1

Qabsoo Xumura Badde

Ummatooti empayera Itophiyaa jala jiran humnaan gad qabaman malee sarmanii koloneeffataaf bitamaniifii hin beekanii. Dargaggoon empayericha 60moota keessa ummatoota saanii bilisa baasuuf adda gara garaa ijaarratani qabsaawaa turanii. Jijjiirama malbulcha empayera irratt fidu kan dandahanis isaanii. Maqaa Itophiyaan kan bosona lixanis turan; garuu hin milkoofne, ni quummanan. Amma mataa olqabatanii jijoota sabootaa fi sabaawotaan argaman fashalsuuf kan hojjetaa jiran isaanii. Baras dargaggoo Oromoo tokkoomsuun maqaa Oromoon kan ijaarame Adda Bilisummaa Oromo (ABO) ture. Akeeki adda kanaa, mirga hiree sabummaa ofii, ofiin murteeffachuu mirkaneessuu fi sanas republika ummataa Oromiyaa ofiinbultuu fi demokraatoftuu dhaabuun dhugoomsuu dha. Kana gochuuf empayera Itophiyaa dabsachuu fi Oromoo kolonummaa irraa qulqulleessuu barbaachisa. Empayerri burkutaawu malee kolonii jalaa baasuun waan hin yaadamne. ABOn kana gochuuf karoorfatee qabsoott bobbahee. Hin buqqisin malee akka lamuu hin latnett hundee raasee jira.

Qabsoo hidhannoo nannaa kurnan lamaan jija guddaa galmeesee. Hunda caalaa ofbara malbulchaa Oromoo ol kaasuun, naannaa Oromummaatt dhaloota hiriirsuu dandahee jira. Motorri qabsoo Oromoo akaakuu kamuu Oromummaa dha. Sanaaf malee mormiin hidhatamalee 2014 jalqabee ADWUI keessatt jijjiiramii fide hin yaadamu ture. Wanti halle akka baraatt. Yeroo qabsoon nagaa hin dandahamne hidhatanii falmuun dirqii taha. Muuxannoon addunyaa kanuma agarsiisa. Qabsoon Oromo murannoo fi dudhama kaayyoof qabaniin kan eegalame xumura badaa jira. Lolli waggoota shantamaa olii kan xumuramu nagaan bu’ee, kan wallolan gidduu araarri mallatteeffamuunii. Utuu abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratt qabuu fi yoo federeshina akka irraa ka’aatt ni fudhanna jedhan, hariiroo miseensoti federeshinaa walgidduutt qaban hin mirkaneeffamin nagaa waaraa argachuun hin dandahamu. Sun utuu hin tahin, xaxaa shira Itophiyaan qophaawe keessa seenanii akka isaan barbaadanitt haala duree tokko malee deemuutu mullataa jira. Akeeki jaalbiyyoota kufaniis kan ummatichaas sana hin turre.

Empayera jigsuun karoora sochii bilisummaa Oromootii. Kanneenumtii karoora kana yayyaban yeroo inni jiguuf ka’u gadooduu saanii caalaa kan nama ajaa’ibsu jira hin fakkaatu. Biyyi faca’uuf, Itophiyaan diigamuufi jedhanii koloneeffataa isa jedhaanii turan waliin wowwaatuu. Yeroo mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu gaafatamu akka biraatt diigamuu empayeraa gaafachuu tahu hin hubatanii. Mirgichi sabichaaf mirga namummaati. Isaanif durfannoon saanii, ummata saanii malee Itophiyaa tahuu hin qabu ture. Empayerri diigamuun kan keessatt hidhamanii turan gaddhiifamuu yk birmadoomuu jechuu dha. Sun Itophiyaa dullattii karaa irraa maqsuun tokkeessoo hundaa walqixxee tahe ijaaruuf caraa kenna malee akka waan addunyaan garagaluutt fudhatamuu hin qabu. Arrabsoo, daga, sobi fi geengoo seenaa shira adda addaan duubatt deebisuu yaaluun hariiroo ilmaan namaatt badiisa caalaa fiduu dandaha. Diigamuu empayeraan balaan ni bu’a yoo tahe, isa garbummaan Oromoott bu’e hin caalu. Kanaaf Oromoon mirga hiree murteeffannaa irratt hin dhoofsisanii; gara tokkeessoo walqixxootaa haaraatt garuu ni hojjetuu,

Utuu isaan hinyaadin hingeenyeen yeroo geessu kan akkas wacaniif sammuun garbichaa qaban ofirratt hirkachuu sodaachisee taha. Yookaa, ergamsa jara yoo empayerri Itophiyaa diigame fedhiin saanii tuqamuu dandahuu qabu taha. Bilisummaa harkatt galfachuuf sararaa dhumaa irra yeroo gahan “maarshii” geeddarachuun maal jedhamaa? ABUT kan lolaan miidhaman jedhuuf beenyaa baasisee. Madoon Oromoo fi warri ilmoon jalaa du’e gaaffii malee hafani. Oromoon nagaaf yeroo harka hiixatan mirga saanii nokkorroof dhiheessuf miti. Kan mirga saanii kabajee miltoo nagaa tahuuf fedha qabu gaaffii saanii mamii malee deebi kennuu qaba. Gaaffiin federeeshinii fi sirna tokkee akkaataa jireenyaa ilaalaa. Kanaaf dura waliin jiraachuuf dhoofsisuu qabu. Waa’ee federeshinaa fi sirna tokkee wal nokkoruun yeroo saa mitii. Waliin jiraachuuf walii galteen yoo dhibe nagaan akkatt adda deeman mari’achuu dha. Hardha halagaa sossobachuu yk tuffachuun fedha Oromoo dagachuun bor gaabbii akka fidu agarree jira.

Oromoon waan hariioo halagaa ilaalu hunda irratt waltahiisan yoo uuman qofa akka sabaatt bu’aa argatu. Ilaalchi manguddoon hanga yoonaa guddifatan walitt dhufeenyaa gufuu taha yoo tahe dargaggoon itt darbanii abbaawummaa haa fudhatanii itt gad dhiisuu dha. ABOn darga’goo bara “Pan Africanism”n (Tokkoma Afrikaa) bu’uurfamee. Kanaaf sagantaa saa irratt, “Bakka dandahamett saboota biraa wojjin walqixxummaa, fedha walii walii ulfeessuu fi akeeka waldaa fedha irratt hundaaween tokkeessoo malbulchaa gara fiduutt ni hojjetaa” jedhe. Kana jechuun, mirga Oromiyaa irratt Oromoon abbaa tahu gad dhiisa jechuu mitii. Hunda biyya ofii irratt moo’aa godha jechuu dha. Kanaaf, abdattuu sirna Nafxanyaa yoo hin taane, ni dhiphatee, “zaranyaa” dhaa, finxalessa tahee jedhee kan komatuun hin jiru. Kolonii keessa, qubattuun koloneeffataa tajaajilaa baahanii fi kanneen sirna sana jalatt jireenya bu’uurfatan akkatt jiraachuu dandahan muuxannoon addunyaa jira. Jarri kun seera abbaan biyyaa bilisoome baasuun jiraachuun dirqii dha. Sun Kaayyoo ofii jijjiirsisuuf kaasaa tahuu hin dandahu.

Oromoon sadarkaa hardha jiran kan gahan kumkumoota aarsaa baasaniitu, Yeroo isaan oobdii irra gahan malli hankaaksaa hedduutu alaa manaa itt bobbahuu eegale. Alaa sirna Nafxanyaa Itophiyaa dullattii deebisanii dhaabuu kan barbaadan jiru. Kanneen kun bilisummaa Oromoon mormanii. Oromoon ofiitt hin amanne Itophiyaa demokraaftote keessatt deebii arganna callisaa jedhu. Empayera utuu hin diigin akkamitt akka demokraatessan hin himanii; lamaan walii farraa. Sabboonoti, empayera burkuteessinee dura yoo ofii birmadoomne olla keenya hariiroo walqixummaa irratt hundaawe fi jireenya demokraatawe waliin bu’uurfachuu dandeenya jedhu. Kanaaf dabbalooti Oromoo olhaanoon bara saba saanii ofiffoo ofii dura buusan, Itophiyaa tahuuf dura dhoofsisuu akka qabnan amanu turani. Kan darbeef aagii utuu hin tufin, kan egerree irratt utuu walii hin galin, hariiroo hobbaatii waaraa fidu uumuun hin yaadamu. Yoo hunduu qulqulluma garaan walitt dhihaatanii mootummaa gidduu kan dhaabbachuuf shakala demookraasiitt cehuu kan dandahan.

Amma Oromiyaa gara Kibbaa fi Lixaan gubataa jirtii. Iyyii iyya dabarsii, yeroo labsan malee waa’ee kennataatt yeroo cinqaman hin turre. Muummichi Ministeeraa Dr. Abiy Ahmad ummati Wallagaa isa ajjeesuu waan barbaadaniif, achi dhaqee Oromoo (keessaayyuu Jimma) walitt naquu hin barbaadu jedhee ture. Jimmaa fi Wallaggaan kan walitt hidhu Oromummaa malee abba tokkoota achitt dhalatan mitii. Eessatuu ajeefamnaan akka ilmaa fi hoggana Oromoott Oromoo kamuu gumaa saa baasuuf dirqama qaba. Ergii inni kana jedhee, loltuun Wallagga irraa hin kaanee. Innu warra gumaa tahaa jira. Hogganootii empayera Itophiyaa Wallaga irra ija hamaa buufachuun jara ammaan hin eegallee.

Oromiyaa akka barbaadanitt bolquuf ummaticha iyyaatii dhabsiisuun imaammata saanii dhaabbataa ture. Kanaaf barumsa akka hin argannee gadi qabamaa jiraatanii. Garuu danuu/tasa seenaa ta’ee godinaan bulchaa Wallagga jedhamu barumsa ammayyaati fedha Habashaa malee hunda dura saaqaa argate ture. Karoora koloneeffataatii ala, carraa barumsaa argachuu ilmaan Oromoo Wallaga jiran moototaa Habashaa dallansiisee ture. Haalli durii sammuu diinaa keessaa bahuu dide malee, si’ana hundi carraa barumsaa walqixxee qaba.

Kanaaf, baras jarri Wallagga jiran Oromoo biraa yaada haaraan akka hin faalle gargar eeguun ni mullata ture. Oromoo wal jibbisiisuuf weedduu fi walaloo Oromoo Wallagaa ol kaasee kaan xiqeessu hedduutu Afaan Oromoo fi Amaaraan gad dhiifama turee. Akka waan fuudhaa fi eerummi qajeeltuu dabsuu dandahu intala Nugusaayyuu itt eerumsiisanii, irraas fuudhanii turanii. Sun hundi Oromo Wallaga jaraa kaan biratt halagoomsuu fi Oromummaa saanii mamsiisuuf yaadameetuu. Garuu yeros hin milkoofnee; 60moota keessa dargaggoon Oromoo shira kana kukkuttee sochii bilisummaa ABO ijaaruutt geessuu waliin jalqabde. Tattaaffii tolchameen ummatichi mirga ofii gaafachuu eegalee. Sochiin diddaa Oromoo bahaa fi bu’ii hedduu himamee dhumuu hin dandeenye jala darbee as gahe. Kana akka laayyoott tola dabarsanii kennuun of ajjeesuu dha. Tokkummaan Oromoo hardhas qormaata galaa jira. Finfinnee akka laaqii halagaatt dallaa ijaaruun Oromiyaa addaan kutuun yaadamaa jira. Dhukkubi lixaa fi kibba seene achitt hin dhaabbatuu. Hamaa tokkumaa Oromootti deemaa jiru se’achuun nama hin dhibu.

Hardha, Oromummaan hogganoota empayerittii, sagalee Oromoo ukkaamsamuu irraa hin oolchine. Oromiyaan saba guddaa, biyya uumaan soressa, ummata homishaawaa tahe qabdi. Maaliif ummata guddaa kana bucuun akka itt roorristu kan hin raajeffatin hin jiru. Ummatichis itt qaana’aa jiraataa. Kaasaa dadhabbii kanaa ofqoruun bira gahan malee, kan jalqaban fixuu dadhabuun mallattoo saanii tahee hafa. Guddinni saanii fi dandeettii riphaan qaban, ija hamaan ilaalamuuf sababa tokko. Bara beekamuu ka’ee Oromoon yoo nammi saanii diina irra gore hin jiranne dilii kamittuu injifatamanii hin beekanii. Oromoon dammaqee qabsoo mirga hiree sabummaa ofii, ofiin murteeffachuu kaasuuf hobbaati hanga tokko argachuun sababa Oromoo hamaan ilaalaman biraatii. Oromiyaa too’achuu dandahan malee Oromoo ofiin qixxeessuu wanti jaallachiisu itt hin mullatu. Kun hundi laalaa itt tahuu dandaha.

Biyyooti hundi qabeenya Uumaan kenneef qabu. Kan ofii misoonfachuu irra isa Oromoon dafqa ofiitiin bareechanitt ija babaasuutu wal dhabsiisaa jira. Sirni Nafxanyaa Amaaraan hogganamu dafqaa fi qabeenya ummatoota koloneeffatanii irratt hundaawee. Horeen Nafxanyaa amma jiran sana ni dhagahan malee hin dhandhamannee. Garuu akki isaan addunyaa itt ilaalan abbootii saaniin adda hin taane. Wanti afaan saaniitii bahu kan jara kaan maqaa balleessu, dhiiga danfisu, ummataa fi ummata, amanteef amantee, gosaa fi gosa walitt naqu qofaa. Kana irratt beekaa fi wallaalaan saanii wal hin caalu. Jara kana karaa nagaa irra buusuun danda’inaa fi obsa guddaa gaafata. Oromoon Afrikaa keessaa saboota lakkoofsaan ol haanoo tahan keessaa tokko. Kanaaf tokkummaa Afrikaaf abbaawummaa qaba. Tokkummaan kun qeyee fi godinaa kahee ol guddataa yoo deeme amansiisaa taha. Oromoon Oromiyaa irratt abbaa biyyummaa hin mirkaneffanne, waa’ee tokkummaa Afrikaa dubbachuun qoosaa taha.

Ilaalchi abdatuun sirna nafxanyaa hunda keessa seenuun amma Amaarri malbulcha keessatt qooda fudhataa jiran hundi Oromiyaa akka gulummaa Waaqi badhaaseenitt yeroo dubbatan dhagahama.

Itophiyaa akka duriitt walitt qabanii hin bitan taanaan badduyyuu dantaa hin qaban. Kanaaf, nammi Oromoo Amaara fagoott ofirraa akka eegaan gochaa jira. Hanga isaan yaada jijjiirratanitt Itophiyaa isaan diigaa jiran walitt qabuu yaaluun ofumaa dhama’uu dha. Lola kaasanii tahitaa duriitt deebi’uufis humnas, dandeettii saas hin qabanii. Kanaaf kan gochuu dandahan godinicha keessatt afanffajii uumuu qofa. Hogganooti qabsoo maqaa Oromoon sosso’aa jiran akuma jalqaban, adda tokkoon bobbahanii abbaa biyyummaa sabichaa mirkaneessuu manna, mata mataan deeemaa jiru. Kennata Itophiyaa kan kanneen Itophiyaa qulqulluutt of himan dantaa hin qabneef dorgomuuf hurrisaa jiru. Ergamsi saanii ganaamaaf abjuun Oromoo sana hin turre.

Ummatooti empayera Itophiyaa jala jiran humnaan gad qabaman malee sarmanii “ Garee Nafxanyaaf”bitamaniifii hin beekanii. Yeroo soda fi dorsisi ummaticha waggoota dhibbaaf qabate gad dhiisuutt kahe fedhi ummataa inni dhugaa olbahee of mullisuu eegale. Dhalooti ABO bu’uurse soda ajeechaa weerartuun duraa facaafte irraa bilisa hin turree. Garu kanneen homaa hin sodaanne 60mootaa ol ka’uun caccabsaniinii. Haa tahu malee dimshaashan caccabuuf hanga kumaalee lammafaa boodaa kurnan lamafa fudhate. Dagi jiraachuu malee sodaan xifa rakkina dargaggoo Oromoo hin turree. Kaayyoo ummata Oromoo hiree murteeffanaa sabummaa dhugeeffachuu fi republic ummataa demokraatoftu ofiinbultu mirkaneeffachuu gabaabaatt cite. Dhaaboti Oromoo Kaayyoo ganamaa irraa mucucaachuun dadhabina Hoggansaa utuu hin tahin kanuma kaayyichaati kan jedhan jiru. Dubbiin saa Kaayyichi kan fedha ummataa calaqisu tahee utuu jiruu, dadhabbii abba abaan gala saa utuu hin gahin hankaake. Kan sanatt geessan, gadabbummaa, ilaalcha taliilaa dhabuu fi daddaaqinni turanii. Kan hundi jala da’achuu barbaadu tooftaa wanti jedhan jira;garuu tooftaan Kaayyoo faallessuu hin qabu.

Empayerri kufuu gahe bakka hin yaadamneen utubamee oolee. Kolneeffataa akka miltoo nagaatt fudhachuuf barbaachisaa kan tahe, Oromiyaan ammayyuu ifaan kolonummaan irraa hin kaanee. Sun jeqamsa godinichaa keessa jiran gara caaluuf empayerri rakkina tahe diigamuu gaafata. ABOn akeeka sanaan qabsoo eegalee. Yoo hundee hin buqqisne taheyyuu akka lamuu eenyuu gonka hin dorsifne yk hin sodaachisne ciicannoo sammuu ummataa keessa facaasee jira. Amma Oromiyaan yoomuu caalaa kan feetu dhaaba jabaa, dudhama fi murannoo fi akkasumas daayaa (vision) qabuu. Sana qabaannaan eenyuu geengoo seenaa dubatt deebisuu hin dandahu. Ammaaf qabsichi xumura bade kan dhalootii itt haanu callisee bira hin dabarretu jiraa.Yeroo fudhatus kan dabe qajeelchee Oromiyaa ni kabachiisa. Murti jara tokkummaa ABOn ijaaree diiganii humna Oromoo facaasanii seenaaf haa dhiifnuu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Guraandhala 2020

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *