0

KAN DARBE UTUU DHALANDHALLUU AKKA HIN DAGAMNE

Oromummaan ilaalcha muuxataa jiraatu, gogaa dullacha luqqifatee isa haaraa jabeeffataa deemu. Warraaqaa waan taheef bakka tokkott kantaree kan hafu miti. Kana qabsoo qabsaawoti Oromoo hanaga yoonaa gaggeessan irraa hubachuun ni dandahama. Sochiin bilisummaa jaatamoota keessa eegale haaromee si’aayina caalaan itt fufuun raga kanaati. Warraaqsi Oromoo yaa’a uumaa kan jallisu utuu hin tahin saphapuu itt marame irraa duguugee fulduratt kan arreedchisu. Oromummaan, Oromoon tokkummaan saanii utuu hin tuqamin fi eenyummaan saanii gaaffii jla hin galin jiraatanii, addunyaafis jireenya bilisa gumaachuu kan masaku. Akka Oromummaatt, ummati hundi wal qixxee fi biilisa, tahe, mirgi ilmaan namaa kabajameefii jiraachuu eenyuu mulquunii kan hin dandeenye. Ummata hundaaf qajeeltuun waan hin qoqqobamne. Utuu mirgoota kana hin gonofatin waa’ee bilisummaa ollaa dubbachuun munaaquu taha.

Hariiroo godina, waldaayyaa fi addunyaa waliin qaban kan dhoofsisan yoo birmaduu tahan qofa. Kanaaf mirga hiree sabummaa ofii eenyuttuu utuu hin hirkatin mirkaneeffachuu akeeka godhatanii kan ka’an. Of bilisoomsuuf tattaaffii isaan godhan kan tolaatt hin fudhanne jiru. Naannaa sanaa ummati biyya beekamaa fi eenyummaa beekamaa hin qabne hin jiru. Hundi seeraan bulmaata hanga fudhatett, ilmoon namaa hundi nambiyyummaa filate qabaachuu, biyya filate keessa jiraachuuf filmaata baldhaa qaba. Filmaati kun abbootii biyyaa, biyya saanii haaluun utuu hin tahin seeraan itt makamuunii. Oromoon Oromiyaan biyya keenya jedhanii amanu. Halagaan seera saanii fudhatan waliin jiraachuu feenaan harka ballifatanii simatu. Qabsoon Oromoo moo’ummaa fi mirga humnaan mulqaman deebfachuuf malee mirga eenyuuttuu darbuuf miti. Kun hamaa qabaa laata? Yaadi kun dulloomaa dhaa? Dhalooti si’ana kana caalaa yoo gaafate mirga saatii; jija hanga yoonaa argaman hanqisuun garuu farrummaa taha.

Jarri bilisummaa Oromoon morman maal himatu? Oromiyaan jaarraa tokkoo fi walakaa halagaan dhidhiitamaa fi dukkana keessa jiraatte. Amma ifatt baatee iji ummata see wayyabaa ifichatt baree jiraa. Haa tahu malee Oromoo keessaa kan ifa sana ilaaluu hin uggine hardhalee jiru. Namooti kolonoota ollaa, Oromiyaa keessatt jireenya tolfatanii jiraatan kan keessa turan caalaa jireenya hammeessinnaa jedhanii sodatu. Oromoon ummata olhantummaa seeraa fi safuutt amanu. Kanaaf aadaa namatt cobuu hin qabu. Bara qabsoo fi injifannoo duubas olloota hamtuu bulcha halagaa waliin dhadhamataniif gamtaa agarsiisuuf fedha qaban agarsiisaniiru.

Namooti qaccee nafxanyoota durii tahan kan sirna Nafxanyaa akka amanteett fudhatanis jiru. Garri caalaan jara kanaa seenaa abbootii saanii keessa deebi’anii jiraachuu hawwuu. Biyya itt dhalatan biyya keenya jechuu dhiisanii empayera bosose tursuuf hololuu. Sun yoo hin taane akka biyya hin qabneett of hedu. Ilaalchi akkasii akka hin baafne, qabsoo hardha ummatooti empayeritt jalatt miidhama turan godhan irraa baruu dandahu. Amaarri hacuuccaa Tigree hifachuun tokkummaa fi eenyummaa ummataa Amaaraaf qabsoo itt jiran argaa jiru. Ta’innaa kan garaa qabanii dhiifne, dhaadannoo saanii irraa dura eenyummaa ofii jabeeffachuuf akka murteeffatan ni muldhata.

Lakkoofsa saanii utuu hin hedin tokko tokkoon ummataa empayera jala jiran ummatoota Afriikaa addatt eenyummaa qaban tahu hundi beekuu qaba. Sana walii fudhannaan empayera keessatt qofa utuu hin dangahamin ummati hunduu kophaa yk abbaa fedhe walii jiraachuuf mirga akka qabus walii beekuu dha. Yoo akka gooftaa fi garbichaatt jiraachuu hin abballu tahe bilisummaan ummata tokko isa biraa want dhibuuf hin jiru. Ummati tokko kan biraan sii waliin jiraachuun fedha yoo jedhe kan gaafatame fudhachuus diduus akka dandahu beekamuu qaba. Mirga akkasii walii beekuun wal amantee uumee caalaa walitt butuu ni dandaha.

Sirni Nafxanyaa humna Habashaa mootii Amaaraan hogganamuun uumamee. Amaarrii fi Tigrawayis gonfoo mootii mootota Habashaa tokko jalatt beekamu. Tigraawaayi si’anaa isaan gananii naannaa tahitaa ari’uun empayera hoggansaa saanii jalatt uumame dhuunfatanii Nafxanyaa haaraa tahanii jiru. Maqaa Habashaa jedhu dhiisee seeran 1941 Itophiyaa kan galmeesse Amaara ture. Kolonoota Minilik “Ya Gaallaa Agar” jedhuunis Itophiyaa taatan jedhee. Kanaaf Amaara malee maqichi hamma hin jirre. Gurguddoon Amaaraa biyya ofiitt hafan tokkummaa fi eenyummaa saba Amaaraaf qabsoo eegalanii jiru. Amaara haa tahanii ashkarooti ummatoota biraa keessaa Amaaressanii hirirsani fi empayera keessa faca’anii jiranatan tarkaanfii biyya Amaaraa kana hin jaallanne, Itophiyaatu badaa sodaatu.

Qabsoon biyya irraa qabsawanii fi ummata qabsawaniif gaafata. Qacceen Nafxanyaa biyya itt dhalatan abbooliin saanii olhantummaan bulchu dhagahanii walqixxummaan jiraachuun itt ulfataa jira. Kanaaf ummata wayyaba abbaa biyyummaa saa haalanii, sirna Nafxanyaa Dargiin foyyesse tursuu yaalu. Sirnichi hundee waan raafameef akka duriitt akka hin deebines beeku. Kanaaf eenyummaa ofii qooda keessatt fudhachuu didan ummatichis dhabee, akka saba of dandaheett utuu hin tahin, Itophiyaa jalatt akka funaansa abba tokkootaatt of fudhatu yaada dhiheessaa jiru. Oromoon Oromummaa saanii of mulqanii akka hoomaa lakkoofsatt jiraachuu ni fedhuu? Kana isaan caalaa kan ofii beekuu waan hin jirreef, halagaan Oromoof anatu beekaa jedhe laagaa banuu dura isaanuma gaafachuu ture.

Ummati kun hacuuccaa balfee jira; kanaaf nagaan karaa hiree saanii itt muteeffatan soquu dha. Haalli kaleessa keessa turre seenaa tahee jira. Seenaa darbe halala guuruun singigoof malee sifayinaaf hin tahu. Kanaaf kan dhimmi ilaalu hundi fala yeroon gaafatu itt barbaaduu qaba. Oromoon karaa fi yeroo adda addaa mo’ummaa Oromiyaa irratt qaban deebiffachuuf kutannoo qaban agarsiisanii jiru. Qabamaa as mootummooti jaha harka itt jijjiirratanii turani. Isaan keessaa Dargiin empayerittii keessa sabootii fi sabaawoti jiraachuu baree ture. Garuu daddeebisee tokkummaan Itophiyaa kan hin biinxa’amne jedhaa bahe. Kan Dargii dhaale Wayyaaneen fooyyessee, ummatooti hundi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaatt qabu kan jedhu heera ofiitt galche. Kanneen empayera bulchuutt wal jijjiiran keessaa kolonootaa mirga dhalootaa kana baruuf mootii isa jalqabaatii. Kun kan dhufe dafqaa fi dhiiga ummatootaan malee tola miti. Sun gaaffii deebii argate waan taheef keessa deebi’uu hin feesisu. Amma kan hafu hojii irra oolchuu waan taheef sana ariifachiisuuf qabsaawuu dha; nyaaphii lafa duwwaatt haa wacuu.

Dhugaan yeroo dantaa ofi tuqxu hin jaallatamtuu. Maalummaa Itophiyaa Amaarrii Tigreen walqixxee beekaa. Mirga eenyummaa ummati koloneeffatan qabsoon argate akka waan Tigreen fedhee Itophiyaa facaaseett yoo abaaran argamu. Jara dhugaa maalummaa Itophiyaa fi eenyummaa kolonota saanii utuu beekanii gara dabarsan waliin akkamitt garaa quulqulluun dhoofsisuun dandahamaa? Itophiyaan kolonootaaf homaa jechuu akka hin taane utuu beekanii gurguddoon Habashaa Itophiyummaa legellegaa ooluu. Sun bu’aa kolonoota saanii durii irraa argatan hedanii malee Itophiyaa leellisaniif miti. Isee jala dhokatanii qabeenya Oromiyaa bolquuf akeekkataniitu. Kolonooti birmadoomuun, sana hunda isaan dhabsiisa. Kanaaf hardhas dhaadannoo Dargii, “Itiopiyaa tokkittii yk du’a” jedhu oofaa jiruu. Itt fufnaan isaanis waan Dargiin argate hin dhabani. Sun utuu hin gahin, ummati waan isaan baanan ni filata yoo tahe ifatt gaafachuun hama irraa isaan oolchuu dandaha. Haalli kaleessa keessa turre seenaa tahee jiraa. Seenaa darbe halala guuruun singiggoof malee sifaayinaaf hin tahu. Kanaaf kan dubbiin ilaaltu hundi rakkina hardha keessa jirruuf utuu caalaa wal hin madeessin fala haalli keessa jiran gaafatu soquu dha. Ummati hundi akkaataa fi maqaa hin feeneen jiraachuun giddiin itt hudumamuu hin qabu, hin dandahamus. Wayyaaneen ummata lafa irraa haxaawee biyyoota empayera keessa jiran hunda dureeyyii adunyaaf qirca godhee utuu hin fixin, gaaffiin jiru deebii argachuu qaba.

Qabsoo ijibaachisaa fi wareegama hangana hin jedhamneen Oromoon saderkaa irrabuusii darban ibsuu hin dandeenyee gahanni jiru. Hoodi diinaa ni burkutaawe. Golgaan sodaa irraa ka’ee jira. Diina hanga yoonaa fuuloo kan hin dabsatamnee fakkachisu jala dhokatee ture qullaa dhaabuun fuulleett walitt bahanii jiru. Madaa koloneeffatoo Minilikii hanga Dargiitt turan irraan gahan hooqanii kulkulfachiisuun yeroo ammaaf bu’aa hin qabu. Sana ijoolleen waabariitt haa quwattuu. Mallii fi dira’inni saanii qabsoon irra haanamee jira. Amma kan gufuu itt tahee jiru Nafxanyaa haaraa dha. Isa kanas hundee buqqisuuf raasaa jiru. Mootiin ummataan jibbamee hamma ilkaan socho’eetii; buqqisuu malee fala hin qabu. Amma, qabsoo Oromoo sadarkaa kanaa kaaneetu kan ibidda itt tuqachuu qabnu.

Si’ana garadabarsoo hedduutu jira. Waa’ee qabsoo Oromoo walabummaaf tolfamu yoo dubbatamu dhagahuun waakkii dha. Garri Badii colluma qaban murna murnaan gareett of ijaaranii wal gaadaa jiraatu. Sabi Oromo dadhabina tokko tokko qaba. Kanneen keessaa qomummaa, gandummaa, wallaalina fi amenteetu argama; nammii gargar baasuu barbaadu gara laafota kanatt qubaa dhaha. Gosa oo’istaan nama dorsisuun shakala beekaman keessatt argama. Sabaawan Oromoon dammaqina malbulchaa qabu/qabdu seexaa ofiin malee dorsisi kamuu hin raasuunii. Warraaqaan, kan biraa itt dhalachuu qofaaf rakkina ganda Oromoo tokkoof na caalaa dhimmama jedhee kan hin yaadne. Shakalaa fi yaada lammiin dhiheessu yeroo hundaa hamaan laaluun haxxee nyaaphi saba ofii hidhett ilaalaa dirmuu dha. Garaa garummaan qabattee tokko keessatt ka’u lammiin hafee diina waliinuu nagaan fixachuutu filatama. Lammiin rakkina qabu golgaa duubatt fixachuu qaba. Kana malee utuu hin abbaliin diina cinaa dhaabbannee akka of hin agarre eeggachuu dha. Kanaaf sabboonoti Oromoo utuu hin qophaawin akka hin qabamne dammaqnee eeggachuu qabna. Kan tarreeffane keessaa safuun isa afoo tahuu qaba. Nokkorroo wal gidduutt goonus “Ilaa fi ilaameen” haa fixannu.

Maqaa Oromoon Yaa’aa qopheessuun biyya alaatt Badiin yaalamaa jiraa. Utuu Oromiyaatt qophaawe tahee qoocolloo irraa isaan oolcha ture. Yookaan maqama Oromo Badiin utuu qopheessanii wayya ture taha. Oromoon baqatan halaalaa ummaticha iddoosna jeedhanii yaada isaani ummaticha irratt fe’uu hin dandahanii. Ammayyuu dhimma baasuu barbaadnaan yaadaa fi gargaarsa waatattaa, kan hanqina iyyaatii fi waan jireenyaa biyyi qabu guutu, qabatanii bahuu dandahu. Yaa’ii sabaa hoggansa kan biyya jiraataniin, lafa jala yk ifaan walgahuu dandahaa. Yoos qofa kan isaan akka yaa’a sabaatt milkooman. Ciminni dooyyaa fi lakkoofsi galtootaa akkasumas bakki irra dhaabbatanii yaadaa jiran sodachisaa tahuu dandaha. Garuu dhaloota uumsataaf wanti hin dandahanne hin jiru. Oromoon kan waa tolchaa jiran daggala halagaa jalatt. Seenaa Oromoo yeroo ammaa keessatt eenyu faallaa fedha ummataa, jiru eenyu akka daggeru addaan baafachuun hedduu rakkisaa dha. Ifaajjee hunda dura addi jabaan qaawaa hin qabne jiraachuu qaba ture.

Dhaddhaqii keessa galan ofumaa keessaa bahu akka ijibaatan dhiisanii, ammallee kanneen gara dhaaba bilisummaa Oromoo jabaa uumuutt tattaafata jiran itt fufuu qabu. Hojiin qaroomaan tolfaman sunii fi giidoon itt bade dogoggora tarsiimoo bucuuf gatii itt bahee gaditt cabuuf deemu. Haala kamuu jalatt warraaqsa Oromoo kan dhaabu hin jiru. Yeroof dacha’uu ni dandaha garuu galaana tahee deebi’uuf dandeettii inni qabu hin mamsiisu. Ammayyuu abdiin Adda Bilisummaa Oromoott. Keessaa fi alaan maqa hallett ganama jira. Kanneen qooda keessatt fudhatanii hin beekne ciigoon laaluu dhiisanii homisha saa wan tahaniif seenaa saanii warraaqtumaa darban irraa barachuu utuu yaalanii dansaa. Akka jaalleewwaan keenya irratt hubannett fedhi ilmoo namaa akeekkachiisa malee jijjiiramuu dandaha. Ilaalcha sabummaan ummata hirirsaa turan sabgiddummaatt jijjiiruun jaallewwan saanii hiree ofiitt dhiisanii mooraa itt dhukaasaa bahanitt baqachuu dandahaniiru. Haatahu malee ABOn annisaa keessa saa kan yeroon mijjaawu dhufu futta’uu dandahuun irraa baraaramaa jira. Diinni saba Oromoo ABOn walaba tahuu saa fi akeeka walabummaaf qabuun jibbuunii. Garuu, kan beekamuu qabu ABOn baduu ni dandaha garuu kayyoo inni dhaabbateef, hawwiin Oromoo, gonka hin badu.

Kanaaf dhaaba ofii of jalatt deebisanii faloo baasuun, jabeessuu fi bobbsuun dhimma Oromooti. Hangam amba duratt walabummaa Oromiyaafin dhaabbadha jedhee kakatullee, hirkataan kamu ABOn hoggana jedhee himachuu hin qabu. Keessaa walaboomu kan sodatan fi kan halagaan bitaman, warraaqxota kaayyoo irraa gara dabarsuuf kan karaa dandahan hundaan carraaquaa jiru. Kanaaf garadabarsitoota irraa of eeguuf qophaawanii argamuun dirqama sabboonota dhugaatii. “Fedha dhaabbataa malee dhibantaa fi hamajaajii dhaabbatan hin jiru” kan jedhamu irraanfatanii dhibantaa halagaa irratt hirkatanii hafuun hamma of ajjeesuutii. Malbulcheessitooti halagaa “qulqulloo” utuu hin tahin “seexana” bu’aa fi surraa ofiif foolii dhaa deemani. Kan bor hin beekne “Haran kosii gatan dhoqqee” isa jedhan taha. Si’i kun si’a wacaa fi jeeqammi itt heddummaatu. Wacabbarii fi iyyi hundi darbuuf taahu. Yeroo kun yeroo bubbee kana jala kaayyooti cichanii dabarsuu dandahuun sabboonota qoramsa jala galchu. Oromiyaan ni walaboomti! Warraaqsi Oromoo haa jiraatu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Ebla 2017

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *