0

Oromiyaaf Dhaabota Ofii Walaba Barbaachisu

Kun, tibba Koronaa ta’iisa yaa’aa jiruu kan hin irraanfatamnee, jijjiiramaa hin yaadamin adddunyaatt fidee tokkott galmeeffamuuf deemutii. Hanga yoonaa Gaanfa Afrikaa keessatt balleessaa inni dhaqabsiise yeroo gara addunyaa biran walitt ilaalamu hagas hin hammaannee. Yoo Waaq gidduu lixe malee badii caalaatu fulduratt eegama. Yoo kan hilamu tahellee soda inni ummatoota keessatt uume jijjiiramaa tolaa tokko tokko akka itt walii oo’inu irratt fiduu dandaha. Ummatooti godinichaa waliin qofa irra haanuu danda’uu. Tokko Golfaa -19 irraa bilisa yoo ta’e malee, kan hafan irraa bilisa hin ta’anii. Ofii bilisa tahuuf waa’ee bilisummaa isa kaanii yaaduu eegalla ta’aa. Jaalalaa fi gamtaa qofa kana akka waliif jiraannuu duunu nu gochuu danda’uu. Koronaa fi mootummooti dafanii darbu garuu ollooti laficha sochoosuun waan hin danda’amneef bara baraan walitt hafuu. Ummatooti mootummootaa fi dhibee darban irraa of eeguu hin dhaabanii. Kan mirga of gaafatu, quuqama saa himatuun, “zaranyaa”, finxalessa, dhiphoo kkf. jedhanii ukkaamsuu yaaluu irra bakka quuqama saa gaafatanii furmmaata itt soquutu nagaa buusaa.

Mootummaan Itophiyaa amma jiru hamma kanneen isa dura hundee waan hin qabneef kufaatii saa tasa tahuu dandaha. Sana hubatee utuu nagaan aango abbooti aangoo, ummatootatt deebise ni filatama. Barabaraanis farsamaa hafaa. Maaliifiyyuu akka carraan bira hin dabarre dargaggoon Oromoo akeeka Oromummaan masakamaa, keessa deebi’anii of ijaaruun hamaa fi tolaa dhufuu dandahuuf qophii ta’uun fardii dha. Kanneen isaan duraa “internashinal proletariyaan” yeroo malee diduun sochii bilisummaa sabaa uumanii jiru; isaanis Itophisummaa yeroo malee diduun boonaa fi mirgooti Oromoo bakkatt deebi’uu mirkaneessuu hin dadhabanii. Sabi Oromoo, qabaa halagaa jalatt miiddhaa namummaa baasaa fi butuchaa waggoota dhibbaa boodaa erga sochii bilisummaa ijaarame eegalee bara shantamaa ol ta’ee jira. Waggoota dheeraaf gargar turuu fi hooda fi amanteen ergasii adda addatt guddifatan irra haananii, Oromoon tokkummaa ummachuu hin dandahan kan jedhanii yaadan turanii. Jara akkasiif kan hin qayabatamne afaan Oromoo bu’uurri Oromummaa “injina” aangoo sabboonummaa ammayyaa ta’e qabaachuu dha. Ummati guddaan kun silaa kan ormi naannaa saa shereru malee kan eenyufuu kittillayyoo ta’uu qabu hin ture. Sun maaf ta’e laataa? Warraaqsi Oromo sanaatt deebii soquuf dhufee.

Falfala halagaa jalaa miliqanii, qabsoo hidhannoo fi hidhannaamaleen sochooti tokkummaa Oromoo karra bilisummaa qoffa’uu bira ga’anii turanii. Garuu irraa sigigaachifamanii. Mootummaan Itophiyaa amma jiru federeeshina fakkeessaa ADWUI irra cululuqaan ceesisee gara federalummaa heerawaa dhugaatt ceesisaatu eegamaa ture. Garuu ni fashalee. Caalaattuu Oromiyaa gara olhantummaa sirna nugusootaa jalatt harkisuu yaalee. Weerartuu hundi Oromoon hacuuccaa koloneeffatoo jaarraa oliin juju’uun laafaniiru jedhanii waan amanan fakkaatu. Kanaaf waliin hojjechuu gaafachuu irra, ol itt bahanii isaan irraa dhowwuun lafa, qabeenyaa fi aangoo saanitt dhimma bahuu fedhanii. Kaan tuffiiyyuu agarsiisuutt ka’anii; Oromoon takkaa biyya keenya jedhan qabaatanii beekuuyyuu haalanii. Angoon 39 hericha mirga ergii hawaasa mullataa ijaarratanii beekeefii. Oromoo fi dhaabota saanii sanaaf ori’uu fi mirga hiree murteeffannaa saanii haaluun fanfana sanyii fi xiqqeessaa dha. Namoota mirga ilmaan namaaf dhaabbatanii fi yaada demokratawaa fi jaalala birmadummaa qabaniin balaaleffamuu qaba. Mirga hin tuqamne Oromiyaa irratt akka qaban addunyaa mirkaneessuun qooda ummata Oromootii. Nagaa fi araara buusuun aadaa saanii ta’uyyuu, sun fedha saba ofii irraa hamaa ittisuu isaan hin dhowwu.

Oromiyaan “investarootaa” fi halagaa keessa jiraatee misooma seef gumaachuu fedhaniif carraa guddaa laattii. Akeeki saanii ummata ofii beelaa fi dhibee irraa eeguu, dhala kunuufatanii guddifachuu fi barsiifachuu, naannaa nagaa fi tasgabbii qabu keessatt teknolojii dagaagsuu dha. Halagaa hafee si’ach

Oromoonuu, fedha saanii walitt qabaa malee akka itt Oromiyaa gaggeessan itt himuun hin hayyamamuufii. Firri Oromoo kamuu olhaantummaa seeraa fudhachuu fi aadaa fi dudhaa saanii kabajutu irraa eegama.

Oromoon sadarkaa kana ga’uuf hamma itt fudhatee juujuun qayyabachuu hin danda’uu. Qabsoon Oromoo wareegama guddaan mootota sadii bakkaa finqilchuu irratt qooda guddaa taphatee. Kanneen qabeenya Oromoo tola dhandhamatan “andinnat haayil” ofiin jedhan kufaatii saanii irraa gonka homaa hin barannee, garuu qaabannoo injifannoo darbeen basha’a jiru. Qaabannoo sana keessa deebi’anii jiraachuuf itt fufanii du’uu filatu. Kanaaf, jija Oromoo argame tursuun rakkisaa ta’uun qabsoo saanii kan hedan caalaa dhawataa tolchaa jira. Firiin qabsoo saanii, sirni federeeshinaa, “andinnat haayilii” wanti halle akka turett hafuu barbaadanin haleellaa jala jira. tokkummaa isaan baanan kan ummatoota empayera jala jiranii utuu hin tahin kanneen abdattuu sirna Nafxanyaa afaan Amaaraa dubbataniitii. Kun, afaan isaan laallibbata saaniitt dubbatan irraa xaliilaa. Yaada jara kanaatt sirna gunaawaa qofatu ta’aa. Karaa biraammoo cunqurfamooti tokkummaa walqixxoota fedha walii qabaniitt amanuu. Gaaffii saanii qufsuu kan danda’u federeeshina sabootaa fi sabaawotaa yk walabummaa dha. Ummatootatti filmaata lamatu dhihaatee jira. Tokko fakmishoo (moodela) imperiyaalii irratt hundaawe karaa nafxanyaati. Inni lammataa mirga sabootaa hiree sabummaa ofiin murteeffachu hanga walabummaatt deggeruu dha. Kun tokkeessoo walqixxoota fedha qabanii kan fedhe keessaa bahuuf bilisa ta’e uuma.

Dargaggoon Oromoo hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt daddaaqna malee dudhamaa fi murnnoon deggeraa as ga’anii. Sun Kaayyoo ABO walabicha ganama kan moora diinotaa keessatt jibba kaase. Jibbi sun erga ABOn waa’ee walabummaa oofuu dhaabee, mormitummaan hiriireeyyuu itt cichameema jiraa. Ofiin ijaajjuun mirga saanii dhalootaa fi heerarras jiru gaafachuun kanneen “Andinat Hayil” ofiin jedhaniin “Zaranyaa” jechisiisee. Ergasii wanti Oromoo tahe hudi akkasitt ilaalamuu eegale. Afaan Oromoo dubbachuun, uffata aadaa Oromoo uffachuun, aadaa Oromoo barsiisuun kkf. dhiibbaa holola “Andinnat Haayil” ofiin jedhanii, namoota taraa afaan Amaaraa dubbataniin “Zaranyaa’ jedhamuutt ka’ee. Kanaaf, Oromoof Kaayyoo ganama, jechun akeeka sagantaa ABO jalqabaa irratt bu’uurfaman gaddhiisuun hamma of ajjeesuutii. Sanaaf jiraachuun saanii beekame, sanaaf sodatamanii, sanaaf injifannoo hedduu galmeeffatan. Kan qaama biran walqixxummaan walitt haasawuu dandahan yoo ummata bilisa tahan qofa. Sanaafi, kan hariiroon egeree Itophiyaa waliin tahu hundi, waligaaltee dhoofsisaan irra gahame irratt bu’uurfameen qofaan kan ta’uu qabaatu. Oromoon akka sabaatt itt fufuu yoo qabaate, qabattee halagaa waliinii kana, ejjennoo xaliila irratt fudhachuu qabu. Diinoti saanii mildhuu ijaafillee ilaalcha saanii jalaa miliquu hin qabanii.

Diinoti Oromo, kanneen Oromoon moo’ummaa Oromiyaa irratt qaban, mirga hiree murteeffannaa haalan, fedha saanii ifaa malee isaan bituu barbaadan fi Oromoon ummata isaan irraa addaa fi bilisa ta’uu haalanii; isaan kanneen balaa abbootiin saanii fi isaan waggoota dhibbaa fi shantaman darbanii oliif Oromootti buusan haalan. Dhaaboti Oromoo hedduun utuu hin yaadin haala hidhaa malbulchaa fakkaatu keessatt of arganii. Jaarmoti akkasii maqaa saanii Oromoo haa oolfatan malee mirkaniitt dhaabota Itophiyaa tahanii jiru. Oromummatt hafuuf, haala itt tokkeessoo empayera duubaa keessatt qooda fudhatan, sagantaa saanii sabaawaan walgitu dhoofsisuuti irra ture. Bakka sun hin jirrett tokkoon saanii kan biraa irraa adda kan godhu qaabannoo guyyoota dansa darban yeroo walaba turanii, itt boonan qabaachuu qofa. Dhuguma duubbee malamalttummaa hin qabne, wareegama kaasaa sabaaf tolfame gootummaan guute qabu. Garuu sun amma moor (book) seenaa qofaaf kan tolu tahee jira. Amma, kan madaalaman jabduu battala kanaan walbira qabamaniituu. Hangammeessa seerota Itophiyaan kaa’ameen, kanneen diina saanii turaniif ammas ija mamii fi tuffiin isaan ilaalaniin dorgomuu. Dorgommeen kun ummata Oromoo nagaaf homaa kan hin baafnee, yoo moo’aniyyuu gooftolii jijjiirrachuu qofaan kan raawwatu. Ummataaf, abba tokkee fi ilaalchi saanii, haala holola

afanfajjeesaa jiru keessatt, addaan baasuun ni dhibaa. Xaxaa Itophummaa saanii fi hariiroo inni gaaffii Oromoo waliin qabu hin qayyabatanii. Kanaaf, Oromummaan hafee, gara qomoott duufuun waan danda’amuuf ummata hamaa hin beekne gandaa fi gosaan hiruu dandaha. Haalli dhaaboti Oromoo keessatt kufan Oromiyaa dhaaba walaba hin baabsinee dhabsiisee jira. Kanaaf qabaachuun barbaachisaa dha.

Hamma yoonaa bulchaan Itophiyaa tokko kannee isa duraan wanti walitt hidhu hin jiru. Ofi wajjin garee qondaalotaa haaraa, maqii safuu haaraa, fi karoora qabeenya fi aangoo ummatoota ittiin saamu haaraa fidata. Nugusichi dhumaa dudhaa sana dhaabuu barbaadee, aangoo dhaalota saatti heeraan dabarsuu yaalee ture. Garuu dudhaan heera saa irra cimaa tahuun itt fufee. Mootummaan si’anaas adda mitii. Qaama mootummaa darbee waan taheef, heerri eeguuf kakate karaa saa itt cufaa jira. Dudhaatt deebi’uuf waan qaanii oolchu wayii falamaafi jira. Akka inni bulchuu itt fufu, seerri sana oolchuu danda’u ni argamaafii. Mormitooti akka jabbii reef gorinnoo baatee burraquun dirree waliin ga’aa jiru. Gaafa ifaan dudhaatt deebi’ame falli dhufuuf ta’aa. Bulchi kun kan hedduun heera saaf jibbanii fi seenaa Itophiyaa keessatt yeroo jalqabaaf heera irraa ka’uun mootummaa yeroo jalqabaa didhanii. Hundi saanii karaa fedheen mootummicha buqqisuu waan barbaadaniif akka inni heeraa ala ta’e mirkaneessuuf madda argan hunda dhahuu. Bara ammayyaa kana akki Itophiyaanoti aangoo qabachuuf barataa jirani sana. Oromoo fi kanneen biraa, sirna gonka isaan hin fudhaneef dafqa coccobsaa jiru. Kaan dhukkuba “Stockholm’s Syndrome” jedhamuun hiraarfamaa jiru. Innis faaraa kan nama miidhe jaallachiisuutii.

Haala raafamaa akka Itophiyaan amma keessa jirtuun, Oromummaan jabeeffamee Oromoon akka sabaatt akka hin badne baraaramuu qabu. Jaalbiyyummaa ture akka fiduuf, ayyaanni ABO waamamuu qaba. Oromoon jara kaan surraa utuu surraa hin gonfin dura of ta’uu qabu. Waan halleefuu akka qophee ta’an gaaffii ariifachiisaatu Qeerroo Oromoof dhihaataa jira. Kanneen isaan duraa “proletarian internationalism yeroo malee didanii ABO kallacha godhachuun sochii bilisummaa sabaa ijaarratanii; isaaniif Itophiyummaa yeroo malee diduun dura mirgaa fi boonni Oromoo akka deebi’u gochun rakkisaa hin ta’u. Miiddhaa namummaa baasaa fi hiraarsaa tahe harka diinaatt itt raawwatame waggoota dhibbootaa olii duuba, sabi Oromo qabsoo ijaaramaa erga eegalee waggoota shantama tahee jira. Akka sabaatti ifatti kan isaan baase beeksise tokkummaa saaniitii. As gahuuf imala bu’aa ba’ii guddaa qabu keessa darbanii. Sanaaf, Oromoon akka kutanii hin xuruurre hedduu waan itt baasaniif, hanga fiixaan baasanitt hin dacha’anii. Haala sarmuu haa ta’uu diduun salphinaa fi badiisa irraa hin oolchine keessa jiru. Kanaaf, hanga moo’ummaan Oromiyaa irratt qaban mirkanaawutt duubatt deebi’uun hin jiraattu. Kan nagaa fi tasgabbii sabichaaf iggitii tahu sana qofaa. Abjuun saanii akka dhugoomuuf, Oromiyaaf dhaabota ofii walaba barbaachisu. Oromummaa waliin fulduratt! Tokkummaa Afriikaa waliin fulduratt! Ummati guddaan kun ol ka’ee tarree saboota Afrikaa keessatt bakka ta’uuf qabachuun fagoo hin ta’u. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *