0

Oromoon Waan fedhan beekuu?

“Oromoon waan fedhan beekuu?” Kun gaafii nama suukessu naannaa malbeekota hundatt 1992 gargar baha Mootummaa Cehumsaa Itophiaa duuba bakka hallett kahaa ture. Miseensa dhugaa sochii bilisummaa, keessaayyu kanneen ABOf gaaffii kahuun eegamu hin turre. Dhaabi saanii erga sagantaa malbulchaa saa ifaa godhee kurnan afur darbaniiru. Kana hubachuu fi beekumsa kennuun kan ABOn Walgahii London 1991 fi kan isa duuba ta’e Walgahii Nagaa fi Tasgabii kan bulcha tuta loltuu bakka busuuf  Mootummaa Cehumsaa uume irratt afeeramuun qooda fudhate. Kaayyoon sabaa, yaada dhaaba kalachaa qofa tahee utuu hin hafiin ummatichaa wayyabaanis hammatameera. Ergasii dhaaboti malbulchaa hedduun ijoo dhaamsa saa utuu hin jijjiirin guddifataniiru. Dhaabota sabboonotaa hundaaf  maniin qabsichaa Republik Oromiyaa Ofiin Bultu deebisanii ijaaruu dha. Bakka dhaaboti hin jirrett illee ummatichi karaa hedduu kana ifsataniiru. Kanaaf miseensa amantee malbulchaa kanaa fi sanaa utuu hin jedhin ummata Oromiyaa irratt fixiqacee gaggeeffamaa jira. Badiisi akkasii Oromoo irratt gaggeeffamaa jiraachuu jaarmoti sabgidduu, mootummaa fi mootumma mittiin walitt fufee gabaafamaa jira. Kun akka Oromoon waan barbaadan beekaniif raga tahuu dandaha; sanaaf du’aa yk halagaan buluu didaa jiru. Duutii fi aarsaan sun hundi Empayera demokratessuuf utuu hin tahin diiguufii. Gurguddoo  ayyaanlaallatoota, mamtoota, daddaqotaa fi kanneen of tahuu sodaatan kan hawwa Oromo roga dhabsiisanii halagaatt dhiheessuun gaafiin “Waan barbaadan beekuu?” jedhu akka ka’u kan godhan. Jaarmoti Oromoo dhugaan bakka iOromo  bu’anii dudhama keessa galchuunii hin yaalanii, garuu akka isaan waan ofii barbaadan murteeffachuu dandahanitt haala mijjeessuuf qabsaawuufii. Oromoon kan angoo finnaa Empayera too’ate kamiinuu waliin ofiin bulummaa saaniif dhoofsisan karaa dhaabota saanii walaba tahanii malee kanneen barcuma Itophiyaaf dorgoman bakka buufatanii miti. 

ABOn bayyee jallatammaa mi’a ujuu sabichaan hedduu mararfamu fi diinaan akka bulgu nama nyaatatt jibbamu.Sagantaa hangamessa olhaanaa kaayyoo sabaaf lafa kaa’ee  hamma yoonaa hawwa Oromoo calaqisuutt hin firrisamne. Sagantaa sana kan farreen Oromoo, luuxxe galtoota, hankaaksitootaa fi galtootaa fi kannen ofbarri malbulchaa saanii gad hafaa tahaniif akeektii  gochisiise. Jara demokratik Itophiyaa rakkina empayeritt hundaaf furmaata argamiisa jedhanii kanneen yaadanii fi achumanis goftolii saanii itti fufanii milla arraabuu nu dandeessisa jedhanii hawwani sana, kan ilaalcha addunyaa saanii jaarraa darbe quummane keessa deebi’anii yaaluuf olii gad jedhan. Sun lubbuu ilmaan Oromoo jajjaboo hedduu galaafate. Yero humnii koloneeffataa  gartuu yartuu qoroo Aduwaa keessaa baateen hoogganamu empayerichan sirrii galcha jedhee dhaadatu, jara akkasiiti keettoo diinaa  sabboonoo of fakkeessanii dhihataniin hoossamanii qabsoo ummataa laashessuuf danuu seenaa bucuu bokoksanii  kan dhiheeessan. Abba tokkooti sammu dhiphoo tokko tokko kan saba saaniin hin boonne umama waldhabdee hawaasa Oromoo keessa uumuun tajaajiluuf kan galmeeffaman. Oii gad xallisani garaagarummaa xixinnoo foolii fuudhuun lola keessaa guddaa uumaa jiru. Warra, qomoo fi gosti waanti itttiin qubaa walitt qabu ni jiraata. Dadhabaa fi dordhaa qofa waan akkasiitt saba ofii alatt kan dhimma bahu. Keessattuu waan sana tajaajila fedha diinaaf dhimma itt bahuu fi tokkummaa sabaa diiguu yaaluun safuu dha. Si’achi dagi attamiiyyuu suukii godinaa, amantee yk gosatt dhimma bahuun dhicha gara Oromiyaa bilisaa fi ofiin bultuutt godhamu hankaaksuu hin danda’uu.  

Sabi kamuu yk murni ijaarame, atooma keessaa eeggachuu dadhabe diina caalaa ijaaramaa fi caalaa gamtaawaa ofirraa ittisuu hin dandahu. Kanaaf hojii saa yeroo yeroon gamaggamuu qaba. Oromoon dudhaaan murna hiriyaa tokkof bara saddeet qofa akka aboo irra turu hayyama. Dudhaan sun akka itt shakalamuu dandahamu keessa deebi’anii qorachuun furmata soquun barbaachisaa dha. Kana malee halli amma jiru hogganootaaf haatahu kanneen hogganamaniif tolaa hin tahu. Sun akka galtuun dirree sabaa keessatt mataa olqabattee dhaabicha hundee qorqtu carraas kennaaf. Bututi tajaajilaan dhufu, gadabbummaa fi nuffi bososatt geessuu dandaha. Kallachi qabsoo Oromoo ABOn yoo sabichi wareegama hanga yoonaa godhame, jijaa fi abdii argame, foddaan baasee darbachuu hin fedhu tahe karaa dandahame hundaan bososa irra eegamuu qaba. Bososi akka dhadhaqii massatii, qiliilee keessaa hin bahamnett fuudhee dhidhimuun saa kan hin oollee.  

Sana irratt, murtefachuu fi kaasichaaf dudhama dhabuu fi daddaaqinni malbulcheessoo annisaa hin qabnee  yoo dabalamu,  gaafii moggaasa tahe kana kaasisuun garee sadaffaaf dhaamsa walmakaa dabarsa. Abjuun Oromoo saba ofii jaallatan hundaa, daaya ABOn kurnan afur dura lafaa kaa’ee akka dhugaawuufi. Sana dhaqqabuu abdii kutachuun kaan karaa dogoggoraa irra bu’anii jarmota gonka achiin isaan hin geenye ijaarrataniiru. Kennataan akka isaan aangoo hin moo’ane raajuuf raagaa tahuu hin barbaachisu. Murna kennataan dhufe qofatu darbansaan angoo irraa bu’a.  Kan kennataan hin dhufne akkuma dhufett bu’uu eeggata. Tokko tokkoof diinni caasaa uumee, sochii guutummaatt too’annaa saa jala oolche  maqaa “Oromo” jedhutt akka dhimmi bahan godheera. Karaa lachaanuun dhaaboti ijaaraman kanneen hangammeessa seera koloneeffataa hordofan. Kanaaf empayericha fi dhaabota inni sabootaa fi dilormmoota isa jalaa hacuucuuf umee qofa akka hin tuqamne tajaajiluu dandahu. Sanaaf walqixxummaa fi hariiroo demokraatawaa haaraa jiraattota empayerichaa gidduutt uumuu hin dandahu. Kanneen ofii argan malee hin amanneef, qooda fudhachuun saanii dansa. Garuu erga guutummaan sirnichaa soba tahuu baranii duuba gaftokko nu fudhatu jedhanii achitt hafuun dhibee “Stokholm Syndrom”n (Faarmullis Stokholm, dhukkuba kan miidhett nama riqachiisu) qabamuu tahuu dandaha. Furmaati tokkichi jiru Empayera utubuu dhiisanii diiguun saboota jalatt hidhaman bilisoomsuu dha. Sabi yayyabaa empayerichaa tahe, ofiis bilisa tahee mana saa fi hariiroo olla waliin qabu soneessuu fi cululuqsuu ni dandaha. 

Seenaan nammmi Oromo sirnichatt baqe yk mootota Habashaa jalatt hojjete Habashaa isa dhugaa caalaa Oromoott akka hammaatan ni mullata. Raas Makonninii fi ilma saa Tafarii fi Mangistuu Haayila Maaram jara olhaanoo keessaa dhahamuu dandahu. Sirni Habashaa jaamsaa waan taheef namoota saanii tarkaanfatoo jedhamanillee sammuu qeeqan laalu dhabsiiseera.  Dhaabota lachanuu keessa namooti garaadhaa sabboonoo tahan jiraachuu dandahu garuu hanga dhaabota sana keessa jiranitt dhimma isaan ijaaramaniif qofa tajaajiluu dandahu. Daallicha qofa kan utuu akka isaan fedhaan Empayera koloneeffataa jabeessuuf itt seenan hin hubatin maqaa saanii qofaaf mararfatu.  Achi jiraatanii wanti saba ofiif godhan hin jiru kan akeekameef irraa mittiqnaan duubatt dhuka’ee isaan balleessa. Kanaaf tarsimoo bilisummaa kanneen karoorsanii fi qabsaawoti sabaawoo hundi dhaabota akkasii irraa eeggachuu qabu. Bakka keettoliin  tuqee fi xaxaan basaasota itt homishamanii.  Dhaabota kolonaawoo fi taatota walii maqsuun ilaalcha kaayyoo qabu gaafata. Ilmaan namaa jijjiiramuu ni dandahu, garuu dhaaboti hanga dhimmi dhaabbataniif tajaajilanitt jiraatu; seexaa jijjiiramuu dandeessisu waan hin qabneef kanneen isaan uuman tajaajilaa hafu.     

Mee yeroof dhaabota malbulchaa qabnu hunda haa irraanfannu. Akka Oromoott waan waliin feenu qabnaa? Yoo qabaanne maal akka feenu beeknaa jennee of haa gaannu? Fedhi Habashaa ijaarame kan ofii ol kaa’atanii, lafa, qabeenya, humna keenya barbaadu. Hunda dura Oromiyaan kan Oromoo akka taatellee hin fudhatanii. Humni aangoo irra jiru kan finnaa Oromiyaa heera saa keessatt beeke jedhe yeroo hojii irra olchuutt dhufu kanneen biraan adda addumaa hin agarsiifne. Sanatt dabalamee hawaasi addunyaa taasisaa Oromoo malbulcha godinichaa keessa jirufi xiyyeeffannoo kennaa hin jiru. Hedduun saanii dudhaan jaarmota abbaa hirroota Itophiyaa bira kan dhaabbatan naannaa sanaa humni ilmoo namaaf gara laafina hin qabne, hanga fedhi ofittumaa saanii guuteefitt hamaa gochuu irraa hin seesine isaan qofa waan tahaniif. Hamma yoonaa jara akkasiiti kan akka “miltoo misaa fi nageenyaatt” fedha saanii Afrikaa keessa oofuu tajaajilaa bahan.  Ammas akka abbaan hirrootaa sun, dandeett hacuccaa fi too’annoo saanii olkaafatani walharkatt qaba qabeenya Afrikaa keessatt, kisaaraa ummata kolonoman Itophiyaa keessaa jiraniin, akka isaan tajaajiluu dandahan gargaaraa jiru. Humnooti kun hanga bu’aa saanii fulduratt dhiibaniifitt mirga ummatoota koloneeffamaniif dantaa hin qaban. Garuu bara teknolojii iyyaatii kana wanti isaan godhan addunyaa fi gibira baaftuu saanii irraa iccitiin gaggeessuun hin dandahamu.  

Kanaaf akki isaan Oromiyaa gombisaa Itophiyaa kan salphaatt qooddatan godhanii ilaalan jijjiiramu qaba. Yoo nagaa fi tasgabiin godinichaa bu’aa isaanii qabaate, Oromiyaan biyya hiree sabummaa ofii ofiin murteefachuuf qabdu gufuu itt tahuun hin barbaachifne. Fakmishoon Awuropaa durii kan Warra Abbaa Biyyaa Amerikaa balleesse jaarraa kana keessa jajjabeeffamu hin qabu.  Akki wanti halle dhaabota qabsoo bilisummaa keessatt hardha itt gurmaawaa jiru hangameessa fedhamu hin guutu taha.Garuu sun akeeki isaan dhaabbataniif shakaalamu hin dandahu jechuu miti.  Sun dandahamnaani kan galtuu hundi maqaa ofii irratt sutaa “Oromoo” jedhu suuqqachuu kan hin sodaanne. Eeggadhaa, yeroon gaarreenii fi sululooti Oromiyaa, yoo gaaffiin Oromo deebii tolaa hin arganne, halagaaf saaqaa hin taane fagoo hin tahu. Tsunaamiin (bubbee hamaa) dhufaa jiru hubataa taraattuu dhagahamaa  waan jiruuf mirkanbeekota malbulchaa fi xinxalootaa haalaa irraa dhokataa hin tahu.   

Qooqi “Mirgi ilmoo namaa” jedhu maqii kannen dadhaboo tahanii fi leelloo isaaniif hin qabne irratt tumsa hiriirsuuf dhimma itt bahanii. Humni diinagdee addunyaa kan Wayyaanee angoo irra tursuuf hin gumaachine hin jiru. Fedhisaanii akka Wayyaaneen indoo fi gabaa bana mijjeessuuf malee, gidira ummata Oromoo salphisuu mitii. Hoduu saanii waa’ee empiricha dansa yk badaa dhaggeeffadhaa, akka waan rakkinni Oromoo hin jirrett dhihatu. Waa’ee Itophiyaa kolonooftee hin beekne dubbatu malee koloneeffataa tahuu see garuu hin himan; garuu bara Hirmannaa Afrikaa biyya Afrikaa tokkicha miltoo saanii ture tahuun ifaa dha.  Oromoon humna sadoo guddaa kana sodaachuu dhabuun mirga dhalootaa ofii gaafachuun wan barbadan hin beekan jechisiisuu dandaha laata?  Oromoon annisaa hin qabne tokko tokko ofirraa facisuun gaara dhiibuu taha jedhanii itt galan taha. Garuu jarri sun Oromoo bakka hin bu’ani. Gaaffiin jiru akka abba abbatt utuu hin tahin waa’ee akka ummataatt jiraachu yk dhibamuuti. 

Oromoon ofiin buluu fi bilisooma barbaaduun mamii hin qabu. Akkaataan sun itt dhaqabamu irratt waldhabuun jiraachuu dandaha. Baraarammi sabaa gargar bahanii utuu hin tahin ifaajjee waloo gaafata. Sana sabichi garagarummaa malee akka fudhate, deggersi sagantaa malbulchaa ABOf kenne ni hubachiisa. Jaarmaa jabaa dhabuun waan barbaadan akka hin beeknett fudhatamuu hin qabu. Diinni jaarmaa xixiqqoott isaan hiruuf tattaafata. Akkasitti kanneen sanaan kolomsiifaman dhaabichi akka daagii tahu kan godhani. Garuu qabsaawoti Oromo dhaaba jiru xiinxalanii, mudaa sirreessuun gara jabaa qaban gabbisanii warraaqsicha shafisiisuuf hojjetaa jiru. Ilaalcha dansa qaata dhiiga, dafqaa fi lafee Warraaqxota Oromoon uummatanii. Diinni sana mancaasuuf tattaafata.  Abba tokkee jaalbiyyooti, amantee, saala, godinaa kkf. utuu hin jedhin wareegama barbaachise baasanii kaayyoo saba saanii fiixan baasuuf akka qophee tahan agarsiisaa jiru. 

Akkaataan diinni obbolaa walitt naquuf yaalu tokko hadhaa gargar facaasaa qomoo, ganda fi dhugeeffannoo waraanuun akka walitt hin riqanne gochuunii. . Dhaabi bilisummaa mootumaa mitii kanaaf waliinjiraatoo tokkicha qaba, sabicha qofa jechuu dha. Sammuu duubatt harkistuun ilaalcha ofii akka rakkina abba tokkootaa utuu hin tahin akka badii murnaatt fudhachiisuu fedhu. Sabboonota dhugaaf garuu wanti akka malee tahe hundi kan itt gaafataman yk barbaachifnaan itt abaaraman taatota abba tokkoota malee gosa, qomoo yk dhugeeffannoon itt hin gaafatamu. Dantaan waloo sana gaafata. Enyuyyuu kan golgaa qomoo, ganda yk dhugeeffannoo jala seenee akka sabichi tokkeen hin sossoone gufuu itt uumu beekaa yk utuu hin beekin fedha diinaa tajaajiluu saatii. Jarri akkasii sabicha hin iddosan, hawwa saas hin calaqqisan. 
Kanaaf deebiin gaafolii ka’aniif kennamu dhugaa olitt kaa’aman irraa ka’uu qaba.  Oromoof mirga saanii badde deeffachuun rakkina jiruu xaliilessanii qayabachuu barbaada.  Ejjennoo saanii qaama sadaadaffa hubaachiisuuf ilaalcha Oromummaa dudhamaa fi murannoo hin daddaaqne qabaachuu gaafata. Sana gochuuf hankaaksituu fi keettoo diinaa isaan keessa jirtu of keessaa aramu qabu. Sana gochuuf sabbboonoti dhugaa  akka obbolaa fi jaallewaniitt gurmuun walduuka dhaabbachuun ilaalcha ofii tolaa haa tahu hamaa kanneen hoggananiif yk bakka dhaloota saaniif qabaniin  utuu hin tahin, dhaabi saanii hangammeessa eegala kaa’aniif guutaa jira yoo tahe keessa deebi’anii ilaaluu dha. Wanti addatt ganda ofiif hawwan hawwa saba saanii keessaan calaqifamuu qaba.  Qabsoon Oromo gaafa milkiin bahu gandi hundi akka lafquwiin iddoosaa ni qabaata.  Yoo abbaan of qabe malee bilisummaan of ifsuu daanga’amuu hin qabu. 

Mootummaa Cehumsaa Itophiyaa keessatt qooda fudhachuun waliigaltee miseeensota waliigalaan yk shanee Gidduu ABOn kan tahe hin turre; garuu gaaffii yeroo ariifachiisaatii. Qayyabannoon hundaa akka sagantaan ABO hojiirra jiru. Kanaaf  Chartarra Cehumsaa sagantichaa ol taha jedhamee eegamuuf seerri irratt hundawu  hin jiru jechuu dha. ABOn yeros haa tahu si’ana yeroon itt kaayyoo ofiin bulummaa Oromiyaa lagate hin jiru. Kanaaf dabballooti ABO barumsa malbulchaa saganticha irra jiru barsiisuu itt fufuun seerawaa ture. Miseensoti hawaasa sabgidduu mirga seerawaa tahe kanaa fi dirqama Chartaraaf qabu kan beekaa hubachuu dhaban fakkaata. ABOn dhugaa yeros haa tahu amma akeeka ofiin bulummaaf qabu lagadhe jedhee hin beeku.  Sona cehumsaan gargar bahaa booda, yero furtuun Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Oromiyaa irraa diina ittisuuf qabsoo aara hin galfachiifneen qabamee jiru ture. Yeroma sana miseensoti hoogggansaa tokko tokko, miseensoti hawaasa sabgidduu, dhaabichi, bu’uura dhokataa miltoo cehumsaa fi isaan irra dhoffame qaba jedhan, ejjennoo jiru taliilessuun akka ofirraa faccisuu,  ija laafu turani. Dabballeen,yoo utuu heera irraa hamaa hin faccisin hafee itt hin gaafatamin darbuu dandahe caba sirni agarsiisa. Sirni cabnaan fayyisuun hafee kabeebsuunuu salphaa hin tahu. Dhibdeen dhabota hedduu sana. Yeroo mootummaan Cehumsaa jige hoggganooti olhaanoo garri caaluu dirree turan. Kanneen Finfinneett ramadamanii turan nama sadii karaa Boolee yoo bahan tokko durumaa ramaddii alaa irra ture. Kan hafan hunduu gara dirreett bahan. sun murtii waloon haa tahuu hin beeknu. Kan beekamu Hayyu Dureen alatt akka bahu dirreett murteeffamee gaggeeffamuu saatii. Sirna cabe dandamachiisuuf hundi wareegama guddaa baasani garuu hammi tokko aarsaa isa dhumaa baasanii.  

Miseensoti  hawaasa sabgidduu dabballooti ABO xixxiqqaan  waa’ee ofiin bulummaa sagantaa irraa jiruu barsiisuu saanii faa malalalefatu. Dabballooti guguddoon himannaa “bu’uura dhokataa” dogoggora akka tahett fudhachuun dabballoota xixiqqoo mirqaanaaf komatan. Akka duuba muldhatett hedduun saanii hogganoota dhaaba Republikii demookraatawe gad dhaabuuf kakatee tahanuu, bu’uura ummata ofii fi jaallewwan irraa dhokataa, tahe addaa halagaa gammachiisuuf wuxiname qabu turan jechuu dha. Sun qabsoo sabaawaa mucuceessee sochii bilisummaa barbadeessu dandahinnaa jedhanii of gaafachuuf yero hin fudhanne. Kana, burjaajii sochii bilisummaa keessatt dhalate, keessaayyuu kan 1998 kaasee hanga hardhaatt jiru irraa hubachuun ni dandahama. Yaaliin sochii ummata guddaa kana seera saa heerawaan utuu hin tahin fedha abba tokkootaan masakuu ture.  Kun wallitt bulu diduu maddisiisee tokko tokkoon qondaalota ABO  akkataa adeemsa qabsoo sabaa yaada tokko kaan irraa adda tahe dhageesisutt kahan. Sun akka fedhe yoo tahe, ummati Oromoo hariiroo Itophiyaa waliin qabu irratt afanfajjii hin qabu, waan barbaadus beeka; innis Republik Oromiyaa ofiin bultuu dha.  Mirga saa bakka hallett beekame hiree ofii ofiin murteeffachuu sabootaatt gutummaatt dhimma bahuuf qophee dha.  

ABOn hin faalamin fedha Oromoo kurnan afur dura ifse kaa’e dhaloota hundaaf kan hojjetu tahuu argaa jirra. Kanaaf sochiin Itophesitoota, filmaata wayyaa kan gaaffii Oromoo deebisu dhiheessuu kan dadhaban. Hamma fedhe sochichii bilisummaa bulgeessanii dhiheessan, hammmam seenaa sabichaa dabsuuf ifaajja’ani, hammam dhoofsisa qaanessaa moo’ummaa sabichaa irratt halagaa waliin godhan, Oromoo kaayyoo ganama irraa sochoosuu hin dandeenye. Ergamsa saanii bakkaan gahuu yoo dadhaban eenyummaan saanii  inni dhugaa qolasaa keessaa dhoohee bahe. Garuu sochiin ofiin bulummaa, isaan dhibanis gufuu bucuree qofaan baraarameera. Garadaabarsituun tokko tokko kaayyoon ofiin bulummaa fi Itophiyaa demokraatessuun garlamaan dumbulshoo tokkooti jedhu. Garuu sun dhugaa gara dabarsuu dha. Garlamaan dubbulshoo tokko tahuun hafee sirna dumbulshaa tokkoo keessayyuu hin jiranii.  Isaaniin dura, Itophistooti hedduun gaaffii Oromoo sadarkaa harka laachisaatt dhiheessuu yaalanii turanuu, hundi mucucaatanii sararaa ofiin bulummaa qofatu jijjiirama guddaa galmeesse; hobbaatii jijjiiramichaa hambaan saanii si’ana mooraa diinaa gabbisuuf ittiin dhoofsisaa jiran sanaa.  Sabboonaan kan Oromummaan jiraatee Oromomummaan yaaduu tahuu qaba. 

Daaraa fi daakuun alii al walfakkaatu taha garuu yeroo hundaa akaakuun addaa. Kanaafi garagarummaa kana gadjabeessuuf  “Daaraa fi daakuu dha”,  Oromoon kan jedhu. Ejjennoo tokkummaa fudhachuun mirga abbaa tahuyyuu daaraa fi daakuu walbira qabuun gana. Mooraan ofiin bulummaa, Oromiyaan qaama Itophiyaa utuu hin tahin akka biyya moo’ummaa ofii jaarraa tokko qofa dura koloneeffataan dhabsissett fudhata. Kanaaf walabaa fi ofiin bulaa akka tahuu qabu jabeessee amana. Kanneen kana irraa addatt yaadan wan yeroo qabanaawan itt gaabban suukii qofan  gartokko deggeruun harka rukutuu dura hubachuu qabu. Kanneen deggertootaa fi mararfatoo tahanis dhaha bishaanii waliin yaa’uu fi dacha’uu utuu hin tahin ejjennoo gar lachan qabsoo Oromoo irratt qaban ifaa gochuutu beekaa tahuu dha.  Miseensi ummata qabaa jala jiru tokko onnee ittiin kaayyoo ofiitt cichu dhabuun, dadhabina fi jabina taatotaa yeroo ilaaluu qofaan raafamuun tuffachiisa dha. Miira garee sana fakkaattuti, kan gaaffii “ Waan barbaadan beekuu?” jedhu kaasisanii. Garuu mirri abba tokkootaa akka waan kan sabicha guutuu tahett fudhatamuu hin qabu ture.

Oromoon dudhaan waldhabdee nagaan furachu akka filatu eenyuu ciicachuun irra hin jiru. Jannummaan dili keessatt fi dandamannaan moo’ama duuba agarsiisan hamaatt furamuu hin qabu. Hidhannon loluun badii inni fidu waan beekaniif yeroo goleett galfamanii baraarammi saanii gaafii jala oolu qofa dhimmi itt bahu. Sun akkuma saaqaa nyaata, bishaan, qilleensaa fi da’oott qabaachuu, mirga kanneen lubbuu qaban hunddaa, namas kan dabalatuutii. Yoo kan cunqurfame ofirratt lolate cunqursaan akka waan cubbuu fi shororkeessaatt fudhata. Kana irratt roorrisaa hundi wal cinaa dhaabbatee faallaa hangameessa safuu hundaa, kan amba keessa dhaabbatanii lallaban irraanfatanii, cunqurfamaan sarmaa akka hafu barbaadu. Kanneen namummaa irraa hacuuccaa fi roorroo akaakuu hundaa  gara saa hamaa irraa itt dhufu ittisan, sana gochuu qoftii akka ulfina fi baraarama ilmoo namaa itt argamsiifamu waan taheef eebbifamoo dha.  Kanneen mirga Ilmaan namaa fi qajeeltuuf lolatanis qaaniin roorroo fi daba saba ofii fi namummaa irratt tolfamu callisanii ilaaluu caalu waan hin jirreef eebbifamoo dha.

Oromoon hiree saanii murteeffachuuf soda fi dorsisa battala kaminuu itt aggaamamu irraa walaba tahuu qabu. Diinaatt galuun gara sanatt hin baasu. Kanaaf dursanii akka sabaatt mirga dhaggeeffatamu mirkaneeffachuu qabu.Yoo dhagahamu dhaban lakkoofsa saaniitt dhimmi bahuun diina karaarraa maqsuuf sagalee guddaan huursuu caalaa kan irraa gaafatu hin qabu.  As gabaabaatt, ofiin buloo fi walaba taanaan tokkoomnaan abbaa fede waliin salphaatt harriiroo qabaachuu malan irratt walqixxummaan dhoofisisuu dandahu. Yoo golootii ummatoota empayerichaa biroo waliin tokkoomuuf dhuguma barbaadan jiraatan kan yaada saaniin gadi bahuu qaban sana booda. Yeros qofa kan ayyaanlaallatotaa fi qabsaawota dhugaa addaan secca’uun dandahamu. Oromoon akka sabatt takkaa fedhaan qaama tokkummaa Itophiyaa ta’anii hin beekan. Kanaaf Oromiyaan tokkummicha keessaan utuu hin tahin jalaan ol ilaaltii. Sochiin gaaffii Oromoo deebisuu fedhu kamuu haala kana herrega keessa galchuu qaba.  As irratt kan dubbannu waa’ee galtuu abba tokkoota utuu hin ta’in waa’ee ummataati. Galtooti durii sadarkaa ashkarummaa koloneeffataa fudhataniiru. Kanneen haaraanis sana hin didne, garuu sadarkicha gara nambiyyuummaatt akka ol ka’uuf kadhatu. Nambiyyummaan tahee dhiisee akka mormituu amanamtuutt empayericha barabaran tajaajiluuf irbuu seenaniiru.Yoo ciiga’amanis, fudhatamuuf matumaa  abdii hin kutane, itt fufanii maganaa jiru. Dubbiin saa akka jecha  Oromoo  “Eenyutu si hidhii muxxeessitaa?” sana  tahaa jira. When we talk about Oromummaa it is with the assumption that no proud Oromo will take second position to any member of non-Oromo group or abide by their dictates without own will.  The Habasha can never move an inch from their political tradition of “submit or perish” and adopt the rule of law. Hierarchical life is part of their psychological makeup as a nation. That is how government and the governed view each other there. That is how they want to see relations between themselves and the colonized nations. For this reason it is waste of time to try to reason out with them rather than preparing to defend and advance own kaayyoo under any circumstance.  The OLF asserted that Oromiyaa is not Ethiopia more than four decades ago. They took that as unfinished assimilation of the wild Oromo. But when young Oromo who they thought have fully tamed and won to their side publicly said without reservation, “I am Oromo first” they were infuriated and there was no name they did not call them with. This is a great message for all galtuu who dream to be accepted as bona fide Ethiopian and equal. 

Waa’ee Oromummaa yoo kaafnu sabboonaan Oromo murnoota Oromomitii biratt sadarkaa lammafaatt kan of fudhatu fi fedha ofii malee kan ajaja saaniif sarmu hin jiraatu jechuunii. Habashaan dudhaa malbulchaa saanii,”gabbar yk manca’i” jedhu irraa seeraan bulummaa guddifachuuf  qubaa tokko hin siqanii. Jireenyi walirraa jalummaa akka sabaatt qaama sammuquwii saaniitii. Bulchaa fi bulfamaan hawaasa saanii akkasitt hubata. Hariiroo isaanii fi koloneeffamaa gidduus akka sanatt ilaalu fedhu. ABOn Oromiyaan akka Itophiyaa hin taane kurnan afur dura ifse. Sana akka isanitt baqi Oromoo mandiidaa tahe hin raawwatin hafeett fudhatanii. Garuu yeroo dargaggoon keenya tahaniiru jedhanii fudhatan “An dura Oromoo dha” jedhanii qoqqobannaa tokko malee ambatt himan, burquqanii wanti isaan ittiin hin jenne maqaan irra hin keenye hin turre. Isin dura nuwi malee akkamitt of taatu jedhanii bokkisan. Sun galtuu hunda, kan maqaa Oromoon akka Itophiyaa qulqulluu fi walqiteett fudhatamna jedhanii abjootaniif ergaa guddaa dhaa. 
Oromoon bilisummaa fi ofiin buluu dhabuun gidiraa waggaa dhibbaa kanneen muuxatan waan tahaniif waan barbaadan beeku. Wan dhabsiifaman, moo’ummaa, bilisummaa fi ofiin bulmaata deebisan gonfachuu fedhu. Kan mamsiisu dhaaboti saanii kan barbaadan beekuu dha. Jaarraa walakaa booda ammallee bilchina agarsiisaa hin jirani. Dhaalmaan aadaa malbulchaa demokraatawe akaakilee isaan keessatt calaqisaa hin jiru. Aadaan malbulchaa fi hawaasomaa Oromoo hamma laafina sirna Gadaa fi koloneeffamuun dimshaashumatt mancaan irra gahutt aadaa abbaa hirrummmaa halagan dorsifamaa jiraate.Shaakalli demokraasii fi keessaan laalummaa bade dhufa  ABOn  yoo xiqaate dhaabota Oromoo keessatt deebi’ee marga abdiin jedhu ture.  Erbala irratt waajjiroota kennataan guutamanii fi Korri Sabaa qaama dhaabotaa olhaanaa tahe waggaa murtaawett akka taa’u agarsiifameera. Taa’umsa Koraa Sabaa gidduutt shaneen imaammata baasuu fi hogganoota olhaanoo to’atus akka lafa kaa’amett fudhatama. Shaneen kun waggaa keessatt yeroo murtaaweef walgahuun dirqiidha jedhame. Garuu dorsisi aadaa abbaa hirummaa halagaa baduu didee caasaa fi imaammati Korri erbaala irra kaa’e dhimma hin baafnee tahaa jira. Utuu akka yaadamett hojii irra oole tahe gochoota Oromo si’anaa fi egereef fakmishoo demokraasii  Gadaa tahuu dandaha ture. Garuu dhaaboti Oromoo dullachii fi haaraan ergamsa saanii gatanii dhimma uumamaniif dhiisaa jiru. Akka doonii gabra gidduutt kallatt agarsiistuun jalaa baddee goodhatu. Kanaaf daandii demokraasii Gadaatt deebi’uuf of qoruu isaan barbaachisaa. Keessaayyuu dhaabi kallachii abdii sabichaa tahe, ABOn leellifamaa itt fufuuf, kolomsiisa aadaa abbaa hirree, kan mancaasaa saa tahu dandahu akkeessuu irraa qoollifachuu qaba. Yoo irraanfatan tahe yaadachiisuuf, dhaaboti dhugaa Oromoo, utuu gochiitt hin bobba’in daandii sana soquu qabu.Wareegammi sabi Oromoo baasee fi qabsoon itt fufee jiru dhimma malee miti. Kaayyoon qabsoo Oromoo akka sochii bilisummaa Oromoon ifsamett Oromiyaa bilisummaa fi ofiin bulummaa gonfachiisuufii. Oromoon Sirnaa fi dudhaa demokraatawaa kan gurguddoo Habashaaf wan raajii fi sodaachisaa tahe qaba ture. Balaa hawaasomaa fi malbulchaa sirna kolonii abbaa hirrootaan irratt fe’ame keessaa godinaa sana harkisee baasuu kan dandahu, sirna dhalootee biyyaa tahe kana guddifachuu qofa. Oromoon ofiin bulummaa fi bilisummaa bulchayaroo Habashaan dhabsiifame deebfachuu gafachuuf maalifaa gahaa qaba jechuu dha. Sabichi akka waan akeeka hin qabneef dukkana keessa kallattiin jalaa badee gatantaruutt dhiheessuun waan kolfaati. Oromoon waan qabsaawaniif beeku. Hogganooti saaniis akka waan jedhanii fi waan godhaniin madda mamii halagaa hin taane eeggachuu qabu. Kan eenyummaa fi fedha Oromoo maaljechisiisu humna qabatee fi galtoota gantuu utuu hin tahin ummata Oromooti.  Isaan, saba hiree ofii ofiin murteeffachuuf mirga guutuu qabani. Qabsoon saanii manii kanaan gahuufii tolfama. Deebiin gaaffii “Waan barbaadan beekuu” jedhuu “Eeyyee beeku” dha. Caalaan saanii waan halagaan akka beekan fedhu utuu hin tahin waan ofii fedhan beeku.  Kan erga sana fakkaatu dabarsan jara sammuun garboome, onnee hin qabne fi hobbaatii qabsoo bilisummaa fi ofiin bulummaa wareegama inni gaafatu caalaa sodatanii. Sun surraa ofiif addatt abjootan hin badhaasuunii.  Kakaa hankaaksuuf godhan fiixaan baasuufis isaan hin gargaaruu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Caamsa 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *