Yaadannoo Gootichaa J/Galaasaa Dilboo

(Walga’ii Zoom Caamsaa 21, 2022 irratt kan dhihaate)

Hardha kan waliitt dhufneef hoggana qabsoo walabummaa Oromoo guddaa tokko,
Galaasaa Dilboo Goljaa yk Yohanis Bantii Dilboo yaadachuufii. Galaasaan miseensa dhalootasochiin walabummaa Oromoo hunda haammataa ta’e, yeroo bu’uurfamee kaasee akkadabballee fi hogganatti nama tajaajilee. Yeroo kana keeessa ramaddii biyyaa baasu fi kanummatoota biraa waliin dalaguu fudhatee dirqama jaalbiyyumaa boonsaa ta’e ba’atee jira.Dhalooti saa Leeqaa Naqmtee ta’us kan caalaatt beekamu akka nama Anniyaattii. Namicha kana barumsaa fi bultii dhaabbachuu dhiisisee qabsoo bilisummaa sabaatt kan bobbaase maannii? Hamma tokko ilaaluu haa yaallu.

Oromiyaan halagaan qabamnaan, Oromoo waanti qaban hundi irraa mulqamee, namaa gaditt ilaalaamuu fi roorroo hammaa bahaatu irra gahe. Wanti qaban hundi irraa fudhatamee,birmadummaa haalamuu fi garbummaatt gurguramuutu kaka’a bilisummaa duuba jira.

Ilmoon namaa namaa gaditt ilaalamuu, wallaalina, deega, dukkuba fi gadadoo keessa jiraachuu callisanii ilaaluu nama seexaa qabuu hin dandeessisu. Qabsoo gitaa gageessanii, Itophiyaa demokratofte keessatt laalaan kun hundi ni dhina kan jedhu akka filmaataatt dhihaatee ture. Galaasaa fi sabboonoti ABO bu’uursan garuu, akkuma kolonoota biraa walabomu malee sun furmaata hin ta’u jedhanii gargar deemanii.

Baras haalli gadadoo ummati Oromoo keessa ture callisanii ilaalu kan nama dandeessisu hin turree. Kanaaf, sochiin walabummaa kan eegale, namoota biraa akkeessuuf “fashina” barati jedhanii utuu hin ta’in, hundeen gadadoo Oromoo keessaa ka’aa.Oromiyaan halagaan qabamuun, Oromoo qabeenyaa fi eenyummaa dhabsiise.
Garbummaan seeraan dhaabbate jedhamus, hacuuccaan bifa jijjiirratee, lafuma ofii irra
jiraachuun dadhabame. Lafa ofii kan jedhamus kan halagaa ta’e.

Aka olitt jedhame Oromiyaan halagaan qabamuun, Oromoo qabeenyaa fi eenyummaa
dhabsiise. Garbummaan seeraan dhowwamus gurgurtaatu dhaabbate malee nafxanyaaf tola tajaajiluun hin dowwamne. Hacuuccaan bifa jijjiirrate, lafuma ofii irra jiraachuun dadhabame. Lafa ofii kan jedhamus seeraan kan halagaa ta’e. Afaan ofiin hojjechuu dhowwamanii qaama sadaffaa biratt duudaa ta’anii. Abbaa lafaaf tola tajajilu fi ijoollee ofii guddifachuu dadhabuun hang 1974 itt fufee. Guboon laalaa sanaa hanga yoonaa bahuu hin dandeenye.

Barri geeddaramus ilaalchi nafxanyaa utuu hin jijjiramin, jaatamoota keessa dhalooti
Oromo roorroof obsa hin qabne as bahe. Dhalooti sun, Oromoon ofii daaree nafxanyaa
uwwisuu, ofii beela’ee isa quufsuu, ofii dhibamaa isa fayyisuu, ofii dhimmuu keessa jiraataa isaa qorqorroo ijaaruun maaliif jedhee gaafachuutt ka’ee. Diddaa Oromoof hoggansa kennu kan jedhaman fo’amanii ajjeefamu, hidhamuu fi biyyaa ari’amuun bara qabamanii eegale ittuma fufe. Sun qabsoon kaayyoo fi sagantaa qabu dhalachuu hin dhaabne.


Waa’ee jireenya Oromoon keessa darbanii yoo dubbannu, dhaloota ammaaf asoosama
fakkaachuu danda’a. Duubbee roorroo amma jiru se’achuun rakkisaa dha. Qabsoon salphataa dhufeeyyuu, ba’aan saa hin danda’amne. Kan amma wagaa jaatama ol taane kan caalu muuxannee dabarree. Qabsoon bilisummaa erga eegalame jija hedduu galmeessee. Dhalooti haaraan kan darbe deebi’ee akka hin taphanne, hariiroo kamuu dura jijoota argaman kana iggitii itt tulchuu qaba. Hardha, akkamitt as akka gahame utuu hin qoratin yk beekaa, bilisummaa sabichaa dura dhaabbachuuf qeeqa Kaayyoo walabummaaf kan jarjaran hedduu dha. Oromoo Oromummaa hin qabne, konkaa, garboomuu Oromoo utuu hin ta’in kufaatiin Itophiyaa kan isaan boochisu, of hin beeknee fi bor hin beekneen jiru.

Halagaan yeroo Oromoo salphisuu fi ajjeessu tokko bulinnaaf gocha saa sirrii fakeessuuf sababa kan tarreessanii fi isaaf harka kan rukutan hedduu dha. Oromoo fixuuf Oromoo waan hiriirsaniif garlachuunuu kan itt hirdhatu Oromoo dha. Amaarri ammayyuu ifatt Oromoon “Madigaskar safari” dha, “Oromummaa yiwudam” “Gaallaa Agar yellewum” kkf jedha. Eenyummaa saanii beeke walqixxummaan waliin jiraachuuf fedha hin qabu. Wareegama guddaan Labsa Lafaa hundee buqis ta’e 1974 argamee ture. Garuu, lafti Oromoof hin deebinee; kan mootummaa koloneeffataa ta’ee. Innis biyya irrayyuu darbee, dureeyyii addunyaaf gurguraa jira.

Kana utuu beekanii, akkumma amma farra Oromoo kan ta’een, mootummaan kan
Oromoo ta’e jedhan, barasis hedduun lafti keenya ta’e jedhanii dhiichisaa bahani. Jarri sunillee akka labsichi itt ifsameen dagamaniitu. Jarri si’ana garuu dhugaa jiru beekaa, ofittumaanii. Utuu lafti kan ummataa ta’ee jiraate, eenyummaa haalame deebifachuuf karaa mijjeessaa ture. Lafti lafee keenya jechuun, duunu malee gargara waan ba’uu hin qabne jechuu dha. Kanaaf lafa keenya malee, nuti amma du’aa ol miti jechuu dha.

Yeroo hunda koloneeffatoon tarkaanfii fakkeessa tokko fudhatanii akka waan Oromoon
anjaa isaan caalaa argateett waccisiisu. Utuu dubbichi dhugaa ta’eeyyuu, nama akka saaniitt nu hedanu taanaan nuti waggoota dhiba lamaaf isaan kan dandeenye isaan akkamitt waggaa tokko lamaaf nu nuffuu? Dhugaan jiru si’ana mootumichi maqaa saaniin Oromoo irratt fixaqaccee gaggeessisaa jira. Isaan garuu akka waan Oromoon darabee saanii irra bahanii “Taranyaa” jedhanii gadoodaa jiru. Soba sanii dursanii qayyabachuun kaayyoo ganamaatti cichanii kan gaafate hunda baasaan keessaa gooti Oromoo tokko, Galaasaa Dilbootii. Kanaaf jireenya saa guutuu qubaa itt ciniinnataa ba’anii.

Haalli qabsoon keessatt eegale yeroo, eenyummaan Oromoo haalamee, afaan ofii
adabaabayitt dubbachuun dhowwaa fi qaanii ture. Waanti Oromoon waloon qaban hundi jalaa mancaafamee afaa saanii qofatu kerkeraaa hafeefii ture. Hamma godinoota Oromoo cabaqa walii kan qayabatu yartuu dha. Qabsoo gootota Oromoon jija hedduutu galmaawee. Biyyi Oromoo kutaa kutaatt gargar cicciramee ture walitt deebi’uun Oromiyaa jedhame yaayoon /kaartaan tolfameefii. Ijoolleen Oromoo “Biyya Abbaa” jettee yaadaan farsitu amma qabamaatt beektii. Oromoon amantee, gosaa fi gandaan of waamuutt gadi bu’anii turan. Qabsoo sabboonota saaniin garuu, boonaan an Oromoo, biyyi koo Oromiyaa dha jechuu eegalanii. Ammas Oromoo kan hafu hedduu dha; halagaatt hirkachuun hin dhaabbanne. Qabsoo Galaasaa fa’iin gaggeessamaa as ga’e akka durii saa walabummaa saa deebifatee dhaloota Qubee itt fufaatu abdatama.

Oromoon akka ilaalcha jijjiirratan kan gargaaran jaalbiyyoota dursanii dammaqan akka
Galaasaa Dilbootii. Kumaalee lammaffaa kana keessa gooti ba’ee mullatu kan Galaasaa Dilboo olii hin jiru. Jiji kurnan arfan darban keessatt galmeeffamuun himaman caalaan hoggansa saa jalatt argamanii. Hiriyooti hedduun biraa kufaniyyuu kaayyoo isaan kufaniifitt cichee dhaloota harraan gahe boqotee. Angafooti saa yeroo Shinniggatt dhuman utuu hiriyooti saa Hoggansa Galaasaatt hin amannee ABO faca’ee ture. Bara mootummaa cehumsaa humnoota jijjiiramaa waliin dhoofsisuun bu’aan argaman hedduu dha. Fakeenyaaf, daangaa Oromiyaa sararamuu fi hojii fi barumsaaf, ifaan afaan Oromoo fi Qubeett dhimma ba’uun kan eegalame hoggansa Galaasaa jalatt. Gaaffiin Oromoo addunyaatt beekamuu kan eegales tibbasii. 

Icaat dhaaba kolonootaa fi cunqurfamootaa, moora diinaa ittiin seenuuf uumamee. Sun
ABO fi qabsaawota Kibbaa waliin hiriirsee. Anjaa Icaatt qabsoo Oromoof gumaache guddaa dha. Erbaala eenyummaa (ID paper) Icaat qabaachuun karra fedhe sakattaa malee nama dabarsa ture. Kana keessatt Galaasaan akka dabbalee fi hoggana olhaanaatt hedduu gumaachee. Sanatt dhimma bahuun magaalaa dirreett namaa, meeshaa, qoricha kan fakkaatan guuruun ni salphate. Seenaan Icaatii fi qoodi Galaasaan achi keessaa qabu sararaa xinnoo kanaan ifsamuu hin danda’u. (akka diinni Icaat itt ilaalaa ture moor/kitaaba Fiqire Sillaasee Wag Darras fl. 357- 59 laala) 

Yeroo jalqabaaf Washington DCtt ofii argamuun waajjira ABO addunyaa Lixaa keessaa
isa jalqabaa, mootummaa halagaa hayyamasiisee ofii argamuun bane Galaasaa dha. Yaalii araaraa Kongress US, Presidantiin US duraanii Karter, dhaabota mootummaa fi mitmootummaa adda addaan godhamaniif haala mijjeessuuf hedduu ifaajja’ee. Hoggansa Galaasaan, ABOn haasaa araaraaf imaammata diriirfatee ture. Sunis hammam inni walabummaa ABOf dhimmamu agarsiisa. Imaammaticha irra ilaaluun sababa baqaqina ABO ta’uuf deemaa. Imaammatichi, haasaan halagaa waliin taasifamu, bakka looga hin qabnett, haala duree malee, bakka qaammi sadaffaan jirutt ta’uu akka qabu hima.
Galaasaan heera ABOn malee dhiibbaa eenyuufuu hin jilbeenfatu. Kaayyoo ganama
maaliinuu akka hin dhoofsifne firris diinnis beekaa. Faranjiin lola jaallataatt kan ramadeen sanaaf ture. Akka heeraa fi Sagantaa Malbulchatt qabsoon ABO kan hidhannoo qofaa utuu hin ta’in kan malbulchaa fi malbeekii yk diplomasiis ture. Galaasaa san sirinyaan hojii irra oolchuun halagaa fi duubatt harkiftootaa rifachiise. Utuu rakkinni Oromiyaa furmaata hin argatin gaaffiin Oromoo hin jijjiramu, yaada jedhutt cichuun kanneen haala duree malee Itophiyaatt galuu soqanitt gufuu ta’e.

Yeroo lammafaaf dhukbsatee ala ba’uus jaallewwaan saa dirree jiran hin dagtnee.
Meeshaa waraanaa fi quunnamtii lafa jala akka argatan kan danda’amu hunda gochaa ture.Akkasumas sagaltamoota keessa yeroo haleellaan diinaa hammaatee, hogganooti
afanfajjaawan, fira Somaliyaa horatett dheesuun “Kora ABO Hatattama” (Caamsaa 1998) waamee dhaabicha maqaan badiisa irraa kan baraare kophaa isaatii. Korichi barruunqabii turan baasaa bara Lola Qabbanaawaa sirrsuu caalaa akeeka qabsichaa hin jijjiirre. Kun buqqaa saatiif sababa tokko ta’uu akka hin oolle hedama.

Hojii ABO magalaa keessaa kanneen gaggeessan keessaa maqan dura ka’u tokko kan
Galaasaatii. Hoggansa Galaasaa jalatt qabsoon ummatoota kibbaa akka kan ofiitt ilaalama ture. Imaammati ABOn tibba sana qabu tolaa malee hamaan ummatoota kibbaa hin dubbatamu ture.Akeeki Icaat ummatoota waliin kufan akka waliin ka’ani karaa mijjeessuu ture. Fuldurattis faana Galaasaa bu’uun dhalooti Qubee firummaan sana akka jabeessu abdatama.
Galaasaan malamaltummaan haa ta’u of jaallachuu, gandummaa fi looguun maqaan saa takkaa ka’ee hin beeku. Galaasaan arjaa, gara laafessa fi janna akka ta’e kan beekuun hundi ragaa ba’aa. Galaasaan hedduu dhukuffanaan jaallewwan saa akka alatt bahe wallaansa argatuu fi gargaarsas barbaadu murteesan malee ofii ba’uu hin barbaanne turee. Akkasitti jaalli saa gootii dabaan kufichi, Mullis Abbaa Gadaa ibida keessa baasee kan Yamanitt qaarsisee deebi’ee. Sunis seenaa of danda’e qaba. Utuu Mullisiif hin taanee yerosuma dhumataaf ture. Sana booda Londonitt jaallewwan saa qaata biyyaa ba’anitt makamee, bu’aa fi ba’ee qabso baqataa eegalee.

Gabaabaatt Galaasaan ummata saaf of kennee eenyummaan saa ibidaan qoramee as
ga’ee. Oromoonis, rakkina himuun namatt ulfaatu keessa bahanii hardha gahanii. Haala yeroon WBO laaffataa turee. Hardha cimee, humna gudda ta’uun, hanga Oromiyaan walabomtutt qawwee lafa hin keenyu jedhee kakate qabuu. Dhiheenyuma hoggansi kan alaa eegamu, amma alli qeyee eeggachuu eegalee jira. Rakkinni qabsoof kakaase Oromiyaa keessa jiraa. Hogganis kan achi jiraatee qabaawuun ummata qabsiisu ta’u qaba. Kanaaf hoggansi biyyaa kennamuun filmaata biraa hin qabu. Sana malee fakmishoo/moodela Haayila Sillaasee, kan Amaarri “Arbanyaa fi Siddetanyaatt” (Jaala biyyaa fi badii) wal hiree “Sidatanyaan” arbanyaa hacuucaa bahe sanatu dhalataa. Akka sun hin taane dargaggoon bosona jiran waraana qofa utuu hin ta’in dameeleen ABO hundaaf xiyyeeffannoo kennuun dirqama isaan irra jiru. WBO keessaan egereen ABO fi Oromiyaa ifaa dha. Sun hundi hobbaatii raacita wareegamaa, Galaasaa fi jaalbiyyoota akka saa baasaniitii.
Kan nama gaddisiisu, Guddaa ofii kana nammi itt hiiqee haala inni keessa ture fi itt
haansee maal akka yaadu kan gaafate akka jiru hin dhageenyee; kan gafatan jiraatanis ragaa hin baanee. Sila Galaasaan Kaayyoo tiksee asiin gahe waliin dhibdee qabamoo murnoota wal hin amanne waliin akka ta’e beekuun ni danda’ama ture. Dhimma Oromoo irratt mirga Oromoon walabummaa fi bilisummaaf qaban hanga hin tuqnett komee fi qeeqi dhorgamu jiraachuu hin qabu. Fedha Oromoo fi fedha murnootaa, adda addatt yoo ilaalle hin dogoggorru. Hoggana wareega ol haanaa baase kana irraa hedduutu barama ture. Kan akka saa jireenya saa guutu gubatee qabsicha asiin ga’e, turtii gabaabduun herreguun seenaa ofii tuffachuu dha. Galaasaan jaallewwan dur wal irratt hirkatanii hamaa fi tolaa waliin keessumsiisan giddu hin turre. Biyya itt da’atuu fi fira addatt himatu hin qabu. Inni kan ummata Oromootii. Yerottii hamtuu sana mataa
gadi qabatee boriif buluu filate. Maal gudhu, duutii itt jarjartee. 

Galaasaan akkamitt du’eellee ifsi irratt hin kennamne; ragaan cireessaa hin himamne.
Dira’inni keessa jiramoo hin jiru? Wanta ambaaf gad dhiifame hin agarree. Sabboonaan silaa sana gaafata. Diinoti Orommoo wanneen Oromoo itt hadheessan hundaaf itt gaafatamaan qaraa Galaasaa akka ta’ett fudhatu. Kanaaf akki inni itt darbe nama ciicachiisa. Ammaaf Galaasaan, iccitii jireenya saa fi kan dhaaba saa ofumatt qabate, rasaasatii luka saa keessa jirtuu waliin fudhatee sokke. Sichi inni seenaa dhaa; ofirraa faccisuus of ifsuus hin danda’u. Gaabii adii ala kaa’an tokko, xiiqqoon allaattii yoo irra bu’e, durse kan mullatu gaabicha utuu hin ta’in xiiqqotii dha. Yoo hubatan garuu sun hamma hin jirree, addeenya gaabichamatu isee caalaa. An Oromoo guddicha kana, gumaacha umrii ofii caalaa kenne, qooqan ittiin ifsu hin qabu.
Galaasaa! anaa haanyatu, at hin badnee ana badee, iddookee ana haa maruu malee, kanan jedhu hin jiru. Galatoomaa. Oromiyaan haa jiraattu!
Ibsaa Guutama
MD USA