Yom Oromoon afaan barreeffamu akka dhiisan hedduun hin beekamu. Garuu afoolli saanii akka gadi fageenyaa fi ballina qabu waabartootaan beekamaa dha. Beekumsi dargaggooti afaaniin barumsa unkeffamee fi unkamaleen walirraa hin citneen darbaa ture. Hawaasii gadaa hiriyaatt hiramaa. Gochi malbulchaa, hawaasoma fi diinagdee sana irrati bu’uurfame. Nammi tokkoo gadaa gadaan (bara dhalootaan) wanti baratu seeraan murtaawaa dha. Tarree keessaa dameen beekumsaa hafu hin turre. Hundaafuu itti gaafatamtooti dudhaa turan. Koloneeffamuu duuba sirnich guutummaati cirime. Waa’een waan turee fi beekumsa saa unkamalee qofatu warraa ijoolleeti darbuu dandahe.Weeraraan dura waan Oromoon qabu hunda jeeqe. Shakala saanii hundaaf kan dhahatan sirna Gadaa seeraa ala godhe. Mallattoo fi galma saanii ibiddan daaraa godhe. Hoogganooti jalbiyyaan ni duguugaman. Barruu kanaaf kan kakaase marii gidduu kana giddeessota qunnamtii irratt geeggeeffamaa turani. Akeeki barruu gabaabaa kana haala yaadchisaa barumsi Oromiyaa keessa jiru kan dhimmi ilaaltu hubachiisuuf. Akkasumas akka barumsa dudhaa fi gufuu ijoolleen Oromiyaa bara qabamanii kaasee hanga hardhaatt jala dabartee abuuranii egreef fala yoo itt barbaadan beekota barumsaa tuttuquufi.
Bulchooti haaraan humni saanii kan hin dabsatamne, mootiin saani nama biyya lafaa akka hin taane sammuu ormaichaati gad tumuu eegaalan. Ijoolleen mootichaa Waaqi qofti isaa ol jiruuf akka amanamaa tahan barsiifaman. Barsiis dudhaa seeraa ala taasifame. Shakalli dudhaa fi aadaa akka waan seexana ta’anitt sokka’aman. Walgahii hundi sadoo akka tahan labsame. Ulfoon akka callee, caaccuu, kallacha, bokkuu fi faajjii kkf. gubachuu irra hafan lafa jala seenan. Kan itt haanee dhufe bara afanfajjii fi doofummaa, bara dukkanaa Oromooti. Habashootaaf bara Warqee ture.
Weeraraa duraatt haananii kan dhufan akkuma saa maqaa barumsa ammayyaan waan kennan hin qabani turan Bara hedduu duuba misiyoonoti dhufanii waabarii ammayyaa lallaboota saanii itt leenjifachuuf banatanii. Hanga seeraa ala tasifamutt tokko tokkoo afaan Oromoon barsiisu turani. Utu hin dhowwamin “Macaafaa Qulqulluu,” faarsaas afanichumaan qabu. Barruu qofa osoo hin ta’in walgahii ambaa fi gaaddisaas afaan Amaaraa malee kan Oromoon gaggeessuun, dhowwaa ta’e. Waabariin ambaa kolonoota keessati kan mullachuu eegalan bara Xaaliyaanii ture. Kanaaf Habashooti kan qeesii irraa gargar baasuuf waabarii haaraan ‘skuwala’ jedhu turani. Xaaliyaanoti shakala sirna kolonii dulloomaa gargar cirani. Afaanoti dhalabiyya hojii fi barumsaaf akka dhimma itt bahaman karaa bananii turan.
Erga Xaaliyaaniin ba’ee Britaniyaan waajjirbulchii ammayyaa dhaabuu gargaare. Waajjirbulchich namoota alaa bakka buusuu fi sirna cuuraa jiru gaggeessuuf kan baratan hedduu barbaada ture. Waabariin yoo tole wiirtuu konyaa qofatt waan banamaniif kanneen naannaa qofa eeggatu. Wayyabi alati hafu jechuu dha.Yoomallee ijoolleen Habashaa fi galtuu leellifamte hanqina yoo British deeman irra haanuuf kaanis carraa galmeeffamuu argatanii turan. Sun ta’us ijoollee yartuutu dhihachuu dandahe. Sirni barumsaa fi kurfbarumsaa kutii kan Biritaaniyaa fi fedha sana kan calaqqisu ture. Englishiin kurfabarumsaa sana keessati gad jebeeffamee waan dhihaateef, barataan kutaa saddeetii English dubbachuu fi barreessuu kan dandeessisu ture. Afaan Oromoo keessaa hafe. Barsiisotii fi moor barmusaa, empayerittii alaa, keessaayyuu biyyoota kolonii Britaaniyaa turanii dhufani.
Barattooti garri caalaan ijoollee soreyyiiti. Motichi akka baalabbaatoti ijoollee saanii finfinneeti ergan ajaje. Sun gita haaraa hawaasa walqixxee keessaa baasuun ummataan wal dhabsiisuuf kan hedame. Hojjii biyya alaaf malee afaan Amaaraa dubbachuu fi barreessuun hojii mootummaaf gaha waan ta’eef Habashootaaf waabariin ammayyaan garagarummaa hin fidu. Wabariin kanaan gahan galma kiristaanaa biyya Habashaa hedduu dha. Kanaaf ijoolleen saanii hojii mootummaatt qaxaramuuf carraa caalaa qabu.
Afaan Amaaraa fi English kutaa tokkoo kaasanii barsiifamu. “Gibireegabbinet” kan jedhamu malee kaan Englishiin barsiifamu. Afaan Oromoo silaa hin yaadamu. Afaan Amaaraa qooqa tokkoo osoo hin beekin ijoolleen Oromoo kanneen Amaaraa waliin bakgitaa (daree) tokkott ramadamu turan. Kanaaf barumsi afaan Amaaraa fi “gibiregabbineti kan madaallii hin eegne turan. Jalqaba irra lachanuu qeesii Amaaraan barsiifamu. Barattooti dhugeeffannoo adda addaa keessaa dhufan yoo qabxii dhabuu filatan seenanii barachuu dhiisuu dandahu.
English lachaniif halagaa waan ta’eef isaan ture kan ijoolleen Oromoo qarooma saanii muldhisan. Oromoon tuqaa wayyaa qabaatanuu durfannoon wabarimmaa Habashootaaf kennama ture. Yoo carraan dhufe jala gugachuuf hedduun maqaa saanii Habashaati geeddatu turan. Akkasit maqoota hardha dhageenyu akka Azbixee fi Gonnixee Oromoon kan moggaafachuu eegale. Lakkoofsi barataa fedha empayrittiin humna namaaf qabdu caalaa bokokuuti ka’e. Jaatamoota keessa sirnichi humna nama miseessuu irra gara Amaaressuuti cehe. Waggaan barumsaa 8+4 ture 6+2+4 ta’e. Kutaa 7 fi 8 waabarii olhaanaa maandhaa jedhaman. Murna haaraa keessati afaan English kutaa 3 kaasee akka kennamu ta’e. Kan hafan hundi hanga 6tt afaan Amaaraan kennamuu eegalan. Osoo afaan Amaaraa akka baratan qophiin addaa hin godhaminiif ijoolleen Oromoo kanneen Habashaa waliin teesse akka barattu tolfame. Sun koloneeffataaf anjaa hin haalamne kolonota irratt kenneef.
Torbaa jalqabee afaan Amaaraa akka barumsa tokkoott yoo itt fufu kanneen biraa Ingllishiin akka kennaman ta’e. Ammas Afaan Oromoo itt hin mullanne. Sababa afaaniif ijoolleen waan gaditt baratan sirriin hin qayyabanne turan. Qormaata irratt, yeroo barsiisan kan itt himame hunda qaabannoo baasanii akka jiruti tufu turan. Hirdhina Englishiin kan ka’e ergasii sun wayyabaaf akkaataa itt baratan ta’e. Waliigalati barsumsi hundi afaan Englishn waan ta’eef baratooti kaanis rakkina qabu. Barsiisoti waan barsiisan Afaan Amaaraati furuu qabu turani. Yeroo sana ture barumsi Itiyoophiyaa huuruun lixxisoo seene ligidaawuutt kan ka’e. Yero barsiisoti dullumaan hojii irra deebi’an jara sirna cabe keessatt baratantu leenjii fixanii afaanii fi barnoota biraa barsiisuuf bakka bu’an. Sun hanqannaan leenjisa tokkoo malee “diggomaa” kan jedhaman dila kudha lama kufan keessaa madaqfamuuti ka’an. Xinneenyi mindaa saanii kan hojiif jajjabeessu hin turre.
Bulee Waabariin dhiphachuuti ka’e. Warri ijoollee hulluuqaa barumsaa keessaan ifa argutt ka’an. Akka dambiitt dareen ijoollee soddomii afur caaluu hin qabu. Amma garuu gara dhibbaa fi caalaati guddachuutt ka’e. Kan himaa jirru kutaalee meeshaa guutu qaban osoo hin ta’in bakka caasammi gegeeddaramu akka dhagaa fi jirmaa dhimma itt ba’amu. Kutaan itt baratan bayyina ijoollee waliin hin guddanne. Barsiisoti ijoollee dandeettii saaniin gargar fuudhanii gargaaruu hin dandahan turan, Ijoolleen qoteebulaa rakkina biraas qabu. Karaa fagoo dhufanii guyyaa guutuu osoo homaa hin nyaatin oolu. Meeshaa barumsaa barbaachisu qabaachuufis humna hin qaban. Mootummaanis hin gargaaru. Garuu haaluma badaa kanaan akka dureeyyii waliin dorgoman eegama. Kan angoo qabaniin kun akka rakkinaati ilaalamee hin beeku. Rakkinooti akkasii ijoollee Oromoo waabarii irra fageessaa jiraachuu kan angoo irra jiran akka rakkina isaan laaluutt hin fudhanne.
Yerooma sana qondaalotii fi kanneen leellifaman ijoollee saanii waabarii dhuunfaa fi waabaroota ambaa addaatt ergatu turan. Waabarooti sun tajaajila wayyaa, gargartuu barsiisaa fi barsiisota ogeeyyii qabu. Namusa ijoollee eeganii nafii gita olhaanaa barattootaa galchuu dandahau. Waabariin mootummaa waan barumsaa fi namusa ilaalutt kan beekaa irra darbaman fakkaata. Waant halle kan yayyabame qonnaa fi warshaa yaadaa jiraniif angoo walirraa hin citne yaasuu fi Afan Amaaraa jara kanaaf afaan dorgommee hin qabne akka ta’u ture. Akkasumas afaan Amaara akka afaan tokkich humna kanaa tahu hubannoon tolfameefii jira. jijjiirammi qabiyyee lafaa fi caasaa hawaasaa irra gaha jedhanii abjotanii hin beekan. Akka jijjiirammi karaa barumsaa dhufuu dandahu dursee waan itt muldhateef hankaaksuuf yaadanii turan. Kana bakkaan gahuuf karoorri “Sector Review” jedhamu iccitiin qophaawaa ture. Garuu osoo gadi hin bahin dhimmise. Sun barumsa ijoollee qoteebulaa sadarkaa dubbistuu fi barreessuu qofaan gahuu dandaha ture. Yaadamuun saa aarii fi mormii warraa, barsiisotaa fi barattootaa daari hanga daariitti maddisiise. Achumaanis du’a mootummaa abbaa gonfoo kililche.
Abbaan hirree ittanee dhufe barumsa bu’uuraa gad jabeessuti ka’e. Barnooti afaan biraan qubeen (fidala) qophwan bakka hedduuti itt cufamee ija aduu osoo hin argin hafan. Sana kan wayitt lakkaawe hin turre. Ittiin barachuun holola bulchootaa dubbisuuf yoo hin taane hojiif dhimma hin baasu. Sanaaf jijjiirama bu’uuraa barbaachisa. Kanaaf Oromoo tokkoo tokko hojii mootummaa nuuf argamsiisinaa jedhanii afaan Amaaraa barachuu filatan
Al tokkoo miseensonni Dargii biyya daawwatan kan hoogganoota malbulchaa empayerittiit fudhataman Afaan Oromoo barsiisuu murteessuu didan. Bulchaan konyichaa mooraa Zamachaa irratt aboo waan hin qabneef barruuleen ijoolleen Zamachaa itt cuftee badde bahanii akka hojiirra oolchan gaafate ture. Isaan keessaa tokkoo “Geetaye polotikaa ayaannagrun” jedheen. Sanaan akeeki saanii empayerittii Amaaressuu malee dorgomtoota keessumsiisuu akka hin taane saaxilame.
Bara Dargii sirni waabarii, ijoollee karaa irra kaasuuf dhimma itt bahamaa ture. Sanaaf dare keessati kufuun hin turre. Hoji dhabisii qaata waaqaa gahe. Tibba tibbaanis karaa irraa fageessuuf adda addaa ni qophaawa ture. Hogganoota egeree, empayeritiif qopheessuuf ijoolleen gita bulchituu waabarii dhuunfaati yk biyya sooshaalistootaatt ergamanii baratu. Ifatt kan himamu akka barumsi tola tahe. Garuu warri ijoollee gocha waabarii keessaa tokkoo tokkoof akka gumaachan gaafatamu turan. Sanatt dabalani akka ijoollee saaniif meeshaa barumsaa kan akka malee minyaa tahe bitan eegama ture. Kanaaf qoteebbultoonni ijoollee saanii walfana waabariitt ergachuu dandahan yartuu turan. Badiisi “Sector Review” irraan gahu kana hin caalu ture. Miidhama irratt arrabsoo dabaluuf barnoota hunda afaan Amaaraan gulantaa hunddati, yuniversitii dabalatee barsiisuuf qophiin sadarkaa karooraa darbee ture. Sun haleellaa Oromummaatt aggaamaman keessaa tokkoo. Garuu Dargii waliin kosiitt darbame.
Bara 1991 taasisa hedduutu akka Dargiin finciltootaan finqilaatu godhe. Finciltoota keessaa tokkoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ture. Aadaa ofii fi afaan ofiitt dhimma bahuun gaaffii Oromoon waggaa hedduuf qabsaawee fi qabsoo dhiigi itt lola’e ture. ABOn finciltoota biraa waliin mootummaa cehumsaa dhaabe. Innis gaaffi afaaniif durfannoo kennu murteesse. Murtii kanaan mootummaan cehumsaa barsiisa afaanii fi imaammata haaraa tume..
Eegala irrati Englishii fi Afaan Oromoo akka kutaa tokkoo jalqabaman tahe. Waabarii sadarkaa jalqabaa keessatt barnooti hundi Afaan Oromoon akka kennaman godhame. Sana booda Afaan Oromoo akka barnoota tokkooti yoo itt fufu barnooti hafan Englishiin akka kennamanitt fudhatame. Kurfbarmsaa mootummaa waaltaan yeroo bahu finnoota hundaaf walfakii ture. Hojiirra oolchuuf kan jalqaba dhihaatan Oromoo, Sidaama fi Wala’itaa turan. Mootummaa haaraan sona cehumsaa erga mucuceessee duuba waantaphee saa bulchoota finnootaa godhee muude. Shirri mootummaa “federaala” jedhamuun xaxamee, kan itt qabatame bulchoota kanatt.
Kutaan kudhan dhuma karaa kanneen kenna qabanii fi leellifaman, hiyyeeyyii wayyaba waabarii ogeessaati ergamu jedhamen kan gargar itt bahanii. Hamilati kun qophii tokkoo malee hojiirra oole. Waabariin ogummaa jalcaasa ergama saaniin walgitu barbaadu. Addunyaa keessaa biyya hiyyeettii eegee jedhamteef, jalcaasa hamilata akkasiif qopheessuun salphaa hin tahu. Kun waabarii “komprehensiiv” jedhaman, kanaan dura turan irra argameera. Hamilata fakkeessaa irratt hundaaweef wanti barbaachisu hundii jiraachuu hin qabu. Dhaaboti lenjii yaroon jiran ijoollee kudhanii eebbifamtu 5%caalaa fudhachuu hin dandahan. 95% hafan manati deebi’uu yk milishiatt galuu malee bakka dhaqan hin qaban. Ayyaan qabeessoo yartuun dare qopheessaatt darbu. Kan Haadha biyya adda. Erga qabeenya kolonootaa olhantummaan to’achuu dandeessee as, dhaabotaa fi jalcaasa agartee hin beekne qabachuu dandeesseett.
Barumsa kutaa kudhanitt danga’uun “Sector Review” akka leeyu ta’e. Karoorri Emperatorichaa, kan wayyaba hojii humnaaf gad dhiisisuu jedhu, fiixan ba’e jechuu dha. Sanaan Oromiyoo wayyabaa Waabarii dhaqaniif barumsi kutaa kudhaniin dhaabbate. Innis kan booqee dubbisuu dandeessisu. Kun buttuu lafaaf badhaasaa. Lafa Oromoo gatii busaawaan gam godhani. Humna Oromoos gatii addunyaa keessaa bushaawaa taheen argatatani. Waliin sadaa saa qofa osoo hin tahin, golli halle guurrataan angoo irra jirus, bu’aa humna bushaawaa kana ni hirmata.
Akka kenna qabootii fi leellifamtooti gingilchaa barumsaa keessaan coccoban qaawwaa nageessoon uumamee jira. Ta’uus duubbeen saanii barnoota Englishiin sadarkaa itt haanuttis akka naafessaa jiru himama. Habashaan “Akka si hin hamanne waamii akka hin nyaanne dhiibi”jedha. Namooti “mootummaan saanii” itt dabuu komatu. Finnooti hundi mootummaa “federaalaa” gaggeessuuf gumaacha akka baasan himu. Akka gumaacha saaniiti bu’aa argamutt saaqaa baasu walqixxee argachuu qabna jedhu. Barumsa Englishii barsiisuu irrati qormaata waaltaa tokkoof dhihachuun utuu beekamu walfakummaan akka hin jirre komatu. Garuu kan isaan hin barin mootummaan beekaa afanicha barsiisuuf homaa itt baasuu dhiisuu dha. Kanaaf malee barumsi Englishii waggaa saddeetii ijoollee barumsa ol haanaa qopheessuuf gahaa ture. Barsiisotii gaariitt leenjifamanii fi waatattaan barumsaa ga’aan rakkinicha ni furu turani.
Hanqinni jiru qaama karoora guddaati. Innis ijoollee Oromoo tajaajiltuu taatee akka haftu fagoott kan ittisu. Kan nama qabate irra qajeeltuu eeguun dordhummaa dha. Bulcha Oromiyaa sobaa kan waantaphee foon uffatan tahan irra tarkaanfii akka fudhattu eeguun karoora abbaa waantaphee guddicha akka hin jirrett ilaaluu taha. “Waantaphee keessa anjaa hedduu jira. Gonka hin nokkorani. Waa’ee oginaa hin arganii. Lubbuu dhuunfaa hin qabani…dambooboo nama mararanii fi xifa nameenyaa hin qabne”, kan jalqaba,jedhe TPLF osoo hin tahin Oscar Wildeeti.
Jarri kun waan nyaatan illee filachuu hin dandahan. Guyyuu do’a “gimgamaa” (mala TPLF kanneen irra amantee hin qabne itt tufu.) jala jiru. Akka waan lubbuu qabanii, hanqina barumsa mullatuuf isaan komatamuu hin qabani. Barumsi mesharkaa anga’ooti. Akka ilaalcha saani ta’uti tolchu. Akka jedhamu, “Beekumsi humna”. Barumsii madda beekumsaa waan ta’eef kanneen angoo qaban to’annoo malee hin dhiisani. Kanaaf akka itt tolutt tolchuus cabsuus ni dahdahu. Seenaa keessati barumsi kolonaawaa hundi gara hobbaatiin saanii sirna kolonii utubuti lucceffamu. Kan Itiyophiyaa adda waan ta’uuf qabaa laata?
Hanga namaan bulaa tahaniti barumsi ofii qabdii koloneeffataa ta’ee akka turu beekamaa dha. Haala kana jalatillee yoo tahe warri, barattooti fi barsiisoti mirga barumsaa caalaaf dhiibbaa gochuu dagachuu hin qaban. Kun hanga guyyaa gaariin nufutt dhaabbachuu hin qabu. Yoos qofa kan hawwi sabaawaan gutummaati kan mirkanaawuu. Bu’aa madisiisan irrati hundaawee afaan halagaa barachuun gadi fageenyaa fi akaakuun itt fufa. Mirkanbeekii (Saayinsii) fi herregii afaan addunyaati. Kanaaf barnoota hunda caalaa irrati xiyyeeffachuun barbaachisaa dha.
Oromoon orma seenaa fi dudhaa boonsaa barsiisaa qabani. Garuu sirni saanii durii yoo manca’u karaan isa haaratt baasu diinan ciipha’ame. Dhudhaa, aadaa fi afaan caalaa balleessuuf ijoolleen Oromoo beekumsatt saaqaa gahaa hin argattu; yoo saqaa xinnoon banamteefis, dorgommee qajeelaa hin taanetu irra gaha. Beekumsa Oromoo, bilisummaa yaa’aa fi of ifsuu danga’uun waan tasaa osoo hin ta’in qaama qaccee sirna kolonii kan duraa jalqabee walitt fufaa dhufe. Hanga hiree saanii harka ofiiti galfatanitt tajaajila wayyaa fi saaqaa beekumsatt baasu argachuuf gaaffiin Oromiyootaa walirraa hin citu. Kolloneeffataan sirna barumsaa ijoollee Oromiyaa eegee tartiiba empayeraa godhuuf waabarota yayyabuu ittuma fufa. Sadoon isaan facaasuu fi dukkana keessatt hambisuuf xaxamaa jiru gara sanatt kan geessu. Marsaa cabsanii kan bahamu imimuu fi gadooduun osoo hin tahin dafqaa fi dhiigaani. Sabbonota Oromoof sun ta’isa haaraa mitii, qaama guduunfaa qabsoo saanii keessa jiru. Qabsichi itt fufee injifannoon gadi akka bahuu beekamaa dha; yeroo hanga fedhe haafudhatu, wareegammi hangi fedhe itt haa bahu, hanga rorroo fi salphinni raawwatuti hin dhaabbatu. Oromiyaan sirna barumsaa akka fedha see sabaawaa fi sabgidduuti sonaawe fi dhudha see irrati hundaawe ni qabaati.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Onloloolessa 2010
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.