0

Jeequmsa malbulchaa Empayeraa yk Heeraaf Jeequmsa Ethiopia?

Yero waa’ee Oromiyaa dubbannu, waa’ee biyya bartokko blisa fi ofiinbultuu taate kan hedduun daawwachu, daldaluu yk keessa jiraachuu dhufanii dubbanna. Kan kumkumooti diina irraa ittisuuf lubbuu saanii kennanii jechuu dha. Waa’ee biyya goototaafi jagnota hedduu dubbachuu keena. Yero birammoo, waa’ee biyya kan biraatt hirkattuu, walabummaa see biyyoota Afrikaa olloota akka Jibuuti, Somalia, Sudan kkf. waliin dhabdee dubbannaa. Akka biyya hirkattuutt walabummaa ofii fi waan gaggaarii qabdu hunda weerartuuf gad dhiisuu malee filmaati biraa hin jiru ture. Ummata boonaan kun halkan tokkott ciisanyummaatt gadi buufaman. Weerartuu waliin hedduutu waan Oromoon dhabaniin basha’uu dhufan. Amma akka hin beekamnett qabamuun kan raawwate fakkaataa. Horee koloneeffataa fi kanneen hojii biraa qaban hedduun hayyama saan dhufanii duubatti dhifamuun nagaan jara abbaa biyyaa waliin jiraatan jiru. Hanga seera Oromoo kabajanii fi humnoota alaf keetto hin taanett lafa itt of argan jiraachuf mirga qabu. Oromoo biyya halagaa jiraataniifis kanumatu gorfama. Oromoo hedduu fi kanneen biraa biyyoota biraa att luka kennachuun akka nambiyyaa fi jiraattotaatt jara isaan dura dhufaniin mirga walqixxee qabaachuun jiraatan ni argamu. Oromoon akkasii hamma biyyoota haaraa itt galan kanaa amanamoo tahan Oromiyaaf ta’uu hin danda’anii. Kun halagoota Oromiyaatti galaniis ni ilaallata. Habashaa yk kan biraa ta’aniif ilaalchi addaa hin kennamuufii.

Yoo hunda rakkina Oromoo keessa ilaaluu jalqabnu gadi fageenyaan uumaa hawaasichaa ilaaluu irraa qoollifachuu hin qabnu. Hawaasa naannaa keessaa kan Oromoo caalaa waan tokkeessu of keessaa qabu hin jiru. Walirraa fagaatanii waggoota dhibbaa ol turuun cabaqa adda addaa ummachuun dirqii itt haa tahu malee quunnamtiin wal hubachuun yeroo heduu itt hin fudhanne. Sun seenaa, aadaa, dudhaa fi afaan saanii hundee cimaa hammami akka qabu agarsiisa. Yeroo dheeraaf qaamaan walirraa fagaachuu qofa utuu hin tahin, eenyummaa saanii irraanfatanii, wan sana yaadichiisuu dandahan hunda akka haqamu dirqamanii turan. Lafti saanii jalaa fudhatamuyyuu itt cicanii yaadannoon saa akka hin dhabamne godhatanii. Jaalala fi kabaja lafaaf naannaa uumaaf qabantu sirna ciisanya haamaallee akka hin baqanne isaan tolchee. Seeraan haa dhabsiifaman malee akka qaama lafee saaniitt sana jabeeffatanii. Akii, sanaafii laata kan “Lafi keenya lafee keenya” kan jedhan? Sanaafi isaan buqqisuun qaccefixiisa kan tahu. Sun hundi qaabannoo salphina namummaa baasaa fi sammuu dhiqaa wal irraa hin citne irraa hafee.

Sammuu dhiqaan ilaalcha abba tokkeen jireenyaaf qabu irrattis miiddhaa dhiise qaba. Tokko tokko akka ilmoo namaa bilisatt jiraachuun akka raawwateefitt fudhatu. Sannee kanneen Malcom X qabsaawaan jedhamu “House Niger” (Garbicha golaa) jedhu. Jireenyi saanii kan gooftolii saaniin adda tahuu kan amansiisuunii dandahu hin jiru. Iyyaatii roga hin qabne gooftoliin saanii itt huduman diddigaa sabboonota Oromoott dutaa ooluu. Kanneen biraammoo isaan koloneeffatoo irraa seenaa addaa qabachuu amanan garuu kophaa ijaajjuuf ofi irratt amantee hin qabne, ayyaana isaaniin marfaman malee itt dhaamotu. Jari kun “Dimtii (falfala) Dabtaraa cimaan kan irra buufate fakkaatu. Jarri sadaffaan “Birmaduu: boonoo, Kanneen ofiitt amananii fi sammuun bilisa tahe, kan masakaman akeeka

Oromummaa qofaan kan ta’anii. Hiree sabummaa ofii hanga walabummaatt, bilisummaa dabalateett amanu. Tokkummaa Afrkaanota bilisaa, isaan walqixxummaan keessatt argamanitt amanu.

Hamma yoonaa dhaabi Oromoo hamma Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) miidhegsee daaya saba Oromoo dhiheesse hin jiru. ABOn jalqabuma dhaloota saa kaasee Republika Oromiyaa walabi qofti itt hin muldhannee, humnoota fedha qaban waliin tokkeessoo akeeka walqixummaa, bilisummaa fi demokraasii irratt hundaawe uumuun akka dandahamus agarsiisee ture. Sun daaya diinni hanga hardhaatt jibbuu; Oromoon walaba tahuu fi tokkummaa walqixummaa fi bilisummaa irratt hundaawe gaafachuu. Oromoon lafa walabummaa saa labsatanii fi ummata walaba ofiin jechuu dandahu akka qaban hin amananii. Yaada kofalchiisaa akkasii kan gara caalu hisatoota Habashaa keessaayyuu kan Amaaraan ifsamu qabu. Oromoon fedha namatt darbuu dhabuun caalaa gaafachuu dhiisuun saanii, kanneen lola leellisan dhiibuunii itt fufuun hubachuu akka hin dandeenye agarsiisa. Oromoon, “Haqaa guddaan udaan fida” jedhuu

Oromoon ABO ganama kan isaan qofaaf dubbatu amanamummaa garlamee hin qabne barbaadu. Oromoon dhaabota yk abba abbaa amanummaa garlamee qaban irratt hirkachuu hin dandahanii. Golli jabaan amanamummaan saa Oromummaa qofaaf tahe jiraachuutu dhabota maqaa Oromoon jiran biraallee akka dhaggeeffataman tolcha. Halagaan lakkoofsa saanii, qabeenya saanii fi aadaa nama dandahu fi Safuuf Oromoo sodaatu. Kanneen itt dhaqanillee maal dhabanii akka itt dhufan qayyabachuun isaan rakkisa? Kanaaf tajaajilli saanii akka beekamu gabaabaa fi salphisaa taha. Qacceefixiisi Oromo irratt raawwate fi wiirtuu magalotaa naannaa baadiyyoota finnaa sabaa irraa qoranii adda baasuu yaaluun mootummoota kolonii darban hunda qaama lakkoofsa kana gad cabsuutii. Hoggani ADWUI tokko wayyaba bucuutt jijjiiruun ni dandahama jedhee amba keessatt kan kakate akkas fa’iin jechu dha. Kanaaf, halagoota haammatanii jiraan qofa utuu hin tahin Oromoo Oromoo waliin, miiraan, gosaan, amanteen kkf. walitt naquuf hojjetaa jiru. Garuu Oromoon waldhabdee akka itt qaban akka araaraa, ilaa fi Ilaamee faa waan qabaniif gargarbaaftuun ofumaa yeroo balleessitii.

Yeroo gara empayera Itophiyaa ammaatt dhufnu, lafa irratt hariiroon Oromoon Itophiyaa waliin qaban rimsamaan yeroo nugusootaa irraa wanti jijjirame hin jiru. Qabsoo ummatootaan heerri federeeshinaa labsamee jira. Isa irratt hundaawee ircaasa bulchaa irratt walqixxeessi tokko toko tolfamee jira. Sirni federaalaa guutummaatt seeraan hin shakalamnee. Haatahu malee qaamoti Oromiyaa garri caalu bulcha finnaa tokko jalatt gumaawanii jiru. Garuu kan bulfamaa jiran keettota mootummaa koloneeffataanii. Hojii fi barumsaaf afaan saaniitt akka dhimma bahan hayyamameefii jira. Amma gaaffiin hafe waa’ee heerichaa kan yoo furmaata yeroon hin argannee nagaa godinichaa irratt kan gaagaa fiduu dandahu ta’a. Humnooti tarkaanfatoon moo’ummaa sabootaa, sabaawotaa fi ummatoota heera empayerittii fudhatanii jiru. Abba abbaaf haa ta’uu murnootaaf kan aangoo kennuu dandahan isaan qofaa. Maddi moo’ummaa dur teessoo aangoo yk barcuma mootii turee. Sun Itophiyaa Dullatii waliin kan sokke waan ta’eef deebisanii fiduu yaaluun hawwa booddesitootaa qofa taha.

Amma ADWUIn Itophiyaa, gola Itophiyaa biraa, Bilxiginnaa Partiin (PP) bakka buufame yoo ta’u Itophiyaawaa dha jedhee uggee ifaan hin baane. Kun sabboonota gowwoomsuuf malee dhaaba haadha taheef gadi Itophiyaawaa mitii. Yoo Oromiyaa dhaqu an kan Oromooti, yoo Amaara dhaqu an kan Amaaraa kkf jechuu fedha. Ilaalchi hoggana saa nama Yaaddessaa. Humna ofiitt haala Kitaaba qulqulluun walgitutt hinaaffii agarsiisaa. Dhaabota Oromoo, abbooti qabeenyaa Oromoo, dargaggoo Oromoo fi mangoddoo Oromoo dubbee aangoo kiyya jedhee kan yaadu keessa borcu jedhee jibba. Manguddoon sun reeffan utuu hin tahin miillaan deemanii akka biyyatt deebi’an gochuu saaf galataa dhabsiisanitt fudhate. Manguddoon Oromoo ofii du’a baqataa dargaggoo akka du’att dhiibanitt komata. Muuxannoo fi gamnooma dargaggoo, Qeerroo farra saa ta’anitt dabarsuu dandahuu sodaataa.

Imaammata ADWUI beekota Oromoo, abbooti qabeenyaa, fi “dureeyyii bubbucuu” adamsuu jedhu ijoollummaa kaasee hojii irra oolchaa ture. Kan godhe hundi akka isumatt hin deebine soda qaba. Bu’uurri gammoojii fi baddaa walfakii funaananii Bilxiginnaa ijaaruu kanumaa. Oromummaa balleessuuf hiriyoota saa waliin tabba meeqa ba’anii bu’an, dafqaa fi dhiiga hammami itt xuruurfatan garuu hin milkoofnee. Bara humni hojii caalaan lafa oole, baraa jireenyi du’a caalaa nama sodaachisu, sodaan doorsisaa gatii dhabe kana, bara iyyaatiin addunyaa hundi kiisa hundaa keessa jiru kana Oromummaa jilbeenfachiisuu yaaduun tuffii attamiitii? Yeroon saa yeroo taa’anii itt of gamagamanii. Oromoon isa dur mitii, bilisummaa ofii qofa utuu hin tahin Ollaafuu hawwuutt ka’ee jira. Oromon aagii nama tufuutt beekamu; iftooma qabaachuu fi xiqii utuu ittiin hin qabin itt dhihaachuun ni dandahama. Oromoo ofbarri malbuclchaa saanii hedduu ol kahaa waan taheef hololli halagaa fi goobanootaa isaan hin gowwomsu. Nammi tokko karaa bilisummaa kan tahe qajeeltuuf yk karaa garboomaa dabaaf ijaajjuu keessaa filachuu qaba. Karaan gidduu hin jiru. Kan Itophiyaa jeequmsa bara baraa keessaa baasu karaa qajeeltuu qofa.

Mootummaan amma jiru mootummaa isa dhumaa, kan aadaa malbulchaa Itophiyaa dullattii shaakalu taha. Mootummaan Itophiyaa demokraatawaa tahees hin beekuu fuldurattis gonka hin ta’uu. ADWUIn akka tahe fakkeessuu yaalee ture garuu ni fashale. Heera dagee tartiiba inni kenneefitt dhimma bahuun hankaaksee. Hobbatiin saa mootummaa abaa hirree tahe. Dr. abiyyi tartiibuma sana hordofuun aangoo waan qabateef sana irraa adda tahuu hin dandahu. Uumaa sirnicha kaasaa angootti olbahuu saa tahe jijjiiruu yoo hin dandeenyeyyuu, dhiibaa akka, kanneen aangoott dhufuu isa gargaaranii, hawaasa sabgidduun hariiroo ummate, raajii himameef ammayyuu ni dhugooma jedhee ni yaada aanaan, badhaasa Nobel argate, hanga yoonaa kanneen isa dura turan irraa akka adda tahu tolcheen jira. Garuu jalcaasaan inni dhimma itt bahu kan abbaa hirrummaa waan ta’eef akka sana oftolchuu dhiisuu hin dandahu. Nammi abbaa hirrummaan isa qeequu hin qabuu, an miti jedhee fakkeessuu saa malee. Inni aan fedhe haa tahu, garuu abbaan fedhe Oromoo ajjeesuu haa dhaabsisuu, hin loognee fi bulchatt amantalaa haa tahu, garaadhaa seeraan bulmaata haa fudhatu, hamlata jalqabe raawwachuu yoo hin taane hojii haaraa karoorsuu hin qabu

Kanaaf, dubbiin waa’ee heeraa fi aangoon saa coollibuu shakala duraan hin beekamnee fi dudhaa ala kan ta’ee, baasaa abbaa hirroota qummaada jiran mormituu jedhamaniitii. Furmaati saa waan itt qabatan barbaachuu utuu hin tahini, uumama saa abbaa hirrumaan bahuu qaba. Heera rarraasee, Caffee facaasuun hanga kennata itt haanuutt kophaa moo’uu dha. Akka sanatti yeroo dheeraaf aangoo irra turu waan hin dandeenyeef yeroo gabaabaa keessatt kennata soneessuu qaba. “Nobel Laurette” tahuu saa mirkaneessuuf akka “nugusa” ofkennaatt of fudhachuun, waan fedhan ittiin haa tolchanii, angoo ummatoota empayeraaf deebisee achumaan koloneesitummaa Itophiyaa raawachiisuu dha. Qabsoon Oromoo mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuus boqonnaa xumuraa, waliigaltee mootummaa Itophiyaa walii mallateeffamuun fiixaan baha. Innis kennata keessaa utuu of baasee, silaa waggoota darban kan dogoggore hunda sirreessuu carraa argata. Raajeffatamaas hafaa.

Jeequmsi malbulchaa Itophiyaaf waan haaraa mitii. Yeroo “Algaan” sosso’u hunda jeequmsi dhalatu humnaan furama ture. Hogganooti Itophiyaa Teedrosii hanga hardhaatt jiran jeequsumaan raawwatanii. Tokko tokko maqaaf heera barreeffame qabna jedhu. Isaan keessaa kan sana kabaje hin turree; sanaaf jedhees kan jeeqame hin jiru. Kanaaf, kan Itophiyaa keessatt agarru waan dudhaan seeraan bulmaataa hin jirreef jequmsa malbulchaa roorroo hamaa bahan dhufu malee kan heeraa mitii. Ofitt amanuu hammaa baha, hawwa hammaa baha, bolola hammaa bahaa fi tuffii ummata bulchaniif qabantu akka seera namaas kan Waaqaas irra ilaalan kolomsiisee. Hardha, hirdhina heeraa akka kaasaa jeequmsaatt himuun, hawaasi seeraa sabgidduu, kan

badhaafamaan Nobel saanii dogoggora xixinnoo akkasii ni hojjeta waan hin seeneef isaan biratt dubbichi akka ulfina argatuufii. Sanaaf malee, jeequmsa humnaan furuuf abbaltiin akkuma barame ni tolfama, garuu jeequmsa biraatt kan geessu qofa ta’aa.

Oromiyaa wiirtuu irraa too’achuu yaaduun qabsoo waggaa shantamaa irra ilaaluun deggersa ummataa dhabsiisee Oromummaatt qoraan dabalee. Oromummaan, kan didhchiisa cimaa yaadduu fudaalii fi booddessitootaaf ta’e, hobbaatiin deebi’ee dhalachuu qarooma Oromoo, dardaraa fi hin moo’amnee dha. Kan mootummaa amma jiru dhalee, jeequmsa Oromummaan dirqiseese. Ummati cunqursaan itt hammaannaan tokkummaan ka’ee mormee. Mirgoota dhalootaa irra ijaajjuu fi saamichi qabeenyaa akka dhaabbatu afaan tokkoon gaafachuun, “Oromiyaa kan Oromooti” jedhanii labsan. Hanga mirgi ilmoo namaa kabajamutt, eenyuu namarra bahee nagaan taa’uu hin danda’uu.

Mootummaan ADWUI jala dhaabbachuu akka hin dandeenye arguu fi Oromoonis hanqina hogganasa qabaachuu yoo argan ADWUI keessaa kan Oromo tahan “Garee Lammaa “ jedhaman mormii ummataatt makamanII. Gocha sanaan Hoggansa kennuufiin xurree injifannoo saa irraa maqsuunii dandahanii jiru. Sun ADWUI hooggansa jijjiirrachuutt geese. Mootummaa jijjiirame kun quurrama ummatootaa deebisuu dhiisee empayericha kakkabeebsee yaabachuuf tottolfachuutt ka’e. Caalaattuu Oromoo gadi qabuu, kan isaan waggota shantama ittiin qabsaawanii kuffisan awwaara irraa urgufee kabachiisuu, dureeyyii Oromoo balleessuu fi deegsuu yaalutti ka’e. Sabboonotaa fi dhaabota Oromoo akkuma saa duriitt murti malee ajjeesuu, miidhuu fi hidhuu eegale. Oromo fakkaatee waan ABUT dadhabe fiixaan baasuuf tattaafataa jira. Dubbiin Oromoo bakka jalqabaatt deebite. Muutummaa nagaa fi jijjiirama ummataaf tolu fida jedhee amanuun, WBO gaaratt hafe akka qabsoo nagaatt deebi’u Hedduun dhiibbaa irratt tolcha turan. Si’ana, isaan keessaa, akka miilla as hin fudhanne kanneen akeekkachiisa itt dhaamantu caala. Oromummaa qofaan ajjeefamutu sana fide.

Bulchooti “Nugusa “ isa dhumaa booda dhufan hundi yooma qaama sadaffaatt fakeessuu fi gowwaa ittiin gowwoomsuuf heera labsanillee, garaama saaniitii of aangessoo turani. Isaan itt fufa Itophiyaa Dullatii Minilik ta’uu waan filataniif, demokraatummaa ABUT itt gaalcheyyuu akkeessuu hin dhaqnee. Dhugaa jiru garaan saanii yoo beekeyyuu, abdattuun sirna Nafxanyaa afaan Amaaraa dubbatu nammi Oromummaa himatu dubbee saa utuu hin dhoffatin aagoo Itophiyaatt olbahe jedhanii mormuu eegalan. Oromoon “taranyaa” tahuuf yk isa darbett haanee aangoof dhihaachuuf seera hin qabu jedhan. Murnumti kun Oromoon “zaranyaa” jedhanii haddheessuu. As irratt “zaranyaa” jechuun nama saba ofii qofaa leellisu jechuu dha. Isaan, kanneen Oromoon Itophiyummaan angoo Itophiyaa qabachuu hin qabu jedhaniin maal haa jennu? Sabgiddawota? Akka sanatt “zaranyaa” jechuun kan olhantummaa Amaaraaf hin sarmine jechuu taha. Sana taanaan sabboonoti Oromoo eenyummaa saaniitt irrabuusa sana yoo sutatan ni boonu. Mooraa Nafxanyaa keessaa “Zaranyaa” yoo jedhamu maqii Oromoo jechuu akka tahe hundi beekuu qaba.

Hoggani jijjiirame beekaas utuu hin beekinis isaan aangessuuf wanti hin godhin hin jiru. Empayerri diigamee tokkeessoon fedha ummataa irratt hundaawe hanga uumamutt kan angoott dhufu hundi akeeka kolonoota saanii durii of jalatt hambisuu gad dhiisuu hin dandahanii. Fakkeessaaf, erbala irratt akka federeeshina uumuun walqixxummaan ilaalamanii fi mirgi saanii hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hojii irra oolchu irbuun seenameefii ture. Garuu irbuu kana fiixaan baasuu uumaan saanii hin hayyamu. Kanaaf, ummatooti kolonii mirkaniitti finnaa federaalaa utuu hin tahin miseensota sadarkaa lammaffaatii. Hariiroon aangoo fi ummata gidduu jiru akkuma empayera jalaatt hafee. Kanaaf jeequmsi malbulchaa hedduu hodeeffamuuf dhimma keessaa Habashaa tahee hafaa. Abba abbaan Oromoo mootummaa Itophiyaa keessa

jiran kan Habashaan tolche waan ta’aniif sammuu kolonumma walfakaataa qabu. Ejjennoo garlamee saaniiti kan balaa saba Oromoott busaa jiru. Ofumaan haafa of godhaa jiru, haafi giimii hin baatu.

Itophiyaa keessatt heerri barreeffame Hayila Sillaaseen eegalame, hanga heera hardhaa kanatti kennaama bulchootaatii. Qajeeltuunis akkasuma gubbaa gad dhagla’aa jiraate. Heerri “Federeeshinaa” yoomallee jalqaba irratt qabsaawot bilisummaa utuu hin ganamin itt gumaachan taheyyuu kennaa bulchootaa tahuu irraa hin haafne. Yaada Chartara cehumsaa keessaatu heericha gabbisee. Hanqina qabaatuyyuu, waldhabdee waggoota dhibbaa oliif turan furuuf nagaaf jedhanii akka tuqaa irraa ka’aatt fudhachuuf fedha agarsiisanii jiru. Kanaaf humnooti Itophiyaa bakka bu’aniif kanneen kolonootaa diriira tokko irratt dhufanii akka itt hojii irra oolchan ni dhoofsisu jedhamee yaadama. Jeequmsa mootummaa amma irra gahaa jiru malbulchaan haa tahu akka dudhaa saaniitt aangoon furmaata argamsiisuun dhimma keessaa saaniitii. Itophiyaamitootaan walitt dhufuuf olhantummaan Itophiyaa sammuu saanii keessa dura haqamuu qaba. Yoo waliin jiraachuu fedhan Olhantummaan kan ummatoota hundi hirmaatan tahu fudhachuu qabu. Sabonoti, sabaawotii fi ummatoot naannaa saanii irratt moo’ummaa yk abbaa biyyummaa qabu. Mootummaan federaalaa aangoo isaan kan ofii irraa waliigalanii hiraniif qofa qabata. Inni yoomiyyuu madda moo’ummaa ta’uu hin danda’uu. Labsi kana faallessu kamuu farra heeraa fi ugga mirgoota ummatootaati.

Seerawummaan mootummaa amma irratt walmuggutamaa jiru gurjaa mootummaa biyya Habashaa fi walmaka hawwa heerawummaa ammayyaatii. Bara sochii bilisummaa yk Sirna Addunyaa Haaraa hin calaqissuu. Amma taphi jijjiiramee jira. Ummatoota jaarraa oliif dhiitamaa turanii fi kan dhiitaa turan akkamitt atoomaan waliin jiraachifnaa malee murnoota sirna tureen aangoof bololan kamiin ol baafnee kamiin gadi buufnaa ta’uu hin qabu. Qoricha, heera TPLF/EPRDF nuu kenne keessa qofa utuu hin tahin furmaati qajeelaan maal ta’uu qabaas ilaaluu dhaa? Akeeki heerichaa waan furuuf aggaammate qaba. Yaadi dhihaachuu qabus sanaa gadi tahuu hin qabu. Sirna Itophyaa Dullatii deebisanii haaromsuu yaaluunis dubbii wayyabaa barbaachuu dha. Karaan mootummaa cehumsaa amma jiru hobbaatii eegame hin fidne. Kanaaf qajeelfama haaraan yeroo gabaabduu keessatt akki aangoon iddoosota ummatootaatt darbu falamuu qaba. Utuu dhiiga caalaa hin dhangalaasin furuun gamnummaa taha. Sun qulqullina gara fi of kennuu gaafata. Itophiyaamitooti kan jeequmsa malbulchaa fi Koronaa irraa hafan waliin sirna sirreeffatu. Hammasitt Golfaa 19 irraa of eegaa, lammata akka hin gowwomfamneef bilisummaa saanii irraa hamaa ittisuuf qophii tahuu qabu. Mala diddaa ajajamuu, dida noolaa, gibira dhowwachuu kkf. fi fedha Oromiyoo malee Oromiyaa akka eenyuu bulchuu hin dandeenye gochuu heduu qabu. Ammaaf Oromiyaan kan gaafattu Humni halaga hundi akka Oromiyaa gad dhiisee bahuu fi kanneen ilmaan namaa hin hidhanne ajjeesan xadachatt akka dhihaatan; dargagoo Oromoo Koronaaf saaxiluuf hidhun ajjeesuu dha, kanaaf haa dhaabbatu. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *