0

Ukkaamsaan Yoo Futta’u

Bara ofbarri malbulchaa hammana hin jedhamne rakkina dhokataa fi ifaan ummata irra gahaa turee baratooti Oromoo qaama sochii barattoot Itophiyaa tahanii saaxiluu irratt qodaa fudhatan kan qubaan lakkaawaman turan. Beekumsi kennamu kan qoqqobame haa tahu malee firomsatt akka warra caalaa shira tolfamaa ture hubatan gargaaree ture. Kanaaf miidhama sirna fudaalii fi “Qinyi Gizatiin” golee goleett ummata ira gahu, gaaga’amtooti akka itt ifsatan wallaalan addunyaatt saaxilu dandahanii turan. Bara quunnamtiin hin jirre sana illee iyyanii, iyya dabarsuun mootummaa Waaq muude jedhame sana hundee sochoosaniiru.

Sochii walirraa hin citne kan gaggeessan, barattoota universitii tokkittii barasii, University Finfinnee turan. Ijoolleen waabarii olhaanaa bulee qooda fudhachuu eegalan. Ergasiitu sochiin barattootaa akka abidda saafaa bakka hunda kan walgahe. Ijoolleen dhaadannoo gurguddaa akka “lafti kan qotuut”, “daabboon kan beela’eef”, kkf jalatt hiriiruu turani. Qotee bulaan Oromo gaaffii qabsoo abbooliin saa jalqaban jabeessee itt fufee. Bakka bakkaa ka’ee lafa jaarraa tokkoo ol jalaa saamame deebifachuutt ka’e. Sunis aarsaa malee hin turre. University keessattis qabattee adda addaa kaasanii mari’achuu eegalan. Barruulee garagaraa fi walalootaan hala hawaasi keessa jiru ifsuu eegalan. Waa’een sabummaa laguu tahe Walelligni Mokonin baraataa jedhummu dhohee. Kunii fi sochiin qoteebulaa Oromoo itt cimaa deemuun gurguddoo Habashaa hedduu naasise. Dhuma irratt gatiin beenzinaa dabaluu, imaammati barumsaa gitaa baabsu bahuu qabatanii yoo dhiichan ummatis duukaa ka’e. Meeshaan meeqa bahu gadi qabuu hin dandeenye. Yeroon saa Nugusaaf hin taane; jeequmsi diinagdee addunyaa raasaa ture isas ni dhaqabee ummata irraa gara galche.

Wuxinee imaammati haaraa “Sektor Review” jedhamu, kan ijoollee qoteebulaa kutaa sadii ol akka hin dabare godhu, barattootaa fi barsiisota yaada tokkoon hiriirsise. Jarri taaksii gatii benzinaa mormuun hojii dhaaban. Shaggar ni jeeqmte. Konkolaataan karaa irra akka hin deemne uummati akeekkachise. Sochiin magaalaa keessaa ni dhaabbate. Sini cunqurss bososee jijjiguutt ka’e. Gaaffiin lafaa fi imaammati barumsaa addatt Oromoo caalaa ilaala. Dullummi Nugusaa kan yaachisee fala itt barbaadan addatt dantaa ijoollee Habashaati. Epayeratt badiisi aggaamamaa jira, dafanii isa karaa irraa maqsanii kan bakka bu’u barbaadan malee olaantummaan jaarraa tokkoof ijaarratan manca’uu saati. Badaan caaluu, Loltuun mindaan akka dabalamuuf gaafatee qondaalota hidhuutt kaate.

Golli mootummaa gaggeessuuf qophaawe hin turre. Hundi kan qophiirra jiruu fi raajiin angott olbahuu kan eeggatu ture. Qaammi hin ijaaramne raasuu malee dhaabuu hin dandahu. . Bakka duwwaa argachuun loltuun maqaa ummataa dhahattee utuu want halle gargar jijjigee hin badin mootummaa dhuunfattee. Hedduun saani ijoollee Nafxanyaa durii yoo tahan kan hafan nafxanyoota haaraa dha. Itophiyaa tokkummaan see hin tuqamne qawween bulchuu kakatan. Gaaffolii Nugusa jalatt ka’an hundaa deebii kennina jedhanii samaanan. Lafti kan ummataati jedhanii labsuun “abbootii lafaa” mogolee buusan. ,Utuu hin turin dagachiisanii lafti kan mootummaati jedhan. Gurguddoon Oromoo ijaaramanii ummata socha’aa jiruuf hin dhaqabne. Akkasiti warraaqsa Oromoo basalgaan karaatt hafe. Hoggana dhabnaan ijoolleen Nafxanyaa warraaqsa saa harka butattee. Empayrri ummati Oromoo dhiiga saatiin raase deebi’ee jajjabeeffamuutt ka’e.

Sochii baratoota laaffisuuf an “soshaliti” ofiin jedhe daree kudhanii kaasee ol, magaalaa keessaa yaasee duula beekumsaa waan jechuun biyya irra facaase. Sun of jabeessuf yeroo afura itt fudhatu kenneef. Dargaggoon kara karaan of ijaaraa turan diddaa saanii sadarkaa olhaanutt ol kaasani. Kaan yoo loltuu waliin dhaabbatan kaan fallaasaa ijaajjan. Loltuun “Dargii” ofiin jettee roorrisuu eegalte. Dargiin abiyootiin dhala see nyaatti jedhee kan dura dhaabbate itt fakaate hunda haxaawuutt kaa’e. Qabsoon “dhiiga malee” jedhamee, dhiiga akka lolaa gannaa yaasuutt ka’e. Seenaan, finnaan Habashaa biyya nagaan gaggeessuu hin dandahu. Kan biraan hafee, waa’iloota ofii ajjeesutt kaa’e. Kana jalaa warraaqsa ummataa baraaruuf dargaggoon kara karaan ijaaramanii, kan Habashaa tahan biyya Habashaatt, kan Oromoo bosona Oromiyaatt qajeelan. Sanneen keessaa kan beekaman ABO, EPRP, TPLF, EDUtu argama. ELF bara Nugusaa bahe.

Jijjiirammi olitt kaafne hundi sochii barattootaan dhufan. Achi gahuuf hedduutu wareegame. Dargiin hedduu galaafatee nagaa buusuu utuu hin dandahin waggaa kudha torba moo’e bade. Sana irra Oromoo nagaan malee qawween gad qabanii hambisuu akka hin dandahamne baran. Kan mirga mulqame yeroof humnaan haa ukkaamsamu malee futta’uun saa hin hafu. Kun seeruma uumaa namaati. Jiraachuu fi dhibamuun bakka itt wal hincaalletu dhufa. Humni ofii fi qabeenyi ofii abbaaf dhimma hin baasu taanaan, namummaa ofii mamuutu dhufa. Waanti Oromiyaa keessatt taha jiru sana. Empayerittii keessa ummata hedduutu jira, Habashaa fi kolonota. Daa’immi tokko dhalatee yoo guddatu yeroo halagaan isa ajaju qofa arga taanaan namaa gaadii of godhee ilaalun hin hafu. Lafti biyya koloneeffataa kan ummataati. Ummatichatu qotatee nyaata. Lafti kolonii kan mootummaati. Mootummaatu gurguratee nyaata. Mootummichi kan saa miti. Halagaatu akka barbaade oofaanii. Gaafa gadigaloo tahee hin jiraadhu jedhu didan futta’a.

Ilaalchi koloneeffataan, “akka an jedhutt bultu” jedhu kan yeroon itt darbe tahuu, diddaa dhalcheen hubachuun ni dandahama. Ijoolleen Oromoo biyya saaanii irratt abbaa biyyaa tahuu dhabuun, ummati saanii akka namaa gadiitt ilaalamee, eenyummaan saa haalamuun, fuuloo OPDO ofitt diratee Oromoo of fakkeessee biyya Oromoo gurgarachuun, didhaa akka ilmoo namaatt baatanii taahan tahaa hin jiru. Kanaaf ibiddii warraqsaa golee Oromiyaa hunda keessaa laboobaa jira. Dhiigi akka malee dhagala’uu walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromiyoo hin magarsu taanaan diddaan akka hin dhaabbane kan darban irraa baruun nama hin dhibu. Sii’achi Oromoon gootota saaf imimmaan hin qabuu, baayyee boowee. ‘Master Plan’ kan jedhamu “citaa isee dhumaa kan dugda gaalaa kutte” jedhamuu sana. Yeroon kun Oromo hunda qormaata keessa kan galchu. Sochiin baratootaa, du’aa ofii awwaallachuu, madoo wallaannachuu kan bade barbaaduu, kan dheesse dhossuu, kan hidhamuu warraa fi maatii gaafachuu, kan beelli fi dheebuun irra gahe tajaajiluu gaafata. Kanneen tumsa humna, qabeenya, dandeettii fi sammuu barbaaduu.

Kan hafe walii birmate malee wareegammi sun hundi hobbaatii dhaba. Kan diinni qaxaratellee ulfina namuummaa, annisaa fi onneen Oromummaa keessatt hafte yoo jirate, lammii dirmachuun amma. Baandaa yoo hin taane kana caalaa maaltu dhufa jedhanii eegu? Dhaabota Oromoo hanga tokko gidduu garagarummaan ilaalcha jiru guguddaa dha. Haa tahu malee haalli amma dhufe ilaalchaan utuu hin tahin Oromummaaf kan waliin isaan balleessu. Kanaaf Oromummaa badii irraa oolchuuf waliin birmachuun dirqii lammummaati. Hanga qabsoon walabummaa jirutt Oromoon hangam kakatan kan isaan amanu hin jiru. Qabsoon walabummaa hanga diinni jilbeenfatutt hin dhaabbatu. ABOn keessaa fi alaa badiisi itt aggaamamaa jiru dhiiga jaalbiyyoota Oromoon kutatoon lalisa jira male hin quummanne. Ayyaana sabichaa taheera. Ammaaf jireenya saa qaamaa irra ayyaanummaan caalaa jabaa dha. Kanaaf nammu hanga qananii nokkorroo ilaalchaatt deebi’utt waliin ofirraa qola’uu malee filmaat biraa garbummaa qofaa.

Sochiin baratootaa kophaa tahuun hafee amma ummata itt dabalameeraa. Ilmoon saa egeree saatii. Abdiin egeree itt hin mullatu taanaan maal eeguu jiraataa jedhee roorrisaan yaada lataa? Amma dhaabota Oromoo jedhamanii kan jiran hundu yeroo sochiin ummata lafa raase kanatt hogganan malee yeroo isaanumti ummataan hogganaman mitii. Jarmaa saanii cimsanii kan dheessaniif da’oo tahuu fi kan itti dabamaa jiru irraa facisuutu eegama. Sana malee hobbaatiin qabsoo Oromoo akkuma kanaan duraa qophii kan qabaniin butama. Humni Oromiyaa qabattee jirtu, jabina hin qabdduu. Jaarmoti Oromoo dadhabbii ofiirra haanuu dhabuutu jabaa isaa fakkeessa. Ukkaamsaan futta’e deebii hin qabu, kan ukkaamsetu ittiin manca’a. Jaalbiyyoota rasaasa roorrisaan kufaa jiranii, madoo wallaansa ira jiran, keneen hidhaa keessatt guraaramaa jiranii,kanneen golee Oromiyaa hundaa gargaarsaaf iyyaa jiranii fi warra saanii fi ummatichaaf jabina hawwina. Yero ukkamsaan futta’u giidoon gad dhiifamu, akka diinaaf qoomaa tahe fi warraqsichaaf humneessaa tahu mamiin hin jiru. Oromiyaa walaba yeroo ilmaan keenya argan fagoo hin tahu. Qabsoon hin dhaabbatu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu

Ibsaa Guutama

Mudde, 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *