Gadaan akaaku mootummaa ummataa (demokraasii) addunyaan qabu keessaa tokko. Dandamachiisuun saa, rakkina hanga yoonaa mootummooti ummataa (demkraasiin) biraa hin furree, fura ta’aa. Barreessaan kun afoolaa fi waan barreefaman irraa akeekota bu’uuraa Gadaa kanaa gadii huubatee. Akeeki Gadaa akkana salphaatt waan dhihaatu mitii oofkalchaanii, beekoti gad fageenyaan quwatu jedhamee abdatamaa. Kun heera Oromiyaa isa dhugaa, dambiilee fi qajeelfamoota fi maqii Safuu wuxinuuf akka irraa ka’att tajaajilu danda’innaa jedhameetu. Sirni Gadaa kan haleellaa baddu baasaan irra ga’e erga diriirfama sirni nafxanyaa Amaaraan gaggeefamuutii. Sana hundee buqqisuuf kan walabummaaf lolu lolataa jiraa. Hisatawoon waatattaa fi hololaan isa deggeraniis guyyuu tattaafataa jiru. Hayyooti hafan hubannoo kanaa fi wuxinee dhaaba ijaaruutt yoo bobba’an injifannoo duuba sirna demokraasii biqila biyyaa ref ba’u hojii irra oolfachuun sirna bososee haquuf Oromiyaan battaluma walabomte qophee taatii.
Rakkinni tasgabbii fi naga dhabuu godinichaa Oromiyaan kolonii ta’uu see beekuu diduu irraa maddaa. Nagaa, ollaa gaarii yk federaalummaan beekamtii kana duuba dhufaa. Oromoon dudhaa Gadaa itt dheessan utuu qaanii sirna bososaa durdurii ofaangessaa gonka hin gabbisanii. Hamma yoonaa tuutaa hawaasomaatt haanee sirni malbuchaa ilmaan namaa kan hunda hammatu sirna demokraasii akka Gadaafa qofa. Demokraasii fi ofaangessooma giddduu atoommi akka jiraatuuf inni booddanaa dhaalmaasaa fudal yeroon itt darbe gadlakkisee walqixxummaa ilmaan nama kan gara jireenya demokraasiitt faana fudacha isa jalqabaa ta’ef sarmuu qaba. Iccitiin dhimma dhugaa dabsuu koloneeffataan mirkanii uumaa saa keessa jira. Humnaan olhantummaa murna tokko ummatoota irratt fe’ee. Akka murnaatt itt fufee jiraachuuf olhaantummaa sana barabaraan turfachuu danda’uu qaba. Kana malee Amaarummaanis eegalee jalqabaa Tigraaway, Bet Israel, Gaafatii, Argobbaa fi kanneen Kaabaa afaanota Kushaawaa dubbatanitt gad caccabe, nafxanyummaanis seenaa ta’aa.
Yoo Oromoon ofiitt deebi’anii of qorachuutt ka’an maddi qarooma saanii gadi fagoo beekumsi keesaa guurame hin dhumne yeroo kamiinu walgichisiisuun kan danda’amu ta’uu waan beekaniif, murni Amaarinyaa haasawu, horeen nafxanyaa tuttuqanii yaada isaaniirra ceesisuu yaaluu. Hammam itt cobamuyyuu Afaan Oromo kurnan sadii keessatt misi inni agarsiise kanneen naasisanii keessaa tokko. Yaadii fi beekumsi kanneen Amaarinyaa dubbatanii bara fudalii keessatt cabbaawee wan hafeef guddinaa ammayyaan wal gituun ni rakkisaanii. Kan argan hunda keenya ture jechuu malee bara teeknolojiin fagaatee deeme kana duroommi dafqaa fi dandeettii ofiin akka dhufu hin huubannee. Seeraan bulmaata Oromo halagaan daallummaa se’aa. Dilormaan Oromo kan gudate golgaa seeraa argachuuf Ormi itt baqateetuu. Seera halagaa ittiin Oromeessus qaba. Iccitiin koloneeffatoon dhugaa micciruu mirkanii uumama saanii keessa jira. Ummatoota Kaabbaa humnaan of jala galchanii lakkoofsi saanii dhiita’ee ture. Hundi of baranii ofiin buluu waan gaafataniif lakkoofsaan jirra jedhanuu, hamma hin jirree dha. Oromoo biratt “Qaban qabaa hin guutuu, gaddhiisan bakkee guutti” isa jedhan ta’a. Waca saaniin of jeequu mitii.
1. Sirna Gadaatt hawaasi murna hiriyaa Shanii fi hojii irraa kan dacha’an lamatt hirama. Hirmaatoti kun danaa demokraasii Gadaa fi kan demokrasota biran adda isa tolchanii. Kanneen waggoota sadeet keessatt dhalatan hiriyaatt fudhatamu. Isaan keessa murni jalqabaa fi inni dhumaa (Dabballee fi Gadamoojii) si’aatummaa malbulcha hin qabanii. Haata’u malee barumsaa fi hooda hawaasaa keessatt qooda ni fudhatu. Shanan hafan gola malbulchaa uuman yeroo waggoota afurtamaa keessatt waggaa saddeet saddeetiin angoo wal jijjiiranii. Murn lammaffaa fi sadaffaan qoodi saanii barumsaa fi era barbaachisoo ta’an raawwachuu dha. Murni arfaffaan, Raaaa Dooriin ittisa biyyaa fi bulcha biyyaa waggaa saddeeti duuba fudhachuuf of qopheessuu dha. Murni dhumaa kanneen biyya bulchan gita Lubaatii.
2. Himi jalqabaa irratt Gadaan dubartiin akka hogganamuutu fi dubartii dhumaa Akka Akkoo Manooyee jedhamtu jjiraHaddheess itt dhihaate iraa dubartii beektuu fagoo ilaaltuu fi daaya qabdu ta’uu hedduun nama hin dhibu, Dhiirota bolola aangoo qabanii, micciramoodudhaaraa cehaniin finqilfamte. Booda Gadaan olhantummaa dhiiraan gaggeeffamu dubartiin qooda malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee beekamaa qabdi turtee. Angoon Siiqee kan hedduun gad jabeeffamee himamu ta’us quwannoo ga’aa hin argannee. Kanaaf qoodi malbulchaa dubartiin qabaachuu dandeessu deebi’ee dhalachuu Gadaa keessatt akka bara gitutt kan haaraa hedaman keessaa tokko.
3. Tokko tokkoon murnaa waldaa ogeeyyiiyk manguddoon gargaaramanii fi walabaan kan sosso’an qabu. Tokko tokkoon saanii qooda murtaaweef taphatan qabu. Murni tokko utuu sadarkaa haanutt hin cehin kan ture waggoota sadeet qofa. Murni hiriyaa tokko hoggansa saa ofii filata. Kanaaf sirna Gadaa keessa sadarkaa kamittuu waajjiri kennata gumii hiriyaa malee qabamu hin jiru. Hoggansi hiriyaa abbaawummaan saa gumii Hiriyaafii.
4. Tokko tokkoon murna hiriyaa hojii ramadameef abbaawummaa fi itt gaafatama qaba.Walgahiin gamaggamaa yeroo beekamaa akkasumas ariitii ture.
5. Raabaa Dooriin ittisaa fi nageenya biyyaa fi bara saddeet booda aaboo fudhachuuf qophaawuun irraa eegama kan inni gabaasu Murna Lubaattii.
6. Lubi hoogasa sabichaa walii galaa ta’ee kan inni itt gaafatamu Gumii idilee sabaattii. Heera cabsinaa irra darbama hin qabu. Gumichi, aaboott roorrisuun tayitaa irraa buqiisuu danda’aa.
7. Olhantummaan seera ni eegama; uumaa fi gochii halle seera qaba. Hawaasii dabalataan hangammeessa safeeffuu, “Safuu,” kan miseensi tokkollee cabsuu hin dandeenye qaba. Safuu eeguun mallattoo addaa Oromummaatii.
8. Lubi seera kan isaan duraa tume guddifachuu, wayyeessuu yk utuu akeeka heera Gadaa buu’uuraatt hin bu’in jijjiiruu danda’aa. Korri Lubaa aangoo malbulchaa guddicha sabichaatii. Shanee Hojii Raawwachiiftuu fi mataa finichaa, fi mootmichaa kan ta’u Abbaa Bokkuu of keessaa kennata. Sabich yaa’ii idilee kan nambiyyaan hundi qooda itt fudhatu Qabataa. Naqa ammayaa keena keessa garuu kennata bakka bu’oota gogeessotaa barbaachisuu hin ooluu.
9. Naannaa Lubi seeraan hin geeddarres jiru. Naana waliigaltee guutuu sabicha qofaan jijjiiraman akka sirna Gadaa, mirgi abba tokkee, mirgooti noolaa fi imaammat lafaa jechuu dha.
10. Lubi tahitaa irraa dacha’e waggoota sadeet itt haananiif gorsaa fi akka abba dhadachaa heera furaatt tajaajila. Yaa’ii Idlee Sabaafis abbaa barcumaa ta’aa.
11. Waggoota sadeet duuba Yubi Gadamaajjii ta’a. Meeshaa waraanaa hin qabatanii. Gocha saaniif itt gaafatama hin qabanii. Gadamoojjii, daa’immanii fi dubartiin eegumsa addaatu tolfamaafii.
Tuqaan dhiheessii kana keessaa irra ilaalame dhaalmaa Gadaa jedhaman kanatt dabalamaa. Yoo guddifame sirni Gadaa demokraasota hanga yoonaa jiraniif akka filmaatatt dhihaachuu danda’aa. Golli bulchaan homishamuuf waggoota afurtaman tokko fudhachuu danda’aa, kennata tibba tokko qofaan argamu mitii. Murni Lubaa tahitaa irra kan turu waggoota saddeet qofaafii. Goloota ilaalcha addunyaa irratt hundaawan utuu hin ta’in abbaawummaan biyya bulchuu waggoota saddeet qofaaf baqqaana hawaasaa tokkoof kennamaa. Ilaalchoti waggoota afurtamaaf achi keessatt wal fittiganii ba’uu. Meeshaaleen hoodaa fi mallattooleen Gadaa waliin ka’an sirna amantee hedduun si’anaa keessatt dhimma hin baasan ta’aa. Diriira ifaatt fidamanii murti argachuu qabu. Bara Oromoon amantee tokko qofa qabullee malbulchaa fi amantee gidduu timjiin ture. Hojiin amantalaa ta’an dhaabaa Qaalluun tolfaman jiru ta’aa, Oromoon akka keessa deebi’anii ilaaluun naqa ammayyaa kana keessatt bakka itt tolchuutu irraa eegama. Akka malbulchii fi amanteen atoomaan waliin hojjetaa turan keessaa dhaalmaa gadaa kan ta’an ni argamu ta’aa. Hayyooti Oromoo hubannoo kana foon itt magarsanii eera Heera Gadaa shakalamu danda’u fi dhaabota sana hojii irra olchaniin as ba’u danda’uu. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Amajii 2023