BILISUMMAA AMANTEE IRRATT 

Oromoo hundi Waaqefataa turanii. Sirni Gadaa saanii jireenya ayyaanawaa fi kan biyya lafaa addatt ilaalaa. Garuu karaa amantee dudhaa irraa cehuun nammi hin reebamu ture. Haaloo bahachuun karaa sanaa Waaqatt dhiifama. Waliigalatt hawaasa qaroome keessatt, akka seexaan ofii nama abboomutt bilisummaa amanuu fi amanuu dhiisuu qabaachuun mirga ilmoo namaatii. Garuu addunyaa keessatt amantee ofiif faanfanamuu fi jibbamuun waan guyyuu argamaa jiru. Kun kan ta’eef hedduun amantee qabna haa jedhan malee ittiin hin jiraatanii. Waanti ayaanaa maaliifa waan hin barbaachifneef qawween duukaa hin jiru taanaan, fetu ni fudhataa feetu ni dhiiftaa.  Muuxannoo Oromoon jala darban hanga tokko haa ilaallu. Seenaa keessa tibba tokko amanteen halagaa humnaa itt fe’amee fi fedhaanis fudhatamanii turanii. Amantee halagaa kamiinuu haa fudhatanii koloneeffataan walitt buusuuff yaaluyyuu Oromoon kolonoman wal gidduutt rakkina hin qaban turanii. Seenaa Habashaa keessatt Kiristaanni Ortodoksii fi Islammi walii diinota guddaa dha; sun kumaalee haaraa keessattuu biraa hin hafnee. Gabataa tokko irrattllee waliin hin sorratanii. Oromoon amantee Amaaraatt jijjiiramanis sana akka hordofan eegamuu.  

Jaatamoota keessa Jeneral Taddasaa Birruu fi manguddoleen Arsiii foon waliin qalan nyaatanii laguu sana cabsanii. Sanaan lubbuu hedduun badee ta’aa, garuu tokkummaan Oromoo itt cimaa dhufee. Oromoof amantee lachanuu kan saaniitii, waliin eegumsa gochuunis lachaniif bu’aa qaba. Kanaaf waldhabdeen amantee gurguddoon Amaaraa tuttuquu fedhan, kaarra Oromiyaa irra hin darbu. Oromiykaraa halleen moo’aa dha yoo jennuu isa keessa aangoon ittiin dorgomu hin jiru jechuu keenya. Oromiyaan biyya amanootaatii. Akka aadaa fi dudhaa saaniitt amantee hundaaf walqixxee eegumsi kennamaaf. Ummati bilisummaa amantee ofii kan eeguu danda’u yoo malbulchaan walabaa fi bilisa ta’e qofaa. Qabsoon bilisummaa Oromoo kan hunda haammatuu.  

Hanga yoonaa sirna Gadaa caalaa kan demokratawaa ta’e hin jiru. Akka saatti, ilmoon nama hundi walqixxmmaa fi bilisummaa yaadaa fi of ifsuu kan qabanii. Waan filate dhugeeffachuun mirga ta’uu amma sadarkaa addunyaatt beekamee jira.  Amantooti hundi biyyoota addunyaa hunda keessaa hordoftoota qabu. Dhugaan tokkottitt waan amannuuf biyyoota keenya gidduu daangaa hin barbaachisan jechuu saanii hin agarru. Kun ala hedduu karisootan yaalamuu hin hafnee, garuu hin danda’amne. Fakkeenyaaf, Papoti Katoliki Rome, Awuropaa bulcha tokko jala galchuu hedduu yaalanii dhiiga dhangalaasanuu, hin milkoofnee. Baha Gidduuttis waan Islamummaa ilaalutt sanumatu ta’ee. Sabboonummaan fi amanteen qoodi isaan hawaasa keessatt qaban wal deggera ta’uyyuu, ergama adda addaa qabu. Amantee bakka amanteett, hariiroo nammi tokko humna ol haanu waliin, malbulchi bakka malbulchaatt hariiroo namoota gidduu jiraniifii. Amantee tokko keessaa fi amantoota gidduu loloota heduutu ture. Dhuma irratt biyya ofii keessa nagaan wal danda’anii jiraachuutt hafanii. Hundi mandheen saanii itt haa o’u jennaa. 

Bilisummaa ummata Oromiyaa yoo jennu, bilisummaa saanii yaadaa, amantee, haasaa, wal ga’uu, walqixxummaan faanfana malee ilaalamu fi firii dafqa ofiin basha’uu kkaf jechuu dha. Ollooti Oromiyaa Amaarinyaa dubbatan sababa amanteen Oromiyaa keessa seenanii dubbii yoo laaqanii fi mirgoota kana haalan mullatu. Abboolin amantee saanii sirni nafxanyaa akka biyya keenya qabatee nu garboomfatu fi nu fixu gargaaranii. Oromiyaan yeros walakkaa dilormaa see dhabdee, qaccefixiisi jaarraa tokko caalaa itti fufuyyuu Oromoon hanga yoonaa jiruu. Yero ammaas, ija addunyaa beekaa duruunfate jalatt sanumatu ta’aa jira.  Oromoo nageeyyiin, cuqii, ulfafi, Qeerroo fi manguddoon hoomaan guyyuu qalamaa jiru. Bara qabamne, koloneeffatoon akaakuu Kirsistinnaa saaniitt nu jijjiiruuf walitti nu guuranii bishaan cubbaa jedhan nutt facaasanii. Kanaan farra amantee keenya waqatokkee ture, “Waaqeffannaa” nu taasisuu aalanii. Waaqeffannaan amantee halagaa (Baa’id Amilkoo) jedhamee itt duulamaa jiraatee. Islaamummaanis gadi ilaalamuu keessaa kan xinnoo dandamate wareegama gara caalu Muslimmi Oromoo baasaniiniin. Bareessaan kun hiriira guddicha (Bitootessa 1974) Markaatoo Masgiida Anuwaarii ka’ee Parlamaatti dhaabbate ni yaadataa. Faaruu turan keessaa, “Islam, Islam, min taayyebat, ka sawu bataachi ye hoonebbat” kan jedhu ture. Haalli amma irra ga’ame salphaatt hin dhufnee. Biyya Oromoott of bulchi amantee ammas ni hafaa.  

Amma hedduun keenya akka itt dhufe irra ilaaluun, balfa Amaaraa keessaa seccaanee amantee ofii taasisnee jirra. Galmistana Oromiyaa keessa jiran hunda dafqaa fi qabeenya keenya itt xuruurfannee nutu ijaaree. Kanaaf isaan dhuunfachuun akka fedha sammuu keenya fi aadaa keenyaaf tolutt qaallota  keenya afaan keenyaan ofii leenjifachuu qabna. Galmistanni sun leellisaa kolonummaa fi farra amantoota isaa alaa hundaa ture; amma farra kolonummaa akka ta’uu fi leellisaa bilisummaa, walqixxummaa sabootaa, afaanii, aadaa fi amanteen wal danda’uu akka inni ta’u feena. Obbolaa keenya dhugeeffannoo biraa keessaa waliin wal keessa deemuu, gabatee tokko irraa nyaachuu lamuu hin lagannu. Nuti Oromoo qarooma hedduu dheeraa waan taaneef adda addummaa xixiqqoott of hin rakkisnuu. Nuti Afrikaanotaa, dura battala keenya jabeessuun gara tokkummaa Ariikaatt sossonaa.   

Jarri Amaarinyaa dubbatanis Afriikanota, garuu ofangessummaa duubatt hafaa durii irraa gargar of baasuu hin dandeenye.  Akka Afrikaanotaa uumaan saanii gosa waloon dhatu waan hin qabneef fakmishoon saanii quwatamuu qaba. Ammallee Oromiyaa akka gulummaa saaniitt heduu. Amantee guguddaa lamaan Oromiyaa jiran keessattis olhantummaa barbaadu. Keessaammoo Kiristinnaa Ortodoksii akka kan dhuunfaa saanii ta’ett fudhatu. Oromoo akka kirstinnaa gutuutt hin fudhatanii. “La ‘Oromoo’ nafsi abbaati diyaaqon machee annesee” jechi saanii kanuma agarsiisaa. Oromoon hacuuccaa ciiga’uun bilisummaa labsachuu saanii, barsiisa dura kan qulqullicha teessuma Taklahayimaanot irra cehamuutt fudhatu. Dhuguma saaniitii, Oromoon dhimma yaadcichaa/dogma Abuna Taklahayimaanotiin kenname, kan olantummaa Amaaraa afuuraa fi jireenya foonii nama irratt fe’e dhimma hordofaniif hin qabanii. Kanneen jaarrota meeqaaf hoo qubaa waliin galcha turan Tigraawayiyyuu akkaata saanii diduun gara barsiisota Kasate Birhan Abbaa Salamaatt deebi’aa jiru.  Oromoon waan abbootiin amantaa Oromoo sabboonoti sammuun bilisoome fedha saanii bilisan fudhatan qofa hordofuu. Kanneen Amaarinyaa dubbatan qalbii horatanii olloota saanii akka obbolaa saanii Afriikaanotatii fi walqixxeett fudhatu jennee haa abdannuu. Akka durii lolaaf karisuun kan yeroon itt darbee.    

Sabooti, sabaawoti fi ummatooti Gaanfa Afrikaa keessa jiran hundi bilisummaa saanii irraa diina ittisuuf qophee dha. Habashootii kanneen Muslimotaa fi awaamota jedhan irratt Kirstaanota addunyaa tumsiifachuuf akka durii Kiristanota golee kanatt argaman tokkicha mitii. Kun yeroo fedhootaatii; isaan yoo quubsite fira, yoo dadhabde diina horattaa. Habashootii aangoo irra yeroo dheeraa waan turaniif martii malbeekii/diplomacy addunyaa keessatt waan timanii jiraniif, jara kolonii saanii turan irratt anjaa qabu turanii. Amma akaataa addunyaan itt dalagu gara Sirna Addunyaa Haaraatt jijjiiramee, wiirtuun dhiibbaas waan jijjiiramuuf kan saanii kan yeroon itt darbe tolcha.  Oromoon dandamatummaa dudhaan qaban itt fufuun rakkina hanga yoonaa qaban hunda irra haanuu danda’uu.  

Muslim Amaarinyaa dubbatan biyya ofii keessatt cunqurfamoo ta’aniyyuu, yero Oromiyaa seenan Amaarinyaa dubbachuu qofaan barbaachisaa addaa ta’uun itt dhagahama. Hirree mootummaa empayeraa kan bakka teessoo saanitt eegumsa dhowwateen irratt dhimma bahuuf yaaluu hin qabanii. Oromiyaa keessatt walqixummaa gadis olis akka hin taanett jiraachuu danda’uu. Oromoon Ortodoksii ta’an olhaantummaa amantee halagaa didaa jiru Oromoon Ortodoksii ta’an olhantummaa halagaa bifa kamiinuu didaa jiru. Labsa ummata saanii, Oromiyaan kan Oromooti jedhu fudhatu. Kana mirkaneessuuf hidhatanii falmatt bobba’anii jiru. Masgidi fi Galmistaanis, madda jeequmsaa ta’aa jiru.  Dhiheenya rukuttaa Faannoon Muslima Gondor irratt godheen biyyoota hedduun akka aariin kaka’an agarree jira. Haleellaan amantee asitt ta’e bakka biraatt deebii akka argatu beekamuu qaba. Gurguddoon Aamaraa lubbuun taphataa jiru.  Oromoon dammaqanii, of irratt eegan malee bu’uura (agenda) hin yaadamin namaa uumuun akeeka ofii diinagdee fi malbulchaa irraa nama mucuceessuu danda’u.  

Horeen nafxanyaa olhantummaa ofiif malee walabummaa fi bilisummaa ummatootaa fi dantaa hin qabanii. Akkuma akaakilee saanii waan kan saani hin taane hunda dhuunfachuuf gamuu. Kanaaf tooftaan yayyabatanii, ummataa fi ummata walitt naquu, ummata ofii harka lafa jalaan ajjeesisuu fi buqisuun, ummatoota bira akka Oromoo komachuu; amantoota gidduutt waldhabdee uumuu; ofumaa galmistaanota gubanii amantee biraa komachuu fi Magiida gubanii Kiristinnaatu gube jedhanii hodeessisuun haaloof Muslimoota kakaasuu. Yeroo dheeraaf waldhabdee ummatoota nagaa gidduutt akkaata hin amanamne hedduun fi hin beekamneen kaasaa jiraatanii. Ofii dursanii dagalla keessa dhoksuun Taaboti qoolloo bu’e jedhanii nama gowwoomsuu yaalu. Sana booda bakka saa Taabotichaa gaafachuun jara Amaarinyaa dubbataniif lafa Oromoo qabatu. Kun hundi hafuu kan danda’u abbaan amantee dantaa amantee biyya ofii keessaa seeraan yoo too’ate qofaa. Bilisummaa seelkoon hin jiruu. Oromoon waan ofii kan ta’an hunda gaafa of jala olfatan bilisoomne jechuu danda’u. Akka murnaatt, baraarammi abdattu sirna nafxanyaa, olhantummaa qabaachuu danda’uu irratt hundaawaa. Sana malee gara irraa tolfamanitt burkutaawuu. Haala naga qabeessaa fi tasgabbaa’aa caalaa kan goolii qabu akka isaaniif bu’aa qabutt ilaalu.  

 Taaboti Oromoon kan wal barsiifame akka ayyaana lubbuu qabuutt malee akka gabatee harkaan nammi soqeetti miti. Qeesoti waggoota dheeraaf Taaboti kana barbaada sana barbaada jechuun kan fedhan argataa nama gowwoomsaa dhufanii. Taaboti saanqaa jalqabaa namiichi Musee jedhamu qajeelfama Rabbii irratt barsee saba Isra’el kenne jedhamaa. Qooqota irratt bareeffaman malee saanqichi qoolloo hin buune jedhu. Kan yeros hin buune Amaarinyaa kan dubbatan eesaa fidanii harcaasuutt ka’anii? Kan nama dhibu biyya saaniiti hin harca’uu. Si’ana yeroo iyyaatiin hedduun itt ta’e kanatt dira’ina akkasiitt dhimma ba’uu yaaluun qarummaa Oromoo tuffachuu dha. Akkasumas, sana dhugoomsuuf hirree mootummaatt dhimma bahuun arrabsoo sana caalaatt baballisuu dha. Wayyabi amantoota gurgudaa Oromiyaa keessaatt argaman hundaa Oromoo dha. Kan ijaaranii fi kan jiraachisan dafqaa fi qabeenya Oromootiinii. Leelloo haaraa kennuufiin hafee kan jiranuu akka barbaachisummaa saaniitt bakka bakkatt jijjiirun ni danda’ama. Oromoon uumaa fi aadaan walteessoo dha. Garuu diinoti saanii finxaaleyyii akka ta’an dhiibuunii. Hamma yoonaa hankaakanii jiru. Obsaa fi waa danda’uun Oromoo akka hin dhumne haa abdannu.  

Kanaaf dhaaboti amantee Oromiyaa keessa jiran halagaan too’atamuuf sababi hin jiru. Biyya saaniitii; dhaaboti Oromiyaa keessa jiran akka itt hojjetaniif kan dhimma baasuu waan Oromoon fedhan qofaa. Sabooti alaa yoo imaammati Oromiyaa hayyame, ooffalcha addaan ergamtoota (missionaries) qabaachuu danda’u. Masjidi fi Galmistaanni Oromiyaa keessa jiran garuu kan waldoota yk jama’a jiraattota Oromiyaatii. Sochiin Oromoo Kirstinnaa Orthodksii ta’an dhiheenya Galmistana saanii qacee kolonummaa irraa qulqulleessuuf eeegalan ishoo kan jedhamu; daddaaqina yoo hin agarsiifne jajjabeeffamu qabu. Kun fedha jara Ortodoksii ta’anii qofa utuu hin ta’in fedhaa, bilisummaa fi nageenya walitt qabaa Oromiyoo hundaa waan ilaaluu. Yoo bilisummaa sabaa qabatan malee bilisummaa amantee biyyaa eeguun hin danda’amu. Kaayyoon hordofamuu qabu, Galmistaanaan qabatee halagaan dhimma keessa Oromiyaatt galuu hin qabu kan jedhu ta’uu qaba.  

Obbolummaa amantee isa kaminuu dhufu, walabummaa Oromiyaa, birmadummaa ummataa Oromoo fi bilisummaa yaadaa fi of ifsuu tokko tokkoo fi Oromoo hunda kan gadlakkisiisu ta’uu hin qabu. Tokkumma keenya jabeefannee, kan mata mataatt qabnu fi akka sabaatt waliin qabnu adda ta’uu qayyabachuun, fedhi tokko isa kaan keessa lixee akka hin boressine seeraan addaan ittisuutt jabaachuu dha. Amantooti Oromiyaa wallabaa yk federoofte keessa jiran, kanneen biyya wallaba ta’e yk finnoota federawan biraa waliin tokkeessoo amantootaa  dhaabbachuun mirgaa. Haa ta’u malee mirgi sun moo’ummaa biya ofii kan faallessu ta’uu hin danda’u. Oromiyaan walabi amantee fi fedha hedduu qabdu uumamuun see waan hin ollee. Biyya waloon qabnu kana, akka qaroo ija keenya kunuunsuu qabna. Waliin biyya duromte, nagaa fi tasgabbii qabdu, ijoolleen keenya gammachuu fi birmadummaan keessa jiraattu; biyya garagarummaa walii danda’an, Oromummaan walitt baqse, dabarsuuf haa murannu. Bilisummaan dhugeeffannoo haa waaru. Oromiyaa haa jiraattu.  

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu. 

Ibsaa Guutama 

Caamsaa 2022