Tumsa Baraaramaa

Lolli kamuu kan akeeka walfakkaata qaban yoo walii tumsuu danda’an shaffisaa fi hobbaatii qabeessa ta’aa. Qabsoon malbulchaa sabboonota Oromo farra koloneeffata nafxanyaa Itophiyaa ta’e dhalachuuf sammuu dhiqaa jaarraa olii jala turanillee, miseensota dargaggoo/Qeerroo sammuu ofii akka Itophiyaatt yaaduu irraa bilisoomsaniin, galati saanii hin badinii argame. Kan walii tumsuu danda’anis eenyummaa isaan himatan kan fudhatan waliinii. Erguma too’anoo sirna saanii irratt qaban gara caalu dhabaniillee, abdattuun sirna nafxanyaa diddaa Oromiyaa utuma itt dhagahamuu, arganii fi dhaga’anii fudhachuu hin dandeenye. Dhaabi kallachi yeros Oromoon uuman, ABOn gobla lama kan malbulchaa fi waraanaa qaba ture. Goblan waraanaa kan malbulchaatiin akka hoganamu kaa’ame. Goblaa waraanaa sana kan WBO jedhame. ABOn erga uumamee rakkina kana hin jedhamne jala darbee as gahe. Fellencoo hedduun kan maqichuma fudhatan yk haaraa baafatanitt becca’amee ture. Akii, Tukkichumaa Waaqoo Guutuu malee kan ABO irraa hin fottoqin hi jiru ta’aa. Kun dhaabota nagaan qabsoofna jedhan akka KFO faa hin dabalatu. Haala bulchi kolonaawee waggoota dhibban darbaniif qaxaraa tokkicha ta’ee jiruu fi tokkicha akka fedhe ajjeesuuf offalcha qabu jalatt diddaaf nama hiriirsanii waliin tursuun salphaa hin turree. Dhuma irratt fellencoota sanneen keesa sadii, kan Asmara ture Daawud Ibsaan hogganamu, kan bakka adda addaa turan QC fi Jijjiiramaa turan. Maaltu jara kana addaan akka dhiibaa ture quwannaa egereef haa dhiifnu. Kaasaan maalifaa qabu sammuu nama nagaatt mullatu hin turree.

Taatoti haaraan akka Jawar Mohamad faa yabboo malbulchaa Oromiyaa irratt dabalamanii jijjiirammii gola angoo qabate Itophiyaa, EPRDF irratt dirqisiifame. Hogganoti ADWUI haaraan hidhamtoota malbulchaa hunda gaddhiisuun goloota badii irra turan akka deebi’anii jijjiiramicha irratt qooda fudhatan afeeranii. ABO Asmaraa ture qofatu goblaa waraanaa of jalaa qaba ture. Murnoota hundi biyatt deebi’anii. Oromoon jalalaa fi akka yaadaanii turnaniin agarsiisuu fi addunyaanis humna hin tuffatamne ta’u akka baruuf, kukumootaan yaa’anii kallacha qabsoo saanii ABO simatanii. Sana duuba murnoota Oromoo hedduutu murnoota ABO waljalaa galan kana walitt fayyisuuf dhama’aa turanii, hin taane. Murni Jijjiiramaa tokko fi QC keessaa yartuun kiyyoo Bilixiginnaa keessa galanii walitt makamne jedhanii itt baqanii hafanii. Abba tokkeooti walitt makama keessatt qooda hin fudhatin ammayyuu karaa ofii qabsoo itt fufan soqaa jiru. Diinni maqaa ABO kan himatu dhaaba tokko qofaatu itt hafee. ABOn sun haleelamuun, fottoqinaa fi hidhaan laasha’aa jira.

Garuu ayyaanni ABO WBOt darbuun lalisaa jira. ABOn waliigalatt kaayyoo ganamaa irraa cehee jiraachuun ni mullata. Hunduu daannoo qabatee anatu si caalaa malee of gamaggamee kan hanqate guttachuuf yeroo ofii hin kenninee. Humna barsiifataa jalaa bahuu hin dandeenye. Sadoon nyaaphaa murnoota ABO fi dhaabota Oromooo hedduun haqee jira. Tokkichatu hafa. Maqaan ABO amma kan hafte dhaaba tokkicha sana biratt. Kan nama dhibu kanneen bu’uursuu saa jalqabanii jiran sunumtuu akka baddu diina Oromo Bilxiginnaa fi gurguddoo Amaaraa waliin itt duuluu malee akkamitt badii irraa olchina yoo jedhan hin mullatanii. Seenama ofii haqaa jiru. ABOn silaa hariiroo abba tokkootaa caaluu qaba ture. Dhalooti haaraan ABO haaromsee, Kaayyoo saa ganamaatt deebisuun ni jabeeffata

ABOn Daawuud Ibsaan hogganamu OPDOn ammas ganamuun dhiibbaa ture jala dhaabbachuu dadhabee goblaa waraanaa ifatt gad dhiise jedhe. Nagaaf jechuun, jarri badii irra Eertra turanillee Abiy akka fedhe akka tolchuun itt gaddhiifaman. Kanaaf waggoota sadan darbaniif WBOn hooggansa malbulchaa beekame malee jiraatee. Garuu sadarkaa jaarmaa kanaan dura hin geenyett of ijaaraa jira. Hogganooti saa haggansa lachuu kan malbulchaa fi kan waraanaa kennuufii kan danda’anii fakkaatuu. Hogganooti Oromo tokko tokko irbu Abiy amananii Maroo fi jaallewwan saa araarsanii jireenya nagaatt deebisuuf yaalanii turani. Abbaltii saa dursanii arguun haa ta’uu

coraamti saanii itt himee, waamicha godhameef owwaachuu didani, Murtoon sun Oromoof burjaajii amma jiru keessatt wan itt rarra’u argamsiiseefii. Yartuun waamicha sanaan gowwoomsamanii hadhaa nyaachifamuu fi du’a fi deebi’anii. Kun yeroo sardaa sabawaa dhaa. Kan maqaa sabichaan walabaa fi bilisa ta’ee sosso’ee diddaa agarsiisuu danda’u WBO qofaa. Ammaa, tokko tokko WBOf ciccannoo ofii qabaachuu danda’u. Garuu erga Oromoon humna filmaata ta’u biraa hin qabnee kan qaban jajjabeesuu fi cimfachuu qabu. Waan ta’uu qabu dursanii gochuu qofa kan Oromoon fedha, mirgoota ilmaan nama fi ulfina ofii kabajchiifachuu danda’an

Murnoot ABO, yaayyoo karaa qabsaawota sochii bilisummaa qaraan duraan lafa ka’ame situ jijjiire jechuun qubaa walitt qabaa turanii. Isa keessa falfala raatessaa Kaayyoo walabummaa fi bilisummaatu ture. ABOn akka dhaaba Oromoo hunda haammataa isa jalqabaa waan ta’eef sagantaa saa keessatt garaa qulqulluun dharraa yk Kaayyoo ummatichaa galchuuf ayyaana argatee turee. Gaaffi inni lafa kaa’e walabummaa Oromiyaa qofaan yk yero inni karraa sirrii achi geessurra bu’uu. deebii argata. Gutummaatt waan deebii hin arganneef hardhas akkuma bara gaafatamee basalgaa dha. Sana Koloneel Abiyi fageessanii ilaaluu dadhabuu dha jedhee ilaalcha ofii nafxanyummaan dhiphateeen hedee busheessuu kan yaale. Oromiyaan Itophiyaa akka hin taane fi dhalota eegalaa godinaa Afrikaa kanaa ta’uun Oromo mirkanii seenaa jaalalleen sirna nafxanyaa duubatt harkiftuun nagaan fudhachuu hin dandeenye. Biyya lafaa kana keessa, maalifaan Itophiyaa haa ta’u humni halaga kamuu Oromiyaa irratt olhantummaa qabaachuu dandeessisu hin jiru. Kanatt dhuma gochuuf kan Oromoon erga weerartuu nafxanyaa Amaaraan qabamanii qasaawuu dhaabanii kan hin beekne.

Yeroo ammaa empayerri Itophiyaa Bilxiginnaa fi gurguddoon Amaarinyaa dubbatan cehumsichi akka rakkoo malee solola’u waan hin feeeneef burjaajii keessa jiraa. Kanaaf kufaatiin tasaa godinicha irratt balaa buusu danda’aa. Jijjiirammi kamuu tasaa fi burjaajessaa ta’uun Oromoof haa ta’u cunqurfamoota biraaf fedha saanii mitii. Hanga danda’amett tasgabbaawaa fi naga qabeessa ta’uu qaba. Kana jechuun sirni cuqursaa fi oftuultuu malamaltuu ta’e itt haafufu jechuu mitii. Tumsi cunqurfamoota daaya walfakaataa qabanii kan barbaachiseef kanaafii. WBOn amma Humna Ittisaa Tigrayin (TDF) walqayyabannoo irra akka gahee himamee jira. Kun ariitiin kan irra ga’ameef lachanuu mootummaa Itophiyaa fi Bulcha Naannaa Amaaraa waliin guutummaatt warana irra waan jiraniif fakkaata. Kanaaf malee Oromiyaaf tumsooti dhalootee ummatoota Kibbaa kan seenaa walabummaa fi kolonummaa waliin qooddatan turanii. Humna tokkoon akkuma kufifataman, humnichuma sana waliin kuffisanii ka’uu qabu. Ummati Oromoo muuxannoo darbe irraa ka’ee amanamummaa TPLF irratt mamii qaba. Haala amma jiru irratt wanti walmamsiisu hin jiru. Diina waloo fi kaasaa walfakkaataa qabu. Baraarama saba saaniif wal barbaaduu. Hariiroo injifannoo duubaa waan ilaalu irratt walganni jiraatinnaa jedhanii of gaafachuun akka. Garuu lachanuu dogoggora darbe irraa barnoti argatan sana keessa waan deebi’an hin fakkaatu. Maaliifu, biyya ofii keessa jiraataa soda egereef ammumaa irraa qoollifachuun bu’aa silaa argamu dhabsiisu danda’a.

Waliigaltee WBO fi TDF irratt waca kan baayyisan humnootuma kanaan dura dhaabota kanaan gana biyyaan shororkeessitoota jedhanii irratt labsanii. Isaaniifoo qaata gantuu ta’anii amma maaltuu akka haaraatt iyyisiisaa? Ummatooti Oromoo fi Tigray eenyutu du’aafii akka jiru beekuu. Minilikii kaasee hanga Bilxiginnaatt want afaan saanii bahu soba qofaa. Sobi isaaniif urgooftuu jireenyaatii; takkaa dhugaa itt himanii akka hin beekne ni hubatu. Ama akkamitti nurraa fudhata jedhanii itt sobuu fedhanii? WBOn dhalootumaa ka’ee isaaniif amanamaa ta’ee hin beekuu. Kan inni jiraate empayera saanii diigee Oromiyaa jalaa baafachuuf. Akka nama saanii isaan ganett fudhachuu dura garagarummaa seenaa fi akeekaa innii fi isaan himatanii beekuu qabu turanii. Barri ummata Oromoo godinaan, gosaa fi dhugeeffannoo addaan hiran darbee jira. Sirni gadaa garagarummaa ummati Oromoo of keessaa qaban kan diinni amma addaan baasuuf tuttuqu irratt hundaawutu isa jabeessee ture. Yeroo ofbarrii malbulchaa gadi ture sanaan hobbaatii haa argatan malee amma yeroo garagarummooti sun akka madda jabinaatt beekamtii argatan hin danda’amu. Hariiroo isaan waliin qabutu balaa itt busee kan qaban hunda

dhabsiise. Ummati Oromoo cunqursaa halaga jala hamma jirutt WBOn dhortuu saanii ta’ee isaan yaacesaa waccisiisaa lalisaa jiraataa.

Oromoo, Itophiyoti fi qaammi sadafaan haa beekanii, rakkinni naannaa kan furamuu danda’u yoo hariiroon ummatoota saa ilaalcha rogaa argate qofa. Empayerri Itophiyaa akkuma empayerota biraa fedhoota kitila quubsuuf dhalate; dhalachuu saanis afaanii fi aadaa hedduutu badiisaaf gahanii, hangi tokko of baraaruf tattaafataa jiru. Qabsoon si’anaa badiisa kolonummaan gahe irraa hanga danda’ame oolfatanii sabummaa turaniin dandamachuu dha. Jara kaasaa walfakaataa qaban waliin dhiichuun lubbuu fi yeroo baraaru danda’aa. Anga’ooti barasii qooda guddaa uumu saa keessatt taphatanii. Hanga fedhi sabaawaan jirutt aanga’ooti sia’anaa akka fedha saaniif tolutt godinaa keenya dhandhoonu hin baraadan jechuun hin danda’amu. Keettoo duranitt cichuu moo haaroleen akka ba’an hayyamu laataa? Sun yeroon mullataa. Gongomoota aangoof bololanakka jarri dhimma keenya keessa seenan sababa seerawaa laataniifii jiru. Ammaaf fedhi saanii maaluu haa ta’u baraarrammi gaga’amtoota balaa Itophiyaa isaan irratt rarra’aa.

Nuti akka Afrikaanota obbolaatt fedha fi bilisummaa keenya xixinnoo walii kabajuu hanqachuun duguggaa sanyii fifixaqaccee wal irratt geeggeessaa jirra. Sun akka waliin fedha keenya baaquleessaa harka wal qabanee kabajchiifnu nu dadhabsiisee. Chartaraa fi barrunqabooti saa biraa hangammessa namoota qarooma qaban tokko calaqisa. Miirri miseensotaa akka sana ta’aatu eegama. Garuu hogganooti Afrikaa tokko tokko kan masakaman coraan malee maalifaa fi kakuu seenaniin mitii. Utubbiin adda addaa jiraatus akkuma empayera biroo kunis coollibuutti ka’ee jira. PPn shaffisee yeroon erge qofaa. Kanneen jalqaba itt roorrifama, kan dhaban hunda deebifachuuf ol ka’aa jiru. Kanaaf jeeequmsa caalaa irraa ummatoota baraaruuf mirgi saanii bade, ulfinnii fi moo’ummaan saanii bakkatt deebi’uu qaba. Sun dhugoomuu kan danda’u mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu akka heera federeeshinaa cabe keessa kaa’ametti hojii irra ooluu yoo danda’ee. Tokkummaa irratt fe’amu utuu hin ta’in kan ofii saanii haa qabaatanii. Yoo nafiin safuu giddu seene malee fedooti addaa fi of tuultummaan Afrikaa balleessuuf deemu. Baqaqaa hunda haa cuqqaallu, karaa abbaa hirrummaan itt qumuuddu fi fedhi alaa dhimma keenya keessa itt galu hunda haa dhabsiifnu. Sun yo Afrikaanoti obbolummaa saanii cimfatanii fedha walii hin kabajne ta’uun hin danda’amu,

Federation, confederation, walabummaa, walqixxummaa, qajeeltuu, hundi qooqa demokraasiiti. Fakkeessaa ofaangessootatt, yaada guddaa akkasii hojiitt furuu danda’u jedhanii amanuun gowwummaa dha. Afanfaajjiin hardha mullatu kana irraa madda. Gaaffiin Oromoo hanga Oromoon akka Itophyaamitiitt of dhiheessanitt; akkasumas Itophiyootis mirgoota Oromoo akka nambiyyaa sadarkaa lammaffaa yk namoota alaa dhufanitt utuu hin ta’in, mirgoota Oromoon akkanumatt fudhatan qofaa. Yoos qofa waa’ee hariiroo walqixxootaa dubbachuu kan dandeenyu.

Garuu amma isaan Oromoo akka jalee Itophiyaatt fudhatanii itt fufuu fedhu. Burquqi, arrabsoonii fi balaaleffanaan gurguddoo Amaarinyaa dubbatanii kan maddu Oromoo akka weerartu, of akka abbaa biyyaatt fudhachuunii. Hundi hobbaatii wallaalinaa, mirkanii seenaafi waatattaa hololaa daftarootaa kan akaakileen saani wagoota dhibbaan dura guddifatantolfatan addaan baafachuu dadhabutii. Gooti saanii Minilikillee biyya saanii akka biyya Oromoott beekee jira. ABO dha wallaalina kana saaxilee Oromiyaan biyya bilisa ta’uuf deemtu jedhe kan labse. Kanaaf jibbuunii. Waa’ee godinaa Amaaraa yoo dubbannu waa’ee jiraattota naannichaa dubbachuu keenya mitii, garuu waa’ee horee nafxanyaa durii Amaarinyaa dubbataniitii. Jarri yoo kolonii saanii addattuu Oromiyaa dhabnaan godinaa Amaara jedhamee bocameellee too’achuu hin danda’anii. Qabeenya uumaa fi humna namaa achii argatantu bakka Hallett olhantummaa keennaafii jira. Amaara jechuun Amaarinya gurguddoo yartuun isa dubbatan hunda irratt akka madda aangoott dhimma itt ba’anii. Yoo qabeenyaa fi humna namaa Oromiyaa dhowwataaman akka itt Agawu, Qimaantii fi Oromoo kaabbaa gad itt qabanii fiTigrayiin dorsisan hin qabaatanii. Kun kan agarsiisu kolonoota durii waliin, keessattuu Oromiyaan faallaa hin araarmne akka qabanii. Kanaaf, sirni empayeraa bilisummaa fi nagaa cunqurfamoota wayyabaaf jedhee raawwachuu qaba. Isaanis golee madda saaniitt deebi’uun wayabatt makamu.

Hanga ABOn jirutt sun koloneeffatoo fi Oromoo garbummaa sammuu qaban irra marsee yaacessaa jiraataa. Yoo inni hin jirrellee raagi saa onnee tokko tokkoon Oromoo keessa jiraataa. Oromoo fi sabooti, sabaawotii fi ummatooti hundi maxxannummaa eenyuunu utuu hin ta’in waan ta’aniin fudhataman malee godinichi nagaa fi tasgabbii hin argatu. Sun yoo hin ta’in hidhata wayiin waliin jiraachuun hafee akka ollaattuu atooma hin argatanii. Rakkina jiru sammuu Itophiyummaan itt dhihaannaan caalaattu walirraa fageessuu danda’a. Itophiyummaan jara bar tokko maqicha waliin guddifataniifuu furmaata hin ta’u. Kan Itophiyaamitootaa nama in diquu. Maqaa saan, kanneen seenaa aadaa fi dhugeeffannoo waloo qabanuu yakkoota akka duguuggaa lammi, fixaqaccee, gudeeddaa, barbadeessa naannaa kkf. meeqatu irraan ga’amee? Kan barbaachisu ummatooti fedha ofii bilisaan waliin jiraachuu filachuu dha. Maqicha qabattee tolchuun, dubbii ijoo roga dhabsiisuun bu’aa murna olhantummaa jara kaan irratt argachuu barbaaduu argamsiisuufii; kanneen namoota biraa irratt olhantummaa fe’uu barbaadaniif jedhameetu. Kanaaf malee maqaan meesharkaa addaanjiroo tokko kan biraa irraa gargar baafatan qofaa.

Empayerri Itophiyaa fittee diigamaa irra jira. Lubbuu, qabeenyaa fi naannaa irratt badiisa caalaa akka hin fidne buqqee mataa keessa surrii hafte kan qaban takka ijaajjanii, jibbaa fi arrabsoo olii gad facaasuu manna, kan danda’amu oolchuu qabu. Amma waldhabdee tuttuqan qabanneessuuf araaraa gaafachuu kan qaban abdattu sirna nafxanyaa akka Bilxxiginnaa fi gurguddoo dubbattuu Amaarinyaatii. Yeroon isaan bantii duroomaa irra itt geenye jedhan deebifachuu barbaadan, jara wayyaba naannaa saaniitt argamaniif yeroo gadadoo ture. Wayyabi sun amma ofirraa faccisuu qofa utuu hin ta’in deebsanii rukutuun halleellaa barbadeesu dhaqabsiisuun olhaantummaa saanii raawwachiisuuf dandeettii qabu. Abboliin saanii fixaqaccee, saamicha, garboosuu, gudeeddaa fi yakka hin yaadamne Oromoo irratt raawwatanii jiru. Sana hunda beekanii fudhachuu manna haaluu itt fufuu fi tuffiin akka qajeelummaa qaban himuun madaan bule ballataa akka deemu gochuu dha. Kan furmaata ta’uu mirkanii jiru fudhatanii, soba fi haaluu dhaalmaan dhufe itt fufuu dhiisuu dha. Abba tokkooti bakka itt dhalatanii fi lammii keessaa maddan hin qabne hin jiranii. Yeroo Itophiyaan akka tolchaa sodachisaatt tajaajiltu darbee jira. Kan qayyabachuun barbaachisu dhalachii hundi miixuu waan qabuuf gamtaan nagaa buusnee laalicha gadi haaqabnu.

Abdattuun sirna nafxanyaa Amaarinyaa dubbattu, ummatooti empayera jala jiran akka kolonummaa keessaa gara birmadummaatt cehumsaa tasgabbaawaa hin qabaanne dhabsiisanii jiru. Kolonooti walqixxummaan tokkeesso federeeshinaa waliin jiraachuu fedha agarsiisanuu, isaan sirna imperiyaal dullacha deebisna jedhanii didanii. Taakku yoo kennaniif dhudhuma gaafatu. Ammallee soba yeroo saaniif ta’u abooliin saanii dhanonatan yeroon itt darbett dhimma ba’uu barbaaduu. Soba saanii keessaa haqanii mishi olfamu yoo jiraate jabeeffatanii akka baraatt naman waliigalanii jiraachuu yoo hin yaale waliin badu. Godinni Amaaraa yeroo Bilxiginnaan lola Tigray irratt bane sababfachuun “lafa Amaaraa Tigreen fudhatte” deebifanna jedhanii lolichatt makamanii. Injifannoon argatan fuggifamnaan Tigrayis Itophiyaa ta’uu hubachuu dhabuun falchuma/formula Itophiyummaatt dhimma bahuun, Itophiyaa uggamtee jechuun iyyi iyya dabarsi jedhan. Hunda dhuunfachuun godinicha kaasaa silaa kan waloo ta’an dhabsiisanii. Itophiyaan illee numa qofa jedhanii. Yoo soboota naannaa umama Itophiyaa fi Amaaraa jiran dhaaban malee waan jedhan hundatt amanamummaa dhabsiisuu danda’aa. Ijoollee sabootaa, sabaawotaa fi ummatoota biraa hafee ijoolleen hiyyeeyyii Amaaraayyuu Abiyyii fi kittallayyoo saa Naannaa Amaaraa aangoorra tursuuf kaasaan Walqaayitiif isaan du’aniif hin jiru.

Sabooti, sabaawoti fi ummatooti hundi eenyummaa ofiin ni boonu. Tigaaruun yoo xinnaate kana beekaniifii mirga saanii bakka hallee hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu fudhatanii. Gurguddoon Amaarinyaa dubbatan sana diduun jijoota waggoota shantamman darban argaman fuggusiisuu barbaadanii. Kun mirgoota ummatoota wayyaba ta’anitt waraana labsuu dha. Gadoo hin xumuramne murna Tigaaruu tokko irraa qabaatanuu, ummata Tigaaruu waliin diina waloo amma qaban wal gargaaranii ofirraa dachaasuun quurrama darbeef lola walitt kaasuu caalaa madaalaa. Sana jechuun, WBOn saamicha, bitten baduu, biyyaa baduu, guraaramaa fi fafeessaa lammoota saanii irraanfatan jechuu mitii. Sana yerron qortuun kun yoo dabarte, waraana kaasuun utuu hin ta’in nagaan xumuruudhaan boqonnaa yoo argate filama. Seenaa darbe keessatt humni Oromoof hile hin jiru. Garuu, eenyummaa saanii caalaa kan awwaallee gadadoo himamuu hin dandeenye irraan ga’ee gita bittuu Amaara turanii. Kanaaf qabsoo amma godhamaa jiru keessatt gurguddoo Amaarinyaa dubbatanii fi Bilxiginnaa, kan sirna kolonii deebisanii gaddhaabu fedhaniin malee, eenyuunu waliin dhaabbachuun qajeelaa dha. Michooti Bilxiginnaa sabboonota gatanii deemanitt eenyuuf akka tumsanii fi eenyuuf akka hin tumsine itt himuu hin danda’anii. hoonga’oon yeroo ba’an waca baayyisuu.

Kolonota irra miiddhaan ga’e hunda haa caalu malee, saboota Amaaraa fi Tigrawayi gidduu fi gita bittuun qoteebulaa lamaanii irra cunqursaan ture salphaa miti. Kanaaf diddaan, kolonoota, Amaarrinyaa dubbattuu fi Tigaaru keessaa ka’ee qabsoo hidhannoott geesse. Kan kolonootaa fi Tigaaruu gaaffiin saanii hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu ture. Akeeki gurguddoo Amaarinyaa dubbatanii, sirna ture akka olhantummaa saanii hin tuqnett bakkatt deebisuu dha. Jarri kaan milkaawanii mootummicha yoo buqqisan, kanneen Amaaraa garri caalu isuma waliin rukutamanu, kanneen akka Ittaanaa MM faan, ABUTitt kooluu galanii baraarama sirna nafxanyaaf abdii ta’anii. Tigaaruun gaaffii kolonoota akka Oromoo deebisan malee Itophiyaan akka itt fufuu hin dandeenye hubatanii. Offiis olhantummaan Amaaraa akka lamuu itt hin deebine mirkaneeffachuu fedhu turanii. Kanaan heerri federeeshinaa tuumamee. Hardhallee, walqixxumaa fi eenyummaa addaa qabaachuun kolonootaa Amaarinyaa kan dubbataiif hin liqimsamneefii. Kan gabbaarii saanii amala balleesse Tigaaruu dha jechuun isaan lafarraa balleessutt bobba’anii; indaaqqoo kotaatee hablee itt qalamtu baafte ta’anii.

ABUT kanneen Dargii waliin kuffisan keessaa hidhannoo haa ta’u tumsa malbeekii/diplomaasii qabaachuun ni caalaa ture. Caalmaan sun akeeka bobba’aniif irraa mucuceessuun offittummaa fi of tuulummaa jalatt kuffisee. Heerri federeshinaa irranfatamee dhiittaan mirgoota ilmaan namaa akka, dorgommee diinagdee keessaa baasuu, saamicha, hidhaa, ajjeechaa, ukkaamsaa fi biyyaa baasuun hojii ta’eefii. Diddaan ummatoota garuu biyya ofiitt dachaasee. Qabsawoti Tigray carraa argataniin biyya ofii ijaaran malee akka “Hodaam Amaaraa” isaan dura garaa ofii guutuu duwwatt hin bobbaane. ABUTiin Tigaaruu jibbisiisuu yaaluun gurguddoon Amaaraa kana wallaaluu dha. Fedha ofii bakkaan ga’uuf kan carraa argate dadhabaaf hilee hin beeku. Kan walgitutu dhoofisisaan fedha ofii guuttataa. Hololli jibba irratt hundaawee became, dhugaa golgee soba ofii dhugaa se’uutt geessaa.

Diinni Tigaaruu balleessuutt bobba’e kan biyyi, aadaa fi afaaniin isaaniin adda ta’ee. Kanaaf murannoo fi tokkummaa ummatichaa cimsee. Diinni Oromoo barbadeessaa jiru goobanoota afaan Oromoo dubatan andoodee alagaan sammuun dhiqameen durfamaa. Kun mootummaa Oromoo fakkaachuun ummata ofii hanga tokko dagee, qaama sadaffaan Oromiyaan Itophiyaa irraa adda ta’uu akka hin fudhanneef sababa ta’ee. Mirkaniin jiru Oromoon waggoota 3000 Itophiyaan sobaan himattu fi durdurii biyya Afrikaa kolonoomtee hin beekne jedhu hin qooddatanii. Seenaa ofii irra hin dibamin addatt, akka saba walabaa fi akka kolonii Itophiyaatt himatan qabu. Nagaa godinaa fi addunyaaf mirkanii kana beekanii godiicha akkaataa walitt hambisuun danda’amu yaada dhiheessuun bu’aa qabaa. Hamma yoonaa arba kutaa keessa jiru hubachuu dhabuun haalicha hamma too’atamuu hin dandeenyett dhiisuun dhowee tasa olla gaga’amaa irra akka buusu ta’aa jira.

Nammi Oromo akka keettoo diinaatt malee takaa maqaa sabichan jaarraa tokko fi walakaa as biyya Oromoo bulche hin beeku. Akkuma namooti hindii fi Afrikaa waraanaa fi bulcha Britain keessa turan Britania bulchaa turan hin jedhamne Oromiyaanis empayera Itophiyaa bulchitee turte hin jedhamu. Guddifachootaa fi qaxaramtooti bakka guguddaatt muudaman ta’u. Isaan sun gootota Oromoo utuu hin ta’in ajjeesota gootota diddaa Oromootii. Jara akkasiitu qabsoo Oromoo shaffisummaa dhowwatee. Amma sirni nafxanyaa dur kuffisan ka’ee jireenya Oromoo fi Tigaaruu gaaffii jala galchaa jira. Kan kaleessa ta’eef gadooduu irra hamaa balleessuuf hardha itt agaamame jalaa bahuun durfannoo qaba. Kanaaf WBO fi TDF walii galuun waan yeroon gaafatu. Bobaa sirna bososee jala of suuquu irra hamaa ta’us kan feedhi walfakaatu waliin sosso’uu wayaa. Kun walii tumsa walqixxootaati, funaansi dirqiin waliiiitt qabamte jala dhaabbachuu hin dandeessuu. Waliigaltee saanii irraa kan eegamu, dogoggorri darbe akka lamuu irra hin deebi’amne wal amantee uumuu dha. Rakkina godinicha mudate furuu kan danda’an yoo akeeka hundaaf qajeeltuu, walqixxummaa, bilisummaa fi fedha walii walii ulfeessuu irratt hundaawan qofa. Balaa fi diiggaan amma ilmaan namaa fi qabeenya irra ga’an akka lamuu hin deebine wareeguu qabu.

Mootummaan Abiyi fi afarsitooti saa humna qawween bu’uu filatanii jiru. Sana duuba shaffisa danda’amuun qawween ummata jala galfamu malee jijiiramichi kan darbaniin adda ta’uu hin danda’uu Waa’ee egeree nannichaaf murti waaraa kennuuf hunda dura ummati Oromo akkuma Tigray kennata bilisaa fi qajeelaa haalli itt gaggeeffatu uumamuu qaba. Hariiroon saanii hundi saboota, sabaawota fi ummatoota hundaaf ifaa ta’uu qaba. Godinaa Amaaraa keessa ummatooti biyyaa fi eenyummaa haalame qaban jiru. demokratotaan keessa deebi’amee ilaalamuu dirqii mirgoota ilmaan namaati. Sanaaf lakkoofsi dilormaa wan bira hin darbamnee. Hundi eenyummaa ofii dhugaan lakaa’amu danda’u qaba. Ummatooti kibbaa walitt cafaqamuun hafee eenyummaan tokko tokkoon saanii xiqqaa ta’ee guddaa beeekamu qaba. Tokkeessoo ummachuun fedha saanii irratt malee kan mootummaa halagaa wiirtuu hoggananii ta’uu hin qabu. Hiree ofii murteeffachuuf ajajamuu utuu hin ta’in gargaaramu qabu. Hariiroon namoomaa naannaa sanaa haaraatt akka faana kolonummaa fi olhantummaa saba tokko hin agarsiifnett ijaaramuu qaba.

Lolli kamuu kan akeeka walfakkaata qaban yoo walii tumsuu danda’an caalaa shaffisaa fi hobbaatii qabeessa ta’aa. Oromon hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuuf kan qabsaawan walabummaa fi aadaa dubbee demokratawaa kolonummaa nafxanyaan dhabsiifaman deebisanii gonfachuufii. Kanaaf, fuldurattis kan isaan hariiroo ummatan kanneen demokraatummaa akka baasaa jireenyaatt fudhatanii alatt ta’uu hin qabu. Kana malee dhiigi haala ammaa kana irra gahuuf lola’e hundi dhimma hin baasnee ta’a jechuu dha. Ummatoota hundaaf egeree abdiin guute, nagaa, qajeeltuu fi gammachuu kan fidu fi kan sabooti, sabaawotii fi ummatooti mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu mirkanaawuuf ta’uu. Si’achi akkaataan bulcha empayera Itophiyaa raawwatee kan finnoota Afrikaa demokratawoo ta’anii eegaluu qaba. Amma cunqurfamooti hundi Bilxiginnaa fi olhantummaa gurguddoo Amaaraa Hidhati WBO fi TDF Bilxiginnaa fi olhantummaan gurguddoo Amaaraa erga karaa irraa maqfamanii booda ergamsa saa raawwataa. Jalqaba qulqulluu ta’eef shallaga darbe hunda buusuun barbaachisaa dha. Kanaaf komiishinni akka Afrikaa Kaabaa barbaachisaa ta’inna? Wajjirbulchii finnaa Oromiyaa Bilxiginnaan faalame afaalla’uunis hojii biraatii. Ogeeyyi achi keessaa hojjetan Oromiyaaf amanamoo hanga ta’anitt imaammata haaraatt madaqfamanii tajaajiluu yoo danda’an anjaa qaba. Walgidduutt safuun eegamu qaba. Kanaaf amala fi shaakala halagaa irraa guddifanne alatt urgufannee wal haammachuu dha. Dudhaan, Oromoon kan murti dabarsan akka eenyuu alatt hin hafne hundi irratt walii galeetu. Sun ilaa fi Ilaamee, seeraan bulmaataa fi safutt dabalee eegalee Oromummaa keessaa tokko. Shaakalli Gadaa adda addummaa qabnu jabinatt jijjiiru deebi’un barbaachisaa dhaa. Miseensoti dhaaba kakuu kaayyoo bakkaan gahuuf qabsaawan qabu. Nama waan ta’aniif miira mata mataa qabachuun ni mala. Walloluu, wal komachuu, walitt dallanuu ni danda’uu. Garu sun isaan gidduu ba’ee akka dhaaba saanii hin tuqne eeggachuun kaayyoo hariiroo walgidduu caalchisanii ilaaluu, nama guddaa ta’uu gaafata. Oromoon akka sabaatt safuu deebifachuu fi walamanteen dhabuu fi shaakalli gantummaan ture akka lamuu deebi’ee tokkummaa keenya hin didhne shalaga darbe cufuun ni malaa. Oromiyoonni marii ilaa fi Ilaamee ta’u keessatt qooda fudhatan hundi dhibina wal amantee duraan turan qulqulleessuuf Oromiyaa tokkittiif ijaajjuu qabu. Sabooti, sabaawoti fi ummatooti hundi akka obbolaa Afrikaanotaatt garaa qulqulluun egeree saanii irratt mari’achu danda’an, kanneen jijjirammi kun akka dhufu gargaaran mijjeessuu qabu. Walga’ii sammootaa akkasii keessaatu aangoon ummatootaa kan nagaa waaraa, tasgabbii fi misa ilmaan namaaf iggitii ta’uu danda’u kan dhalachuu danda’uu. Tumsi saboota, sabaawotaa fi ummatoota bilisa ta’anii baraan haa jiraattu! Walqixxummaa fi seeraan bulmaati haa lalisu! Oromiyaan haa jiraattu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Fulbana 2021