0

Gaaffii Oromoo fi Deebii inni barbaadu

Tigray, kan erga of bilisomsee, koloneeffataa kanneen biraatt ergaa jiru malee, sabii fi sabaawaan empayera jala jiran hundi hacuuccaa irra bilisoomuu dharra’aa jiru. Oromoon erga bilisummaaf qabsaawuu eegalanii walakkaa jaarraa tahee jira. Amaarris, tokkummaa fi eenyummaa keenyaaf qabsoo eegallee jirra jedhaniiruu. Shekechoo, Sidaamaa fi Gambeelli mirga jalaa saamame gaafataniif gad ciramanii. Dhiigi kanneen dhumanii qajeeltuu saboota saaniif iyyaa jiraa. Kan hafan hundi miidhama hin argamneef kan tasa dhoohuu dandahu qabu. Amma durfannoon wayyabaa dhimma walitt qabaa utuu hin tahin abba abbaatt laalaa battala kana dhagahamaa jiru yaaluu dha. Kanneen laalaan tokko tokkoon sabaawotaa, isaanumti tumsuun irraan gahanii itt hin dhagamne jiru. Ammayyuu, empayera jalatt yeroo hamaa dabarsan durii, ummatooti akka waan dansatt yaadatan fedhu. Garuu, jarri abjuu ofii nama irratt fe’uu barbaadan kun eenyuu? Amma murtoo hundi abbaa dubbiin laaltu qofaan murtaawu qaba. Yoo rakkinni waloo jiraate, maree godhamu irratt walqixxummaan qooda fudhachuuf fedha abbaa hundaa gaafata. Qooda fudhataa hundi fedha ofii irratt humna matumaa jechuu qabata. Kanaaf, rakkinooti godinaa kan fala argachuu dandahan yoo namooti of muudan angoon hunda caalla jedhan hin jirre qofa. Ummatooti suduudaan wal arguu qabu. Waa’ee Oromiyaa dubbachuuf hunduu gaaffii Oromoo kan Oromoo qofti maljechisiisu dandahu qayyabachuu yaaluun dhoofsisa Oromoo waaliin godhamuu dandahuuf dansa.

Gaaffiin Oromoo duula halagaan abbaa biyyummaa biyya isanii Oromiyaa irratii fi mirgoota ilmaan namaa dhabsiifaman kan deebfachuutii. Aa irratt, abbaa biyyummaa jechuun moo’ummaa jechuu dha. Moo’ummaan gabaabumatt, sabi tokko, ummata ofii fi lafa, qabeenya lafa jalaa, lafa irra fi naannaa uumaa dangaa ofii keessa jiru irratt aangoo olhaanaa fi mirga guutuu dhiibbaa halagaa irra bilisa tahe qabaachuu jechuu dha. Mirgooti ilmaan namaa as irratt, nammi namummaa saatiin akka heeraa fi seeraa Gadaatt, akkasumas akka Chartara Saboota Tokkoomanii (UN) fi konvenshinoota addunyaatt kan beekaman jechuu dha. Kan saba Oromoo bakka bu’ee fedha saa kana gaggeessu finnaa Oromiyaa taha. Finnaan Oromiyaa, mootummaa kennata seeraan dhaabbatuu fi yeroon angoo irra turu murtaaween gaggeefama. Mootumich Caffee seera tumuu fi Waajjira Lubaa (WL) hojii gaggeessu fi waajjirbulchii jechuun, caasaa qondaalotaa fi hojjettootaa ogeeyyii tartiibaan diriirfaman WL dhimma itt bahu qabaata.

Sabi Oromoo abbaa biyyumaa fi mirgoota ilmaan namaa kan dhabsiifame bara imperiyaalistooti Afrikaa hirmachuuf duula “The Scramble for Africa” jedhamee beekamu walakkaa jaarraa 19faa itt banan sana. Imperialistooti sun sababa adda addaatiin Itophiyaa biyyoota Afrikaa biran addatt ilaalan. Kanaaf kan isaan Itophiyaan (Habashaan) biyyoota walaba naannaashee jiran humnaan qabattee tarree saanii akka dhaabbattu kan godhan. Sana akka dandeessisu meeshaa fi ogeeyyiin waraanaa Xaaliyaanii, Faransaa, Briitaniyaa fi Ruusiyaa irra itt guuraman. Yeroo Oromoo fi Itophiyaan meeshaa dudhaa qofa hidhatan daangaa walitt cehanii hafuu utuu hin tahin yaaduunuu hin uggmu ture. Hidhannoo tuuta barbadeessu argataniitu kan Itophiyaanoti qabanii Oromoo saba “ciisanyaa” tolchani. Ciisanyaan nama godoo aartu tokko duwwaa qabu kan waan qoonqott ha’atu qofaaf humni saa tola bolqamu. Sabaawota Oromoo hedduu Oromiyaa alatt gurguratan, kaan gurbee fi guntutee Oromoo qeeyeett fudhatanii galan.

Kanneen qeeyeett fudhatanii galan kana keessaatu, kan isaan maqaa dhalootaa jijjiiranii, maqaa abbaa dhossuun qondalota sadarkaa gurguddaatt ol guddisan. Ras Mokonnin, Fitiraarii Habtagorgis, Dajjaach Baalchaa, Fitiraarii Gabayyoo, Dajjaach Gabramaariam kkf. qondaalota Itophiyaa jannummaa fi qarooman beekaman turan. Garuu Oromummaa waan saaxiluuf maqaa dhalootaa fi maqaan abbaa sanii dhagahamee hin beekamu. Baalchaan ulaagaa qeesiin barbaadu waan hin guutneef maqaan abbaa dhoffamuu, maqaa hammachiisaatt hafe jedhama. Boojuu fi ciisanyaa sana kan isaan hiriirsanii duula isaan hin laallett diran. Kanneen irraa hafan hamma Itophiyaanotaa kunuunsa hin arganne. Oromummaan waan ittiin boonamu hin turre. Kan madaqfatan qofa utuu hin tahin seenaan saba Oromoo akka jirutt ni awwaalame. Afaan, aadaa fi seenaan Amaaraa, Oromiyaama keessatt akka kan Oromoo bakka bu’u godhame. Abbaa biyyaa tahuu qofa utuu hin tahin eenyummaan Oromoos dhaloota Oromoo qabamsa booda dhufuun akka irraanfatamu yaalame. Guddinni teknolojii addunyaa haala Oromoon itt of ilaaluu jijjiiraa dhufe. Gaaffii nut eenyu jedhu kaasee Oromumma fudhatee gad bahe.

Qorannaa fi afoola qeyee dhagahaniin abbootiin saanii utuu ofirraa hin faccisin akka harka hin kennanne barani. Sanaaf gootota bilisummaa Oromoof faccee irratt darban barbaacha Kaabaa Kibbaa, Bahaa Lixaa fi Giddu maqaa hedduutt bahan. Oromoo garboofatan keessaallee jannooti gita hin qabne akka turan hubatan. Kanaaf akka jarri jedhan ummati Oromoo dhalootaan dabeessaa fi doofaa akka hin turre raga argatan. Akkasitt, goototi dinni irraanfachiisuu yaale bakka awwaalamanii bahanii qobsoo dargaggoo saaniif fakkeeny tahan. Midhammi Oromoo, akka waliin itt ifsatan wallaaluun abba abbaan qeentteen of wareegamaa bahe malee dirrittaawe hunda walfaana dhoosuu gahaa ture. Sabi Oromoo humnaan moo’ameetu malee Waaqayyo tajaajiltuu Habashaa godhee akka hin uumne amananii jiru. Sanaan dargaggoon jaatamoota keessaa afuuraa walii dabarsun wal gurmeessuu eegalan. Yeroo jalqabaafis miidhama Oromoo kana bifa ijaarameen dhiheesuuf jaarmaa malbulchaa sagantaa qabu fudhatanii gad bahani. Sanaan giidoo ukkaamamee ture kana sirnaan masaguu eegalan. Dhaabi malbulchaa isaan fudhatanii bahan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jedhame. ABOn akka fixeensa buusaatt ofbara Oromoott hedduu gumaache. Garuu bakka akeekkate gahuun sababa adda addaan gufataa jira. Miiddhaa ummataa gurmeessee haala sirna qabuun gaggeessuuf hoggansi malbulchaa yk dhaabi malbulchaa barbaachisaa dha.

Hoggansi yeroon dhaqabu batef miidhammi umma hin dhaabbatu. Laafina ABO fi cunqursaa guddataa dhufe ilaaluun murni adda addaa deebi kennuuf ofi ijaaruu eegalan. Mooraan diinaayyuu bokoka jiru suutaa afuura baafachiisuuf aarii Oromoo qabaneessee qabsoo saanii gardabarsuuf kara karaan dhaaba itt ijaaruu eegalanii turan. Kanneen keessaa kan bahee muldhate kan murni Tigaay, TPLF uume, OPDO kan jedhamu. Murnooti Oromoo Heera Itophiyaa fudhatanii isa jalatt akka mormituutt of ijaaranis jiru. Sun hundi Kaayyoo ABOn lafa kaahe bakka bu’uu hin dandeenye. Garuu, “Akka cabanitt okkolu” jedhamaa. Miiddhaan ummaticha irra gahu dabalaa dhufuu sadarkaa hin obsamne gahe. Hamaa of irra faccisaa du’uu kutatee ummati danfee bahe. Kan sii jirra jedhanii itt dhufan hunda haammate. Ummatichi akka dhaabota maqaa saan sosso’anii gargar hin qoodamne. Dhaabota itt dhaqan hunda ofitt dabalee qaama ummataa godheenii. Kaayyoo ganama ABOn lafa kaa’e qabatee tokkummaa saa yoomu caalaa cinfatee akka jaarraa 15-16faa waliin hiriiraa jira. Sanaanis moora diinaa keessatt jijjiirama kanaan dura hin argamne uumee jira. Ilmi Oromoo Oromummaa kee dhossi utuu hin jedhamin, aangoo empayera Itophiyaa irratt ol bahee. Amma Itophiyaanoti waa’ee iyyaatii abbaa irratt wal nokkoruuf yeroo hin qaban, garuu kan dhaaba Tigree mancaasuuf fedhu. Ulaagoti saanii biroon guutamanitt yeroof Oromummaa irra ilaaluun ni dandahama.

Ummati Oromoo walakaa jaarraa darbaniif dhagna oo’ifataa ture malee humna guutuun qabsoott hin bobbaane. Amma buqqa’ee akkuma durii kan jalaa fudhatame deebfachuuf irree ol kaasaa jira. Didhaa fi beekumsa darbeen of barsiisuuf hunduu sirna Gadaa shaakaluuf gosa gosaan gurmaawaa jira. Mallattoo haaromee deebi’uu Gadaaf sun tokko. ABOnis dhaddhaqii keessa seensamee of baasee qaama sochii ummataa tahuun akeeka isa bakkaan gahuun waan hin oolee. Yeros kanneen keessaa yaa’an hundi itt deebi’uu. Akeeki qabsoo Oromoo walabummaa fi bilisummaas bakka gaha. Oromoo jechuun, orma yk ummata jechuu dha. Ummati ummata hin ciiga’uu. Akkuma maqaa saa hunda waliin nagaa fi araara buusee gammachuun jiraata. Falma xixinnoott yeroo dabarsuun ni dhaabbata. Dhibdeen dhalatu ilaa fi ilaameen furaata argata. Demookraasiin Oromoo demookraasii wayyabi fedha ofii yaroo irratt fe’u miti. Murtee hundi wal qayyabataan darba. Kana fa’itu demookraasii hanga yoonaa jiran irraa adda isa tolcha. Oromoon hawaasi bubbucuun akka Baiso, Karo, Kwegu, Maawoo kkf. dilormaa 500-1000 qabanillee biyya ofii kan abbaa biyyaa irratt tahan akka qabanii fi ulfinaa fi eegumsi olloota saanii guguddoo irra akka argachuun irra jiru amanu. Diinoti Oromoo Oromiyaa keessaa fi naannaa see akka nagaan hin jiraanne ummatoota Walitt buusuu yaala. Oromoo diineffachuun eenyuunu ni balleessa malee hin tolchu. Kanaaf hundu shira koloneeffataa irra of eeguu qaba. Oromoon jibba roorroo malee kan halagaa hin qabu. Dhaalmaa Gadaa keessaa demokraasii malee abbaan hirrumaa akka hin dhalanne hundaaf mirkaneessaa.

Bilisummaa Oromoo jechuun bilisummaa Ollootaa fi isaaniis achii jechuu dha. Oromo keessaa qaxaramtuun akka dhooftu cunqursaa koloneeffataatti dhimma itt bahamuun yoos qofa dhaabbata. Diinni, maqaa Oromoo jedhu fudhachuunuu yeroo hedduu itt fixe. Haa tahu malee ammas Itophiyaa yoo jedhan seeraa baasaniif malee sammuu saanii keessa Oromoo fi kolonoota biraa hin jirani. Yoo jiraatanis akka digaluu wayiitti. Oromoon Itophiyaa akka hin taane beeku. Waggoota dhibbaa oliif hedduu Oromoott dhimma bahan. Gita bittuu saaniif Oromiyaan bu’uura jireenya tahe as gahe. Oromoon gaaffii eenyummaa fi abbaa biyyumaa fudhatee kahuun jireenya bicaaqaa sana jalaa dorsisee. Akka baranitt humnaan saamuun rakkisaa tahaa yeroo dhufu tooftaa jijjiirrachuutt kahan.

Empayera Itophiyaa ijaaruutt ciisanyaa fi garbichis gooftaanis abbaawmmaa fi itt gaafatama walqixee qabu turan jechuutt kahan. Lafa saanii guuttummaatt irraa fudhatanii, eenyummaa saanii haalanii waggoota dhibbaa ol hacuucaa fi itt roorrisaa jiraachuun ni irraanfatame. Faanfanni Itophiyaa fi biyya Oromoo “Gaallaa Mareeti” seeraan jedhan gidduu akka hin turret ilaalame. Isin miidhnee jirra; kan darbee aagii nuu tufaa, hariiroo fulduraa irratt haa mari’annuu jechuu irra seenaa sobaa uumuu filatan. Hoduun saanii utuu dhugaa taheeyyuu dhalooti amma jiru fedha kiyya malee eenyu waliinuu hin bulu yoo jedhe mirga saa dhalootaa tahuu fudhachuu dadhabu. Itophiyaa fi Oromiyaa gidduu hariiroon fedhaan uumame hin jiru. Fulduratt uumamuu ni dandahaa jechuun gaaffii biraati? Qayyabannoo rimsamoota malbulchaa kanneen akka demokraasii, bilisummaa fi walqixxummaa walqixxeeffannu malee kan walii tahuun ni rakkisa.

Oromoon akka saba eenyummaan saanii Itophiyaa irra adda tahee fi Itophiyaan humnaan cabsitee akka qabattee beeku. Galmeen Itophiyaas Oromiyaan akka “Qiny gizaatii” (kolonii) saanii taatett beeka. Murnooti Itophiyaa si’ana Oromiyaan duruu kan keessan yoo jedhame malee dhagahuu hin fedhan. Abbaa biyyummaa Oromoo abjuunuu hin fudhatan. Qaccee jara biyya qabachuu fi haala adda addaatiin Oromiyaa dhaqanii ummaticha waliin jiraatan, naannaa ofii addatt hin qabne faa akka sababaati dhiheesaa jiru. Kan hin galleef akka galtuun, jara abbaa biyyaa, abbaa biyyumaa dhabsiisuuf mirga seeraa hin qabne. Oromoon nama isaan waliin jiraachuu fedhu akka dhala saaniitt jiraachisuu. Yartuu galata hin qabne bara nafxayaa yaadduu malee wayyabi waan naannaan argamsiisuuf hirmatanii nagaan jiraattu. Doorsisi lubbuu fi qabeenya jiraattota Oromiyaa nagaa jaallatan irratt kan kanneen warra biyyaa caalaa irra gahe hin turre. Yoo abbaan of halagomse malee halagaa tahuu saaniiyyuu kan yaadatu hin jiru. Kanan addatt kan yaadan kanneen sirni Nafxanyaa ni deebi’a jedhanii hawwan qofa. Sun amma seenaa tahee jira. Itophiyaanotis biyya ofii qabu; akkasumas Oromiyooti. Yoo biyya walii dhaqan akka seera biyya dhaqaniitt jiraachuun barbaachisaa dha.

Biyya saaniin waggaa hedduu kan addaan bahan, afaan Amaaraa dubbatanii fi beekota ofiin jedhan, Oromiyaa fi Oromoo irratt duula banaa kan jiran jiru. Akka qorannoo hedduu godhan himatu; keessaayyuu, sirna bulchaa fi waa’ee afaanii irratt. Qormaati saanii Oromoon saba akka hin taane, biyya Oromoo yk Oromiyaa kan jedhamtu akka hin jirre, qubeen afaan Oromoof “fidala” caalaa akka hin tolle, itt agarsiisaa jira. Dubbiin saa hark caalu dubbii daldalaa haa tahu malee miirri olhaantummaa Habashummaas keessa jirti. Oromiyaan Itophiyaa jalatt yoo hafte karaa quunnamtii saanii kunuunsa adda argachuu dandahu. Kanneen hojii dhuunfaatt hayyama (Patent) itt baafatan keessaayyu “Fidala” wayyaawee fi afaan Amaaraa yoo Oromiyaan Itophiyaa jalatt hafte, gabaa guddinaa kan biyya haadhaa qofaa caalu argamsiisaaf. Afaan Amaaraa olhaantummaa yoo qabaate malee gimbii Qubee cabsanii lixuu akka hin dandeenye qaata xumuratan. Wanti hamaan jara kanaa sabboonummaa Amaaraatt bu’aa ofii saaniif iyyachuu dha. Waan ofii fagoodha laalaan itt hin dhagahamneef Amaaraa fi Oromoon yoo walitt bu’an dhimma saanii miti. Maqaa Itophiyaatt kan isaan rarra’an, horee nafxanyoota durii tahuu saanii fi Oromoof jibba qabataniif malee saba kam keessaa akka tahan waan hin beekneef gara itt kufan waldhaaluuni. Jara tufatta guddatan wal qixxee jiraachuummoo hin fedhanii.

Haalli si’ana empayera Itophiyaa keessa jiru kan dur miti. Hogganni inni jalqabaa qabsoo wal keessaan lugammi harkaa buutee naannaa ofiiyyuu to’achuu haala hin dandeenyett bitintiraa jira. Garuu emayera irratt hedduun saanii ejennoon qaban kanuma durii duriitii. Waggoota kurnan sadii darban kan kooraa empayeraatt ol bahee ummatoota unkuraa jiru gita bittuu Tigray. Ofittumaan kan ka’e akka durii saanii Amaaraa aangoo hiruufiin hafee kan inni qabuu saamaanii, abbaa biyyumaa naannaa saa irratt qabuyyuu gaaffii jala galchani. Garri guddaan Itophyaa Amaara. Empayer ijaaruu Yohaannis jalqabe kan xumuress Amaaraa. Amaarri Itophiyaa, Itophiyaa utuu jedhu Tigraayiinu oolfachuu hin dandeenye. Hireen saa kolonoota irra wayyaa tahaa hin jiru. Salphina maandhaan irraan gaheef finiinuun saanii irra muldhata.

Oromoon abbaa biyyummaa fi mirgoota dhaban deebifachuuf erga ijaaramanii gaaffii kaasanii kurnan afurii ol tahaa jiru. Gaaffii saanii fiixaan baafachuuf qabsoo malbulchaa fi hidhannoott dhimma bahu. Ummatooti Gaanfa Afrikaa ollummaan bara baraan walcinaa jiraachuu uumaatu dirqisiisaa. Kanaaf wal dhabdeen isaan gidduu jiru nagaan furachuuf durfannoo akka kennan Oromoon irra deddeebi’anii ifsanii jiru. Haa tahu malee mirga dhalootaa fi biyya ofii dabarsanii gonka tolan hin kennanii. Hariiroo ollaa waliin qabaatanii fi akka ittiin jiraatan fedha ofii dhiibba halagaa hin qabneen murteeffatu. Kanaafi, murtee sabi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu addunyaan beekame hojii irra oolfachuuf kan wareegama guddaa baasaa jiran. Hamma yoonaa kan wareegamaan argame kan gaafatu baasanii eeguun wareegama lammiitt kabaja horuu dha. Kanneen hanga yoomiitt dhiigi dhagalaha, kan halagaan nuu kennu fudhannee haa jiraannu jedhan onneen saanii baqe jiru. Mudaa dhalootaa kan qabu yoo hin taane, ilmoon namaa waanuma ofii argachuuf harka halagaa kajeelee jiraachuu du’a irra hin filatu.

Akka dhaaba tokkoott qabsoon ABOn gaggeessu dura Oromoo mirga kana gonfachiisuu; itt haanee Repulik Oromiyaa Demokraatoftu walaba taate dhaabuu dha. Haatahu malee mirgi akka fuldura itt jiraachuu fedhuu murteeffachuu kan ummata Oromoo tahu ni amana. Murnooti malbulchaa Oromoo biraan, yaada addaa qabaachuun ni mala. Kanaaf hundu yaada ofii filmaata ummataaf dhiheessuu hiree ni qabaatu. Halagaa haa tahu firri murtoo ummati fedha bilisaan fudhatuun buluun dirqama seerawaa dha. Ummati mirga kana akka hin shaakalle dhowwuu yaaluun ofirrummaa fi yakkamaa tahuu dha. Ummati kamuu tokkummaa ofiitt amanee waliin jiraachuu hanga gaafatetti eenyuu mirga dura dhaabbachuu hin qabaatu. Kan waliin ture akkamitt gargar bahaa fi qophii akkamii feesisaan gaaffii akkaa tahuu dandaha. Garuu kan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu dhowwu tahuu hin qabu.

Oromoon kanneen afaan halagaan, “zaranyaa, gosanyaa” jedhaa filannoo fi eenyummaa saanii akka maman gochuu yaalan lakkofsattuu hi galchu. Oromoof walabummaan mirga. Mirrrga sanaaf ulfina kan hin kennineett gurra hin qeensu. Kanneen olhantummaa Itophiyaa deebisanii irratt fe’uu fedhan diinaa. Hariiroo ummachuuf gaafachuun waan tokko; fedha Oromo dogoggora jedhanii kan hololaan eegalan garuu isaan eenyu tahanii kana jedhuu of gaafachuu qabu. Habashaan aka Oromoon itt jiraattu murteessuuf waan mirga qabuu tahe dhihaachuun ofirrumaa dha. Federalummaa amma jiru yoo fudhatelle finnaa Oromiyaa cimaa malee harka federaalaa cimaa waliin miti. Kun oftuultuuf hin liqimsamu. Herri jirus kan deebi’ee dhofsifamu.

Hogganooti OPDO Itophiyaaf araada qabna jedhani. Isaan malees kan araada sana qaban akkasitt hin dhiheeffatin malee hin dhibanii. Kan araada qabu akka bahatu itt dhiisuu yk hadhaadhiyyuu galchuu dha malee hamaatt fudhatame hin mormamu. Olhaantummaan seeraa fudhatamee hundi akka barbaadutt of ifsuu dandeenyaan wanti lolatt nama geessuu hin jiraattu. Haalli nagaan of ifsuu fi sosso’anii yaada qaban ummataa hiruu jiraachuun hundaaf tolaa. Kanaaf falli jiru mirgota walgahii, bilisummaa of ifsuu fi dubbachuuf haala mijjeessuu qofa. Kan dhiiga dhangalasu malee dhibdee nagaan hin filadhu jedhu fi mirga murnootaa hin beekuf jedhu lolaan gargar haa baafannu jechuu saati. Yoo hudhame, Oromoon deebisee hudhuu hin dandahu jedhee kan yaadu jechuu dha. Oromoon nagaa jaallata. Garuu mirga abbaa biyyummaa fi eenyumaa saanii kan dorsisuuf hin sarmani.

Akka seeraatt Ihaadeg goloota Itophiyaa keessaa tokko. Ummataan kennatame jedhee aangoo irra jira. Oromoof diina isa qabate kan wakkalu isa waan taheef abbaan barcumaa saa Oromoo tahuun diinummaa sana hin haqu. Gaaffiin Oromoo akka deebi argatu kan ittiin dhoofsisuus, kan ittiin qabsaawus isa. Empayerri Itophiyaa sirna demokraasii fi olhaantummaa seeraa qabuun kennati qajeeltuu fi bilisa tahe yoo gaggeeffate qabsoo Oromoof anjaa qaba. Abbaa hirree irra, demokratawaa waliin dhoofsisuun ni salphata. Garuu empayerri ni diigama malee demookraatawee hin beeku. Finnaan Itophiyaa waggoota hedduu lakofsifatee jira. Garuu sirnni isa sirna Nugusa tokkoon hogganamu. Sun jijjiiramus mootummot isa duuba dhufaan kan kennataan dhufan haa fakkeessan malee bulchuma gola tokkooti. Goloti sunis abbaa tokkoon kan dhunfatamani. Golli amma jiru, Ihadeg aadaa malbulchaa Habashaa sana keessaa bahuu hin dandeenye. Kan sana uumee fi humna dhugaa qabu dhaaba Habashaa gane TPLF (Wayyaanee) jedhamu. Wayyaanee/Ihadeg kennata waligalaas waliin dhahe, golichas kan abbaa hirree godhe. Kanaaf demokraasii isaan baanan kan sobati. Empayericha diiguu waan hin barbaadneef demokraasiis fidu hin dandahani.

Ummati kana caalaa cunqursaa waan hin dandeenyeef sochii cunqursaa hundee buqqusu gochaa jira. Sanaan golicha keessa wal sukuumun dhalatee jira. Nama dhiibbaa ummataan dhufes abbaa barcumaa Ministeera Muummees (MM) tahu muudatee jira. Ummatooti empayeraa waa’ee kennata itt haanuu gaafataa hin jirani. Hundi sana dura akka MM TPLF ari’u barbaadu. TPLF ari’i jechuun Ihaadegiin diigi jechuu dha. Kun hin hafu jedhanii Itoophiyaa bakka bara Nugusaatt deebisuuf kan of qopheessaa jiran mullatanii jiru. Qeesiin Tawaahidoo guddichuu uggee angoo heeraa 39 abaaraa jira. Cunqurfamooti as gahuuf wareegama dhiiga akka galaanaa lolaaseen as gahe tuffatame jechuu dha. Kanaaf sochii Oromoon gara bilisummaatt jalqaban qofatu ummatoota empayerittiif abjuu jireenya demokraasiif qaban dhugoomsuu dandaha. Ummatooti hundi of demokraatessuuf qabsoo keessaa yoo godhatan demokraatoti tokkummaa ummachuun ni salphata. Sirnooti ofaangessoo fi demokraasii walitt hin tahanii. Ummatooti sirna demokraasiin walqixxummaan jiraachuu fedhan sirna of aangessoo of irra gatan malee sirni lamaan moora tokko keessa hin jiraatani. Sammuu abbaa hirrummaa baatanii waa’ee bilisummaa fi walqixxumaa hodeessuun of gowwoomsuu dha.

Ummati Afriikaa tokkummaa ofii yoo jabeeffate ofiifis sanyii gurraachaa hundaafis abdii tahuu dandaha. Murna murnaan aadaa, dudhaa, afaanii fi akkaata jireenyaa wal irra adda tahe qabaachuu walii fudhachuun barbaachisaa dha. Eegaloota walitt nu hidhanii fi walitt hirkachuu barbaachisaa godhan addaan baafamanii sana oolfachuun ni jabeessaa malee hin laaffisu. Walqixxummaa ummatootaa fudhachuun durfannoo taasifamuun bu’uura tokkummaa tahuu dandaha. Tokko isa biraa fedha saa malee of jala galchuu, wal daguu, hariiroo walgidduutt keessaan laalummaa yk iftooma dhabuun wal irra fageessa malee walitt hin dhiheessuu. Kanaaf waan seenaa empayera Itophiyaa ilaalutt isa dhugaa diriirra irra keenyee maal nuu wayya yoo jenne, furmaata waloo arganna malee, seenicha akka hin taanett tottolchuu yoo yaalle bu’aan saa wal amantee dhabu taha.

Birmaduumman hardhaa garbummaa kaleessa ture dhara tolcha jechuu miti. Kan kaleessa gooftaa fi garbicha turan sadarkaa irra turan walii beekuu malee, mana gooftaan kiraayii kennataa bahe garbichi gooftaaf ijaare, mana keenya waloo ture waliif ijaarre jechuun gowwoomsaa ija baase taha. Garbichichi dhiigaa fi dafqa saa itt dhangalaasaa turuun hin haalamu. Dhiigaa fi dafqichi kan lola’e bu’aa ofii utuu hin tahin kan gooftaa saaf ture. Hardha garbichi diduun gooftich yeroon yoo itt badu, seena ture jijjiiree, waliin tolchaa, balleessaa, itt gaafatamaa fi abbaawummaa walfakaataa qabaataa turre jechuun birmadummaa garbichi harkatt galfachuutt jiru hankaaksuuf yaala jira. Sanaaf, loloota saa adda addaa irratt jabduu garbichi raawwate akka ragaatt dhiheesuu yaala. Loloti sun kan humnaan itt oofame malee jalala biyyaan ofii kaka’ee kan itt bobbahe hin turre. Isaan keessaa tokko haa laallu.

Oromiyaan Tuulamaa hanga Boranaatt kan qabamte 1886-1896 ture. Lolli Adwaa 1896ture. Waggaa kudhan keessatt Itophiyummaatt dhandhoonamee jaalalli see macheesseee kilo metra kumaa ol deemee diliitt seene jechuun waan hin fakkaanne. Madaan duudee, rifaatii keessaayyuu bahuu hin dandahu. “Sirba Giddii kan mangistii” jedhaa tibba gaaffii malee gara oofanitt oofamu ture. Minilikiif Xaaliyaaniin baras koloneeffatoo gorantakkaa turani. Waliigalteen adda addaas gidduu saanii ture. Waliigaltee diiguun humnooti walitt bu’uun addunyaa keessatt waan haaraa hin turre. Wanti haaraan kan wal dhaban gurraachaa qaroomaan duubatt hafaa fi Adii teknolojiin guddaa tahuu saanii ture. Lachanuu lolichaaf ummatoota dhiheenya koloneeffatan hiriirsanii jiru. Gara Itophiyaan koloneeffamanis koloneessaanis gurraacha yoo tahan, gara Xaaliyaanii gurraachaa fi adii turan. Barri saa bara gurraachii gurguramee addunyaa irra facahee ture mataa ol qabataa ture. Adiin mohamuu dandahuu arguun hunda saanii buhaarse. Sun kan garbummaa jala jiran hundaaf jajjabina tahee ture. Kan walitt bu’an lachanuu koloneeffatoo tahuu saanii utuu hin tahin dogoggoraan tokko akka koloneeffataatt kan bira akka farra koloniitt kan fudhatan hedduu turan.

Diliin Adwaa gurraachi injifannoo argachuun kan boonsu taheyyuu waan gurraachaaf qaanii tahes qabaachuun golgamee darbe. Boojuun adii tahan ulfinaan yerroo qabaman, gurraacha kan tahan harkaa fi milli irra ciramanii dirree irratt gargaarsa malee gataman. Hanga duuti aara galfachiisutt bishaan jedhaa dabarsuun saanii galmee Seenaa irra jira. Kun mootota Habashaaf shakala haaraa miti. Teedrosis, Yohaannisis Oromoo irratt sana tolchanii jiru. Sun moorota (macaafota) seenaa Itopiyaa ijoolleen barattu irra waan ture. Minilik harmaa fi harka Oromoo injifatee Annolee fi Asuleett muree dame Odaa karaa duraatt rarraasee ture. Siidaa jaraa harma muraa harka muraa Annoleef dhaabbate jigsaa jedhaa jiru. Bara kana hunda siidaa handhuura Oromiyaa irra namicha yakka kana tolchee dhaabbate maaf hin diignee? Isaan hobbaatii gocha sanaaf isa yaadatu mitii? Hangammeessa gita lamaa kana akkamitt sirreessuu?

Nammi fixaqaccee raawwate akka Minilik faa, sammuu nagaaf akkamitt boonsaa tahaa? Duula saafis humnaan yoo hin taanee Oromoon fedhaan hiriire jechuun akkamitt dandahamaa? Sun amma seenaa tahee jira. Jireenya hardha keessa jiruu fi kan eegeree nuuf hin jijjiiru. Wal Amantee ijaaruu yaaluu dha. Waa’ee maalummaa Oromoo irratt wal sobuun sanatt gufuu tahuu dandaha. Kanaaf jarri Itophiyaa seenaa ofii, ofiitt qabatanii, kanneen biraa garaa booressuu utuu baatanii waan gar lachanuuf dhimma baasu irratt waliin dhoofsisuu ni dandahu. Kana malee mootota saanii nama nyaatoo addaababayii waloo irratt dhiheessanii faarsuun hardhas miirri hammeenya jaraa, ijoollee sanii keessas jiraachuu hin agarsiisuu laata? Oromoon kan firoomuu dandahan nama nagaa fi araaraaf garaa qulqulluu marga jiidhaa qabatee dhufu qofa.

Duula Maayicwu duuba, “Gaallooch (Oromoon) duubaan nu waraanan” jedhee Haayila Sillaaseen moor saa keessatt himatee jira. Sun jaalala Itophiyaa agarsiisaa laata? Itophiyaan kaleessas hardhas biyyoota Amaaraa fi Tigreeti. Yeroo qacceen Nafxanyaa, yoomiyyuu Itophiyummaa ifsan xiyyeeffannoon dhaggeeffachuun sana raggaasisuu dandaha. Goototi saanii mootota akka Teedrosii fi Minilik Oromoo gad ciranii fi kan hafan salphisanii dha. Waggaa waggaan guyyaa dhalota saanii akka reef du’aniitt imimmaan lolaasuutu isaan hafa. Nutis lammii keenya isaan fixan yaadachuuf carraa arganna. Alaabaan saanii kan dulli Oromoo cabsee qabate balaliisaa itt dhaqe, xaxatanii Oromoon akka duukaa hiriru eeguu. Biyya tokko, alaabaa tokko, gootota tokkoo, seenaa waliin itt boonnu tokkoo fi miira kan durii itt yaadannu tokko hin qabnu. Akka gitaa qofa utuu hin tahin akka sabootaatt garboomaa fi garboomfataa, moo’aa fi moo’amaa, cunqursaa fi cunqurfamaa taanee jiraanne. Haa tahu malee waliin jiraannee keessa walii hanga tokko walbarree jira. Abba tokkoota hiriyoota fi dhirsaa fi niitii taanees waliin jiraanneera. Waliigalatt “aramanee” nuun jettanuu, hedduun keenya dhugeeffannoo tokko isin waliin qabna. Kanneen, walitt dhufa fuula duraaf riqicha tahuu dandahinnu? Dhiiga keenya itt fuftanii xuuxuuf garuu sababa hin tahanii. Haaloo qabnu duubatt dhiifnee akka ummatoota Afrikaa walqixee taaneett hariiroo Gurraacha boonsu ummachuu haa yallu. Oromoon halluu gogaatiin nama hin faanfanu. Garuu hokkoon gara ofiitt haati jedha.

Kanaa olitt garaa garummaa fi tokkummaa keenya agarsiisuun yaalamee jira. Soba hanga yoonaa hariiroo keenya keessatt suuquun yaalame yoo dhiisne wanti wal qayyabachuu nu dandeessisan jiru. Fakkeenyaaf, naannaa lafquwii, boonaa qabbana (bonqabban) fi qabbanaa fi o’a (qobbanoyii) keessa jirra. Jarri kun alii al hammachuun waan hin olleef waliin malee mata mataan fala soquun furmaata hin fidu. Laggeen walitt yaa’an qabnaa. Karoora waloon dhimma itt bahuun bu’aa qaba. Mirgootaa fi fedha walii, walii beekun yoo walii kabajne rakkina godinaa keenyaa keessa salphaatt hulluuquu dandeenya. Oromoon nuti Itophiyaa miti yoo jedhu maaf Amaarri qofti anatu isinii beeka jedha? Isaan tahan malee misi hin jiruu? Isaan tahan malee frommi hin jiraatuu? Oromiyaa qorqan malee jiraachuu hin dandahanii? Nagaan naannichaa yoo barbaadame ilaalcha dulloome jijjiirrachuu qabu. Gaaffiin Oromoo abbaa biyyumaa fi mirgoota irra mulqaman deebifatanii, quufaa fi gammachuun jiraachuu dha. Kun kan tahu, mirga sabootaa hiree sabumaa ofii, ofiin murteeffachuu gufuu tokko malee yoo dhugoomfatan qofa. Ollaa waliin hariiroo akkamii qabaatu; eenyu waliin tokkumaa ummatanii jiraattu, gaaffoliin jedhan sana duuba kan dhufanii? Kanaafis bilisummaa argachuutu irra jiraa.

Diinni Oromoo Oromoo saaduu eegalee jira. Akaakuu Oromoon qaban utuu hin tahin kan inni akka qabaatan fedhu kennaafii. Sun akkuma yeroo aangoo irratt qabuu, fedha eenyumaa saanii haaluu irra madda. Kanaaf, ulaagaa inni lafa kaa’eefii addatt, gaaffii kan kaasan dhiphoo, fotoqsituu yk shoroorkeessitu irra buusa jedhaman faatu kennamaa fi. TPLF/EPRDF, ABOn shororkeessaa jedhee labse. Ergasii, Oromoo jibbu hunda ABO dha jedhe hidhaa, guraaraa fi ajjechaan itt roorrisaa jira. Kanaaf, manneen hidhaa afaan Oromoo dubbatu jedhee qondaalichi Tigree raga bahe. Kan isa maalalchiise garuu dadhabina imaammata isan ofiitt jijjiiruu ture. Diinni Oromoo hundi mallattoon saa ABO balaaleffachuu dha. ABOn tokkummaa saa akka hin eeganne karaa dandahan hunda kan itt bobahaniif kanaafii. Doo’ii Way

Diinni Oromoo Oromoo saaduu eegalee jira. Akaakuu Oromoon qaban utuu hin tahin kan inni akka qabaatan fedhu kennaafii. Sun akkuma yeroo aangoo irratt qabuu, fedha eenyumaa saanii haaluu irra madda. Kanaaf, ulaagaa inni lafa kaa’eefii addatt, gaaffii kan kaasan dhiphoo, fotoqsituu yk shoroorkeessitu irra buusa jedhaman faatu kennamaa fi. TPLF/EPRDF, ABOn shororkeessaa jedhee labse. Ergasii, Oromoo jibbu hunda ABO dha jedhe hidhaa, guraaraa fi ajjechaan itt roorrisaa jira. Kanaaf, manneen hidhaa afaan Oromoo dubbatu jedhee qondaalichi Tigree raga bahe. Kan isa maalalchiise garuu dadhabina imaammata isan ofiitt jijjiiruu ture. Diinni Oromoo hundi mallattoon saa ABO balaaleffachuu dha. ABOn tokkummaa saa akka hin eeganne karaa dandahan hunda kan itt bobahaniif kanaafii. Doo’ii Wayyaaneen maqaa Oromoo xureessuuf Arbaguugguu fi Baddannooti waggoota digdamii shan dura tolchite utuu namootumti Amaara tahan ragaa bahani hardhayyuu akka waan ABOn tolcheett kan xeeban jiru. Oromoon waan ofii tolche itt amanee tolcha; ittiin dhaadata malee haaluun safuu dha. Dadhabooti ABO keessa jiran, shiira diinaa kana naamusaan jala dhaabbachuu dadhabanii yoo jala kufan mullatu. ABOn jaarmaa akeeka jaalbiyyaa fi goototaatin dhaabbate. Dabballoota daddaaqoo Kaayyoo irraa cehan, madaalamu hin qabu. Isaan sababfatanii akeeka ABO jallisuuf abbaltiin yk wallaalinaan kan bobbahan hedduu dha. ABOn dhugaa, warraaqaa dha. Fedha Oromoo bakkaan gahuuf duubatt hin jedhu. Walabummaan Oromiyaa, tokkummaan Afrikaa fi nagaa fi araarri addunyaa yoomuu akeeka saati. Oromiyaan haa jiraattu! Bilisummaan haa lalisttuu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2018

yaaneen maqaa Oromoo xureessuuf Arbaguugguu fi Baddannooti waggoota digdamii shan dura tolchite utuu namootumti Amaara tahan ragaa bahani hardhayyuu akka waan ABOn tolcheett kan xeeban jiru. Oromoon waan ofii tolche itt amanee tolcha; ittiin dhaadata malee haaluun safuu dha. Dadhabooti ABO keessa jiran, shiira diinaa kana naamusaan jala dhaabbachuu dadhabanii yoo jala kufan mullatu. ABOn jaarmaa akeeka jaalbiyyaa fi goototaatin dhaabbate. Dabballoota daddaaqoo Kaayyoo irraa cehan, madaalamu hin qabu. Isaan sababfatanii akeeka ABO jallisuuf abbaltiin yk wallaalinaan kan bobbahan hedduu dha. ABOn dhugaa, warraaqaa dha. Fedha Oromoo bakkaan gahuuf duubatt hin jedhu. Walabummaan Oromiyaa, tokkummaan Afrikaa fi nagaa fi araarri addunyaa yoomuu akeeka saati. Oromiyaan haa jiraattu! Bilisummaan haa lalisttuu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2018

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *