0

Ateetee

Abbaa hoduu mee waa’ee Ateetee nutti hodeessi jette Gaddiseen waan ollaansee wagga waggaan shaakaltu baruuf. Ateeteen jedhe, Abbaan Hoduu, Ayyaana dubartiiti. Ayyaanni sunis dubartii dha. Yoo mararfatan Ateetiyyoo yk Aayyolee jedhuun. Durbi Ateetee hin bulfattu.Dubartiin eerumte Callee Ateetee haadha see yk haadha dhirsaa see irra itt darbe wagga waggaan facaafachuun ulfeessiti. Haadholii darban itttiin yaadati. Kanaaf jala jalaa itt qophaawuuf yeroo qabdi. Waan dubartoota afeertuu, waan uffatu waan qalamu qopheefattee guyyicha simatti.

Ayyaana kana irratt dubartootaa qofatu qooda fudhata. Waliin nyaatanii dhuganii dalaganii waaqaa galateeffatu. Dhangaan qophaawuu akka humnaati. Hatawu malee akaakuun saa filamaa taha. Kan qabu korma qala kaan akkuma tahett korbeeyyii qala. Marqaa addaa fi farsoo bordee fi daadhii addaatu qophaawa. Kan facaafatamanis kanneen.

Facaafachuu jechuun dame muka filamaa akka ulmaayyaa fa yk margaan, dhugaatota kana keessa cuubanii ufitt facaasu yk ofiin haxaawu jechuu dha. Ayyaana kanaan kan facaasaa jedhanis jiru. Sanas jedhamu kana, facaasaan guyyaa Ateeteeti. Ayyaanni kun hanga shananiitt gaggeeffama.

Mallattoon Ateetee inni guddaan callee (injjirree) dha. Calleen Ateetee mi’a ulfoo haadholii darban irra daddarbaa dhufe. Callee haadhaa, intala angafa yk nitii ilma angafaatu dhaala. Osoo haati callee jirtuu intalli Ateetee hin bulfatu. Ateeteef uffata addaatu qophaawa. Uffati kun ulfoo dha, uffata biraan makamuu hin qabu. Kophaati ol kaa’ama. Uffati Ateetee waan lama, qoloo (qomee) fi wandaboo. Uffati kun kuula adda addaa qaba.

Qomeen muddhii olitt hafa. Kuula dalga sararaman gateettii kaasee hanga dhumaatt qaba. Kuuloti kun bifa walmakaa adii, baqqala fi gurraacha qabu. Wandaboonis handaara irra kuulota bifa kanaan goodaman qaba. Kanneen dhugeeffannoo dudhaa hordofan hunduu halloota kana waan adda addaa ittiin goodu. Hallooti kun bara Oromoon bilisa ture halloota faajjii saa turani. Jara kanatu dhaalooti haaraan akka of hin irraanfanne gargaare.

Tibba Ateetee dubartooti mana dhuunfatu. Walitti yaa’anii Ateetee farfatu. Itillee gudeeda irra buufatan rukutaa jilbeenfatanii sararoota kanaa gadiin weedduu Ateeteen dalagaa banu:
Ateetiyyoo waggaatu ga’ee
Waggaan geenyaan walgeenye
Faruun Waaqa ilmoo isaanii kenne galateeffatu. Kan ilmoo hin qabne, dhabduunis akka deessu kadhatu. Uumaan waaq hundi akka taadhomu kadhatu. Weeduu dalaga keessaa sararaa lama yoo fudhanne maseentuun akkas jetti:

Rafu hirriba hin qabu 
An eessa abbaakoo dhaquu
Yaa Ayyole gurjaa bulii
Dhabduu keef seera murii

Guyyooti Ateetee dubartiif guyyoota gammachuu fi bashanannaati. Ijoolleen nitii facaafattuu bakka jiranii horee saanii guurratanii, haadha saanii kennaa fidu. Baga nu deessee lafaan nu geese jedhuun. Kun carraa itt walargaa fi kan wali hin beekne walbaraa kenna. Dubbiin saa kan faranjooti “Mother’s Day” jedhaniin walfakkaata. Garuu hanga yoonaa daldala bu’aa argamsiisutt hin geeddaramne jedhe abbaan hoduu.

Utuu inni haasaa saa hin xumurin, Gaaddiseen maal, kun isaa Alaqaa Xadaalaan seexana jedhanii nuti himan miti jette. Badi jedhiin, isaa haa balleesu. Afaan Oromoo keessa qooqi “seexana” jedhu hin jiru. Ayyaani hamaanis hin jiru. Sun kan gabra cehee hooda keenya keessa seene. Eenymma kee balleessee ofti akka qanoftu gochuu malee ergama biraa hin qabu. Siif immoo Waaqayyoo ayyaanni haadholii fi abboolii keenyaa haadhisu. Gaafa biraan ballisee isinii hodeessa ammaaf nagaan bulaa jedhe abbaan hoduu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *