0

Qabsoo Oromo Bara Koronaa

Oromoon birmadummaaf nafii guddaa kennaa. Qooqoti bilisummaa, birmadummaa, walabummaa jedhaman hundi ofiinbulummaa fi akka tokkoon hin bulle agarsiisuu. Afaan Ingilishiin “independence fi freedom” furaa addaa qabu. Ofiinbulummaa fi birmadummaa agarsisu. Yaa’a qabsoo keessa walabummaa “independence” kan jedhuuf dhimma yoo itt bahamuu eegalu, jarri kaan “freedom” tahutt fudhatamaa jiru. Akka feenett haa furannu Oromoon walabummaa fi bilisummaa caalaa waan jaallatu hin qabu. Addi Bilisummaa Oromo sana calaqisa. Walabummaa Oromiyaa, bilisummaa ummata Oromoo deebisee gonfachiisuuf ijaaramee. Gara sanattis alii dagamaa, alii ganama, alii gufachaa fagoo dhufuun jijoota hedduu galmeeffate ture. ABOn amma ergamsa Oromummaa gargar kutee Itophiyummaaf kan jilbbeenfate fakkaataa. Gidraan ABOn uumameef garuu ammayu hin dhabsiifamnee.

Kaayyoo ganama goototi kufan yayyaban gad dhiisuu didee kan itt ciche ABO QC ture. Anga’ooti fedha Oromiyaa irraa qaban utu ABOn hin beekin, ABOn bakka lama, kan nagaa jaallatanii fi lola jaallatanitt cabe jira jedhan. Sana jechuun alaan waan hin dandahamneef keessaan baqaqsu qaata eegalan jechuu dha. Murna QC uume kan durse lola jaallata jedhame. QCn Xinnoo tahus kaaayyoo qaata ganamu dhaabsisee ture. Garuu humnooti faallaa amma isa mucucaachisutt milkaawanuu, ayyaana sabichaa ABO mucuceessuu hin dandahani. Dinni waan inni dhaabbateef jedhee, kan jibbu fi balleessuu yaalu maqaa ABO jedhu fi sagantaa saa malbulcha isa ganamaati. Garuu akka hin badne Oromoon qaabannoo gootota ofii yeroo hundaa Ebla 15 ayyaaneffatu keessaan jiraachisa. Qaabannoon Gootota Oromoo karaa dabaankufota Shinnigaa bara baraan haa jiraattu!

Waldhabdee keessaan maqaa walitt baasan keessaa tokko Shanee dha. Diinni amma maqicha ABO jedhu irratt xiyyeeffatee jira. “ONG Shanee” jechuun dabballee mataa ka’ee hanga gandaatt itt duulaa jiru. ABO Shanee kan ittiin jedhan maqaa jijjiirratu malee baraaramuuf kan deemu hin fakkaatu. Dhaabicha ganamaatt kan gaalchu yabboo irratt kan hafe isa qofaa. ABO dhugaa garuu garaa uumataa keessatt waan seerameef humna balleessuu hin qabani. Gaaf inni bahee dhangaa dha’u ni dhufaa. Inni kunis wanti dhufe haa dhufu yaada jijjiirratee Kaayyoo sabaatt cichuu yk maqaa jijjiirachuu malee isaan tahee jiraachuu itt hin dhiisanii. Itophistootaaf, eenyu dhimma Oromoo lallabaa Itophiyaa tahuu hin dandahu.

Sun kan agarsiisu, barbaachisummaa kanneen Oromummaatt boonan utuu utaalanii Itophiyaa waliin kan dirrisu duukaa hin bu’in dura dhoofsisuun akka irra jiru. Oromoon si’achi nakkarii malee ashkarii Itophiyaa tahuu hin dandahu. Amma hamaan maqoota lama yabboo malbulchaa irra jiran irratt xiyyeeffatamee jira; ABO fi Jawar. Sagantaa meeqa jijjiiranu maqaan ABO jedhu hama badutt fudhatama hin argatanii. Lachanu kan jibbaman fedha Oromoo fulduratt fidu jedhamanii malee maqaa saanii qofaaf miti. Jawaar hagam Itophisaa tahuyyuu, maaqaa, dandeettii fi dhaadannoon saa, “An dura Oromoo dha” jedhuu, hisatoota dudhaatissoo Amaaraa ni baaragsisiisa. Kan isaaniin fudhatamu fedhu annisaa Oromummaa haaluu qaba. Kanneen ijaaramne jedhan, sana akka hin goone iggitiin hin jiru. Barichi Korona qofaan dhufuu utuu hin tahin ilamaan Oromo eessa gahu jedhaman meeqa salphise. Duruu hoffaa agadaa fakkaatanii ijjaajjan tahuu saxile.

Dhaboti maqaa Oromoon jiran, fedha dargaggoo Oromoo guutuuf haalli isaan keessa of buusanii fi ilaalchi gola taahitaa irra jiruu waan dandeessisu hin fakkaatu.

Barichi Korona qofa utuu hin tahin ilamaan Oromo eessa gahu jedhaman meeqa salphise. Duruu hoffaa agadaa fakkaatanii ijjaajjan tahuu saxile. Dhaboti maqaa Oromoon jiran, fedha dargaggoo Oromoo guutuuf haalli isaan keessa of buusanii fi ilaalchi gola taahitaa irra jiruu waan dandeessisu hin fakkaatu. Barri Koronaa kun hunda laashessuu dandahuyyuu firoomsatt golli moo’aa jiru anjaa way qaba; sababa Koronaa too’achuun hirree saa ummata irratt akka hin cimfanneyyuu ni sodaachisa. Inni bakka fedhett socha’uu yoo dandahu jarri mormituu fi kan ummataa o’an manaa akka hin baane jedhamanii jiru. Bara Korona kana sochii bilisummaa seeraan tolfamu hireen saa kanuma ta’aa. Labsa ariitii maleeyyuu ajjeesaan battalaa fi hoomaan hidhuun akka shakalamaa turantu himama. Haa tahu malee, Koronaan balaa dhaa akkamiin eenyuun akka it muru hin beekamu. “Baraar!” jechuu qofaa.

Kun, bara mirkanbeekiin uumama fi hawaasomaa sadarkaa seenaa ilmoo namaa keessatt argamee hin beeknett guddaatee. Sana jedhaa yeroo ilmaan namaa ilbisa ijaan hin muldhanneen Golfaa 19n lafarraa haxaawaman waan goonu dhabuun, callisnee darbeen keenya yoomi laata jedhaa eeggachuun waan qaaniitii. Kun kan surrii qofaa gaafatu waan taheef, kan qawween nu qaanesse caalaa. Sunis ta’ee jara eegala deebii kennuun dura bu’anii nurraa ittisa jiran hin irraanfannuu. Hedduun keenya qilleensaa fi bakkee mana keessaa ala jiru sodaachuun da’oo manatt dheessinee jirra. Utuu hin abbalin ajjeesaa walii akka hin taaneef walitt dhiheenyi nu shororkeessuun, wal irraa fagaachuuf dirqisiifamaa jirra. Oromiyaa fi magaalaa mummitii saanii Finfinnee keessatt, yooma maddi badhaadhina saanii Oromiyaa tahullee, dureeyyiin Oromomitootaa fi kittalliyyoo saaniitii. Biyyuma ofii keessatt Oromoon hiyyeeyyii dha. Eessaayyuu haa tahu nannaa keessan ilala, qabeenyi naannaa agartan kan eenyuutii? Manneetii, Gamoo, konkolaataa gaggaariin hammammtu kan abbaa biyyaatii?

Diingadeen bu’uura aangootii. Kanaafi, Oromoo irraa mirgi dhalootaan diingadee saanii irratt qaban kan mulqame. Akkasitt kan aangoon malbulchaa saamtotaa fi kittillayyoo saanii harka Itt yaadamee karoorfamee kan seene. Golfichi faanfana hin beeku jenna. Haa tahu malee, dureeyyiin bishaan, saamuunaa, bakka gahaa fi nyaata gahaa manaa qaban qajeelfamma ogeeyyii fayyaa hordofuun carraa Koronaa fagootti ofirraa ittisuu yaaluu qabu. Oromoon sana hin qabanii. Oromoon sanneenii fi watattaa biraa jereenyaaf barbaachisan dhabuu dha kan birmadummaaf sossoose. Sanatu ABO dhalche. Hardhallee kan bira gahame, an Oromoo dha, Oromiyaan kan Oromooti jechuu fi Oromummaan boonuu qofaa; qabeenyichi ammayyuu fagoo jira. Kun hundi utuu beekamu bilisa baatan jedhanii galtuun jeekkaran jiru. Hanbaan kan darbatameef hundi qooqa ummatichaa hubataa hin jiranii.

Oromoon akkuma malbulchaaf tahan dhukkubichaanis salphaatt gaaga’amuu dandahu. Rakkinni Oromoo sanaa. Waan barbaachisoo sanatt saaqaa hin qabanii. Kanaaf murannoo fi umsatummaan barbaachisaa dha. Sanneeniin madaalli badhaadhinni jallise surrii Oromoon sirraawu qaba. Waa’ee taatee haaraaf iyyaatii dhabuun ummati keenya akka hin dhumne sabboonota irraa guddaatu eegamaa. Heeraa fi seerota Itophiyaa yoo ilaalan caasaa mootummaa demokraatawaan kan jijjiirame fakkaata. Dhugaan saa garuu sirnni Nafxanyaa keessaan ijaarame sana akka hin hojjenne waan tolcheef bu’aa lafaa, qabeenya ofii fi mirga walabumma argamsiisuu malu hin

argaamsiifnee. Akka dudhaa Itophiyaa jaarrota hedduutt, amma Koronaa firrisamee hidhaa, ajjeechaa fi badiisi naannaa uumaa, sadarkaa qacefixiitt ilaalamun gaggeeffamaa jiracutu himama. Kajeelfammii fi fatwaan abboolii amantee Abrahamawaan Golfa 19 (CODIV19) ilaalchisee darbaa jira. Waaqfataanis bahanii ummata Waaqaa qacefixii irra hambisuuf akka araara buusu Waaqa saaniif hooqubaa galchu jennee haa abdannu.

Yoomallee humna saanii riphaa hundatt dhimma hin baane Oromoon qabsoo saanii bilisummaa sabaan karaa fagoo dhufanii jiru. Waggoota dhibbaa oliif qabamanii turuun nafiin saanii falamee gocha irratt murteessuummaa dhabsisaa jira. Qabsoo saanii irratt wayyaa hojjechuun yeroo irraa eegamutt Hedduun dudhama fi kutannoo dhabuu, daddaaqina agarsiisuun mallatoo tahaafii jira. Tokko tokko Oromummaan uumaa fi Itophummaan irraan itt gonfame barbaachisummaa of tahuu dhabsiisuun afanfajeessaanii jira. Bu’uursitootii ABO maal jecha kaayyoo sabaa fi manii qabsoo lafa kaa’anii turani. Bututi qabsoo fi dandeettiin hanqachuun, jijjiirama yeroo, keessaayyuu kan baaquleessaa (globalization) sababfatanii qabsicha keessaa duubatt akka deebi’an tolchee jira. Salphaamatt kakaa jaallewwan saanii waliin galan kositt dabalanii jiru. Kaasaa sabaawaa fi seenaa sabichaa utuu roga hin dhabsiisin faajjii saanii jaalbiyyummaa dhaloota haaraatt dabarsuun qooda saanii ture. Garuu isaan ofittummaa fi kolomsiisa diinaaf jilbeenfatanii.

Hoogganooti kan ummataa saaniitt dabalanii akaaku addaa qabaatan malee halagaa waliin qabsicha fulduratt dhiibuun rakkisaa taha. Oromoon haiiroo ilmoo namaa fi uumaa hundaaf seera qaba. Seeroti uumaa fi namaa cabsuuf ulfoo tahanuu, wayyeessuun ni dandahama. Kanaaf, hogganooti yeroo halagaa aadaa seeraa addaa qabu waliin dubbatan akki itt irra darban jiraachuun barbaachisaa dha. Oromoon dudhaan waan hallett akeeka safuun dhihaataa. Innaa jara aadaan safuu hin beekneen walitt dhufan dalga yoo itt galu argamu. Waan jarri kaan fedhan jalatt kufu yk arrabsamuun itt dhagahamuu aariin buubuu. Kan dhabdee qabu garri hundi yoo hangammeessaa safuu isa kaanii hin qayyabanne walitt araarsuun rakkisaa taha. Tokko tokkoof namatti darbuun amalaa aadaan dhufee, isa biraa akka mufachiisu itt hin mullatuu. Qaaqa adda addaa qubqabsiisota irratt gurguddoo Amaaraan godhamu Oromoon akka sanatt ilaaluu. Arrabsoo fi sobii Oromoo finiinsa. Karaa biraammoo gurguddoon Amaaraa dhugummaa gabaasaa utuu hin tahin dhugaan maaf ambatt himamee iyyuu.

Kanaaf wanti akkas akkasii dhoofsisamuu ni dandaha. Garuu kaayyoon sabaa hunda irraa cichooma gaafata. Safuun kanneen ilaa fi Ilaamee fudhatan malee ofjajjuu ofirroo waliin hin tahu. Oromoon akkuma ormii kan saaniitt darbuu hin fudhanne, isaanis kan ofii waan hin taane hin gaafatanii, Waldhabdeen si’anaa, kanneen qabamuu Oromiyaa irraa bu’aa argatanii fi Oromoo saamicha hin mullanne suduudaa utuu hin tahin, caalaatt waan caasaa ilaalu. Fooyyesi qabiyyee lafaa fi federalisim fudhatamuun haa jiraatu malee Oromoon qabeenya saanii fi hiree saanii irratt yayyabaan too’annoo dhabsiifamanii. Kan erbala irratt agarruu fi fakkaattiin mullifaman, waan dhugaan tahuutt jirurraa maqsuu qofaafii. Oromoo waliin nagaa buusuuf qaceen caasaa Itophiyaa dullattii haqamee haaraan irratt waliigalamuun bakka buufamuu qaba.

Fedhiisa malbeekii tokko tokko quufsuun ni barbaachisa taha. Garuu sodaan hawaasi sabgidduu ni mufataan, gaaffii ummata ofii qajeeltuu fi seerawaa tahe, hanga inni “hamaa xaliilaa fi as jiru” namummaaf hin qabnett, dhiheeffachuutt gufuu tahu hin qabu. Hawaasi malbeeki (diplomatic) qajeelaa fi hin baabsinee tahe, bu’aa ummata cunqurfame dura dhaabbachuu hin qabu.

Yoo sana tolche, jobraa korporeet fedhi ofii jaamsee nageenya namummaaf dhimma hin qabne qofa taha. Diddaan nagaa Oromoof filmaata jalqabaa yoo tahu karaan biraas waan hin dandahamne mitii. Aanga’oo fi kanneen teknoolojiin guddatan mirgoota saanii irraa faccisuuf karaa dandahamu hundaan bakkicha irraallee utuu hin hafin qophaawaa jiru. Kanaaf akkaakuun diddaa kamuu, yoomuu, eessatuu baasaa ala hin tahu. Ummati tokko hunda dura ofiitt amannan, tokkummaa saa eegnaanii fi jarmaa cimfannaan waa’eee mirga ofii irratt eenyu maljedhinnaf durfannoo hin kennu.

Hisatoti Amaaraa, Amaaratu Itophiyaa uume yoo jedhan, jarri dogoggoraan Itophiyoo of se’an akka arrabaatt fudhatan. Achii, ofirrummaan abaarutt kahan. Garu hisatooti Amaaraa kan dubbatan waan itt amanan malee akka isaan hubatanitt ofirrummaa hin qabu. Isaaniif sun jecha dhugaa qulqulluutii. Rakkinni jiru Amaaraamitooti dubbii akka hin taanett ilaaluu dha. “Gaarii farda fuldura kaa’uu” isa jedhamu tahe. Impayericha nutu ijaare yoo jedhan garaa garummaa qooda Kulii (ba’aa baattuu) fi isa ijaarsisuu beekuu qabu. Dhoofsisi akka ibantaa walqixxeett fudhatamuun dursuu qaba ture. Ibantaa tahuuf kan deemu hundi garaargarummaa ilaalchaa aadaan qaban qayyabachuu yaaluun barbaachisaa dha. Buusoti itt haanan waa’ee Itophiyaa tuqaalee tokko tokko ni ifsu taha.

Tokkoffaa, Ummati Kuush Argaa dhageettota Grikiin Itophiyaa kan jedhame Masirii achi Marowee fi Napaataa wiirtuu godhatee jiraate. Mootota Kandasee fi Phara’oo jedhamaniin hogganama ture. Griikootaan kan moggaafame Dhaloota Kirstoos dura waggoota 800 caalaa kan jiraate Itophiyaan dhugaa sanaa. Sun dhaalmaa Qarooma saa, Gurraachi hundi dhahachuu kan dandahu fi Oromoon caalaayyuu itt dhihaatu ture.

Lammaffaa, empayera Itophiyaa Saboota Tokkoomaniin (UN) beekame issicha amma jiru. Gara waggaa dhibbaa fi soddoma dura ogummaa fi meeshaa imperiyalota Awuropa argateen kan uumame ture. Ergasii gadi qaba aangoo Afaan Amaaraa dubbatu kan sirna Nafxanyaa jedhamee beekamuun gaggeeffama ture. Utuu Nugusa Nugusootiin darbe ifaan hin galmeesiniin, addunyaan akka Abisiiniyaatt (Habashaa) beekaan ture. Kan seeraan gaafatamuu dandahu, sabootaa fi sabaawoti dhimma biraa qaban isa kana. Kun heera gaffii saanii deebisuuf irbuu itt seene qaba.

Sadaffaa, Itophiyaa inni biraa raajii Habashaa keessatt kan argamu. Inni kun uumaa empayera Itophiyaa irra dibbee dhiheessuu yaalaa. Biyyi mootii kooraa baddaa irra qubattee turte irra ilaalamtee, surrii dhiqaan waggootaa fulduratt fidamee. . Raajii kana kan akka ummatooti jalatt hacuucaman hin birmadoofnee fi empayerichi akka haala waggoota dhibbaaf shantama turanitt sololi’uun hin qaarine gufuu itt tahaa jiru. Raajesitootaaf empayerichi erga uumame waggoota kuma sadii ol lakkaawwata. Empayerichi barabaraan jiratas jedhuu Maddi mootota saa hariiroo saalaa Mootii Israa’el Solomoonii fi Mootittii Saabaa gidduu ture. Tokko tokko gudeedama yoo jedhan kaanimmoo dagaan fedha argame jedhu. Mandarooti Saabaa jedhaman biyya Kuushii fi biyya Arabaatt argamu turanii.

Arabooti durdurii walfakkaataa qabu. Moototi saanii, yartuu gidduu seenaniif malee, caalaan akka madda saaniiti ilma hariiroo saalaa sana gidduu dhalate dhahatu. Seenaan himatu garri caalaan kanneen Itophiyaa dhugaa irraa hatamanii. Waanti saa maaf raajii tahe yoo jedhame namootuma horeen saanii Afrikaa tahuu beeknutu muuda qeesii tokkoon Soloomoonawaa waan ta’an jedhamuufii. Bu’uurri raajii kanaa akka hedduun amananitt kan buufame jaarraa 13th keessa dhaloota Kirstoos duuba empayera Otomanii fi Galmistana Koptii Masir isaan jala tureenii. Akka

jedhamutt, “Fetaha Nagast fi Kibire Nagast” kan jedhaman yeros kettolee saanii Beeta Amaaraa keessa turaniif akka ittiin bulan kennameef. Akkasiti ture biyyi harka sadii keessaa tokko hanga 1959, bara Phaaphaasiin Amaaraa bakka Nugusa Nagastiin jirutt Qaayiraatt muudamett, kan Pappasii Masir jala galfame ture.

Mirkaniin jiru, akka empayerri Itopiyaa gara dhuma jaarraa 19faa biyyoota moototaa fi republikoota ofiinbuloo kibba biyya Habashaa jiran qabachuun uumame. Hariiroo sana jijjiiruuf addi bilisummaa sabootaa fi sabaawota koloneeffamani adda addaa uumamanii turan. Qabsoon addota sanaa hariiroo malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa qabama sanaan uumamanitt jijjiirama hedduu dirqisiisee. Sabi Oromoo badiisa itt hojjetaman, Teedros II hanga sirnoota Nafxanyaa isa duuba hanga hardhaatt jiraniif nagaa fi tasgabbii naannichaa jedhee aagii tufuu ni dandaha. Garuu akka galte karoora ammaa fi barnoota borii tajaajilaniif gonka irraanfachuu hin qabanii. Sun utuu jedhamaa jiru abdattuun sirna Nafxanyaa hanga yoona raajichatt cichiteema jirtii.

Dhaabota Oromoo keessaa kan hisatoota Habashaan baayyee jibbamu ONGtu (ABO) argama. Amma sadarkaa dhumaa kan gahame fakkaata. Sadarkaa kanatt yeroo malbulcheesitooti qabsicha gaggeessan yaadaan gargar deemanis mullataa jira. Walii baha gantootaa fi goototan, dilii inni dhumaa mancaasaa tahuu dandahaa. Tokko tokko republikii ummata dhaabbatanii ofin bulummaa labsachuu filatuu. Haa tahu malee, tokkeessoon sabootaa fi sabaawota Afrikaa fedha irratt hundaawe akka itt uumamuu dandahus agarsiisanii jiru.

Kaan kaanimmoo, empayera demokraatessinee koloneeffataa keenya waliin jiraachuu ni dandeenya jedhu. Saba koloneeffataa kessa kan afaan Amaaraa dubbatan tokko tokko wayyeessa hanga tokko itt tolfamee akka jirutt itt fufuu qaba jedhuu. Jarri akkasii raajii gubbatt kahe dhahachuun biyyichi guutummaatt bara hin yaadatamnee kaasee kan saanii akka tahee fi ummatooti irra jiran kaan gabbaarii saanii, kaanimmoo weerartu alaa dhufte tahuu dubbatu. Kanaaf jijjiirammi empayericha irratt tolfamu kamuu fedha saanii irratt hundaawuu qaba jedhu. Waldhabdee naannaa jiruf falli isaan dhiheessan mirkanii lafa jiru irraa ka’anii utuu hin tahin raajii durii du’aa kaasuunii. Kanaaf fala hin tahu.

Ofiin bulooti mirga sabummaa ofii, ofiin murteeffachuutt amanu. Empayeri democratawee waan hin beekneef, empayerri diigamuu malee demokraataweewaan hin beekneef hin fudhatanii. Tokko tokko UKn empayera guddaa bitaa turtuyyuu demokrasii taatee haftee jedhu. Britaniyaan utuu biyyoota addunyaa hedduu of jala oolchitee empayera hin ijaarratin demokratawaa turte. Biyyooti jala turan gara barbaadanitt akka deeman gaddhiiftee ofii qubsa see eegalaatti dachaate malee empayera see hin demokraatessine. Hidhata laafaa “Koman Weelz of Nations” jadhamu qofaan hunda ofiitt furgaasa hitee. Qaammi see eegalaa Ireland, Skotlandii fi Wales seenaa dheeraa mootiin tokkoo kan biratt darbee moo’aa turuu qabu. Amma garuu UK irraa dacha’uu gaafataa jiru. Jarri kun kolonoota utuu hin tahin mootota dorgomtoota UK (Biyya Mootota Tokkome) waliin uumanii. Hangana waliin turanuu sabboonummaan ummataa gadi qabamuu hin dandahuu. Hanga sun hubatamutt rakkinni empayera Itophiyaa furmaata hin argatu.

Empayera Itophiyaa keessatt dhaaboti imperiyaal hundi akka hin dhinnett qabsoo sabootaan meelatanii jiru. Raajesitooti Galmistaana akkuma rimsama nugusummaa maddi saa Masir tahe qofatt hafanii. Galmistaanichi dur utuu nugusichi hin kufinii kaasee didhchiifammi keessaa mudataanii ture. Humnooti wayyeessa tokko tokko, kaan yaadcichaa (dogma) irratt, kaanimmoo

bulcha irratt xiyyeeffatan gaggeeffamaa turanii. “Tahaaddisoon” fakkeenya isa duraa yoo tahu dameen Ortodoksii afaan Oromoo dubbatuu, Manni Lubummaa Kiristinnaa Oromiyaa isa kan biraatii. Kan caalaa isaan aarsaa jiru raajii Solomoonii fi Saabaa jara duraan midhaaffame raajummaa dhabsiisa jedhanii kan sodaatan isa kanaa. Amantooti afaan Amaaraa hin dubbanne Waaqa keenya waliin afaan halagaan hin dubbannu jedhanii didhchiisaa jiruu. Sabi saanii kolonummaa yoo didu, isaan Galmistaana koloneeffataan itt fide guutummaatt ciiga’uu dhiisuun kan isaan galateeffachiisu ture. Gumaacha saanitt lakkaawamuu kan qabu abbaltii Synodicha addaan baasuu akka hin qabneef, jara saanii malbuchaa, finnaa Oromiyaan gamtoomanii dame afaan Oromoon gaggeeffamu ijaarra jechuu saaniitii. Ammumaa kaasanii Galmastanicha ummata tokkott hidhuu dhaabun Kiristinnaa akaakuu saaniif bu’aa qaba.

Hamma olhaantummaan sammuu Amaaraa keessa gadi fagaatee jirutt, raajesitoti gaaffii dhugaa amantoota Oromoo fudhachuun ni rakkisaanii. Galmistaanni ilaalchaan akka kan sabgidduutt malee dhiphisanii akka kan Amaara qofaatt fudhachuun hin baasuu. Tajaajilli Galmistaanichaa daarii empayeraa ala ilmaan namaaf akka tahutt ilaalamuu qaba. Afaan, aadaa fi ilaalchi ummata kamuu ummata ammayyaa irratt fe’amuu qabaata jedhanii yaaduu seerawummaa fi safeeffanna akka hin qabne xinnooma maalifeessuun itt ifsa ture. Afaan Amaaraa fi seenaa fi aadaan Amaaraa sana irraa adda hin tahani. Waaqayyo hin jedhin malee, kanaan itt fufnaan dhummisaa musziyema keessa taha.

Ifatt mootummaan Itophiyaa amantalaa fi republikaawaa dha. Garuu yeroo inni heeraa ala mootummaa Nugusaawaa, ofaangessaa fi amantaawaa fakkaatu jira. Kanneen gibira baasan waaqtokkee yk amantoota qofaa mitii. Heerri Itophiyaa sana heduun yayyabamee. Kanaaf qondaaloti mootummaa amantee saanii waajjira kan gibira baasan itt kaffalan utuu hin tahin galma ofii keessatt qofaa shaakaluu qabu. Akeeki amantalummaa sana. Bulchi kun mootummaa cehumsaa ofiin haa jedhu malee, miirri saa jara fagoo isa dura turaniin, kan bara baraa of fakkeessuutt adda addummaa agarsiisaa hin jiru. Yoo ergamsa saa irra ilaaluun fooyyessaa ofiin jedhu fudhanneef, irraa ka’i saa kan dhiheenya ture irraa malee, wayyeessuu jechuun duubatt harkistuu jechuu waan hin taaneef kan waggaa dhibba duraa tahuu hin qabu. Garuu ergamsi saa hanga aangoo mootummaa kennatamutt dabarsutt hojii mootummaa guyyuu qofa gaggeessuu dha. Sun hafee faallaa sanaa, raajii imperiyaalaa darbee yaaduu saa agarsiisaa jira. Kanaaf gaaffii Oromoo deebisa jedhamee hin abdatamu. Gaaffiin Oromoo kan deebisamu kanneen imperiyala durii balaaleffatanii fi daayaa obbolummaa, walqixxummaa fi birmadummaa ummatoota Afrikaa qaban qofaanii. Mootummaan amma jiru haa tahu ummati kamuu hiree Oromoo haa tahu kan uummata kamiiyyuu irratt murteessuuf mirga seeraa haa tahu kan safeeffanaa hin qabu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Ebla 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *