0

Qabsoon Oromo Qabsoo Cuqurfamaa Hundaati

Ummati Oromoo ummatoota Afrikaa lakkoofsaan olhaanan (kumkuma 30 ol) afur keessa tokko. Jaarraa kudha sagalaffaa keesa ummatooti Afrikaa hundi kolonoomani alaabaa halagaa jalatt kufanii. Oromiyaan innas kan qabamte, alaabaa magariisa, keelloo fi diimaa mootummaa ollaa see, keettoo halagaa gabra gama tahe, Absiniyaa jalatt kan kufte. Roorron itt raawwatame hundi alaabaa kana qabatamee waan taheef hanga inni irraa buqa’utt nageenyi hin jiru. Kanneen gabra gamaa dhufaniin kan Habasha adda godhu biyyaan ollaa fi bifaan gurraacha tahuu dha. Kan tokko isa godhu meeshaa, gargaarsa fi ogummaa biyyoota Impriyalistootaa Awuropaa fi Rusiyaa dhufe isaaniin walgitu qabaachuu dha. Kan bira miseensa hidhata biyyoota Gaanfa Afrikaa qircachuuf waliigalani tahuu fi sararaa dangaa isaan gidduu bu’ee irratt waliigaluu dha. Daftarooti Itophiyaa dhugaa kana gara dabarsuuf seenaa jajallisuu yaalaniyyuu yeroof malee hin milkoofne. Amma, gaaffiin gaaffii seenaa mitii; garuu eenyutu hardha mirga dabaan jalaa saamame akka deebi’uuf gaafataa jiraa kan jedhu? Oromiyaan jaarraa ol qabama jala jiraachuun ifaa dha. Garuu akka si’anaa Seerri Waaraanaa utuu hin labsamin suduudaan loltuu qofan hin bullee. Noolli itt akeekaa EPRDF (OPDOn) biyyicha ni bulchina jedhaa bahan fakkeessuun saaniiyyuu raawwatee jira.

Qabama Oromiyaa fi jabina empayera Itophiyaa keessatt abba tokkooti Oromoo qooda guddaa gumaachanii jiru. Kun waan haaraa miti, duula Impriyaalistootaa hedduu keessatt ummati koloneeffame kan waraana koloneeffatoof humna hin gumaachine hin jiru. Humnooti Walii Tumsan, Xaaliyaanii Itophiyaa gad dhiisisuuf loltoota Sudaanii fi Koongoo Beeljigitt dhimma bahuun ni yaadatama. Akkasumas, Xaaliyaan empayer Itophiyaa qabachuu loltoota Libiyaa, Eertraa fi Somaleett dhimma bahuun seenaa kaleessaati. Abba tokkooti kun ummata ofii bakka bu’anii utuu hin tahin kaan dirqiin kan qaxaramanii itt galan. Akkasitt namooti Oromoo marsamanii lolatt oofamuun kan duulota koloneeffataa isaan hin laalle Oromiyaa, Ogaaden, Tigrayii, fi Eertraa irratt qooda fudhatan malee, Itophiyaa yk du’a jedhanii miti. Naannaa barreesaan kun itt dhalatee duula Maayicawuuf yoo xinnaatt manni tokko nama tokko abbaa duulaa koleefataa jalatt dhiichun itt buufamee ture. Jannummaa saanii diinaafis firaafis duula hunda irratt ragaasisanu, akka sabaatt garuu onnee dhabuun utuu hin tahin qophee dhabuun kufuun irra gahe.

Oromoon akka ummataatt takkaa fedhanii Itophiyaa jala hin jiraanne. Akka sabaatt seenaa, afaan, daangaa biyyaa fi aadaan isaanirraa adda. Lakkoofsaanis waan isaanii ol turaniif, jaalalaan yartuuf jilbeenfatan jechuun waan hin fakkaanne. Hanga hardhaa qawwen qabamanii jirachuun ifaa dha. Hayyooti gorsitoota mootummaa Habashaa tahan badiisi Oromoo irra gahe dhokatee akka hafu barbaaduu. Mootiin Habashaa, Oromoo, harka ciree mormatt rarraasuu, hallayyaatt hoomaan darbachuu; arraba cireee akka hin azanne gochuu; harka muree harma muree muka kara darbaan laalutt rarraasuu; fixiisa waliigala akka Calanqoo, Sibuu fi Buunnoo raawwachuu kkf akka dhokatee hafu barbaaduu. Kun akka Oromoon hin irraanfane ummati Habashaa mootummoota sana dhaalan, akkasumas hayyooti dhossuu barbaadan beekuu qabu. Biyyoota qawween walitt qaban irraa biyya eenyummaa kanneen qabamanii haqe, kan saanii fudhatu uumuu hawwu turan; hin milkoofne. Yakki kun al tokkoon hin dhaabbanee hanga hardhaatt ittuma jira. Oromoon akka sabaatt yeroo carraa argatu seenaa ofii ofiin barreeffata malee beekota koloneeffataa nuu barreessu jedhee hin eegu. Goototi Oromiyaa dabaan dhuman hunda akka roorroo fi roorrisaan hin irraanfatamne siidaan yaadannoo itt fufa.

Ummati Oromoo bilisummaa saa gaafachuutt erga ka’ee fagoo dha. Akkuma ummata kolonomanii turan biraa hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu fedha. Gaaffin saa kun hanga deebii tolaa argatutt godinichi nagaa hin argatu. Anga’ooti, hunda walitt qabanii, dhiibbaa fedha saaniif tahu gochuuf mijjaawu saa malee, miiddhaa ummatootaaf dantaa hin agarsiifne. Bulchooti Afriikaa gaaffi sabummaa fi gosummaa of keessaa qaban furuu dhimma hi godhatan. Bulchaaf ummata ofii utuu hin tahin anga’oo addunyaa irratt hirkatu. Mootummooti Afrikaa kun waldaa tokkummaa ummatanii jiru. Caalaan saanii ofangessoo waan tahaniif michoota. Dhaalmaa koloneeffataa durii kabajuuf walii galaniiru. Afaanumallee kan ofii guddisuurra kan koloneeffataa duriitt dhimma bahu. Isaan keessaa Itophiyaa qofti koloneeffataa waan taheef afaan ofiin hojjeta. Kolonoti saas afaan saa qofa akka baratanii fi ittiin hojjetan godhaa bahe. Mirga afaan ofiitiin hojjechuu fi barachuu qabsoon argame akkuma biyyoota Afrikaa kana kolonooti dhimma itt bahuu hin barbaanne jiru. Rakkina jiruf, furmaati hoggansa Afrikaa si’ana irraa hin eegamu.

Afrikaan daka, ummata irraa ka’ee ol ijaaramu malee bilisoomuu hin dandahu. Hanga yoonaa erga walaboomte jedhamellee, fakmishoo koloneeffataa faana bu’ee aangoon olii gad itt ciipha’ama. Itophiyaan yoomuu of angessaa waan taheef kolonota hafee ummati ofiiyyuu angoo hirmachuu hin eeggatu. Ummatooti Africa utuu moo’umsa keessatt qooda fudhatanii fedha ummataa irratt hundaawanii bu’uura hin sossone Tokkummaa Afrikaa egereef uumuu dandahu. Oromiyaan miseensa tokkummaa akkasii tahuuf daaya qabdii. Garuu sammuu yeroo dheeraaf hacuuccaa jala ture bilisoomsuuf barbaachisummaan sochii warraaqaa ni qayyabatti. Kan jijjiirama warraaqaa fiduu dandahu sammuu bilisoome qofa malee ayyaanlaallatuu daddaaqxuu fi baqattuu miti. Jara akkasiiti kan diinatt riqatanii fi nafii saa leellisan; akka qabsaawota Oromoo tokko tokkoo kan kufaatii irraa oolchuuf birmataniif. Bajoojanii hafu malee hin milkaawani.

Ummati Habashaa takaa akka fedha ofiin jiraatee hin beeku. Mootummaan saa kan humnaan dhufee humnaan bu’u. Gita bulchituuf waloo kan turan Galmistana Ortodoxii fi gonfoo “Zawud” jedhanii. Kanneeniif hoodoti biyyatii alatt uumaman jiru. Hundeen Galmistanichaa Kopt Masiri. Hamma bara Mootii Moototaa, Hayila Sillaaseett Abbaan saa (Pariyark) achii ergamaaf ture. Akka seera tureett lafti Habashaa sadii keessaa tokko isa jala jira. Mootichis isaan dibamee Zawud kee’ata. Kanaaf angoo ayyaanawaa fi lafa kanaa, halagaan muudamu jechuu dha. Mootichis qacee saa Mootii Solomoon Yihudaatt hidhata ture. Ummatichi dhaabota hundee halagaa himatan kana fudhachuu malee filmaata hin qabu. Fedha waaqaan sun tahe waan jedhameef sana mamuun aangoo Waaqaa mamuu taha. Yeroo yeroon abba tokkooti ni fincilu, yoo mo’atan isaanis muudamanii madduma halagaa sana fi fedha Waaq dhahatu malee ummata keessaa bahan hin himatan. Sanaan ummaticha hadoochanii of jalatt hambisu.

Akkasitt gurguddoon Habashaa ummata ofii irraa adda of tolchee hacuucaa jiraate. Hololli dhaloota dhalootatt walirraa hin citne sammuu ummataa akka barumsi kamiyyuu keessaa hin baafnett dhiqaa ture. Ummatichi haala bilisa qaabannoo ofii keessaa hin qabu. Kan aangoo irra bahe hundaaf damboobinaan buluu dha. Rakkinni gurguddoon Habashaa si’ana qaban kanuma. Seenaa hololaan uumame duukaa bu’anii dhugaa ilaaluu dadhabaa jiru. Rakkinni jiraachuu beekanuu furmaata saa, of keessaa ol baasani ilaaluu fedu.Erga bulchi Nugusaa sokkeeyyuu rakkinni gurguddoo Habashaa sana. Keesaa kanneen barumsa dudhaa waabarii amanteett fixatan, hammam barumsa ammayya ofitt naqanuu, soba ijoollummaan waabarichatt itt hudumame of keessaa baasuu hin dandeenye. Akkuma si’a duriitt yaaduun seenaa sobaa hololaaf uumamee irra deddeebi’aa jiraatu.

Olhantummaa sobaan afuufame kanaan ummata erga of jala galchanii waggaa dhibaa ol hin taane eenyummaa saa dagachiisuu fedhu. Isaan beekaa, inni wallaalaatt waan fudhataniif, lakkofsa saa wayittuu hin galchine. “Habashaan tokko kumashee oofa” jedhanii of saadu.Isaan utuu hin tahin qawween akka oofaa jiru hin hubanne. Qooqa “onnee/wannee jedhu Oromoo irraa akka dhagahan hin beekanii. Ummati Oromoo dandahaa dha. Tarkaanfiin fudhatu hobbaatii saa erga hede duuba. Hamma jireenyi saa du’a irraa hiiquu tahett gidira hunda dandahee hamajaajiin of geeddaruu akka dandahutt carraa kennaafii. Garuu hamajaajiin of jijjiiruu dhiisee cunqursaa fi tuffii irr fufe. Sun jireenya saa dorsifnaan sochii malalchiisaa gochuuf dirqame. Karaa nagaa fi araaraa buusuuu erga fixachiisee booda sosso’uun murannoo fi dudhama isaan abjootanii hin beekne itt agarsiise. Sana booda kan isaan of jibbaama Oromoon dhugaa qaba jechuuf kan eegalan. Oromoon “dhiphoo fi fottoqsituu” tahuuf himatamaa ture. Amma garuu isaanumatu “nan fottoqa hin jenne” jedhanii dubbataafii jiru. Arrabsoon baasuu didnaan saaduun moo’achuu yaala jiru. Garuu, hanga yoonaa “Oromoon “Maal barbaadda?” hin jedhamnee. Hin barbaachisus, Oromoon qabsoo ilmaan Oromoo itt dhumaa jiran Itopheessuun, isaan caalaa Oromo salphisuuf bobba’an waan jiraniif taha.

Ummati Oromoo walitt qabaa ummatoota yaroo empayerichaa caalaa guddaadha. Empayera keessa akka afaan saddeettamaatu dubbatama jedhamaa. Hedduun lammoota afaanota kana dubbatanii kanneen lakkofsi saanii kumoota keessa jiru. Erga koloneeffataan walakkaa caalaa ajjeesuu fi garboomsuun fixee as guddachuu hin dandeenyee. Caalaatt dhiibamaa fi akka barumsa hin arganne godhamaa waan jiraatanif sadarkaan jireenya saanii isa qabama dura jiru irraa gad adeeme. Si’ana bu’uura jireenya saanii kan tahe bosonni saanii ciramaa fi lafti saanii dureessotatt gurguramaaqonnaa shonkooraa fi biqiltuu adda addaa lafa gad dhiisaa jiru. Hojii sanaan uumamuutt hojjetaa Tigrayitu durfannoo qaba. Laggeen isaan qurxummii baafachuu, jallisiin qotachuu fi waan adda addaaf dhimma itt bahan humna elektrikaaf hidhamaa, haddhaa adda addaan faalamaa jiru. Isaan lafa saanii irraa buqqifamanii bakka jireenyaaf hin tollett ari’amuun hamaa caalaan irraa gahaa jira. Akka lammileett badiisi itt dorsisaanii jira. Eegumsaa fi gargaarsa olloota gurguddaa fi addunyaa haala itt barbaachisurra jiru. Kana malee mootummaan amma jiru da’oott ukkaamsee fixuuf adeema.

Oromiyaan kolonota keessaa isa guddichaa. Koloneeffataaf qabeenya uumaa, homisham fi humna namaa heddumminaan kan dhiheessus isaa. Kan koloneeffataan ummatoota naannaa, kan ofii utuu hin hafin ittiin rukutus heddumminaa humna namaa isa keessaa fudhatuuni, fakkeenyaaf OPDO. Kanaaf Oromiyaan walaba hin taane mootummaan Habashaa ulee ittiin nama dorsisu heddumminaan kan keessaa muratu. Yeroo ammaa koloneeffataan Oromiyaas balleessaa kan jiru jaruma akkasiinii. Oromoon aadaa demokraatawaa dhaalmaan darbeef qaba. Dudhaa hacuuccaas hin qabu; akka kanneen humna hin qabnett hin cobne seera safuu jedhamu qaba. Isaan bilisa bahuun ulee abbaa hirrootaa tahu hambisee moora kanneen bilisummaa fi walqixxummaa leellisanii dagaagsaa.

Kanaaf bilisummaan Oromiyaa ummata hundaaf, ummata koloneeffataa dabalatee, bilisa bahuu taha. Oromoon madaala uumaa eeguutt amanu. Nama hafee margoo fi binoon munyuuqanillee kaasaa malee akka hin tuqamne seera qabu. Kanaaf lammilee bucun badiisa irraa baraaramanii, mirgi ilmaan namaa kabajameefii, lafa akaakilee irraa darbaafii dhufe irratt abbaa biyyumaa akka mirkaneeffatan Oromoo caalaa gargaaruu kan dandahu hin jiru. Ofiis rakkina walfakaataa qaba. Oromoon olloota saa hundaa akka namaatt malee akka faayaatt hin laalu. Daaya walgargaaranii hamma humnaa gumaachuun naannaa saanii misoomsanii nagaa fi gammachuun waliin jiraatu kan jedhu qaba.

Barreessan kun akka waan Oromoo bakka bu’uutt kan dubbatuuf ayyaana Gadaa demokraasii fi walabummaatt waan amanuuf; waa’ee jara akka saa amananiitt malee waa’ee sigabaa fi jaalalloota koloneeffataa miti. Kallachi sochii bilisummaa Oromo ABOn daaya saanii kana sagantaa malbulchaa bara 1976 fi 1998 foyyessee baasee irratt ifa godhee jira. Kaayyoon ABOn hordofu kaayyoo ofiin bula biyyattii fi bilisummaa ummatichaati. ABOn kan qabsaawu Oromiyaa walaba argamsiisee Demokraatic Republik Oromiyaa bu’uursuuf. Kanaaf hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu seera addunyaan beekame deggera. Hiree ofi kan murteeffatu ummata Oromooti malee eenyuu, ABOn dabalamee hin murteessaniifii. ABOn akka gogeessa tokkoott waan itt amanu ummataa dhiheessa malee murteessuufiif mirgas seeras qaba hin jedhu.Ummatichi kana waan amanuuf ABO dhaa deggersa qusii hin qabne kenneefii. Hogggansi miccciramuu fi kayyoo irraa cehuu ni dandaha. Waa’ee amantee fi jaalala ummataa yoo dubbannu waa’ee kaayyoo gootota itt dhumanii ganama jechuuf keenyaa. Hoggansi ABO fudhatama kan qabaatu hanga karaa sana irraa hin maqnettii. Kaayyoo ummaticha kan irraa fudhatu yk gara dhabsiisu dandahu hin jiru.

Hogganooti sabaa ejjennoo saanii qaammi sadaffaan ifatt akka beekuu gochuu qabu. Sanaaf kumooti wareegama guddaa baasaa akka jiran irraanfatamuu hin qabu. Eenyu ejjennoo akkasii hin jaallatu taha jedhee mamii agarsiisuun amanamummaa nama dhabsiisa.Tokkoffaa akeeka qabaachuu dha. Akeekichi waan fedhu itt baasuuf murteefachuu barbaachisa. lammaffaa kan akeeka qabu ija sodaatee hin daddaaqu. Hamma dhumaatt kan akeekkate bakkaan gahuuf tattaafachuu qaba. Akka waan humnooti anga’oon akeeka namaa tolchaniitt kana hin jallatan, sana hin jaallatan kan jedhan jiru. Anga’ooti akkeka namaa hin tolchan; gaaruu akeeki eenyuuyyuu fedha saanii yoo doomsu hin jallatani. Kanaaf hanga waan namaatt hin dabarrett kan sodaatamu hin jiru. Kan saaniis fedha kan ummata biraas fedha. Akka tokko isa kaanitt anjaa madala hin qabne hin fudhanne waliin haasa’anii furachuu dha. Sabi Oromoo saba seenaa dheeraa kan Masir duriitt ejju akka qabu beekamaa dha. Jalee eenuyyuu miti. Kanaaf akka itt jiraatu ofiin murteeffata malee halagaan murteessaaf taanaan waan of se’u miti jechuuf dha. Akka of fudhatutt walabummaan yk kan wal fedhan waliin bulcha tokko jalatt haa tahu akka ollaa dansatt jiraachuun mirga saa uumamati. Kun akeeka wareegamaniif malee kan ija laafanii gaddhiisan miti.

Naannaa jaarraa tokkoof walakkaa, Oromiyaa irratt empayeratu ijaarame. Empayericha kan ijaarrataan mirga akka ilmoo namaatt ummati Oromo qabuu fi qabeenya saa mulqaniitu. Biyyis nammis qabeenya akka fedhan itt ajajan tahe. Kanaaf caasaa too’annoo sana calaqisutu ijaarame. Ummatichas holola hadoochaa fi of wallaalchisaatu waggootii sana hundaaf irratt gaggeeffame. Kanaaf qabsaawoti sochii ittisaa jalqaban keessaallee kan sammuu bilisoomfachuu dadhaban ni mullatu. Oromiyaa haajjisa, empayera du’aaf dhidhiitatutt qalanii fayyisuuf tattaafataa jiru. Dargaggoon Oromiyaa akka isaan hin milkoofne gufuu itt taateettii. Gocha dargaggoo kana jara Habashaa caalaa “biyya keenya Itophiyaa “ balleessuu dandaha jedhanii yaaddoo saanii akka isa “Papa caalaa Kaatolika” jedhanii gaddaan ifsatu. Akka waan ergaa warabame liqimsanii qabsaawota Oromo farsaa bakka sagaleen saanii gahuu hin dandeenye akka gahaniif irbuu seenan. Dhugaan saa “Jara sagaleenu isin bira gahuu hin qabne kara isin gahan yaala” jechuuf saaniiti. Hariiroo dhiheenya tolfataa jiranii fi imaammata labsatan irraa yoo qabsoon Oromoo burkutawe Empayerri Itophiyaa baraarame xinnoomallee kan garaan nahu hin fakkaatu. Waaqayyoo isaaniif haa dhiisu.

Ummati Habashaa haala bilisummaa qaabannoo isaa keessaa hin qabu jenneeraa. Bulchooti saa kumaaleef Waaqaa gaditt nutu sii beeka jedhaanii dhufan. Kanaaf si’ana yeroo ollaan saa, Oromiyaan mirgaaf falmachuun mootummicha hundee raasaa jiru of bilisoomsuuf ka’uun itt hin mullanee. Kanneen mootummicha bakka bu’uu fedhan qofatu waca. Amaarrii fi Qimant walitt buunaan afarsuu yaalanii hin taaneef. Ummata Walqayitt kaasaa taha jedhanii abdatanuu Amaara biraa, Saayinti, Manzee, Goojjam kkf irraa tumsi hin kaane. Oromiyaanis qabeenya keenya jedhanii duula hin kaafne. Gurguddoon bakka hin hooqsifne hooquufii barbaadan malee inni kan qabu fudhateera. Oromoon Raayyaa hanga Booranaatt, Begiitti hanga,Jaarsoo bahatt mee Buraayyu keenya, Sabbata keenya, Cillimoo keenya tuqaa jedhee akka kannisi gaagurri see jeeqameett ka’ee huurse. Sun miiddhaa hanga yoonaa irra diriirfatee jiru yeroo dhumaaf ofirraa fonqolaachisuuf kaasaa waliin ka’ee dhiichu tahef. Si’ach hanga walabummatt maqi biraa hin jiraatu.

Mootummaa maqaa saaniin aangoo irra jiru qabaachuun ummata Habashaa cunqurfamaa jedhamu calisiise. Akkuma durii shiftaa isuma keessaa bahee finqilchuun eeggata. Rakkinni fi ilaalchi addunyaaf qaban Oromoo fi kan saanii, adda adda tahuu agarsiise. Tokko hudduu qullaa olhantummaan kan itt dhagahamu, inni kaan cunqursaan halagaa kan harka harka itt jedheen tahuutu mullate. Silaa qabsoon Oromoo gadadoo waggootaa fi ayyaanfennaa abbaa hirrootaa jalaa bilisoomuuf carraa guddaa ture. Gurgudoon saanii Tedros, Yohannis, Minilik, Adaalii fi Tafariin boonaa jedhu. Jarri kun kan ummata walitt qabanii abidaan guban harka harma fi arraba irraa ciran turani. Inni amma jiru ummatoota akka qaceen saanii lafatt hin hafne kan haxaawaa jiru. Jara darban akka goototaatt ilaalu taanaan isa kana waan hamaatt ilaalaniif hin qabani. Yoo jara duraatt gaabban isa kanaan mormu. Oromoof hundi saanii diina nama nyaatota. Kanneen durii balaaleffataa isa amma ofirraa kaasuuf kan barbaachisu hunda itt baasaa jira. Gocha jara duriitt kan hin gaabbine waliin fromanii nagaa fi araaraa buusuun rakkisaa taha.

Ummati Kibbaa akkuma Oromoo koloneeffame, erga Wayyaaneen dhufe harki ajjeechaa irraa hin kaane. Fakkeenyaaf naannaan Hadiyyaa fi Kambaataa kennata kan laaluun; Sidaamaan Loqqee irratt, Shekoo fi Mazhangir Tepii irratt, Naylotota naannaa Omoo fi Gambeela irratt kkf duula qacefixaaan dhumaa yoonaa gahan. Oromoon fixiisa akkasii waggootii hedduuf dhandhamate. Amma garuu xumura itt gochuuf ka’ee jira. Hunduu hanga dandahu iyyee sagalee ofii dhageessisaa diina gara jabeessa kana ofirraa facisa malee lamuu callisee hin dhumu. Jara bucuun akka sanyiimaanu hin badne Oromoon abdii tahuufii qabu. Qabsoon walabummaan Oromoo qabsoo cunqurfamaa hundaaf karaa bilisummaa banuu tahuutu irraa eegama. Kufaatiin saa kufaati naannaa hunda hubu. Milkaawuun saa garuu godinichaaf nagaa araaraa fi tasgabii fida. Wanti hubatamuu qabu Wayyaaneen ummata yaroo dha jedhee eenyuufuu akka hin hillee. Saamichaf DhDU hundatt ijaaruun hamma lafeett utuu hin qorqin salphaatt akka hin dhiisne agarsiisa. Dogoggoraan waan se’aniif Oromoo akka hubuu ummata ofii akka diina saaniif tumsu dhiibuu dandahu; ollooti hundi arjummaa fi qulqullina garaa Oromoo, Oromiyaa keessa jiraatanii hojjetanii beekuu.

Wayyaaneen maqaa ummataan dargaggoo hedduu riphe lolummaan hiriirse. Warraaqxoti isa jala hiriiran erga aangoo qabate akeeka jijjiirrachuu arganii morminaan heduu baasee gate. Loltuu amma inni horate kan kaasaaf utuu hin tahin mindaaf bulani. Kanaaf Wayyaaneen dhaaba yeroo dirree ture ummataaf dudhama qabu sana utuu hin tahin dhaaba ofangessaa dha. Mootummoota isa duraa caalaatt mirga ilmmoo namaa dhiphisee samichaaf kan qophaawe. Waggootii digdamii shan tooftaa itt samu gegeeddaraa jirate. Fakmishoon saa isa bara mootummaan Habashaa ummatoota bitu caalaa iyyaatii qabuuti. Amma teknolojiin hundaa banaa waan taheef akka durii nama sobuun hin dandahamu. kanaaf soba buusifama ooluun amanamummaa dhabsiisaa jira. Diddaa barattoota Oromoo gadi qabuu haa tahuu furmaata araarsaa taheen gadi bahuu dadhabuun Wayyaanee bakka jirutt kantaruu saa agarsiisa. Erga Mallas jalaa du’ee hogganooti mataa tokko hafee mataa waan jedhamu kan ittiin yaadanuu qabu hin fakkaatani.

Dureeyyeen isa gargaaruf Oromoo qeeyee saa irraa buqqisanii qabeenya saa saamu keessaa fi alaa yaa’an illee xaxatanii karaa ilaallataa jiru. Duraanuu Wayyaaneen miilla suphee akka qabuu utuu hin hubatin dhufani. Lammaffaa tuffii Oromoo qabaniin hooda cabsanii Oromiyaatt duudan. Amma barnoota jireenya saanii egereef maayii baasuuf akka argatan abdatama. Jarri firummaan Tigrayii dhufanii halkanuma tokkott abboolii kumkumoota tahan idaa baankiitt dhiisanii waan dandahan gabra gamatt baqachiifataa jiru. Kan amanamummaa dhabe ummata nagaan bulchuu hin dandahu. Waraanni gaafa dammaqe qawween qoraan dhukaatu utuu hin tahin baatamtu akka taatuu kufaatii Dargii irraa agarreerra. Innimoo waan fagoo fakkaataa hin jiru. Mallattoon bakka bakkatt mullataa jira.

Wayyaanett kan lubbbuu itt bitaa jiran anga’oota gabra gamaati. Aanga’ooti kun Wayyaaneef jalala addaa qabaatanii utuu hin tahin fedha saanii eegsisuuf lugama safuu haa tahu amantee wan hin qabneefii. Isaan malees qaama irratt hirkatu hin qabu. Murna akkasii deggeruun imaammata sanii beekamaa dha. Isaan kan ittiin dorsiftu shororkeessituu kan dhowwuu dandahu ana qofa jechuunii. Ummati Oromo Kiristana Mosilima haa tahuu Waaqefataan karisummaa hin qabu. Hamaan biyya saa keessaa akka hin dhalanne haa tahu akka da’oo hin godhanne ummata abbaawummaa fudhachuuf karaa halleen dandeettii saa qabu. Biyya sanaaf yaroo adamsuu isaan hin barbaachisu ture. Ummati kaan Wayyaanee lashessuu akka dandahu sochii barattoota Oromoo irraa arganiiru; kanaaf, dudhaa jedhame keessa deebi’anii utuu ilaalanii hundaaf tola. Habashaa waliin hariiroon bara dheeraaf qaban jiraachuu keenyayyuu herrega keessa akka hin galchine godheera. Sun bara imperialism waan tureef amma bara teknoloojii addunyaan ganda baaqulawaa tokko tahuuf aggamatu kana hariiroon saanii waan bara waliin hin deemneef hin qabu. Oromoon wayyabaa; bucuun hin moohamnu jedhaa jiru. Yoo irra goruu baatanuu, saba bucuu irra tursuuf akka hin sadne haa gaafannu.

Mootummaan Habashaa gargaarsa halagaan malee dilii kamittuu waraana Oromiyaa moo’atee hin beeku. Kan Oromoo qabatee hanga yoonaa irra turuu dandahes gargaarsa walfakkaataa walirraa hin citneen tahuuf raga hedduutu jira Fakeenyaaf tokko, uffata, hidhannoo fi geejiba loltuun TPLF Oromoo ajjeesaa jirtuu ilaaluu dha. Ummata abdii kutatee hanga du’a hin sodaanne gahee gargaarsi kamuu ukkamsuu hin dandahu. Oromoon hardha sadarkaa sana irra gahanii jiru. Qabsoo nagaan mirga saanii deeffachuu yaala jiru. Qabsaawoti sanatt hin amannes mirgi qabsoo hidhannoo akka eegameefitt tahee waan jalqabett akka cimu ummata jajjabeessaa jiru. Karaa fedheenuu bakka turett deebi’uun waan eegamu miti. Hacuuccaa irra gaheef walabummaa malee furmaati hin jiru. Godinichi jeeqamaa jira. Sanaafis walabummaan Oromiyaa fala taha. Jireenyi nagaa, seeran bulmaati, ilmoo namaa walqixxeett ilaaluun aadaa saatii. Ummatoota kolonootaa qofa utuu hin tahin ummatooti Itophiyaallee walabummaa Oromiyaan ni bilisoomu. Nammi Oromoo roorrisaaf bitamee ulee saa tahuun yeros hafa. Uleen harka buunaan roorrisaan hin jiru. Oromoon nagaa fi araaraa busee jiraachuu fi hariiroo sabgidduu akka seera addunyaatti, saba gaggeeffachuuf aadaa qabu. Naannaa sanatt ummata homishaawaa, beekaa fi jannaa beekaa irra darbame. Naannaa uumaa eeguun imaammata akaakilee itt darbaa dhufe. Kanaaf fedha hariiroo dansa biyyoota addunyaa waliin eegamuu qabuuf qayyabannoo fi dandeettii gaha saba qabu. Akka saba walabaatt yeroon fudhatamu fagoo hin tahu. Qabsoon itt fufa, injifannoon ni dhufa!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *