Murna Oromoo tokoo cunqusuun Oromo biraa hundaa Cunqursuu dha

Caasaan malbulchaa dudhaa Oromoo tamsa’aa fakkaatus warraa ka’ee hanga gosaatt, amanamummaan sirna walbulcha ummataa Gadaaf qaban mamii hin qabu ture. Haa ta’u malee sababa adda addaan meelatee dhiinsuuf qabsoo irra yoo jiru diinni alaa itt dhufee sirnicha badduu baasuu qofa utuu hin ta’in ummatichas garboomse. Sirni Gadaa yaadaa qaban konfedereeshin si’anaan waan wal fakkaatuuf heera federeeshina Itophiyaan walfudhachuun rakkoo hin turre. Sirna akkasiiti kan halagan cabsee qabachuun Oromoon akka wal hin agarre tolchee caasee. Addaan baasee, mirga saanii dhalootaa murlquun garboomse. Hanga warraaqsa 1974 abbotiin hirree itt waljijjiiruun gidiraa agarsiisaa bahan. Sana duuba wanti jijjiiraman tokko tokko turanii. Yoo sirni bulchaa jijijjirame ta’ellee akeeki finnaa empayera Itophiyaa jijjiirama hin agarsiifnee, koloneeffataa fi ofaanggessaa dha. Finnaa fi Galmistanni Ortodoks Tawaahidoo seenaa koloneeffatummaa, hacuuccaa fi saamichaa sana waliin dhufe ni qooddatuu. Galmistanni Ortodoksii lafa Oromoo irratt, humna fi qabeenya Oromoo fi jajjabeessaaf horii baasiin dhaabbatee. Qeesummaan Oromiyaa keessatt Amaara/Itophiyaaf hojii kan argamsiisu ta’ee. Ba’aan kun hundi utuu jiru, Oromoon afaan saanii fi qaabannoo durii saanii hambifatan. Bilisa ta’uuf waliin qabsaawanii hedduun baasanii. Kanaaf, yeroo Oromoon toko halagaan haleelamu ijaajjanii ilaaluu kan hin dandeenye. Sun maal akka baasiseen durii saanii irraa baratanii jiru.

Kurnoon Oromiyaa keessaa funaanamus Galmistanni Ortodoksii empayera Itophiyaa keessa jiraniif kan ittiin jiraatan ta’ee. Kanaafi, kan Kora dullachaan uumammi Kora haaraa hidda dhiigaa keenya kutuu dha kan jedhame. Ifaajee bucuun jaarraa tokko caalaaf dhiiga Oromoo xuuxaa jiraatanii. Qeesoti hedduun dubbisuu fi barreessullee hin danda’anii. Kanaafi masakii saanii afuuraa garri caalu kan hoodaa malee kan qaroo irratt hundaae hin turree. Kanaaf Galmistaanii didhaa ofbara malbulcha hoomaa olka’aa deemuun dhufaa jiru fi dhiibba barumsa ammayyaa dura dhaabbachuu kan hin dandeenye. 1991 keessa dalagii finnaa tokkomsaa irraa federaalatt jijjiirame. Galmisttannii fi finnaan heeraan addaan bahanii. Heerri federaalaa finnooti federaawan hundi afaan ofii akka hojii fi barumsaaf dhimma itt bahan yoo mirkaneessu, aangoon mootummaa wiirtuus ni daanga’amee. Rimsama “magist” qaban waan jalaa jijjiireef fudhachuun Amaaraaf rakkisaa ta’ee jira. Kana irratt, Oromiyaan Fidala, Qubee Laatinii irratt hundaaween bakka buufattee. Kun kanneen Amaarinyaa qofa dubbatan hojii bulchaa hanga barreessaa “raapoorii”tt jiru dhabsiise. Hanga Galmistaanni bara eengaddaa keessa jiraachuu itt fufett yeroo hamtuun dura buutee isa eeggattii.

Karaa biraa, tajaajilli Galmistaanaa Oromiyaa keessaa Amaarinyaa fi Geezii qofaan kennamuun itt fufee. Hojiin Galmistaanaa dhuunfaa kanneen Amaarinyaa dubbatanii qofa ta’ee jechuu dha. Fincilli keessaa si’ana ka’e komee lafa jala finiinaa ture irraa dhalatee. Abbootii Oromoo sadii, Abba Sawiros, Abbaa Eyustatiwos, fi Abbaa Zeenaa Marqos Kora haaraa Oromiyaa fi sabaa fi sabaawotaa uumuu saanii labsanii. Kun MM jaruma kana, kan Galmistaana keessaa fi alaa aangoo isaa irra facisuuf ka’uun wal irra bu’ee. MM dubbii abboolii Oromoo callisee bira darbe malee homaa hin jennee; callisuun waliigaluu dha yoo jedhame qofa komatamuu danda’aa. Bulchi Oromiyaa eegumsi tolcheef isa waliin hariiroo qabaa laata? Bulchi Oromiyaa Oromoo waan ta’aniif, waa’ee Galmistaanichaa irratt dubbachuuf kannen isaan sookka’an caalaa mirga waan qabaniif gargaaruu malee filmaata biraa hin qabu. Itophiyaa akka durii mootummaa tokkeessoo kan wiirtuu dhaa naanneffamtu mitii. Finnooti federaawan ofiin bulmaata qabu. Abiy hogganoota Kora dullacha wajjira saati waamee, tarii dambooban malee caalaanuu dhufuu akka danda’u kan akeekkachiise fakkaataa. Isaanis sarmuun hiriira

addunyaa guutuu waaman yeroo biraatt dabarsine jedhanii. Dhuma irratt hamajaajoti saa hinga’anii inni yeroof injifannoon ba’ee jira.

Ilaalchi walcaalmaa tajaajilaa Galmistana abbootiin gabaafame sabboonota Oromo hedduu aarsee. Kaasichii kan luboota amantee Oromoo ta’an qofaa utuu hin ta’in, kan Oromo maraa ta’ee. Abiy kan Itophiya’aa cimaa ta’e akka dubbii itt deemaa jirtu hin jaallannee. Gara diriira dhoofsisaatt akka dhufan ajajee. Murtiin saa akkuma dhaadannoo saa “Ortodoksiin biyya” jedhuu, kan Sinoodii dullacha baabsu ture. Jiji muummeen abbootii Oromo galmeessan muudi monoksootaa Oromiyaa fi sabootaa fi sabaawotaa hin balfamee. Dhaadannoo saa “Itophiyaa atfarsim” (Itophiyaan hin diigamtu) jedhu jalaa raasee. Abbootiin sadan waliigaltee kamuu haa mallatteesanii hireen Kora haaraa harka sabboonota Oromoo jiraa. Amanteen qabatanii dhimma keessaa Oromiyaatt loo’uun salphaa hin ta’uu. Ummata Abbootii bara baayyee eeganii argatan harkaa baasuunis yaaloo hin fakkaatus. Gochii Abiy Oromoof kan tole fakkaatu hundi, tooftaa qofaaf waan ta’eef dafee dhaabbata. Akki inni dagaan angoott dhufee fi isaa asis kan jiran dhahuun ni danda’amaa. Kanneen Kaayyoo qabanii fi hin daddaaqne qofatu hamaa fi tolaa qawwisa saa qayyabataa.

Sochii abbootii amantee irraa nammuu akka Oromoon murna Oromoo rakkate tokkoof amantee, godinaa fi gosa utuu hin laalin shaffisaan birmachuu danda’u baruu danda’aa. Sana jechuun, haalli yadta’aa fi itt ta’aa warraqsa Oromoo olhaanaaf mijaawee jira jechuu dha. Heerichi Oromiyaan finnaa of dandeessuu jedhus, erga beekamtii kanaa as taatee hin beektuu. Bulcha harka lafa jalaan mootummaa koloneeffataa wiirtuu bulfamaa jiraa. Deggersi bucuu bulcha finnaa Oromiyaan Kora haaraaf kennameenillee bulchi Oromoon dhugaan hagam akka tolchuu danda’u se’achuun nama hin dhibuu. Taatichi gara hamtuu Galmistaanichaas saaxilee jira. Gargarbaichaaf furmaata kennuuf Korichi walghii Koraa hatattamaa waamee tibba yaada kophaa fi kadhaa tokkos saganteeffatee turee. Garuu sadoo bahachuun irra garagalee Abboota sadanii fi ephisqophosota 27 isaaniin muudaman utuu tibbi kadhaa hin raawwatin sokka’ee ari’ee. Sadarkaa qaroomaa demokraatawaa fi qajeeltuu ta’een murtoo dura kan himatame kamuu, jechuun abbootiin sadanii fi ephisqophosoti carraan dhaggeeffatamuu kennamuufiitu irra ture. Galmistaanichi kanaa ol ta’uutu irraa eegama ture.

Nyaapha keenya beekuun haala tasammaa hin qabneen toofataa fi tarsimoo diriirfannee akka dhihannu nu gargaara. Nyaaphi Oromoo finnaa empayera Itophiyaa si’ana PPn hogganamu. PPn Abiyiin durfamaa. PPn kanneen isa duran turan hunda caalaa waggoota arfan darban Oromoo ajjeesee fi addan qoodee jira. Ammayyuu ajjeesaa fi shibliqii gidduu saaniitt rukutaa jira; Boranaa fi Gujii fi Arsii gidduutt kan inni yeroo rakkoo hedduun mudate kana tolchaa jiru fakkeenyaa gaarii dha. Innaan utuu ilmaan Oromoo seeraa ala, gamtaa humnoota Godinaa Amaaraan hin ajjeefaminii fi hin hidhamin darbu hin jiru. Imaammati qaceefixiisaa wiirtuu kan madde waan ta’eef hamtuu tolfameef tarkaanfiin sirreessaa fudhatame hin jiruu.Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratt tolfameef kanneen guraaraa ta’an biran Oromoo dhugaan yoomuu hin irraanfatamanii. Waggotaaf yaa’a seeraa malee kumooti hidhama fi guyyuu akkuma sana hidhamaa jiru. Abboti (Qulqulloon” yeroo sanyii saanii tokko du’u qilleensa wacaan guutan fixiqaccee Oromoo irratt yoo raawwatu sagalee tokko hin dhageessifnee. Lakkoofsa Oromoo kan saaniin wal gichisiisuu qofatu badhaadhina, nagaa fi nageenya kennaaf kun ta’aa jira.

Utuu Oromoon barbadeeffamaa jiru, ammayyuu mootummaan kun kan Oromooti kan jedhan jiru. Mootummaan tokko dhuunfaa saba tokko yoo ta’u yeroo Amaaraa fi Tigaaruun aangoo irra turan agarree jiraa. Oromoo fixan malee namoota ofii mitii. Kan ofii bakka furtuu, furtuutt muudan malee Oromoo fi kanneeen biroo hin turree. Kashalabbeen nafxanyaa akka waan isaan mootummaa irra jiranii abbaa darabee (Taranyaa) jedhanii Oromoo gooluu. Goobanooti Oromoos Oromoo qabsoo saanii walabummaa bade argachuuf tolchan

irraa gufachiisuuf kanuma qillisuu. Hariiroon Oromoon olloota saanii waliin qabaachuu danda’an mirga saanii hiree ofii ofiin murteeffachuu shaakaluuf bilisummaa argatanii duubaa. Kana malee yaadaanmaluu kamuu dhugaa kolonummaaf furmaata hin kennuu. Finnaan empayer kolonummaa kan Amaaraa yk kan isaan hayyamaniif malee gonka kan eenyuuyyuu ta’uu hin danda’uu. Kanaaf heerri utuu empayerri hin diigamin tumame hojii irra oolchuun dadhabamee. Oromiyaan akka Itophiyaa hin taane, gaga’amtuu kolonummaa jaarraa 19th ta’uu see fi mootummaan amma jiru Oromo akka hin taanee uggii fuddhuu. Tokko tokkoon ummataa akka egereen saa itt ijaaramuu fedhu, bilisummaan ibsatu carraa kenniifii. Yoos qofa raakinni godinichaa bubbule furamuu kan danda’uu. Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt, walabummaa dabalatee kan jedhamu sanaa.

Taateen Galmistaana kun hagam jarri daddaaqu salphaatt waan ummata saaniirra ga’e irraanfachuu danda’an agarsiisee jira. Oromo PP , ajjeesaa lammii saanii hogganooti tokko too afaan jabaa hogganoota PP Amaaraan walitt dubbataniif farsuutt kan ka’an jiru. Garuu PPn uumaan aannan dhagala’ee, budduqsanii dhimma namoota dhahataniif oolchuun hin danda’amuu. Jara uumeefillee Bulgu Frankestayin ta’ee waan jiruuf diiguu duwwaatu nama baasaa. Abba tokkoota qooda fudhatan waan ilaalutt diriira dhoofsisaa yk gaabbee qabsoo Oromoott dabalamuu qofatu Oromoo Itophistoota hadhaadhiyuu danda’aa. Abiy si’ana empayera Minilik “dagaagdicha” deebisee ijaaruuf qabsaawaa jira. Amanamummaan saa finnaa koloneeffataa Amaaraaf malee Oromiyaaf mitii. Tajaajila Galmistaana keesatt Minilik faarsuun dudhama saa gabbisaafii. Oromiyaan hacuucota lachanuu irraa bilisa ba’uu qabdii. Kan seeraan irratt waliigalame caalaa, dhaabi federaalaa, Galmistaana haa ta’u kanneen biraa Oromiyaa irratt lammuu olhaantummaa hin qabaatanii. Tawaahidoon bakkallummaa fi angoo addunyaaf hin baabsinee ta’uu see mirkaneessuu qabdii. Wangeellummaa dhugaa ta’uun tajaajila afaan hedduun kennuu, sammuu koloneessaa fi dhuunfaa murna tokkoo irraa bilisa ta’uu qabdii. Kana malee gargar nabaasan jettee eenyuunuu komachuu hin dandeessuu. Ortodoksiin biyya utuu hin ta’in kan biyya hin qabneefillee amantee ta’uutu irraa eegama. Amantooti Oromiyaa keessaa akka seera biyyaatt hojjechuu qaba.

Ofbarri Oromoo bakka waggoota shantama dura ture irra hin jiruu. Ergasii dhoowina tokko tokko qabaneessuutu yaadame malee gaaffi kolonummaa garaa qulqulluun furuuf hin yaalamnee. Qabsoon bilisummaa waggoota shantamaaf itt jiru hardha fiixee irra ga’ee jira. Walabummaan Oromiyaa dhiheenaa mullachuutt ka’ee jira. Sabboonoti, “Oromoon tokko hundaaf, Oromoo hundi tokkof” jedhanii dhaadachaa jiru. Murna Oromoo malbulchaa, hawaasomaa, yk diingadee irratt dabi halagaan raawwatu lamuu danda’uun hin darbamuu. Abbaa Gadaa, mangudddoo fi abbootiin Amantee tokko, tokko ayyaanlaallattumaan yk qulqullina garaan ka’anii waamicha nagaa mootummaan waraana bilisummaa Oromoof tooftaaf tolchaa jiru yoo qiliwwisan dhaga’amu. Kun dhugaa taanaan dursanii mootumicha akka ajjeesota Abbootii Gadaa Karrayyuu qajeeltuutt dhiheessu haa gaafatanii. Lafa Karrayyuu olloota Amaaraan jalaa fudhatame haa deebisiisanii. Oromoo seeraa ala hidhaman haa hiikuu. Seeraa ala ergamtooti saa akka Oromoo hin ajjene haa labsu. Kun drara murnoota Oromoo irratt mootummaan utuu beekuu fi hayyama saan raawwatamee. Sana booda waamichich amanamuu danda’a ta’aa. Dhiicha, Tokkummaa Oromo gara walabummaa fi bilisummaatt eegalee bookkisi diinaa hin dhaabu. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2023