0

Kayyoo, Dhukkuboota Malbulchaa fi Koronaa

Kaayyoo Oromoof dhukkubooti malbulchaa fi Koronaa qormaata ta’aa jiru. Dhumiisi malbulchaan dhufu gara caalu foo’ee waan taheef kan ajjeesutu dhowwa malee kan hafe du’aa saa awwaallachuu ni dandaha. Koronaa fanfana malee walitt haxaawuun kan awwaalu dhibuu dandaha. Lachanu yakki saanii qacceefixiisa. Koronaan buubaa, hawaasa ilmaan namaa lafarraa haquuf dorsisaa jiru tahuun hundaaf xaliila. Ilmoo namaa balaa walfakkaatoo jala darbee hardhas jiraa. Fuldurattis ni jiraataa. Koronaan faallaa ilmaan namaa malee dhukkubootatt hin bu’u. Garuu akka malbulchaa dhimma itt bahaa. Dhukkubooti fi munyuuqxuun biraas hala Korona jalatt of golganii, xiyyeeffannoo ogeeyyii fayyaa jalaa miliquun nama hubaa jiru. Oromiyaa keessatt waa’een gifiraa, koleeraa fi Hawaannisaa heddu dhagahamaa jira. Garuu Koroonaan hunda saanii hamma hin jirreen tolche. Namooti hireett amanan, hanga Golfaa 19 (COVID 19) naannaa jirutt waa’ee dhimma biraa hin kaasinaa jedhan jiru.

Garuu, hangi tokko dhumnus hawaasi kan hafan waliin ittuma fufa. Kanaaf Koronaa irratt hojetaas, waa’ee egeree yaaduu hin dhaabnu. Taatee hundi, Koronaa gadi waan jireenya kanneen hafanii hin hubneef, hamaan malbulcha, diinagdee fi hawaasoman dhufu akkuma Koronaa nu dhimmamsiisuu qabu. Kanneen nutt aggaammataa jiran dhukkuba gandaa, naannaa fi biyyoota gidduu, beelaa fi malbulchaa fa’i. Kanneen keessa kan dura dhaqabe utuu nuwi hin ukkaamsin, firrisnee yaada keenya lallabachuu qabna. Gaaf tokko dhimma baasu taha. Gara kaayyoo keenyaa, abjuu, bilisummaa, ofiinbulummaa fi daaya keenya guddicha jireenyaa waliigalaaf qabnu hojjechuuf abdii kutannoon nutt galuu hin qabu. Dhaalmaa qarooma guddaa duubaa waan qabaniif kan daaffisu irra kan abdatantu caalaa.

Kaayyoon saba tokkoo ganamuu ni dandaha. Garuu balleessuu eenyuu hin dandaha’u. Yeroof ni riphaa malee deebi’ee kan yaalett mataa bowwuu ta’a. Hamma dhugoomutt eessayyuu hin dhaqu. Qabsaawoti ganamaa yeroo hunda akka miseensota saba bilisaa fi ofiin bulaatt of fudhatu turan. Lubbuun saanii qabbana haa ciiftuu. Hariiroon qaban hundi kan kana calaqqisu. Oromoon dhugaa, seeras safuus hariiroo kamuu jalatt hin cabsu. Sun mallattoo saba saaniitii. Safuun walitt qaba seerota uumaa kanneen nafii Oromoon hariiroo walii fi uumaa naannaa saanii jiruuf qaban calaqisaniitii. Kanaaf safuun akeeka ulfoo Oromummaa, Oromo hundaan eegamuu qabu. Safuun madala akkaa fi akkamalee; qajeeltuu fi daba gidduu eegaa. Amantiin, “Kan deegaatt roorrise hin badhaadhu” jedhu fakkeenya tokko. Amantii safuuf qabaniif, Oromoon jaboon akka anjaa hin taane tokko kan biraa irratt fudhatu hin hayyamanii. Kanaafi kanneen dafqa namaa irratt hirkachuu baran, kan Oromoo tokkoome jaba hin feeneef. Oromo dadhaboo fi addaan babahoon ofiifuu nanyata biraa ta’uu malee naannaa saanitt akeeka saanii bu’uuraa kabachiisuu hin dandahanii.

Kanneen qayyabannaa Oromoon shira kanaaf qaban dagatan jiru. Oromoon yaada yaadaan, humna humnaan qolachuuf dandeettis beekumsas gaha qabu. Dhuguma, farri keessaa dhalatan tokko tokko gufuu itt tahuu hin hafne. Oromoo fakkaatanii hammeenyaan ka’uun, ilmoo namaa ulfoo arraba namummaa baasuun arrabsaa, afaan badaa ooluu hojii kan godhatan jiru. Jarri akkasii kanneen dirqama Oromummaa hin bahanne, siicoo Oromoo malee Oromoo mitii. Yeroon arrabsoott badu utuu qabsoo sabaaf galte tahee akka amma agarru ofirroon tuffatamanii hin salphatan turanii. Sunis tahee, Oromoon gara bilisummaatt tarkaanfii jalqabaa bu’uura tokkeessoo federeeshina 1991/92 kanneen biraa waliin buusuun fudhatanii jiru.

Haa tahu malee utuu sun heera federaalaatt hin guddatin moggeeffaman. Jijjiirama taheen Oromoon tokkeessoo federeeshinaa jabeessuuf kanneen biran walitt dabalamanii jiru. Garuu miseensoti federeshinaa tokkeesicha ammayyuu hin dhuunfannee. Angoo hammaa bahan machaawuun heera innumtuu maqaan itt dhahame hojiitt jijjiiruu irratt dubatt harkiftootii ABUT keessa jiran ganan. Haa tahu malee heericha akka fuuloo ofaangessummaa saa dhossuufitt dhimma itt bahe malee kosiitt hin darbanne. Kennaa sirna nafxanyaa jibbuu baatullee, gadqaba Amaara irraa walaba tahuuf federeeshina kan leellesu fakkaata. Amma kanneen federeeshina hin jaallannee fi sirna Nafxanyaa imperiyaalaa leellisan “huna tokkummaa” ofiin jedhantu qoloo afan Amaaraa dubbatan jalaan as bahe.

Kanaaf demokraatotaan qabsoon mirga hirdhate guutuu itt fufaa. Waan Itophiyaa Dullatii tokkeessoo haaraatt makuun ummatoota addaa fageeessuu fi wal ciigaasisuu taha.

Yoo tokkeessoon dhugaa uumamuun barbaachise, dhimmoota sabootaa fi sabaawoti nafii waloo qabaniif qofti fulduratt fidamuu qabu turnii. Moo’ummaan tokkeessoo akka sanaa hanga finnooti kennaniif qofa malee kan Itophiyaa dullattii irraa dhaalame hin tahu. Angoo akkas jirutu qajeelfama, danbilee fi seerota federeeshinni waliqxootaa fi birmadoota ittiin bulu baasa. Ummata ofii wiirtuu godhatanii gara sanatt hojjechuu malee waca abdattu sirna nafxanyaaf gurra qeensuu mitii, “Sareen nama ciniintu hin duttuu” jedhamaa. Oromoon mirga dhalootaa yeroo Oromiyaan qabamte jalaa butameef qabsaawu. Horeen jara qabatanii garu durooma kuufatanii fi carraa Oromoo dhabsiisun argatan eeggachuuf qabsaawu. Dhoofsisaan, durooma seeraan argatan hambbifachuu danda’u ta’aa; carraan Oromiyaa deebi’anii saamuu garuu garaa haa kutatanii. Oromiyaa kana achi, kan halagaa fi keettolii saaniin bulfamuu hin dandahamne akka taatu haala jiru irraa ifaa dha.

Burjaajii hidhata biyya bulchuu keessatt dhalateen haala duree tokko malee dhaaboti Oromoo Itophiyooma jiru. Haa tahu malee, mirgoota sabummaa Oromoo bu’uuraa haqsiisuu hin dandahanii. Oromoon naannaaa sanatt nakkarii Itophiyaa tahuun dagatamu hin qabu. Wan isaan barbaadan isaanuma malee qaammi biraa murteessuufii hin dandahu. Gaaffiin Oromoo bu’uuraa mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu yeroo sabichi barbaadu nagaan hojiirra oola. Achi gahuu hariiroo miltoleetu murteessaa. Jija aarsaa meeqaan galmeeffame sadoon kamiyyuu yeroof gatantarsa malee xurree irraa ceesisuu hin dandahu. Dhalooti haaraan caalaa beekaa, warraaqaa, bilisummaa caalaa leellisaa, dhaloota Qubee, afaan ofiin baratee afaan ofiin hojjetu. Eeyuu akka inni itt buluuf ijoollee ofii itt guddifatu, lafa saa fi qabeenya saa gurmeeffatu itt hin himu. Kanaaf hunduu kara karaa deemuun hin fedhamu yoo ta’ee, kan waliin jireenya itt fufuu barbaadan hundi taa’anii dhoofsisuu qabu. Kanaa achi filmaati waaraan hin jiru. Sirna imperiyaal itt fufuu yaaluun bulee dhimma hin baasnee dhaa.

Oromiyaan bala nammi uumeen caccabdee waan jirtuuf rukuttaaa kamiifuu haajjisaa. Amma Golfaan 19 (COVID 19) miirri hin beekamne, empayera Itophiyaa seenuun haajjisummaa ittuu cimsaa. Addunyaa keessaa biyyi inni baraare hin jiru. Oromiyaa fi ollooti see qabsoo golfaa kana irratt godhan addunyaa waliin qindeeffatanii keessaan laalummaan gamtaa argamee hin beekneen itt duuluu gaafata. Dureeyyiin illee kophaa waan hin dandeenyeef walii birmataa jiru. Uumaan dhukkubichaa tokko dhukkuffatee kaan fayyaatt kan hafu mitii. Silaa, tokko yoo kan jibbu gidiramu “Ishoo!” kan jedhu hin dhibu taha. Garuu hunda walitt kan cagadu waan taheef walii tumsuun dirqii ta’aa. Koronaan hunda golee ofiitt galchee jira; mee hundi golee fi humna bilisa kanneen biraa weenna’uu irra yeroo want halle darbu abbaan golee kana haa cimfatu. Kun taanaan tokkeessuu kan fedha qabanii cimaa wiirtuutt ijaaranii haleellaa walfakaatan eger yoo dhufe jabaatanii jala ijaajjuu isaan dandeessisaa. Koronaan dheekkamsa hin yaadamin, dhukkubnan wal gaafachuu, duunaan wal awwaaluu dhowwuun dudhaa burkuteessee. Malbulcha, diinagdee fi hawaasoma biyyootaafis hin hilu. Gaafa darbu of duubatt hariiroo hin yaadamne dhiisee sokkuu dandaha. Kaayyoo saba Oromo malbulchis, dhukkubichis wal qixa dorsisaa jiru. Dhukubichaan reeffa kanneen jaallataniillee waan godhan waldhaalanii yeroon irraa baqatan dhufuu dandaha. Malbulchi sabboonot Oromoo gocha Koronaan dorgommee fakkaatuun hidhaa fi ajjeechaan fixaa jira. Kan dhufu hunda ugganii jannumaan simachuuf qophaawuu dha. Ilmaan namaa bololaan afuufaman, ofittootaa fi ofirroota ni damboobsa taha. Haala kanan isa kaan itt anjaa fudhachuu kan barbaadu abaaramaa qofa. Oromiyaan haa jiraattu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Ebla 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *