0

Yaadannoo Iyyaasuu Guutaaf

Gubirmans, Iyyaasuu B. Guutaa yoomuu hin irraanfatu. Guutamootaa fi ilmas Obboleessas. Akaakayyuu Guutamootaaf eesuma fi leelloo ture. Iyyaasuun sabboona Oromoo kan gocha malbulchaa, hawaasomaa fi aadaa Oromoo hedduu irratt qoda fudhatu ture. Website Gubirmans.com kana, ijaaruu fi gurmeessuu irratt qoodi inni qabaata ture guddaa dha. Kanaaf hardha haaromsinuyyuu isa keessatt ilaaluun keenya hin dhaabbatu. Iyyaasuun miseensa Waldaa  Hawaasa New York (ODA) beekamoo keessaa tokko ture. Akka dargageessa Oromoott  garee kubbaa miillaa, Joobraa bu’uursuu fi taphota finnoota gidduu hedduu irratt maqaa sanaan qooda fudhataa ture.  Iyyaasuun sportii garaa dhaa jaallata, keessaayyuu kuba millaa keessatt eenyu eenyu akka tahe isatu gaafatama ture. Guutamooti Iyyaasuu tasa dhabuun wan itt dhaghame ifsuun nama rakkisaa.  Laalaan saa hardhallee keessaa  hin badne. New York Hospital Quwiins keessa jirutt Dilbata, Hagayya 2, 2015 geeffamee Jimaataa, Hagayya 7, 2015 innaa waaree duraa 4tti afuura isaa isee dhumaa fudhate. Ekeraan saa qabbana haa argattu.

Gubirmans. Com

September 10, 2019 Md

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *