0

Nagaa isa Dhumaa Baqala Mokoniniif Dhaamu

Baqqala Mokonnin qaamaan nama bareedaa fulli ifaa yeroo hunda nama arguu gammadu, arjaa fi of kennaa ture. Kun nama hin beekneef himuuf malee kan beekaniif kana caalaa tahuu saa waliin beekna. Miirri Baqala, murannoo fi dudhammi kaayyoo saba saatiif qabu akkuma qaama hafee hin qabu. Baqqalaa Mokonni yeroo yaadannu ilama Warra Abbaafardaa tahu saa irra dabarree abba saa gooticha Oromoo, Mokonin Wasanuu fi qabsoo saba Oromoo yaadanna. Baqallaan dardara haa turu malee abbooliima saa waliin Waldaa Maccaa fi Tuulama ijaaruu fi wareegama guddaa baasuutt beekama. Baqqalan dabaankufoota Oromoo Taddasa Birruu, Maammoo Mazamirii, Sayifuu Tasammaa, Lammeessaa Boruu fi Abboolii WMT waliin gidiraa qabsoo hadhooftuu nama dhandhamate. Baqqalan nama qaabannoo gaarii qabu, seenaa fi cunqurfama Oromoos tooraan kan yaadatu ture.

Baqqalaan bara Mootummaa Cehumsaa 1992 ummata ijaaruu fi dammaqsuutt qoodi inni fudhate dabbaloota ABO hundaan beekamaa dha. Akka ijoollee diinaan salphifamuu, kaayyoo ummata saa bakaan gahuuf qabsoo godhame keessatt hanga du’a saatt hin qollifanne. Roorroon diinaa sabboonota Oromoo lakkofsi hin beekamne biyyaa baaseera. Baqqalan akka gaaf tokko biyya saa jaallatutt deebi’u abdii utuu hin kutatin qabsaawaa ture. Ummati Oromoo fi jaallawwan saa qabsoo, utuu mararfatanii dhukuba humnaa ol tahen raawwachuu saatiif manguddicha qabsoo bilisummaa saanii kana gaggeessaa jiru. Baqqalaan akkuma abbaa saa utuu diina jala hin kurkurin jannummaan obbaafate.

Jaalbiyyaan Oromoo, Baqqala Mokonin hardha hirree saa haa boraafatu malee fakkeenyi inni dhaloota ittaanuuf dhiisee darbe barabaraan yaadatama jiraata. Yeroo ijoolleen Oromoo kaatee lafa raasaa jirtu kanatt bakka qabsoon inni eegale geese utuu hin argin dadhabuun saa kan isa beeknu hunda dhukkuba garaa nutt tahee hafa. Haa tahu malee Baqalan hin dune ijoollee kana keessaan jiraataa. Baqqalan kan warra saa qofa mitii, kan Oromiyaa hundaatii. Egaa Obboo Baqala, utuu hin fedhin waldhabne , utuu nagaa walitt hin dhaamin deemtee, hin dhufta jennee karaa ilaaluunis hin hafe. Nagaatt egaa jaala koo. Firoota fi jaallewwan saa hundaan haa jabaannu jenna. Lubbuun saa qabanna haa ciistu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; bilisummaa, walqixxummaa fi balchummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Amajii 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *