GAAFFII OROMOO KEESSA DEEBINEE ILAALUU

Guyyaa gootota kanatt 15/22 gaaffolii ka’an irraa waan isaan du’aniif keessa deebi’anii sakatta’uun akka. Gaaffi saaniitt utuu hin galin Oromoon eenyu akka ta’an haa hubannu. Oromoon saba. Sabi, hawaasa ummataa hundee tokko dhahatu, walitt maxxanaa, seenaa, afaan, aadaa fi biyya tiyya kan jedhu tokko waloon qabu, akka hawaasaatt tokkummaa saa eeggatee bararamee yoonaa ga’ee. Tokkummaan Oromiyaa, murna koloneeffataa nafxanyaa Amaaraa, kan tokkummaan saa kanneen biraa facaasuu irratt hundaaween didhamee. Murni kun dandeettii maalifaa waan hin qabneef waliin maalifeessuun kan danda’amu mitii. Gabaabaatt, qabsoon Oromoo, Oromoon akka sabummaan hin jiraanne kan godhan dura dhaabbachuuf, baraaramaaf kan eegalee. Oromoon dilormaan naannicha keessaa kan hunda caalanii fi Afrikaa keessaa sadaffa akka ta’antu himama. Imperiyalistooti taate “Hirmannaa Afrikaa” jedhamu diriirsan, mootummaa Habasha, yoomallee Walgahi Berlin (1884-1885) irratt hin argamneyyuu akka miltoott fo’atanii turanii. Yaadaa fi meeshaa waraanaan deggeruun biyyoota mootii fi republikoota kibba saa jiran akka qabatu godhaniii. Oromiyaan baras kolonomte. Abisiniyaan maqaa Itophiyaa jedhutt ifaan kan jijjiirratte bara nugus Haayila Sillaaseetii (1931-1074). Oromiyaan takkaa fedhaan qaama Itophiyaa taatee hin beektu.

Habashoot akkuma koloneeffatoo adiin Afrikaanota biraa irratt tolchan yakka walfakkaataa raawatanii jiru. Gocha namummaa bahaa irra raawwachaa, qabeenya saanii saamanii fi lafa saanii dhuunfatanii turanii. Akkuma koloneeffatoo adii ergamsi keenya qaroomsuu dha jedhaa haa turanii malee tokko tokko qaroma isaan caalu qabu turanii. Caalmaan isaan qaban meeshaa ibidda tufu teeknolojiin imperialistooti homishe qofaanii. Koloneeffataa gogaan gurraachaa fi hin misoomin biyyoo Afrikaa keessa ta’uun waan addaa fi dogoggorsaa dha. Gara saa isa kam akka ta’e utuu hin himin koloneefamee hin beeku jedhanii dubbachuun empayeri Itophiyaa garri caalu waggoota dhibbaa oliif bulcha kolonii jala akka turan addaan hin baasu. Amma bilxiginnaan wajjirbulcha Amaaraa waan gaggeessuf diina ummata Oromootii isa guddaa dha. Wajjirbulchich kan amanamuu danda’u diigamee caasaa yk caasota demokratawaniin yoo bakka buufamee. Oromoon afaan ofii, sirna demokratawaa Gadaa jedhamu, amantee waaqtokkee ta’e, kanneen keessas afaanti qofti hanga yoonaa kan baraarame qabuu. Daangaa biyyaa beekamaa, qabeenya uumaan badhaadhaa, fi seera sana ittiin eeggatan qabuu. Oromoon seeraan bulmaatatt jabinaan amanuu, hojirra oolchuufis sirinyaa dha. Hubi surrii dhiqaa gad galoo gochuuf waggoota dhibbaaf gaggeeffame kan waggoota shantaman duraan mullatan ofbara malbulchaan amma yaratanii jiru.

Erga kufaatii sirna malbulchaa Oromootii malbulchaa karaa irraa cehoo hedduutu uumamee. Kanaanis ummati to’annoo seraa fi safuun miseensota saa irratt qabu haalamee. Kanaaf ayyaan laallatooti qabsoo bilisummaatt makamuu manna of gurgurachuuf ganda keessa foolii dhahaa yoo deeman agarraa. Oromoon haala akkasii simachuuf qophii waan hin qabneef gaaga’amtoota faaraa ta’anii mullatuu. Diinni wal balleessuun butuchuu itt fufee Oromoo, Oromoon fixaa jiraa. Qondaaloti waraanaa olhaanoon dhiigaan Oromoo ta’an, lola obbolaa saanii Oromoo irratt tolfamu gaggeessaa jiru. Qaama ittiin yaadan, surrii ofiii garaan kan bakka buufatan fakkaatu. Kanaaf malee silaa Oromoon, Oromoo ajjeesuun safuu fi waan hoodaa ture. Haalli akkasii jijjiiramu malee dilormaan wayyaba ture bucuutt jijjiiramuu fi bilisummaan yoo hin oolleyyuu, fagaachuu dandeessii. Ummatooti empayerichaa walfuudhaa fi walirraa horaa jiraatanii. Kun isaan qofan kan shaakalame mitii; seenaa keessa walitt makachuu kamuu moo’ummaa ofii gonka nama lagachiisee hin beekuu. Hariiroon malbulchaa kan murtaawu walfuudhaan utuu hin ta’in, qajeeltuu kennuu fi fedha walii kabajuunii. Walfuudhuuf walirraa horuun Amaara ambatt bahee Oromummaa balaaleffachuu hin dhowwinee. Empayerooti hundi dafqa gabbaarii, garbootaa fi kanneen koloneeffamaniin ijaaramanii. Qoodi Oromoon fudhatan sanaan adda mitii. Dhiigaa fi dafqa saaniin waggoota dhibbaa ol sirna Amaaraa aangoo irra tursanii turanii. Kana utuu hin dagatani gaaffii Oromoo hanga yoonaa jiru haa laalluu.

Yoomallee Sagantaa malbulchaa saanii fi wayyeessa duuba tolfamaniin gaaffii qaban taliilessanii kaa’an ta’eyyuu qaammi sadaffaan Oromoon maal barbaaduu jechuu hin dhiifne. Kun kan ta’eef hogganooti tokko tokko afaan lama ta’uun mamii uumaniinii. Walabummaa yk irraa dacha’uu gaafachuun akka malbulchaatt sirrii hin ta’uu jechuun, gaaffii isa dhugaa roga dhabsiisanii, nama biraatt baasa baraa ta’eetu malee nut sana hin yaadne jechuu eegalanii. Kun isaaniif dhugaa ta’uu ni danda’aa, garuu hiriyooti saanii akka sana hin seenee. Dudhama dhabuu fi daddaaqina akkasiitu injifannoo galaachee. Kun Oromoon qabsoo malbulchaa hunda haammataa kallachummaa ABOn yoo eegalu, kan afaan itt hikkatan “Republika Oromiyaa ummataa wallaba fi demokraatoftuu bu’uursuu” kan jedhuunii. Kun gaafii muumicha ta’e, hanga yoonaa ga’eessummaa keessatillee hin deebi’in jiru. Manii kana ga’uun waan rakkisaa ta’ee utuu hin ta’in, harka garlamee duubatt harkistuu, hojichaaf murannoo fi dudhama gitu hin qabne harkatt kufeetuu. Kun guyyaa keessa, ifa bahe. Tarsimoon qabsicha ammayyuu “Walabummaa” dhaa. Karaan itt ga’an adda adda ta’uu dandaniyyuu Oromummaan kan masakamaman ta’uu qabuu.

Rakkinooti walxaxaan fedhoota garagaraa irraa itt aggamamanis hin haalamanii. Qasaawota keessaas kan Oromummaatt garaa guutuu hin amanne, maxannee kan ta’an, akkeessitoo fi fakkeessitoo hedduutu mullataa. Haa ta’u malee, kanneen ofbara malbulchaa argatanii, Kaayyoo ganamaatt cichaniin wareegami guddaan baafamee, jijooti hin tuffatamne galmeeffamanii jiru. Jijoota guguddaa keessaa, Oromummaa dhaloota haaraan ilaalcha qabsoo bilisummaa ta’ee fudhatamuu fi Mootummaa Itophiyaa haaraan, daangaa Oromiyaa hanga tokko fi sana irratt abbaa biyyummaa saanii heeraan beekamtii kennu, dhowwii afaanii fi aadaa Oromoo irra ture ka’uu dha. Mootumichi mirga hiree ofii ofiin murteeffachu hanga walabummaatt heera saan waan beekeef, Oromoon yoomalee heericha tummuu keessa akka sabaatt suduudaan hin jiraanneyyuu, yeroof walabummaa dura federalummaa yaaluuf carraa kennanii turanii. Walabummaan mirga uumaa sabi toko qabu, eenyuu ittiin dhoofsisuu hin dandeenyee.

Oromoon haala duree tokko malee, yooma jalee Itophiyaa ta’anii hafuu ta’eyyuu, mirga walabummaaf qaban dhiisanii empayer Itophiyaa keessatt hafuu kan filatan jiru. Ilaalchi akkasii kan yaada wallaba keessaa maddu hin fakkaatu, garuu ofiitt amanuu dhabuu yk karaa gabaaduun eenyummaa ofii dhosanii bolola angoo ira bahuu ta’uu danda’aa. Kaan saaniif, Oromiyaan waan itt xinnaattuuf, Oromummaa haaluu ta’ullee, empayera qabachuun danda’amaan isaaf deemu filatu. Tokko tokoof hirkattummaa keessaa bahuutu sodaachisaa. Amma kaayyoon ganama qabsoo malbulchaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa kan hafe, hundi kan irraa qoollifatan fakkaataa. Dhaabotii fi abba tokkeen Oromo tarsiimoo qabsichaa jijjiiruun aangoo malbulchaa mootummaa koloneeffataaf dorgomuuf galmeeffamanii jiruu. Akka itt tolfaman malee, isaanii fi OPDO gidduu garagarummaan hin jiru, OPDOn angoo irra waan jiruuf hojiin saa shaakalaan mullataa. Garagarummaaan akka tokkee fi federallummaatt himatanis akka Oromoott utuu hin ta’in akka Itophyaattii. Waajjirbulcha imperiyaalaa kan dhuunfatan kamuu hanga sirnichi tokkuma ta’ett, gargaummaa agarsiisuu hin danda’anii. Jarri angafooti qabsoo, sirnicha diiganii, republik Oromiyaa kan bilisummaan gara egereef itt deemamu murteessu bu’uursuufii kakatanii. ABOn ofiin of jiraachisee onnee ummata ofii keessatt galmaawe malee takkaa oofkalcha yk hayyama halagaa irraa hin gaafatne ture.

Kan itt roorrifaman Oromoo dha. Waan seera adda addaan bulaniif roorroon isaanii kanneen Itophyotaan addaa, kan koloneeffataa fi kan kolonawaa. Sirni qabiyyee lafa saanii, bilisummaan aadaa, afaanii fi akkaataan mirgoota namoomaa, malbulchaa fi noolaa dhimma itt bahan gargarii. Oromoon qabsoo saaniin jijjiirama dirqisiisanuu adda addumaan wal hin qixxawin hafe jira. Silaa roorrisaatu aagii tufsiifata jennaan, gaga’amaan maaloo ofiitt na dabalaa jedhee kadhatu argama. Yoo gaafataman garaa garummaa Itophiyaanota waliin qaban, koloneeffataa fi kolonaawaa, cunqursaa fi cunqurfamaa ta’uu saanii himuu hin ugganii, Surrii dhiqaan jalee Itophiyaa taasise waan sammuu keessatt hafeef irraa ka’a nuti Itophiyaanota jedhuun jalqabuu. Obbolaa saanii qabsoo diddaa irra jiran

caalaa booji’aa saanii amanuu. Karaa birammoo diinichi hariiroo isaan walii akka farra isaan balleessuutt waan fudhatuuf miltoo walqixxeett isaan hin hinlaaluu.

Amma, Amaarri jeequmsa eenyummaa guddaa keessa jira. Ummatoota walitt baqa adda addaa irraa waan uumanamaniif yeroon yoo ga’u qaccee dhahatanii bakka maddanitt deebi’uu danda’u. Minilik utuu saboota kibbaatt hin duulin dura kanneen kaabbaa too’annoo ofii jala galchee Tigray malee hunda akka Amaaraatt hiriirsee. Sirna nafxanyaa uumuun isaan qofan hin ga’u waan tureef ummatoota qabate keessaa Kiristinnaa Ortodoksiitt cuubee liillana itt hidhuun isin Amaaraa jedheenii. Amma murni Amaara jedhamu jiraachuuf olhaantummaa saa turfachuu qabaa. Lafa miseensota itt ta’anii fi saboota qabatee malee, kan kiyya jedhee kan himatu hin qabu. Yoo hundi bakka baanett deebinee miseensota federeeshinaa taana jedhan, Amaarri kanneen ittiin tolfamett baqa jechuu dha. Kanaafi kan dhaaboti Oromoo eenyummaa saanii sabummaa hundee haalan malee, kan sirna Itophiyaa/Amaaraatt hin fudhatamneefii.

Oromoon Afrikummaan waan itt tolu fi tokkummaa Afrikaa demokraatawaa jabaaf hojjechuun ajaja aadaa fi dudhaa saaniitis. Kana dhugoomsuuf dhaaboti Oromoo dursanii tokkummaa walgidduu irratt hojjechuu qabu. Golummaan/gogeessummaan erga Oromiyaan ofiin dhaabbachuu dandeessee dhufuu danda’aa. Oromoon walitt qaba Itohiyaa keessa dirqamaan jiraachuun, isaan waliin jara isaanii ala jiran caalaa aantummaa qaba jedhuu mitii. Sabboonoti Oromoo miiltoo filachuun fedha bilisa irratt akka hundaawuu qabu amanuu. Eenyu waliinuu hariiroo uumuun dura yoo of irratt hirkatan qofa, hariiroo madaalaa fi waarummaa qabu uumamuu danda’a jedhanii amanu. Garbichi gooftaa waliin waldaa ummachuu dura birmadoomuu qaba. Kanaaf yaalli Oromoo Itophistoota kan hin milkaawin hafuun caalaattuu badiisa warraaqxota hedduun ta’ee. Kanaaf Oromo biyya ofii irraatt aangessuun dhiigaa fi dafqa ofii qofa gaafataa. Oromoo bilisaa fi wallaba ta’uu barbaadaniif si’ach Itophiyaan yaada du’aniif hin ta’uu.

Kanneen Oromiyaa futrichoo takaalanii dhaaba koloneeffatee tureett eenyummaa saanii utuu hin jijjiirin deebisanii kennuu barbaadan si’achi akka hin danda’amne muuxannoo ofii irraa barachuutu irra ture. Kan firoomsaatt tarkaanfata ture, sirna federalaa fudhate, ABUTillee kanneen biraa akka heeraatt bulchuu dhiisee dhiphummaa sabaan haddheessaa ture. Rimsama aangoo 39 keessatt sutamee jiru kan inni caasuuf qooda guddaa gumaache irra ilaale jechuu dha. Akka sanaatt sabi tokko miira sabummaa qabaachuun hafee, walabummaayyuu gaafachuu danda’aa. Kan ta’e hundi dadhabbii ilmaan namaa, ofittumaa, bolola aangoo fi warraaqxummaan qoncooruu irraa maddee. Sana akka seenaatt dhiifnee, nagaa fi araara godinichatt fiduuf amma heericha akka tuqaa irraa kaanuutt fudhachuu dandeenyaa. Sun Itophistootaa fi walabummoota; qabsoo nagaa fi hedhannoo walitt araarsa ta’innaa? Mooraa federalistootaa, tokkeesitu farra hiree murteeffanaa duubatt harkistuu irratt jabeessuu danda’aa. Qabsoon nagaa tokkummaa fi bilisummaa Oromoos tajaajiluu waan danda’uuf Itophiyaa jalatt hafuuf sababa ta’uu hin qabu. Oromoon, “Yoo tolu harkaan, gubnaan fallaanan” jedhu.

Sirna kolonii keessatt tibba adda addaa qooda fudhachuun namoota akka garboota luba bahanii gamnichaa fi jagnicha, Qusee Diinagde fi Baalchaa Saafoo fi fedhee galoota akka Yilmaa Dheeressaa fi Emanuel Abraham, Takkaa Tullu fi Dabalaa Dhinsaa, Kumaa Damaqsaa fi Junaddin Saaddoo fi Abiy Ahmad fi Birhaanuu Juulaa akka waan sabi Oromoo fedhee qooda fudhateett lakkaawamuu hin danda’uu. Gocha maqaa qabu toko tolchuuf Oromoon akka sabaatt dura of irratt hirkachuu danda’uu qabu. Ofirratt hirkachuu jechuun dhiibbaa eenyuuyyuu malee walabummaan kan barbaadan murteeffachuu danda’uu jechuu dha. Kaayyoo sabaa fiixaan baasuun obsa, dandamatummaa, dudhamaa fi murannoo, ilaa fi Ilaamee fi wal ta’a guutuu gaafata. Gaaffiin Oromoo guutummaatt kan deebii argatu bara Oromoon mirga hiree ofii murteeffachuutt dhimma bahuun wan fedhan murteeffatan qofaa. Qabsoo saaniin haala waggoota shantamaan dura turan jijjiirsisaniiruu. Garuu sirna koloneeffataa nafxanyaa

hundee waan hin buqqifneef, koloneeffataan durii hoggansummaa Bilxiginnaan bakka kiyyattiin deebi’a jedhee bookkisaa jiraa.

Abiy Oromo Gommaa dhufe ta’uun mootummaan saa Bilxiginnaa Oromoo fakkaatee hedduu dogoggorsee. Dhugaan jiru, Bilxiginnaan unkessa farra Oromoo erga qabamanii hundaa olii ta’ee argama. Oromoo walitt naquu fi ergamsa walfakkaataaf humnoota biraa afeeruun dargagoo Oromoo lafarraa duguugee. Dargaggoo Oromoo funaanee nageenya aangoo ofiif ibiddatt yoo darbatu hamma funaansa qoraanii nafii kan kennaniif hin fakkaatu. Abiy, gaaffii Oromoos, sabboonummaan Oromo sabicha xinneessa jechuunis bishaan itt naqee jira. Itophiyaa nugusootaa malee, ija republik demokraatoftuu wallaba Oromiyaa itt ilaalu hin qabu. Oromo haa tahanii, kanneen biraa wajjirbulchiicha qabannaan kanneen jara duraa irraa adda ilaaluu yk gochuu hin danda’anii kan jennuuf kanaafii. Yoo diigame malee isatu isaanitt danaa baasa malee isaan dana itt baasuu hin dandahanii.

Horeen nafxanyaa Amaaraa Oromiyaan biyya qabamte ta’uu hin amananii; uumumaan kan akaakilee saanii itt fakkaataa. Nugusoti saaniillee hamma sana hin deemnee. Gowwaa ta’uu saaniin Adaamaa fi Buushooftuun maqaa dhalootaa nugusi saanii inni dhumaa Nazretii fi Dabrazayititt geeddare ta’uullee hin beekanii. Holola gaga’mtoota saanii sammuu dhiquuf tolfamee hordofun dogoggora hedduu tolchuu. Qayyabannoo seenaa saanii roga dhabe kana, hanga tokko lafa namaa weeraruu fi keenya jechuuf isaan kakaasee. Tuqaa seenaa tokkott akka waaqi saanii Taabota jedhaniin, ayyaana lubbuu qabu kan bakka galmii itt ijaaramuuf fedhu irratt roobu godhanii Oromoo gowwomsaa turanii. Wanti muka irraa harkaan bocame Itophiyaa utuu hin ta’in Oromiyaa irratt duwwaa qoolloo gad robe jedhanii yaaduunuu waan kolfaatii. Holola akkasii yeroo amma itt fufuun waan badaa rifachiisaa fi qaroo Oromoo kan tuffate ta’ee argama. Utuu lubbuu hedduun hin galafatin dhaabbachuu qaba. Kan beekamuu qabu, wayyooti saanii ujuu ulfoo ta’e faalaa fi Galmistaanicha salphisaa akka jiranii. Seenaan kan himu, Taaboti inni jalqabaallee qoolloo hin buunee, seerri Waaqaa Muusaan irratt barreeffamee harka saan kennamee.

Lafti Oromiyaa dhaalmaa Oromoo kan mootummaa haa ta’uu dhaaba kamiiyyuu hin taanee. Seera malee lafa qabachuun kamuu, dhuma hamaa hin geessisin hin dhaabbatu. Yoo dafanii sana ofirratt baruu baatan fagoo utuu hin ga’in nagaan jiraachuu saanii hamaarra buusuu danda’uu. Wacii si’ana waa’ee Taaboti roobuu, lafa deebifachuu, fiixeett deebi’uu kkf. yeroon itt gaddan ni dhufaa. Mootummaan isaan gargaaru kun barabaraan hin jiraattu; yoo hin buqqa’aa yk ejjennoo jijjiirrata. Lafti amma saamichaaf saaxilame kun yeroo hin yaadatamnee kaasee kan dhiigaa fi dafqa ofiin kabachiisaanii jiraatanii. Kanaaf hardha weerareen irratt hafa kan jedhu daallicha qofaa. Aadaa fi amantee Oromoon dachee fi qoolloon ulfina guddaa qabu.

Empayerittiin lola bifa hin qabne guddaa keessa jirtii. Gartokkoon ummatooti Itophiyaa dullatii akka Qimaantii fi Agawu, Amaarri nu miidhe jedhanii, akka duriitt itt fufuu hin barbaadne hiree murteeffanaa gaafataa jiru. Bilxiginnaan miseensa federalaa kan ta’e Tigrayitt humnoota Amaaraa, Eertraa, Somaalee fi kanneen Garba Gamaa qindeessuun waraana itt banee badii fi roorroo guddaa raawwatee jira. Lolichan dabsatamus, karaa itt cufee ukkaamsuun beelaa fi dhukkubaan fixaa jira. Kanaaf Itophiyaa dullatiin haala waraana noolaa keessa jirtii. Kanneen kolonii Itophiyaa turan ummati Kibbaa bilisummaa ofiif kaka’aa jiru. Kanaaf empayerittiin lola noolaa fi bilisummaan jeeqamaa jirti. Oromiyaan waggoota shantamaa oliif sochii bilisummaa keessa jirtii. Waggoota shantamman guutuu halagaa fi duubatt harkistuu keessaan qabsaawaa turanii. Dheessituun Oromoo humnoota alaa caalaa miiddhaa qabsicha irraan ga’anii. Karaa beekamaa haa ta’uu kan biran kanaaf furmaata soquun durfannoo argachuu qaba. Yoo xinnaate bara Minilkii kaasee kun dhukkuba guboo dhaa. Kanneen falaman biyya ijaaruu dha yoo jedhan kan ofii diiganii kan halagaa ijaaruutt akka jiran hin huubatanii. Silaa, kan saanii erga ijaaranii Afriikaafuu ijaaruu danda’u turanii.

ABUT/ADWUIn jara amma maqaa jijjiirratee aangoo irra jiruu waliin Oromoo hedduu miidhee. Utuu OPDOn hin jirree Oromiyaa hangas miiduu hin danda’u ture. Amma, Tigray Oromiyaa caalaa jara ganaan kanaan mancaafamaa jira. Kanaaf akka raajii lamaanu diina tokko waan qabaniif walii ta’anii buqissuun akkuma. Shallaga walirraa qaban booda nagaan buusuu danda’uu. Si’ana Bilxignnaan kalchoota saa waliin humna guddaan Oromiyaatt duuluutt erga ka’ee waggooti sadii darbanii jiru. Amma ijibbata dhumaa humna caalaa guddaan yaaluuf kakataa jiru. Oromoofis gara manii saaniitt oofuuf yerottiin furtuu dha. Diinichi si’ana tuqaa isa laafinaa irratt argama. “Sibiila yeroo inni diimaa tumi” jedhamaa. Oromiyaan kan Oromoo hundaatii. Hedduun sana dhugoomsuuf wareegama isa dhumaa baasaa jiru. Kan hafaan yoo xinnaate lubbuu as waan isaan barbaachisu irraa wareega baasuu qabu, irraa haafaa, irraa yoo ta’ee baalcha malee wareegama hin ta’uu. Kanneen waan isaan barbaachisu irraa wareeguu hin dandeenye gumaata wal irraa hin citne, dumbulloo takka taatu’llee wareegama loltuun bilisummaa jiraattee loluuf dandeesssutt ida’uu danda’uu. Ija fi baalaa mukaa funaanuu irraa basoo fi qoricha, miilla duwwaa qoreen waraanuu irraa kophee jechuu dha. Wareegammi bilisummaafii; baalchi sammuqwuwii ofii quubsuufii. Kan jireenyaaf nama barbaachisu qabsoo gargaaruuf oolchuun, laalaa loltuu bilisummaa qooddachuu ta’aa.

Bilxiginnaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jala dhaabbachuu yoo dadhabu mandara keessa seenee ummata nagaa fixaa jira. Kanneen kana irratt qooda fudhatan Oromoo yoo ta’an utuu harka ofii ol hin kaasin isaanis haadha abbaa fi obbolaa akka qaban heduun gammummaadha. WBOn akkuma TDF waliin waliigaltee ummate humnoota cunqurfamoo hundaan walii tumsuun nagaa shaffisiisa. Aanga’ooti addunyaa waldaa kan waliin qaban Itophiyaa dullatiin waan ta’eef Oromiyaa fi kolonoota see biroof hubannoo hin kenninee. Caccaba Itophiyaa dullattiitu isaan yaaddesse malee bilisummaan saboota, sabaawota fi ummatoota hedduun ishee jalatt hidhaman bilisoomuu mildhuu kennuufiillee hin feenee. Itophiyaa dullattiin waan fedhes ta’u bakka duriitt hin deebituu. Godina Afrikaa kan keessatt sirni haaraan cabfatee dhufaa jiraa. Kanaaf haala dhalachaa jiruutt imaammata saanii wal gichisiisuun dirqii ta’aa jira. Akka fedhanitt godinaa saanii ijaaruuf fedha ummatichaa walaa fudhachuu qabu. Yakkoota ilmaan namaa irratt ta’aa jiran hambisuf tarkaanffiin US Ameerikaan fudhate kan raajeffamuu. Waci sobaa Oromoon fixa qacee Amaara irratt raawwate jedhu fi kanneen dhugaatt Eertraa, Itophiyaa fi Amaaraan Tigraaway irratt tolfaman amma bakka itt murtaawaan argatu. Kanaafi kan isaan HR 6600 fi S.3199 mormanii.

Empayerichi taatee “Hirmannaa Afriikaa” jedhamuun kan uumame yoo ta’u qacceen sana irraa duubatt hafte isa qofaa. Nagaa fi araarri Oromoof aadaa dha. Haata’u malee federaawanii dhiisanii sana kabachiisuuf sii’achi qawwee saanii lafa hin kaa’anii. Yos qofa bilisummaa waaraan kan iggitii argatuu fi gooliin kan ittifamuu danda’uu. Amaarrii fi mootummaan Amaaraa akkasumas abddattuun aangoo, dhimma Oromoof murteessaniif hin jiru. Oromoon, saba Afrikaa dilormaan sadan ol haanan keessa jiran, of danda’oo tokko malee, dame Itophiyaa/Amaaraa mitii. Kanaaf nagaaf araarri akka godinaatt bu’u yoo fedhame:

1. Oromiyaa akka kolonii Itophiyaa turtee ammaas hin qulqulloofnett fudhachuu

2. Humni halagaa hidhate Oromiyaa keessaa ba’uu

3. Sabooti, sabaawot fi ummatooti walitt dhufan mootummaa federaalaa cehumsaa dhaabbachuu

4. Mootummaa Oromiyaa yeroo, humnoota Oromoo wallaba ta’aniin dhaabuu

5. Ummati Oromo fulduratt akkaataa itt buluu barbaadu “eeyelakkiin” (referendum) gageeffachuu

Hamma yoonaa qabsaawuun lubbuu fi waatattaan guddaa itt wareeganuu, Oromoon akka sabaatt maal barbaaddu jedhamanii hin beekanii. Fedha ofii malee humna tolaa, oyiruu keessa, albuuda qotuu, karaa hojjechuu fi waranatt oofamaa jiraatanii. Madaa kunca’ett soogidda dibuuf, sun si’ana akka waan fedha ofiin miltoo walqixxee ta’anii Itophiyaa ijaaruutt qooda fudhataniitt himamaa jira. Qabsoon Oromoon walabummaa fi bilisummaa fi Oromiyaa irratt abbaa biyyaa ta’uuf tolchan, badiisa yeroo darbeef gaabbuu manna sobuu fillatanii. Nafxanyaan Amaaraa, Oromoon takkaa seerawummaa qabiyyee saaniif nu didhu jedhanii yaadanii waan hin beekaneef, kan sammatan

ofumaa soorrachuun kan irraa hafe baanki alaa hogganootaaf kuusan malee biyya ofii ijaaruun dantaa hin kenineef ture. Waloon biyya waan hin qabneefis ta’uu danda’aa. Amma, hordooftooti qabeenya Oromiyaa malee, akka itt jiraatan se’achuu hin dandeenyee. Kanaafi qaamaa fi afaniin Oromummaa kan haleelaa, Itophiyaa dullatii ofii hanga caccabsuu danda’utt Oromiyaa jeequuf halkanii guyyaa hojjetaa kan jiranii. Dharraa Oromoo, naannicha keessaa dilormaa guddaa kan ta’e bilisummaaf qabu ukkaamsuu yaaluun naannicha, isa qaari’ees addunyaa jeequu waan maleef fedha kamiifuu bu’aa hin qabu.

Garbi diimaa fi Manyaan Hindii, xurree daldalaa guddaa dhaa. Garri Asiyaa kan Arabaa yoo ta’u, garri Afriikaa kan murna Kushitik jehamaniitii. Qarqara bishaanii Afaarii fi Somaaleetu jiraa. Duubbee saanii biyya Mooti Habashaa, Oromiyaa fi kolonnnnoota duriitu argama. Qarqarri bishaanii yeroo hedduuf koloneeffatoo garba gamaa fi keettota saanii biyya keessaan too’atamaa ture. Murnicha keessaa guddichi Oromoon, akkasumas kanneen qarqara jiran tapha malbulchaa naannaa keessaa fagoott ittisamanii turanii. Anga’ooti xurree daldalichaa irraa fedha qaban Afrikaanoti keenya jechuu akka hin dandeenye dadhabsiisaanii turanii. Sun kufaatii Oromoo keessaa qooda qabaa. Bara gargaarsa faranjii fi oguma seetiin, Oromo kuffiftan akka isaan lamuu ija saanii keessa hin laalle gocha namummaa bahaa irratt raawwatanii cunursanii turan. Ammayyuu sanuma isaan se’u; isaan garuu isaanitt kan hin irraanfatamne isa jaaraa 16faa ta’aa jiruu. Barbaadnaan eenyuu dhabuunii hin danda’uu.

Waci diinaa si’anaa hamma go’a tisiisaatii; yeroof nama hifisiifti. Dhalooti haaraan hawaasa Oromoo, kan dursaniin caalaa ofbara qabachuun, waan mirga ilaalutt saba saanii hirriba waggoota dhibbaa olii keessaa dammaqsuu waan danda’aniif, sii’achi kan gadi qabuu hin jiru. Hankaaksituu keessaaf malee 2014-2018 empayericha diiganii oolanii. Dhaloota si’anaa fi egereen, dogoggorri akkasii akka irra hin deebi’amne si’aawanii eeguutu abdatama. Garbi Diimaan gara Afrikaatt jiru hambaan kolonummaa hundi keessa haqamee abboota saa dhugaaf deebi’uu qabaatu abdatama. Qarqarri bishaanii fi biyyi duubbee jiru walitt hirkatoo waan ta’aniif kan tokko argate akka hundi argatett fudhatama. Garagarummaan kamuu haa jiraatuu fedha waloo golguu hin danda’uu. Oromoon koloneeffataa saanii kan ture irraa saba seenaa, afaan, aadaa fi sirna malbulchaa adda qabanii. Kanaaf dhimmi saanii ilaalcha addaa kennamufiiin barbaachisaa dha. Kanaaf kan isaan qaceen kolonummaa hundi haqamee walabummaa, bilisummaa fi moo’umaa hin faalamne kan gaafatanii. Utuu hariiroon halagaa waliin fulduratt jiraattu hin haasa’in sun deebii argachuu qabaa. Oromoon uumaan qabbanaawoo dhaa. Tuttuqaan itt baayyannaan garuu sadarkaa hin se’amnett burqaaquu danda’uu. Mee, kanneen kallatti dhalootaa irraa daban faloo bahanii dachee Safuutt haa deebi’anii. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu.

Ibsaa Guutama

Eebla 2022