Erga dhuma Warana Qabbanaawaatii Gaanfi Afrikaa akkuma durii nagaa wayyaa argatee hin beekuu. Yero hedduuf waraanni fi deegi waan irra diriireef dhalooti isaa as dhalatan shororkaa fi hiyyuma waan uumaa se’uu. Karaa biraammoo, beekumsi namoomaa sadarkaa hin yaadamne caalaa guddate. Beekumsa uumaa irratt dabalate qaroo namtolcheedhaan dhimma ba’uutt ka’ee. Garuu hawaasii ilmaan namaa kanaan walbarsiifamuuf it ba’uu saa karaa hojii dhabuu fi nageeny sirna naannaa qophii mitii. Jireenyi nagaa fi araaraa caalattuu itt badaa deemee, nafi surrii namaa gaddeebi’aa dhufee. Bolollii fi garaa hammeenyi dacha guddataa dhufee. Taatoti nagaa fi walqixxummaan bu’aa addaafiduuf malee hin jaallanne jiru. Yeroo balleessuuf dhugaa irraa maqsuuf moor bira hin gahamnee, hin barreeffamne dhahatuu. Hoomaan cunqurfamootaa, cunqursitoota caalaa herregaan haa ta’u rogadubbiin wayyaba waan ta’aniif garuu cunqurfamotii gara malbulchaan bucuu ta’uu. Bolollii fi ofittummaan cunqursootaa waan hedduun hamaa ta’eef wayyabii kana caalaa bulchaa saaniif waan hin obsineef yoomallee guddaa hidhatanii fi tumsa aanga’oota addunyaa argatanuu. Akkasitt qabsoon bilisummaa Oromo kan waan bade sirreessuutt ka’e baduu irra bilisummaa filachuun. Kun faallaa humna qabeessa dhugaa fi murannootii.
Humna qabeesii qoonqoo banaa bu’aaf qabuun yeroo dheeraa kan homaa hin dhabne garuu injifannoo duuba hedduu argatan waliin nokkoruu hin dhaquu. Kanaan jara wal gitu kophaa walitt dhiisee deemaa. Haalli jireenya gadadoo jijjiiru hin dhufnee garuu soda fi mamiin ayyaan laalattummaa fi gabgaabdumaa tatotaa jalaan luuxee gala duwwaa dha. Kanaaf taatoti hundi haala kana dhaabuuf abbaawummaa fi itt gafatama qabu. Akasumas Lolaa fi wareegama hanga yoonaa godhame,jija hundaa dhiifnee maqaa Oromiyaallee kan deebisnee gonfannu kan tolche. Oromoon kallattii baayyeen guddoo dhaa, aadaa demokraatawaas qabu garuu dandeettii saanii guutuutt agarsiisuu fi humna riphaa qaban xinnoo irratt hojjetamuu barbaadaa. Tokkeessoo keessa waliin jiraachuun dursee walqixxummaa fi abbaa biyyummaa miseensa tokko tokkoo beekamuu qaba. Kanaaf Oromoon dursee egeree akka itt jiraatuu fi eenyu waliin akka jiraattu murteeffachuu qaba. Sadarkaa lammaffaa biyya ofii keessatt filachuun filannoo hin yaadamne. Gara egeree ifaa hedduun argamee jira; Kan hafu waldhabdee keessaa fi alaa, shiraa fi hankaaksaa irra haanuu dha. Gara sanatt jiji hedduun argamee jiraa; kan hafu shiiraa fi hankaksituu keessaa fi alaa irra haanuu dha. Sun kan danda’amu yoo Oromoo caalaan sammuun kolonummaa fi garbummaa keessa jiran bilisa ba’anii dhaa.
Oromoon akka Oromiyaan biyya, seenaa aadaa, fi afaaniin, adda taatee fi takkaa qaama biyya mootii Habashaa taatee akka hin beeknett waan amananiif akka dur turtett walabumaa seett deebitee jiraachuun ni ta’aaf jedhu. Horeen koloneeffataa durii mirkanii kana haaluu dha kan godinachitt jeeqama fiddee. ABOn kallachi qabsoo Oromoo yeroo republic ummataa demokraatofte Oromiyaa ni dhaabbati jedhu fedha ummatichaa calaqisuu saatii. Kun kan “Kaayyoo Ganamaa” jedhamuu dhaa. Booddana luuxxee galtuun fi hogganootii sasalfatan tokko tokko gaaffii eegalaa kanatt bishaan naquu barbaaduu saaniitt qammii sadafaan Oromoon kun waan barbaadan beeku jechisiisee ture? Kanaaf, “Kaayyoon Ganamaa” utuu hin haqamin sochiin bilisummaa faloo baasuun yk afaalla’uun barbaachisaa dha. Akka afaalla’uun haquu hin taane hubadhaa. Kan amma maqaa ABOn socho’an akka ammayyuu “Kaayyoo Ganamaaf” dudhama akka qaban irra deebi’anii labsachuutu irra jira. Haalli qabsichaa amma jiru kan garri caalaan miseensoti durii, deggertootii fi mararfatoon kanneen gatii guddaa kaayyoo kanatt baasan akka ABO fi humni saanii OLAn ammayyuu akka waliin jiran mirkineeffachuu barbaadu.
Chartara ABOn ABUT akka empayera Itophiyaatt waliin seerett walabummaa dura federeeshina uumanii waliin jiraachuu akka yaalan walii galanii. Sun kan hankaakeef dursanii empayera nafxanyaa kolnummaa waan hin diigneefii. Jechi Oromoon saba dur durrii kan tarii abba biyaa sanyiin nama hundaa godinaa sana
keessa jiru itt suutame ta’uu danda’a kan jedhu gurguddoon Amaarinyaa dubbatan beekaa irraanfatanii. Sun akka fedhe ta’uus, kolonummaan godinaa sanaa haqamuun itt waari’ee jira. Amma ummati godinaa kana keessa jiru hundi akka walqixxee fi bilisaatt ilaalamee gara tokkummaa Afriikaatt dalaguutu irra eegamaa. Kanaaf danqara kan ta’an gurguddoo kolonummaa malee ummatoota mitii. Oromoon akka jaarraa 20faa utuu hin ta’in caalaa ijaaramaa fi ofbara malbuchaa saaniis caalaa guddaa dha. Tibba hin beekamne kaasee dilormaan gara kibbaatt sochoo’aa akka ture beeknaa. Oromoon bakka faana saanii itt dhiisan hundaa akka kanneen lafa hawwan hunda keenya jedhanii, nuuf ta’a hin jennee. Silaa lafa ejjetaniyyuu hin qabanii.
Biyyooti empayera Itophiyaa jala jiran hundi barabaraan akka ollaatt waliin jiraachuuf adeemuu. Kanaaf walgidduutt nagaa barbaaduu. ABOn eegalaa, mirga sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachu Tokkummaan Sabootaa (TS, UN) tume beekee jira. Kanaaf, kan inni akka miseeensa Mootummaa Cehumsaatt walabummaa Eertra, erga Shaabiyaa diina saa injifatee, TS referendum geggeessee kolonich walabummaa filatee boodaa kan beekeef. Gaaffii mirga hiree murteeffannaa sabootii fi sabaa’oti cunqurfamaa jiranii Eertra keessaa saboota sanaaf dhiifnaa. Buufatooti Garba Diimaa fi Manyaa Hindii irra jiran hunda saboota fi sabaawota lafaan marfamaniifi fulaa waloo itt ba’an uumaa waan ta’eef jara to’atan kan seerri dirqisiisu waliin dhofisisuu qabuu. Kanaaf, waan Oromiyaa ilaalutt eenyuu waliinuu waan filannoo nagaan jiraniif buufata garbaa argachuuf waraan hin dhaquu.
Taasisi hedduun qabsoo ummataa keessa galanii arreeda saa duubatt harkisanii. Kanneen keessaa, seenaan cunqursaa irra bubbule, Chartara Cehumsaa 1991, ABUT OPDO ijaaree of fuldura qabee galuu saa, hoggansa hundi jala yaa’u ummachuu dadhabuu, ABOn keetolee adda addaan faalamu, aanga’ooti dantaa Afriikaa keessa galuu fa’tu argama. Weerarri kolonummaa kan seeraa ala ta’e kan jalqabe ofittoo, ofirroo, fir bololaa gita bittuu imperiyaalist Awuropaanii. Akka seeraa ala ta’uusaa, gara laafinna fi maalifaa kan hin qabne gochii saa hundi yakkaan kan guutee turee. Burjaajiin godinichi amma keessa jiru hoomisha tibba seenaa sanaatii. Oromiyaan kan kolonamte karoora impriyaalistii, qawwee, gargarsa waatattaa fi humna namaa saatiinii. Kanaaf malee hidhannoo dudhaa walqixxee yoo qaban ollaan isee ugge hin turree. Erga akka hin taanett kufanii booda mataa saanii ol kaasuun waan dur jala samame hundaa gaafachutt ka’anii. Ammayyuu goblaan “shanaffaa” (gantuun) yeroo qabaman turan ammallee jiru.
Oromoon kumkuma 60 ol ta’an kan mirga saanii irraa hamaa ittisu humna WBO qofa qabuu. Waa’ee WBOn tumsa murnoota imperiyaalii Itophiyaa fi jaarmota sabaa fi sabaa’ota waliin dhaqaniif al tokko ta’ee waan jiruuf Oromiyaan fudhachuu qaba jedheen amanaa. WBOn, akka jaarmaa walabaatt mirga murtoo kennuu fi maqoo saa eeggachuu qaba. Sabichi muuxannoo fagoo fi dhihoo jaarmota Habashaa fi arrabsoo guyyuu abba tokkeen ta’u yoo ilaalan walii tumsina jechuun hedduu rifachiisaa. Namooti gamasiin jiranis tumsa OLA fudhachuu saanii mirkaniitt hin beeknuu. Ummati gamana jiran akka diinni kanaan da’atee Oromoo gidduu lixuun addaan nu baasuuf carraa kennuufiin nurra hin jiru. Murtiin erga darbee deggertootii fi mararfatoonni kan gochuu danda’an gaga’imni yoo jiraate akka salphatu gochuu dhaa. Oromoon akka WBOn wallaba ta’ee fi qabsoo walabummaa itt fufu malee Itophistaa biraa akka ta’u mitii. Kanneen tumsichaan morman gocha saan jarjaranii akka itt murteessina garuu hobbatii sun fiduun ta’uu qabaa. Yoo ragaan yakka qabatamaan “Kaayyoo Ganamaa” ganuu saaf dhihaate malee dandamati OLA waggoota sadeet darban agarsiiseen amanamu yk yoo xinnaate bu’aa ciicannoon kenisiisaafii. Kan dirree dilii hin jirre akka karoora waraanaa hin yayyabanne dhowwuun akka hin ta’uu. Hogganootii fi miseensoti saa akka lubbuu fi qananii saanii kaasaa sabichaatii kennan hin mamamuu. Gaafiin keenya karoora “B” qabaayii kan jedhu, yoo tooftaan saa fashalee haamaatt geese hankaaksuuf ta’uutu irra turee? Dhaabii Oromoo kan diina akaakuu tokkoo fi kaaniif hin tumsin hin jiru. Maaliif WBOn qofaati Oromoo fi dinaan irratt xiyyeeffamee? Isaan keessaa inni qofaan diina cabsuus fayyisuu kan danda’u waan ta’eefii.
Oromoon walabummaaf lolan maniin saanii ifaa dhaa, nagaan dadhabnaan qabsoo hidhannoott jijjiiranii. Rakkina kan fidani jara Itophiyaa demokratofte keessa jirannuu qabna kan jedhanii, dursanii akka Itophiyoott fudhatamuu qabu. Jaarraa walakaa caala darbe keessatt akka Itophiyaan itt bultu dhofsisuun hafee Itophiyaanummaanuu hin fudhatamne. Waliin dhaabbatanii walabummaa fi haa ta’uu tokkeessoon dhoofsisuun kabaja namatt hora turee. Daallichi Oromoo bandotaa fi ayyaanlaallotatt duuduun ammayyuu achuma jiraa. Qondaalli Oromoo nyaaphaan waa’ee Oromoo yoo ifaan amba keessatt dubbatu akka seenaa fi aadaa Oromoo calaqisutt afaan Oromoo yk afaan hin baabsinett dhimma ba’uun akeeka warraaqxota Oromoo dhaabbataa ture. Sanaaf ture Hayyu Duree ABO kan ture, Galasaa Dilboo ABO bakka bu’e “Kora Nagaa fi Tasgabbii” kan mootummaa Ceehumsaa dhaabe irratt, Amaarinyaa bareeche utuu beekuu Afaan Oromoon kan dubbii godhe. Protokoliin kun si’ana irraanfatame jira. Naaphaan kabajamuu fi sodaatamuuf sun deebi’ee dhaabbachuutu irra jiraa. Akka Oromoo bilisummaaf lolatuutt yeroo hundaa Xurree Oromoo irra jiraachuutu nurra jiraa. Akka Itophiyaatt dubbannaaf akka Oromoott dubbachuutt akka jiru walii maqsuutu nurraa eegama. Bilisummaa fi walabummaaf loluun, Itophiyaa keessatt mirga ta’e gaafachuuf qabsaawuun adda adaa. Aadaa, afaanii fi mirgoota keenya dhabne hunda bilisomsuuf erga kumkuma wareegnee booda bakka kana geenyee jiraa. Warregammi kun mirga abbaa biyyaaf malee wayyeessa ciccituuf mitii. Jijoota qaata argannee eeggachaa, bilisummaa dimshaashaaf lolalchuutu nurra jiraa. Oromiyaan akka egeree itt bultu referandamiin hanga murteeffachutt akka Oromiyoo walitt maxxanuun kabajamaaa dha
Mataa mataan gochii saa nuuf hin liqifamu ta’aa, garuu akka qabsoo sabaa addaan hiraa yk laashessaa akka hin taaneef mormmiin keenya keessatt hafuutu irra jiraa. Egeree wal arguu wan dandeessaniif, yoo qooqa obbolaa keessanitt darbattan fo’a qooqaa irratt Safuu hin irraanfatina. Kana malee nammi tokko utuu hin abbalin weedduu kiilola diinaan ragada ta’aa. Oromoon barabaraan diina Ollaa saanii ta’anii hin hafanii. Of amanteen itt siqanii gara dukkana saanii baruu barbaachisaa. Kan feenu argachuuf gaga’ama kana caalaa fudhachuu baruu qabnaa. Taatee xinnoon isa guddaa dhumaa akka hin balleesine Oromoo hundi abbaawummaa fi itt gaafatama qabuu. Qabsoon ijaarame waggoota shantamaa olii dhiibbaa alaa fi keessaa hamaa mudatu malee as hin geenye. Garuu jaalbiyyooti Oromo muxxxannoo ilaalatan fi meeshaa hojii mijjeessuu utuu hin qabaatin hamma dandeettii saanii asin ga’anii jiru. Dudhaan, Gadaan tokko isa duraa caalutu irraa eegama. Kanaaf Oromiyaa fulduratt geessuuf Gadaa dhaloota Qubeett dhiifnaa. Daandii keessan waaq isiniif haa eebbisuu. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Onkololessa 2026