0

Qayyabannoon Dhibee Furmaatatt Geessa

Oromiyaan burjaajii keessa jirti; hacuuccaa, roorroo mirgoota ilmoo namaa akaakuu hedduu, buqqa’uu fi jeejeen waan guyyuu tahaniiru. Tuttuqaa koloneeffataan waggaa waggaan gochaa jiru nuffuun ummati golee hundaa kaka’aa jira. Karaan birmadummaatt geessu kan eegame caalaa fudhateett ilaalama. “Master Planiin Finfinnee” fiixee gaara cabbii manyaa keessa jiruuti; Oromiyaa balleessuuf karoorri bahe akka bu’uura gaara cabbichaa hedduu baldhaa dha. Mootummoot Habashaa magaalota kooraa irratt dur ittisaaf ijaarratan inni haardhaa laaqii Oromiyaa keessaa walaboota gochuuf karoorfateera. Finfinnee qofaan waan deebi’u mitii. Kanaaf “Maasterplaniin” waan fedhe itt bahee, fashaluu qaba jedhaniitu dargaggoon Oromiyaa lubbuu saanii kan kennaa jirani. Golee Oromiyaa hunda irraa gaaffii fi dhaadannoo tokkichaan ka’uun, tokkummaan saba saanii kan hin mamsiifne akka tahe kanneen ciicataaniif mirkaneessaa jiru. Achumaanis dudhamaa fi kutannoo walfakaataa qabaachuu saanii walii mirkaneessuu irrayyuu, humna diinaas garaa gara dhisaa jiruu. Hammi inni dhifamee turuu danda’u hamma kan qawwee baatuuf sossobata turuu danda’utt. Halagaan waa’ee hin baafnee itt roorrisuun, isaan yoo xiiqii qabachiisu, humna roorroo baaragsaa fi laafisaa akka deemuu heduun nama hin dhibu. Kan barbaachisu didhaa waan karoorfatanitt cichuu qabaachuu dha. Waan qabatan sababa gaha malee fullaasanii gamaan baasuu dhabuun amanamummaa nama dhabsiisee, dhugaa jiru dhossuu dandaha.

Amma akka fakkaatutt ibda sochii tasaa argaa jirra; humna gara laafina hin qabneen hamma gadi qabamutt ni balali’aa. Humni hammaa bahaan yeroof ummata ni callisiisa taha, garuu sochiin bilisummaa hanga gaaffiin Oromoo deebii argatutt akka hin dhaabbanne agarreerraa. Ummata waan halle, qabeenya, mirgoota fi ulfina, hardhammoo lubbuu ijoollee ofii dhabe, sodaan dorsisaa fi ajjeechaa hin rifachiisu. Baatiin Muddee rincica tokkummaa itite dardgaggoo fi ummata Oromoon gaggeeffamaa jiruu fi miira faashittummaa bulchaaf raga tahaa jirti. Daa’immi mirga gaafachuu yaate karaa Oromiyaa hunda, Baha, Gidduu, Lixa, Kaabaa fi Kibba, irratt qalamaa jirtii. Manguddoon saafillan saanii birmachuu bahanis miiddhaa rifaatuu walfakkaataatu irra gahuutu himama. Dhiigi wallaalaa haala dhummi saa hin mullaneen dhangala’aa jira. Balaa guddaa saba irra gahaa jiru kana nammi Oromiyaa bahe kamuu dhimma dhabinan kan laaluu qabu miti. Amma kan barbaachisu ijaajjanii hidhii xuuxuu utuu hin tahin, yeroon saa yeroo yaada, qabeenya, ifaajjee fi hooqubaa gara adda qeeyyeett gangalchanii. Qabsoo sabawaan Oromoo ijaarame erga eegalee walakkaa jaarraa ol tahaa jira. Fiixaan bahuun kan yeroo dheera fudhateef maalifaa hin muldhanne caalaa kan mullatuufii. Rincici ummataa tasaawaan hoggansa sabaa dura bu’ee arreeduutt jira. Akka hubannutt qabsichi dhaawataa tahuuf deema. Kanaaf mee sochii bilisummaa Oromoo yoo yaadi caalaa shaffisaa isaan tolchu madduu dandahe xiinxaluu haa yaallu.

Qabsoon Oromoo manii saa gahuuf maaliif yeroo dheeraa fudhate, qabsaawoti maaf amantee walirraa dhabu, maaf atooma dhabanii? gaaffiin jedhu kanneen kaasichatt amananii fi hin amanneen hinuma ka’aa, garuu bifa tokkoon deebii hin arganne. Si’ana hojii haa tahu beekumsi yeroo yeroon of haaromsuu baannaan duubatt hafuu fida. Oromduri illee “ Harka xurii fi akka duriitt hin hafan” jedha. Hanqinooti utuu garaa qulqulluun it yaadame rakkinni guboon furmaata argata taha. Barruun kun rakkinoota heeraa fi seera ofii hojii irra oolchuu dhabuun mudatanii fi kanneen xixinnoo miira abba abbaa akka bololaa, ofittummaa, ofirrummaa kkf utuu hin tahin, kanneen sanaa alaa ilaaluufii. Yero fudhate yoo jennu, dhaaba ititaa, caccisaa fi warraaqaaf illee, qabsoon akka kan Oromo kun, dhaawata akka tahu dandahu irraanfachuun miti. Amma kan ilaala jirru, sochii yaayyoon (kaartaa) karaa kan harka bade fakkaatu. Kurnanootaaf Battalli dhaabota bilisummaa, biyyoota alaa fedhiin saba saanii walfinciluu dandahu keessa buufatanii jiruu. Sun akka qabdiidatt (hostage) hin geessine sodaachuu dha. Sochiin ummataa too’ataa halaalan gaggeeffamuu hin dandahu. Sun dadhabina ifaa dha. Kana fudhachuu baannaan dubbiin yeroo dheeraa dhufuuf kan nama dhibu taha.

Sochiin ummataa gaalchaan too’ataa halaalan masakamuu hin dandahu. Kun dadhabbii ifaa dha. Kana yoo hin fudhanne, dubbiin bararoo hedduu dhufaniif nama dhibaa jiraattii. Qabsoon Oromo akka fiixaan hin baane hedduutu ifaa fi lafjala irratt hojjeta. Dadhabina of keessaati malee eenyuu daagummaa ofiif komatamu hin qabu. Addunyaan wal basaasaa jiraate. Oromoonis yoo basasame waan raajatamu hin tahu. “Dheeratee irraa muraa jennaan, abbaatu of mara jedhe bofi” jedhama. Oromoon of maruuf kan humna dhabe fakkaata. Kun akka sababa guddaa laafina uumeett ilaalamu hin qabu. Kan keettoon akka luuxxee galtu tolchu dadhabbii keessaati; sun carraa argannaan sochiichaaf bla’amaa taha. Furmaati, harki hin mullanne luuxee dhimma ofii akka hin borcine, qaawaa dandahamu hunda cuqqaalanii laga gamatt ittisuu dha.

Caasaan dhaaboti malbulchaa Afrikaa 60oota boodaa fakmishoo Kora, Koree Gidduu (KD) fi Politburoo yk Hojii Haawwachiistuu (HR) jedhaniin, fakmishoo Gola Komunistii irratt hundaawan. Akka yaadanmalitt KG demokraasii, shaffisummaaa fi hoggansa waloo jabeessa jedhameetu. Garuu akka shakalaatt caaphaa gommaa Dura Taa’ota yeroo caalaa abbaa hirrummaatt jijjiiramanii tahee hafa. Kan fakmishicha guddifatan hedduun gara abbaa hirree tahuutt duufu. Dhaaboti Oromoo dhukkuba walfakkaataan dhibamaniiruf malee akka filmaataatt, caasaan Gadaa jiraf ture. Caasaan Gadaa mummmich fakmishoo Gumii (Caffee) fi Salgee irratt hundaawaa. Gumiin Kora sabichaa yoo tahu, Salgeen HR dudhaa; luba sagal, miseensota gogeessa angoo irra jiruu, kan Abbaa Gadaa (Abbaa Bokkuu) dabalatu of keessaa qaba. Oromiyaa irratt angoo olhaanaa tolaafis badaafis itt gaafatamu. Qajeeltuu, gorsaa fi too’annoof barcummi Yubaa Caffeett gabaasu jira. Gogeessi lubaa aaboo olhaanaa haa qabaatu malee, sirna Gadaa demokraatawaa gochuuf hiriyaan hundi qooda kessaa qaba.

Itt gaafatammi Salgee Gumiitt (Kora), kan buqqisuu dandahus isa. Itt gaafatammi Politburoo Koree Gidduutii. Koreen Gidduu maqaaf angoo olhaanaa dhaabichaa kan yeroo Korri hin teenye bakka bu’u. Walgahiin saa dhaabbbataa fi hatattamaa yeroo Abbaa Barcuma fedhu taha. Teessoon Koraas akkasuma. Staliinii kaasanii malbulcheessitooti KG fi HR tokko kanneen biraa moggeessuuf dhimma itt bahaa jiraatani. Utuu akka akeeka eegalaatt ittiin hojjetame tahee abbaa hirrummaan saaqaa hin argatu ture. Shakalli walfakkaataan dhaabota Oromoo keessatt deddeebi’ee mullateeraa. Ulaagaan miseensa Koraa seeran haa bekamu malee akka kan waamu tottolcheti dhihaata. Yeroo seeraan kaa’amettis waamamee hin beeku. Kanaaf kan waggaa lamaaf kennatame kurnan hedduuf angoo irra turuu dandaha. Dadhabbiin saanii tokko sanaa, KG baajii, HR gareett biinxa’ame fi Kora baabsaa dha. Of sirreessuuf caasaa dudhaatt deebi’anii yoo barbaachise wayyeesuun, ofaangessummaa of irraa fageessuu dha. Akka dudhaatt Salgee fi Gumii gidduu KG hin jiru.

Gaffin biraa dhaaboti Oromoo maaf akka kan Tigrootaa hin milkoofne kan jedhu? Sabummaa muumichi lamaan Habashaa, Amaraa fi Tigree dha. Erga akaakileen saanii Gabra Diimaa cehanii Afrikaa keessa qubatanii walumaan turani. Abboolii biyyaa afaan kushawaa dubbatu naannaa irraa dhiibanii finnaa ofii waliin ijaarrataniiru. Ergasii as, ba’aa bu’ii seenaa malbulchaa kan mootummaa walirraa fudhachuu dabalatu jala darbaa dhufan. Lachanuu waltajjii dhugeeffannoo, hololaa fi iyyaatii waloo Aleksanderiyaa Masrii qabu turan. Seenaa saanii hunda keessatt fedhaan tokko isa biraatt bule hin beeku. Kanaaf diddaan keessaa isaan biratt dudhaa dha. Qabsoon saanii walabummaaf utuu hin tahin angoo wiirtuu qabachuuf kan tolfamu. Hardhas sanuma. Qabsoon Amaaraa, Tigrayii fi Eertra jaarraa 20fa gara dhumaa, itt fufa dudhaa beekamaa sanaatii. Kanaafii umaan qabsoo saanii kan sochii bilisummaa Oromoon adda tahuufi. Kan saanii gaaffii quurrama keessaa yoo tahu, kan Oromoo gaafii koloniitii. Isaan kodee bobbaa walii qubaa qabachuu fi jalcaasa Habashaatt saaqaa argachuuf anjaa qabanii fi caasaan angoo nuuf taha jechuuf dandahani. Oromoon halagaa gaga’amtoota of walaboomsuu fi mirga namummaa saanii deeffachuuf yaala jiranii. Mootummaa Habashaa finqilchanii bakka bu’uuf fedha hin qabani. Qabsoo walabummaa mucuceessuuf kan yaada sana qaban hin jiran jechuuf miti. Nuti jirma, dame miti kanaaf fottoquun nu hilaalu jara jedhan jechuuf dha.

TPLF gaaffi fottoqaa qabaachaa ture, erga Empayera Itophiyaa guutuutt dhuunfachuu dandahee kan dhiisee fakkaata. Yooma Eertraan, kan saanii gaaffii kolonii tahuu himatanillee, bara qaabatamuu ka’ee, baddaan Eertraa bulcha, amantee, aadaa fi afaaniin qaama finnaa Habashaa ture. Gaaffii saanii akka fedha ummata saanii tahutt dhiheeffachuun mirga saaniitii. TPLF angoott dhufuuf haa galatu, xaxaa seeraa hedduu malee walabummaa argatani. Garuu kan nama malalchiisu Oromiyaa biyya seenaan ofiinjiroo tokko, karaa fedheen halagaa saanii taheef, yeroo Presidantiin saanii mirga walfakaataa sana haaluu dhagahuu dha. Haala kanaaf tilmaammii fi fedhi eegalaa duuba jiru maal lataa? Oromiyaan gaaga’amtuu “ Afrikaa irratt walcaccabsaa“ akka taate beekaa. Hariiroo dhugaa Habashaa waliin dur qabnii fi dhiheenya yeroo gabaabduuf Oromiyaa waliin qabatantu mataatt dhufee laata? Sun kan fedhe haa tahuu, qabsoo keessaa Habashaa, dadhabinaa fi jija saanii kan Oromiyaa “Qinyi Gizat” (kolonii) taatee, akka isaan jedhanitt, wal bira qabanii ilaaluun dogoggora. Minilikillee Oromoo addatt ilaaluun Waldhaqiisa Addis Ababaa 1896 yoo mallatteessu “Emperor Itophiyaa fi biyyoota Gaallaa” jedhee ture. Hamma dhiyoott, “Gaallaan” maqaa tuffii isaan Oromoo ittiin waamanii.

Utuu qabsoo ijaarame hin jalqabin haalli Oromiyaa keessaa maal fakkaata ture? Oromiyaan jaarraa oliif qabama halagaa jala jira. Halagaan salphaatt Oromiyaa hin dhuunfanne. Itt cabee, itt dhiigee itt du’ee qabate. Ummati Oromiyaa ofirraa ittisuuf wareegama isa caaluu baasee hin milkoofne, jalatt kufe, ni injifatame. Halagaan lola sanaaf haaloo bahachuu fi akeeka manaa isa baasee Oromiyaatt duulchise, samicha qabeenya Oromoo bakkaan gahachuuf humna bittaa, galtuu fi gorsa, gargarsa waatattaa fi tekinikaa koloniyalistoota gabra gamaatti dhimma bahe. Galtuu garri caaltu hedduun see akkuma hardhaa Oromoo boojuu dha. Lafti Oromoo hundi kan mootummaa koloneeffataa akka tahe labsamee. Sana booda loltuu fi hojjetaa saa abbaa qawwee, Nafxanyaa jedhamuu hire. Namooti laficha irra turan akka abbaan lafaa haaraan fedhutt jiraachuu itt murteesse. Biyyi, lafaa addatt hin laalamu. Ummati lafa saa irraa buqqifame biyya hin qabu jechuu dha. Sabi tokko sabummaan saa kan beekamu biyya dhuunfate waliinii. Sun, kan tahaa jiruuf, Oromoo biyyi dhabsiifame, ummata of dandahe tahuun saa haalamee, jalee saba biraati akka jedhamuufii.

Koloneeffataan caasaa diinagdee, malbulchaa fi hawaasomaa Oromoon qabaataa ture diigee, kan ofii diriirse. Dafqa saanii akka tola dhimma itt bahuutt mijjeesse. Shaakala Oromo jireenyaa, amantee, aadaa, dudhaa, bulchaa fi afaan saanii dhowwee kan ofii itt fe’e. Oromoon hardha agrginu, hoomisha hacuuccaa darbanii ammaa hin fuggifamneet. Hariiroo wal gidduu kan dhiigaa malee kan waa waliin tolfatu tahuun ni raawwate. Tokko tokko hagam qabna haa jedhan malee, eenyummaan Oromoo dimimmisa keessa jira. Kanaafi kan diinni eenyummaa saanii haalaa, falfala saa hamaan isaan joonjessee walitt akka garagalan godha jiru. Gabaabaatt walabummaa fi birmadummaa ofii kan silaa boonsuun dhaban jechuu dha. Diinni namummaa baase akka gadi galoott ilaalchise. Waan karoorfate kana gad jabeessuuf, angoo garalaafina hin qabne, ajjeechaa, hidhaa, dhaanichaa, gudeedama fi guraarsa adda addaatti dhimma bahaa yoona gahe. Oromoo mirgoota ilmaan namaa fi qajeeltuu haaleen. Akkasitt, jaarraa tokkoo oliif bulcha kolonii jala turuun Oromoo qaama qofaan hin butuchine, sammuquwiinis miiddha irraan gahe jira. Sodaa miiddhaan kun itt fufa jedhuu akka waan isaan oolchuu kan diinaaf gugguufan jiru. Hedduun yeroo dargaggoon Oromoo mirga ilmoo namaa Oromoof gaafachuun qalamaa jiran kana, nambiyyaa gaariitt nu fudhatu jedhanii, rakkina Oromiyaa keessa jiru irraa of fageessan jiru. Oromiyaa keessatt kan qalma ilmaan Oromoo irratt diinaaf kalchaa jiran hedduun jara akkasiitii.

Ilmaan namaa uumaan bilisa. Bilisummaa dhabsiisamaanii barabaraan sarmaa hin jiraatanii. Kanaaf Oromoon hacuucaa olitt himamaniin mormanii finciluun of ijaaranii qabsoo walabummaa ABOn Kallacha itt tahe eegalan. Kaayyoon sagantaa malbulchaa saa keessa jiru, waldhaansoo inni miidhama Oromoo addunyaatt beeksisuuf qabe, wareegama inni baase, jiji inni galmeesse, dadhabinni saa lafatt mulatu akka jiru tahee, ayyaana sabichaa tahu dandaheera. Dargaggoo Oromoo keessaa si’ana kan gadi qabamuu didaa jiru ayyaana sanaa. Ittisaa fi wareegammi godinoota Oromiyaa irraa hardha dhagahaa jiruu iggitii itt fufiisa qabsoo angafoota saaniin eegalameetii. Jalqaba irratt miseensotii fi hogganooti Adda Bilisummaa Oromoo sochii baratoota Itophiyaa keessaa dhufan. Si’ana garuu diddaan sochii walabaa xurii halagaan hin faalamne. Sochii jalqabaa keessa, gara laafinni Itophiyophummaaf ture yoo dhaloota haaraaf rakkina akka hin tane hawwina. Qooqa lama kan halagaan dargaggoo Oromoo fi addunyaa dogoggorsuuf dhimma itt bahan baruu qabu, “tokkummaa fi demokraasii”.

Sirni Gadaa tokkummaa fi garaagarummaa akka itt jabina sabichaaf oolchu muxannoo qaba. Kanaaf wallaalaan yeroof haa dagachiifamu malee kan ummaticha yaachisu tahuu hin qabu. Muuxannoo abboolii keessa deebi’anii laaluu dha.Tokkummaan ilmaan Nafxanyaa baanan tokkummaa gurguddoo Habashaa wiirtuu godhate. Tokkummaa fedha walii kabaju kan jibbu hin jiru. Qabsaawota Oromoo caalaa tokkuumaa ummatoota Afrikaaf daaya kan qabu hin jiru. Ummatoot Afrikaa walii obbolaa dha. Kan isaan gargar qaban, gurguddoo saanii tokkummaan anjaa dhuunfaa dhowwatu. Dhoofsisa ummatoota walqixxee tahan qofatu tokkummaa waaraa uuma. Waldhaqiisa kamiifuu hundi walaba tahuu qabu. Kanaaf walabummaa Oromiyaa dirqii taha. Sabboonoti Oromoo empayerri hin demokrata’u jedhu malee demokraasii jibina hin jennee, aadaa saaniitii. Yaaluufuu goloota Habashaa keessaa miiltoon sana leellisu hin argamu. Aadaan, mootummaan Habashaa wiirtummaa nama jabaa tokkon gaggeeffama. Gaaffiin demokratessuu aadaan kiyya kee caala jechuu taha. Ofuma humna namaa, qabeenyaa fi yeroo Oromoo balleessuu taha jechuun mormu., tokkummaa hundu akka aadaa ofiitt eenyumaan saa eegamee uumamuufii Qabsaawuun akka. Kanaan qabsoon yoo harkifame yaadicha irraa utuu hin tahin, miseeensi hoggansaa tokko tokko yaada cichaa fi didhaa dhabuu dha.

Hedduf, Oromummaan fuuloo yoo bu’aa qaba tahe ofirraa baafamu. Sochiin bilisummaa Oromoo firomsaan kanneen sammuun bilisoomeen jalqabame jedhamee yaadama ture. Booda garuu kan eegaleen roorroo keesatt hafte jirachuun hubatameera. Jara akkasiiti, kan qabsichi karaa dogoggoraa irra jirraa, haa sirreeffannu jedhanii wacani. Sirreeffachuu jechuun diinummaa halagaa Oromiyaa qabatee jiruu haaluun, itt gallee akka of demokratessu haa kadhannuu jechuu dha. Fudhatamuuf akka heeraa fi hogganoota halagaaf amanamoo taanu kakannee qabsoo hidhannoo haala kam jalattuu haa balaaleffannu jedhu. Sun jechuun akka ashkariitt galmeeffamnee waajjira fi dhangaa hambaaf akka bara Nugusootaa haa qabsoofnu jechuuf dha. Dhoofsisa halagaa fi halagaa waliinii miti; empayericha bulchuuf dhooftuu tahuufi. Sun fakkeenya dadhabina Oromoo dubbataa turreeti.

Lafti ummata Oromiyaa ammayyuu seera ofii labsateen kan mootummaa Itophiyaatii. Kan barbaadu buqqisee kan fedhuutt gurguree, kan jallatuuf kena. Namoota biyya ofii fidee bakka silaa Oromoon lafti itt dhiphate itt babbalatu lafa taadhii irra qubachiisa. Oromoon yeroo mootummoota darbanii caalaa buqifamaanii sadarkaa alabulitt gad bu’aniiru. Hangi tokko sababa buqqifama saanii kan tahe, gatii rakasaan hojjechuu dirqamaa jiru. Lafti saanii haddhaan faalamee maatii fi beelladi saanii dhoramaani, inni sangoomuutt saaxilamee jiraataa. “Investor” gomgomooti sanduqa Nafxanyaa Haaraatt horii dhangalaasaa jiru. Qoteebulaa Oromoo lafa jarri gaafatan kam irra yoo tahe, jereenya itt fufa fi nageenya qoteebulaa utuu hin herregin buqqise kennaafi. Nama Oromo sammuun saa nagaa qabu fi ilmoo namaa namoomi itt dhagahamu fi nagaa jaallatan wanti akkasii nageenya sammuu ni kennaafii laata? Yeroo sabicha irratt blaan bu’aa jiru kana Oromoon kamuu kanaaf laallibata danta hin qabne tahee ilaaluu yk kalchituu diinaa tahuu ni dandaha? Kun Oromummaa fi namoomaaf booree dha.

Bilisummaa of ifsuu, walgahuu fi of ijaaruun mirga utuu hin tahin arjooma koloneeffataatt fudhatamaniiru. Koloneeffataan arjomicha immoo hin qabu. Roorroon, akka ajjeefamuu, guraaramuu fi biyyaa ari’amuu itt caalaa dhufe malee kan durii irraa gad hin jenne, akka gad jedhu mullataas hin jiru. Sabi hiree ofii ofiin murteefachuun mirga dhalootaati. Mootummaan Itophiyaa durii sana fudhachuun Chartara ST (UN) haa malleetteessan malee heera saanii keessa hin galchine. In ammaa jara irra addummaan qabu tokko sana heera saa keessatt galchuu dha. Shakalaan garuu akkuma angafoota saa rincicaa dha. Addunyaa fi Oromoo qabsaawaa of fakkeessu, kan durumaa isaanitt galuuf sababa soqaa jiru gowwoomsuuf malee duruu garaa itt hin amannee.

Haalli si’ana jiru kan yeroo qabsoo jalqabneen tokko miti kan jedhan jiru. Wayyaawinni bulcha Itopiyaa keessatt akka godhamee fi haalli addunyaas jijjiramuu nutt himuu barbaaduu. Garuu roorroon qabsicha uume itt dabalaa dhufe malee gad hin galle. Uumaan kantara hin fedhu misaamaa deema. Dhuguma addunyaan waan hedduun keessaayyuu teknolojiin guddateera. Sun qabsoo Oromoof badaasaa. Itophiyaan ammallee akkama durii empyera ofangessaa dha. Oromiyaan hardhas fedha ofiin utuu hin tahin kan halagaatiin bula. Addunyaanis , addunyaa cunqurfamootii kan durii caalaa mirga ofiif qabsaawaa jirani. Kanaaf gadgalummaa mataa keessatt hafte yoo hin taane, gangal qabsoo eegalamee kan jijjiirsisu hin jiru. Kanneen kanaan dura Itophiyoomuuf murteeffatan haa tahnii kan hamilataa jiran sanaan of malee ummata cunqurfamaa gowwoomsuu hin dandahanii. Kan irraa fagannee karkarsaan qabsoo o’ifanna jedhanis itt hiiqan malee dhaamochi akka hin bane beekuu qabu.

Mootummaan Itophiyaa jabaa waan taheef, isa jilbeenfachiisuuf firoota gargaarsaf waammanu hin qabnu jedhu . Fira horachuun barbaachisaa dha. Hangan fira naa tumsu argadhutt nyaaphaaf gugguufaa fi kalchan jiraadha jechuun namummaa hin calaqisu. Hamma dandahan ofirraa facisanii hobbaati dhufu fudhatuu. Fira horachuun jabina ofii irratt hundaawaa. Nammi kan namaaf firoomu yoo hariiricha keessa bu’aan waloo jiraate malee, lubbuun eger qabbana akka ciiftuuf miti. Kanneen fedha nama eeguu, dhowwachuu yk miidhuu hin dandeenye waliin michoomuun kan yeroo ofii balleessu hin jiru. Achi gahuuf hoggansa hin daddaaqnee, miseensa ofbare fi kaasichaaf dudhama qabu gaafataa.

Jabbinni mootimmichaa maalirratt hundaawaa? Gaaffii kana deebisuun dhugaa agarsiisuu ni dandaha. Oromoon lakkoofsaan, yoo xinnaate harka torba caala. Qabeenya uumaan fardaa fi lafaa. Jannummaa dhalootaan komatamee hin beeku. Lola halagaa waliin godhe hunda irratt agarsiiseera. Oromoon shororkama erga qabamanii irra gaheen kan ka’e, hedduun namoota saanii of irratt amantee dhabuun mooraa diinaa gabbisaa jiru. Habashaan takkaa, utuu Oromoo hin dammaqin hin hiriirfatin isaan injifatee hin beekuu. Oromoon hin dammaqin haala jiruun mormuuf dandeettii fi beekumsa ofiitt hin amananii. Falli saa rifannaa dhaloota hedduuf goolama diinaan itt uumame keessa harkisanii of baasuu dha. Sochiin baratootaa namoota Goolii kana keessaa of baasanii nama tahan agarsiisaa. Oromitichi itt dhukaasu sanuma keessa jira.

Hololaan kan hin injifatamnee fi hunda caalaa beekaa tahuu saa diinni ummatoota kolonii uchuuree jira. Sana haquuf, barumsa boqonnaa maleen, ofbara malbulchaa saanii jabeessuu gaafata jechuu dha. Garboommii sammuu, yoo abbaan fedhee jijjirama barbaade malee salphaatt hin baduu. Jabummaan koloneeffataa dadhabinoota Oromoo kanneen keessaa maddaa. Sanaaf malee mootummooti Habashaa keessaayyuu kan amma angoo irra jiru dadhabina guddaa qaba. Nyaapha laaffisuuf alaa waanti itt dabalamu homtuu hin jiru; Oromoon humna namaa fi qabeenya offi kan tahan qofa irraa dachaafachuu dha. Yoo mooraan diinaa gadi galee kan ofii ni jabaataa. Kan ofii tahuu sodaachuun du’a irraa nama hin oolchuu. Kalchituu OPDO keessaa meeqatu ajjeefamee, meeqatus Oromummaan itt dhagahaminnaa jedhamanii goftoliin baasamanii darbamanii? Miseensa OPDO taatee, Oromoo karaa keessaa, miseensi diinaa Oromoo Oromoo jetta jennaan irraa hin haftuu. Amantes, amanuu baattus deebiin saa seefii taanaan, maaf bakka ulfina qabutt seeficha hin simattuu? Rincici cimaan yoo bakka jiraate malee, diinni jabaa fi sooressa Oromoo keessaa foo’ee balleessaa

Oromoon namoomuuf miiraa fi shakala halagaa hin barbaadu. Tokkummaan Oromoo dhaalmaa abboolii irraa argate akeeka demokratummaa Gadaa irratt hundaawuu qaba. Sun sirna ofangessaa diinaan adda tahuuf goda, ganda ka’ee hanga gubbaa godinaatt shaakalamu qaba. Sun dhaabota hawaasomaa fi malbulchaa, keessatt maandhee ka’ee hanga waajjira hoggansa olhaanaatt shakalamuu jalqabuutu eegama. Oromoon seenaa keessatt kan lamooyyee, gosa, qomoo, balbala kkf jedhanii of ijaaran siran demokraasii kana jabeessuuf akka ture heduun ni dandahama. Martii keessaaf xiyyeeffannoo kennuun marti waliigalaa caalaatt cimsa. Hudhaa wiirtuu laaffisuun bakka afuura itt fudhatan baldhaa nambiyyootaaf kennaa. Sun keessa deebi’amee haala ammayyaan quwatamuu fedha taha. Murni hawaasomaa kamuu seeraa fi heeraa alatt wal caalmaa akka agarsiisuu hin eegamu. Abba tokkootis furdinaa fi qallina; dheerinaa fi gabaabina; durinaa fi hiyyuma; beekusaa fi wallaalinaa kkf walcaaluu dandahu; garuu hundi seera duratt walqixxee dha. Kun jabinaa fi tokkummaa Oromoof ilaalcha bira hin darbamnee. Seeran bulmaati sirna Gadaan gargar baafamee hin ilaalamu. Oromoon demokraasii Gadaa malee ofaangesummaa takkaa qabaate hin beeku. Fuldurattis nan guddifadha jechuun, akkuma Oromiyaa durii keessaa haardhaas yaadamuu hin qabu.

Rifaatuun goolii koloneeffataa, rakkina gooftolii darban irraa walaba tahanii hojjechuu se’achuu dadhabuutt gumaacheera. Kanaaf namooti Oromoo hedduun dandeettii ofiitt akka hin amanneef ammalee rifannaa sana keessa jiru. Kan beekaa, gaagaa qabsoon dhufinnaa jedhan fudhachuu sodaan diinatt galanis jiru. Dabeessii fi ruuchabeen asii achi baqatte malee, waan achi isee eegu hin hedduu. Diinni hanga galtuu hiriirsuu dandahutt malee qaban qabaa hin guuttu. Laafina Oromootu jabaa isa fakkeessaa jira. Oromoon tokko tokko humna riphaa qaban, kan diinni jalaa bolqu, irraa buufachuu dhiisanii, hamba kan inni saamee galee kajeeluuf itt fiigu.

Eegaa Oromoo hedduun, gaga’amoota kolonoma sammuu, kan akka garboomaa nama godhuu. Sanaaf malee Oromiyaan godinichallee walaboomsuuf humna namaa fi qabeenya gahaa qaba. Ofbara malbulchaa ol kaasanii fakkaattii dadhabina kana keessaa bahuuf hojii guddaa feesisaa. Dadhabina ofii dhaloota dhufuuf dabarsuun diina saanii jabaa fakkeechisuun cubbuu faloo hin qabnee. Qabsoon Oromo seenaa, jabinaa fi laafina saatiin madalamu qaba malee kanneen wal hin fakkaanne walbira qabuun xiinxala dogoggoraatt nama geessaa. Tokko tokko sana godhanii danaa waliigalaa dogoggoraa qayyabachuun, of tuffchuu, lammii fi jarmaa saanii tuffiin laaluu irra gahanii jiru. Of hin beennee fi bor hin beekneen, waan halleen diina akkeessuu fi ijoollee saaniillee maqaa halagaatt moggaasuu eegalaniiru. Bakka hin eegamnett taphumaaf illee afaan Habashaaf durfannoo kan kennan jiru. Afaan Oromo wareegama meeqaan du’a irraa hafee, wldhaanuun silaa kan abbaatii.

Xumuruuf, dhiibbaa goolii koloneeffataan dhalota hedduuf Oromoo irraan gahe; dandeettii fi ofbara malbulchaa hin misin; qabeenya ofiitt dhimma bahuu dadhabuun dhowwamuun hiyyuma irra gahe; caasaa halagaa kan saaniin walitt hin taane guddifachuu; biyya irraa godaanan gatuun, kan itt dhaqan dhagna gonatanii naannaa rakkoo dheessuu; dandeettii luuxxee galtuu halagaa irraa of eeguu dhabu; dudhammi hoggansi kaayyoo sabaaf qabu mamsiisuu; sagantaa fi heera dhaabaa hojii irra oolchuuf hanqina kutannoo; laafina afuura obbolummaa fi jaallummaa miseensota gidduu, waliigalatt naannaa dadhabina dhaabaaf qorichi itt barbaadamu feesisuu kenneen. Ummati ukkaamame futtaafatee gara bilisummaatt didichaa, na hogganaf gadoodaa jira. Oromoon hundi yeroo dammaqanii ofbara malbulchaa horatan, yartuun itt hin taphattu. Kan dammaqe haala du’aa fi jireenyi garagarumm hin qabne hin sodaatu kanaaf kan fedha haa dhufu jedhee didaa jira. Kan ammallee rafaa jiru dammaqsuun dirqii sabbonummaati. Sun tattaafachuun malee hawwaan hin argamu. Waan fedhe tahus, qabsoon walabummaa ni dabsata, qajeeltuun gara Oromooti!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Sadasa, 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *