saatiif udaan saa toora galee mullata. Yoo siricha uleen rukutaan gurgrdaan saa bakka dhokatee laftti harca’a. sirichatt bulluqa faa itt naquun ni fixaan.

O’a guddaa hin jaallatu. Dhiiga malee waan biraa hin nyaatu. Aduutti yoo baasan hulluuqee gaaddisa seenuu barbaada. Carraa sana dhabnaan ni du’a. Kanaaf o’a guddaa jala galchuu fi qoricha farra saa taheen too’achuun ni dandahama.

Tafkiin dhukkuba nama tokkoo yk binoo tokkoo namatt dabarsuun beekama. Geergoon sanaan hin beekamu. Olii gadi hin utaalu. Naannaa tokkoti dangahamaa dha. Dhiiga akkanni itt xuuxutu nama guraara. Qulqullinni waan halleef gaariidha. Geergoon akka bararii faa xurii waan hin nyaanneef xuriin jiraatee dhiisee hin hubuun. Munyyuqaa tafkiif garuu xuriin nyaata saati. Kanaaf mana harachuun barbaachisaa dha. Qulqulleesaa konkaan (vacuum cleaner) oo’ina saaf geergoo fixuu ni dandaha. Kanaaf kan biyya isa qabu jiraatan dhimma itt bahuu dandahu.  

Injiraan (lice)

rifeensa saphii

Ijjiraan dhagna (body lice)      injiraan kofaa*(pubic lice magnified)

*Qabattee:

Injiraan kofaa kun hedduu guddifametu. Kan qabatee jiru rifeensa saphiiti. Isa irra hamma isaan gahan heda.

Injiraan gosa sadii qaba. Injiraan mataa, injiraan kofaa fi injiraan dhagna. Sadanuu dhukuba adda addaan nama faaluu dandahu.  Injiraan mataa  fi injiraan kofaa dhagna namaati maxananii jiratu. Lachanuu rifeensa mataa fi saphii, nyaara, baallee ijaa, rifeensa bobaa jala dhokatu. Achi keessatis cinii/injijjii buusanii rifeensati waan akka haancaan maxansu. Injijjiin sadarkaa sadarkaan of jijjiree ga’eessa taha. Injiraan kofaa torban sadii jiraata. Injiraan dhagna fi mataa guyyaa soddoma jiraachuu dandahu. Garagarummaan saanii yoo namarraa fagatan kan ufataa ji’a tokkoo jiraachuu yoo dandahu kan mataa bultii lamati dheebuun du’a. Bifaanis kan uffataa daalacha kan mataa akka boora gurraachaati.  

Injiraan wayyaa dachaa uffataa keessati galee wal hora. Nama nyaachuuf achii ba’a. Bakka nammi gooji’ee jiraatuu fi qulqullinni hin eegamneti argama. Hunduu, Wayyaa, afataa, faaqqee, burushii fi haxaawi, nama qabuutt dhimma bahuu yk waliin ciisuu kkf fi hariiro saalaa, fi akkasumas uffati suuqiiti ilaallatan illee fiduu dandaha

Injiraan sadanuu dhiiga nama xuuxan malee hin jiraatan. Kanaaf dhortuu jedhamu. Nama hooqsisanii madaan saa dhibee biraa dhalchuu dandaha. Falli saa qulqullina ofii eeggachuu, rifeensa haaddachuu, uffata injiraan qabu affeeluu, gatuu yk qoricha itt facaasuu, meeshaa nama qabu lagachuu dha. Injiraan kofaa, injiraan caalaa torbaan qabaa fakkaata. Ciniin kan mataa ifati mullachuu, injiraan wayyaa morma nama irra yaa’uun, amba keessa kofa, mataa fi dhagna hooqsisisun nama qaanessuu dandahu. Keessaammoo ijoolleen barattu akka jara biraa hin faalleef waabariiari’amuu waan dandeessuuf yeroo hunda ilaaluun gaarii dha. Jedhee abbaan hoduu.

Boqonna VII.

Orbobis (Arachnids)

Qanjeebuu (scorpion)                         Sariitii (spider)

Silmii (tick)                        Siisiyoo cittoo (scab mite)

                       Qanjeebuu fi sariitiin murna orbobbis. Orbobis hunduu miilla cimdii cimdiin jiru sadeeti qabu. Qaammi saan iddoo lama, duree fi duubeett  hirama. Dugugguruu hin qabani. Silmii fi sisiyoon asitt ramadamu. Nyaati saanii bussadee fi binoo xixiqqoo dha. Nyaata osoo hin liqimsin alatt bulbulatu. Yeroo ariisaaf malee kopha galoo dha. Sisiyoon cittoo gogaa nama urtee it galtee achiti hanqaaqxi.

Sagalee binoo/Animal sounds

Adurreen ni korristi

Arba: ni caraana, ni maraasa, ni alalaasa

Arraagessa: ni kaakkisa

Bofa: ni siissa, ni foorica

Bosonuu: ni dutti

Bookee/kaniisa/tisiisa: ni huuriti

Buutii: ni buufa

Djaddee: ni foricci

Farda: ni himimsa, ni fookkisa

Gaala: ni olola, ni bulbulcha

Gafarsa: ni burqa, ni barooda, ni marrata

Hantuuta: ni xiixa

Harree: ni alaaka

Jaldeessa: ni buukumsa

Jeedala: ni dudutti, ni iyyiti

Korbeessa: ni hobobsa

Korma: ni barooda

Leencaa: ni aada, ni barooda, ni ittana, ni dhagaa dhawa

Lukkuu: ni yyiyya, ni kaakkisti

Qamalee: ni kofalti

Qeerransii: ni harqa, ni koqa

Raacha: ni korrisa, ni waca

Reettii ni mardhata

Risaa: ni alaaka

Sa’a: ni mardhata

Sangaa: ni bookkisa, ni barooda

Saree: ni dutti, ni bootti , ni gadooddi

Simbira: ni wacci, ni caarti, ni taphatti

Uummoo: ni aada

Waraabessa: ni yuusa

Warseessa: ni galda’a

Weenni: ni korrisa

Yayii: ni dutti

Ibsaa Guutama
January 14, 2011

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *