Heera Federaala Itophiyaa keessa deebi’an ilaaluu

Mootummooti darban lamaan heera rakkina yeroo saanii furuu danda’a jedhan kennanii turanii. Heera 1994 qofa kan rakkina bu’uuraa empayerichaa furuu yaalee. Gara caaluu 1960toota ka’ee empayericha jeeqaa kan ture gaafii sabummaatii. Qabeen heera toko kan fedhe haa ta’u hammi inni baasu kan beekamuu hojiirra yoo oole qofaa. Erbala (waraqata) irratt barreefame caalaa baasuf ummatoota ofbara malbulchaa qaban, hoggansa seeraan bulu, nama dhugaa fi kan of kenne barbaachisu. Hoggansi of kennee fi dhugaa dhibuu dha kan dargaggoo Oromoo malbulchaan ofbarte federeshina irratt qabsoo hidhanoo akka kaastu kan dirqee. Sensii heera Itophiyaa akkas jechuun jalqabaa, “Nuti sabootii, sabaawoti, fi ummatooti Itophiyaa: guutummaattii fi bilisummaan shakala mirga hiree murteeffanaa keenyaaf dudhama cimaa qabnu ⸳⸳⸳ jedha. Utuu akkanatt tumame ta’ee hobbaatiin saa adda ta’a ture. Kanneen dubbiin ilaaltu fedha saanii gaafatamanii hin beekanii. Tokko tokkoof yeroo buhaaraa yoo ta’u, kaaniif yeroo muddamaa ture. Kan gaafii heddummeessan kaan hin ukkaanfamanii, kaan biyyaa baafamanii. Sana duuba sagalee mormu hagas hin turree. Charterri Cehumsaa Adoolessa 1919 kan heericha durse, akka Korri heeraa ummatoota keessaa waamamee wuxinuuf referendumf dhiheessuu lafa kaa’ee turee. Haa ta’u malee, miltoo inni kootammi, ABUT/ADWUIn miltolee hundaa ari’ee, ofumaa namoota walitt qabee, heera wuxinuun, labsee. Sun cehumsi demokratawaan haqamuuf mallattoo ture. ABUT akka Hawwii dargaggoo isa uumanii utuu hin ta’in, akka kanneen isa duraniitt bulchuu filatee. Too’annoon ABUT kan Dargii gara jalqabaa, qondalota ifaan muudaman jala bakka bu’aa Dargii loltuu kaa’uun walfakkaata ture. Presidantii Finnaa tokkoof dabalee Tigree isa too’atu tokkotu jala kaa’ama. Itiyoophyaan saa caasaa fi maqaan federala turee, garuu shakalaa fi hojiin sirna tokkee fi koloneessaa irra kan isa fageessu hin ture.

Haa ta’u malee heericha qopheessuu keessatt ogeeyyiin biyya keessaa fi alaa hedduun qooda fudhatanii, fakmishoo heera federalaa hedduu quwatanii turan, garuu akaakuu kanaa argamee hin beeku. Hedduun seenaa kolonummaa empayera Itophiyaa irra ilaaluun fakmishoo quwatan hordofuu yaala turanii. Hariiroon sun hedamu malee rakkinni godinaa sanaa furamuuf hin deemuu. Hedduuf yoo tokkeessoon egeree ni jiraataa ta’e maqaan Itophiyaayyuu kan keessa deebi’an irratt waliigalan ta’uuf adeema. Asoosama waggoota 3000 waan ilaalutt. Abisiinia keessa dhaabi hangas ture hin jiru. Tarii, dhaabi dullachi jiru kan waggoota dhibba kudha torbaa hin caaluu. Ambumatt himuuf heerichi iyyaatii kolonummaa haalumaan herregatt kan galcheef gaaffii sabaa kaasuu yaalee jira. Akka akeekaatt mirgi hiree murteeffannaa sabummaa yoomalee shaakaluuf danqaraan kaa’ame jiraatus aangoo 39 beekamee jiraGaruu, seenaa Itophiyaa kan mirkanii fi assosammi wal laaqe fudhachuuf kana caalaa ugguu feesisaa. “ Gagaa fi Warqeen” as irratt dhimma baasuu hin qabanii. Sobaa fi mirkanii roga dhabsiisi, qooda guddaa fudhataa turan hardhas itt fufaa jiru. Fakkeenyaaf, Itophiyaa keessatt Aleksandar guddichi uumaan nama akka caaluu fi fardi saa qoochoo qabu gaara uree ba’a jedhamee himamaa ture. Ammammoo Galmistaanni Tawaahidoo waggoota 3000 ol jedhame himama. Al tokko sobaan qabamnaa kn isaan jedhan hunda amanuun nama rakkisaa.

ABUT/ADWUIn bitaan, bitaa itt gale malbulchaan gahaatt waan hin bilchaanneef jijjiirama dhufe sirriitt qabuu hin dandeenye. Kanaaf tooftaa sobaa sana ittuma fufee. Gorsitooti saa jaarmota biraa waan hin amanneef tokko tokko ari’amuu saanii jajjabeessuu irrayyuu, sirna gola tokko akka dhaabu jajjabeessaa turanii. ABUT/ADWUI irratt yaalii gochuu kan barbaadan hagas heericha hojii irra oolchuuf utuu hin ta’in,

fedha saba saanii, keessaammoo “gabaa bilisa” shakalsiisuuf ture. Yoomallee hoggana sanii barataa gaarii kan argatan itt fakkaatee turuyyuu, hordoftooti saa amantee gadi fagoo mormii kapitalismiif qaban halkan tokkoon irraa dhiqamee ba’uu hin danda’uu. Isa duuba hooggansi ni bacancarree. MM Abiyi nama saanii ta’uu ni danda’aa, garuu faallaa empayericha keessaa rogaan qabuu hin dandeenye. Furmaati jiru gaaffi kolonummaf furmaata kennuu dha. Sunis karaa dhoofsisa naga qabeessaa yoo ta’u, sanaan didnaan hidhannoo qofatt dhimma bahuun waan hin ollee.

ABUT dudhaa malblchaa ofangessaa keessaa maddee. Akeeka warraaqaa inni guddifachuu barbaade dudhaa bososaa irra haanuu hin dandeenyee. Kanaafi yaa’a demokratawaa ta’e qayyabachuuf afaan saa fi deemisi saa kan walitt hin dhufnee. Hogganootii sirna kolonummaa, Amaaraa ofiin jedhan saboota, sabaawotaa fi ummatoota angessuu guutummaatt balfuu. Akka inni fedha saanii addaa qofa utuu hin ta’in, akka murnaatt isaanuu balleessu ni qayyabatuu. Amaarrii heera haaraa deggeran gola nafxanyaa biyya ofii waggoota dhibaa olii ba’anii turaniin, akka Amaara garaachoott ciiga’amanii. Abba tokkootati qubaa haa qaban malee murni saanii akka jirutt ummata keessaa maddan dukkanaa fi deega keessatt dhiisanii ofii waan kolonootaa saamaniiin bashannanaa turanii. Kanneen biyyatt hafan yooma deegaa ta’anillee sammuquwaan akka kanneen kolonii ol ta’an itt dhagahama turee. Yeroo quurrammi wal irra tuulame, kufaatii saanii fi heera haaraatt geessu isaan baraaruu hin dandeenye. Heerich sirna federaalaa, mirgi hiree sabaawaa ofii ofiin murteeffachun isaan keessa tokko ta’e raagee. Mormmii empayerichatt ka’e qabbaneessuu gargaaree ture. Garuu murni matajabo abdattuun sirna nafxanyaan hin fudhatamnee. Waggoota hedduu duraa haaloo Tigaaruu waliin qaban irratt xiyyeeffachuu malee mootummaan saani itt fufee akka jiratu dantaa hin laanneefii.

Utuu heerichi Kora Heeraan wuxinamee, referendum tokko tokkoon saboota, sabaawotaa fi ummatootaan ragga’e ta’ee heerichi hamma hafee hin qabnett akeekamaa turee. Sokka Wayyaanee booda dhaaboti malbulchaa hedduun humna cehumsaa kan se’anitt, aangoo 39 akka iggitiitt fudhachuu fi heerichi ni lalisa se’uun itt makamanii. Sabboonoti Oromo akki itt federalummaa qayyabatan, akka tokkeessoo kanneen fedha qabaniin fedhan umamee, seera, danbii fi qajeelfamoota kora kanneen kennatameen labsamuuttii. Kan sabi tokko yk murni tokko namarra tuulu mitii. Moo’ummaa (sovereignty) tokko tokkoon miseensota tokkeessoo beekamuu qaba. Angoon federalaa kan maddu moo’ummaa sana keessaa malee fuggisoo saa mitii. Aangoo fi dirqammi saa tokkeessichaan maaljechisiifamuu qaba. Yeroo wanti qajeelloo fi utuu hin baabsin finnootaan hojjetamuun rakkisaa ta’e isaaf kennamaa. Sanaan federeeshina yk konfedereeshina haa jedhamuu haala jiruuf dansa kan ta’e sana fakkaataa. Shakala Itophiyaan sirna tokkee jechuun, bulcha yaroo demokratummaa hin qabne, jijjiiramicha waliin hin deemne jechuu dha. Itophiyaan empayera ummatoota walaba ta’an hedduu koloneeffachuun uunkemfamtee. Tokko tokkoon saanii jireenya walaba kan qaban, gosaa yk lammii biyya Nugusa Habashaa jala hin turre. Kanaaf federeeshina walqixxootaa fi bilisaa jechuu irra federeeshina gosaa jechuun dogoggora. Koloneeffataan, sabooti, sabaawoti fi ummatooti isa jalaa hunda walqixummaa kan qaban utuu hin ta’in kan isa tajaajiluuf jiratanitt fudhata. Of, akka saba tokkicha, of jalaa gosoolii fi lammoota hedduu qabuutt of fudhataa. Akka sana hin taane karaa rakkisaan barachuuf adeemaa.

Akka itt unkefamee kaasee Amaaraan gosa yookan lammii jedhanii himuun nama rakkisaa. Murna garee tuta hama gita bittuu nafxanyaa fudaliitt guddatee. Ofii saa akka saba tokkicha, gosootaa fi lammi heddu

of jalaa qabuutt amana. Hundu jireenya walaba qabu turan jedhee hin fudhatu. Ilaalcha saanii akkasiifi godinicha burjaajii keessa kan galche. Caasaan empayera isaan uuman ammayyuu hin diigamnee. Kan isaan baran mootota duubbee ofii haalanii, nameenyaa isaan maaljechisiisaniif fudhatanii. Bulchooti si’anaa ummata kam keessaa akka bahan waan hin dhoksineef isaan biratt fudhatama dhabaa jiru. Oromoon, Bulcha Habashaa yoo jedhuun, isaan kan Oromo jedhuunii. Isaan keessaa namooti yartuun Oromoo haa ta’an malee, sirni isaan tajaajilan kan Habashaan bu’uurfame. Gurguddoo saaniif Oromoon weerartuu fi halagaa dha. Yeroo itt gaafatammi dhufu garuu, empayericha waliin ijaarre jechuutt ka’uu. Oromoo daalleen tokko tokko kanaan ni boonuu. Qooda fudhannaan saani abba tokkoota guutummaatt itt baqan, duubbee saanii kaasuun laguu ta’e; akka garbootaa, ashkarootaa fi hojjetaa dirqii haaluu barbaadu. Oromoon akka sabaatt takkaa isaan waliin fedhaan tokkeessoo qabatanii hin beekanii. Anjabaan saani hundi empayericha akka jirutt olhantumaan bulchuu itt fufuufii. Gitooti fudaal akka saanii coollibanii jiruuisaanis yeroon itt quummanan amma. Dhama saaniin ummatooti godinicha akka obbolaa Afrikanotaatt tokkeessoo qabaachuun tokkummaa Afrikaa dhugaaf karaa haxaawuu. Hundi sun kan jalqabuu konfedereeshina saboota, sabaawota fi ummatoota empayera Itophiyaa jala jiran walqixxootaanii. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Waxabajjii 2023