0

Oromummaa Qaabachiisumaaf

(Deddeebifnee uhundatt haa himnu, nuti  jara isaan akka taanu barbaadan mitii, eenyu akka taane kan itt himnu malee)

Oromoon dameelee Kuusaa yk Kuush keessaa tokko. Kuusaan, akk uluma qarooma ilmoo namaa dullachaatt qarqara Laga Abbayyaatt argamuun beekama. Hardha qarooma sanaa fi qarooma Oromo kan wlitt fufiu, aadaa beekumsaa fi waatattaa Oromoo keesaan fana dhahauun ni dandahama. Dhahi qaamota qoolloo keessaa fi utubaaleen Kuusaa durii dhimma itt bahan (Namoratunga biyya Turkaanaa, Kenya fi Nabata Playa Nubia) walitt fufiinsa qabachuu saaniif raga dha. Oromoof firummaan Kushoota waliin qabankan yaadachiiisu karaa fuldura jiruuf eenyun akka abdatan; seenaan karaa dheeraa imalan, surraa itt basha’an, halama, ganama fi hammeenya itt dhufanii. Halagooti hammamillee Oromo suuqa naannaa tokko keessa yk bakkoota se’amaa gabraa fi manyaa gamaa ruuquu fedhan firummaa Kuush waliin qaban kana haquu hin dandeenye.Kanaaf kan hooda Habashaa fi gocha qaanessaa galtuu saaniif rifachiisaa kan tahe.

Yoo yaayyoo Afaan Kushitic ilaalle akka kaabaa mediteraaniyaanii ka’ee, kibbaa biyya Qoosaan gahu agarra. Naannaa kana murna Kush digdamii afur caalaatu jiraataa. Oromoon isaan keessa isa guddicha dilormaa kumkuma afurtamaa ol qabu. Godaansa kaabaa kibbaatt godhaan Oromoon baqqaana Afriikaa gara bahaatt fana saa hedduu dhiisee darbe. Yeroo ummaticha keessaa hang tokko kibbatt godaanu Oromdur duubatt hafe. Jarri sun hanga Raayyaa cimaan Oromoo ijaarame jaarraa 16faa keessa oldeebi’ee birmatuufitt humnoota Habashaa fi Adaaliin dabsatamuun qabamanii turan. Doobbaan kibbaa sanaaf raga dha. Humnooti walii tumsan Habashaa fi Portuugal akkasumas kan Adaal Raayyaa Gadaa jala dhaabbachuu hin dandeenye. Oromoon lafa jalaa fudhatame gara caalaa deeffate.

Oromoon jara waaqtokkee durii durii keessaa tokko. Dhaabi Qaalluu kan qaalluun durfamu masaka ayyaanawaa ummata Oromoof waan kennuufi ulfina qaba. Galmi Qaallicha olhaanaa, Abbaa Muudaa, Oromoo dhugeeffannaa dudhaa hordofaniif akkuma Yarusaalam Kiristinnaa fi Yahudiif, Makkaan Moslimaaf bakka itt godaanan ta’e isaaniifis bakka itt godaanan ture. Lamaan dhugeeffannoo isaan irra dullacha hafee, waliifuu wal dandandahina hin hin qabani. Koloneeffatan dhowwamuun godaansaa isaaniif gammachuu dha. Dhowwama sana booda akaakuun Qaallota sobaa kan ayyanota addaa, aadaa Oromoonkeessa hin jirre dhugeeffatan, Seexana jedhaanii koloneeataan jajjabeesu marguutt ka’an. Oromoo hedduun dhugeeffannaa dudhaa irraa garagalanii dhugeeffannoota Baha Gidduu fudhachuutt ka’an. Jarri sun garri caalaan Islaama Sunnii fi Kiristinnaa Kopt turan. Hardha dhugeeffannoo dudhaatt dabalamanii kutaa amantee hedduutu Oromiyaa keessa jiru. Malbulchi egeree Gadaa dudhaaf amanamaa tahe dantaa amantee keessa hin seenu. Amanteen Oromiyootaan waaqeffataman hundi dhaabota sabaa tahanii eegumsa seeraa fi kunuunsa walqixxee argachuu qabuu. Atooma murnoota amantee gidduu fi Oromummaa jabeessuuf akkasumas nageenya sabichaaf bulchi Oromiyaa ofiin bulaa hundi akkuma Gadaa jalatt ture amantalaa tahuu alatt filmaata biraa hin qabu.

Sirna Gadaa jalatt duulli kamuu Abbaa Duulaa hoggana malbulchaan muudamuun hoogganamagaggeeffama ture.Jaarraa kudha jahaffaa keessa duula kallattii adda addaatt godhamuuf Abbaa Dullooti hedduun ramadamanii turan. Jannummaa fi wareegama guddaan Oromduriif birmachuu fi Oromiyyaa oolchanii iggitii itt gochuu dandahanuu dadhabina sirna Gadaattis gumaachaniiru. Akkuma gidduu irraa fagaataa deemaniin qunnamtii dhabuun, mirgoo hamtuun, dhiibbaan aadoti keessa darban irratt tolchan, kolomsisi aangoo kkf. akka hin deebine rakkoo itt uuman. Isarrayyuu tokko tokko abbaa hirrumaan of agarsiisuu eegalan. Yeroo hanga tokkoof bar saddeet saddeetiin hundi Odaa Nabeett jila ergataa turan.

Takka jedhee hariiroon Odaa Nabee waliinii ni cite. Dhuma irratt Oromiyaan Abbaa Duulota gidduutt hiramtee, kaan kaan olloota tokko tokko akkeessuun Mootii ofiin jechuutt ka’an.  Fekkeenyi finnoota shanan Laga Gibe gama turanii. Akkasitt fakkaata kan sirni gadaa godinoota hedduu keessaa coollibuutt kan ka’e. Kophaa ijaajjuun akka hamtuuf isaan saaxiluu dandahu hubachuun yeroo hanga tokko isaan gaafate. Oromummaan kaka’anii Moototii fi Abbaan Gadootaa hedduun qunnamti jalqaban. Fakkeenyi gaariin “Confederetiona Oromoo dhihaa” is jalqabaati. Garuu utuu inni hin dhugoomin  Habashooti haala walfakkaataa “Bara doonnichootaa” jedhan keessaa bahanii tokko irra goranii kaan mancaasuun hunda qabatan. Gadaan akka sirna malbulchaatt jaarraa 19faa dhuma irratt kan qabateen raawwachiifame.

Dagaagaan Afrikaa kun saba dilormaan saa walakkaa kan ofii hin taane jalatt kufe. Kaasaan kanaa atooma keessaa fi tokkummaa sabaawaa dhabuu ture. Angoo abiddaa caalaa fi gorsituu waraanaa alaa dhufan qabaachuun diinaas Oromoon mo’amuutt gumaacheera. Qoodi galtooti sadarkaa ittisaa hundaatti diinaaf gumaachanis hin tuffatamu. Isaaniif malee godinaan kamuu hin qabamu ture. Hardhallee Oromiyaan abaarsa sana irraa faloo hin bane. Battaloota hin yaadamnee hedduutu qabamsicha dheeressuuf diinatt yaa’aa jiru. Diinni qabeenya dureessa Oromiyaa akka warqee, ilka, garba kan fakkaatanitt saaqaa argate. Sun gamtaa jara alaa fi meeshaa waraana fi waatattaa caalaa ammayyaa tahan bitachuu dandeessiseen.  

Egaa Oromiyaan, lafa, ofiin bulummaa, dafqa fi ummata see hanga tokko dhabde. Biyyi guutuun gabbartummaatt gad deebi’e.Diinni dirii malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee ummata Oromoo diige. Aadaa, afaanii fi dudhaa ofii akka hin shaakalle ni dhorgame. Namooti gadigalummaan itt dhagahamee, Oromoo tahuutt akka qaana’an duula sammuquwii baldhaatu itt baname. Ummati boonaan hammana gahu, sirna Gadaa demokraasii uume, miseensi qarooma Kush guddichaa tahe, sadarkaa namoomaa lammaffaatt gadi bu’e. Dhalooti Habashaa si’anaa haala sana keessatt isa beekaawaan ta’eef, an akkas yoo inni jedhu hin amanne. Hololli cunqurfamaa namaa gad gochuuf gad dhiifame, isaan keessa olhaantummaa sobaa galchee jaamseeraanii. 

Murnooti Oromoo obbolaa qaccee tokko lakkaawatanii. Roorroon irratt raawatame imaammata madda tokko kan mancaa fi laalaa walfakaata jala galche irraa bu’e. Hammuma birmadumaan waliin basha’an, muuxannoo gadadoo hadhaawaa fi salphisaa walfakkaataa jala altokko darban. Hammamiyyuu laalessuu, salphisuu fi qaabannoo saanii keessa kan jiru hunda xuuxuu barbaadullee diinni sammuu hedduu keessaa Oromummaa fi amantee bu’uuraa birmadummaaf qaban haquu hin dandeenye. Surraan Gadaa durii, qarooma Afriikaatt roga gochuuf qodii akaakileen saanii taphatan, sammu saanii keessatt maxxanee hafe. Oromummaan sabicha deebisee walitt guduunfuuf deebi’ee ol danfee. Kolonoomaan matumaa, gadi qabamuun matumaa, garbummaa fi gabartummaan matumaa jechuu eegalan. Keettoo tuqii fi galtuu isaan keessa facaatee jirtu hundaan matumaa jedhani saxilaa jiru.

Waldaan Maccaa fi Tuulama (WMT) jaatamoota keessaa fi ABOn torbaatamootaa fi duubas fakkeenya diddaa Oromummaa olitt ka’eeti. Doofummaa fi bulcha halgaan matumaa jedhanii, ummata Oromoo golee hundaa hiriirsan. Hamilati misaa jalqabamanii diinaan hankaafaman. Sun murteeffannoo ijaaramanii koloneeffataa ofirraa ittisuutt geese. Seenaa koloneeffama Oromo keessatt yeroo jalqabaaf sagantaan malbulchaa bilisummaa qophaawee qabsoon dargaggoo barasiin qabsiifame. Oromummaan ilaalcha addunyaa garaa dhaa ka’e ture. Kun tarkaanfii gooti Oromoo, Taaddasaa Birruu Dheeraa Arsiitt fudhateen mirkanaawe. Keessumsiisaa WMT kan turan Arsiin caalaan saanii Musilemanii. Taaddasaan Kiristinnaa Kopti isa cimaa ture. Akka dudhaa naannaa sanaatt Muslemanii fi Kiristinnaa Ortodoxiin qalma walii hin nyaatanii. Garuu guyyaa seena qabeettii sana Taaddasaan lammoota saan sangaan kun nuuf jedhee du’ee waliin haa nyaannu jedhee gaafate. Hunduu deebii tolaa kennanii foon sangichaa waliin nyaatan jedhama. Sabboonoti Oromoo sun Oromummaan garaagarummaa xixiqqoo fi tuullaa ittisaa diinni isaan gargar qabuuf gidduu kaa’e caalaa guddaa akka tahe mirkaneessan.Sun shaakala sana kan uumaniif haleellaa, kanneen gargar baaftuu sammuu dhiphoo hawaasa Oromoo keessa jiraniif  barnoota ture. 

Oromoon dhiibbaa gara tokkummaatt tolchuu dhaabanii hin beekanii. Sochiin barattooti dhiheenya daba fi salphina fuldura ijaajjuuf tulchan kan barattoota waabaroota fi universitoota hunda hiriirse raga dhaabbataa dha. Sochiin Hawaasota Oromoo Badiin baaqula guutuutt tolfamaa jirus jajjabeessaa biraatii. As Ameerikaatt ijaarammi Waldaan Hawaasota Oromoo Amerikaa Kaabaa (WHO-AK) gufuu hunda irra chee milkiin fixaan bahe, gara tokkummaatt qajeelfame keessaa fakkeenya guddaa dhaa.  Amma Oromoon bu’aa biyya abbaa fi misa qaroo fi waatattaa Warroota Oromoo Badiif waliin dhaabbachuun, maal jechuu akka tahe huubachaa jiru. Oromoon Oromiyaa dhufan akka koolu galtuutt heddummaataa akka deemanii fi deebiin saanii fagoo tahuu akka hin ollee beekamaa dha. Kanaaf utuu yeroon darbee dhalooti jeeqama eenyummaa keessa hin seenin Badii keessatt baraarama Oromummaaf karoora lafa kaa’uu qabu. Yaa’a kaayyoo Oromummaa jabeessuuf deemu  tahun hubatame  dammaqina, of eeggannoo fi beekumsaan qabamuu feesisa. Badiin Obsaa, aadaa ofitt cichuu fi kufanii ka’uu jara Dayaaspoora Yihuudaa irraa barachuu dha.

Gargar jireenya bara hedduu keessatt garaagarummaan nu gidduutt  hin uumamne jechuun hin dandahamu. Garuu wanti badaan gargarummooti kun dira’nan bokofamanii akka tokkummaa murnoota gidduu miidhuutt yoo dhiheesanii. Sana utuu hin tahin garagarummaan jabina waloof ooluutu irra jira. Diina kan lollu garaagarummaa uumaa waliin qabnuuf utuu hin tahin, hacuuccaa fi roorroo nurraan ga’a jiruu fi eenyu akka taanee fi kan keenya waan jennuu nuu beekuu diduu saafii. Garaagarummaan murnoota Oromoo gidduu wal fincilaa miti. “Ilaa fi ilaameen” garaan gaggeeffamu, kanneen diina tajaajiluuf dudhaman yoo hin taane, salphaatt furmaata argamsiisuu dandaha.

Fakkeenyaaf himati bara hedduuf ABO murna godinaa tokkon dhuunfatamejedhu jira. Jette jettichaaf malee ifaan marii ambaatt hin dhihanne. Garuu hamichi dhaabichaa fi walamantee godinoota gidduu hubaa jira. Maachina hololaa diinaa fi eegalee addaan baaftuufis boba’aa tahaa jira. Si’ana hamichi godina irraa konyaatt gad bu’ee; garuu ammas kan bahee dhugaa fi sobummaa gargar baase hin jiru. Utuu jette jetteen wal hin mancaasin hammam gad fagaachuu qabna? Qabsoon sabaa naannaa dimimmisaawaa akkasii keessatt akkamitt guddachuu dandaha? Akka akeekaatt nama godinaa hafee,ilmaan  warra tokkoon yoo dhuunfatame, hamma kora hiraayan kennatamanii fi buuqisuun danda’amutt, akka mootummaa iddoosummaan ganda hin gaafatamu. Kun fedhaan wareegamuuf dhihaachuu gaafata. Akka seera dhaaba tokkoott mamii jiru qulqulleessuu sababi itt baayyata taanaan qabattoti ilaalamu qaban jiru jechuu dha. Sana sirreessanii  amantummaa gad dhaabuun dirqama hoggansaatii. “Manni waa malee hin aaru” jedhama. Kanaaf waanti aaruuf qoratamee dhugaan ifatt bahuu qaba. Jette jettee akkasi tuffachuun, haala ilaa fi ilaameen miseensota gidduu marii nagaa tahuun hafee, akka haasaa hamajaajiitt ilaalamu godha. Sun  mirgi walgahii fi of ifsuu akka walfincilaatt fudhachiisuutt geessa. Addaan baaftuun akka dubbicha hammaa baaftee hin dhiheessine sabboonoon dhugaa kan Oromummaa utuban duumessicha xaliilessuuf tattaafachuu qabu. Yeroo Oromummaan laalaa keessa jiru kan itt dhagahamu fala itt fayyu dhaha malee irraa gara hin galu.

 Oromummaan sirna malbulchaa demokraasii Gadaatt amanuu gaafata. Gadaan Sanyii irratt hin hundoofne. Kun akka itt nama Oromsan“Luka Kennaa, Moggaasa, Guddifacha fi Luba Baasaa” jedhaman irraa hubachuun ni dandahama. Kanaaf qabsaawaa Oromoo tokkoof qabsoo keessatt waa’een dhiigaa akka murteessaa tokkicha taheett galchuun dogoggora taha. Sana utuu hin tahin Oromummaan, waloon dhaalmaa demokraatawaa Gadaa bulfachuu, walqixxummaa saanyiif dhaabbii waloo qabaachuu, seenaa waloo qarooma gurguddoo durii fi maddaa tokko qabaachuu, seenaa ammayyaa qabsoo fi wareegamaa waloo qabaachuu, waliin diinagee dhabsiifamuu, biyya waloo, aadaa waloo,afaan waloo fi hawwa bilisummaa, ofiin bulummaa fi qajeeltuu waloo qabaachuu dha. Akka ilaalcha addunyaa malbulchaatt Oromummaan yaadcichaa miti; ta’iisa wayyooma ilmaan namaa waliin yeroo halle misaa jiraatu. Kanaaf qaamoti maqaa Oromoon sosso’an hundi kana hubatanii ittiin walgituu qabu.

Oromummaan amma, gara Demokratik Republik Oromiiyaatt kan nama masaguu. Kun utuu homaa hin basin hin dhaqabamne. Sadarkaa kana gahuuf lakkofsa hin beekamnetu wareegamee. Dinni ammallee  akka dargaggoo Oromoo hin jilbeenfannu jedhanii murteeffatan itt hin mullatu. Caalaattuu dhimma saanii dhaggeeffachuu irra ukkaamsuun, madaa bulett mimmixa firfirsuu yaala jiru. Durooma Oromiyaa dhabuu hin fedhanii. Hamma isaanii akaakayyuu saanii gahu kuufataniiruu, abaabileef caalaa saamuu barbaadu. Sodaan gadoo akka qawween irraa hin fagaann kanneen isaan godhan keessaa isa biraati. Oromomoon gadoo bahachuu irra nagaa fi araaraa filata. Garuu yoo nyaaphi roorroo itt fufuu fedha tahe burquqi dhalatu kan to’atamuun hin dandahamne taha. Seenaa keessatt Oromoon kan haleellaatt dhimma bahu haleellaa fedha saanii irra gahuuf deebii kennuufi.  Yoo goleett galfaman bakakkaa caalaa dillisaa tahuu dandahu. Obsoo fi dandahoota malee lugnoota mitii. Nyaaphi si’ana boottii supheen akka deemaa jiru hin hubannee, dhibbaa xinnoon madaallii dhabsiisee kufaatii keessaa lammu hin kaane irraan gahuu dandaha.Gara gaaga’mtoota irraa ugga xiqqoo, of kenna xiqqoo qofa barbaachisa.

Egaa Oromiyaan seenaan qarooma Kush duriin walitt fufa qabdii. Akka dame qarooma kanaatt mesharkaa malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee maqaa qaban dhiheesiteettii. Garuu guutummaatt hawaasa dudhaa irra qari’uu hin dandeenye. Haa tahu malee Oromoon hardha Oromummaa hin himanne hin jiru. Garuu himachuu qofti gahaa mitii, wareegama isa dhumaa kan gaafatu yoo tahellee akka inni lalisuuf dudhamaa fi kutannoo gaafata. Maaljechi Oromummaa akka barreessaa kanaan Barlabsii Gubirmans irra dhihaatett “Oromummaan mullisa mararfannaa jaalbiyyuummaa, bilisummaa, nagaa fi walabummaa Oromiyaati.” Suukii dhannaa ka’ee fi akkasumas tarkaanfii itt yaadameen biyya ofiitt riqachuu dha. Sabi Oromoo ummata (gosa, qomoo, warra), lafa (godinaa, konyaa, kutaa fi ganda) fi naannaa uumaati. Oromummaan jaalala dimshaasha saaniif nammi qabu. Kanneen guutuutt haa tahu gar takkee jibban yk ciigawan taatoo malee nama miira sanaa Oromummaan hanga lafeett itt seenee miti. Abba tokkee Oromoo tokko, ilmoo namaa dhugaa kabajamaa kan taasisu Oromummaa qofa. Diina ummata ofii fixaa jirutt riqachuun kan darban hunda salphinaa fi du’a qofa irraan gahe. Galtummaan dhukuba sammuquwii, kan gaaga’amaan isa qabaten tokkummu fi hamaa irraa ittisuuf gamuu. Kanaaf waldhaansa feesisaan. Ta’iisa akkasiif qorichi Oromummaa qofa. Oromummaa waliin fulduratt! Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!   

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *