0

Dhaabota Malbulchaa Oromoof Waamicha Adda tokkoon dhihaachuu

Yeroon naasuu fi joonjee uumaa jira. Gara wagga digdaamii jahaa ni taha kan waaraanii Sahaaraa gaditt Africa Kibbaa yoo hin taane gita hin qabne akka tasaa jorga’e. Loltuun qawwee akka uleett rarraafattee dirree dilii baqatte. Dargiin hacuucaa, jibbamaa fi of haangassa ture. Ummatooti garri caalan hamaan akkamiiyyuu dhufu isa irra ni wayya jedhanii jijjiirama dhufuu dandahu simachuuf qophii tuhan. Kan loltoota ari’aa turan murnoota hidhata cimaa qaban turan. Gumaacha tolaas biyya addunyaa keessaa aangoo olhaanaa qabu, FAT irraa argataniiru. Wayyabi qooda fudhatan Tigroota kan Eertraa dabalatee, Amaaraa fi Oromoo turan. ABO fi dhaabota Oromoo walaba turran sadii malee Maxxannee TPLF kan tahan dhaaboti Amaaraa tokko fi kan Oromoo tokko turan. Mootummaa Cehumsaa (MC) tokko uumamee konkaan aangoo guutame. Yoo dhumallee erga MC jigee waraanaan yeroo dheeraa naannaa tureyyuu Eertiraan MC keessatt qooda hin fudhanne. Waggaa lama keessatt murnichi haaraan (TPLF/EPRDF) abbaa hirree tahee lafa taahe. Sonni Cehumsaa ni cabe. Murni tokko akka bulchaa tokkicha empayera Itophiyaa tahe beeksise. Empayerichi kan Habashaa waan tahef sun akka ture. Ummati kolonii utuu ifaan koloniin hin diigamin koloneeffataan walqixxee taahuun waan sirrii hin fakkaanne fi kan tahee hin beeknes.

Afracha jaarraaf Wayyaaneen kennata sobaan fedha saa ummatoota irratt fe’aa dhufe. Mootummooti Dhihaa fi Bahaa imaammata gabaa walabaa labse anjjeffatanii maxinicha keessaa qunxuraa daldaloota saaniif argamsiisuu yaalanii jiru. Roorroo mirga ilmoo namaa irra funyaan saanii jalatt raawwataa jiru garuu sirinyaan isaan keessaa kan laale hin jiru. Baroota kana hundaa hariiroo dansa waliin qabaataa bahan. Sababi dhiheessan qunnamtii qabaachuun dhiibbaa wayyeessaa irratt gochuuf ni tolaa dha. Garuu isaan ni wayyeessuun jedhanii cuqurfamooti hagam eeguu qabu? Wayyaaneen ramaddi itt kennan dansaan bakkaan gahe taha. Garuu ummatoota tajaajiluu qabuuf hamaa hamaa caaluu tahaa dhufe. Amma garuu sadarkaa ummatooti empayerichaa obsaan darbuu hin dandeenye irra gaheera. Keessaa, ummati kumkuma soddomaa ol tahan, Oromoon tuqaa itt cabamu irra gahaniiru. Sadaasa 2015 jalqabee sochiin ummataa barattootaan durfamu itt fufama jira. Hamma yoonaa humni hammaa bahaan dhaabuunii hin dandeenye.

Akka naga qabeessa tahan agarsiisuuf barattootii fi ummanni harka duwwaa walirra qaxxamursanii dhiichanii. Abbaan hirree TPLF/EPRDF sana akka tuffiitt fudhatee gadi qabuuf meeshaa qoomutt dhimma bahee. Waggaa saddeetii hanga saddtamaatt dhibbootaan lakawamn du’uutu gabaafame. Polisii naannaa, kan federaalaa fi humnni adddaa “Agaazii jedhamantu ajjeechaa irratt qooda fudhate. Polissin naannaa seexan saanii ajjechaa daa’imman nagaa hin fudhanne akka qawwee saanii miltolee ofiitt gargalchanis himameera. Ajeechaan hirira irratt qofa hin turree, manaa fi baakka da’atanittis ni dabalataa. Gudeedammis ballinaan himama. Dudhaa demokraatummaa waan hin qabneef demokraatummaan dhihaachuun hamaatt fudhatame. Haala kana jalatt dubbiin ni qabanaawaan kan fakkaatu mitii. Kan ajjeese dhiiga harka irraa qaba, gaga’amtooti dudhaa gumaa firaa baasuu qabu. Kanaaf du’aaf haaloon utuu hin bahin yk Wayyaaneen akka Minilik Yohannis duratt godhe, dhagaa baatee jilbaan daa’imee utuu araaraa hin gaafatin diddaan hin dhaabbatu. Buqqa’uun, ajjeechaa fi butamanii baduun, hidhamuun sabaawota Kibbaa irratt raawwatama jira. Yoo hamma kolonoota keessaa rifachiisaa hin tahinuu lolli sadarkaa gadii fi diddaan biyya Amaaraa keessas akka jiru ni himama. Keessaayyuu haalli Walqaayiti keessa jiru akka bala’amaa fi rifachiisaa tahe gabaafamaa jira.

Itophiyaan addunyaa keessaa biyya hiyyeettii tokko. Diddaan ummataa bakka hallee akka baasii guddaa gaafatu hin mamamuu. Yoo gargaarsi alaa dabalamuufii baate galiin keessaa qofti hin dandahu. Gargaarsi beelaa achi darba jechuu dha. Jeejeen kan fudhatu fudhachuuf deebi’ee dhufeeraa; isa irraa mootummaan baraaramee hin beeku. Malamaltummaa daangaa hin qabnee, nageenya ummmataaf dhimma dhabuun dandeett dhabisa bulchotaa saaxile. Kanaaf mootummaan kun irraa hafuuf carraa waan hin qabneef balleessaama ofiin ulfina ofii jalatt kufee jiga. Kanneen fedha qaban yoo dandahame utubuunii yaalu taha yk yeroo inni gahu akkuma barame konka dhalatu guutuuf qophaawu taha. Namooti mirga ofiif lolatan jiru; kan jijjiirammi jedhame akka dhufu dhiibaa jiran isaan waan tahaniif tarkaanfiin sana hin shalagne fiixaan hin bahu. Badii keessas hedamuuf kanneen fulduratt bahan jiru. Yeroo mootummaan kufu hidhata uumamuun baramef kanneen tumsa sabaawaa fi sabhedduu uummataanis jiru. Kan nama dhibu, sochii biyyaa baraa hedduuf gatanii amma qabsaawota achii hoossuu yaaluu dha. Sun waan fedhe tahuu, amma maal haa godhamuu?

Dhaaaboti malbulchaa, Oromoo adda tokkummatt wamicha godhan jiru. Hanga yoonaa taasisi hedduun qabsaawota gargar qabanii turanii; garuu sochiin biyyaa ka’e dhugaatt yaada jijjirsisee jira jennee yoo fudhanne waamichichi tolaatt ilaalamuu dandaha. Maqaa Oromoo kan dhahatan dhaabota gosa lamatu jira. Tokko kan walabummaa Oromiyaaf dubbatan. Kaan kan Itophiyaa demokraatessuuf tattaafatan. Ilaaalcha wal fincilan akkasii yoo hundi waliin “An dura Oromoo dha” jedhan malee walitt araarsuun rakkisaa dha. Sun tahuu baannaan hundi sagantaa ofii duubatt dhiisanii waliin dhabbachuun waan dandeettii saanii keessa jiru, deplomaasiin adda biyya keessaa gargaaruu walii galuu qabu. Kan biyya keessaan atoommi yoo hin jirre barbaachisummaan dhaabota Badii hin mullatu. Wagootii digdamii shanan darbaniif sochi amansiisaan gara bilisummaa biyya saaniitt fudhatan hin jiru. Caalaattuu tokkommaa sabaa fi dhaabaa dadhabsiisuu irratt gumaachaniiru. Amma sana hunda of duubatt dhiisanii miira ofittummaa irra darbuun, gurra walii kennanii,waan biyyi saanii battala kana irraa barbaaddu gochuu dha.

Oromiyaan isaa eengaddaa miti. Akkuma waggaa dhibba jahaan duraa ummati wal qabatee mirga malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa badde deeffachuuf ka’e. Yeros galaana ummataatu sosso’e, hardhas sanumaa. Kan isa baranaa adda godhu qabsoo hidhannoo tahuu saatii. Ofirrumaan diinaa tooftan qabsoo akka jijjiiramu tolchuu dandaha. Hanga ammaa duuti gara Oromoo qofaa. Dhaabuuf Wayyaaneen deemuu fi qabamuun Oromiyaa raawwachuu feesisaa. Karaa nagaan sana gochuuf sagalee Oromoo dhageeffachuun dirqii taha. Sanaan sonni cehumsaa wayii kaayyoo hin tuqne fudhatamuu dandaha taha. Kun ummatooti ollaa tahan erga empayerri irratt jigee hiree saanii irratt yeroo jalqabaaf mari’achuutt geessuu dandaha. Cehumsichi yaa’a ummatooti ofii dubbachuu dandahuuttt geessu tahuu dandaha. Yoo yeroon cehumsaa walgahii ummatootaa dura ni jiraataa tahe akka Oromiyaan itt iddoosamtu adda biyya keessaa fi iddosota saa Badii keessaa aliin soneessuun ni dandahama. Ummata Oromoo haa tahuu ummatoota biraa irratt eenyuu fedha saa fe’uu yaaluu hin qabu. Ummatooti dhimma ofii irratt fedha bilisaan utuu soda fi dorsisi gara kamiinuu hin jiraatin murteeffachuun mirga dhuunfaa saaniiti. Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu beekuun kanneen seenaa sobaa ofii darbeen jaamaniif laala qabeessa ta’uu dandaha; garuu dandahuu malee filmaati biraa hin jiru. Oromoon qabsoo saaniitiin bu’aa hanga tokko galmeeffatanii jiru, sanneen utuu hin gatin bu’aa haaraa qofa irratt dabalatu.

Dhaabota Oromoo Badii keessa jiraniif addi yeroo, hidhata haa jedhanii tumsa, sagalee baqataa walitt dhiheessuuf ni gargaara. Yeroon saa yoo gahu dhaabota biyya jiran waliin hojjechuuf gaafachuun ni mala. Fudhatamuus dhiisuus ni dandahuu, keessaayyuu kanneen diddaa guddicha gaggessaa jiraniin. Eegalumaa, jarri warra Gadaa waan tahaniif akka iddoosota kallattii ummataatt fudhatamuu qabu. Ammayyuu dhiigi o’aan lola’aa, lubbuun badaa, kan didan guraaramaa; warri manca’aa jiruu, cehumsi nagaa yoo jiraachuuf taaha tahe kan itt geessan sanneenii. Murnooti Oromoo Badii kan qalbii walii madeessanii jibba sadarkaa hundatt maddisiisan waliin tahanii mari’achuun, malbulcheessota sobaa utuu hin tahin isaan dhugaa, waan darbe, ciigoo, miidhama fi miira ofiffummaa of duubatt dhiisan gaafata. Shakalichi walamantee dhabisi guddaan isaan gidduu waan jiruuf qulqullummaa garaa fi akka obbolaatt walitt dhufuu dandahuu fedha. Kan diriira irratt dhihatu hundi akka fedha Oromoo calaqisu gaafata taha. Xaxaan Oromoomitii hundi yoo balbala irratt hafe walamanticha cimsuu dandaha. Tokkummaa adda malbulcha Oromoo dhugaa waliin fulduratt!!!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; bilisummaa, walqixxummaa fi balchummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Ebla 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *