0

Qabaata yartuu yero amma Oromiyaa fi Empayera Itophiyaa

Oromiyaan ammallee qabama jala jirti. Barreessitoti hedduun hamaa hirkannaan qabu yeroo adda addaa ifsuu yaalaniiru. Gaagaa dur beekamaa irratt dabalamee, Oromiyaan fixiisaqacee akka hin muldhanne sadoo sabgidduun ukkaanfameen miidhamaa jirtii. Yeroo kana sabaawoti lakkoofsi hin beekamne qalamaa, madaawaa fi buuteen saanii dhibamaa jira. Innaan mandara Oromoo keessatt iyyii iyya dabarsiin hin dhagahamin dabartu hin jirtu. Polisa ganda fi federalaa, akksumas humna addaa Agaaziif burqaa galii mirgisaa taheefii jira. Waldhaanoti madoo yaaluuf humna hin qabani. Manni hidhaa emayera Itophiyaa dargaggoo Oromoon bokokanii jiru; akka himamett bakki quphananii fi ijaajjan akkasumas qilleens gahaan afuura fudhachuuf hin jiranii. Oromoo tahuun ofiinuu yakkaa; eenyuu bilisummaa Oromiyaa deggeree, dhiisee burquqa bulchootaa jalaa bahuu hin dandahu. Oromoon kumootaan biyyaa baqatanii dheebocha, gabroota, manyaa fi hidhaa halaga keessatt dhumaa jiru. Abjuun saanii gaaftokko deebi’anii warraa fi biyya abbaa walaboomte arguu gabaabaatt cite. Bonni, jeejee fi faanfannii birmannaa mootummaa jeequmsa TPLF biraatt dabalamanii Oromoo lafa irraa haxaafwuuf doorsisaa jiru. Yeroo haala sabi Oromoo keessa jiru ilaalamu barruun kanaa gadii yeroon kan waliin hin deemne fakkaata. Garuu gochooti malbulchaa deemaa jiran mancaa ammaa irratt dhiibbaa qabu; furmaata barbaadamuunis hariiroo qabu taha. Rakkooleen si’anaa hedduun, gocha yeroo gabaabaa fedhu taha, garuu tuqaaleen itt haanan dhibbaa yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa irra hin ilaalamne qabaachuu dandahu jedhee barreessaan kun amana.

Gidduu kana qabsawoti Oromo hangi tokko ifaajjee jaarsa araaraan walitt dhufanii tokko taane tokkos hin taane jechuu saanii dhageenyee jirraa. Ifsi waliigaltee akkasii yeroo hedduu taatotuma kanaan labsamee fiixaan hin bane. Kanaaf laallibbataa yoo mamsiise kan maman hin komatamani. Warraaqsi ummati Oromoo itt jiru kanneen Oromoof dhaabbanna jedhan hafee, kanneen Oromoo jibbanuu dammaqsaa jira. Walta’iinsi qabsoo Oromoof alaa manaa sadarkaa hallett barbaachisaa dha. Innumti waan mama fakkaatuun darbatame kunillee firaa fi diina biratt dhiibbaa tolaa fi hamaa hin dhabu. Maqaa saanii yoo ilaalle illee sadan saanii tokkumaa. Fakkeessufis haa tahu “walabummaan” bu’uura qabsoo himataniitiii. Kan sana irraa akeekaan adda tahe tokkicha. Isas yoo tahe kan jala hiriiran duubana walabummaan abjuudha haa jedhan malee,yaadichaaf haaraa miti. Hundi saanii ABO keessa darbani. Maqaan ABO jedhu ummata biratt jaallatamaa maqaa gootaati. Si’ana maqaan malee, sagaantaa ABOf amanamoo fi kan hojii irra oolchuun saanii mullatu hin jiranii.

Buruqsanii walitt hin himin malee wal ciiga’uun saanii beekamaa dha. Miirri ana malee fi anaaf malee jedhu abbaa tokkootaa; ABOn seera ofii kabachiifachuu dadhabu; dhiphummaa ilaalchaa; dhibantummaa addooyummaa ooisuu; jaallummaa irra jalummaaf nama hawwachuu; xurree adjajaa irra utaaluu; hanqinni sabboonummaa fi basaasaan faalamuun kanneen walirraa nama fageessan keessatt argamu. Kana utuu wal hin dhossin keessaanlaalummaan irratt mari’atanii xumura itt tolchan malee walitt dhufi kan fakkeessaa tahee hafa. Kaayyoon ABO, ummati Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachuun hanga aangoo argatutt wareegama barbaachisu baasuu dha. Sana duubas gargarsisaa hanga jireenya demokraatawaa akeeka sirna Gadaa irratt hundaawe, kan nagaa, walqixxummaa, bilisummaa fi gammachuun guutame jiraachuu dandeessisu gonfatutt it fufa.

Wareegammi ilmaan Oromoo bilisummaaf baasan ofaangessoota bifa kamiinuu dhufan ummaticha irra tuuluuf miti. Qabsoon sanaaf godhamu jaalbiyyummaa mamii hin qabne fedha. Kanneen dhaaba tokko atooma demokrasiin gaggeeessuu hin dandeenye ummata kumkumatt akkamitt gadhiifamuu? Karaa biraammoo, qulqullomi tokko tokkoon dhaabota walitt dhufanii akki itt mirkanaawu hunda caalaa yaachisaa dha. Hanga yoonaa qabsoo Oromoo kan laashesse luuxxee galtuu ofirraa ittisuu dadhabuu dha. Utuu waliin sosso’uu hin jalqabin, keessi tokko tokkoon saanii qulqulluu tahu akka itt walii dhugoomsan irratt hamma waliigalanitt, tokkoomuun, tika diinaaf QBO harkee meetii tokkicha irra kaa’anii hanga dhiheessuutt herregama.

Waliigalteen erbaala irra tuulamuu qofti ofiin homishaawummaa hin qabaatu. Mamii malee akka itt hojii irra olfatan lafa kaawwachuutu hunda caalaa. Fakkeenyaaf, Kora bana Oromo ala jiran hunda haammatu waamanii mari’achuun adeemsichaa hundee itt gochu dandaha. Hoogana jedhanii kan of muudan qofti bakka wayyabi raga hin taanett kakachuun gatii hin qabu. Kun hunduu kan tahuu dandahu bu’uura dhokataa hin qaban jennee yoo hedne. Labsi walta’iinsaa hojiirra hanga oolutt hin amansiisuu. QC fi Shaneenuu meeqa walii kakatanii walitt hafuu hin dandeenye. Taatota qaawwaa gidduu saanii qilleensi akka galu uruun barsiifata kan taheef waan jiran fakkaata. Kanaaf gargar bahuu fi walitt deebi’uu yaaluun qabsaawotaaf shakala hundee taha dhufe. Korri banana caasaa fi ilaalcha ittiin sosso’amu fi dhaaba too’atamu dandahu akka itt uumaniif carraa kennuu ni dandaha taha.

Hin beekamu, akka harrettii garagarummaa arguu dhabdee, “tabbi afuura itt hin baafanne hin jiru” jettee hunda mamuu irra yaaluu dha. Kanaaf waan amma tahaa jiru irratt taatota hunda ija ummataa keessa galchuun bakka jala dhokatan dhabsiisuu dha. Kun qeeqa ummataa fudhatanii kan sobaan dhihaatu of irraa faccisaa kan dhugaa tahe fudhachuuf qophii tahuu tokko tokkoon saanii gaafata. Hoogggansi dhugaa ummata Oromoo biyya keessaa malee alaa tahu hin qabu. Kan alaa kun, sun akka dhugoomuu fi gargarsa waatattaa fi beekumsaa dhiheessuuf akkasumaas hariiroo halagaa waliinii gargaaruuf of dandeessisutu irraa eegama. Sana irratt yoo xiyyeeffate bu’aa sabichaaf buusa. Waan halleefuu fedha ummata ofii, garaa qulquluun kan ofii calchifatan malee, ummatichi kolonummaa jalaa bahee mirgootaa fi boona badde deeffachuun waa’ee taha. Dhaaboti kunis dhaabota kooluu galoo tahanii hafuu.

Yero si’ana haalli empyera Itophiyaa keessaa, murna fedhaa adda addaa yaachisaa akka jiru hedduu jennees argas jira. Garuu akki ittt haalich ilaalamaa jiru akkuma tahett maqaa “Oromoo” hasaa godhan keessa buusuu yoo hin taane wan dur jedhan irraa addumaan agarsiisaan hin jiru. Maqichumti dhahamuun jijjiirama guddaa dha kan jedhan jiru. Kun soba hin jedhamu, garuu sochiin Oromoon keessa jiru silaa ilaalcha saanii bu’uuraa kan jijjiirsisuu malee maqaa dhahuu qofaan kan dhaabbatu tahuun irra hin ture jechuufii. Qabattee kana irratt, kanneen Itophiyummaa mirga ilmoo namaa caalaa gad jabeessuu fedha qabantu walgahii adda addaa qopheessa. Dura seenaa Itophiyaan akka kolonoomtee hin beeknetu himama. Itt haansee Itophiyaan nageenya naannaaf hagam barbaachistuu akka taatetu dubbatama. Gaaffiin eenyumaa kan ka’e, bulcha badaa irraa malee barbaachisaa taheef miti jedhu. Itophiyummaan garuu waan hundi haaluu hin qabne. Lafti akka kanneen rakkina Oromoo uman keessaa guddicha tahett dhihaata. Oromoon akka biyyoota koloneeffaman kamuu walabamuu akka barbaadan ammalee ifatt bahee dubbatamuutt hin kaane.

Itophiyaan dhuguma suduudaan kan koloneeffate hin turree. Garuu aanga’ooti Dhihaa hedduun naannoo dhiibbaa saanii jalatt fudhatanii jaarrolee hedduuf waan fedhan hojjechiisaa jiraatani. Dhiibbaa fi gargarsa saaniin biyyoota kibba see jiran akka Oromiyaa faa koloneeffattuss godhaniiruu. Addunyaa keessatt biyyooti biyyoota biraa koloneeffatan humna namaa kolonoota keessa jiruu adda addaaf dhimma itt baha turanii. Itphiyaanis sana godhaa baatee. Jarri akkasii hanga lubbuu ofiitt gumaachaniiruu. Garuu gumaachi saanii ashkarummaan malee walqixxummaa fi fedhaan hin turre. Ummati Oromoo jannoota hedduu horee. Dheessanii karaa duuba waraanamuun abbichaafis ummata keessaa baheefis safuu dha. Kanaaf lola koloneeffataan itt bobbase hunda irratt jabduu agarsiisaa darbani. Loloota sanatt garuu hin boonne. Ofii jedhanii hin lollee. Aduwaa, Maayicawu, Ugaadee, sagalee kkf irratt caalaatt gurraachuma akka saanii koloneeffatoon bobbaafaman gad ciranii. Koloneeffatoon duuban rukutuun hangam saanii akka fixan qaabannoon milishiyaa Dargii fi Wayyaanee kan dhiheenyaatii.

Itophiyaan walabummaan jiraatte jedhan kun biyya Habashaa Gondorii fi Axsum wiirtofate malee empaayera Itophiyaa hardhaa akka hin dabalanne hin dubbatanii. Kanaan yaada addunyaa dogoggorsuu yaaluu. Oromiyaanis jalqabaaf jaarraa 19faa keessa Abisiiniyaan koloneeffamtee. Gaaffiin kolonummaa Oromiyaa, ifa bahee beekamu malee seenaa Habashaan xaxanii irra darbuun rakkina Gaanfa Afrikaaf furmaata hin laatu. Faranjiin “Akaafaan akaafaa jedhi” jedha. Koloniin kolonii jedhan malee seenaa hin taane kennuufiin camii hin qabu. Kun gaaffii bu’uuraa eenyuu irraa baqachuu hin qabne. Gurguddoo koloneeffataa haa tahanii, faranjiin mala gumaachuun bira dhaabbatan kana fudhachuu qabu. Gaaffiin Oromoo deebii argatu malee diingadeen gorora coccofsaniif hin jiratuu. Guddinni nagaa keessatt qofa dhugooma. Oromoon qabeenya saanii samamanii, ulfina fi moo’ummaa saanii mulqamanii, salphifamanii fi eenyumaan saanii haalamee jiraachuuf sichi obsaa fi danda’ina hin qabani.

Jarri amma waltajjiitt bahanii rakkina biyyaa dubbachuu yaalan gurguddoo koloneeffataa fi kanneen jalqabaa isaanii tumsaa dhufani. Haasaan saanii ofittummaa ija hin qabne irratt kan hundaawe malee gaaffii Oromoo herrega keessa kan galchu mitii. Hardhas dammaqina Oromoo haalanii sababa adda addaa tarreesuutt boba’anii jiru. Fakkeenyaaf walgahii tokko irratt sochiin Oromoo amma gaggeeffamaa jiru akka waldhabdee OPDO/EPRDF keessaa maddeett dubbatame jira. Itophiyaa kan bulchaa turan gurguddoo ummatoota adda addaa irraa bahan ta’innaa jedhu irraa kun ka’ee. Waldhabdeen akkamiiyyuu yoo jiraate martoota bulchaa finnaa atoomaa empayera Itophiyaa gidduutt ture. Isaaniif waldhabdeen kolonootaa fii koloeeffataa gidduu jiraachuu waan hin qabne. Gurguddoon garbummaan yk ashkarummaan yoo hin taane, ummatta Oromoo Oromummaan bakka bu’anii bulcha Itophiyaa keessatt qooda fudhatanii hin beekankan jedhamee itt himamus dhagahuu hin fedhanii. Kan nama jibbisiisu jechi akkasii yeroo “profeesora”social sayinsiin raaganii fi hinbaabsinee dha jedhamaniin darbatamu. Oromo akka harree rukuttaan hin rifachiifneett fudhatanii jiru. Kanaaf mormiin amma tolfamaa jiru kan alaa itt tuqame malee bulchi hacuuccaa michuun saanii irraan gahaa jiru itt dhagahamee miti jechuu kajeelu.Yaadi akkasii holola waliigalaa koloneeffataan oofaa bahe kan akka ummatichi of mamuu fi ofitt amanumaa akka hin qabaanee irratt yaalameen adda bahee hin laalamu. Kaayyoo saba mucuceessuuf wareegama sabboonoti baasaa jiran hafee, galtuu OPDO/EPRDF qoda caalaa akka taphataa jirtutt dhiheessaa jiru. Kun maal agarsiisaa?

Gara qabsaawota Oromoon, kana dura dhaabbachuuf sirnaan karoorfamee, imaammati sanaan gitu gaggeeffamaa hin jiru. Yoo akkasitt itt fufa tahe ummati Oromoo ummata of dandahe, koloneeffataan afaan, aadaa, biyyaa fi seenaan akka adda tahe gaaffii jala galchuun, kan hin dammaqin raatessuu dandaha. Sun yeroof malee bulee bulee rakkina caalaa fiddee dhufuun waan hafu miti. Gurguddoon Oromoo yeroo ummati dammaqe kana, isaan hirriba guddaa keessa jiru. Kan fudhatanii rafan shaffisaan urgufatanii dhihaachuun dirqama sabboonummaati. Beekoti Oromoo beekota halagaa caalaa bakka bakkatt qorannoo adda addaa fi marii adda addaa gaggeessuu dandahan malee yeroo barbaachiftuun darbuu dandeessii. Bobbaan OSA hanga yoonaa boonsaa dhaa. Garuu tattaaffiin sanaa alaatu hin mullatu; kan OSA qorannoo dhaa, hawaasessa malbulchatu feesisa.

Gaaffiin lafaa gaaffii abbaa biyyummaa yk moo’ummaan gargar baafamee kan laalamu miti. Oromiyaan kan Oromiyooti. Oromiyoon Oromoo fi kanneen seeraan biyya Oromoo keessa qubatan hunda dabalata. Oromoon kana hundaaf aadaa fi seera qaba. Lafti Oromiyaa akki itt qabaatamu, itt hiramu tahe itt eegamu kan murteessan Oromiyoo kana malee eenyuunuu hin galchu. Jarri Oromiyaa Habashaa jala tursuuf wuxirfatan haala kana irra ilaaluu barbaadu. Utuu Oromoon hin mari’atamin waanti fedha Oromiyaa ilaalu ka’uun nagaa jeequu taha.

Isaaniif kolonootis Itophiyaa dha. Minilik illee “Nugusa Itophiyaa fi biyya Gaalaa” akka ofiin jedhaa ture agarree jirraa. Dhalooti koloneeffatoo si’anaa fi kanneen tumsaniif, hammuma saallee eenyumaa Oromiyaa fudhachuuf hin qophoofnee. Ammas deebinee haa ilaallu, isaan keessaa murni tokko illee erga naannaa tokko taanee kan durii akka tokkott xumurree, hariiroo haaraa akka itt jalqabnu irratt haa mari’anu uggee jedhe hin jiru. Oromoo keessa kan sana ifatt jedhan garuu hin dhibne. Oromoo wayyabii sana dogoggoratt haa fudhatu malee gurguddoon koloneeffataa of kenna Oromoo saanaa tolaatt hin fudhanne. Kun tuffii yk soda ummatichaaf qaban agarsiisaa. Oromoon tuffatamaa akka hin hafne agarsiisaa jira. Sodaanis taanan humni nama nyaatan filmata akka hin taane baruu qabu; haa tahu malee, malbulchatt gamnummaan dhihaachuu qofatu nagaa fi nageenya ollaa waliin uumuu dandaha.

Oromoon qawwee fi hammeenya koloneeffataa sodaatanii yoo hin taane ‘nuti Itophiyaa” dha jedhanii hin beekanii. Eenyummaa ofiitt akka qaana’an hedduu yaalamee. Abba tokkoota irratt milkaawanis qabu taha. Oromoon aadaa, hawaasomaa fi malbulchaa boonsaa qabu. Qarooma himatan eenyuu gadi hin taanetu jira. Yeroo qabataman sadarkaa jara qabate yoo caalan malee gadi tahan irra hin turre. Qaroommi isaan himatan Kiristinnaa fi fidala. Sun qarooma fi atooma Oromoo balleesse malee bu’aa buuseef hin qabu. Gabaabaatt, jarri wal gahanii surrii Oromoo dhiquu fi addunyaa dogoggorsuutt bobba’an yeroon abbaan dhimmaa callisee ilaalu qaata akka darbe hubachiifamuu qabu. Sanas Oromoo ijaaraman yeroon itt godhan fagoo hin tahu.

Waa’een nageenyaa hammaa baafamee yoo dubbatamu dhageenyaa. Wayyaaneen ummata bulchu nagaa dhowwate malee hin laanneefii. Qawween gadi qabuun nageenya nuu buusa jedhanii humna abidda fi leenjisaan kan gargaaraa jiran, abidda itt tuqachuu gargaaraa akka jiran beeku mitii? Utuu isaan harka irraa sassaabatanii madaallii naannaa ofumaan walqixxaata ture. Hardhas waa’ee Kiristinnummaa Itophiyaa fi rakkina Islaamummaan fidu dubbii saanii keessa buusuu hin dhiifne. Sana dilormaan akka durii walcalalee jiraachuu dhibu kan hin huubannetu kaasaa. Itophiyaan dhuunfaa Koptummaan dur beekan sanan hin jirtu. Haaromsoon falamteettii. Oromoo fi Somaleen fira haa tahan malee miiraan tokko mitii. Al Shabaab haa tahu ISIS kan jedhaman Oromiyaatt solola’anii seenuun salphaa hin tahu. Koloneeffataan Oromiyaa cabsuuf karaa yoo mijjeesseef garuu Oromoon itt hin komatamanii. Oromoon biyya ofii irratt abbummaa argannaan nageenya saaf abbaawummaa fudhachuu dandahu. Oromoon biyya amantee hedduuti. Tokko keessaa dagaagee eenyuunuu dorsisuu hin dandahu. Ummatichi akka itt orma qabanii fi of qabanis beeka.

Sadarkaa fedhett nagaa buusuuf tattaafachuun eebbifamaa dha. Sana irra garaa qulqulluu shiira hin qabneen dhihaachuun caalaa eebbifamaa taha. Hoggansi qabsoo walabummaa Oromoo biyyaa madduu qaba. Kan alaa sana gargaaruu malee bakka bu’uu akka hin dandeenye seenaan guddina saa ragaa baha. Tolinnaa jedhanii alaa kan ol itt facaasan fagoo too’achuun waan hin dandahamneef hamaatt jijjiiramuu dandaha. Oromoon malaa fi dandeettiin addunyaan akka walgitan gargaaruun qooda lammummaa beektota Oromootii. Koloneeffataa fi faranjiin Oromiyaa haa tahu Gaanfa Afrikaa irraa fedha qaban, dhugaa seenaa godinaa sanaa yoo kan golgan tahe ofumaa dhama’uu. Dubbiin kan dur miti. Dubbiin lafa saammachuu fi olaantummaa halagaa kolonoota irratt fe’uu callifamee kan darbamu miti. Oromoon itt himamee utuu hin tahin mari’atanii fedha walii eeguun mirgaa fi dirqama namummaa tahuu beekuu. Sadarkaa kamittuu walta’iinsi dhugaa, humna wal riguu irratt baduu oolchee, dhimma sabaa irratt akka xiyyeeffatan ni gargaara. Hundi bakka jirutt barsiifata hanga yoonaa ofirraa gatanii, garaa qulqullu obbolummaa fi jaallumaan wal ilaaluu yaaluu dha. Oromoon ummata guddaa dha. Ifatt sanaan boonaa, qoomniitt hin huubatamu see’uun sanaa gaditt of buusanii argamuun qarooma jara kaanii tuffachuu dha. Yaadan xiqqaa tahuu of saaxiluu dha. Akka hurraatt utuu hin tahin, akka hidhaa tokkichaatt, nuti caalaa jaboo, boonoo fi gamna. Tokkummaan humna! Qabsoon hanga injifannoott itt fufa!!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Caamsaa 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published.