0

HAMILATA DEEBISANII KOLONEEFFACHUU DHAABAA

Murni Amaarinyaa dubbatu ummatoota kibba saanii jiran irratt deebisanii bulcha ofii diriirsuu yaaluun jaarraa kana keessa fudhatama hin qabu. Qabbanawummaa miira saaniitt anjaa fudhachuun dhuma obsaa fi namaa danda’a saaniitt dhiibaa jiru. Sun amma babbaqaqaa waan jiruuf shaffisaan dhaabbachuu baannaan deebisani suphuun rakkisaa ta’aa. Raayyaa, polisii, soratoota, “abbootii amantee” fi qubqabsiitota bobbaasa jiran, Amaarinyaa dubbatan hunda dachaafatan malee nannaa kana hamaa irra buusuu. Oromoon yeroo gurraachi tokkichi, Itophiyaan Hirmannaa Afrikaa keessatt garee ture weeraraman, eeboo fi hiddaa fi xiyyaa qofaan meeshaa ammayyaa fi gorsituu lolaa Awuropaa kan qabu jala jabinaan ijaajjanii bahaa fi gala dhorgatanii akka turan ni yaadatama. Ergasi sirna Nafxanyaa kan jedhamu jala waggoota golgoleessaa fi qacefixii ta’an dhibbaa ol jiraachuuf deeman. Nafxanyaa jechuun hoomaa qawwee hidhate gara caalu abboota duulaa fi nugusoota Amaaraan hogganama turef “abbooti amantee” saaniitiin faloo baafame jechuu dha.

Akka seenaa galmeeffameett dilormaan saanii ajjeecha fi garbummaan gurgramuun walakkaatt gad cabee ture. Dhugaan jiru sana utuu ta’uu si’ana horee koloneeffatooma sanaan waan hedduutu waa’ee qooda fudhannaa Oromoo Itophiyaa keessatt dubbatamaa jira. Qoodi Oromoo, qooda Afrikaanoti koloneeffaman biraa koloneessota Awuropaa waliin qabaniin dhiheenyaa fi bifa yoo hin taane garagarummaa hin qabanii. 1991 keessa yeroo jalqabaaf hogganooti Oromoo fi ummatoota kolonii turan hang tokko jara Itophiyaa waliin taa’anii empayericha maal gochuu akka danda’an dhoofsisaa turan. Yerosi kan isaan Chartara Cehumsaa irratt walii galan. Sun gamnummaan qabame utuu ta’ee jiraatee danfi abdattu sirna Nafxanyaa ofirroo si’anaa hin gahu ture.

Garuu, Itophiyaanota irratt dudhaan caalaa madala kaasuun, miltoolii jijjiiramaa akka dhinsituu madaa darbaniitt ilaalanii demokraasiif karaa haxaawuu manna akka jeeqxuutt fudhatanii. Kanaaf hidhati yeros Itophiyoota sobaa fi Itophiyoota sirrii gidduutt uumame gargar jige. Gara kanatti geessuun sonni cehumsaa abdiin irra kaa’atame akka salleessuuf hawaasi sabgidduu hark qabaachuun taliila ture. Erga sabboonoti dhugaa ari’amanii walgahiin fakkeessaa sabootaa fi sabaawotaa tolfamee heerii federaalaa wuxiname. Yoomallee wuxinuu saa keessa hin jirre waan akeekota Chateraa keessatt calaqifameef, kan isaan gowwoomsaaf uuman dhugaatt jijjiiruuf sabboonoti mootummaa cehumsaa ADWUI, OPDOn hogganamutt 2018 makaman. Garuu rakkinni badaan hin turin as bahe. OPDON nafxanyaatt hudduu gatatee Oromoo rukutuutt ka’e. Silaayyuu, OPDOn sochi bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu dura dhaabbachuuf uumame.

Eenyuu, kan utuu sirna empayera fudal hin diigin angoott bahu kan isa duraa irraa adda hin ta’uu. Inni kunis abbaltii empayera jabeessuu malee diiguu hin qabu. Sabboonoti Oromoo dhugaan hafanii, kan halagaan dhandhooname OPDOnuu maqaa saa Oromoo, OPDO waliin hin obsabneefii, haqamee PP Itophiyaan bakka buufame. Nama nyaatoti sirna Nafxanyaa bu’uursanii fi gaggeessan, kan Oromon waliin waraana irra turee fi kan isaan fonqolchan du’aa kaafamanii kabajaman. Saba guddaa kanaaf tuffii akkamiiti? Kun Oromoo qofaaf utuu hin ta’in sabootaa fi sabaawota isaan garboomsaanii turaniif arrabsoo guddaa dha. Jara sana fakmishoo godhachuu jechuun ummatoota

kolonii turan hunda too’achuun akkuma durii lafa akaakilee saanii dhunfatanii isaan tajaajiltuu gochuufii. Hin milkaawanii. Kan bulchoota irraa eegamu dhiigaan Oromoo ta’uu utuu hin ta’in, salphinaa fi gidiraa saanii salphisuuf dhimmama agarsiisuu dha. Kanaaf qaaqi “ijoollee Abbaa Gadaa” jedu xexxeba qisaasamtee.

Oromoon safuun daanga’amanii kan safuu hin beeknett walitt dhufuun akka itt qaban kan wallaalan fakkaatu. Kan biraa hafee, Oromoon akka dame Kuushitt naannaa Afrikaa kana hunda dura turan ta’uu beekaa ijoollee saanii sobaan faallaa saa yoo barsiisan qaanii hin qaban. Sun maal buusaaf yoo jedhame, kan ofii misoomfachuu irra gaarii ollaatt humnaan darbanii utuu hin dhama’in Oromo hojjechiifatanii qananii jiraachuu baraniitu. Sana deeffannaan godinicha jeeqaa jiru. Empayerittiin sobaan uumamtee, sobaan guddatee seenaa sobaa himacha sobaan du’uuf jarjaraa jirti, Gowwaan dhuguma biyyi Oromoo kan abbootii saanii kan ture itt fakkaatee ibiddatt yoo gamman muldhatu. Hima diddaa malee du’a diddaa, akkuma jedhamu Oromoon kanaa achi waan godhuuf qabaaree?

Hidhachuun Oromoof dhowwaa tahe isaaniif waan hayyamamuuf qawwee tuullata jiru. Barri qawween faranjii dhugaa dhossu darbuu saa hin huubatanii. Barrii fi haalli waan mijjaaweef jaarraa tokko dura lubbuu fi qabeenya Oromoo dhuunfachuuf milkaawanii turan. Bara teeknoolojiin olka’e kana ilmaan namaa hundi iyyaatii fi carraa hamaa irraa of eeguu walqixxee qabu. Mirgi saaniis subgidduun beekamee jira. Laaqii Kiristinaa jedhamanii mararfannoo addaa hawwachuun hin hafee, amma addunyaan laaqii tokko taateettii. Dhugaa kana dagatanii yoo Oromiyaatt darbuu yaalaan bordoddee ummataan liqimfamuu. Raayyaa mootummaa duuba deemuun gocha ummata rifachiisu raawwachuu ni dandahu. Kana dammaqanii eeguu malee akki hattuun itt dhfutu hin beekamu. Biyyi lolli itt deemaa jiru biyya Oromooti; “Amaarri manni eenyuu badee kan eenyuu tolaa”, jedhe dhaadata? Sana yaadachiisuu dha.

Oromoon mirga saanii kabachiisuuf gootummaa, dandettii, kutannoo fi beekumsa gaha qabu. Kan namaatt hin darbanii. Yaada haaraa burqisiisuu fi fudhachuuf sammuun saanii banaa, amantee, aadaa ta’ee hoodi gufuu isaanitt ta’u hin jiru. Hinaaffii kanatu diina isaan jibbisiisaa, kan sammuun dadhaban arrabaa fi hirreen moo’achuu fedhu. Kana irra, addunyaa fi ijoollee ofii sobu dhaabanii gad taa’anii olloota saanii waliin araara buusuu wayyaa. Waliin jiraachuunis, kophaa jiraachuunis fedha tokkoon tokkoon ummatoota irratt bu’uurfama. Oromoon akka homishaawoo, amanamoo, ummata nagaa jaallataniitt ummata bololaa, hinaaftuu, nama jibbituu, fi hin amanamnee, hamaa ollaaf gammadaniif dhukkuba sobaa qaban waliin tokkoomu irra walabummaaf deemuu wayya. Oromoon dukkana keessatt ittisamanii bahanii, ofbara malbulchaa sadarkaa guddaa irra gahanii jiru. Seenaan saanii boonsaa, qabeenyi saanii kan biraafuu kan hafu tahuu hubatanii jiru. Kanaaf akka jaarraan duraa kan garaan hawwatamu hin jiru. Yoo jiraatanis kanneen balfa hawaasomaa ta’uu.

Erga kan Tigrinyaa dubbatan gaggeeffamanii, abdattuun sirna Nafxanyaa Amaarinyaa dubbatu fuuloo PP kee’atanii Oromiyaa irratt lola labsaa jiru. Angoo 39, kan dhiigaa fi lafee qabsawota bilisummaan dhufe haquuf gamaa jiru. Angoon 39 waliigalaan, walabummaa dhiibuu dhiisuu ta’uyyuu yero barbaachise qabsiifamuu danda’a. Waldhabdeen Amaaraa fi Tigraay gidduu jiru jaarrotaaf duukaa dhufe. Mooroti waabarii hanga Nugusa isa dhumaatt turan akka Tigrawaay

olhantummaa Amaaraa akkasumas Amaarri jaalalaan hin fudhanne barsiisu. Qaama sadaffaa biratt Itophiyaa/Habashaa ofiin jedhu malee kophaatt maqaama saanii himatu. Kan humna caalaa qabu isa kaan irratt fedha ofii fe’aa. Ooffalcha Yohaannisiin kan Minilik biyyoota kibba mootummaa Shawaa akka koloneeffatu taasifame. ABUT utuu Oromiyaan kolonummaa hin bahin dhaqabe. Irbuu akka dhufeen sirna federaalaa demokratawaa dhaabuuf irratt waliigale ganee. Hojjetaa malee caasaa empayera koloneeffataa utuu hin jijjiirin irra bahee gulufuutt ka’ee. Caasaa hacuucaa fi garboomfataa utuu hin diigin TPLF kan tolcheen addatt tolchuu hin danda’u. Qabsaawoti Tgraay kana beekuu dhabanii utuu hin ta’in bolola fi dudhaa warraatu itt caalee.

Yohannis duuba Minilik haloo saa bahuu dhaquu dhiisee kaabatt dhiichee Tigaraayiin gabbarsiisuun hogganoota saanii hacuuce. Kanaan Tigraay Nugusa, raayyaa fi gabbara dur argatu qofa utuun hin ta’in tokkummaa saanii fi ofirratt hirkachuun saaniis ni burjaaja’ee. Mirga dudhaan aangoo hirmachuus ni haalame. Garuu carraan weerara koloneessaan uumame walitt bu’a dudhaa gidduu saanii ture golgee ture. Minilik Oromiyaa qabachuuf galtuu, isaan keessa guddichi Goobana Daaccee ta’een gargaaramee ture. Roorroon Bulcha Amaaraa waggaa 102 booda, Itophiyootaaf illee hammaannaan diddaatt geese. Sanaan ABUT dirree diliitt isaan injifachuun aangoott dhufe. Booji’amtooti Oromoo aangoott dhufa mootota Itophiyaa, Minilikii hanga ABUT 2018 furtuu turanii. Kanneen ilaalchaa addunyaan horee Goobanaa ta’an, akkuma akaakileen saanii weerara repubilikoota, biyyoota moototaa fi hawaasota kibbatt argaman weeraruu gargaaran isaanis Tigraawayiin gargaaranii jiru. Sanneen hundi aadaa, seenaa fi afaaniin addaa waan ta’aniif mikkilee dhahataa waloo hin qabanii. Kanaaf qooqoti Oromoo fi kanneen biraaf dhimma itt bahan akka finxaalessaa, “saranyaa”, dhiphoo waan ta’aa jiru waliin hin deeman kan jedhamu. Yoo tokkeessoo ni uummatu ta’e garagarummaa jedhaman fudhatanii sanaaf dhoofsisuu qabu.

ABUT Hoggansa hidhatoota saatt dhiisee ofii akka miseensa gola aangoorra jiruu qofatt hafe. Haa ta’u malee humna namaa barbaachisaa fi meeshaa utuu waanti halle hin kukkufin duubbee ofiitt dabarsee jira. ABUT ammallee gola Itophiyaa seerawaa ta’ee utuu jiruu, kaan kaan maaliif isaan walqunnamti akka lagachaatt ilaalaniif namaa hin galuu. Sun kan ta’e ta’ee, miira ABUT irraa waa’een weerara Tigraway wanti hubatamu danda’u, abbaltiin qabatanii turuu fi akka weerartuu Amaaraa kolonooti ummatoota walaba malee gulummaa saanii akka hin taane fudhachuu dha. Moo’ummaa abbaa biyyootaa heeraan erga beekanii, hamilatichi kan dannabsanii dheessuu qofa ta’a. Waggoota soddomaaf saamicha Oromiyaa fi biyyoota kibbaatt dhimma bahuun Tigrayiin, keessaayyuu caasjalee, barumsa, bosona dhaabuu, sadarkaa hin se’amnett misomsuu dandahee jira. Tigray ABUTiin sanaaf galata hin qabuuf jechuun holola hamajaajii ABUT qofa ta’a. ABUT eegumsa saa jalatt Oromo irra qaamaan, waatattaan, sammuquwii fi qisaasa qabeenya uumaan hubama ga’eef Oromo dhiifama gaafachuuf kan bade hundaaf gumaa fi beenyaa baasuutu irraa eeegama. ABUTn baasuu fi buusuun giroo ummata Tigrayii. Hariiroon obbolummaa Afrikanotaa Oromoo fi ummata Tigray gidduu jiru kan barabaraatii.

Si’ana, ABUT hammaa hidhata abdattuu sirna Nafxanyaa Amaarinyaa dubbatuu fi PP aangoo irra jiruu haala isaan hubuu dandahu irra hin jiru. Miseensot PP akkuma ABUT fi miseensota ADWUI biraa gadadoo Oromoo irra waggoota soddomaaf gaheef abbaawummaa qabu. Goobanoota Oromoof

malee murnooti koloneeffataa kamuu takkaa Oromoo irratt milkaawanii hin beekanii. Amma PP OPDOn maskamaa jirutu qacceefixiisa Oromoo irratt gaggeessuun sirna nafxanyaaf fixeensa buusaa jira. Kanaaf gaaffii Oromoon irraa qabu boodatt dabarsuun ABUT waliin nagaa buusuun waan yaadamuu dandahamuu dha. Lachan saaniiyyuu murnuma tokkoon hammeeffamaa jiru. Sabboonota Oromoo malee eenyuu sun yoo ta’e qeequuf olhantummaa safuu hin qabu. Ajajoota waraanaa soorata bahan tokko tokko dhiyooma kana waraana ummataatiin injifatamuu saanii irraanfachuuf holola PP qabsoo ummata si’ana deemaa jiru irratt holola PP yoo qiliwiisan dhagahuun nama gaddisiisaa. Soorata bahuun baabsa malee ilaaluu yoo isaan hin dandeessifne kan caalaa baasuun akka bitamuu danda’an agarsiisaa.

Hacaaluun kan ajjeesan it qabatanii hogganootaa fi sabboonota Oromoo caalaa ajjeesuu, hidhuu fi baragsiisanii biyyaa ari’uufii. Tarkaanfiin akkasii nama hin malalchuu garu akkamitt, yoom, gara kamiin dhufaa dha. Bulchooti Itophiyaa hundi jalqabumaa imaammata saanii kolonummaa waan tureef hogganoota Oromoof hilanii hin beekanii. Hiyyoomsuu, hidhu, ajjeesuun barsiifata saaniiti. Ergamsa Nafxanyaa qabaatuyyuu, murni bulchaa amma aangoo irra jiru Oromo ta’uu saa kan of labsee. Oromoo ta’uun saa hanga wayyabi eenyummaa saa isa dhugaa birga’utt jalqaba sabicha gargar hiree afanfaajjii uumee ture. Erga mullatee qacceefixii ummata Oromoo irrati rawwate, kan caalaa ifee as bahe garajabina Lixaa fi Kibba Oromiyaatt agarsiiseenii. Oromummaan dhiiga qofa miti qajeeltuuf ijaajjuu, safuu kabajuu, eenyummaa ofiin boonu fi fedha Oromoof durfannoo kennuu faa dabalata. Hogganooti Oromo waan ta’aa jiru irratt yaadaan walhiruun jiraatuyyuu, diinni, empayera Nafxanyaa deebisee tolchuuf Oromoo hoggana hinqabne qofti iggitii kan kennuuf waan ta’eef, isaan hin hin fudhannee. Oromoo to’achuu jechuun sabaa fi sabaa’ota al tokko kolonii Itophiyaa turanii fi kanneen aangoof nakkaran tokko tokko to’achuu jechuu dha. Kan inni balleessuuf akeekate keessaa Oromoon isa guddicha. Oromo kuffifnaan jara kaanitt akkuma kanaan duraa boojuu fi qabeenya achii argatee itt garagalcha. Kanaaf hundi harka walqabatanii dura dhaabbachuun amma.

Godinaa Sabootaa, Sabaawota fi Ummatoota Kibbaa (SSUK) jedhamu keessatt ummatooti walirra tuulaman, eenyummaan addaan qabanii fi mirgi hiree murteeffannaa akka kabajamuuf gaafata jiru. SSUK afaan waloo waan hin qabneef akka isaan afaan ofii dhiisanii kan saa fudhataniif nafxanyaan akka jiranitt walitt tursu barbaada. Jarri sun utu hin koloneeffamin republikoota, biyya moototaa, fi hawaasotaa walabaa turan. Deebisanii kolonoomsuun fedha shira qabu PPtii. Godinichi nagaa, tasgabbii fi bilisummaa haa qabaatu yoo jedhame, sammu, malbulcha, diinagdee fi hawaasommi kolonaawaa ta’uu keessaa shaffisaan baasuu irratt hojjechuun barbaachisaa dha. Horee koloneeffatoota durii/Nafxanyaas kan rakkisaa jiru sanaa. Sirnni Nafxanyaa kan deebi’uu dandahu reeffa jaalbiyyoota cunqurfamootaa irra tarkaanfatee qofaa.

Dargaggoon Oromoo hanga hogganootii fi sabboonoti hundi hiikamanii fi Oromiyaan iddoosota ummatii filateen bultutt qeeyeett akka hin deebine kakaattee jirti. PPn gola koloneeffataa malee Oromoo kan bakka bu’uu danda’u miti. Dargaggoon demokraatota tahan sabootaa fi sabaawota biraa, hanga bilisoomanii fedha ummataan tokkeessoo akeeka walqixxumaa fi fedha walii walii kabajuu irratt hundaawe ijaarratanitt walii tumsanii ijaajjuutu abdatama. Mootummaan kun carraa hunda of dhowwee dhimma kana caalaa turuuf hin jiru. Empayerri Nafxanyaa diigamee

tokkeessoon demokraatawe yk republikooti walabi saboota, sabaawotaa fi ummatoota bilisaa bakka saa bu’uu qaba. Bilisummaa tokko tokkoon ummatotaa irra waanti durfannoo qabu hin jiru. Mirga ilmoo namaa eeguu fi kabajuun aadaa saaniitii. Dhiicha birmadummaa kan danda’ee dhaabu hin jiru. Qabsoon itt fufa! Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Hagayya 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *