0

Nafxanyaa akka Sirnaa fi Sabummaatt

Cuunfaa-

Sirni kolonumaa Nafxanyaa qaccefixaa fi garboomfataa tahe gargaarsa imperialistoota Awuropaan mootummaa Shawaan bu’uurfame. Lafoo hedduun sabootaa fi sabaawota injifataman keessaa madaqfaman cuubamanii Amaarawan. Hunduu Nafxanyaa yk Qawwee jedhamu turan. Tibbi Nafxanyaa bara Nugusootaa hanga hardhaatt buusaa sadiitt hiramuu dandaha. Sadarkaan garagarummaa haa qabaatan malee hundu qacceefixaa fi namummaa baasaa fi saamicha qabeenya ummatoota koloneeffatamaniin beekamu.  Buusaa lamaan keessa wayyeessa qabiyyee lafaa labsamuu fi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun beekamee ture. ODPn akka mootummaa cehumsaa fi aangoo jijjiiramaatt gara dhuma buusaa sadaffatt dhufe. ODPn Oromummaa utuu hin dhoffatin aangoo empayeraatt bahuuf isa jalqabaati. Dr. Abiy dura tahaa saati. Horee Nafxanyaa dullatiif jijjiiramichi hin taaneef. Abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratt qabu fi addaan jiroon Oromiyaa jedhamu beekuu hanqatu. Tibba kana, horeen Nafxanyaa xinnaa fi guddaan, wayyuu fi hayyuun hundi bada afaan Amaraa dubbatan, waltahanii, ifumaan Oromoo arabssuu fi Oromo baaleffachuutt bobbahan. Oromoon tokkeessoo haaraan walqixootaa fi birmadu fedha qabaniin akka bu’uurfamu gafataa jiru. Akkaataan Dr. Abiy biyya itt bulchu Oromoo fi Iiyoophistoota biraa mormiin itt kahee jira. Oromoon dubbii malbulchaa miiraan utuu hin tahin malaan itt deemuu akka gaafatu hubataa deemu taha. Ilaalcha Nafxanyaa injifachuuf faallaa keessaa ukkaamsanii isa alaa irratt xiyyeeffachuutu gorfama. Egaa, sirni Nafxanyaa kan uumamee fi hogganame abbaa duulota Amaaraanii, garuu qabeen saanii lammummaa makaa ture. Abdattuun sirna Nafxanyaa si’ana karaa ijjaaramaa agarsiisuun Oromoon murtoo dogoggoraa akka tolchaniif tuttuqaa jiru. Garuu, hangammeessi Oromoon safuuf qaban yaada diinaa hamtuu caalaa jabaa dha.


Godinootii fi konyooti Itophiyaa Dullattii (Habashaa) keessa abbaa duulotaan bulfamu ture. Wiirtuu keessa gonfoo hundi saanii gaaf tokko argachuuf abjootaniifitu ture. Kanaaf gonficha argachuun goolaa ture. Hundi saanii dannaba yeroo gabaabduun waan butatanii fi abbaa duulota itt haananii jiran gabbarsiisuun irrajiratu turan. Kanneen gonficha booji’uu dandahan qacee Solomon Yihudicha tahuu himatus turan. Maddi mo’ummaa saanii sana ture. Dhuma jaarraa 19faa mootiin Shawaa barsiifata sana jijjiiree daangaa dudhaa irra cehuun duula kolonummaa ballaa ashkaroota saa qawwee qabatan Nafxanyaa jedhamaniin jalqabe. Sirna Nafxanyaa bu’uursanii kan hoogganan gita bittuu Amaaraa fi michoota saanii garba gamaa turan. Michooti garba gamaa waatattaa waraanaa fi ogummaa dhiheessu turan. Lafoo fi abbootiin fardaa biyyoota dabsataman irraas kan madaqfaman yoo tahu qondaalotii fi hojjetooti wayyabi Amaara Kiristinnaa Ortodoxii yoo tahan tigrawayis akka mandhaatt qooda fudhatanii jiru. Madaqfamoon amaaramitii tahan Kirstinaa Ortodoksii Koptitt cuubamuun sabummaa Amaaraatt baqanii makoo tahan. Kanaaf sirni Nafxanyaa lammummaan Amaara qulqulluu qofa utuu in tahin kan cuubamanii makoo tahan dabalamanii Amaarummaatt fudhatamanii. Ofis akkasumatt fudhachuun dhowwaa tokko malee ummatoota ofii irratt dhiichanii. Yoomallee itt abbaawummaan sirna Nafxanyaa gurmmeessuu kan Nugusa Shawaa Minilik tahuyyuu Yohaannis IV Tigrawayy duulicha hayyamee ture. Moototi hundi akka “Kennata Waaq”  tahan himatu yoo tahu seerawummaan saaniis gubbaa dhaa bu’eefii.

Empire Itophiyaa kan ijaaramte duula koloneeffataa Nafxanyaan ture. Duula Amaarri hedduun itt boonan kan hedduun ammayyuu qabannoo saan buhaaranii. Sirni Nafxanyaa sirna feudal qawwee qabatu, diinagdeen saa lafaa fi humna tolaa irratt hundaawe. Biyyi kolonoofeman wayyabi lafa saanii fi bilisummaa saanii halkan tokkott dhaban. Dilormaan saanii walakaan fullistuu nafxanyaan yoo ajjeefaman kumkumooti garbummaan gabaa alaa fi naannaatt gurguraman. Kanneen hafan ciisanyummaatt jijiiramanii Nafxanyaaf humna tolaa dhiheessuu eegalan. Bara dhiicha gara Adwaatt tolfamee garboota sanaa fi cisanyootatu akka horii geejjibaatt dhimma itt bahame. Garboot ayyaan qabeessoon akka Qusee, Baalchaa fi Gabayyehu sadarkaa Qondaala waranaatt guddachuu dandahanii turan. Kan lubbuun deebi’an hamma hin jirrett lakaawamuutu hedama. Teknoolojiin hin jiraatin malee waanti sirni Nafxanyaa saboota, sabaawotaa fi gosoota kibbaa kan Oromiyaa dabalatu irratt raawwwatan kan Naaziin Yehudotaa fi Romaanii irratt raawwateen gad hin turre. Namooti halgaa (fk. Alexander Bulatovich fi De Salviac) kan duula Nafxanyaa suduudaan argan barruu saanii keessatt raga bahanii jiru. Kanneen qabaman gibira ulfaataa, kurnoo, irbo kkf fi hojii tolaa dirqiin irra buusan. Sirnaan namaa gad tasifaman, ni salphisaman, ni deegfaman. Ummatooti jaarraa tokko fi walakkaa duuballee kulkulfachuu irraa hin dandamannee. Kanneen sirna Nafxanyaa deebisuu barbaadan, itt gaafatammi yakka farra namummaa yeroon akka hin dangahamne irraanfachuu hin qabani. Tibbi sun kufaatii Nugusa dhumaa, 1974 raawwate.

Buusaan sirna Nafxanyaa lammaffaan dhufa Dargiin jalqabe. Loltoota sirna fudaaliin kan “soshaalist” ofiin jedhaniin hogganamu turanii.  Seerawumma argachuu kan yaalan gola hojjettootaa kan jedhan hogganuu fi waan kennata fakkaatu wayii gaggeessuunii. Garuu seerawummaan saanii dhugaa qawween argatan. Bu’uura empayerichaa lafa kan mootummaa gochuun jijjiiranuu caasaan imperiyaalummaa finnichaa hin jijjiramne. TQabiyyeen lafaa mootummaa fi abbaa lafaa irraa gara dhuunfaa finnaatt jijjiirame. Nafxanyaan jalqabaa waggoota dhibbaa oliif Oromoo ofiitt jijjiiruu barbaadee hankaakee. Itophiyaan saba tokko, afaan tokko, dhugeeffannoo finnaa tokko, seenaa tokko fi baandiraa tokko qabu jedhe. Dargiin Itophiyaan saba tokko akka hin taane, empayera sabootaa fi sabaawota hedduu qabdoo tahuu fudhate. Kan ittiin maskaman ilaalcha demokraasii Warraaqaa Marksummaa fi Leeninummaa irratt hundawe jedhani. Sirna mootummaa gunaawaa wiirtuun saa “Amaarinyaa” tahe fudhatan. Sabootii fi sabaawoti afaanii fi aadaa saanii guddifachuuf mirga qaban beekuyyuu olhaantummaa afaan Amaaraa guddisuuf hedduu itt baase. Afaan Amaaraa afaan barumsa olhaanaa akka tahu karoora guddaa qaba ture. Sochoota bilisummaaf haa galatu sun ni hankaake, Dargiinis ni gatame.

Sirni Nafxanyaa buusaa sadaffaan, sabaa fi sabaawotaa kan isa dura turan irra wayyaa ture. Gaaffii saani mirga hiree sabummaa ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt beekeefii ture.  Sanas heera saa haara kan sirna federaalaa bu’uurse keessa galche. Akkuma angafoota saa koloneeffatoo innis afaan Amaaraa afaan saa tahee itt fufee. Finooti sagalee beekamanii turan. Sidaammi kophaa dhaabbachuu gaafatuyyuu finnaa saboota, sabaawotaa fi ummatoota kibbaatt akka dabalamu taasifame. Yaadaanmaliin haa tahu seeraan finnooti hundi walqixxee dha. Shaakalan garuu ABUT hunda keessatt olhaantummaa qaba ture. ABUT warshaa malamaltuu kan gaaffii malee ajjeesu, hidhuu fi mirga ilmaan namaatt ballinaan kan roorrisu qabeenya saanii hatu, qabeenya finnootaa akka fedhett saamu tahee argame. Kennata fakkeessaa gaggeesse humnaan hobbaatiin saa akka fudhatamu godhe. Sun seerawummaa dhorgateen. Caalaattuu aarii ummataa kan sochii mormii jala dhaabbachuu dadhabett geese.

ABUT/ADWUI akka murnaatt utuu hin finqilfamin, ADWUIn jijjiiramaa keessaa tolchuun ABUTn OPDO kan duuba ODP jedhame bakka buufate. Buusaan sirna Nafxanyaa sadaffaa itt fufe jechuu dha. ABUT utuu heera ofii hojii irra oolche tahe hundeen imperiyaalummaa republikichatt hin hafu ture. Sun hafuutu harcaatuu Nafxanyaa abdii sobaa bakkatt deebi’uu  kennaafii jira. Jijjiirammi ADWUI keessatt gaggeeffame jijjiiramaa ilaalchaa hanga tokko waliin fide. Mirgooti heera keessatt dhahaman Finfinneeti hamma tokko kabajamanii jiru. Garuu jijjiiramiche achii ala hin hin baanee. ODPn Itophiyaa fi Oromiyaa irratt gola moohaa dha. Sun Oromummaa bulcha Oromiyaa afafajjeessaa. Empayerich ammayyuu cichaa jira. Angoon Masaraa Minilikii afaanii fi taahitaa walfakkaatan gadi lola’a. Empayerichi ammayyuu akkuma Nugusa tokkoon, Qondaala loltuu tokko fi hoggana riphee lolaa tokkoon  hogganama ture ammas  gola tokkoon hogganama.  Golli tokko miseensota ofii malee hanga umataan kennatamutt ummata bakka hin buhu. Utuu hin kennatamin aangoo qabata taanaan abbaa hirreetii. ABUT fedhaan duulaa malee kennatamaa miti. Haa tahu malee Tigray jijjiiramaa fiduuf wareegama baaseef  beenyaa argamsiiseefii jira. ODPnis hin kennatamnee. Oromiyaan Qeerroo see wareegdee jijjiiramaa amma jiru fiduu seetiif waanti  godheef hin jiru.

Dogoggora guguddaa agarsiisuf malee ODPn ammas afaan Oromoo dubbata. Utuu akka Oromummaa jijjiirratu hin gaafatamin Oromoo aangoott dhufe isa jalqabaatii. Seenaan OPDO darbe fulduratt fiduun madaa ture kulkulfachiisuu hin qabnu. Isa halageessuun bu’aa saa irra badiin fiddu caaluu dandaha. Gowwumaan Dr. Abiy seenaa Itophiyaa, dubbii afaanii fi taateen Jawar miira namoota hedduu ol kaasee ture. Badus tolus Oromoo waan taheef bu’aan ciicannoo isaaf kennamuufii qaba.  Qabsoon Oromoo ganama, malbulcheessitoota Oromoott murteessuuf muka safaraa qaba ture. Bakka muki sun hin jirrett komeen keenya kan waloo utuu hin tahin kan abba abbaa taha jechuu dha. ODPnis gutummaatt dudhamaa fi kutannoo Oromummaan gaafatu hin agarsiisu haa tahu malee ABUT fi ADP irra Oromoof wayya. Sun Oromummaan gagahama fudhachuu faa akka gaafatu wallaaluun miti. Haa tahu mlee akeekkachiisa qeyee keessaa caalaa, kunis ciiga’ama walii galaa fi wal lagachuu irraan gahuu hin qabu.  Mee dura, safuu malbulchaa irratt walii galan haa qabaatanii. Oromummaan akka ilaalcha qabsoo Oromoof mikkilleee dhahataa waloo tahutt maaljechisiifamuu qaba.  Jarmoleen Oromoo hafan utuu wal tahanii of hin jabeeessin ODP fi hoggana saa tuquu hin qabani.

Oromoof si’anni, yoo gana deebii hin qabne tahe malee, wal nokkora keessaa gadi qabuun, innaa isa alaa irratt xiyyeeffatanii. Sadarkaan gana jedhame amma kan gahame hin fakkatuu. Filmaati cehumsa sololaasu waaraanis kan qophaawe hin fakkaatu. Burjaajiin dhaqabuu dandahu kan fedhe itt bahee fagoott ittisamuu feesisaa. Dura tokkummaan humnoota Oromoo fi jaarmaa cimina saatt amanamu qabaachuun mirkanaawuu qaba. Hamasitt haddhaawus liqimsaa wal sossobachu fi wal jajjabeessu wayyaa. Dr. Abiy wajjirbulchii imperial yaada haaraan gurmeessaa jira. Yaayyoon karaa waloon itt kenname hin jiru. Tooftaan cehumsa keessatt ittiin masakamu kan dhuunfaa saatii. Shakala dullachi dabsatuunii ni dandaha taha, garuu cehumsichi yeroon kan dangahame waan taheef, Oromoo irraa wal dandahuu fi wal gorsaatu eegama. Karaan filatu qileett akka hin geessine of eeguun abbaawummaa saatii. Halagaa wayyaba biraas leelloo hin argannee. Kanaaf Oromoon diina waliin akka hin ijaajjine of eeguu dha. Deggeraa qeequunis as irratt barbaachisaa dha. Diinni, erga Oromiyaa qabate yeroo inni Oromoo hoggansa dhabsiisuu irratt hin hojjenne hin turre. Yaaliin ODP karaa irraa maqsuu sana agarsiisa. Dargaggon dandeettii riphaa hoggansa egeree Oromoof kennuu dandahan adamsamaanii dhabsiifamaa jiru; qotee bulooti homishaawoon humnoota mootummaan dadhabsiifamaa jiru, eegumsa kennuufiin abbaawummaa fi itt gaafatama ODP fi Dr. Abiyii. Murnooti malbulchaas haalli too’atamuu hin dandeenye kan nagaa godinichaa fi tokkummaa ummaticha jeequu dandahu akka hin uumamne abbaawummaa fi itt gaafatammi, itt dhagahamuu qabaa. Wal dhabdeen saanii isaan irra bahee mararfatoo saaniitt dhagala’uu hin qabu.

Empayerri cehumsaa irra jira jedhamaa. Yoo tokkeessoo fedha walqixxootaa fi bilisaa irratt hundaawett ni ceha tahee waa’ee demokraasii, walqixxummaa fi birmadummaa haawawuu dandeenya. Sana kanneen abdattu sirna Nafxanyaa tahan mormanii. Isaaniif biyyooti Nafxanyaan qabamanii turan kan hortee saanii tahuu qaba jedhu. Oromoon Oromiyaan keenya jechuu akka hin dandeenye, biyyi Oromiyaa jedhamus akka hin jirre amanuu. Kun durdurii abida biraa, qacceefixiisa abbaa biyyootaa irratt raawatan sirrii ture jechuuf akaakilee saanii dabtarootaan hojjetamee warra saaniin itt himamee.  Hammam baratanuu harcaatuun Nafxanyaa asoosama kana qeeqaan ilaaluu hin dandeenye. Kanaafi yaadi Oromoon tokkeessoo walqixootaa fi birmadootaa empayera duubaaf dhiheessan kan isaan fudhachuu didaa jiran. Murannoo Oromoo mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hojiiraa oolchuu qofti akka dhugaa lafa jiruu dammaqanii erga yeroon darbee argan taasisa taha. Tokko tokkon sabaa fi sabaawotaa eeyummaa himannuu fi biyya ofii irratt abbawummaa qabnu yoo walii fudhachuu dhiifnee durdurii abida birraa qaquu itt fufne, walitt dhihaachuun hafee walirraa fagaachaa deemnaa. Hamaa hojjenne irra dibnee, garba gamaa tumsa soquu yoo deemnes dhugaan garba gamanaa waan argamuuf  barbaacha yoo deebinu itt qaana’uun waan hin ollee. Kanaaf sobaan wal dabsachuun waan hin dandahamneef fuulumatt garaa qulqulluun dhugaa walitt himnee furmaata godinaa keenya, godinama keenya keessaa yoo barbaadne qofa waldiddaa keenyaaf furmaata argannaa. Bulchaa fi café taa’ichi alaa qajeeltuu fi dhugaa dabsuu hin dandahu. Mootummaan cehumsaa Dr. Abiy akka karaatt deebi’u, ilaalchota adda addaaf hin baabsinee akka tahu, angoo jabeessee akka qabu, olhantummaa seera akka mirkaneessuu fi gara “demokraasiitt” cehumsaa sololoo akka mijjeessu gorfamuu qaba.

Manni yk mukti tokko yoo jigu lubbuun adda addaa keessa da’atanii jiraachaa turan hamma batala jalqaba saaniitt deebi’anii baranitt jeeqamuun hin hafuu. Sirni Nafxanyaa fi empayerii inni caasee jiguunis akkuma sanatt ilaalamuu qaba. Kanneen isaan jiraataa turan jiguu saa salphaatt hin amananii. Gammachuu jiguun wayyabaaf argamsiise isaaniif dantaa miti. Giddu kana bada afaan Amaaraa dubbatuu, xinnaa fi guddaan, wayyuu fi hayyuun, utuu hin hafin taatee qoratamee hin mirkanoofne, qaanii malee abaaraa gadi yaa’anii. Karoorri saanii hameenyaa yoo fashalu, gaga’amtoota of gochuun iyyaan addunyaa goosanii. Ajeechaan Jawar waan Oromummaan isaan firriseef ni hankaake. Haleellaan isaan hiriira nagaa fi namoota qeyee jiran irratt tolchanis badiisa lubbuu hin yaadamnee dhaqabsiisus bakka isaan aggaammatan utuu hin gahin hankaakee jira. Sunis tahee Amaaraa fi Kiristinnaa Ortodoks irratt dabi hojjetame jedhanii wacuu hin dhiifne. Garuu hobbaatiin du’aa faallaa tahuun eenyu akka lolaaf hidhatee ture agarsiisee.

Mormiin dargaggoo Oromo kan malbulchaa, mootummaa irratt malee murnoota lammii, yk dhugeeffanoo kam irratuu hin turre.  Kan ummatoota adda addaan firome, kan amantee hunda qabu sabi Oromoo caalu hin jiruu. Oromoon amanteen akka wal hin lolle dudhaan saani hin dhowwa. Horeen Nafxanyaa tokkoffaa Oromoo irraa maal barbaaduu? Maaliif sobaan Amaaraa baaragsiisanii Oromoo irratt duulchisu yaadu? Ummati kun akka dogoggoru maaliif tuttuquu? Oromoon safuuf dudhaa cimaa akka qabu hin beekanii laata? Oromoon si’achi olhaantummaa seeraa yoo hin taane kan eenyuu hin dandahu. Isaaniif sirni Nafxanyaa kufee jira; akka lamuu mataa ol hin qabannes gochuuf qophee dha. Kanaaf kanneen Oromoon ni sodaatu seetanii afaan Amaaraan itti waccan yeroon irraa dhaabbattanii dhimma ofii hordofuun beekumsa guddaa taha. Dhimma qaamaa fi lubbuu Oromoo keessa fedha saanii malee seenuun raawwatee jira.

Naaziin dhabamsiisuu booda sirni farra namummaa tahe akka sirna Nafxanyaa sammuu namaa keessallee jiraachuu hin qabu ture. Tibbi kun kan ciraan sirnichaa itt badu akka tahutu abdatama. Empayerri dimishaashumatt diigamee jigaa isaa irratt tokkeessoon walqixootaa fi birmadootaa yk republikoti walabi ijaaramuutu eegama. Aadaa, , afaan fi seeenaan, saboota, sabaawotaa fi ummatootaa hundi keessa deebi’amee barreeffama. Aadaa, afaan yk seenaan ummata godina kanaa kamiiyyuu tokko kan biraa caalaa kunuunsa hin argatu. Tokko tokkoon finnootaa biyya ofii keessatt moo’oo dha. Finnaan federaalaa beekamaatt aangoo moo’aa hanga finnooti kan ofii irraa kutanii kennuuf fedhan qabaataa. Hariiro haaraan finnoota gidduu kan imperiyaal Itophiyaa irraa adda tahe finnoota miseensa tahaniin mari’atamee murtaawaa. Mirgii fi dirqammi namoota sabaawota biraa irraa dhufanii finnaa biraa keessa jiraatan federeeshina keesatt hin jijjiiramu. Akka jiraataa finnaa keessa jiraiitt seera finnichaa kabajuutu irraa eegama. Mirgi saanii socho’anii finnaa barbaadan keessa jiraachuun hin dhorgau. Seeraan amanamummaan saanii finnaa sagalee kennuuf keessatt galmaawanii taha. Murnoota alaa waliin tahanii nagaa bakka jiraatanii jeequu yaaluun dhaloota biyyaa caalaa murna saaniif hamaa tahuu waan dandahuuf of eeguun dansaa.

Haala haaraan walfudhachiisuu fi saganaataa araaraa ummata hunddaa qooda fudhachiisu qopheessuun boqonnaa darbe cufanii haaraa banuun barbaachisaa taha. Sirnni Nafxanyaa balaaleffatamee ifaajjeen dandamachiisuuf tolfamu hundi seeraa ala taasifamuu qaba. Yeros qofa kan cunqurfamooti dhabamsiifamuu saa mirkaneeffatan. Maqaa Amaaraan sirnooti akka “Bara doonichootaa” . sirna Nugusa Nagastii,  fi sirna Nafxanyaa faatu ture. Ummati wayyabii jiraachuun saanii itt dhagahame taha malee uumuu saanii irratt qooda hin fudhanne. Yeroo jalqabaaf yaada amma dhihaate tokkeessoo walqixootaa fi birmadootaa uumuu irratt qooda qabaachuu saanii taha ture. Garuu gurguddoon fedha addaa keessaa qaban qooda fudhannaa bilisa tahe irraa dhorgaa jiru. Amaarri taraan ummatoota biraa waliin tokkummaa walqixummaa, fedha walii wali kabajuu fi birmadummaa irratt hundaawe ummachuun bu’aa qabaafii. Amaarri gita gad haanu saamicha waatattaa saanii keessaa, yoo olhantummaa sammuu quwii sanyii mohaa konkaa hin taane, hirmatee hin beeku.  Kan gatii baasisu, jarri kaan bilisa bahuu utuu hin tahin garboofatamuu dha.

Eegalooti harcaatuu Nafxanyaa makoo tahan, karaa abbaa haa tahuu haadha sanyii lakkaawwachuu hin dandeenyetu baasaa dullacha “Itophiyaawiinnat” maqaa Amaaraan afarsuun, tokkeessoo bilisa empayera dubaaf balaa uumaa jiru. Ummati hundi, nagaa, eegumsa, birmadummaa fi jiraatanii gammachuu fedhuu. Abdattuu sirna nafxanyaaf garuu abjuun saanii qabeenyaa fi humna tolaan jiraachuu waan taheef sanaaf iggitii kan kennuuf sirna Nafxanyaa Itophiyaa Dullatii qofa. Sirni Nafxanyaa, lammiin makaa haa tahu malee, hariiroo inni saba Amaara waliin qabu gubbaatt agarsiisuu yaallee jrraa.  Saba Amaaraa ammayyaaf, kan ofii tahuu saa haaluu irra haammachuu yoo filatan qacceefixa sirna Nafxanyaa hundaa fi yakkoota saa biraafis abbaawummaa fi itt gaafatama fudhatu jechuu dha. Guddummaan empayera Itophiyaa isaan ittiin boonanis kan argame ummatoota biraa kanneen amma eenyummaa fi bilisummaa saaniif qabsaawaa jiran, salphisuu fi garboomsuun akka tahes yaaduu qabu. Amaarri beekotaa fi Manguddoo yoo qabate Oromo silaa dhiifama gaafatamuu qaban irratt haddheessuu fi arrabsutt maqaa saba saaniin kashalabbee abdattuu sirna Nafxanyaa itt bobbaate dhaabuu qabu. Sun maqaa fi nagaa saaniitifis hin tolu. Balleessaa sirna Nafxanyaa fudhachuun nokkorroo “Nafxanyaan eenyu?” jedhu gatii dhabsiisee xumura itt gochuu dandaha.  Mee, waan lamuu hin argannee dhiifnee, isa harkaa qabnuun haa bashaanuu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Sadaasa 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *